Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

SEENAA JIREENYAA

“Warra Kaan Irraa Waan Hedduu Baradheera!”

“Warra Kaan Irraa Waan Hedduu Baradheera!”

IDDOON isaa gaarreen Aljeeriyaa keessa siʼa taʼu, halkan dukkanaaʼaa ture; gareen loltoota Faransaayi ani keessa jiru bakka kana buufateera, waraanni Aljeeriyaatti godhamu baayʼee cimaa ture. Keeshaawwan cirrachaan guutaman duuba qawwee koo qabadhee iddoo eegumsaa koo kophaa dhaabadheen ture. Yeruma sana wanti tokko gara kootti deemaa akka jiru nan dhagaʼe. Achiis naasuudhaan nan hadoode. Umurii waggoota kurnanii keessaa reefuu baʼuu koo siʼa taʼu, ajjeesuufis taʼe, duʼuuf fedhii hin qabun ture. Kanaafuu, “Yaa Waaqayyo! Nan bade, Yaa Waaqayyo!” jedheen iyye.

Haalli sodaachisaan kun jireenya koo guutummaatti jijjiire, sababiin isaas Uumaa beekuuf yaaluu kanan jalqabe yeroo kanatti dha. Mee halkan dukkanaaʼaa sanatti wanta itti aansee taʼe isinitti himuu koo dura, wanta yaada koo irratti dhiibbaa godhee fi Waaqayyoon akkan barbaadu garaa koo qopheesse ilaalchisee muuxannoo ijoollummaa koon isinitti hima.

IJOOLLUMMAATTI BARUMSAN ABBAA KOO IRRAA ARGADHE

Kanan dhaladhe bara 1937 magaalaa Guusnaayan ishii hojiin albuuda baasuu itti hojjetamuu fi kaaba Faransaayi jirtutti dha. Abbaa koo isa albuuda kasalaa baasuu irraa waaʼee jabaatanii hojjechuu barumsa guddaa argadheera. Abbaan koo jalʼina haqaa akkan jibbus na barsiiseera. Inni hojjettoonni albuudaa hedduun haqaan akka hin qabamnee fi haala ulfaataa keessatti akka hojjetan waan hubateef isaan gargaaruu barbaadee ture. Kanaafuu haala isaanii fooyyessuuf dhaabbata mirga hojjettoota albuudaaf falmu keessa seene. Fakkeessaan qeesota naannoo sanaas baayʼee isa aarsa ture. Isaan warra kaan irra jireenya qananii jiraatu, taʼus hiyyeessonni albuuda baasan qarshii fi nyaata akka isaaniif kennan gaafatu. Abbayyeen amala qeesotaa waan jibbuuf barumsa amantii tokko illee na hin barsiisne. Matumaa waaʼee Waaqayyoo illee dubbannee hin beeknu.

Anis yeroon guddachaa deemu jalʼina haqaa jibbuun jalqabe. Jalʼinni haqaa kun, namoota biyya alaa Faransaayi jiraatan irratti loogii raawwatamu dabalata. Ijoollee namoota biyya alaatii dhufanii wajjin kubbaa miillaa kanan taphadhu siʼa taʼu, isaanii wajjin taʼuus nan jaalladhan ture. Kana malees haati koo lammii Faransaayi utuu hin taʼin, lammii Poolishii turte. Namoonni sanyii gara garaa qaban nagaa fi wal qixxummaadhaan akka waliin jiraatan nan hawwan ture.

WAAʼEE JIREENYAA GADI FAGEENYAAN YAADUUN JALQABE

Loltuu yeroon turetti

Bara 1957 loltuu akkan taʼun galmeeffame. Halkan dukkanaaʼaa ani olitti ibse sanatti gaarreen Aljeeriyaa irratti kanan argame akka kanaan ture. “Yaa Waaqayyo! Nan bade Yaa Waaqayyo!” jedhee ergan iyyee booda kan natti dhufe loltuu diinaa utuu hin taʼin, harree diidaa ture. Baayʼeen tasgabbaaʼe. Taʼus haalli kunii fi waraanichi waaʼee kaayyoo jireenyaa gadi fageenyaan akkan yaadu na taasise. Kan uumamne maaliifi? Waaqayyo waaʼee keenya ni yaadaa? Nagaa itti fufiinsa qabu ni argannaa?

Booda mana warra kootti boqonnaa irra utuun jiruu Dhugaa Baatuu Yihowaa tokkoo wajjinan wal bare. Inni Kitaaba Qulqulluu La Sainte Bible jedhamuu fi Kaatolikonni afaan Faransaayiin qopheessan kan naaf kenne siʼa taʼu, anis Aljeeriyaatti yommuun deebiʼu dubbisuun jalqabe. Keessumaa yaadni baayʼee na tuqe Mulʼata 21:3, 4 irratti isa argamu dha. Akkas jedha: “Dunkaanni Waaqayyoo namootaa wajjin jira . . . Inni imimmaan hundumaa ija isaanii irraa ni haqa; duutis kana booda hin jiraatu; gaddis taʼe iyyi yookiin dhiphinni kana booda hin jiraatu.” * Jechoonni kun baayʼee na dinqisiisan. Kanaaf ‘dhuguma kun ni raawwatamaa’ jedheen of gaafadhe. Yeroo kanatti waaʼee Waaqayyoo fi waaʼee Kitaaba Qulqulluu homaa hin beeku jechuun ni dandaʼama.

Bara 1959 tajaajila loltummaa koo ergan xumuree booda, Dhugaa Baatuu Firaansuwaa jedhamuu fi dhugaa Kitaaba Qulqulluu hedduu na barsiisee wajjinan wal arge. Fakkeenyaaf maqaan dhuunfaa Waaqayyoo, Yihowaa akka taʼe Kitaaba Qulqulluu irraa natti argisiiseera. (Far. 83:18) Kana malees Yihowaan lafa irratti haqa akka fidu, lafa jannata akka godhuu fi waadaa Mulʼata 21:3, 4 irratti gale akka raawwatu naaf ibseera.

Barumsawwan kun baayʼee kan nama amansiisanii fi garaa namaa tuqan turan. Taʼus qeesotatti baayʼeen aara, akkasumas barumsa Kitaaba Qulqulluu irra hin jirre barsiisuu isaaniitti isaan balaaleffachuun barbaadan ture. Kana malees, amma iyyuu amalli abbaa koo dhiibbaa na irratti gochaa waan jiruuf taʼuu hin ooluu obsa hin qabun ture. Yeruma sana waan tokko gochuun barbaada!

Firaansuwaa fi michuun koo Dhugaa Baatuu taʼe tokko akkan tasgabbaaʼu na gargaaraniiru. Akka Kiristiyaana tokkotti hojiin keenya namootatti murteessuu utuu hin taʼin, karaa misiraachoo Mootummaa Waaqayyoo abdii namootaaf kennuu akka taʼe naaf ibsan. Yesuus kana kan hojjete siʼa taʼu, duuka buutonni isaas hojii kana akka hojjetan isaaniif kenneera. (Mat. 24:14; Luq. 4:43) Dabalataanis amantiin isaanii maal iyyuu yoo taʼe namoota gaarummaa fi malaan haasofsiisuu barachuun qaba ture. Kitaabni Qulqulluun, “Garbichi Gooftaa nama loluu hin qabu; kanaa mannaa, namoota hundumaatiif garraamii” taʼuu qaba jedha.—2 Xim. 2:24.

Jijjiirama na barbaachisu gochuudhaan bara 1959 walgaʼii aanaa irratti cuuphameen Dhugaa Baatuu Yihowaa taʼe. Iddoo kanatti obboleettii Anjelee jedhamtuu fi xiyyeeffannaa koo harkistee wajjinan wal bare. Achiis gumii ishiin hirmaattu dhaquu kanan jalqabe siʼa taʼu, bara 1960⁠tti gaaʼela godhanne. Ishiin dhugumaan dubartii addaa, haadha manaa gaarii fi kennaa Yihowaa biraa argamte dha.—Fak. 19:14.

Guyyaa cidha keenyaa

NAMOOTA OGEEYYII FI MUUXANNOO QABAN IRRAA WAAN HEDDUU BARADHEERA

Waggoota hedduuf obboloota ogeeyyii fi muuxannoo qaban irraa barumsawwan barbaachisoo taʼan hedduu baradheera. Barumsawwan kana keessaa tokko kana dha: Hojii nuuf kenname kam irratti iyyuu milkaaʼina argachuuf gad of qabuu fi ogummaa Fakkeenya 15:22 irra jiru hojii irra oolchuu qabna. Caqasichi akkas jedha: ‘Gorsitoota hedduudhaan milkaaʼinni ni argama.’

Faransaayitti bara 1965 daawwannaa irra utuu jirruu

Bara 1964 yaadni kun baayʼee dhugaa taʼuu isaa hubachuun jalqabe. Waggaa sanatti ilaaltuu ol aanaa aanaa taʼee tajaajiluu kanan jalqabe siʼa taʼu, obbolootaa fi obboleettota jajjabeessuu fi karaa hafuuraa isaan ijaaruuf gumiiwwan daawwachuu eegalle. Taʼus, yeroo kanatti umuriin koo 27 qofa waan tureef muuxannoo hin qabun ture. Kanaafuu dogoggora hedduun raawwadhe. Taʼus barumsa irraa argachuufan yaala. Hunda caalaa garuu “gorsitoota” dandeettii fi muuxannoo qaban irraa barumsawwan gaggaarii hedduu baradheera.

Yeroon daawwannaa jalqabetti wanta na mudate tokko nan yaadadha. Gumii Paarisitti argamu tokko ergan daawwadhee booda, obboleessi bilchaataan tokko kophaatti na haasofsiisuu akka barbaadu na gaafate. Anis ‘tolen’ jedhe.

Innis, “Luwii, doktarri kan barbaachisu eenyuufi? Dhukkubsataaf moo isa fayyaafi?” jedhee na gaafate.

Anis, “dhukkubsataafi” jedheen deebise.

Innis akkas nan jedhe: “Dhugaa jette. Ati garuu yeroo kee gara caalaa isaa warra karaa hafuuraa cimoo taʼan, kan akka jaarsolii gumii wajjin akka dabarsitu hubadheera. Gumiin keenya obbolootaa fi obboleettota abdii kutatan, haaraa ykn ija laafeyyii taʼan hedduu qaba, kanaafuu yoo yeroo isaanii wajjin dabarsite, mana isaanii illee yoo dhaqxe baayʼee jajjabaatu.”

Gorsi Obboleessa jaallatamaa kanaa baayʼee barbaachisaa ture. Jaalalli inni hoolota Yihowaatiif qabu baayʼee garaa koo tuqe. Kanaafuu koora koo liqimseen gorsa inni naaf kenne yeruma sana itti hojjechuu jalqabe. Obboloota akkasii argachuu kootiif Yihowaa nan galateeffadha.

Bara 1969 hanga 1973⁠tti walgaʼiiwwan biyyoolessaa Kolombos Paarisitti godhaman lama irratti ilaaltuu ol aanaa kutaa nyaataa taʼee muudameen ture. Walgaʼii guddaa bara 1973 godhame irratti namoota gara 60,000 taʼaniif guyyaa shaniif nyaanni dhihaachuu qaba ture. Kana akkamitti raawwachuu akka dandeenyu wantan beeku hin qabun ture. Haa taʼu malee, ammas milkaaʼina argachuuf wanti na gargaare, akkuma Fakkeenyi 15:22 jedhu warra ogeeyyii taʼan gorsa gaafachuu dha. Obboloota karaa hafuuraa bilchaatoo taʼanii fi gama nyaataatiin muuxannoo qaban gorsa nan gaafadhe. Isaan keessaa tokko tokko namoota foon gurguran, kuduraa oomishan, nyaata qopheessanii fi waa bituu irratti dandeettii qaban turan. Waliin taanee hojii ulfaataa kana raawwachuu dandeenyeerra.

Bara 1973 anii fi haati manaa koo Betʼel isa Faransaayi jirutti akka tajaajillu afeeramne. Iddoo kanattis hojiin jalqaba naaf kenname baayʼee ulfaataa ture. Obboloonni keenya Kaameruun ishii Afriikaatti argamtu jiran barreeffamoota akka argatan gochuun qaban ture. Biyya kanatti hojiin keenya bara 1970 hanga 1993⁠tti dhowwamee ture. Ammas baayʼeen sodaadhe. Tarii kana hubachuudhaan taʼuu dandaʼa, obboloonni hojii Faransaayitti hojjetamu irratti ilaaltoota ol aanoo taʼan, “Obboloonni keenya Kaameruun jiran nyaanni hafuuraa baayʼee isaan barbaachisa. Isaan haa soorru!” jedhanii na jajjabeessan. Wanti raawwannes kanuma.

A. Bara 1973 Walgaʼii addaa Naayijeeriyaatti godhame irratti Dhugaa Baatota Kaameruunii dhufanii wajjin

Jaarsolii biyyicha keessa jiranii wajjin wal arguuf biyyoota ollaa Kaameruun jiran al hedduu deemeera. Obboloonni ija jabeeyyii fi of eeggatoo taʼan kun nyaata hafuuraa dhaabbataadhaan Kaameruunitti erguuf qophii barbaachisu gochuu irratti na gargaaraniiru. Yihowaanis carraaqqii keenya eebbiseera. Eeyyee, gara waggaa 20tiif namoonni biyya sana keessa jiran Masaraan Eegumsaa fi barreeffamni yeroo sanatti Tajaajila Mootummaa jedhamu tokko illee isaan hin dabarre.

Bara 1977 Anjelee fi ani Naayijeeriyaatti daawwattoota ol aanaa fi haadhotii manaa isaanii Kaameruunii dhufan yommuu daawwannu

HAADHA MANAA KOO JAALLATAMTUU IRRAA WAAN HEDDUU BARADHEERA

Erga wal qorachuu jalqabnee kaasee Anjeleen Yihowaa wajjin hariiroo cimaa akka qabdu hubadheera. Yommuu gaaʼela godhannetti immoo kana caalaatti hubadheera. Fakkeenyaaf guyyaa cidha keenyaa galgala, fedha waliin taanee hamma nuuf dandaʼame Yihowaa tajaajiluuf qabnu ilaalchisee kadhannaa akkan dhiheessu na gaafatte. Yihowaan kadhannaa kanaaf deebii kenneera.

Anjeleen Yihowaatti guutummaatti akkan amanamuus na gargaarteetti. Fakkeenyaaf: Bara 1973 yeroo Betʼelitti akka tajaajillu afeeramnetti hojii daawwannaa waanan jaalladhuuf mameen ture. Taʼus Anjeleen jireenya keenya Yihowaaf akka murteessine na yaadachiiste. Kanaafuu, wanta jaarmiyaan Yihowaa nu gaafatu kam iyyuu gochuu hin qabnu? naan jette. (Ibr. 13:17) Kana akkamittan mormuu dandaʼa. Kanaafuu gara Betʼel deemne. Yeroo dheeraa waliin dabarsine keessatti yaadni sirriin, hubannaa fi ilaalchi hafuuraa haati manaa koo qabdu gaaʼela keenya cimseera, murtoowwan gaggaarii gochuufis nu gargaareera.

Mooraa Betʼel Faransaayi keessatti Anjelee wajjin

Amma yeroo umuriin keenya dabalee jiruttis Anjeleen haadha manaa gaarii fi deggersa naaf gootu taʼuu ishii itti fufteetti. Fakkeenyaaf, manneen barumsaa tiʼookraasii baayʼeen isaanii afaan Ingiliffaan geggeeffaman hirmaachuuf, anii fi Anjeleen afaan kana fooyyessuuf jabaannee hojjechuu jalqabne. Umuriin keenya walakkeessa 70manii keessatti kan argamu taʼus, kun gumii afaan Ingiliffaatiin geggeeffamu hirmaachuu dabalta. Miseensa Koree Waajjira Damee Faransaayi taʼuu kootiin itti gaafatamummaan ani qabu afaan kan biraa qoʼachuun akka natti ulfaatu taasisa. Taʼus anii fi Anjeleen wal gargaarra. Amma umurii waggoota 80manii keessatti kan argamnu taʼus afaan Ingiliffaa fi Faransaayiitiin walgaʼiiwwan gumiitiif qophaaʼuu keenya itti fufneerra. Akkasumas gumii keenyaa wajjin hamma nuuf dandaʼame walgaʼii fi tajaajila irratti ni hirmaanna. Yihowaan carraaqqii afaan Ingiliffaa barachuuf goone nuuf eebbiseera.

Eebba guddaa isa tokko bara 2017⁠tti arganne. Anjelee fi ani mana barumsaa Miseensota Koree Waajjira Damee fi haadhotii manaa isaaniitiif qophaaʼee fi wiirtuu barumsaa Paatarsan Niwuu Yoorkitti argamu irratti hirmaachuuf mirga arganneerra.

Yihowaan dhuguma iyyuu Barsiisaa Guddicha dha. (Isa. 30:20) Kanaafuu maanguddootas taane dargaggoota hundi keenya barumsa hunda irra caalu arganna. (Kes. 4:5-8) Eeyyee, dargaggoonni Yihowaas taʼe, obbolootaa fi obboleettota muuxannoo qaban dhaggeeffatan, guddina hafuuraa akka godhanii fi gaʼeessota milkaaʼina qaban akka taʼan hubadheera. Fakkeenyi 9:9, “Nama ogeessa barsiisi, innis caalaatti ogeessa taʼa. Nama qajeelaa barsiisi, innis beekumsa dabalataa ni argata” jedha.

Darbee darbee waaʼee halkan sodaachisaa ani gaarreen Aljeeriyaa keessatti gara waggaa 60 dura dabarse sanaa nan yaada. Yeroo sanatti fuuldura kootii jireenyi gammachiisaan akka na eeggatu hin beekun ture. Warra kaan irraa waan hedduu baradheera. Yihowaan Anjeleefis taʼe, anaaf jireenya dinqisiisaa gammachuudhaan guutame nuu kenneera. Kanaafuu, Abbaa keenya isa samii fi obbolootaa fi obboleettota ogeeyyii, muuxannoo qabanii fi isa jaallatan irraa barachuu keenya akka hin dhaabne murteessineerra.

^ key. 11 Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa.