Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

MATA DUREE QOʼANNAA 22

Ogummaa Jireenya Keenya Nuuf Qajeelchu

Ogummaa Jireenya Keenya Nuuf Qajeelchu

“Yihowaan ogummaa ni kenna.”—FAK. 2:6.

FAARFANNAA 89 Dhagaʼi, Ajajami, ni Eebbifamta

QABIYYEE *

1. Hundi keenya iyyuu ogummaan Waaqayyo biraa argamu kan nu barbaachisu maaliifi? (Fakkeenya 4:7)

 KANAAN dura jireenya kee keessatti murtoo guddaa gooteetta yoo taʼe, ogummaan baayʼee waan si barbaachisuuf akka siif kennu Yihowaa akka kadhatte hin shakkisiisu. (Yaq. 1:5) Solomoon Mootichi, ‘ogummaan wanta baayʼee barbaachisaa akka taʼe’ barreesseera. (Fakkeenya 4:7 dubbisi.) Solomoon as irratti dubbachaa kan jiru waaʼee ogummaa namootaa utuu hin taʼin waaʼee ogummaa Waaqa keenya Yihowaa biraa argamuuti. (Fak. 2:6) Haa taʼu malee, ogummaan Waaqayyo biraa argamu rakkina guyyaa guyyaadhaan nu mudatu dandamachuuf nu gargaaraa? Eeyyee, nu gargaara. Mata duree kana keessatti waaʼee kanaa ilaalla.

2. Karaan dhugumaan ogeeyyii taʼuu itti dandeenyu tokko maalidha?

2 Karaan dhugumaan ogeeyyii taʼuu itti dandeenyu tokko, barumsa namoonni ogeeyyii taʼuu isaaniitiin beekaman lamaan barsiisan qoʼachuu fi hojiirra oolchuudha. Jalqaba irratti waaʼee Solomoon ilaalla. Kitaabni Qulqulluun, “Waaqayyos ogummaa fi hubannaa guddaa . . . Solomooniif ni kenne” jedha. (1 Mot. 4:29) Itti aansuudhaan immoo waaʼee Yesuus isa namoota hunda caalaa ogeessa taʼee ilaalla. (Mat. 12:42) Yesuusiin ilaalchisee raajiin, “Hafuurri Yihowaa isa irra ni buufata, hafuurri ogummaa fi hafuurri hubannaa . . . isa irra ni buufata” jedhu dubbatameera.—Isa. 11:2.

3. Mata duree kana keessatti maal ilaalla?

3 Solomoonii fi Yesuus ogummaa Waaqayyo isaaniif kennetti fayyadamuudhaan dhimmoota hunda keenya ilaallatan irratti gorsa gaarii kennaniiru. Mata duree kana keessatti sadan isaanii irratti xiyyeeffanna. Maallaqaaf, hojii fi ofii keenyaaf ilaalcha madaalamaa qabaachuun barbaachisaa kan taʼe maaliif akka taʼe ilaalla.

MAALLAQAAF ILAALCHA MADAALAMAA QABAACHUU

4. Qabeenyaa wajjin haala walqabateen Solomoonii fi Yesuus garaa garummaa akkamii qabu turan?

4 Solomoon baayʼee sooressa waan tureef jireenya qananii jiraata ture. (1 Mot. 10:7, 14, 15) Faallaa kanaatiin garuu Yesuus wanti inni qabu muraasadha; mana keessa jiraatus hin qabu. (Mat. 8:20) Haa taʼu malee, lamaan isaanii iyyuu ogummaa Yihowaa irraa argamu waan qabaniif qabeenyaaf ilaalcha madaalamaa qabu.

5. Solomoon maallaqaaf ilaalcha madaalamaa akkamii qaba ture?

5 Solomoon maallaqni “eegumsa [akka] argamsiisu” dubbateera. (Lal. 7:12) Maallaqa yoo qabaanne wantoota jireenyaaf nu barbaachisanii fi wantoota barbaannu tokko tokko ittiin bitachuu dandeenya. Haa taʼu malee, Solomoon baayʼee sooressa taʼus, wanti maallaqa caalaa barbaachisaa taʼe akka jiru hubateera. Fakkeenyaaf, “Qabeenya guddaa mannaa maqaa gaariin filatamaa dha” jedhee barreesseera. (Fak. 22:1) Kana malees, Solomoon namoonni maallaqa jaallatan yeroo baayʼee wanta qabanitti akka hin gammanne hubateera. (Lal. 5:10, 12) Maallaqa hammamii iyyuu yoo qabaanne akkuma tasaa dhabuu waan dandeenyuuf maallaqatti amanamuu akka hin qabne akeekkachiiseera.—Fak. 23:4, 5.

Ilaalchi qabeenyaaf qabnu jireenya keenya keessatti Mootummichaaf dursa akka hin kennine dhiibbaa nurratti gochaa jiraa? (Keeyyata 6-7 ilaali) *

6. Yesuus qabeenyaaf ilaalcha madaalamaa akkamii qaba ture? (Maatewos 6:31-33)

6 Yesuus qabeenyaaf ilaalcha madaalamaa qaba ture. Nyaachuu fi dhuguunis isa gammachiisa ture. (Luq. 19:2, 6, 7) Yeroo tokko dinqii raawwate isa jalqabaa irratti bishaan gara daadhii wayinii gaarii taʼeetti jijjiireera. (Yoh. 2:10, 11) Guyyaa ajjeefametti uffata gatii guddaa qabu uffatee ture. (Yoh. 19:23, 24) Taʼus, Yesuus jireenya isaa keessatti iddoo guddaa kan kennu qabeenyaaf hin turre. Duuka buutota isaatiin, “Namni gooftolii lamaaf garbicha taʼuu dandaʼu hin jiru . . . Waaqayyoo fi Qabeenyaaf garbicha taʼuu hin dandeessan” jedheera. (Mat. 6:24) Yesuus Mootummichaaf dursa yoo kennine Yihowaan wanta nu barbaachisu akka nuuf kennu barsiiseera.—Maatewos 6:31-33 dubbisi.

7. Obboleessi tokko maallaqaaf ilaalcha madaalamaa qabaachuu isaatiin kan fayyadame akkamitti?

7 Obboloonnii fi obboleettonni keenya hedduun gorsa Yihowaan maallaqa ilaalchisee kenne hojiirra oolchuudhaan faayidaa guddaa argataniiru. Mee obboleessa qeenxee Daaniʼel jedhamu akka fakkeenyaatti haa ilaallu. “Umurii waggoota kurnanii keessa yeroon turetti jireenya koo keessatti sochiiwwan hafuuraatiif dursa kennuuf murteesseen ture” jedheera. Daaniʼel jireenya isaa salphaa waan godheef yeroo isaa fi dandeettii isaa tajaajila Yihowaatiif oolchuu dandaʼeera. Akkana jedheera: “Murtoo kootti matumaa akkan hin gaabbine afaan guutee dubbachuu nan dandaʼa. Jireenya koo keessatti maallaqaaf iddoo guddaan kenna utuu taʼee, maallaqa hedduu argachuu akkan dandaʼu beeka. Taʼus, maallaqni michoota akkasii naaf argamsiisuu dandaʼaa? Gammachuun jireenya koo keessatti Mootummichaaf dursa kennaa akkan jiru beekuu kootiin argadhes naaf argamsiisuu hin dandaʼu. Maallaqni hammamii iyyuu eebban Yihowaa irraa argadhee wajjin walgituu hin dandaʼu.” Ifatti hubachuun akka dandaʼamutti faayidaa kan nuuf argamsiisu maallaqa irratti utuu hin taʼin wantoota hafuuraa irratti xiyyeeffachuudha.

HOJIIDHAAF ILAALCHA MADAALAMAA QABAACHUU

8. Solomoon hojiidhaaf ilaalcha madaalamaa akka qabu akkamitti beekna? (Lallaba 5:18, 19)

8 Solomoon gammachuun jabaatanii hojjechuudhaan argamu “kennaa Waaqayyoo” akka taʼe ibseera. (Lallaba 5:18, 19 dubbisi.) “Hojiin ciminaan hojjetamu kam iyyuu buʼaa qaba” jedhee barreesseera. (Fak. 14:23) Solomoon wanti dubbate kun dhugaa taʼuusaa jireenya isaa keessatti argeera. Solomoon nama jabaatee hojjetu ture. Manneen ijaareera, mukeetii wayinii dhaabeera, akkasumas iddoowwan biqiltuu fi bishaan kuufamaa qopheesseera. Magaalota illee ijaareera. (1 Mot. 9:19; Lal. 2:4-6) Akkanatti jabaatee hojjechuun isaa gammachuu akka isaaf argamsiise hin shakkisiisu. Taʼus, Solomoon dhuguma gammachuu argachuuf wanta dabalataa gochuun akka isa barbaachisu beeka ture. Yihowaa tajaajiluufis wantoota hedduu godheera. Fakkeenyaaf, mana qulqullummaa bareedaa Yihowaan itti waaqeffatamu ijaareera; hojiin ijaarsaa kun waggaa torba fudhateera! (1 Mot. 6:38; 9:1) Solomoon jireenya isaa keessatti wantoota hedduu erga raawwatee booda wanti hundumaa caalaa barbaachisaa taʼe Yihowaa tajaajiluu akka taʼe hubateera. “Xumurri wanta dhagaʼame hundumaa kana dha: Waaqa dhugaa sodaadhu, ajajawwan isaas eegi” jedhee barreesseera.—Lal. 12:13.

9. Yesuus hojii anaaxii taʼee hojjetuuf ilaalcha madaalamaa akka qabu kan argisiise akkamitti?

9 Yesuus jabaatee hojjeta ture. Yeroo lafa irra turetti dargaggummaa isaatti anaaxii taʼee hojjeteera. (Mar. 6:3) Warri isaa maatii isaanii isa balʼaa taʼeef wanta barbaachisu guutuuf carraaqqii godhan irratti isaan gargaaruu isaatti akka gammadan hin shakkisiisu. Yesuus nama mudaa hin qabne waan tureef hojiin isaas mudaa hin qabu; kanaafuu, namoonni hedduun wantoota inni hojjetu argachuu akka barbaadan tilmaamuu dandeenya. Yesuusis hojii isaa akka jaallatu ifadha. Yesuus nama jabaatee hojjetu taʼus, sochiiwwan hafuuraatiif yeroo ni ramada ture. (Yoh. 7:15) Tajaajila isaa yeroo guutuu erga jalqabee boodas dhaggeeffattoota isaatiif gorsa, “Nyaata baduuf utuu hin taʼin, nyaata hin badnee fi jireenya bara baraa argamsiisuuf . . . hojjedhaa” jedhu kenneera. (Yoh. 6:27) Lallaba Gaaraa irratti, “Samii keessatti qabeenya kuufadhaa” jedhee barsiiseera.—Mat. 6:20.

Hojii keenyaa fi sochiiwwan tiʼookraasiitiif ilaalcha madaalamaa qabaachuu kan dandeenyu akkamitti? (Keeyyata 10-​11 ilaali) *

10. Obboloonni tokko tokko hojii isaanii wajjin haala wal qabateen rakkina akkamiitu isaan mudata?

10 Ogummaan Waaqayyo biraa argamu hojiidhaaf ilaalcha madaalamaa qabaachuuf nu gargaara. Kiristiyaanota waan taaneef ‘jabaannee hojii gaarii hojjechuu’ akka qabnu baranneerra. (Efe. 4:28) Yeroo baayʼee namoonni nu hojjechiisan amanamoo akka taanee fi jabaannee akka hojjennu waan arganiif, hojii nuti hojjennuuf iddoo guddaa akka kennan nutti himu taʼa. Kun immoo hogganaan keenya Dhugaa Baatota Yihowaatiif ilaalcha gaarii akka qabaatu waan barbaannuuf, saʼaatii dabalataa hojjechuu akka qabnu akka nutti dhagaʼamu gochuu dandaʼa. Haa taʼu malee, utuma baayʼee hin turin itti gaafatamummaa maatii keessatti qabnuu fi sochiiwwan tiʼookraasii keenya dagachuu dandeenya. Kanaafuu, madaallii keenya eeggachuuf jijjiirama gochuun nu barbaachisa.

11. Obboleessi tokko hojiidhaaf ilaalcha madaalamaa qabaachuu ilaalchisee maal barate?

11 Obboleessi dargaggeessi Wiiliyaam jedhamu hojiidhaaf ilaalcha madaalamaa qabaachuun faayidaa akka qabu obboleessa isa hojjechiisaa ture irraa barateera. Akkana jedheera: “[Obboleessi kun] hojiidhaaf ilaalcha madaalamaa qabaachuu irratti fakkeenya guddaa naaf taʼeera. Jabaatee hojjeta, hojiin isaas qulqullina waan qabuuf maamiltoota isaa biratti maqaa gaarii qaba. Dhuma guyyichaatti garuu hojii isaa dhaabee maatii isaa fi waaqeffannaa isaa irratti qofa xiyyeeffata; obboleessi kun nama gammachuu guddaa qabudha!” *

OFIIF ILAALCHA MADAALAMAA QABAACHUU

12. Solomoon ofiif ilaalcha madaalamaa akka qabu kan argisiise akkamitti ture? Yeroo booda garuu maal godhe?

12 Solomoon yeroo amanamummaadhaan Yihowaa tajaajilaa turetti ofiif ilaalcha madaalamaa qaba ture. Yeroo dargaggeessa turetti gad of qabuudhaan hanqina isaa waan hubateef qajeelfama argachuuf Yihowaa kadhateera. (1 Mot. 3: 7-9) Akkuma mootii taʼeen kooruun balaa akka qabu hubateera. “Koorri kufaatii dura jira, hafuurri of tuulummaas gufannaa dura jira” jedhee barreesseera. (Fak. 16:18) Kan nama gaddisiisu Solomoon yeroo booda gorsa ofii isaatiin barreesse kana utuu hojiirra hin oolchin hafeera. Mootii taʼee yeroo taʼe tokkotti kooraan kakaʼee ulaagaalee Waaqayyoo tuffachuu jalqabe. Fakkeenyaaf, seerota mootota Ibroota taʼaniif kennaman keessaa tokko, “Garaan isaa karaa irraa akka hin jalʼanneef, haadhotii manaa hedduu fuudhuu hin qabu” jedha. (Kes. 17:17) Solomoon gorsa kana tuffachuudhaan haadhotii manaa 700 fi saajjatoota 300 fuudheera; isaan keessaa baayʼeen isaanii waaqolii ormaa waaqeffatu. (1 Mot. 11:1-3) Tarii Solomoon, kun rakkina isatti akka hin finne yaadee taʼuu dandaʼa. Taʼus Solomoon ajajamuu diduu isaatiin kan kaʼe yeroo booda miidhaan isa irra gaʼeera.—1 Mot. 11:9-13.

13. Fakkeenya Yesuus irratti xiinxaluudhaan maal baranna?

13 Yesuus ofiif ilaalcha madaalamaa qaba ture, akkasumas akka gad of qabu argisiiseera. Gara lafaa dhufuu isaa duras tajaajila Yihowaa keessatti wantoota dinqisiisoo taʼan hedduu raawwateera. “Wantoonni samii keessa jiranii fi lafa irra jiran kaan hundi . . . karaa [Yesuus] uumaman.” (Qol. 1:16) Yesuus yeroo cuuphametti wantoota Abbaa isaa wajjin yeroo turetti raawwate yaadateera. (Mat. 3:16; Yoh. 17:5) Kana beekuun isaa garuu akka kooru isa hin goone. Namoota kaan irra akka caalu argisiisuufis yaalii godhee hin beeku. Akkuma barattoota isaatti himetti gara lafaa kan dhufe “warra kaan tajaajiluu fi lubbuu isaa bakka namoota hedduu furii godhee kennuufi malee, akka isa tajaajilaniif miti.” (Mat. 20:28) Kana malees, ofii isaatiin kakaʼee wanta tokko illee hojjechuu akka hin dandeenye gad of qabuudhaan dubbateera. (Yoh. 5:19) Yesuus nama baayʼee gad of qabu ture! Gama kanaan fakkeenya guddaa nuuf taʼa.

14. Ofiif ilaalcha madaalamaa qabaachuu ilaalchisee Yesuus irraa maal baranna?

14 Yesuus duuka buutonni isaa ofiif ilaalcha madaalamaa akka qabaatan barsiiseera. Yeroo tokko Yesuus, “Rifeensi mataa keessanii hundi iyyuu lakkaaʼameera” isaaniin jedhee ture. (Mat. 10:30) Keessumaa yeroo ilaalcha sirrii hin taane ofiif qabaannutti yaanni kun baayʼee nu jajjabeessa. Yaanni kun Abbaan keenya inni samii garaadhaa akka nuuf yaaduu fi iddoo guddaa akka nuuf kennu argisiisa. Yihowaa waaqeffachuu fi addunyaa haaraa keessa bara baraaf jiraachuun akka nuuf hin malle yaaduudhaan matumaa murtii isaa shakkuu hin barbaannu.

Ofiif ilaalcha madaalamaa qabaachuu dhiisuun eebbawwan akkamii nu dhabsiisuu dandaʼa? (Keeyyata 15 ilaali) *

15. (a) Masaraan Eegumsaa tokko akka ibsetti ofiif ilaalcha madaalamaa akkamii qabaachuu qabna? (b) Akka suuraan fuula 24 irra jiru argisiisutti garmalee of irratti kan xiyyeeffannu yoo taʼe eebba akkamii dhabna?

15 Waggaa 15 dura Masaraan Eegumsaa yaada ofii keenyaaf ilaalcha madaalamaa qabaachuu akka qabnu ibsu qabatee baʼee ture. Akkana jedha: “Waaʼee ofii keenyaa garmalee yaaduudhaan kooruu akka hin barbaanne ifadha; haa taʼu malee, ofiif ilaalcha gad aanaa qabaachuus hin barbaannu. Kanaa mannaa, ofii keenyaaf ilaalcha sirrii qabaachuuf yaaluu qabna; kana jechuun cimina keenyas taʼe dadhabina keenya hubachuu qabna jechuudha. Obboleettiin takka akkana jetteetti: ‘Ani nama baayʼee hamtuu miti; nama namoota kaan caalaa gaarii taʼes miti; akkuma namoota kaanii ciminas taʼe dadhabina qaba.’” * Ofii keenyaaf ilaalcha madaalamaa qabaachuun keenya akka nu fayyadu ifadha.

16. Yihowaan qajeelfama ogummaa irratti hundaaʼe kan nuuf kennu maaliifi?

16 Yihowaan karaa Dubbiisaa qajeelfama ogummaa irratti hundaaʼe nuuf kenneera. Inni waan nu jaallatuuf gammadoo akka taanu barbaada. (Isa. 48:17, 18) Filannaan ogummaa irratti hundaaʼe, jechuunis filannaan gammachuu guddaa nuuf argamsiisu jireenya keenya keessatti fedhii Yihowaatiif dursa kennuudha. Akkas kan goonu taanaan rakkina namoota maallaqa, hojii fi of irratti xiyyeeffatan irra gaʼu irraa baraaramna. Hundi keenya iyyuu ogeeyyii taʼuudhaan garaa Yihowaa gammachiisuuf haa murteessinu!—Fak. 23:15.

FAARFANNAA 94 Dubbii Waaqayyootiif ni Galateeffanna

^ Solomoonii fi Yesuus ogummaa guddaa qabu turan. Maddi ogummaa isaanii Yihowaadha. Mata duree kana keessatti maallaqaaf, hojii fi ofii keenyaaf ilaalcha madaalamaa qabaachuu ilaalchisee gorsa Solomoonii fi Yesuus geggeessaa hafuura qulqulluutiin kennan irraa maal akka barannu ilaalla. Obboloonni keenya tokko tokko gorsa Kitaabni Qulqulluun gama kanaan kennu hojiirra oolchuudhaan faayidaa kan argatan akkamitti akka taʼes ni ilaalla.

^ Masaraa Eegumsaa Guraandhala 1, 2015 (Amaariffa) irraa mata duree, “Hojii Kootti Gammaduu Kanan Dandaʼu Akkamitti?” jedhu ilaali.

^ Masaraa Eegumsaa Hagayya 1, 2005 (Amaariffa) irraa mata duree, “Kitaabni Qulqulluun Gammachuu Argachuuf Si Gargaaruu Dandaʼa” jedhu ilaali.

^ IBSA FAKKII: Joonii fi Toom obboloota dargaggoota taʼanii fi gumii tokko keessa tajaajilanidha. Joon konkolaataa isaatiif kunuunsa gochuurratti saʼaatii dheeraa dabarsa. Toom konkolaataa isaa warra kaan gara tajaajilaa fi gara walgaʼii geessuuf itti fayyadama.

^ IBSA FAKKII: Joon saʼaatii dabalataa hojjeta. Hogganaa isaa gaddisiisuu hin barbaadu. Kanaafuu, Joon yeroo hogganaan isaa galgaleessee akka hojjetu isa gaafatu hundatti tole isaaf jedha. Gaafa sana galgala Toom inni tajaajilaa gumii taʼe jaarsa tokko faana taʼuudhaan obboleettii takka jajjabeessaa jiru. Sana dura Toom galgala tokko tokko Yihowaa tajaajiluudhaan waan dabarsuuf hojii dabalataa hojjechuu akka hin dandeenye hogganaa isaatti himeera.

^ IBSA FAKKII: Joon of irratti xiyyeeffateera. Toom inni fedhii isaa caalaa wantoota hafuuraatiif dursa kennu yeroo Galma Walgaʼii Guguddaa suphuu irratti gargaarsa godhetti michoota haaraa horateera.