MATA DUREE QOʼANNAA 20
Qabiyyee Kadhannaa Keenyaa Fooyyessuu
“Garaa keessan isa duratti dhangalaasaa.”—FAR. 62:8, MILJ.
FAARFANNAA 45 Wantan Garaa Kootti Yaadu
QABIYYEE a
1. Yihowaan tajaajiltoonni isaa maal akka godhan affeereera? (Fakkichas ilaali.)
YEROO jajjabinnii fi qajeelfamni nu barbaachisutti eenyuun gargaarsa gaafanna? Deebii isaa beekna. Kadhannaadhaan Yihowaatti dhihaachuu dandeenya. Inni akkas akka goonu nu affeereera. Kitaabni Qulqulluun gorsa, “Yeroo hundumaa kadhadhaa” jedhu waan nuu kennuuf, Yihowaan yeroo baayʼee akka kadhannu akka barbaadu beekna. (1 Tas. 5:17) Kallattii jireenyaa keenya hundumaarratti qajeelfama akka nuuf kennu bilisummaadhaan isa kadhachuu dandeenya. (Fak. 3:5, 6) Yihowaan arjaa waan taʼeef, hamma barbaanne irra deddeebinee kadhannaa isatti dhiheessuu akka dandeenyu nutti himeera.
2. Mata duree kana keessatti maal ilaalla?
2 Mirga kadhannaatiif iddoo guddaa kennina. Taʼus, hojiin waan nutti baayʼatuuf kadhannaadhaaf yeroo ramaduun rakkisaa nutti taʼuu dandaʼa. Qabiyyee kadhannaa keenyaa fooyyessuun akka nu barbaachisus nutti dhagaʼama taʼa. Kan nama gammachiisu, Kitaaba Qulqulluurraa jajjabinaa fi qajeelfama hedduu argachuu dandeenya. Mata duree kana keessatti, fakkeenya Yesuus qoruudhaan kadhannaadhaaf yeroo ramaduu kan dandeenyu akkamitti akka taʼe mariʼanna. Kadhannaa keenyarratti dhimmoota barbaachisoo taʼan shan caqasuudhaan qabiyyee kadhannaa keenyaa fooyyessuu kan dandeenyu akkamitti akka taʼes ni ilaalla.
YESUUS KADHANNAADHAAF YEROO RAMADEERA
3. Yesuus kadhannaa ilaalchisee maal hubatee ture?
3 Yesuus Yihowaan kadhannaadhaaf iddoo guddaa akka kennu hubateera. Gara lafaa dhufuu isaa yeroo dheeraa durayyuu, Abbaan isaa kadhannaa dhiironnii fi dubartoonni amanamoon dhiheessaniif deebii yeroo kennu argeera. Fakkeenyaaf, Yesuus yeroo Abbaan isaa kadhannaa garaadhaa maddee fi Hannaan, Daawit, Eeliyaasii fi tajaajiltoonni isaa kan biroon dhiheessaniif deebii kennu isa cinaa ture. (1 Sam. 1:10, 11, 20; 1 Mot. 19:4-6; Far. 32:5) Yesuus yeroo baayʼee akka kadhatanii fi amantiidhaan kadhannaa akka dhiheessan barattoota isaa kan barsiise kanaafi.—Mat. 7:7-11.
4. Kadhannaa Yesuusirraa maal baranna?
4 Kadhannaan Yesuus Yihowaatti dhiheesse barattoota isaatiif fakkeenya guddaa taʼa. Guutummaa tajaajila isaarratti yeroo baayʼee kadhannaa dhiheesseera. Yeroo baayʼee hojiin waan isatti baayʼatuuf, akkasumas namoonni hedduun isa biraa waan hin dhabamneef kadhannaadhaaf yeroo ramaduun isa barbaachiseera. (Mar. 6:31, 45, 46) Kophaa isaa taʼee kadhannaa dhiheessuu akka dandaʼuuf ganama bariidhaan kaʼa ture. (Mar. 1:35) Yeroo tokko murtoo baayʼee barbaachisaa taʼe tokko gochuu isaa dura halkan guutuu kadhannaa dhiheesseera. (Luq. 6:12, 13) Yesuus galgala duʼuu isaa dura turettis irra deddeebiʼee kadhannaa dhiheesseera; yeroo kanatti kutaa tajaajilaa isaa isa baayʼee ulfaataa taʼe xumuruuf jedha ture.—Mat. 26:39, 42, 44.
5. Kadhannaa ilaalchisee fakkeenya Yesuus hordofuu kan dandeenyu akkamitti?
5 Fakkeenyi Yesuus hojiin kan nutti baayʼatu yoo taʼellee kadhannaadhaaf yeroo ramaduun akka nu barbaachisu nu barsiisa. Akkuma Yesuus yeroo kadhannaadhaaf taʼu argachuuf ganama bariidhaan kaʼuun ykn galgala dhiisifachuun nu barbaachisuu dandaʼa. Akkas yeroo goonu kennaa adda taʼe kanaaf dinqisiifannaa akka qabnu argisiisna. Obboleettiin Liin jedhamtu waaʼee mirga kadhannaa jalqaba yeroo barattetti garaan ishii baayʼee tuqamee akka ture ni yaadatti. “Yeroo kamittiyyuu Yihowaa haasofsiisuu akkan dandaʼu beekuun koo akka Michuu kootti isa ilaaluuf na gargaareera, akkasumas kadhannaa koo fooyyessuuf na kakaaseera” jetteetti. Baayʼeen keenya akkas akka nutti dhagaʼamu hin shakkisiisu. Kanaafuu, mee dhimmoota guguddaa kadhannaa keenyarratti caqasuu dandeenyu shan haa ilaallu.
DHIMMOOTA BARBAACHISOO KADHANNAA KEENYARRATTI CAQASUU QABNU SHAN
6. Mulʼata 4:10, 11 irratti akka ibsametti Yihowaadhaaf maaltu mala?
6 Yihowaa jajadhu. Yohaannis ergamaan mulʼata baayʼee ajaaʼibsiisaa taʼe tokkorratti samii keessatti jaarsoliin 24 yeroo Yihowaa waaqeffatan argeera. Jaarsoliin kun, “Ulfina, kabajaa fi humna fudhachuun siif ni mala” jechuudhaan Waaqayyoon jajataniiru. (Mulʼata 4:10, 11 dubbisi.) Maleekonni amanamoonis Yihowaa jajachuu fi ulfina isaaf kennuuf sababii isaan kakaasu hedduu qabu. Maleekonni samii keessa isa faana waan jiraataniif akka gaariitti isa beeku. Wantoota inni raawwate ilaaluudhaan waaʼee amaloota isaa beekuu dandaʼaniiru. Tarkaanfii Yihowaan fudhatu yeroo hubatanitti isa jajachuuf kakaʼaniiru.—Iyo. 38:4-7.
7. Kadhannaa keenyarratti Yihowaa jajachuuf wantoota akkamii caqasuu dandeenya?
7 Nutis kadhannaadhaan Yihowaa jajachuu qabna; wantoota isa jaallachuu fi dinqisiifachuuf nu kakaasan caqasuudhaan akkas gochuu dandeenya. Kitaaba Qulqulluu yeroo dubbistuu fi yeroo qoʼattu amaloota Yihowaa caalaatti si dinqisiisan adda baafachuuf yaali. (Iyo. 37:23; Rom. 11:33) Achiis amaloota sana ilaalchisee wanta sitti dhagaʼamu Yihowaatti himi. Wanta Yihowaan nuufis taʼe obbolootaa fi obboleettota keenya hundaaf godheefis isa jajachuu dandeenya. Inni yeroo hunda nu kunuunsa, akkasumas eegumsa nuuf godha.—1 Sam. 1:27; 2:1, 2.
8. Sababiiwwan Yihowaa galateeffachuuf nu kakaasan tokko tokko kamfaʼi? (1 Tasalonqee 5:18)
8 Yihowaa galateeffadhu. Sababiiwwan kadhannaadhaan Yihowaa galateeffachuuf nu kakaasan hedduu qabna. (1 Tasalonqee 5:18 dubbisi.) Wanti gaariin hundi kan argamu isa biraa waan taʼeef, wanta gaarii qabnu kamiifiyyuu isa galateeffachuu dandeenya. (Yaq. 1:17) Fakkeenyaaf, lafa bareedduu taate, akkasumas wantoota ajaaʼibsiisoo inni uume akka dinqisiifannu kadhannaa keenyarratti ibsuu dandeenya. Kana malees, jireenya, maatii, michootaa fi abdii waan nuu kenneef isa galateeffachuu dandeenya. Michoota isaa akka taanu nuuf heyyamuudhaan mirga guddaa nuu kenneefis isa galateeffachuu barbaanna.
9. Wantoota Yihowaan nuuf godhe dinqisiifachuu barsiifata godhachuu kan qabnu maaliifi?
9 Sababiiwwan dhuunfaatti Yihowaa galateeffachuuf nu kakaasanirratti yaaduuf carraaqqii addaa gochuun nu barbaachisuu dandaʼa. Addunyaan keessa jiraannu galata hin beeku. Namoonni baayʼeen wantoota qabaniif karaa dinqisiifannaa isaanii argisiisuu itti dandaʼanirratti utuu hin taʼin wantoota argachuu barbaadanirratti xiyyeeffatu. Ilaalchi akkasii dhiibbaa yoo nurratti godhe kadhannaa keenyarratti wanta argachuu barbaannu qofa caqasuuf qoramna. Kun akka hin taaneef wantoota Yihowaan nuu godhe hundaaf dinqisiifannaa qabaachuu fi dinqisiifannaa kanas ibsuu keenya itti fufuun nu barbaachisa.—Luq. 6:45.
10. Obboleettiin takka kan galateeffattu taʼuun ishii kan ishii gargaare akkamitti? (Fakkichas ilaali.)
10 Kan galateeffannu taʼuun keenya rakkina nu mudatu dandamachuuf nu gargaara. Mee muuxannoo Kiyoon-suuk Masaraa Eegumsaa Amajjii 15, 2015 irratti baʼe haa ilaallu. Obboleettiin tun dhibee kaansarii sombaatiin dararamaa turte. Akkana jetteetti: “Rakkinni fayyaa kun baayʼee na miidhe, wanta hunda akkan dhabe natti dhagaʼamee, akkasumas baayʼee sodaadheen ture.” Maarree, rakkina kana dandamachuuf maaltu ishii gargaare? Yeroo hunda galgala rafuu ishii dura baaxii mana ishiitti ol baatee sagalee ishii ol kaastee wantoota guyyaa sanatti galateeffachuuf ishii kakaasan shan kadhannaa ishiirratti akka caqastu dubbatteetti. Kunis akka tasgabbooftu ishii gargaareera, akkasumas jaalala Yihowaadhaaf qabdu ibsuuf ishii kakaaseera. Yihowaan tajaajiltoonni isaa amanamoon qorumsi cimaan yeroo isaan mudatu akkamitti akka isaan gargaaru muuxannoo ishiirraa argiteetti; qorumsa nu mudaturra eebbi jireenya keenya keessatti arganne akka caalu hubatteetti. Nutis akkuma Kiyoon-suuk qorumsi nurra gaʼaa kan jiru yoo taʼellee, sababii Yihowaa galateeffachuuf nu kakaasu hedduu qabna. Kadhannaadhaan Yihowaa galateeffachuun keenya jabaannee dhaabbachuu fi madaallii keenya eeggachuuf nu gargaara.
11. Yesuus gara samiitti erga deebiʼee booda barattoonni isaa ija jabina qabaachuun kan isaan barbaachise maaliifi?
11 Tajaajilarratti ija jabina qabaachuuf akka si gargaaru Yihowaa kadhadhu. Yesuus gara samiitti deebiʼuu isaa dura barattoonni isaa “Yerusaalemitti, guutummaa Yihudaa fi Samaariyaatti, akkasumas hanga andaara lafaatti” waaʼee isaa dhugaa akka baʼan hojiin akka isaaniif kenname isaan yaadachiiseera. (HoE. 1:8; Luq. 24:46-48) Yeroo muraasa booda garuu geggeessitoonni amantaa Yihudii, Pheexiros ergamaa fi Yohaannis ergamaa qabanii yaaʼii Saanhedriin duratti isaan dhiheessuudhaan lallabuu isaanii akka dhaaban isaan ajajan, akkasumas isaan sossodaachisan. (HoE. 4:18, 21) Maarree, Pheexirosii fi Yohaannis maal godhan?
12. Hojii Ergamootaa 4:29, 31 irratti akka ibsametti barattoonni Yesuus maal godhan?
12 Pheexirosii fi Yohaannis geggeessitoota amantaa isaan doorsisaa turan sanaaf akkana jedhanii deebisan: “Waaqayyoon dhagaʼuu mannaa isiniin dhagaʼuun Waaqayyo duratti sirrii taʼuu fi dhiisuu isaa isinumti murteessaa. Nuti garuu, waaʼee wantoota dhageenyee fi arginee dubbachuu keenya dhiisuu hin dandeenyu.” (HoE. 4:19, 20) Pheexirosii fi Yohaannis yeroo gadhiifamanitti fedhii isaa raawwachuuf akka isaan gargaaru sagalee isaanii ol kaasuudhaan Yihowaa kadhatan. “Garboonni kee ija jabina guddaadhaan dubbii kee dubbachuu isaanii akka itti fufan isaan gargaari” jedhanii kadhatan. Yihowaanis kadhannaa garaadhaa madde kanaaf deebii kenneera.—Hojii Ergamootaa 4:29, 31 dubbisi.
13. Fakkeenya Jiin-hiyuukirraa maal baranna?
13 Abbootiin taayitaa hojii lallabaa akka dhaabnu gochuuf yeroo yaalanittillee lallabuu keenya itti fufuudhaan fakkeenya barattoota kanaa hordofuu dandeenya. Mee fakkeenya obboleessa Jiin-hiyuuk jedhamuu fi ejjennoo isaa laaffisuu diduu isaatiin kan kaʼe hidhamee turee haa ilaallu. Mana hidhaatti, namoota hidhamanii turan muraasaaf kunuunsa akka godhu ramadamee ture; yeroo kanatti wantoota isaan barbaachisaniin alatti, waaʼee Kitaaba Qulqulluus taʼe waaʼee wantoota kan biroo akka isaan haasofsiisu isaaf hin heyyamamu ture. Innis ija jabinaa fi ogummaa carraa argatu hundumaatti fayyadamee lallabuuf isa barbaachisu akka isaaf kennu Yihowaa kadhate. (HoE. 5:29) Akkana jedheera: “Yihowaan ija jabinaa fi ogummaa balbalumarratti daqiiqaa shaniif qoʼannaa Kitaaba Qulqulluu jalqabsiisuuf na barbaachisu naaf kennuudhaan kadhannaa koo naa deebiseera. Galgala galgalammoo, xalayaan guyyaa itti aanutti hidhamtootaaf kennun barreessa ture.” Nutis Yihowaan tajaajila keenya raawwachuuf akka nu gargaaru amanuu ni dandeenya. Akkuma Jiin-hiyuuk ija jabinaa fi ogummaa akka nuuf kennu isa kadhachuu dandeenya.
14. Yeroo rakkinni nurra gaʼu maaltu nu gargaara? (Faarfannaa 37:3, 5)
14 Rakkina si mudate dandamachuuf akka si gargaaru Yihowaa kadhadhu. Baayʼeen keenya dhibee qaamaa ykn dhiphina sammuutiin dararamaa jirra, nama jaallannu duʼaan dhabneerra, haala maatii rakkisaa taʼe dandamachaa jirra, ariʼatamni nurra gaʼaa jira ykn rakkina kan biraa dandamachaa jirra taʼa. Wantoonni akka weerara dhibee fi waraanaa jiranimmoo rakkoowwan kana dandamachuun caalaatti akka nutti ulfaatu godhaniiru. Yeroo akkasiitti wanta sitti dhagaʼamu hundumaa Yihowaatti himi. Akkuma michuu baayʼee itti dhihaattutti isa ilaaluudhaan haala keessa jirtu isatti himi. Yihowaan ‘siif jecha tarkaanfii akka fudhatu’ mirkanaaʼaa taʼi.—Faarfannaa 37:3, 5 dubbisi.
15. Kadhannaan ‘rakkina keessatti jabaannee dhaabbachuuf’ kan nu gargaaru akkamitti? Fakkeenya kenni.
15 Kadhannaatti jabaachuun ‘rakkina keessatti jabaannee dhaabbachuuf’ nu gargaara. (Rom. 12:12) Yihowaan haala tajaajiltoonni isaa keessatti argaman waan beekuuf, “iyya gargaarsa argachuuf dhageessisan ni dhagaʼa.” (Far. 145:18, 19) Qajeelchituun waggaa 29 Kiristii jedhamtu kun dhugaa taʼuu isaa hubatteetti. Kiristiin akkuma tasaa dhukkuba cimaadhaan qabamte. Kanaan kan kaʼes, dhiphinni sammuu ishii qabe. Boodas, haati ishii dhukkuba duʼaaf saaxiluun akka qabamte beekte. Kiristiin akkana jetteetti: “Cimina rakkina guyyaa guyyaadhaan na mudatu dandamachuuf na barbaachisu akka naaf kennu cimseen Yihowaa kadhadhe. Walgaʼiirratti argamuu fi qoʼannaa dhuunfaa godhachuudhaan barsiifata hafuuraa dhaabbataa taʼe qabaachuufan yaale.” Itti dabaluudhaanis akkana jetteetti: “Kadhannaa dhiheessuun koo yeroo rakkisaa taʼetti jabaadhee dhaabbachuuf na gargaareera. Yihowaan yeroo hunda na cinaa akka jiru beeka; kana yaaduun koos jajjabina guddaa naaf argamsiiseera. Haalli fayyaa koo yeruma sana furmaata argachuu baatus, Yihowaan nagaa fi tasgabbii naaf kennuudhaan kadhannaa kootiif deebii kenneera.” “Yihowaan namoota Waaqayyoof bulan qorumsa keessaa akkamitti akka baasu” kan beeku taʼuu isaa matumaa dagachuu hin qabnu.—2 Phe. 2:9.
16. Qorumsa dandamachuuf gargaarsi Yihowaa kan nu barbaachisu maaliifi?
16 Qorumsa dandamachuuf akka si gargaaru Yihowaa kadhadhu. Mudaa waan qabnuuf dogoggora raawwachuurraa fagaachuuf carraaqqii walirraa hin cinne gochuun nu barbaachisa. Seexanni walʼaansoon kun caalaatti akka nutti cimu gochuuf wanta isaaf dandaʼame hundumaa godha. Wantoota yaada keenya mancaasuuf itti fayyadamu keessaa tokko bashannana naamusaan ala taʼedha. Bashannanni akkasii sammuun keenya yaadawwan mancaʼaniin akka guutamu godha; kunimmoo nu xureessuu fi cubbuu cimaa raawwachuutti nu geessuu dandaʼa.—Mar. 7:21-23; Yaq. 1:14, 15.
17. Tarkaanfii kadhannaa qorumsarraa eegumsa argachuuf dhiheessinu wajjin wal simu fudhachuu kan dandeenyu akkamitti? (Fakkichas ilaali.)
17 Qorumsa wanta dogoggora taʼe akka raawwannu nurra gaʼu moʼuuf gargaarsi Yihowaa nu barbaachisa. Yesuus kadhannaa akka fakkeenyaatti barsiiserratti, “Isa hamaa sana irraa nu oolchi malee, qorumsatti nu hin galchin” jennee akka kadhannu barsiiseera. (Mat. 6:13) Yihowaan nu gargaaruu kan barbaadu taʼus, nuti gargaarsa isa gaafachuu qabna. Tarkaanfii kadhannaa keenya wajjin wal simus fudhachuu qabna. Wantoota yaadawwan dogoggoraa addunyaa Seexanaa keessatti babalʼate argisiisan dubbisuus taʼe dhaggeeffachuurraa fagaachuuf wanta dandeenyu hundumaa gochuu qabna. (Far. 97:10) Kitaaba Qulqulluu dubbisuu fi qoʼachuudhaan sammuu keenya yaadawwan qulqulluu taʼaniin guutuu dandeenya. Walgaʼiirratti argamuu fi tajaajilarratti hirmaachuunis yaada keenya eeggachuuf nu gargaara. Yihowaanis humna keenyaa ol akka qoramnu akka hin heyyamne waadaa nuuf galeera.—1 Qor. 10:12, 13.
18. Kadhannaa wajjin haala wal qabateen hundi keenyayyuu maal gochuu qabna?
18 Hundi keenyayyuu yoomiyyuu caalaa guyyoota dhumaa ulfaatoo taʼan kanatti, Yihowaadhaaf amanamoo taanee itti fufuuf kadhachuun nu barbaachisa. Guyyaa guyyaadhaan kadhannaa garaadhaa madde dhiheessuuf yeroo ramadi. Yihowaan kadhannaadhaan ‘garaa keenya isa duratti akka dhangalaasnu’ barbaada. (Far. 62:8) Wantoota gaggaarii inni raawwate hundumaaf isa jajadhu, akkasumas isa galateeffadhu. Tajaajilarratti ija jabinaan hirmaachuuf akka si gargaaru isa kadhadhu. Rakkinaa fi qorumsa si mudatu kamiyyuu dandamachuuf akka si gargaaru cimsii kadhadhu. Wanti akkamiiyyuu ykn eenyuyyuu yeroo hunda Yihowaatti kadhannaa dhiheessuu akka si dhoowwu hin heyyamin. Maarree, Yihowaan kadhannaa keenyaaf deebii kan kennu akkamitti? Deebii gaaffii barbaachisaa taʼe kanaa mata duree itti aanurratti ilaalla.
FAARFANNAA 42 Kadhannaa Tajaajilaa Waaqayyoo
a Kadhannaan keenya akkuma xalayaa michuu keenya baayʼee jaallannuuf barreessinutti garaadhaa kan maddu akka taʼu barbaanna. Taʼus, kadhannaadhaaf yeroo argachuun yeroo hunda salphaa taʼuu dhiisuu dandaʼa. Kadhannaa keenyarratti maalfaa akka caqasnu beekuunis rakkisaa nutti taʼuu dandaʼa. Mata dureen kun dhimmoota barbaachisoo taʼan kana lamaan ibsa.