Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

MATA DUREE QOʼANNAA 21

Kitaabni Mulʼataa Waaʼee Egeree Keetii Maal Jedha?

Kitaabni Mulʼataa Waaʼee Egeree Keetii Maal Jedha?

“Ameen! Gooftaa Yesuus, kottu.”—MUL. 22:20.

FAARFANNAA 142 Abdii Keenya Cimsinee Qabachuu

QABIYYEE *

1. Ilmaan namootaa hundi murtoo barbaachisaa akkamii gochuu qabu?

 NAMOONNI yeroo harʼaa jiran murtoo baayʼee barbaachisaa taʼe tokko gochuu qabu. Maarree, Yihowaa isa uumama hunda bulchuuf mirga qabu deggeru moo, diina isaa isa hamaa kan taʼe Seexana cinaa dhaabbatu? Namni hundi wantoota lamaan kana keessaa isa tokko filachuu qaba. Murtoon godhan jireenya bara baraa isaaniif argamsiisa ykn abdii kana isaan dhabsiisa. (Mat. 25:31-33, 46) Yeroo ‘rakkina guddaatti’ badiisa irraa akka oolan ykn akka balleeffaman mallattoon isaan irratti ni godhama.—Mul. 7:14; 14:9-11; His. 9:4, 6.

2. (a) Ibroonni 10:35-39 maal akka goonu nu jajjabeessa? (b) Kitaabni Mulʼataa kan nu gargaaru akkamitti?

2 Ibroota 10:35-39 dubbisi. Bulchiinsa Yihowaa deggeruuf filatteetta taanaan murtoo gaarii gooteetta. Namoonni kaanis filannaa sirrii akka godhan gargaaruu barbaadda. Isaan gargaaruuf kitaaba Mulʼataatti fayyadamuu dandeessa. Kitaabni dinqisiisaa taʼe kun wanta namoota Yihowaa morman irra gaʼu qofa utuu hin taʼin, eebba namoonni amanamummaadhaan bulchiinsa isaa deggeran argatanis ni dubbata. Dhugaawwan barbaachisoo taʼan kana ilaaluun keenya nu fayyada. Kana gochuun keenya murtoo Yihowaa tajaajiluu keenya itti fufuuf goone nuuf cimsa. Kana malees, wanta barannetti fayyadamnee warri kaan Yihowaa tajaajiluuf akka murteessanii fi isa tajaajiluu isaanii akka itti fufan gargaaruu dandeenya.

3. Mata duree kana keessatti maal ilaalla?

3 Mata duree kana keessatti gaaffilee kana ilaalla: Namoonni bulchiinsa Waaqayyoo deggeran eebba akkamii argatu? Karaa kan biraatiin immoo, namoota bineensa diimaa kitaaba Mulʼataa keessatti ibsame deggeruuf filatanirra maaltu gaʼa?

EEBBA NAMOONNI AMANAMOON ARGATAN

4. Gareen Yohaannis ergamaan Yesuus wajjin samii keessatti arge isa kami?

4 Yohaannis ergamaan mulʼata isaa irratti gareewwan bulchiinsa Yihowaa deggeranii fi jireenya bara baraa argatan lama akka arge dubbateera. Garee isa jalqabaa keessa namoota 144,000tu jira. (Mul. 7:4) Namoonni kun warra Yesuus wajjin samii keessatti Mootummaa tokko akka hundeessan filatamanidha. Isa wajjin taʼuudhaan lafa bulchu. (Mul. 5:9, 10; 14:3, 4) Yohaannis mulʼata isaa irratti Yesuus wajjin samii keessa Gaara Xiyoon irra dhaabbatanii argeera.—Mul. 14:1.

5. Dhiheenyatti dibamtoota hafan wajjin haala wal qabateen maaltu taʼa?

5 Jaarraa jalqabaatii kaasee hanga ammaatti namoonni kumaan lakkaaʼaman kutaa 144,000 akka taʼan filatamaa jiru. (Luq. 12:32; Rom. 8:17) Haa taʼu malee, guyyoota dhumaatti lafarra kan jiraatan dibamtoota hafan, jechuunis dibamtoota muraasa qofa akka taʼe Yohaannisitti himameera. Rakkinni guddaan jalqabuu isaa dura “warra . . . hafan” kanarratti ‘chaappaan’ dhumaa Yihowaa duratti fudhatama akka qaban argisiisu ni godhama. (Mul. 7:2, 3; 12:17) Achiis rakkinni guddaan jalqabee yeroo taʼe tokkotti dibamtoonni hafan kun dibamtoota kutaa 144,000 taʼanii fi amanamummaadhaan duʼanii badhaasa isaanii argatan wajjin taʼuuf gara samii dhaqu. Achitti Mootummaa Waaqayyoo keessatti Yesuus wajjin bulchu.—Mat. 24:31; Mul. 5:9, 10.

6-7. (a) Yohaannis itti aansuudhaan garee isa kam arge? Waaʼee isaanii maal beekna? (b) Dibamtoonni hafanis taʼan “tuutni uummataa guddaan” Mulʼata boqonnaa 7f xiyyeeffannaa kennuu kan qaban maaliifi?

6 Yohaannis garee isa samii booda ‘tuuta uummataa guddaa’ argeera. Garee namoota 144,000 qabate irraa haala adda taʼeen gareen kun namoota meeqa akka of keessatti qabate hin beekamu. (Mul. 7:9, 10) Waaʼee isaanii maal beekna? Yohaannis, “Warri kun warra rakkina guddaa keessaa dhufani dha; isaan uffata isaanii dhiiga Hoolichaatiin miiccatanii addeeffataniiru” jedheera. (Mul. 7:14) “Tuutni uummataa guddaan” kun “rakkina guddaa” irraa erga oolanii booda lafarra jiraatu, akkasumas eebbawwan dinqisiisoo hedduu argatu.—Far. 37:9-11, 27-29; Fak. 2:21, 22; Mul. 7:16, 17.

7 Abdiin keenya samiirra jiraachuus taʼe lafarra jiraachuu, raajii Mulʼata boqonnaa 7 irratti argamu keessatti of arginaa? Akkas gochuun keenya barbaachisaadha. Gareewwan tajaajiltoota Waaqayyoo lamaanuu eebba baayʼee gammachiisaa taʼetu eeggata. Yeroo sanatti, bulchiinsa Yihowaa deggeruu filachuu keenyatti baayʼee gammanna. Kitaabni Mulʼataa rakkina isa guddaa ilaalchisee wanta dabalataa akkamii nutti hima?—Mat. 24:21.

WARRA YIHOWAA MORMAN IRRA MAALTU GAʼA?

8. Rakkinni guddaan kan jalqabu akkamitti? Kun hoo namoota hedduu irratti dhiibbaa akkamii geessisa?

8 Mata duree darbe irratti akkuma ilaalle geggeessitoonni siyaasaa addunyaa kanaa yeroo dhihootti Baabilon Guddittii ishii amantaa sobaa hundumaa argisiistu irratti haleellaa ni banu. (Mul. 17:16, 17) Kun mallattoo rakkinni guddaan akka jalqabe argisiisu taʼa. Maarree, sababii kanaatiin namoonni hedduun Yihowaa waaqeffachuu ni jalqabuu? Lakki. Faallaa kanaatiin, akkuma Mulʼata boqonnaa 6 irratti ibsame namoonni Yihowaa hin tajaajille yeroo sanatti sirnoota siyaasaa fi daldalaa addunyaa kanaa gaarreenitti fakkeeffaman irraa eegumsa argachuuf carraaqqii godhu. Namoonni kun Mootummaa Waaqayyoo waan hin deggerreef Yihowaan mormitoota isaa akka taʼanitti isaan ilaala.—Luq. 11:23; Mul. 6:15-17.

9. Sabni Yihowaa yeroo rakkina guddaatti adda taʼanii kan mulʼatan akkamitti? Kun hoo maal geessisa?

9 Tajaajiltoonni Yihowaa amanamoon yeroo rakkina guddaa sanatti namoota kaan irraa adda taʼanii mulʼatu. Lafa irratti gareen Yihowaa tajaajiluu fi “bineensicha” hin deggerre isaan qofa taʼa. (Mul. 13:14-17) Ejjennoo cimaa qabaachuun isaanii dheekkamsa mormitoota Yihowaa kakaasa. Kanaan kan kaʼes, saboonni waltaʼiinsa uuman saba Waaqayyoo guutummaa lafaa irratti argaman irratti haleellaa banu. Kitaabni Qulqulluun haleellaa kana haleellaa Goog isa biyya Maagoog jedhee waama.—His. 38:14-16.

10. Mulʼata 19:19-21 irratti akka ibsametti Yihowaan yeroo saba isaa irratti haleellaan banamutti maal godha?

10 Yeroo kanatti Yihowaan maal godha? “Aariin koo inni guddaan ni bobaʼa” jedheera. (His. 38:18, 21-23) Mulʼanni boqonnaan 19 wanta itti aansuudhaan taʼu dubbata. Yihowaan saba isaatiif eegumsa gochuu fi diinota isaa balleessuuf Ilma isaa erga. “Raayyaawwan samii,” jechuunis maleekonni amanamoonii fi warri kutaa 144,000 taʼan Yesuus wajjin taʼuudhaan Goog isa biyya Maagoog irratti waraana banu. (Mul. 17:14; 19:11-15) Waraanni kun buʼaa akkamii argamsiisa? Namoonnii fi jaarmiyaaleen Yihowaa morman hundi haxaaʼamanii akka balleeffaman godha!—Mulʼata 19:19-21 dubbisi.

CIDHA WARAANICHA BOODA GODHAMU

11. Wanti kitaaba Mulʼataa keessatti iddoo guddaa qabu maalidha?

11 Diinonni Waaqayyoo yeroo haxaaʼamanii balleeffamanitti namoota amanamoo lafa irra jiraatanitti maaltu akka dhagaʼamu yaadi! Yeroon sun yeroo baayʼee gammachiisaa taʼa! Yeroo Baabilon Guddittiin balleeffamtutti samii irra gammachuu guddaan kan jiraatu taʼus, wanti kana caalaa gammachuu argamsiisus jira. (Mul. 19:1-3) Kunis wantoota Kitaaba Mulʼataa keessatti barreeffaman keessaa isa iddoo guddaa qabu, jechuunis “[guyyaa] Hoolichi gaaʼela itti godhatu” dha.—Mul. 19:6-9.

12. Mulʼata 21:1, 2 irratti akka ibsametti “[guyyaan] Hoolichi gaaʼela itti godhatu” yoomi?

12 Gaaʼelli kun kan hundeeffamu yoomi? Waraanni Armaagedoon jalqabuu isaa yeroo muraasa dura warri kutaa 144,000 taʼan hundi samii irratti walitti ni qabamu. Taʼus, guyyaan Hoolichi gaaʼela itti godhatu yeroo kanatti miti. (Mulʼata 21:1, 2 dubbisi.) Guyyaan Hoolichi gaaʼela itti godhatu kan dhufu waraanni Armaagedoon erga geggeeffamee fi diinonni Waaqayyoo hundi erga balleeffamanii boodadha.Far. 45:3, 4, 13-17.

13. Guyyaan Hoolichi gaaʼela itti godhatu warra gaaʼelicha keessatti hammatamaniif hiika maalii qaba?

13 Guyyaan Hoolichi gaaʼela itti godhatu warra gaaʼelicha keessatti hammatamaniif hiika maalii qaba? Akkuma dhiirri tokkoo fi dubartiin takka yeroo gaaʼela godhatanitti tokko taʼan, gaaʼelli fakkeenyaan ibsame kunis Yesuus Kiristoos Mootichaa fi dibamtoota 144,000 warra “misirroo” isaa taʼan tokko godha. Taʼeen baayʼee barbaachisaa taʼe kun mootummaa haaraan waggaa 1,000 lafa bulchu akka hundeeffamu godha.—Mul. 20:6.

MAGAALAA BAREEDDUU TAATEE FI EGEREE KEE

Mulʼanni boqonnaa 21 magaalaan Yerusaalem Haaraa akka fakkeenyaatti ibsamte ‘samii keessaa Waaqayyo biraa akka gad buutu’ dubbata. Magaalaan kun yeroo Barkumeetti ilmaan namootaa ajajamoo taʼaniif eebba hedduu fiddi (Keeyyata 14-16 ilaali)

14-15. Mulʼanni boqonnaan 21 warra 144,000 maalii wajjin wal bira qabee ibsa? (Fakkii qola isaa irra jiru ilaali.)

14 Itti aansuudhaan, Mulʼanni boqonnaan 21 warra 144,000 fi magaalaa bareedduu “Yerusaalem Haaraa” jedhamtu wal bira qabee ibsa. (Mul. 21:2, 9) Magaalaan kun dhagoota buʼuuraa 12 qabdi; dhagoota kanarratti “maqaawwan 12n ergamoota Hoolichaa 12anii” barreeffameera. Kun xiyyeeffannaa Yohaannis kan harkise maaliifi? Maqaan isaa dhagoota kana keessaa isa tokkorratti barreeffamee waan argeefi. Kun mirga adda taʼedha!—Mul. 21:10-14; Efe. 2:20.

15 Magaalaan kun magaalota kaan irraa baayʼee adda dha. Magaalattiin daandii guddaa warqii qulqulluurraa tolfame tokko, karrawwan calleerraa tolfaman 12, akkasumas dallaa fi buʼuura dhagoota gatii guddaa qabaniin miidhagfame qabdi; dalgi ishii fi ol dheerinni ishiis wal qixadha. (Mul. 21:15-21) Taʼus, Yohaannis wanti hafe tokko akka jiru hubatee ture. Yohaannis itti aansuudhaan akkana jedheera: “Waaqni keenya Yihowaan Inni Hundumaa Dandaʼuu fi Hoolichi mana qulqullummaa ishii waan taʼaniif, ani ishii keessatti mana qulqullummaa hin argine. Ulfinni Waaqayyoo waan ishiidhaaf ibsuuf, Hoolichis ibsaa ishii waan taʼeef, aduunis taate addeessi ishiidhaaf ibsuun isaan hin barbaachisu.” (Mul. 21:22, 23) Warri kutaa Yerusaalem Haaraa taʼan Yihowaa wajjin taʼu. (Ibr. 7:27; Mul. 22:3, 4) Kanaafuu, Yihowaa fi Yesuus mana qulqullummaa magaalaa sanaa taʼu.

Qophiiwwan ‘lagaa’ fi ‘mukeetiitti’ fakkeeffaman irraa faayidaa kan argatan eenyufaʼi? (Keeyyata 16-17 ilaali)

16. Ilmaan namootaa yeroo Bulchiinsa Barkumee Mootummaa Waaqayyootti maal argatu?

16 Dibamtoonni waaʼee magaalaa kanaa yaaduun isaan gammachiisa. Haa taʼu malee, warri abdii lafarra jiraachuu qabanis magaalaa kanaaf xiyyeeffannaa kennuu qabu. Yeroo Bulchiinsa Barkumee Mootummaa Waaqayyootti Yerusaalem Haaraan lafaaf eebba hedduu argamsiisti. Yohaannis eebbawwan kun akkuma “laga bishaan jireenyaa” akka yaaʼan argeera. Lagicharraa garanaa fi garasiin “mukeetiin jireenyaa” baala “saboota fayyisuuf [gargaaru]” godhatan akka jiranis argeera. (Mul. 22:1, 2) Ilmaan namootaa yeroo sana jiraatan hundi qophii kanarraa faayidaa ni argatu. Dhumarrattis, ilmaan namootaa ajajamoo taʼan hundi cubbuurraa walaba taʼu. Yeroo sanatti dhukkubnis taʼe dhiphinni hin jiraatu, akkasumas sababa gaddaatiin imimmaan keenya hin dhangalaasnu.—Mul. 21:3-5.

17. Mulʼata 20:11-13 irratti akka ibsametti, namoonni yeroo Bulchiinsa Barkumeetti faayidaa argatan eenyufaʼi?

17 Qophiiwwan dinqisiisoo taʼan kanarraa faayidaa kan argatan eenyufaʼi? Warri jalqabarratti faayidaa argatan tuuta uummataa guddaa Armaagedoon irraa oolanii fi ijoollee addunyaa haaraa keessatti dhalatanidha. Mulʼata boqonnaa 20 irratti namoonni duʼan duʼaa akka kaafamanis ibsameera. (Mulʼata 20:11-13 dubbisi.) “Qajeelonni” amanamummaa isaanii eeganii duʼanii fi “jalʼoonni” waaʼee Yihowaa barachuuf carraa hin arganne lafarra akka jiraataniif duʼaa kaafamu. (HoE. 24:15; Yoh. 5:28, 29) Kana jechuun namoonni duʼan hundi yeroo Bulchiinsa Barkumeetti lafarra akka jiraataniif duʼaa ni kaafamu jechuudhaa? Akkas jechuu miti. Namoonni duʼuu isaanii dura carraa Yihowaa tajaajiluuf qaban hamminaan of dabarsan duʼaa hin kaafaman. Carraa argatanitti utuu hin fayyadamin hafuudhaan lafa jannata taaterra jiraachuuf gaʼumsa akka hin qabne argisiisaniiru.—Mat. 25:46; 2 Tas. 1:9; Mul. 17:8; 20:15.

QORUMSA DHUMAA

18. Xumura waggaa 1,000 irratti haalli namoota lafarra jiraatanii maal fakkaata?

18 Xumura waggaa 1,000 irratti namoonni lafarra jiraatan hundi cubbuu irraa walaba taʼu. Sana booda namni cubbuu Addaam irraa dhaalleen kan kaʼe dhiibbaan isarra gaʼu hin jiraatu. (Rom. 5:12) Abaarsi sababa cubbuu Addaam raawwateen dhufes guutummaatti haqameera. Kana jechuun, xumura waggaa 1,000 irratti namoonni lafarra jiraatan hundi cubbuu irraa walaba waan taʼaniif ‘gara jireenyaatti deebiʼu’ jechuudha.—Mul. 20:5.

19. Qorumsi dhumaa kan barbaachise maaliifi?

19 Yesuus carraaqqii Seexanni ejjennoo isaa laaffisuuf godhe akka dandamate beekna. Yeroo qorumsi isarra gaʼetti amanamummaa isaa eegeera. Haa taʼu malee, namoonni cubbuu irraa walaba taʼan hundi yeroo Seexanni isaan qoruuf yaalutti amanamummaa isaanii ni eeguu? Xumura waggaa 1,000 irratti yeroo Seexanni qilee keessaa gadhiifamutti tokkoon tokkoon isaanii Yihowaadhaaf amanamoo taʼuu isaanii argisiisuuf carraa ni argatu. (Mul. 20:7) Namoonni yeroo qorumsa dhumaa kanatti amanamummaa isaanii eegan jireenya bara baraa argatu, akkasumas bilisummaa dhugaa qabaatanii gammachuudhaan jiraatu. (Rom. 8:21) Namoonni Yihowaa irratti fincilan immoo Diyaabilosii fi jinniiwwan isaa wajjin bara baraaf balleeffamu.—Mul. 20:8-10.

20. Raajiiwwan dinqisiisoo kitaaba Mulʼataa keessatti ibsaman ilaalchisee maaltu sitti dhagaʼama?

20 Yaadawwan kitaaba Mulʼataa keessatti ibsaman kana erga ilaallee booda maaltu sitti dhagaʼame? Raajiiwwan dinqisiisoo taʼan kana keessatti of arguun kee si hin gammachiisnee? Warri kaanis nu wajjin waaqeffannaa qulqulluu irratti akka hirmaatan affeeruuf si hin kakaasnee? (Mul. 22:17) Nutis wantoota dhiheenyatti raawwataman irratti yeroo yaannu akkuma Yohaannis ergamaa, “Ameen! Gooftaa Yesuus, kottu” jechuuf kakaana.—Mul. 22:20.

FAARFANNAA 27 Mulʼachuu Ilmaan Waaqayyoo

^ Kun mata duree waaʼee kitaaba Mulʼataa ibsu isa dhumaati. Mata duree kana keessatti akkuma ilaallu, namoonni Yihowaadhaaf amanamoo taʼanii jiraatan egeree gammachiisaa qabaatu, namoonni bulchiinsa Waaqayyoo morman immoo badiisa qaanessaatu isaanirra gaʼa.