Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

MATA DUREE QOʼANNAA 20

Kitaabni Mulʼataa Diinota Waaqayyootiif Hiika Maalii Qaba?

Kitaabni Mulʼataa Diinota Waaqayyootiif Hiika Maalii Qaba?

“Gara bakka Afaan Ibrootaatiin Armaagedoon jedhamutti walitti isaan qaban.”—MUL. 16:16.

FAARFANNAA 150 Fayyina Argachuuf Waaqayyoon Barbaaddadhaa

QABIYYEE *

1. Kitaabni Mulʼataa saba Waaqayyoo ilaalchisee maal dubbata?

 KITAABNI Mulʼataa Mootummaan Waaqayyoo inni samii akka hundeeffamee fi Seexanni samiirraa akka gad darbatame dubbata. (Mul. 12:1-9) Seexanni gad darbatamuun isaa warra samiirra jiraniif boqonnaa kan argamsiise taʼus, nurratti garuu rakkina fideera. Akkas kan jennu maaliifi? Sababiin isaas, Seexanni waan aareef namoota lafarratti amanamummaadhaan Yihowaa tajaajilanirratti haleellaa baneera.—Mul. 12:12, 15, 17.

2. Yihowaadhaaf amanamoo taanee itti fufuuf wanti nu gargaaru maalidha?

2 Seexanni haleellaa kan nurratti bane taʼus amanamummaadhaan Yihowaa tajaajiluu keenya itti fufuu kan dandeenyu akkamitti? (Mul. 13:10) Wanti nu gargaaru inni tokko wantoota gara fuulduraatti raawwataman beekuu keenyadha. Fakkeenyaaf, Yohaannis ergamaan kitaaba Mulʼataa keessatti eebbawwan dhiheenyatti argannu tokko tokko ibseera. Eebbawwan kana keessaa tokko diinonni Waaqayyoo balleeffamuu isaaniiti. Mee amma kitaabni Mulʼataa diinota kana kan ibsu akkamitti akka taʼee fi wanta isaanirra gaʼu haa qorru.

DIINONNI WAAQAYYOO “MALLATTOOWWANIIN” IBSAMAN

3. Mallattoowwan kitaaba Mulʼataa keessatti ibsaman tokko tokko maalfaʼi?

3 Kitaabni Mulʼataa lakkoofsa jalqabaarratti wanti kitaabicha keessatti galmeeffame “mallattoowwaniin” akka ibsame dubbata. (Mul. 1:1) Kitaabicha keessatti waaʼeen bineensota diinota Waaqayyoo argisiisanii ibsameera. Fakkeenyaaf, ‘bineensi tokko galaanicha keessaa akka ol baʼe’ ibsameera. Bineensi kun “gaanfa kudhanii fi mataa torba” qaba. (Mul. 13:1) Bineensa kana boodammoo, “bineensi kan biraan lafa keessaa [ol baʼe].” Bineensi kun akka jawweetti dubbata, akkasumas “ibidda samii irraa gara lafaatti gad [buusa].” (Mul. 13:11-13) Sana boodammoo, ‘bineensi diimaan’ sagaagaltuun takka irra teessee jirtu ibsameera. Bineensonni sadan kun diinota Yihowaa fi Mootummaa isaa yeroo dheeraadhaaf mormaa turan bakka buʼu. Kanaafuu, bineensonni kun maal akka argisiisan beekuun keenya barbaachisaadha.—Mul. 17:1, 3.

BINEENSOTA GUGUDDAA AFUR

“Galaanicha keessaa” baʼan. (Dan. 7:1-8, 15-17) Mootummoota addunyaa bara Daaniʼelii jalqabee bulchaa turanii fi saba Waaqayyoo irratti dhiibbaa guddaa godhan argisiisu. (keeyyata 4, 7)

4-5. Yaanni Daaniʼel 7:15-17 irratti argamu mallattoowwan kun maal akka argisiisan hubachuuf kan nu gargaaru akkamitti?

4 Diinonni kun eenyufaa akka taʼan beekuuf mallattoowwan kun maal akka argisiisan beekuu qabna. Kana hubachuuf ibsa Kitaabni Qulqulluun kennu haa ilaallu. Mallattoowwan kitaaba Mulʼataa keessatti argaman hedduun kitaabota Kitaaba Qulqulluu kan biroo keessatti ibsamaniiru. Fakkeenyaaf, Daaniʼel raajichi ‘galaanicha keessaa bineensonni guguddaan afur yommuu baʼan’ abjuudhaan argeera. (Dan. 7:1-3) Daaniʼel bineensonni kun maal akka argisiisan galmeesseera. Bineensonni guguddaan kun “mootota” ykn mootummoota afur argisiisu. (Daaniʼel 7:15-17 dubbisi.) Ibsi ifa taʼe kun bineensonni kitaaba Mulʼataa keessatti ibsamanis humnoota siyaasaa akka argisiisan hubachuuf nu gargaara.

5 Mee amma mallattoowwan kitaaba Mulʼataa keessatti ibsaman tokko tokko haa ilaallu. Akkas gochuudhaan Kitaabni Qulqulluun mallattoowwan kun maal akka argisiisan hubachuuf akkamitti akka nu gargaaru ilaalla. Waaʼee tokkoon tokkoon bineensota kanaa ilaaluudhaan jalqabna. Jalqaba irratti, bineensonni kun eenyu akka argisiisan adda baafanna. Achiis, wanta bineensota kanarra gaʼu ilaalla. Dhuma irrattimmoo, taʼeewwan kun nuuf hiika maalii akka qaban mariʼanna.

EENYUMMAAN DIINOTA WAAQAYYOO IFA GODHAME

BINEENSA MATAA TORBA QABU

“Galaanicha keessaa” baʼe, mataa torba, gaanfota kudhanii fi gonfoo kudhan qaba. (Mul. 13:1-4) Humnoota siyaasaa hanga ammaatti ilmaan namootaa bulchan hunda argisiisa. Mataawwan torba mootummoota addunyaa saba Waaqayyoo irratti dhiibbaa guddaa godhan torba argisiisu. (keeyyata 6-8)

6. Bineensi mataa torba qabuu fi Mulʼata 13:1-4 irratti ibsame maal argisiisa?

6 Bineensi mataa torba qabu maal argisiisa? (Mulʼata 13:1-4 dubbisi.) Bineensi kun qeerransa kan fakkaatu taʼus miilli isaa miila amaaketaa, afaan isaa immoo afaan leencaa fakkaata; akkasumas gaanfa kudhan qaba. Bineensonni arfan Daaniʼel boqonnaa 7 irratti ibsamanis bifawwan kana qabu. Kitaaba Mulʼataa keessatti garuu bineensota garaa garaa afur utuu hin taʼin, bineensa bifa kana hundumaa qabu tokkotu ibsame. Bineensi kun mootummaa ykn bulchiinsa addunyaa tokko qofa kan argisiisu miti. “Gosa, uummata, qooqaa fi saba hundumaa [irratti] aangoo” akka qabus ibsameera. Kanaafuu, bineensi kun mootummaa biyya tokkoo qofa kan argisiisu taʼuu hin dandaʼu. (Mul. 13:7) Kanaa mannaa, humnoota siyaasaa hanga ammaatti ilmaan namootaa bulchan hunda kan argisiisu taʼuu qaba. *Lal. 8:9.

7. Mataawwan torban bineensa sanaa eenyufaa argisiisu?

7 Mataawwan torban sun maal argisiisu? Yaanni Mulʼata boqonnaa 17 irratti argamuu fi waaʼee bifa fakkeenyaa bineensa Mulʼata boqonnaa 13 irratti caqasamee ibsu kana hubachuuf nu gargaara. Mulʼanni 17:10 akkana jedha: “Isaan mootota torba argisiisu: Shanan isaanii kufaniiru, tokko jira, inni kan biraan garuu amma iyyuu hin dhufne; yommuu dhufus yeroo gabaabaadhaaf turuu qaba.” Humnoota siyaasaa Seexanni itti fayyadamu hunda keessaa torban isaanii humna guddaa waan qabaniif ‘mataatti’ fakkeeffamaniiru. Mootummoonni kun bulchiinsota addunyaa saba Waaqayyoo irratti dhiibbaa guddaa geessisanidha. Bara Yohaannis ergamaatti isaan keessaa shanan isaanii darbanii turan; isaanis, Gibxii, Asoor, Baabilon, Meedoo Faarsi fi Giriikiidha. Mootummaa addunyaa jaʼaffaa kan taʼe Roomaan immoo, yeroo Yohaannis Mulʼata kana argetti bulchaa ture. Maarree, mataan inni torbaffaan, jechuunis mootummaan addunyaa inni dhumaa eenyu?

8. Mataa torbaffaan bineensichaa eenyu argisiisa?

8 Akkuma kanatti aansinee ilaallu, raajiin kitaaba Daaniʼel keessatti argamu mataa torbaffaanii fi inni dhumaa bineensa sanaa eenyu akka argisiisu hubachuuf nu gargaara. Mootummaan addunyaa yeroo dhumaa kanatti, jechuunis “guyyaa Gooftaatti” bulchaa jiru isa kami? (Mul. 1:10) Mootummaa Yuunaayitid Kiingidamii fi Yuunaayitid Isteetis oof Ameerikaan waltaʼiinsa uumuudhaan hundeessan, jechuunis Mootummaa Addunyaa Angiloo Ameerikaati. Kanaafuu, Mootummaan Addunyaa Angiloo Ameerikaa mataa torbaffaa bineensa Mulʼata 13:1-4 irratti ibsameeti jechuun ni dandaʼama.

BINEENSA AKKA HOOLAA GAANFA LAMA QABU

“Lafa keessaa” baʼe, “akka jawweetti” dubbata. “Ibidda samii irraa” gad buusuudhaan akkuma “raajii sobduu” mallattoowwan ni raawwata. (Mul. 13:11-15; 16:13; 19:20) Mootummaan Angiloo Ameerikaa namoota lafarra jiraatan dogoggorsaa fi “bifa fakkeenyaa” ‘bineensa’ mataa torbaa fi gaanfa kudhan qabuu akka hojjetan ajajaa waan jiruuf, bineensa gaanfa lama qabuu fi raajii sobduu jedhamee waamameen bakka buufameera. (keeyyata 9)

9. Bineensi ‘akka hoolaa gaanfa lama qabu’ eenyu argisiisa?

9 Mulʼanni boqonnaan 13 mataa torbaffaan, jechuunis Mootummaan Addunyaa Angiloo Ameerikaa bineensa ‘akka hoolaa gaanfa lama qabus’ akka fakkaatu, garuummoo ‘akka jawweetti dubbachuu akka jalqabe’ ibsa. Bineensi kun “hamma ibidda samii irraa gara lafaatti gad buusutti illee ilmaan namootaa duratti mallattoowwan guguddaa ni raawwata.” (Mul. 13:11-15) Mulʼanni boqonnaan 16 fi 19 bineensi kun “raajii sobduu” akka taʼe dubbata. (Mul. 16:13; 19:20) Daaniʼelis wanta kanaa wajjin wal fakkaatu dubbateera; Mootummaan Addunyaa Angiloo Ameerikaa “badiisa hamaa ni geessisa.” (Dan. 8:19, 23, 24, milj.) Yeroo Waraana Addunyaa Lammaffaatti wanti taʼes kanuma. Boombiin atoomikii waraanichi Paasifiik keessatti akka xumuramu gaʼee guddaa taphatan lamaan saayintistoota Biritaaniyaa fi Ameerikaatiin hojjetaman. Yeroo sanatti Mootummaan Addunyaa Angiloo Ameerikaa “ibidda samii irraa gara lafaatti gad [buuseera]” jechuun ni dandaʼama.

BINEENSA DIIMAA

Baabilon Guddittii ishii sagaagaltuu taatetu irra taaʼee oofa. Bineensi kun mootii saddeettaffaa akka taʼetti ibsameera. (Mul. 17:3-6, 8, 11) Jalqabarratti sagaagaltuun tun bineensicha kan toʼattu taʼus, booda garuu bineensichi ishii balleessa. Sagaagaltuun tun amantaa sobaa addunyaa hunda argisiisti. Bineensichimmoo yeroo harʼaatti Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii isa fedhii sirna siyaasaa addunyaa maraa raawwachiisu argisiisa. (keeyyata 10, 14-17)

10. “Bifti fakkeenyaa bineensichaa” eenyu argisiisa? (Mulʼata 13:14, 15; 17:3, 8, 11)

10 Itti aansuudhaan bineensa kan biraatu ibsame. Bineensi kun bineensa mataa torba qabu wajjin baayʼee wal fakkaata; bifti isaa garuu diimaadha. “Bifa fakkeenyaa bineensichaa” jedhamee waamameera, “mootii saddeettaffaa” akka taʼes ibsameera. * (Mulʼata 13:14, 15; 17:3, 8, 11 dubbisi.) ‘Mootiin’ kun kanaan dura akka ture, achiis akka badee fi boodammoo deebiʼee akka dhufu ibsameera. Kunis Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii isa faayidaa sirna siyaasaa addunyaa raawwachiisu akka gaariitti kan ibsu dha. Dhaabbanni kun jalqaba Waldaa Mootummoota Addunyaa jedhama ture. Achiis dhaabbanni kun yeroo Waraana Addunyaa Lammaffaatti ni bade. Boodammoo maqaa Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii jedhamuun dhufe.

11. Bineensonni, jechuunis mootummoonni maal godhu? Nuti garuu sodaachuu kan hin qabne maaliifi?

11 Bineensonni ykn mootummoonni kun olola isaaniitti fayyadamuudhaan Yihowaa fi saba isaa irratti mormii kakaasu. Akka fakkeenyaatti gara waraana Armaagedoonitti, jechuunis “gara waraana isa guyyaa guddaa Waaqa Hundumaa Dandaʼuutti godhamutti” “mootota guutummaa lafaa” walitti qabu. (Mul. 16:13, 14, 16) Garuu wanti nu sodaachisu hin jiru. Waaqni keenya Yihowaan warra bulchiinsa isaa deggeran hundumaa oolchuuf hatattamaan tarkaanfii fudhata.—His. 38:21-23.

12. Bineensota kana hundarra maaltu gaʼa?

12 Bineensota kana hundarra maaltu gaʼa? Mulʼanni 19:20 akkana jechuudhaan deebii isaa nuuf kenna: “Bineensichi ni qabame, raajii sobduun inni isa duratti dinqii hojjechuudhaan warra mallattoo bineensichaa fudhatanii fi warra bifa fakkeenyaa isaa waaqeffatan dogoggorses isaa wajjin ni qabame. Lamaan isaanii iyyuu utuma lubbuudhaan jiranii haroo ibiddaa dinyiidhaan bobaʼu keessatti darbataman.” Kanaafuu, mootummoonni diinota Waaqayyoo taʼan kun utuma bulchaa jiranii bara baraaf balleeffamu.

13. Mootummoonni addunyaa Kiristiyaanota irratti dhiibbaa akkamii geessisu?

13 Kun nuuf hiika maalii qaba? Kiristiyaanota waan taaneef Waaqayyoo fi Mootummaa isaatiif amanamoo taʼuu qabna. (Yoh. 18:36) Kana gochuufimmoo, dhimmoota siyaasaa addunyaa kanaa irraa walaba taanee jiraachuu qabna. Haa taʼu malee, mootummoonni dubbiidhaanis taʼe gocha keenyaan guutummaatti akka isaan deggerru waan barbaadaniif, kana gochuun baayʼee ulfaataadha. Namoonni dhiibbaa isaaniitiin moʼaman mallattoo bineensichaa fudhatu. (Mul. 13:16, 17) Namni mallattoo sana fudhate kamiyyuu garuu, Yihowaa biratti fudhatama ni dhaba, jireenya bara baraas hin argatu. (Mul. 14:9, 10; 20:4) Kanaafuu, mootummoonni akka isaan deggerru hammamiyyuu dhiibbaa yoo nurratti godhan guutummaatti siyaasa irraa walaba taanee jiraachuun keenya baayʼee barbaachisaadha!

BADIISA QAANESSAA SAGAAGALTUU GUDDITTII IRRA GAʼU

14. Mulʼata 17:3-5 irratti akka ibsametti Yohaannis ergamaan wanta isa ajaaʼibsiise akkamii arge?

14 Yohaannis ergamaan wanta arge kan biraattis ‘baayʼee akka ajaaʼibsiifame’ dubbateera. Wanti arge maalidha? Dubartiin takka bineensota nama sodaachisan kana keessaa isa tokkorra teessee turte. (Mul. 17:1, 2, 6) Dubartiin tun “sagaagaltuu guddittii” dha; maqaan ishiis “Baabilon Guddittii” jedhama. Mootota lafaa wajjin “halalummaa” ni raawwatti.—Mulʼata 17:3-5 dubbisi.

15-16. ‘Baabilon Guddittiin’ eenyu? Kana akkamitti beekna?

15 ‘Baabilon Guddittiin’ eenyu? Dubartiin tun geggeessitoota siyaasaa addunyaa wajjin halalummaa waan raawwatteef, dhaabbata siyaasaa hin argisiistu. (Mul. 18:9) Bineensicha irra akka teesse ibsamuun isaas geggeessitoota siyaasaa kana toʼachuuf carraaqqii akka gootu argisiisa. Kana malees, dubartiin tun sirna daldalaa addunyaa Seexanaa sassataan guutame hin argisiistu. Sirni daldalaa bakka biraatti ‘daldaltoota lafaa’ jedhamee ibsameera.—Mul. 18:11, 15, 16.

16 Kitaaba Qulqulluu keessatti jechi “sagaagaltuu” jedhu namoota Waaqayyoon akka tajaajilan dubbatan garuummoo waaqolii tolfamoo waaqeffachuu irratti hirmaatan ykn karaa taʼe tokkoon michoota addunyaa taʼan argisiisuu dandaʼa. (1 Sen. 5:25; Yaq. 4:4) Faallaa kanaatiin namoonni amanamummaadhaan Waaqayyoon waaqeffatan “durba qulqulluu” ykn ‘qeerrootti’ fakkeeffamaniiru. (2 Qor. 11:2; Mul. 14:4) Baabilon ishiin durii wiirtuu waaqeffannaa sobaa turte. Kanaafuu, Baabilon Guddittiin amantaa sobaa addunyaarra jiru hunda kan argisiistu taʼuu qaba.—Mul. 17:5, 18; Weebsaayitii jw.org/om irraa mata duree, “Baabilon Guddittiin Eenyu Dha?” jedhu ilaali.

17. Baabilon Guddittii irra maaltu gaʼa?

17 Baabilon Guddittii irra maaltu gaʼa? Mulʼanni 17:16, 17 akkana jechuudhaan deebii isaa nuuf kenna: “Gaanfonni kurnan ati argitee fi bineensichi sagaagaltuu sana ni jibbu, ishii ni saamu, qullaatti ishii hambisu, foon ishii ni nyaatu, akkasumas guutummaatti ibiddaan ishii gubu. Sababiin isaas, Waaqayyo . . . yaada isaa akka raawwataniif, . . . kana garaa isaanii keessa kaaʼeera.” Eeyyee, Yihowaan mootummoota kakaasuudhaan amantaa sobaa addunyaa maratti argaman irratti haleellaa akka bananii fi guutummaatti akka balleessan godha; mootummoonni kana gochuuf bineensa isa diimaatti, jechuunis Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanitti fayyadamu.—Mul. 18:21-24.

18. Baabilon Guddittii irraa guutummaatti akka fagaannu argisiisuu kan dandeenyu akkamitti?

18 Kun nuuf hiika maalii qaba? Waaqeffannaa ‘akka ilaalcha Waaqa keenyaatti qulqulluu fi xurii hin qabne’ dhiheessuu keenya itti fufuu qabna. (Yaq. 1:27) Barumsawwan sobaa, ayyaanonni, ulaagaaleen naamusaa gadaanoonii fi gochawwan hafuurota xuraaʼoo Baabilon Guddittii dhiibbaa akka nurratti godhan matumaa heyyamuu hin barbaannu. Kana malees, namoonni cubbuu ishii irratti akka hin hirmaanneef “ishii keessaa [akka baʼan]” isaan akeekkachiisuu keenya itti fufna.—Mul. 18:4.

MURTII DIINA WAAQAYYOO ISA GUDDICHA IRRATTI DARBU

JAWWEE DIIMAA

Seexanni bineensichaaf aangoo kenna. (Mul. 12:3, 9, 13; 13:4; 20:2, 10) Diina Yihowaa isa guddaa kan taʼe Seexanni waggaa 1,000f qilee keessatti darbatama. Sana boodammoo, “haroo ibiddaa fi dinyii” keessatti darbatama. (keeyyata 19-20)

19. “Jawwee guddaa diimaan” eenyu?

19 Kitaabni Mulʼataa waaʼee “jawwee guddaa diimaa” tokkoos ni dubbata. (Mul. 12:3) Jawween kun Yesuusii fi maleekota isaa wajjin wal lola. (Mul. 12:7-9) Saba Waaqayyoo irrattis haleellaa ni bana, akkasumas bineensota sanaaf, jechuunis mootummootaaf aangoo ni kenna. (Mul. 12:17; 13:4) Jawween kun eenyu? ‘Bofa isa jalqabaa isa Diyaabilosii fi Seexana jedhamudha.’ (Mul. 12:9; 20:2) Diinota Yihowaa kaan hundumaa kan toʼatu isadha.

20. Jawwee sanarra maaltu gaʼa?

20 Jawwee sanarra maaltu gaʼa? Mulʼanni 20:1-3 maleekaan tokko Seexana qilee keessatti akka darbatu dubbata; kunis hidhamee sochiidhaa ala akka taʼu argisiisa. Seexanni erga hidhamee booda “hamma waggaan 1,000 sun xumuramutti sana booda saboota [hin dogoggorsu].” Dhumarrattis, Seexannii fi jinniiwwan isaa “haroo ibiddaa fi dinyii” keessatti darbatamu; kunis bara baraaf akka balleeffaman argisiisa. (Mul. 20:10) Addunyaan Seexannii fi jinniiwwan isaa keessa hin jiraanne maal akka fakkaatu mee yaadi. Yeroon sun yeroo baayʼee gammachiisaa taʼa.

21. Wanti kitaaba Mulʼataa irraa dubbisne kan nu gammachiisu maaliifi?

21 Mallattoowwan kitaaba Mulʼataa keessatti ibsaman hiika akkamii akka qaban hubachuun baayʼee nama jajjabeessa. Diinonni Yihowaa eenyufaa akka taʼan qofa utuu hin taʼin, wanta gara fuulduraatti isaanirra gaʼus baranneerra. Eeyyee, ‘namni dubbii raajii kanaa sagalee isaa ol kaasee dubbisuu fi namoonni dubbii raajii kanaa dhagaʼan gammadoo dha.’ (Mul. 1:3) Maarree, diinonni Waaqayyoo erga balleeffamanii booda ilmaan namootaa amanamoo taʼan eebba akkamii argatu? Mata duree ittaanu irratti waaʼee kanaa ilaalla.

FAARFANNAA 23 Yihowaan Bulchuu Jalqabe

^ Kitaabni Mulʼataa diinota Waaqayyoo argisiisuuf mallattoowwanitti fayyadama. Kitaabni Daaniʼel mallattoowwan kun hiika maalii akka qaban hubachuuf nu gargaara. Mata duree kana keessatti, raajiiwwan wal fakkaatanii fi kitaaba Daaniʼelii fi kitaaba Mulʼataa keessatti argaman muraasa wal bira qabnee ilaalla. Kana gochuun keenya, diinota Waaqayyoo adda baasnee beekuuf nu gargaara. Achiis wanta isaanirra gaʼu ilaalla.

^ Bineensi mataa torba qabu kun humnoota siyaasaa hunda akka argisiisu wanti ragaa nuuf taʼu kan biraanimmoo “gaanfa kudhan” qabaachuu isaati. Lakkoofsi kudhan yeroo baayʼee Kitaaba Qulqulluu keessatti guutuu taʼuu argisiisuuf itti hojjetameera.

^ Bineensa isa jalqabaarraa haala adda taʼeen bifti fakkeenyaa kun gaanfota isaarraa “gonfoo” hin qabu. (Mul. 13:1) Kunis kan taʼe mootota “torban keessaa” waan baʼee fi aangoo isaanirraa waan argateefi.—Weebsaayitii jw.org/om irraa mata duree, “Bineensi Diimaan Mulʼata Boqonnaa 17 Irratti Ibsame Maali Dha?” jedhu ilaali.