Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

MATA DUREE QOʼANNAA 18

Yesuusitti ni Gufattaa?

Yesuusitti ni Gufattaa?

“Namni anatti hin gufanne gammadaa dha.”—MAT. 11:6.

FAARFANNAA 54 “Karichi isa Kana”

QABIYYEE *

1. Ergaa Kitaaba Qulqulluu yeroo jalqabaatiif warra kaanitti yeroo himtu wanti si dinqisiisee taʼuu dandaʼu maalidha?

YEROO dhugaa akka argatte itti hubatte ni yaadattaa? Wanta Kitaaba Qulqulluu irraa baratte hunda hubachuun salphaa siif ture. Wanta ati amantee fudhatte hunda namni hundi fudhachuu akka barbaadu sitti dhagaʼaamee ture. Ergaan Kitaaba Qulqulluu jireenya hiika qabuu fi abdii dinqisiisaa akka isaaniif kennu mirkanaaʼaa turte. (Far. 119:105) Kanaafuu, dhugaa baratte michoota kee fi firoota kee hundatti gammachuudhaan himte. Garuu maaltu taʼe? Baayʼeen isaanii wanta ati isaanitti himte fudhachuu diduun isaanii si dinqisiise.

2-3. Namoonni bara Yesuus turan hedduun waaʼee Yesuusii fi waaʼee ergaa isaa yommuu dhagaʼan maal godhan?

2 Namoonni ergaa nuti lallabnu fudhachuu yommuu didan nu dinqisiisuu hin qabu. Yesuus yeroo lafa irra ture dinqiiwwan deggersa Waaqayyoo akka qabu argisiisan kan raawwatte taʼus, namoonni hedduun isatti hin amanne. Fakkeenyaaf, Yesuus Alaazaariin duʼaa kan kaase siʼa taʼu, dinqii kanas warri isa morman illee haaluu hin dandeenye. Haa taʼu malee, geggeessitoonni Yihudii Yesuusiin akka Masiihiitti isa hin simanne. Kanaa mannaa Yesusiinis taʼee Alaazaariin ajjeesuu barbaadan!—Yoh. 11:47, 48, 53; 12: 9-11.

3 Yesuus namoonni hedduun akka Masiihiitti akka isa hin simanne beeka ture. (Yoh. 5:39-44) Barattoota Yohaannis cuuphaatiin, “Namni anatti hin gufanne gammadaa dha” jedheera. (Mat. 11:2, 3, 6) Namoonni hedduun Yesuusitti amanuu kan didan maaliifi?

4. Mata duree kana keessatti maal qorra?

4 Mata duree kanaa fi isa itti aanu irratti namoonni jaarraa tokkoffaatti turan hedduun sababiiwwan Yesuusitti akka hin amanne isaan taasisan tokko tokko qoranna. Namoonni yeroo harʼaa jiran hedduunis ergaa keenya kan hin fudhanne maaliif akka taʼe ilaalla. Hunda caalaa immoo, nutis akka hin gufanneef Yesuus irratti amantii cimaa qabaachuu kan dandeenyu maaliif akka taʼe ni qorra.

(1) BAKKA GUDDINAA YESUUS

Namoonni hedduun bakka guddinaa Yesuusiin kan kaʼe gufataniiru. Yeroo harʼaa wanti akkasii namoota tokko tokko gufachiisuu kan dandaʼu akkamitti? (Keeyyata 5 ilaali) *

5. Namoonni tokko tokko Yesuus Masiihii raajiidhaan dubbatame taʼuu hin dandaʼu jedhanii kan yaadan maaliif taʼuu dandaʼa?

5 Namoonni hedduun kan gufatan bakka Yesuus itti guddateen kan kaʼe ture. Barsiisaa dinqisiisaa akka taʼee fi dinqiiwwan akka raawwatu amananiiru. Taʼus, isaaniif Yesuus ilma anaaxii hiyyeessa taʼe tokkoo qofadha. Inni magaalaa Naazireet ishii iddoo guddaa akka hin qabnetti ilaalamtu irraa dhufe. Naatnaaʼel inni barataa Yesuus taʼe illee, jalqaba irratti, “Wanti gaariin Naazireet keessaa baʼuu dandaʼaa?” jedhee ture. (Yoh. 1:46) Naatnaaʼel magaalaa Yesuus keessa jiraachaa ture hin jaallanne taʼa. Yookiin immoo raajii Miikiyaas 5:2 irra jiruu fi Masiihiin Naazireetitti utuu hin taʼin Beetaliheemitti akka dhalatu dubbatu yaadatti qabatee taʼuu dandaʼa.

6. Namoonni bara Yesuus turan Yesuus Masiihii taʼuu isaa akka beekan maaltu isaan gargaaruu dandaʼa ture?

6 Kitaabni Qulqulluun maal jedha? Isaayyaas raajichi diinonni Yesuus ‘hidda dhalootaa Masihiichaa tokko tokkoon beekuuf xiyyeeffannaa’ akka hin kennine raajii dubbateera. (Isa. 53:8) Waaʼee kanaa balʼinaan raajiin dubbatameera. Namoonni kun yeroo fudhatanii dhugaawwan kana hunda utuu qoraniiru taʼee, Yesuus Beetaliheemitti akka dhalatee fi sanyii Daawit Mootichaa akka taʼe beekuu dandaʼu turan. (Luq. 2:4-7) Kanaafuu, bakki dhalootaa Yesuus Miikiyaas 5:2 irratti raajii dubbatamee wajjin wal sima. Maarree, wanti rakkina taʼe maal ture? Namoonni sun dafanii murteessuuf ariifatu turan. Odeeffannoo guutuu hin qaban turan. Kanaan kan kaʼes, gufataniiru.

7. Namoonni yeroo harʼaa jiran hedduun Dhugaa Baatotaaf ilaalcha dogoggoraa kan qabaatan maaliifi?

7 Yeroo harʼaatti rakkinni walfakkaatu jiraa? Eeyyee. Sabni Yihowaa hedduun sooreyyii ykn iddoo guddaa kan qaban miti. Kanaafuu, “namoota hin barannee fi iddoo guddaa hin qabne” akka taʼanitti ilaalamu. (HoE. 4:13) Sabni Waaqayyoo mana barumsaa amantii beekamaa taʼe irraa waan hin eebbifamneef namoonni tokko tokko Kitaaba Qulqulluu barsiisuu akka hin dandeenye isaanitti dhagaʼama. Warri kaan immoo amantiin Dhugaa Baatota Yihowaa “amantii Ameerikaati” jedhu. Taʼus, Dhugaa Baatota 7 keessaa tilmaamaan Ameerikaa kan jiraatu 1 qofa dha. Dhugaa Baatonni Yesuusitti hin amanan kan jedhanis jiru. Waggoota hedduuf sabni Yihowaa, “Koministoota,” “basaastota Ameerikaa” fi “finxaaleeyii” jedhamaa turaniiru. Namoonni oduu kana dhagaʼan waaʼee Dhugaa Baatotaa dhugaa jiru waan hin beekneef ni gufatu.

8. Hojiin Ergamootaa 17:11 akka jedhutti, namoonni tajaajiltoota Waaqayyoo yeroo harʼaa adda baasanii beekuuf maal gochuu qabu?

8 Namni tokko gufachuu irraa ooluu kan dandaʼu akkamitti? Namoonni waaʼee dhimma tokkoo dhugaa jiru qoruun isaan barbaachisa. Barreessaan Wangeelaa Luqaas akkas gochuuf carraaqqii godheera. ‘Wanta hunda jalqabaa kaasee of eeggannoodhaan qoruuf’ carraaqqii guddaa godhee ture. Namoonni ergaa isaa dubbisan wanta waaʼee Yesuus dhagaʼan ‘baʼeessa godhanii akka beekan’ barbaadee ture. (Luq. 1:1-4) Yihudoonni Beriyaa durii keessa jiraatanis akkuma Luqaas turan. Misiraachoon waaʼee Yesuus jalqaba yommuu isaanitti himamu wanti dhagaʼan dhugaa taʼuu isaa mirkaneessuuf Kitaabota Qulqulluu afaan Ibrootaa qoranii turan. (Hojii Ergamootaa 17:11 dubbisi.) Haaluma wal fakkaatuun, namoonni yeroo harʼaa jiranis dhugaa jiru qoruu qabu. Wanta sabni Waaqayyoo isaan barsiisan wanta Kitaabni Qulqulluun jedhuu wajjin wal bira qabanii ilaaluu qabu. Seenaa Dhugaa Baatota Yihowaa ammayyaas qorachuu qabu. Dhugaa jiru sirriitti yoo mirkaneeffatan jibbi halaalaa ykn oduun dhagaʼan akka isaan burjaajessu hin heyyaman.

(2) YESUUS OF ARGISIISUUF DINQII RAAWWACHUU DIDEERA

Namoonni hedduun Yesuus of argisiisuuf jecha dinqii raawwachuu diduu isaatiin kan kaʼe gufataniiru. Yeroo harʼaa wanti akkasii namoota tokko tokko gufachiisuu kan dandaʼu akkamitti? (Keeyyata 9-10 ilaali) *

9. Yesuus samii irraa dinqii argisiisuu yommuu didetti maaltu taʼe?

9 Namoonni bara Yesuus turan tokko tokko dandeettiin addaa Yesuus barsiisuu irratti qabu gaʼaa akka taʼe isaanitti hin dhagaʼamne. Wanta dabalataa barbaadanii turan. “Samii irraa mallattoo” isaanitti argisiisee Masiihii taʼuu isaa akka mirkaneessu gaafatan. (Mat. 16:1) Tarii gaaffii kana kan gaafatan yaada Daaniʼel 7:13, 14 irra jiru dogoggoraan hubatanii taʼuu dandaʼa. Haa taʼuu malee, raajiin kun raawwatamuuf yeroon Yihowaan murteesse hin geenye. Wanti Yesuus barsiise inni Masiihii taʼuu isaa isaan amansiisuuf gaʼaa ture. Kanaafuu, dinqii isaan gaafatan yommuu inni isaanitti argisiisuu dide ni gufatan.—Mat. 16:4.

10. Yesuus wanta Isaayyaas waaʼee Masihiichaa barreesse kan raawwate akkamitti?

10 Kitaabni Qulqulluun maal jedha? Isaayyaas raajichi waaʼee Masiihii akkas jedheera: “Inni hin iyyu yookiin sagalee isaa ol hin kaasu, Sagaleen isaa daandii irratti akka dhagaʼamus hin godhu.” (Isa. 42:1, 2) Yesuus tajaajila isaa kan raawwate xiyyeeffannaa utuu ofitti hin harkisin ture. Mana Qulqullummaa guddaa hin ijaarre, uffata amantii addaa hin uffanne ykn namoonni maqaa ulfinaa amantiitiin akka isa waaman hin barbaanne. Yeroo ajjeefamuuf murtiitti dhihaatee turetti illee, dinqii raawwachuudhaan Heroodis Mooticha ajaaʼibsiisuu dideera. (Luq. 23:8-11) Yesuus dinqiiwwan tokko tokko kan raawwate taʼus, xiyyeeffannaan isaa inni guddaan misiraachicha labsuu ture. Barattoota isaatiin, “ani kanaafan dhufe” jedheera.—Mar. 1:38.

11. Namoonni yeroo harʼaa jiran tokko tokko yaada dogoggoraa akkamii qabu?

11 Yeroo harʼaatti rakkinni walfakkaatu jiraa? Eeyyee. Namoonni yeroo harʼaa jiran hedduun gamoowwan amantii guguddaa fakkiiwwan babbareedoo qaban, geggeessitoota amantii maqaa ulfinaatiin waamaman, sirnawwan amantii namoonni hedduun madda isaanii fi hiika isaanii hin beekne ni dinqisiifatu. Taʼus, namoonni sirnawwan amantii kana irratti argaman waaʼee Waaqayyoo fi waaʼee kaayyoo isaa wanti isaan baratan baayʼee muraasa dha. Namoonni walgaʼii keenya hirmaatan wanta Yihowaan nurraa barbaaduu fi fedha isaa wajjin wal simne jiraachuu kan dandeenyu akkamitti akka taʼe ni baratu. Galmawwan walgaʼii keenya garmalee kan bareechifaman utuu hin taʼin qulqulluu fi giddu galeeyyii dha. Namoonni dura buutota taʼan uffata addaa hin uffatan, maqaa ulfinaa adda taʼeen hin waamaman. Wanti barsiisnus taʼe, wanti itti amannu dubbii Waaqayyo irratti kan hundaaʼe dha. Taʼus, namoonni baayʼeen waaqeffannaan keenya sirna amantii addaa waan hin qabneef ni gufatu. Wanti barsiisnus wanta isaan dhagaʼuu barbaadanii wajjin wal hin simu.

12. Akkuma Ibroota 11:1, 6 irratti ibsame amantiin keenya maal irratti hundaaʼuu qaba?

12 Gufachuu irraa ooluu kan dandeenyu akkamitti? Phaawulos ergamaan Kiristiyaanota Roomaa jiraataniin, “amantiin dubbicha dhagaʼuu irraa argama. Dubbichi immoo kan dhagaʼamu yeroo namni tokko waaʼee Kiristoos lallabutti dha.” jedheera. (Rom. 10:17) Kanaafuu, sirnawwan amantii kun hammam iyyuu kan bareedan yoo taʼan, amantii keenya kan guddifannu Kitaaba Qulqulluu qoʼachuudhaan malee, sirnawwan amantii deggersa Kitaaba Qulqulluu hin qabne irratti hirmaachuudhaan miti. ‘Amantii malee akka gaariitti Waaqa gammachiisuun waan hin dandaʼamneef,’ amantii cimaa beekumsa sirrii irratti hundaaʼe qabaachuu qabna. (Ibroota 11:1, 6 dubbisi.) Kanaafuu, dhugaa akka arganne mirkaneeffachuuf samii irraa mallattoo dinqisiisaa arguun nu hin barbaachisu. Of amansiisuu fi shakkii akkamii iyyuu of keessaa baasuuf barumsawwan Kitaaba Qulqulluu amantii namaa cimsan sirriitti qoʼachuun gaʼaa dha.

(3) YESUUS AADAA YIHUDOOTAA HIN HORDOFNE

Namoonni hedduun Yesuus aadaawwan isaanii tokko tokko deggeruu diduu isaatiin kan kaʼe gufataniiru. Yeroo harʼaa wanti akkasii namoota tokko tokko gufachiisuu kan dandaʼu akkamitti? (Keeyyata 13 ilaali) *

13. Namoonni hedduun Yesuusiin akka balaaleffatan wanti kakaase maal ture?

13 Barattoonni Yesuus waan hin soomneef, barattoonni Yohaannis cuuphaa bitaa isaanitti galee ture. Yesuus utuu inni lubbuudhaan jiruu barattoonni isaa sababii itti sooman akka hin qabne ibseera. (Mat. 9:14-17) Taʼus, Fariisonnii fi mormitoonni isa kaan Yesuus aadaa fi duudhaa isaanii waan hin hordofneef isa balaaleffataniiru. Guyyaa Sanbataatti namoota dhukkubsatan waan fayyiseef aaranii turan. (Mar 3:1-6; Yoh. 9:16) Gama tokkoon seera Sanbataa kabajuu isaanitti ni boonu, gama biraatiin immoo mana qulqullummaa keessatti daldaluun rakkina akka hin qabnetti ilaalu. Yesuus gocha isaanii kana yeroo balaaleffatu baayʼee aaran. (Mat. 21:12, 13, 15) Yesuus namoonni inni mana sagadaa Naazireetitti isaaniif lallabe, ofittoo fi amantii kan hin qabne taʼuu isaanii argisiisuuf fakkeenyota seenaa Israaʼel keessa jiran yommuu caqasu baayʼee aaranii turan. (Luq. 4:16, 25-30) Amalli addaa Yesuus argisiise namoonni hedduun akka gufatan godheera.—Mat. 11:16-19.

14. Yesuus aadaa namootaa Kitaaba Qulqulluu wajjin wal hin simne kan balaaleffate maaliifi?

14 Kitaabni Qulqulluun Maal jedha? Yihowaan karaa Isaayyaas raajichaa akkas jedheera: “Sabni kun afaan isaatiin natti dhihaata, Hidhii isaatiinis ulfina naaf kenna, Garaan isaa garuu ana irraa baayʼee fagoo dha; Kan na sodaatus ajaja namootaa isa barate irratti hundaaʼee ti.” (Isa. 29:13) Yesuus aadaa namootaa isa Kitaaba Qulqulluu wajjin wal hin simne balaaleffachuun isaa sirrii ture. Warri seeraa fi aadaa namootaa Kitaaba Qulqulluu caalchisan, Yihowaa fi Masiihii isa inni erge akka tuffatan argisiisu.

15. Namoonni yeroo harʼaa jiran hedduun waaʼee Dhugaa Baatota Yihowaa wanti isaan hin jaallanne maalidha?

15 Yeroo harʼaatti rakkinni walfakkaatu jiraa? Eeyyee. Namoonni Yeroo harʼaa jiran hedduun Dhugaa Baatonni Yihowaa aadaawwan deggersa Kitaaba Qulqulluu hin qabne, kan akka guyyaa dhalootaa fi Ayyaana Qillee isaanii wajjin waan hin kabajneef ni gufatu. Kaan immoo, Dhugaa Baatonni Yihowaa ayyaana biyyoolessaa waan isaan wajjin hin kabajneef ykn aadaa awwaalchaa deggersa Kitaaba Qulqulluu hin qabne irratti waan hin hirmaanneef ni aaru. Namoonni karaa kanaan gufatan Waaqayyoon karaa fudhatama qabuun waaqeffachaa akka jiran garaadhaa amanu taʼa. Haa taʼu malee, barumsa Kitaaba Qulqulluu dhiisanii aadaa addunyaa yoo filatan isa hin gammachiisan.—Mar 7:7-9.

16. Faarfannaan 119:97, 113, 163-165 akka jedhutti wanti gochuu qabnuu fi gochuu hin qabne maalidha?

16 Gufachuu irraa ooluu kan dandeenyu akkamitti? Seerawwanii fi qajeelfamoota Yihowaatiif jaalala guddaa horachuu qabna. (Faarfannaa 119:97, 113, 163-165 dubbisi.) Yihowaa yommuu jaallannu aadaawwan isa hin gammachiisne kam irraa iyyuu ni fagaanna. Wanti kam iyyuu jaalala Yihowaaf qabnu akka caalu hin heyyamnu.

(4) YESUUS YERUMA SANA FURMAATA SIYAASAA HIN KENNINE

Namoonni hedduun Yesuus dhimma siyaasaa keessa seenuu dhiisuu isaatiin kan kaʼe gufataniiru. Yeroo harʼaa wanti akkasii namoota tokko tokko gufachiisuu kan dandaʼu akkamitti? (Keeyyata 17 ilaali) *

17. Namoonni bara Yesuus turan hedduun wanti akka gufatan isaan taasise maal eeguu isaanii ture?

17 Namoonni bara Yesuus turan tokko tokko yeruma sana jijjiirama siyaasaa akka godhu barbaadanii turan. Masiihiichi cunqursaa bulchiinsa Roomaa jalaa bilisa akka isaan baasu eeganii turan. Taʼus, yommuu isaan mootii isa gochuuf yaalan Yesuus dideera. (Yoh. 6:14, 15) Luboonnii fi warri kaan immoo Yesuus Mootummaa jijjiiruuf yaala jedhanii sodaatanii turan. Yoo akkas godhe, warri Roomaa aaranii aangoo Luboota sanaaf kennan jalaa fudhachuu dandaʼu. Yaaddoon siyaasaa akkasii Yihudoonni hedduun akka gufatan taasiseera.

18. Namoonni hedduun raajiiwwan waaʼee Masiihii dubbatan warra kamiif xiyyeeffannaa hin kennine?

18 Kitaabni Qulqulluun Maal jedha? Raajiiwwan hedduun Masiihiin dhuma irratti loltuu injifataa akka taʼu kan dubbatan taʼus, raajiiwwan kaan inni dura cubbuu keenyaaf duʼuu akka qabu ibsu. (Isa. 53:9, 12) Maarree, Yihudoonni waaʼee Masiihii yaada dogoggoraa kan qabaatan maaliifi? Namoonni bara Yesuusitti turan hedduun rakkina isaaniitiif furmaanni hatattamaa akka kennamu raajiiwwan hin dubbanneef xiyyeeffannaa hin kennan turan.—Yoh. 6:26, 27.

19. Namoonni yeroo harʼaa jiran hedduun akka gufatan kan godhu maal eeguu isaanii ti?

19 Yeroo harʼaatti rakkinni walfakkaatu jiraa? Eeyyee. Namoonni yeroo harʼaa jiran hedduun siyaasa irraa walaba waan taaneef nutti gufatu. Filannoo irratti akka hirmaannu nurraa eegu. Taʼus, akka ilaalcha Yihowaatti namni tokko akka nu bulchu yoo filanne, isa tuffachuu akka taʼe ni hubanna. (1 Sam. 8:4-7) Kana malees namoonni, manneen barumsaa fi hospitaalota akka ijaarru, akkasumas hojiiwwan gargaarsaa irratti hirmaachuu akka qabnu isaanitti dhagaʼama. Rakkoowwan addunyaatiif furmaata hatattamaa fiduu mannaa, hojii misiraachicha labsuu irratti waan xiyyeeffannuuf ni gufatu.

20. Akka Yesuus Maatewos 7:21-23 irratti dubbatetti nuuf wanti caalaatti barbaachisaa taʼe maalidha?

20 Gufachuu irraa ooluu kan dandeenyu akkamitti? (Maatewos 7:21-23 dubbisi.) Galmi keenya inni guddaan hojii Yesuus akka hojjennu nu ajaje hojjechuu taʼuu qaba. (Mat. 28:19, 20) Dhimma siyaasaa fi hawaasaa addunyaa kanaatiin matumaa yaanni keenya hihhiramuu hin qabu. Namoota kan jaallannuu fi rakkinni isaanii kan nu yaaddessu taʼus, karaan oollaawwan keenya itti gargaarru inni guddaan waaʼee Mootummaa Waaqayyoo isaan barsiisuu fi Yihowaa wajjin hariiroo akka uuman isaan gargaaruu akka taʼe beekna.

21. Murtoon keenya maal taʼuu qaba?

21 Mata duree kana keessatti, gufuuwwan arfan namoonni jaarraa tokkoffaatti turan hedduun Yesuusiin akka hin fudhanne taasisanii fi namoonni yeroo harʼaatti jiran tokko tokko duuka buutota Yesuus akka hin fudhanne gochuu dandaʼan ilaalleerra. Haa taʼuu malee, wantoonni irraa fagaachuu qabnu kanuma qofadhaa? Lakki. Mata duree itti aanu irratti gufuuwwan dabalataa afur qorra. Gufachuu irraa of eeguu fi amantii cimaa qabaannee itti fufuuf haa murteessinu!

FAARFANNAA 56 Dhugaa kan Ofii Godhadhu

^ key. 5 Yesuus barsiisota lafa irra jiraatan hunda kan caalu taʼus, namoonni bara isaa turan hedduun isatti gufataniiru. Maaliifi? Mata duree kana keessatti sababiiwwan itti gufatan afur ilaalla. Kana malees namoonni yeroo harʼa jiran hedduun wanta duuka buutonni Yesuus warri dhugaan dubbatanii fi raawwatanitti kan gufatan maaliif akka taʼe ilaalla. Hunda caalaa immoo, nutis akka hin gufanneef Yesuus irratti amantii cimaa qabaachuu kan qabnu maaliif akka taʼe baranna.

^ key. 60 IBSA FAKKII: Naatnaaʼel Yesuusii wajjin akka wal argu Filiphoos yommuu isa jajjabeessu.

^ key. 62 IBSA FAKKII: Yesuus misiraachoo lallabaa jira.

^ key. 64 IBSA FAKKII: Yesuus utuu mormitoonni isaa isa ilaalanii nama harki isaa lamshaaʼe tokko fayyisaa jira.

^ key. 66 IBSA FAKKII: Yesuus kophaa isaa gaara baʼaa jira.