Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

MATA DUREE QOʼANNAA 23

Warri, Ijoolleen Keessan Yihowaa Akka Jaallatan Gargaaraa

Warri, Ijoolleen Keessan Yihowaa Akka Jaallatan Gargaaraa

“Waaqa kee Yihowaa garaa kee guutuudhaan, lubbuu kee guutuudhaan, sammuu kee guutuudhaan jaalladhu.”—MAT. 22:37.

FAARFANNAA 134 Ijoolleen Waaqayyo Irraa Adaraa Kennaman

QABIYYEE *

1-2. Qajeelfamoonni Kitaaba Qulqulluu haalli keenya yeroo jijjiiramu caalaatti nu fayyaduu kan dandaʼan akkamitti akka taʼe ibsi.

 HIRIYOONNI gaaʼelaa guyyaa cidha isaaniitti haasaa Kitaaba Qulqulluu waaʼee gaaʼelaa ibsu xiyyeeffannaadhaan dhaggeeffatu. Qajeelfamoonni haasaa sana keessatti ibsaman isaaniif haaraa miti. Guyyaa kanaa kaasee garuu isaaniif hiika addaa qabu. Maaliif? Gaaʼela isaanii keessatti qajeelfamoota kana hojiirra waan oolchaniifi.

2 Hiriyoonni gaaʼelaa Kiristiyaanota taʼan ijoollee yeroo godhatanis haallisaa akkasuma. Waggoota hedduudhaaf haasaawwan waaʼee ijoollee guddisuu ibsan baayʼee dhagaʼaniiru. Haa taʼu malee, gorsi haasaawwan kana keessatti kenname amma baayʼee isaan barbaachisa. Amma ijoollee ofiisaanii guddisuu jalqabaniiru. Kunimmoo itti gaafatamummaa guddaadha. Dhugumayyuu haalli keenya jijjiiramuun isaa ilaalcha qajeelfamoota Kitaaba Qulqulluu sirriitti beeknuuf qabnu jijjiiruu dandaʼa. Kiristiyaanni tokko Kitaaba Qulqulluu dubbisuu fi akkuma mootonni Israaʼel ajajamanitti “bara jireenyaa isaa hundumaatti” irratti xiinxaluu kan qabu kanaafi.—Kes. 17:19.

3. Mata duree kana keessatti maal ilaalla?

3 Warri, mirgoota guguddaa Kiristiyaanni tokko qabaachuu dandaʼu keessaa tokko qabdu; kunis ijoollee keessan waaʼee Yihowaa barsiisuudha. Haa taʼu malee, waaʼee Waaqa keenyaa dhugaawwan tokko tokko isaan barsiisuu caalaa wanta dabalataa gochuu barbaaddu. Ijoolleen keessan Yihowaadhaaf jaalala guddaa akka qabaatan gargaaruu barbaaddu. Ijoolleen keessan Yihowaadhaaf jaalala akka horatan gargaaruuf maal gochuu dandeessu? Mata duree kana keessatti, qajeelfamoota Kitaaba Qulqulluu isin gargaaran afur irratti mariʼanna. (2 Xim. 3:16) Warri Kiristiyaanota taʼan tokko tokko gorsa Kitaaba Qulqulluu hojiirra oolchuudhaan kan fayyadaman akkamitti akka taʼes ni ilaalla.

QAJEELFAMOOTA WARRA GARGAARAN AFUR

Yeroo hunda qajeelfama Yihowaa argachuuf carraaquun keessanii fi fakkeenya gaarii isaaniif taʼuun keessan ijoollee keessan irratti dhiibbaa gaarii akkamii godha?(Keeyyata 4, 8 ilaali)

4. Qajeelfamni warri ijoolleen isaanii Yihowaa akka jaallatan gargaaruuf isaan dandeessisu tokko isa kami? (Yaaqoob 1:5)

4 Qajeelfama 1​ffaa: Qajeelfama Yihowaa argachuuf carraaqaa. Yihowaan ogummaa ijoolleen keessan isaaf jaalala akka horatan gargaaruuf isin barbaachisu akka isiniif kennu kadhadhaa. (Yaaqoob 1:5 dubbisi.) Hundumaa caalaa gorsa gaarii isiniif kennuu kan dandaʼu isadha. Sababii akkas itti jennu hedduu qabna. Mee isaan keessaa lama haa ilaallu. Tokkoffaa, Yihowaan Abbaa taʼuudhaan hundumaa caalaa muuxannoo qaba. (Far. 36:9) Lammaffaa, gorsi inni kennu yeroo hundumaa faayidaa argamsiisa.—Isa. 48:17.

5. (a) Jaarmiyaan Yihowaa warra gargaaruuf qophii akkamii godhe? (b) Akkaataa hiriyoonni gaaʼelaa viidiyicha irratti mulʼatan ijoollee isaanii itti guddisan irraa maal barattan?

5 Yihowaan karaa Dubbii isaa fi karaa jaarmiyaa isaa nyaata hafuuraa Kitaaba Qulqulluu irratti hundaaʼee fi ijoolleen keessan akka isa jaallatan ittiin gargaaruu dandeessan hedduu qopheesseera. (Mat. 24:45) Fakkeenyaaf, mata duree walitti aansee baʼuu fi “Gargaarsa Maatiidhaaf Taʼu” jedhu irraa gorsa gaarii argachuu dandeessu. Mata dureen kun waggoota hedduudhaaf barruu Dammaqaa! irratti baʼaa tureera; ammammoo weebsaayitii keenya irratti baʼa. Kana malees, viidiyoowwan jw.org irratti baʼan hedduun warri ijoollee isaanii yeroo guddisan gorsa Yihowaa hojiirra oolchuu kan dandaʼan akkamitti akka taʼe hubachuuf isaan gargaaru. *Fak. 2:4-6.

6. Abbaan tokko qajeelfama innii fi haati manaasaa jaarmiyaa Yihowaa irraa argatan ilaalchisee maal jedhe?

6 Warri hedduun gargaarsa Yihowaan jaarmiyaa isaatti fayyadamee isaaniif godheef dinqisiifannaa akka qaban ibsaniiru. Abbaan Joo jedhamu akkana jedheera: “Ijoollee sadi dhugaa keessatti guddisuun salphaa miti. Anii fi haati manaa koo yeroo hundumaa Yihowaan akka nu gargaaru ni kadhanna. Yeroo baayʼee mata dureen ykn viidiyoon haala nu mudachaa jiruuf taʼu yeroo sirrii taʼetti akka baʼe nutti dhagaʼama. Yeroo hunda gorsa Yihowaatti amanamna.” Joo fi haati manaasaa qophiiwwan kun ijoolleen isaanii Yihowaatti akka dhihaatan akka gargaare hubataniiru.

7. Warri fakkeenya gaarii taʼuuf carraaqqii gochuu kan qaban maaliifi? (Roomaa 2:21)

7 Qajeelfama 2​ffaa: Fakkeenya gaarii isaaniif taʼaa. Ijoolleen warra isaanii xiyyeeffannaadhaan ilaalu; yeroo baayʼees fakkeenya isaanii hordofu. Abbaan ykn haati mudaa hin qabne hin jiran. (Rom. 3:23) Taʼus, warri ogeeyyii taʼan ijoollee isaaniitiif fakkeenya gaarii taʼuuf wanta isaaniif dandaʼame hunda godhu. (Roomaa 2:21 dubbisi.) Abbaan tokko waaʼee ijoollee akkana jedheera: “Akkuma ispoonjii waan hundumaa ofitti fudhatu. Wanti goonu wanta isaan barsiisuuf yaallu wajjin yeroo wal hin simnetti nutti himu.” Kanaafuu, ijoolleen keenya Yihowaa akka jaallatan yoo barbaanne, jaalalli nuti isaaf qabnu cimaa fi ifatti kan mulʼatu taʼuu qaba.

8-9. Wanta Andiriwuu fi Eemaan dubbatan irraa maal barattan?

8 Warri karaa hedduudhaan ijoollee isaanii waaʼee Yihowaa barsiisuu dandaʼu. Wanta obboleessi waggaa 17 Andiriwu jedhamu dubbate hubadhaa: “Warri koo kadhannaan baayʼee barbaachisaa akka taʼe yeroo hunda na barsiisu. Yeroo hunda galgala dursee kophaa koo kanan kadhadhe yoo taʼellee abbaan koo na wajjin kadhata. Warri keenya yeroo hunda, ‘Hamma barbaaddan irra deddeebitanii Yihowaa haasofsiisuu ni dandeessu’ nuun jedhu turan. Kanaan kan kaʼes, kadhannaadhaaf iddoo guddaan kenna; amma gara Yihowaatti kadhannaa dhiheessuunii fi akka Abbaa jaalala qabeessa taʼeetti isa ilaaluun natti hin ulfaatu.” Warri, jaalalli isin Yihowaadhaaf qabdan ijoolleen keessanis akka isa jaallatan isaan gargaaruu akka dandaʼu hin dagatinaa.

9 Mee waaʼee fakkeenya Eemaas haa ilaallu. Yeroo abbaan ishii maatii isaanii dhiisee deemetti liqii hedduu abbaan ishii liqeeffate haati ishii kaffaluu qabdi turte. Eemaan akkana jetteetti: “Haati koo yeroon itti maallaqa gaʼaa hin qabaanne kan jiru taʼus, yeroo hundumaa Yihowaan tajaajiltoota isaa akka kunuunsuu fi wanta isaaniif barbaachisu akka isaaniif guutu dubbatti turte. Wanta dubbattu kanatti akka amantu akkaataa jireenyaa ishii irraa arguu dandaʼeera. Haati koo wanta lallabdu hojiirra ni oolchiti.” Kanarraa maal baranna? Warri haala ulfaataa keessatti illee ijoollee isaaniitiif fakkeenya taʼuudhaan isaan barsiisuu dandaʼu.—Gal. 6:9.

10. Warri Israaʼelota taʼan hedduun ijoollee isaanii wajjin haasaʼuuf carraawwan akkamii qabu turan? (Keessa Deebii 6:6, 7)

10 Qajeelfama 3​ffaa: Yeroo hunda ijoollee keessan wajjin haasaʼaa. Yihowaan yeroo hunda ijoollee isaanii akka barsiisan Israaʼelota durii ajajee ture. (Keessa Deebii 6:6, 7 dubbisi.) Warri kun guyyaa guutuu ijoollee isaanii wajjin haasaʼuu fi Yihowaa akka jaallatan gargaaruuf carraa hedduu qabu turan. Fakkeenyaaf, dargaggeessi Israaʼel tokko sanyii facaasuu ykn midhaan sassaabuu irratti abbaa isaa gargaaruudhaan yeroo dheeraa dabarsuu dandaʼa. Obboleettiin isaammoo wayyaa hodhuu fi dhaʼuudhaan, akkasumas hojii mana keessaa kan biraa hojjechuudhaan guyyaa guutuu haadha ishii gargaaraa oolti taʼa. Warrii fi ijoollee yeroo waliin hojjetan waaʼee dhimmoota barbaachisoo taʼan hedduu waliin haasaʼuu dandaʼu. Fakkeenyaaf, waaʼee gaarummaa Yihowaa fi Yihowaan maatii isaanii gargaaraa kan jiru akkamitti akka taʼe waliin haasaʼuu dandaʼu.

11. Warri Kiristiyaanota taʼan ijoollee isaanii wajjin yeroo akkamiitti haasaʼuu dandaʼu?

11 Yeroo harʼaatti haalli jireenyaa akka yeroo sanaa miti. Biyyoota hedduu keessatti warrii fi ijoolleen guyyaa guutuu yeroo waliin dabarsuu hin dandaʼan. Warri bakka hojii oolu, ijoolleen immoo mana barumsaa oolu. Kanaafuu, warri yeroo itti ijoollee isaanii wajjin haasaʼan argachuuf carraaqqii gochuu qabu. (Efe. 5:15, 16; Filp. 1:10) Waaqeffannaan maatii waliin haasaʼuuf carraa isaaniif banuu dandaʼa. Obboleessi dargaggeessi Aleeksaandar jedhamu akkana jedheera: “Abbaan koo yeroo hunda waaqeffannaa maatiitiif haala mijeessa; wanti kamiyyuu waaqeffannaa maatii irratti akka walitti hin qabamne gufuu akka taʼu hin heyyamu. Waaqeffannaa maatii boodas haasaʼuu keenya itti fufna.”

12. Mataan maatii tokko yeroo waaqeffannaa maatiitti maal sammuutti qabachuu qaba?

12 Mataa maatii yoo taate, waaqeffannaan maatii ijoollee keetiif gammachiisaa akka taʼu gochuu kan dandeessu akkamitti? Barreeffama haaraa Bara Baraaf Gammachuudhaan Jiraadhu! jedhamu ijoollee kee wajjin qoʼachuu dandeessu. Kitaaba kana waliin qoʼachuun keessan akka gaariitti marii gochuuf isin gargaaruu dandaʼa. Ijoolleen kee miira isaanii fi wanta isaan yaaddesse akka sitti himan waan barbaadduuf, yeroo waaqeffannaa maatii isaan ceephaʼuuf ykn isaan adabuuf itti hin fayyadamin. Ijoolleen keessan yaada qajeelfamoota Kitaaba Qulqulluu wajjin wal faallessu yoo dubbatan hin aarin. Kanaa mannaa, miira isaanii ifatti waan sitti himaniif isaan galateeffadhu; wanta isaanitti dhagaʼamu bilisummaadhaan akka dubbatanis isaan jajjabeessi. Ijoollee kee sirriitti gargaaruu kan dandeessu miira dhugumaan isaanitti dhagaʼamu yoo beekte qofadha.

Warri waaʼee amaloota Yihowaa ijoollee isaanii barsiisuuf uumamatti fayyadamuu kan dandaʼan akkamitti? (Keeyyata 13 ilaali)

13. Warri ijoolleen isaanii Yihowaatti akka dhihaatan gargaaruuf carraawwan kan biroo akkamiitti fayyadamuu dandaʼu?

13 Warri, guyyaa guutuu carraa itti ijoolleen keessan Yihowaatti akka dhihaatan gargaaruuf isin dandeessisu barbaaddadhaa. Waaʼee Waaqa keenya isa jaalala qabeessa taʼee isaan barsiisuuf yeroo itti Kitaaba Qulqulluu isaan qoʼachiistan eeguun isin hin barbaachisu. Haati Liisaa jedhamtu maal akka jette hubadhaa: “Ijoollee keenya waaʼee Yihowaa barsiisuuf uumama naannoo keenya jiran hundatti fayyadamna. Fakkeenyaaf, yeroo sareen keenya wanta ijoollee kolfisiisu godhu, kun Yihowaan Waaqa gammadaa taʼuu isaa akka argisiisuu fi nutis gammaduu fi bashannanuu akka dandeenyu godhee akka nu uume isaanitti himna.”

Warri, hiriyoota ijoollee keessanii beektuu? (Keeyyata 14 ilaali) *

14. Warri ijoolleen isaanii michoota gaarii akka filatan gargaaruun isaanii barbaachisaa kan taʼe maaliifi? (Fakkeenya 13:20)

14 Qajeelfama 4​ffaa: Ijoolleen keessan michoota gaarii akka filatan gargaaraa. Dubbiin Waaqayyoo michoonni keenya dhiibbaa gaarii ykn dhiibbaa gadhee nurraan gaʼuu akka dandaʼan ifatti dubbata. (Fakkeenya 13:20 dubbisi.) Maarree, hiriyoota ijoollee keessanii beektuu? Isaan wajjin wal argitanii ykn yeroo wajjin dabarsitanii beektuu? Ijoolleen keessan namoota Yihowaa jaallatan wajjin michummaa akka uuman gargaaruuf maal gochuu dandeessu? (1 Qor. 15:33) Namoonni karaa hafuuraa haala gaarii irratti argaman maatii keessan wajjin yeroo akka dabarsan affeeruudhaan ijoollee keessan gargaaruu dandeessu.—Far. 119:63.

15. Warri, ijoolleen isaanii michoota gaarii akka qabaatan gargaaruuf maal gochuu dandaʼu?

15 Mee muuxannoo abbaa Toonii jedhamuu haa ilaallu. Innii fi haati manaasaa ijoolleen isaanii michoota gaarii akka filatan gargaaruuf maalfaa akka godhan yeroo dubbatu akkana jedheera: “Waggoota hedduudhaaf anii fi haati manaa koo obbolootaa fi obboleettota umurii garaa garaa irratti argamanii fi akkaataa guddinaa garaa garaa qaban mana keenyatti affeerra turre. Obboloota kana wajjin nyaata ni nyaanna, waaqeffannaa maatii keenya irrattis waliin hirmaanna. Kunis namoota Yihowaa jaallatanii fi gammachuudhaan isa tajaajilan beekuuf carraa gaarii nuuf bana. Ilaaltonni olaanaa aanaa, misiyoononnii fi warri kaan mana keenya akka buufatan gochuudhaan eebbifamneerra. Muuxannoon isaanii, hinaaffaan isaanii fi Yihowaa tajaajiluuf carraaqqiin isaan godhan ijoollee keenya irratti dhiibbaa guddaa godheera; akkasumas Yihowaatti dhihaachuuf isaan gargaareera.” Warri, ijoolleen keessan michoota gaarii akka qabaatan gargaaruuf murteessaa.

ABDII HIN KUTATINAA!

16. Mucaan keessan tokko Yihowaa tajaajiluu akka hin barbaanne yoo dubbate maal gochuu dandeessu?

16 Haa taʼu malee, carraaqqii guddaa kan gootan taʼus, ijoollee keessan keessaa tokko Yihowaa tajaajiluu akka hin barbaanne yoo dubbate hoo? Balleessaa keessan akka taʼe yaaduu hin qabdan. Yihowaan ijoollee keessan dabalatee hundi keenya isa tajaajiluuf ykn dhiisuuf akka filannu nuuf heyyameera. Mucaan keessan Yihowaa tajaajiluu dhiisuuf yoo murteesse gaaf tokko deebiʼuu akka dandaʼu abdachuu keessan hin dhiisinaa. Fakkeenya waaʼee ilma badee turee ibsu yaadadhaa. (Luq. 15:11-19, 22-24) Dargaggeessi kun wantoota gadhee kan raawwate taʼus, dhuma irratti deebiʼeera. Tarii namoonni tokko tokko “Kun fakkeenya. Jireenya isa dhugaa keessatti akkana taʼuu ni dandaʼaa?” jedhu taʼa. Eeyyee, taʼuu ni dandaʼa! Muuxannoon dargaggeessa Ilii jedhamuu kun dhugaa taʼuu isaa argisiisa.

17. Muuxannoon Ilii kan si jajjabeesse akkamitti?

17 Iliin warra isaa ilaalchisee akkana jedheera: “Yihowaa fi Dubbii isaa akkan jaalladhu na gargaaruuf wanta isaaniif dandaʼame godhaniiru. Haa taʼu malee, umurii waggoota kurnanii keessa yeroon turetti finciluun jalqabe.” Iliin dhoksaatti wanta sirrii hin taane gochuu jalqabe, carraaqqii warri isaa karaa hafuuraa isa gargaaruuf godhanis fudhachuu dide. Manaa erga baʼee boodammoo wantoota gadhee raawwachuu jalqabe. Taʼus, yeroo tokko tokko hiriyaa isaa tokkoo wajjin waaʼee Kitaaba Qulqulluu ni mariʼata ture. Iliin akkana jedheera: “Waaʼee Yihowaa caalaatti hiriyaa kootti himaa yeroon deemu waaʼee Yihowaa caalaatti yaaduun jalqabe. Suutuma suuta dhugaan Kitaaba Qulqulluu garaa koo keessa dhokatee ture, jechuunis sanyiin dhugaa warri koo keessa kootti dhaabuuf carraaqaa turan guddachuu jalqabe.” Yeroo booda Iliin gara dhugaatti deebiʼeera. * Warri isaa ijoollummaa isaatii kaasanii Yihowaa akka jaallatu gochuuf carraaqqii gochuu isaaniitti hammam akka gammadan tilmaamuu dandeessu!—2 Xim. 3:14, 15.

18. Warra ijoolleen isaanii Yihowaa akka jaallatan gargaaruuf carraaqqii guddaa godhan ilaalchisee maaltu sitti dhagaʼama?

18 Warri, dhaloota haaraa Yihowaa waaqeffatu guddisuuf mirga guddaa argattaniittu. (Far. 78:4-6) Kun hojii salphaa miti; ijoollee keessan gargaaruuf carraaqqii guddaa waan gootaniif baayʼee isin galateeffanna. Ijoolleen keessan Yihowaa akka jaallatan gargaaruu fi adabaa fi gorsa Yihowaatiin guddisuuf wanta isiniif dandaʼame hunda gochuu keessan yoo itti fuftan Abbaan keenya inni jaalala qabeessi akka isinitti gammadu mirkanaaʼoo taʼuu dandeessu.—Efe. 6:4.

FAARFANNAA 135 Affeerrii Yihowaa: ‘Yaa Ilma Koo, Ogeessa Taʼi’

^ Warri Kiristiyaanota taʼan ijoollee isaanii baayʼee jaallatu. Wanta karaa qaamaa fi karaa miiraa ijoollee isaaniitiif barbaachisu guutuuf jabaatanii hojjetu. Hunda caalaammoo warri Kiristiyaanota taʼan, ijoolleen isaanii Yihowaa akka jaallatan gargaaruuf wanta isaaniif dandaʼame hunda ni godhu. Mata dureen kun qajeelfamoota Kitaaba Qulqulluu warri galma kanarra akka gaʼan gargaaran afur ibsa.

^ Mata duree, “Macaafni Qulqulluun Jireenya Namootaa Ni Jijjiira” jedhuu fi Masaraa Eegumsaa Ebla 1, 2012 irratti baʼe ilaali.

^ IBSA FAKKII: Abbaan tokko hiriyoota mucaa isaa beekuuf, mucaa isaa fi hiriyaa mucaa isaa wajjin kubbaa kaachoo taphachaa jira.