Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

MATA DUREE QOʼANNAA 19

Kitaabni Mulʼataa Yeroo Harʼaatti Siif Hiika Maalii Qaba?

Kitaabni Mulʼataa Yeroo Harʼaatti Siif Hiika Maalii Qaba?

“Namni dubbii raajii kanaa sagalee isaa ol kaasee dubbisu [gammadaa dha].”—MUL. 1:3.

FAARFANNAA 15 Ilma Yihowaa Isa Angafa Jajadhaa!

QABIYYEE *

1-2. Sababiin kitaaba Mulʼataatiif xiyyeeffannaa kennuu itti qabnu tokko maalidha?

 MANA namaatti albamii suuraa akka ilaaltu affeeramtee beektaa? Suuraawwan sana yeroo ilaaltu namoota hin beekne hedduu argita. Keessumaa suuraan tokko xiyyeeffannaa kee harkise. Maaliif? Sababiin isaas, atis suuraa sana keessa jirta. Suuraa kana yeroo ilaaltu yoomii fi eessatti akka kaatan yaadachuuf, akkasumas namoota suuraa sana irratti mulʼatan adda baafachuuf yaalta. Suuraan sun siif hiika addaa qaba.

2 Kitaabni Mulʼataas akkuma suuraa kanaati. Maaliif? Yoo xinnaate sababii lamaan kan kaʼe dha. Tokkoffaa, kitaabichi nuuf barreeffame. Kitaabichi yeroo jalqabu, “Wanta dhiheenyatti taʼuu qabu garboota isaatti argisiisuuf mulʼata Waaqayyo Yesuus Kiristoositti kennee fi karaa isaa mulʼise” jedha. (Mul. 1:1) Kanaafuu, kitaabni kun kan barreeffame dimshaashumatti namoota hundaaf utuu hin taʼin, nu warra Waaqayyoon tajaajilluufi. Saba Waaqayyoo waan taaneef, raajiiwwan kitaaba dinqisiisaa kana keessatti argaman akka raawwataman gumaacha gochaa jirra. Jecha biraatiin suuraa sana keessatti of argaa jirra.

3-4. Kitaaba Mulʼataa keessatti akka galmeeffametti raajiiwwan achi keessatti argaman kan raawwataman yoomi? Kun hoo maal gochuuf nu kakaasuu qaba?

3 Sababiin inni lammaffaan immoo, yeroo itti raajiiwwan kun raawwatamanii wajjin wal qabata. Yohaannis ergamaan, “Hafuuraan guutamee gara guyyaa Gooftaatti [nan] geeffame” jechuudhaan raajiiwwan kun yoom akka raawwataman ibseera. (Mul. 1:10) Yohaannis Dh.K.B. bara 96​tti yaada kana yeroo barreessu ‘guyyaan Gooftaa’ jalqabuuf waggoonni hedduun ni hafu turan. (Mat. 25:14, 19; Luq. 19:12) Haa taʼu malee, akka raajiin Kitaaba Qulqulluu argisiisutti guyyaan sun kan jalqabe bara 1914 yeroo Yesuus samii keessatti Mootii taʼetti dha. Yeroo sanaa kaasee raajiiwwan kitaaba Mulʼataa saba Waaqayyoo ilaallatan raawwatamuu jalqaban. Eeyyee, “guyyaa Gooftaa” keessa jiraachaa jirra!

4 Yeroo adda taʼe keessa jiraachaa waan jirruuf gorsa jaalala irratti hundaaʼee fi Mulʼata 1:3 irratti argamuuf xiyyeeffannaa kennuu qabna; caqasichi akkana jedha: “Yeroon murteeffame sun waan dhihaateef, namni dubbii raajii kanaa sagalee isaa ol kaasee dubbisu, namoonni dubbii raajii kanaa dhagaʼanii fi wantoota achi keessatti barreeffaman eegan gammadoo dha.” Eeyyee, ‘dubbii raajii kanaa sagalee keenya ol kaasnee dubbisuu, dhagaʼuu fi eeguu’ qabna. Wantoonni eeguun ykn hojiirra oolchuun nu barbaachisu tokko tokko maalfaʼi?

WAAQEFFANNAAN KEE FUDHATAMA AKKA ARGATU MIRKANEEFFADHU

5. Kitaabni Mulʼataa waaqeffannaan keenya Yihowaa duratti fudhatama akka argatu mirkaneeffachuun barbaachisaa taʼuusaa kan ibsu akkamitti?

5 Yesuus wanta gumiiwwan saba isaa keessatti raawwatamu hunda akka beeku Mulʼata boqonnaa tokko irraa hubachuu dandeenya. (Mul. 1:12-16, 20; 2:1) Yesuus ergaa gumiiwwan Eeshiyaa Xinnoo keessatti argaman torbaaf erge irratti kana ifa godheera. Ergaawwan sana keessatti Kiristiyaanonni jaarraa jalqabaa waaqeffannaan isaanii Yihowaa biratti fudhatama kan qabu taʼuusaa akka mirkaneeffatan gargaaruuf qajeelfama ifa taʼe kenneera. Kana malees, wanti ergaawwan sana keessatti dubbatame saba Waaqayyoo yeroo harʼaa jiran hundaafis ni hojjeta. Maarree, barumsa akkamii arganna? Kiristoos Yesuus inni Geggeessaa keenya taʼe karaa hafuuraa haala akkamiirra akka jirru sirriitti beeka. Inni nu geggeessa, akkasumas nu eega; wanti ija isaa jalaa dhokatu tokkoyyuu hin jiru. Yihowaa duratti fudhatama argachuu keenya itti fufuuf maal gochuu akka qabnu beeka. Maarree, qajeelfama yeroo harʼaatti hojiirra oolchuu qabnu akkamii nuu kenneera?

6. (a) Mulʼata 2:3, 4 irratti akka ibsametti gumiin Efesoon rakkina akkamii qaba ture? (b) Nuti kanarraa maal baranna?

6 Mulʼata 2:3, 4 dubbisi. Jaalala jalqabarratti Yihowaadhaaf qabnu dhiisuu hin qabnu. Ergaan Yesuus gumii Efesooniif erge obboloonni gumicha keessatti argaman jabaatanii akka dhaabbatanii fi rakkina hedduu dandamatanii Yihowaa tajaajiluu isaanii akka itti fufan ibsa. Taʼus, jaalala jalqabarratti qaban dhiisaniiru. Jaalala jalqabarratti qaban sana haaressuun isaan barbaachisa ture; taʼuu baannaan garuu waaqeffannaan isaanii fudhatama hin argatu. Haaluma wal fakkaatuun, yeroo harʼaas jabaannee dhaabbachuu malees wanti nurraa eegamu jira. Sababii sirriidhaan kakaanee jabaannee dhaabbachuu qabna. Waaqni keenya wanta goonerratti qofa utuu hin taʼin, sababii wanta sana gochuuf nu kakaaserrattis ni xiyyeeffata. Waaqeffannaan keenya jaalalaa fi dinqisiifannaa guddaa isaaf qabnurratti akka hundaaʼu waan barbaaduuf, kakaʼumsa keenyaaf iddoo guddaa kenna.—Fak. 16:2; Mar. 12:29, 30.

7. (a) Mulʼata 3:1-3 irratti akka ibsametti gumiin Sardees rakkina akkamii qaba ture? (b) Nutoo maal gochuu qabna?

7 Mulʼata 3:1-3 dubbisi. Yeroo hunda dammaqoo taanee jiraachuu qabna. Miseensonni gumii Sardees immoo rakkina kanarraa adda taʼe qabu turan. Sana dura karaa hafuuraa dammaqoo kan turan taʼus, yeroo booda tajaajila Waaqayyootiif dantaa dhabuu jalqaban. Kanaafuu, Yesuus akka ‘dammaqan’ isaanitti himeera. Kun akeekkachiisa akkamii nuuf taʼa? Yihowaan hojii keenya akka hin irraanfanne beekamaa dha. (Ibr. 6:10) Taʼus, wanti kanaan dura Yihowaa tajaajiluuf goone gaʼaa akka taʼe nutti dhagaʼamuu hin qabu. Haalli keenya isa kanaan duraa caalaa kan daangeffame taʼus, hamma dhumaatti dammaqoo taanee jiraachuudhaan “hojiin Gooftaa” kan nuuf baayʼate taʼuu qabna.—1 Qor. 15:58; Mat. 24:13; Mar. 13:33.

8. Wanta Yesuus obboloota Lodooqiyaa keessa turaniin jedherraa maal baranna? (Mulʼata 3:15-17)

8 Mulʼata 3:15-17 dubbisi. Hinaaffaa fi garaa guutuudhaan Yihowaa waaqeffachuu qabna. Ergaan Yesuus warra Lodooqiyaa keessa jiraniif erge rakkina kan biraas akka qaban argisiisa. Waaqeffannaa isaaniirratti akkuma bishaan “laphii” taʼanii turan. Dantaa dhabuu isaaniitiin kan kaʼe Yesuus gumichi ‘deegaa fi rakkataa’ akka taʼe dubbateera. Yihowaa fi waaqeffannaa isaatiif hinaaffaa guddaa qabaachuun isaan barbaachisa ture. (Mul. 3:19) Kanarraa barumsa akkamii arganna? Hinaaffaan keenya hamma tokko yoo hirʼate, dinqisiifannaa wantoota hafuuraatiif qabnu guddifachuu qabna. (Mul. 3:18) Jireenya qananii jiraachuuf jennee jireenya keenya keessatti sochiiwwan hafuuraatiif iddoo lammaffaa kennuu hin barbaannu.

9. Ergaa Yesuus Kiristiyaanota Phergaamoonii fi Tiyaaxiraa keessatti argamaniif ergerraa akka hubannutti balaa akkamiirraa of eeguu qabna?

9 Barumsa gantootaarraa fagaachuu qabna. Yesuus namoonni gumii Phergaamoon keessa jiran tokko tokko wal qoqqoodinsa waan babalʼisaniif isaan komateera. (Mul. 2:14-16) Namoonni gumii Tiyaaxiraa keessatti argaman “wantoota Seexanaa gad fagoo” taʼanirraa waan fagaataniif isaan galateeffateera, dhugaa ‘jabeessanii akka qabatanis’ isaan jajjabeesseera. (Mul. 2:24-26) Kiristiyaanonni karaa hafuuraa dadhaboo taʼanii fi barumsa sobaa hordofuu jalqaban yaada geddarachuun isaan barbaachisa ture. Nutoo? Barumsa yaada Yihowaa wajjin walfaallessu kamirraayyuu fagaachuu qabna. Gantoonni ‘Waaqa kan sodaatan fakkaachuu’ dandaʼu; “humna isaa garuu ni ganu.” (2 Xim. 3:5) Dubbii Waaqayyoo akka gaariitti kan qoʼannu yoo taʼe barumsawwan sobaa salphaatti adda baafachuu fi irraa fagaachuu dandeenya.—2 Xim. 3:14-17; Yih. 3, 4.

10. Wanta Yesuus gumiiwwan Phergaamoonii fi Tiyaaxiraatti dubbaterraa barumsa dabalataa akkamii arganna?

10 Halalummaa gosa hundumaarraa fagaachuu qabna. Gumii Phergaamoonii fi Tiyaaxiraa keessa rakkinni kan biraanis jira ture. Yesuus namoonni gumiiwwan kana keessa jiran tokko tokko halalummaa irraa waan hin fagaanneef isaan komateera. (Mul. 2:14, 20) Kanarraa barumsa akkamii arganna? Waggoota hedduudhaaf Yihowaa kan tajaajillee fi yeroo ammaatti mirgoota hedduu kan qabnu yoo taʼellee Yihowaan gocha halalummaa raawwannu kamiyyuu callisee akka bira nuu darbu eeguu hin qabnu. (1 Sam. 15:22; 1 Phe. 2:16) Ulaagaaleen addunyaa kanaa hammamiyyuu yoo mancaʼan, ulaagaalee naamusaa isaa warra ol aanoo akka hordofnu nurraa eega.—Efe. 6:11-13.

11. Wantoota hanga ammaatti ilaallerraa maal baranne? (Saanduqa, “ Barumsa Yeroo Harʼaatiif Taʼu” jedhus ilaali.)

11 Wanta hanga ammaatti ilaallerraa barumsa akkamii arganna? Waaqeffannaan keenya Yihowaa duratti fudhatama kan argatu taʼuusaa mirkaneeffachuun barbaachisaa akka taʼe ilaalleerra. Wanta waaqeffannaan keenya fudhatama akka hin arganne godhu raawwachaa jirra yoo taʼe, jijjiirama gochuuf dafnee tarkaanfii fudhachuu qabna. (Mul. 2:5, 16; 3:3, 16) Haa taʼu malee, Yesuus ergaa gumiiwwan kanaaf ergerratti wanta kan biraas caqaseera. Wanti kun maalidha?

ARIʼATAMA DANDAMACHUUF FEDHII QABAADHU

Seexanni samii irraa erga gad darbatamee booda saba Waaqayyoorratti haleellaa kan bane akkamitti? (Keeyyata 12-16 ilaali)

12. Wanta Yesuus obboloota gumii Simirnaa fi Filaadelfiyaatiin jedherraa maal baranna? (Mulʼata 2:10)

12 Mee ammammoo ergaa Yesuus gumiiwwan Simirnaa fi Filaadelfiyaatiif erge haa ilaallu. Kiristiyaanonni gumii kana keessatti argaman amanamoo taʼuunsaanii badhaasa waan isaaniif argamsiisuuf ariʼatama sodaachuu akka hin qabne isaanitti himeera. (Mulʼata 2:10 dubbisi; 3:10) Kanarraa barumsa akkamii arganna? Ariʼatamni akka nurra gaʼu eeguu qabna; yeroo nurra gaʼus dandamachuuf fedhii qabaachuu qabna. (Mat. 24:9, 13; 2 Qor. 12:10) Yaadachiisni kun barbaachisaa kan taʼe maaliifi?

13-14. Taʼeewwan Mulʼata boqonnaa 12 irratti ibsaman saba Waaqayyoo irratti dhiibbaa akkamii geessisan?

13 Kitaabni Mulʼataa sabni Waaqayyoo “guyyaa Gooftaatti,” jechuunis bara keenyatti ariʼatamni akka isaanirra gaʼu dubbata. Mulʼanni boqonnaan 12 Mootummaan Waaqayyoo akkuma dhalateen samii keessatti waraanni akka kaʼe dubbata. Mikaaʼel, jechuunis Yesuus Kiristoosii fi raayyaan isaa Seexanaa fi jinniiwwan irratti waraana banan. (Mul. 12:7, 8) Kanaan kan kaʼes, diinonni Waaqayyoo kun moʼamanii gara lafaatti gad darbataman; kunis lafaa fi jiraattota ishii irratti rakkina hangana hin jedhamne fideera. (Mul. 12:9, 12) Maarree kun saba Waaqayyoo irratti dhiibbaa akkamii geessise?

14 Kitaabni Mulʼataa itti aansuudhaan Seexanni maal akka godhe dubbata. Sana booda gara samii dhaquu waan hin dandeenyeef, dibamtoota lafarratti hafan irratti waraana bane; dibamtoonni kun lafarratti bakka buutota Mootummaa Waaqayyoo warra “waaʼee Yesuus dhugaa akka baʼan hojiin isaaniif kenname” dha. (Mul. 12:17; 2 Qor. 5:20; Efe. 6:19, 20) Raajiin kun kan raawwatame akkamitti?

15. ‘Dhugaa baatota lamaan’ Mulʼata boqonnaa 11 irratti ibsamanitti kan fakkeeffaman eenyu faʼi? Wanti isaanirra gaʼe hoo maalidha?

15 Seexanni Kiristiyaanota dibamoo dursa fudhatanii hojii lallaba Mootummichaa geggeessan irratti haleellaa banee ture. Obboloonni kun ‘dhugaa baatota lamaan’ kitaaba Mulʼataa keessatti akka ajjeefaman ibsamanitti fakkeeffamaniiru. * (Mul. 11:3, 7-11) Bara 1918​tti obboloonni itti gaafatamummaa qaban saddeet sobaan himatamanii hidhaan waggoota hedduu isaanitti murtaaʼee ture. Namoonni hedduun hojiin dibamtoonni kun hojjetan akka dhaabbate yaadanii turan.

16. Bara 1919​tti wanta hin eegamne akkamiitu raawwatame? Taʼus, Seexanni yeroo sanaa kaasee maal gochaa jira?

16 Raajiin Mulʼata boqonnaa 11 irratti ibsame ‘dhugaa baatonni sun lamaan’ yeroo muraasa booda gara jireenyaatti akka deebiʼanis ni dubbata. Obboloonni sun hidhamanii waggaa tokko utuu hin guutin raajiin kun karaa nama dinqisiisuun raawwii isaa argateera. Jalqaba bara 1919​tti obboloonni dibamoon kun mana hidhaatii gadhiifaman; yeroo boodas himanni isaanirratti dhihaatee ture ni haqame. Obboloonni kun yeruma sana hojii Mootummichaatti deebiʼan. Haa taʼu malee, kun haleellaan Seexanni saba Waaqayyoo irratti geessisu akka dhaabbatu hin goone. Yeroo sanaa kaasee Seexanni “laga” ariʼatamaa gadhiiseera. (Mul. 12:15) Eeyyee, tokkoon tokkoon keenya ‘jabaannee dhaabbachuu fi amantiin kan nu barbaachisu kana irratti.’—Mul. 13:10.

HOJII YIHOWAAN NUUF KENNE IRRATTI HIRMAANNAA GUUTUU GODHI

17. Sabni Waaqayyoo Seexanni haleellaa kan isaan irratti bane taʼus gargaarsa hin eegamne akkamii argatan?

17 Mulʼanni boqonnaan 12 sabni Waaqayyoo bakka hin eegamne irraa gargaarsa akka argatan dubbata. Kitaabni Mulʼataa “lafti” “laga” ariʼatamaa akka liqimsite dubbata. (Mul. 12:16) Wanti taʼes kanuma. Darbee darbee, dhaabbileen addunyaa Seexanaa tokko tokko, fakkeenyaaf, dhaabbileen seeraa tokko tokko murtii saba Waaqayyoo fayyadu dabarsu. Yeroo baayʼee tajaajiltoonni Yihowaa mana murtiitti injifannoo seeraa hamma tokko bilisummaa isaaniif argamsiisu argataniiru. Maarree, bilisummaa argatan kanatti kan fayyadaman akkamitti? Hojii Yihowaan isaaniif kenne raawwachuuf carraa argatan hundumaatti akka gaariitti fayyadamaniiru. (1 Qor. 16:9) Hojiin kun maalfaa dabalata?

Ergaawwan lamaan sabni Waaqayyoo labsaa jiran maalfaʼi? (Keeyyata 18-19 ilaali)

18. Guyyoota dhumaa kanatti hojiin keenya inni guddaan maalidha?

18 Yesuus sabni isaa dhumni dhufuu isaa dura ‘misiraachoo Mootummaa Waaqayyoo’ addunyaa maratti akka labsan raajii dubbateera. (Mat. 24:14) Yeroo hojii lallabaa irratti hirmaatan maleekaa tokko ykn garee maleekotaa irraa gargaarsa ni argatu; maleekaan kun “misiraachoo bara baraa warra lafa irra jiraataniif, jechuunis saba, gosa, qooqaa fi nama hundumaaf labsu” akka qabate ibsameera.—Mul. 14:6.

19. Namoonni Yihowaa jaallatan ergaa kan biraa akkamii labsuu qabu?

19 Ergaan sabni Waaqayyoo lallaban misiraachoo Mootummichaa qofa miti. Hojii maleekonni Mulʼata boqonnaa 8 hanga 10 irratti ibsaman raawwatanis deggeruu qabu. Maleekonni kun dhaʼichawwan namoota Mootummaa Waaqayyoo hin deggerre irra gaʼan beeksisu. Kanaafuu, Dhugaa Baatonni Yihowaa ergaa murtii “cabbii fi ibiddatti” fakkeeffame labsaa jiru; ergaan kun murtii Waaqayyo kutaalee addunyaa Seexanaa garaa garaa irratti dabarsu argisiisa. (Mul. 8:7, 13) Namoonni jireenya isaanii irratti jijjiirama guddaa gochuudhaan guyyaa dheekkamsa Yihowaa irraa ooluuf dhumni akka dhihaate beekuun isaan barbaachisa. (Sef. 2:2, 3) Haa taʼu malee, ergaan kun namoota baayʼee biratti fudhatama hin argatu. Ergaa kana labsuun ija jabina gaafata. Ergaan murtii inni dhumaa yeroo rakkina guddaatti lallabnummoo caalaatti namoota kan aarsu taʼa.—Mul. 16:21.

DUBBII RAAJII KANAA EEGI

20. Mata dureewwan itti aanan lamaan irratti maal ilaalla?

20 Raajiin kitaaba Mulʼataa keessatti argamu akka raawwatamu gochuu irratti gaʼee waan qabnuuf, “dubbii raajii kanaa” eeguun keenya baayʼee barbaachisaa dha. (Mul. 1:3) Haa taʼu malee, ariʼatama amanamummaadhaan dandamachuu fi ergaawwan kana ija jabinaan labsuu keenya itti fufuu kan dandeenyu akkamitti? Wantoota lama, jechuunis tokkoffaa, wanta kitaabni Mulʼataa diinota Waaqayyoo ilaalchisee dubbatu, akkasumas lammaffaa, eebbawwan amanamoo taanee yoo itti fufne gara fuulduraatti nu eeggatan beekuun keenya nu jajjabeessa. Mata dureewwan itti aanan lamaan irratti waaʼee kanaa ilaalla.

FAARFANNAA 32 Yihowaa Deggeri!

^ Yeroon keessa jiraannu yeroo adda taʼe dha. Raajiiwwan kitaaba Mulʼataa keessatti argaman yeroo harʼaatti raawwii isaanii argachaa jiru. Raajiiwwan kun kan nu ilaallatan akkamitti? Mata duree kanaa fi mata dureewwan itti aanan lamaan irratti qabxiilee kitaaba Mulʼataa keessatti argaman tokko tokko irratti mariʼanna. Mata dureewwan kun wantoota kitaaba Mulʼataa keessatti ibsaman hojii irra oolchuudhaan waaqeffannaan keenya Yihowaa biratti fudhatama akka qabaatu gochuu kan dandeenyu akkamitti akka taʼe hubachuuf nu gargaaru.

^ “Gaaffii Dubbistootaa” Masaraa Eegumsaa Sadaasa 15, 2014, ful. 30 irratti baʼe ilaali.