Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

Dandeettii Yaadaan Ilaaluutti Ogummaadhaan Fayyadamaa Jirtaa?

Dandeettii Yaadaan Ilaaluutti Ogummaadhaan Fayyadamaa Jirtaa?

WANTI ulfaatinni isaa kiilogiraama 1.4 qofa taʼu iyyuu ‘wantoota uumama cufa keessatti hanga ammaatti argaman keessaa hunda caalaa wal xaxaa’ akka taʼetti ibsame maali dha? Sammuu ilmaan namootaa isa baayʼee dinqisiisaa taʼe dha. Waaʼee isaa caalaatti barachaa yeroo deemnu, dinqisiifannaan uumamawwan Yihowaa “raajii” taʼaniif qabnu dabalaa deema. (Far. 139:14) Mee dandeettiiwwan sammuun keenya qabu keessaa tokko, jechuunis yaadaan ilaaluu qofa haa qorru.

Yaadaan ilaaluun maali dha? Galmeen jechootaa tokko, “dandeettii wantoota haaraa ykn gammachiisaa taʼan ykn immoo wantoota kanaan dura si hin mudanne sammuu keessatti fakkiidhaan ykn yaadaan ilaaluu ti” jechuudhaan hiikeera. Maarree, hiika kana irraa kaʼuudhaan, dandeettii kanatti yeroo hunda fayyadamaa akka jirtu sitti hin dhagaʼamuu? Fakkeenyaaf, waaʼee bakka argitee hin beekne tokkoo dubbistee ykn dhageessee beektaa? Bakka sana argitee kan hin beekne taʼuun kee, yaadaan ilaaluu irraa si dhowweeraa? Dhuguma iyyuu, waaʼee wanta arguu, dhagaʼuu, dhandhamuu, qaqqabuu ykn fuunfachuu hin dandeenye tokkoo yeroo yaadnu hundatti, dandeettii yaadaan ilaaluu keenyatti fayyadamaa jirra jechuu dha.

Kitaabni Qulqulluun, ilmaan namootaa akka bifa Waaqayyootti akka uumaman nu hubachiisa. (Uma. 1:26, 27) Kun, Yihowaanis dandeettii yaadaan ilaaluu akka qabu kan argisiisu mitii? Dandeettii kana akka qabaannu godhee waan nu uumeef, fedha isaa hubachuuf akka itti fayyadamnu nu irraa eeguun isaa sirrii dha. (Lal. 3:11) Kana gochuuf dandeettii yaadaan ilaaluu keenyatti ogummaadhaan fayyadamuu kan dandeenyu akkamitti? Wantoota karaa dogoggora taʼeen dandeettii yaadaan ilaaluu keenyatti akka fayyadamaa jirru argisiisan kam irraa fagaachuu qabna?

KARAA DOGOGGORA TAʼEEN DANDEETTII YAADAAN ILAALUUTTI FAYYADAMUU

(1) Yeroo sirrii hin taanetti ykn wanta sirrii hin taane hawwuu.

Hawwuun yeroo hunda dogoggora dha jechuu miti. Hawwuun faayidaa qabaachuu akka dandaʼu ragaan argisiisu iyyuu jira. Haa taʼu malee, Lallabni 3:1 “Wanti hundinuu yeroo qaba” waan jedhuuf wantoota tokko tokko yeroo sirrii hin taanetti gochuunis akka dandaʼamu nu hubachiisa. Fakkeenyaaf, utuu gumii irra jirruu ykn utuu qoʼannaa Kitaaba Qulqulluu godhannuu yaadni keenya yoo hihhirame, yaadaan ilaaluun keenya nu fayyadaa jira moo gufuu nutti taʼaa jira? Yesuus iyyuu, sammuun keenya yaadawwan dogoggoraa kan akka hawwii addaggummaa irratti yaaduun balaa akka qabu akeekkachiiseera. (Mat. 5:28) Wantoonni yaadaan ilaallu tokko tokko Yihowaa kan baayʼee gaddisiisan taʼuu dandaʼu. Hawwiin addaggummaa wanta sirrii hin taane raawwachuutti nu geessuu dandaʼa. Wanti yaadaan ilaaltu matumaa Yihowaa irraa akka si hin fageessine kutadhu!

(2) Qabeenyi nageenya bara baraa argamsiisuu dandaʼa jedhanii yaaduu.

Qabeenyi barbaachisaa fi faayidaa qabeessa dha. Taʼus, nageenyaa fi gammachuu dhugaa argamsiisa jennee yoo yaadne, booddee gadduun keenya hin oolu. Nama ogeessa kan taʼe Solomoon, “Qabeenyi warra sooreyyii isaaniif mandara daʼoo qabuu dha, akka dallaa dhedheeroottis isa in lakkaaʼu” jechuudhaan barreesseera. (Fak. 18:11) Fakkeenyaaf, Fulbaana 2009⁠tti Maniillaa, Filippiinsi keessaa harka 80 ol kan taʼu lolaadhaan yeroo badetti wanta taʼe ilaali. Namoonni qabeenya hedduu qaban oolaniiruu? Namni sooressi waan baayʼee dhabe tokko, “Lolaan sun, sooressa irras taʼe hiyyeessa irra rakkinaa fi dhiphina geessisuudhaan namoota hunda wal qixxeesseera” jedheera. Qabeenyi eegumsaa fi nageenya dhugaa argamsiisa jedhanii yaaduun salphaa taʼuu dandaʼa. Dhugaa isaa dubbachuuf garuu hin argamsiisu.

(3) Waaʼee wantoota gonkumaa hin taanee yaaddaʼuu.

Yesuus garmalee akka ‘hin yaaddofne’ nu gorseera. (Mat. 6:34) Yeroo hunda yaaddaʼuun utuu wal irraa hin kutin dandeettii yaadaan ilaaluutti akka fayyadamnu godha. Rakkoowwan sammuun keenya uume, jechuunis rakkoowwan hanga ammaattis taʼe gara fuulduraatti hin uumamne ilaalchisee yaaddaʼuun, salphaatti humna keenya laaffisuu dandaʼa. Kitaabni Qulqulluun, yaaddoon akkanaa abdii kutachuu fi dhiphinatti nama geessuu akka dandaʼu dubbata. (Fak. 12:25) Garmalee yaaddaʼuu dhiisnee wanta guyyuma guyyaatti nu yaaddessu qofa keessummeessuudhaan gorsa Yesuus hojii irra oolchuun baayʼee barbaachisaa dha.

DANDEETTII YAADAAN ILAALUUTTI OGUMMAADHAAN FAYYADAMUU

(1) Haalawwan balaa geessisan dursanii ilaaluudhaan irraa fagaachuu.

Kitaabni Qulqulluun hubatoo akka taanuu fi dursinee akka yaadnu nu jajjabeessa. (Fak. 22:3) Dandeettii yaadaan ilaaluu keenyatti fayyadamuudhaan murtoon keenya maal geessisuu akka dandaʼu dursinee tilmaamuu dandeenya. Fakkeenyaaf, sagantaa tokko irratti akka argamtu yoo afeeramte dandeettiin yaadaan ilaaluu kee, irratti argamuu ykn dhiisuu ilaalchisee murtoo sirrii akka gootu si gargaaruu kan dandaʼu akkamitti? Eenyufaan akka afeeraman, saganticha irratti namoonni hammamii akka argaman, eessattii fi yoom akka geggeeffamu erga hubattee booda gaaffiiwwan kana irratti yaadi: ‘Bakka sana haala akkamiitu jiraachuu dandaʼa?’ Dhuguma sagantaan sun gaarii fi dhugaa buʼuuraa Kitaaba Qulqulluu keessa jiruu wajjin kan wal simu dhaa? Kana gochuun kee, sagantichi maal akka fakkaatu tilmaamuuf si gargaaruu dandaʼa. Yeroo murtoo gootu dandeettii yaadaan ilaaluu keetti fayyadamuun kee, haalawwan karaa hafuuraa si miidhan irraa fagaachuuf si gargaara.

(2) Haalawwan rakkisaa akkamitti akka qabnu dursinee yaaduu.

Yaadaan ilaaluun, ‘dandeettii rakkina tokko dandamachuuf qabnus’ kan dabalatu dha. Fakkeenyaaf, namni si mufachiise tokko gumii keessa jira haa jennu. Nama sanaa wajjin nagaa buusuu yoo barbaadde akkamitti isa haasofsiista? Wanti irratti yaaduu qabdu baayʼeen jira. Akkaataan haasaa isaa kan akkamii ti? Waaʼee rakkina sanaa yeroo kamitti haasaʼuutu sirrii taʼa? Jechootaa fi haala sagalee akkamiitti fayyadamuutu gaarii taʼa? Dandeettii yaadaan ilaaluu keetti fayyadamuudhaan, haala kana akkamitti akka qabdu dursitee yaaduu fi haala gaarii deebii gaarii argachuuf si dandeessisu filachuu dandeessa. (Fak. 15:28) Akkaataa kanaan haala rakkisaa furuuf yaaluun keenya, gumii keessatti nagaan akka babalʼatu godha. Kun, karaa gaarii dandeettii yaadaan ilaaluu keenyatti itti fayyadamnu dha.

(3) Dubbisa Kitaaba Qulqulluu fi qoʼannaa dhuunfaa kee fooyyeffachuu.

Guyyaa guyyaadhaan Kitaaba Qulqulluu dubbisuun baayʼee barbaachisaa dha. Haa taʼu malee, baayʼee dubbisuu caalaa wanti barbaachisaa taʼe jira. Barumsa Kitaaba Qulqulluu irra jiru hubachuu fi hojii irra oolchuuf kakaʼuu qabna. Dubbisni Kitaaba Qulqulluu keenya beekumsa gochawwan Yihowaa ilaalchisee qabnu kan nuuf guddisu taʼuu qaba. Dandeettii yaadaan ilaaluu keenyatti fayyadamuun keenya kana gochuuf nu gargaaruu dandaʼa. Akkamitti? Kitaaba Fakkeenya Amantii Isaanii Hordofaa jedhamu akka fakkeenyaatti haa ilaallu. Seenaawwan kitaaba kana keessa jiran dubbisuun keenya, seenaa tokkoon tokkoon namoota Kitaaba Qulqulluu keessatti ibsamanii fi kitaaba kana keessatti argamanii bifa fakkiitiin akka ilaallu gochuudhaan, dandeettii yaadaan ilaaluu keenya nuu guddisuu dandaʼa. Wanta seenaa sana keessatti mulʼatu ilaaluu fi sagalee dhagaʼuu dandeenyeerra; akkasumas, fooliin nutti urgaaʼuu fi miirri namoota seenaa sana keessatti ibsamanii nutti dhagaʼamuu dandaʼeera. Kun taʼuun isaa immoo, seenaa Kitaaba Qulqulluu akka gaariitti akka beeknu nutti dhagaʼamu tokko irraa barumsa gaarii fi yaada nama jajjabeessu akka argannu godha. Yeroo Kitaaba Qulqulluu dubbisnuu fi yeroo qoʼannaa dhuunfaa godhannutti dandeettii yaadaan ilaaluu keenyatti haala akkanaatiin fayyadamuun keenya, dubbisaa fi qoʼannaa keenya nuu fooyyessa.

(4) Rakkina warra kaanii akka kan ofiitti ilaaluu.

Rakkina warra kaanii akka kan ofiitti ilaaluun amala baayʼee gaarii taʼe dha. Yihowaanis taʼe Yesuus miira namootaa waan hubataniif, fakkeenya isaanii hordofuu qabna. (Bau. 3:7; Far. 72:13) Amala kana guddifachuu kan dandeenyu akkamitti? Karaawwan rakkina warra kaanii akka kan ofiitti ilaaluuf nu gargaaran keessaa inni tokko, dandeettii yaadaan ilaaluu keenyatti fayyadamuu dha. Wanti obboleessa ykn obboleettii keenya irra gaʼe nu irra gaʼee kan hin beekne taʼuu dandaʼa. Taʼus, ‘Ani haala akkanaa keessa utuun jiraadhee maaltu natti dhagaʼama?’ Akkasumas ‘Maaltu na barbaachisa?’ jettee of gaafachuu dandeessa. Dandeettii yaadaan ilaaluutti fayyadamnee gaaffiiwwan kana deebisuun keenya, caalaatti rakkina warra kaanii akka kan mataa keenyaatti akka ilaallu godha. Dhuguma iyyuu, tajaajila irrattii fi walitti dhufeenya Kiristiyaanota kaanii wajjin qabnuunis miira namootaa kan hubannu taʼuun keenya, jireenya keenya keessatti karaa hundumaan buʼa qabeessa akka taanu godha.

(5) Addunyaa haaraa keessatti jireenyi maal akka fakkaatu yaaduu.

Kitaabni Qulqulluun addunyaa haaraa Waaqayyo abdachiise keessatti jireenyi maal akka fakkaatu balʼinaan ibsa. (Isa. 35:5-7; 65:21-25; Mul. 21:3, 4) Barreeffamoonni keenya, fakkiiwwan babbareedan hedduutti fayyadamanii abdii kana ibsu. Maaliif? Fakkiin, dandeettii yaadaan ilaaluu keenya nuu dabala; akkasumas eebbawwan abdachiifamne kana argachaa akka jirrutti akka of ilaallu godha. Yihowaan inni dandeettii yaadaan ilaaluu uume, dandeettiin kun hammam humna akka qabu eenyu iyyuu caalaa beeka. Dandeettii kanatti fayyadamnee abdii inni kenne irratti xiinxaluun keenya, amantii raawwii abdiiwwan kanaa irratti qabnu nuu guddisa; akkasumas yeroo ammaatti qorumsi hedduun kan nu mudatu taʼus amanamoo akka taanu nu gargaara.

Yihowaan jaalalaan kakaʼee dandeettii yaadaan ilaaluu dinqisiisaa taʼe kana nuu kenneera. Dandeettiin kun, yeroo hunda akka gaariitti akka isa tajaajillus nu gargaaruu dandaʼa. Guyyaa guyyaatti kennaa kanatti ogummaadhaan fayyadamuudhaan, dinqisiifannaa Qaama kennaa dinqisiisaa taʼe kana nuu kenneef qabnu haa argisiisnu.