Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

Amanamummaan Waaqayyo Biratti Fudhatama Namaaf Argamsiisa

Amanamummaan Waaqayyo Biratti Fudhatama Namaaf Argamsiisa

‘Fakkeenya warra amantii fi obsaan abdii sana dhaalanii hordofaa.’ —IBR. 6:12.

FAARFANNAA: 3, 54

1, 2. Yiftaa fi intala isaa qorumsa akkamiitu mudate?

SHAMARREEN yeroo abbaan ishii adda waraanaatii itti deebiʼu hawwiidhaan eegaa turte tokko, yommuu inni nagaadhaan deebiʼu isa simachuuf warra kaan dursitee gara isaatti fiigde. Moʼicha guddaa argachuu isaatti baayʼee gammaddeetti. Abbaan ishii garuu ishii wajjin sirbuu fi shubbisuu mannaa uffata isaa bakka waraanaatti xuraaʼe tarsaasuudhaan, “Wayyoo! Yaa intala ko! Baayʼee na gaddisiifte, na dhiphiftes” jedhee booʼe. Achiis wanta hawwii fi abdii ishiin akkuma shamarran kaaniitti jiraachuuf qabdu jalaa fashaleessu, jechuunis wanta bara baraaf jireenya ishii jijjiiru dubbate. Ishiin garuu, abbaan ishii wanta Yihowaadhaaf waadaa seene akka raawwatu isa jajjabeessuudhaan mamii tokko malee deebii gaarii kennite. Wanti ishiin dubbatte amantii cimaa akka qabdu argisiisa. Wanti Yihowaan gaafatu hundi ishiidhaaf gaarii akka taʼu ni amanti turte. (Abo. 11:34-37) Abbaan ishii intalli isaa murtoo inni murteesse deggeruuf fedhii qabaachuun ishii Yihowaa biratti fudhatama akka argatan waan godhuuf, intala isaatti ni boone.

2 Yiftaa fi intalli isaa Waaqayyoon sodaattu, yeroo ulfaataa taʼutti illee karaa Yihowaan wantoota tokko tokko itti raawwatu irratti amantii qabu turan. Waaqayyo biratti fudhatama argachuun, aarsaa kam irra iyyuu akka caalu of amansiisanii turan.

3. Fakkeenyi Yiftaa fi intala isaa yeroo harʼaatti nu gargaaruu kan dandaʼu akkamitti?

3 Yeroo hundumaa Yihowaadhaaf amanamaa taʼuun salphaa akka hin taane beekna. ‘Amantiidhaaf jabaannee loluu qabna.’ (Yih. 3) Kana gochuuf akka nu gargaarutti, qorumsawwan Yiftaa fi intalli isaa milkaaʼinaan moʼuu dandaʼan haa ilaallu. Yihowaadhaaf amanamoo taʼanii itti fufuu kan dandaʼan akkamitti?

ADDUNYAAN DHIIBBAA NU IRRATTI GODHUS AMANAMOO TAʼUU

4, 5. (a) Yihowaan Israaʼeloonni Biyyattii Abdachiifamtetti yommuu galan ajaja akkamii isaaniif kenne? (b) Akka Faarfannaa 106 irratti ibsametti, Israaʼeloonni Yihowaadhaaf ajajamuu diduu isaaniitiin maaltu isaan irra gaʼe?

4 Yiftaa fi intalli isaa Yihowaadhaaf amanamoo taʼuu dhiisuun balaa akka qabu guyyaa guyyaatti of yaadachiisuun isaan barbaachisee taʼuu qaba. Gara waggaa 300 dura, abboonni isaanii durii namoota saba Waaqayyoo hin taanee fi Biyyattii Abdachiifamte keessa turan hunda akka balleessan ajajamanii turan. (Kes. 7:1-4) Israaʼeloonni ajaja kana hojii irra oolchuu diduun isaanii baayʼeen isaanii cubbuu Kanaʼaanotaa irratti akka hirmaatan kan godhe siʼa taʼu, kun immoo kiyyoo waaqolii sobaatiin akka qabamanii fi gochawwan gadhee irratti akka hirmaatan godheera.—Faarfannaa 106:34-39 dubbisi.

5 Yihowaadhaaf ajajamuu diduun isaanii immoo, isa biratti fudhatama isaan dhabsiise; sana booda eegumsa isaaniif gochuu dhiise. (Abo. 2:1-3, 11-15; Far. 106:40-43) Waggoota rakkisaa taʼan kanatti Yihowaadhaaf amanamoo taʼanii itti fufuun maatiiwwan sodaa Waaqayyoo qabaniif ulfaataa akka taʼu beekamaa dha! Taʼus, namoonni amanamoo taʼanii fi Waaqayyo biratti fudhatama argachuuf kutatan kan akka Yiftaa fi intala isaa, Elqaanaa, Haannaa fi Saamuʼel akka turan Kitaabni Qulqulluun ni dubbata.—1 Sam. 1:20-28; 2:26.

6. Yeroo harʼaatti dhiibbaawwan addunyaa akkamiitu jira? Maal gochuu qabna?

6 Yeroo harʼaatti addunyaa namoonni akkuma warra Kanaʼaanitti yaadanii fi akkuma isaanii qunnamtii saalaa fi lolaaf, akkasumas qabeenyaaf iddoo guddaa kennan keessa guutan keessa jiraachaa jirra. Yihowaan akkuma Israaʼeloota duriitiif godhe, dhiibbaawwan akkanaa irraa nu eeguuf akeekkachiisa ifa taʼe nuuf kennaa jira. Dogoggora Israaʼelootaa irraa ni barannaa? (1 Qor. 10:6-11) Ilaalcha akka Kanaʼaanotaa kam iyyuu jireenya keenya keessaa baasnee gatuuf carraaqqii gochuu qabna. (Rom. 12:2) Kana gochuudhaan amanamoo taʼuu keenya argisiisaa jirraa?

HAALLI RAKKISAAN JIRAATUS AMANAMOO TAʼUU

7. (a) Namootumti kan isaa taʼan Yiftaa irratti maal geessisan? (b) Yiftaan maal godhe?

7 Bara Yiftaatti, Israaʼeloonni waan ajajamuu didaniif, garbummaa warra Filisxeemii fi warra Amoon jala galaniiru. (Abo. 10:7, 8) Haa taʼu malee, Yiftaatti diinota isaa qofa utuu hin taʼin, obboloonni isaa fi geggeessitoonni Israaʼelis qorumsa isatti taʼaniiru. Obboloonni isaa hinaaffaa fi jibbaan kakaʼanii mirga inni akka ilma angafaatti dhaala argachuuf qabu seeraan ala isa dhowwataniiru. (Abo. 11:1-3) Yiftaan gara jabinni isaanii kun ilaalcha isaa akka toʼatu hin heyyamne. Maanguddoonni sabichaa yeroo gargaarsa isa gaafatanitti haaloo qabachuudhaan isaan diduu mannaa, gargaarsa isaaniif godheera. (Abo. 11:4-11) Wanti Yiftaan akka nama hafuuraatti akka yaadu godhe maali dha?

8, 9. (a) Dhugaawwan buʼuuraa Seera Musee keessatti argaman kamtu Yiftaa gargaaree taʼuu dandaʼa? (b) Wanti Yiftaadhaaf iddoo guddaa qabu maal ture?

8 Yiftaan loltuu cimaa qofa utuu hin taʼin, seenaawwan waaʼee walitti dhufeenya Waaqayyoo fi saba isaa gidduu jiru ibsanis ni qoʼata ture. Seenaa Israaʼelootaa gadi fageenyaan beekuun isaa, wanta Yihowaa duratti sirrii taʼee fi sirrii hin taane beekuuf isa gargaareera. (Abo. 11:12-27) Dhugaawwan buʼuuraa Seera Musee keessatti argaman yaadaa fi garaa Yiftaa jijjiiraniiru. Yiftaan, Yihowaan haaloo qabachuu akka jibbu beeka ture; Waaqayyo sabni isaa akka wal jaallatan isaan irraa eega. Akkasumas Seerichi namni tokko, nama isa “jibbu” illee dabalatee, wanta warra kaaniif barbaachisu gochuu akka qabu barsiisa ture.—Baʼuu 23:5; Lewwoota 19:17, 18.

9 Yooseef isa obboloonni isaa yoo ‘isa jibban’ iyyuu dhiifama isaaniif godhe dabalatee, fakkeenyi namoota amanamoo taʼanii deebii Yiftaan kenne irratti dhiibbaa gaarii godhee taʼuu hin oolu. (Uma. 37:4; 45:4, 5) Yiftaan, wantoota akkanaa irratti xiinxaluun isaa, jireenya Yihowaa gammachiisu akka filatu isa gargaareera. Amalli obboloota isaa akka isa miidhe hin shakkisiisu; taʼus Yihowaa fi saba Isaa tajaajiluu irraa duubatti akka jedhu isa hin goone. (Abo. 11:9) Yiftaadhaaf iddoo guddaa kan qabu, walitti buʼiinsa dhuunfaa utuu hin taʼin waraana maqaa Yihowaatiif godhamu ture. Yihowaadhaaf amanamaa taʼuuf kutatee ture; kun immoo warra kaaniifis taʼe isaaf buʼaa gaarii argamsiiseera.—Ibr. 11:32, 33.

10. Dhugaawwan buʼuuraa Kitaaba Qulqulluu akka Kiristiyaanotaatti deddeebiʼuuf akka nu gargaaran heyyamuu kan dandeenyu akkamitti?

10 Fakkeenya Yiftaa irraa ni barannaa? Tarii Kiristiyaanonni hidhata keenya taʼan tokko tokko nu gaddisiisu ykn nu miidhu taʼa. Rakkoowwan kun walgaʼiiwwan Kiristiyaanaa irratti argamuu ykn Yihowaa tajaajiluu, akkasumas guutummaatti gumii wajjin taʼuu irraa duubatti akka jennu akka nu godhan heyyamuu hin qabnu. Nutis fakkeenya Yiftaa hordofuudhaan, ulaagaaleen Waaqayyoo ilaalchawwan sirrii hin taane moʼuuf akka nu gargaaran heyyamuudhaan warra kaan irratti dhiibbaa gaarii gochuu dandeenya.—Rom. 12:20, 21; Qol. 3:13.

FEDHIIDHAAN AARSAA KAFFALUUN AMANTII KEENYA ARGISIISA

11, 12. Yiftaan waadaa akkamii gale? Waadaan kun hoo maal jechuu dha?

11 Yiftaan Israaʼeloota warra Amoon jalaa bilisa baasuuf gargaarsi Waaqayyoo akka isa barbaachisu hubatee ture. Moʼicha yoo isaaf kenne, yeroo inni waraanaa deebiʼutti nama isa simachuudhaaf jalqaba manaa gadi baʼu akka ‘qalma gubamuutti’ akka isaaf kennu Yihowaadhaaf waadaa galee ture. (Abo. 11:30, 31) Aarsaan dhiheessa yeroo jedhu maal jechuu isaa ture?

12 Nama aarsaa godhanii dhiheessuun Yihowaa biratti ciiggaasisaa dha. Kanaafuu, Yiftaan nama kam iyyuu kallattiidhaan aarsaa gochuuf akka hin yaadne ifa dha. (Kes. 18:9, 10) Seera Musee jalatti qalmi gubamu kan dhihaatu Yihowaadhaaf qofa ture; kanaafuu Yiftaan namni kun guutummaatti Yihowaa akka tajaajiluuf nan kenna jechuu isaa taʼuu hin oolu. Waadaan kun hamma dhumaatti godoo qulqullaaʼaa keessatti tajaajiluu argisiisa. Yihowaan Yiftaa kan dhagaʼe siʼa taʼu, diinota isaa akka balleessuu fi akka injifatu gochuudhaan moʼicha guddaa isaaf kenneera. (Kes. 11:32, 33) Haa taʼu malee, namni akka ‘qalma gubamuutti’ Waaqayyoof kennamu eenyu taʼa laata?

13, 14. Wanti Yiftaan Abboota Firdii 11:35 irratti dubbate waaʼee amantii isaa maal argisiisa?

13 Seenaa jalqaba mata duree kanaa irratti ibsame yaadadhu. Yeroo Yiftaan bakka waraanaatii deebiʼu dursitee isa simachuuf kan baate intala isaa ishii tokkittii turte! Kun qorumsa cimaa dha. Waadaa gale eeguudhaan, intalli isaa jireenya ishii guutuu godoo qulqullaaʼaa keessatti akka tajaajiltuuf dabarsee kennaa laata?

14 Yiftaan yeroo kanattis taanaan, filannoo sirrii gochuudhaaf dhugaawwan buʼuuraa Waaqayyootiin geggeeffamuu qaba. Tarii yaada Baʼuu 23:19 irratti argamuu fi sabni Waaqayyoo isa caalu Yihowaadhaaf akka kennan ajaju yaadatee taʼuu dandaʼa. Akkasumas Seerichi namni tokko waadaa gale raawwachuun isaa dirqama akka taʼe dubbata. Akkana jedha: “Namni Waaqayyoof waa yoo wareege . . . akkuma wanta afaan isaa keessaa baʼe sana hundumaatti haa hojjetu malee, sagalee isaa hin geddarin.” (Lak. 30:2) Akkuma Haannaa ishii amanamtuu turtee fi tarii yeroo inni jiraatetti jiraachaa turtee, Yiftaanis waadaan inni gale gara fuulduraatti isas taʼe intala isaa akka tuqu kan beeku taʼus, waadaa gale kana eeguu qaba. Ijoollee kan biraa hin qabu ture; kanaafuu sanyii isaa itti fufsiisuu, akkasumas maqaa isaa waamsisuu fi dhaala inni Israaʼel keessatti qabu itti fufsiisuu kan dandaʼu ishii qofa ture. (Abo. 11:34) Taʼus Yiftaan Abboota Firdii 11:35 irratti, “Ani Waaqayyo duratti afaan kootiin waanan dubbadhe qaba; isa dhiisuus hin dandaʼu” jedheera. Aarsaa guddaa kan isa kaffalchiisu taʼu illee amanamaa taʼuun isaa Waaqayyo duratti fudhatama akka argatuu fi eebba akka argatu godheera. Ati hoo filannaa kan isaa wajjin wal fakkaatu gooteettaa?

15. Baayʼeen keenya waadaa akkamii galleerra? Amanamoo akka taane argisiisuu kan dandeenyu akkamitti?

15 Yeroo jireenya keenya Yihowaadhaaf murteessinetti, utuu of hin qusatin fedha isaa akka raawwannu waadaa galleerra. Waadaa kana eeganii jiraachuun aarsaa akka nama kaffalchiisu beekna. Haa taʼu malee, wanta hojjechuu hin jaallanne tokko akka hojjennu yoo gaafatamne maaltu nutti dhagaʼama? Aarsaa akkanaa kaffaluun keenyaa fi yeroo nuuf hin mijannetti illee Waaqayyoon tajaajiluun keenya amanamoo akka taane argisiisa. Aarsaan nuti kaffallu hammam iyyuu kan nu miidhu yoo taʼe, eebbi nuti argannu yeroo hunda aarsaa kana irra kan caalu dha. (Mil. 3:10) Garuu, waaʼee intala Yiftaa maal jechuutu dandaʼama?

Amantii akka Yiftaa fi intala isaa qabaachuu kan dandeenyu akkamitti? (Keeyyata 16 fi 17 ilaali)

16. Intalli Yiftaa waadaa abbaan ishii galeef deebii akkamii kennite? (Fakkii jalqaba irra jiru ilaali.)

16 Wanta waadaan abbaan ishii gale geessisu fudhachuun intala Yiftaatiif salphaa hin turre. Kun waadaa Haannaan ilmi ishii Saamuʼel, nama Waaqayyoof addaan baafame taʼee godoo qulqullaaʼaa keessatti akka tajaajiluuf galtee wajjin tokko miti. (1 Sam. 1:11) Namni Waaqayyoof addaan baafame tokko fuudhuu fi ijoollee godhachuu ni dandaʼa ture. Intalli Yiftaa garuu “qalma gubamu” taʼuuf jetti; gammachuu heerumuu fi maatii godhachuudhaan argamu dhabuuf jetti. (Abo. 11:37-40) Abbaan ishii geggeessaa Israaʼel moʼicha argate waan taʼeef, nama biyyicha keessatti iddoo guddaa qabutti heerumuu dandeessi turte. Amma garuu godoo qulqullaaʼaa keessatti gad of qabuudhaan tajaajiluuf jetti. Shamarreen kun deebii akkamii kenniti laata? “Yaa abbaa ko! . . . wanta [Waaqayyo] duratti afaan keetiin dubbatte, akkuma dubbii keetiitti ana irratti raawwadhu” jechuudhaan tajaajila Yihowaatiif dursa akka kennitu argisiisteetti. (Abo. 11:36) Waaqeffannaa dhugaa deggeruuf jettee, fedhii uumamaa heerumuu fi ijoollee godhachuuf qabdu aarsaa gooteetti. Fedhii ofii aarsaa gochuu wajjin haala wal qabateen fakkeenya ishii hordofuu kan dandeenyu akkamitti?

17. (a) Amantii Yiftaa fi intala isaa hordofuu kan dandeenyu akkamitti? (b) Yaadni Ibroota 6:10-12 irratti argamu aarsaa kaffaluuf kan si jajjabeessu akkamitti?

17 Kiristiyaanonni dargaggoon kumaan lakkaaʼaman, guutummaatti Yihowaa tajaajiluuf yoo xinnaate ammaaf gaaʼela dhaabbachuu ykn ijoollee godhachuu dhiisaniiru. Maanguddoonnis, hojiiwwan ijaarsaa tiʼookraasii irratti hirmaachuuf ykn Mana Barumsaa Labsitoota Wangeela Mootummichaa galanii barachuu fi iddoo babalʼistoonni Mootummichaa caalaatti barbaachisan deemanii tajaajiluuf jecha yeroo ijoollee isaanii ykn ijoollee ijoollee isaanii wajjin dabarsuu dandaʼan aarsaa godhanii taʼuu dandaʼa. Warri kaan immoo, duula tajaajilaa yeroo Ayyaana Yaadannootti godhamu irratti hirmaachuuf jecha dhimma dhuunfaa isaanii aarsaa godhu. Hojiin garaa guutuudhaan hojjetamu akkanaa, Yihowaa isa hojii isaanii fi jaalala isaan isatti argisiisan hin irraanfanne baayʼee gammachiisa. (Ibroota 6:10-12 dubbisi.) Ati hoo guutummaatti Yihowaa tajaajiluuf aarsaa dabalataa kaffaluu ni dandeessaa?

BARUMSA ARGANNU

18, 19. Seenaa Kitaaba Qulqulluu waaʼee Yiftaa fi intala isaa dubbatu irraa maal baranna? Fakkeenya isaanii hordofuu kan dandeenyu hoo akkamitti?

18 Yiftaan jireenya isaa keessatti rakkinni hedduun kan isa mudate taʼus, filannoowwan godhu irratti ilaalchi Yihowaa akka isa geggeessu heyyameera. Namoonni naannoo isaa jiran dhiibbaa akka isa irratti godhan hin heyyamne. Namoonni kaan isa gaddisiisuun isaanii kutannoo inni amanamaa taʼee itti fufuuf godhe isa jalaa hin laaffisne. Innis taʼe intalli isaa fedhiidhaan aarsaa kaffaluun isaanii, Yihowaan waaqeffannaa qulqulluu keessatti waan isaanitti fayyadameef eebba isaaniif argamsiiseera. Yeroo namoonni kaan ulaagaalee Waaqayyootiin buluu didanitti illee, innis taʼe intalli isaa ulaagaalee kanatti maxxananiiru.

19 Kitaabni Qulqulluun ‘fakkeenya warra amantii fi obsaan abdii sana dhaalanii akka hordofnu’ nu jajjabeessa. (Ibr. 6:12) Amanamoo yoo taane Yihowaan akka nu eebbisu beekuudhaan, fakkeenya Yiftaa fi intala isaa haa hordofnu.