Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

Waaqeffannaadhaaf Walitti Qabamuu kan Qabnu Maaliifi?

Waaqeffannaadhaaf Walitti Qabamuu kan Qabnu Maaliifi?

“Walitti qabamuu isaanii . . . itti fufan.”—HOE. 2:42.

FAARFANNAA: 20, 27

1-3. (a) Kiristiyaanonni walitti qabamuuf akka hawwan kan argisiisan akkamitti? (Fakkii jalqaba irra jiru ilaali.) (b) Mata duree kana keessatti waaʼee maalii ilaalla?

KOORINAAN, haati ishii qabamtee kaampii Sooviyeet hojii humnaa itti hojjechiisanitti yeroo geeffamtetti umuriin ishii waggaa 17 qofa ture. Booda immoo Koorinaanis gara Saayibeeriyaa isa mana ishii irraa kiilomeetira kumaatama hedduu fagaatuutti boojuudhaan fudhatamte. Achitti akka garbaatti kan ilaalamtu siʼa taʼu, yeroo tokko tokko immoo kaampii sanaa alatti qorra keessa uffata qorraaf taʼu utuu hin uffatin hojii humnaa akka hojjettu dirqisiifamti turte. Haalawwan rakkisaan sun utuma jiranii, Koorinaa fi obboleettiin kan biraan tokko walgaʼii gumii tokko irratti argamuuf murteessanii turan.

2 Akkana jetteetti: “Hojiidhaa kan baane erga galgalaaʼee booda yeroo taʼu, gara buufata baaburaa kiilomeetira 25 fagaatuutti miillaan deemne. Baaburichi kan kaʼe halkan keessaa saʼaatii saddeetitti ture; achiis saʼaatii jaʼa erga deemnee booda, miillaan immoo kiilomeetira 10 deemnee gara bakka walgaʼii geenye.” Hamma kana dadhabuun isaanii sirrii turee? Koorinaan akkana jetteetti: “Bakka walgaʼiitti Masaraa Eegumsaa kan qoʼanne yeroo taʼu, faarfannaawwan Mootummichaas faarfanneerra. Muuxannoon kun baayʼee nu jabeesseera; akkasumas amantii keenya nuuf cimseera.” Koorinaa fi hiriyaan ishii hojiitti kan deebiʼan guyyaa sadii booda taʼu iyyuu, hogganaan iddoo horsiisa horii sanaa akka isaan hojii irra hin turre illee hin hubanne ture.

3 Dhugaa Baatonni Yihowaa walitti qabamuudhaaf yeroo hunda iddoo guddaa kennu. Akkuma gumiin Kiristiyaanaa hundeeffameen, duuka buutonni Yesuus “walitti qabamuu” jalqabanii turan. (HoE. 2:42) Atis akkuma isaanii yeroo hunda walgaʼii gumii irratti argamuuf fedhii akka qabdu beekamaa dha. Taʼus, wantoonni Kiristiyaanota hundatti gufuu taʼan jiru. Hojiin keenya, yeroo dhabuun keenya ykn sochii guyyaa guyyaatti goonuun kan kaʼe dadhabuun keenya, walgaʼii irratti argamuun akka nutti ulfaatu gochuu dandaʼa. Gufuuwwan kana moʼuu fi walgaʼii irratti argamuu amaleeffachuuf wanti nu kakaasu maali dha? [1] Barattoonni Kitaaba Qulqulluu keenyaa fi warri kaan walgaʼiiwwan irratti argamuun barbaachisaa taʼuu isaa akka hubatan gargaaruu kan dandeenyu akkamitti? Mata duree kana keessatti, sababiiwwan waaqeffannaadhaaf walitti qabamuu itti qabnu saddeet ilaalla. Sababiiwwan kanas kutaa sadiitti qoodnee ilaaluu dandeenya: walgaʼiiwwan irratti argamuun keenya akkamitti akka nu fayyadu, warra kaan akkamitti akka gargaaruu fi Yihowaa kan gammachiisu akkamitti akka taʼe ilaalla. [2]

KAN NU FAYYADU AKKAMITTI?

4. Walitti qabamuun keenya waaʼee Yihowaa barachuuf kan nu gargaaru akkamitti?

4 Walgaʼii irratti ni baranna. Walgaʼiiwwan gumii hundi waaʼee Waaqa keenya Yihowaa nu barsiisu. Fakkeenyaaf, dhiheenyatti gumiiwwan hedduun gara waggaa lamaatiif Qoʼannaa Kitaaba Qulqulluu Gumii irratti kitaaba Yihowaatti Dhihaadhu jedhamu qoʼataniiru. Qoʼannaa sana irratti waaʼee amalawwan Waaqayyoo qoʼachuun kee, akkasumas yaada obboloonni garaadhaa kennan dhagaʼuun kee jaalala ati Abbaa kee isa samiitiif qabdu siif hin guddisnee? Kana malees haasaa, hojiin argisiisaa fi dubbisa Kitaaba Qulqulluu xiyyeeffannaadhaan hordofuun keenya beekumsa Dubbii Waaqayyootiif qabnu nuuf dabala. (Nah. 8:8) Fakkeenyaaf, torban torbaniin yaada ijoo dubbisa Kitaaba Qulqulluutiif yeroo qophooftu, akkasumas yeroo dhaggeeffattu, beekumsawwan hafuuraa akkamii akka argattu yaadi!

5. Walgaʼiin wanta Kitaaba Qulqulluu irraa barattetti akka fayyadamtuu fi akkaataa itti lallabdu fooyyessuuf kan si gargaare akkamitti?

5 Walgaʼii irratti, jireenya keenya keessatti dhugaawwan buʼuuraa Kitaaba Qulqulluu hojii irra akka oolchinu baranna. (1 Tas. 4:9, 10) Fakkeenyaaf, Qoʼannaan Masaraa Eegumsaa wanta saba Waaqayyootiif barbaachisu kan barsiisu dha. Qoʼannaan Masaraa Eegumsaa galmawwan kee akka qortu, Kiristiyaana hidhata kee taʼeef dhiifama akka gootu ykn kadhannaa kee akka fooyyeffattu si kakaaseeraa? Walgaʼiin torban gidduutti godhamu immoo tajaajilaaf nu leenjisa. Walgaʼii kana irratti Misiraachicha lallabuu fi dhugaawwan buʼuuraa Kitaaba Qulqulluu warra kaan barsiisuu kan dandeenyu akkamitti akka taʼe baranna.—Mat. 28:19, 20.

6. Walgaʼiiwwan keenya, kan nu jajjabeessanii fi cimoo taanee akka itti fufnu kan nu gargaaran akkamitti?

6 Walgaʼiin nu jajjabeessa. Sirni kun karaa sammuu, karaa miiraa fi karaa hafuuraa nu dadhabsiisuu dandaʼa. Faallaa kanaatiin garuu, walgaʼiiwwan gumii nu jajjabeessu, akkasumas nu cimsu. (Hojii Ergamootaa 15:30-32 dubbisi.) Walgaʼiiwwan keenya hedduu irratti raawwii raajiiwwan Kitaaba Qulqulluu ni baranna. Kun immoo, abdiin Yihowaan gara fuulduraatiif waadaa gales akka raawwatamu amanannaa qabnu nuu cimsa. Dhugaa dha, kan nu jajjabeessu namoota waltajjii irraa dubbatan qofa miti. Kiristiyaanonni garaadhaa yaada kennanii fi faarfatan kaanis nu jajjabeessu. (1 Qor. 14:26) Kana malees, walgaʼii duraa fi booda obboloota keenyaa wajjin haasaʼuun keenya, akka walitti dhihaannuu fi akka jajjabaannu godha.—1 Qor. 16:17, 18.

7. Walgaʼiiwwan keenya irratti argamuun barbaachisaa kan taʼe maaliifi?

7 Walgaʼiin, hafuura qulqulluu akka argannu godha. Yesuus Kiristoos inni ulfina argate, “Inni gurra qabu wanta hafuurri gumiiwwanitti dubbatu haa dhagaʼu” jedheera. (Mul. 2:7) Eeyyee, Yesuus gumii Kiristiyaanaa hafuura qulqulluudhaan geggeessa. Qorumsa moʼuuf, tajaajila irratti ija jabina argachuu fi qophaaʼuuf, akkasumas murtoo sirrii gochuuf hafuurri qulqulluun nu barbaachisa. Hafuura kana argachuudhaaf, walgaʼiiwwan gumii dabalatee carraa qabnu hundatti fayyadamuu hin qabnuu ree?

WARRA KAAN KAN GARGAARU AKKAMITTI?

8. Walgaʼii irratti argamuun, yaada kennuunii fi faarfachuun keenya obboloota keenya kan gargaaru akkamitti? (Saanduqa, “Yeroo Hunda Haaromee Deebiʼa” jedhus ilaali.)

8 Walgaʼii irratti yommuu argamnu, obboloota keenyatti akka isaan jaallannu argisiisuuf carraa arganna. Waaʼee rakkoowwan obboloonni gumii kee keessa jiran dandaʼaa jiraatanii yaadi. Phaawulos ergamaan, “Xiyyeeffannaa waliif haa kenninu” jechuun isaa sirrii dha! Phaawulos itti fufuudhaan xiyyeeffannaa akka waliif kenninu argisiisuu kan dandeenyu, ‘walitti qabamuu keenya utuu hin dhiisin’ akka taʼe ibseera. (Ibr. 10:24, 25) Walgaʼiiwwan irratti yeroo argamnu, obboloota keenyaa wajjin taʼuu fi isaanii wajjin haasaʼuu akka barbaadnu, akkasumas miira isaaniitiif bakka guddaa akka laannu isaanitti argisiisna. Dabalataanis, garaadhaa yaada kennuun kee fi faarfachuun kee Dhugaa Baatota hidhata kee taʼan ni jajjabeessa.—Qol. 3:16.

9, 10. (a) Yaadni Yesuus Yohaannis 10:16 irratti dubbate, walgaʼii irratti argamuun maaliif akka barbaachisu hubachuuf kan nu gargaaru akkamitti akka taʼe ibsi. (b) Yeroo hunda walgaʼii irratti kan argamnu yoo taʼe, nama maatiin isaa isa jibbe gargaaruu kan dandeenyu akkamitti?

9 Walgaʼiin, obboloota hidhata keenya taʼanii wajjin tokkummaa akka qabaannu godha. (Yohaannis 10:16 dubbisi.) Yesuus ofii isaa tikseetti, barattoota isaa immoo tuuta hoolotaatti fakkeesseera. Mee yaadi: Hoolonni lama tabba irra, hoolonni lama immoo sulula keessa kan jiran, akkasumas hoolaan tokko iddoo biraadhaa dheedaa kan jiru yoo taʼe, hoolota kana shanan akka tuuta tokkootti ilaaluun ni dandaʼamaa? Tuutni hoolotaa tiksee isaanii jalatti wal faana akka taʼan beekamaa dha. Haaluma wal fakkaatuun, nutis taʼe jennee yoo adda of baasne Tiksee keenya hordofuu hin dandeenyu. “Tuuta” ‘tiksee’ tokko jala jiru taʼuudhaaf, Kiristiyaanota kaanii wajjin walitti qabamuu qabna.

10 Walgaʼii irratti yeroo argamnu, tokkummaa obbolummaa keenyaatiif gumaacha goona. (Far. 133:1) Obboloota keenya keessaa tokko tokko, warra isaanii fi obboloota isaaniitiin kan jibbamani dha. Taʼus, Yesuus maatii hafuuraa isaan jaallatuu fi isaaniif yaadu akka isaaniif kennu waadaa galeera. (Mar. 10:29, 30) Yeroo hundumaa walgaʼii irratti argamuudhaan, obboloota jaallatamoo kanaaf abbaa, haadha, obboleessa ykn obboleettii taʼuu kee argisiisuu dandeessa. Kun walgaʼiiwwan hunda irratti argamuudhaaf hamma dandeenye carraaqqii akka goonu nu hin kakaasuu?

YIHOWAA KAN GAMMACHIISU AKKAMITTI?

11. Walgaʼii irratti argamuun keenya, Yihowaan wanta isaaf malu akka argatu kan godhu akkamitti?

11 Walgaʼii irratti argamuun keenya, Yihowaan wanta isaaf malu akka argatu godha. Yihowaan Uumaa keenya waan taʼeef, jajannaa, ulfina, galataa fi kabaja argachuun isaaf mala. (Mulʼata 7:12 dubbisi.) Walgaʼii irratti yommuu isa kadhannu, yommuu isa faarfannuu fi waaʼee isaa yommuu dubbannu, Yihowaadhaaf wanta isaaf malu, jechuunis waaqeffannaa keenya kennaa jirra jechuu dha. Waaqa keenya isa waan baayʼee nuuf godhe kana kabajuuf mirga arganneef iddoo guddaa kennina.

12. Yihowaan ajaja inni walgaʼii irratti akka argamnu kenneef yommuu ajajamnu maaltu isatti dhagaʼama?

12 Yihowaadhaaf ajajamuun keenyas kan isaaf malu dha. Keessumaa bara dhumaa kanatti walitti qabamuu keenya akka hin dhiisne nu ajajeera. Ajaja kana fedhiidhaan yoo hojii irra oolchine Yihowaan nutti gammada. (1 Yoh. 3:22) Carraaqqii nuti walgaʼii hunda irratti argamuudhaaf goonu ni hubata, akkasumas iddoo guddaa kennaaf.—Ibr. 6:10.

13, 14. Walgaʼii irratti Yihowaa fi Yesuusitti kan dhihaannu akkamitti?

13 Walgaʼii irratti argamuun keenya, isattis taʼe ilma isaatti dhihaachuu akka barbaadnu Yihowaatti argisiisa. Walgaʼii keenya irratti, Barsiisaan keenya Yihowaan Dubbii isaa kan taʼe Kitaaba Qulqulluutti fayyadamee nu geggeessa. (Isa. 30:20, 21) Namoonni Dhugaa Baatota Yihowaa hin taanee illee walgaʼii keenya irratti yommuu argaman, “Dhuguma Waaqayyo isin gidduu jira” jechuu dandaʼu. (1 Qor. 14:23-25) Yihowaan walgaʼiiwwan keenya hafuura isaatiin kan eebbisu siʼa taʼu, barumsawwan Kitaaba Qulqulluu achitti kennamanis ni geggeessa. Kanaafuu, walgaʼiiwwan keenya irratti sagalee Yihowaa dhaggeeffachaa fi jaalala isaa argachaa jirra jechuu dha. Kun immoo isatti nu dhiheessa.

14 Yesuus, “Lama yookiin sadii taʼanii bakka maqaa kootiin walitti qabamanitti, ani isaan gidduutti nan argama” jedheera. (Mat. 18:20) Dhugaan kun walgaʼiiwwan keenyaafis ni hojjeta. Kiristoos mataa gumii waan taʼeef, gumiiwwan saba Waaqayyoo gidduu ni ‘deddeebiʼa.’ (Mul. 1:20–2:1) Yihowaa fi Yesuus walgaʼiiwwan Kiristiyaanaa irratti akka gaariitti nu jabeessaa jiru. Yihowaan, hawwii nuti isattii fi Ilma isaatti dhihaachuuf qabnu yommuu argu, maaltu waan itti dhagaʼamu sitti fakkaata?

15. Walgaʼii irratti argamuun keenya, isaaf ajajamuu akka barbaadnu Waaqayyotti kan argisiisu akkamitti?

15 Walgaʼii irratti argamuun keenya, ol aantummaa Waaqayyoo akka deggerru argisiisa. Yihowaan walgaʼiiwwan irratti akka argamnu kan nu ajaju taʼus, nu hin dirqisiisu. (Isa. 43:23) Kanaafuu, Yihowaa garaadhaa akka jaallannuu fi ol aantummaa isaa cimsinee akka deggerru argisiisuu kan qabu nu dha. (Rom. 6:17) Fakkeenyaaf, hogganaan hojii keenyaaf jennee walgaʼiiwwan gumii aarsaa akka goonu barbaadu dhiibbaa nu irratti godha taʼa. Mootummaa yoo nuti walitti qabamne qarshiidhaan, hidhaadhaan ykn adaba kana caaluun akka nu adabu nu sossodaachisu irraa mormiin nu irra gaʼa taʼa. Yookiin immoo walgaʼii irratti argamuu mannaa bashannana irratti hirmaachuuf qoramna taʼa. Haalawwan kana hunda keessatti, eenyuun akka tajaajillu filachuu qabna. (HoE. 5:29) Ol aantummaa isaa deggeruu yommuu filannu, Yihowaan ni gammada.—Fak. 27:11.

WALITTI QABAMUU KEESSAN ITTI FUFAA

16, 17. (a) Kiristiyaanonni jaarraa jalqabaa walgaʼiidhaaf iddoo guddaa akka kennan akkamitti beekna? (b) Walgaʼiiwwan Kiristiyaanaa ilaalchisee obboleessa keenya Joorji Gaangasitti maaltu dhagaʼama ture?

16 Kiristiyaanonni jaarraa jalqabaa Dh.K.B. bara 33 guyyaa Phenxeqosteetti erga walitti qabamanii booda Yihowaa waaqeffachuuf walitti qabamuu isaanii hin dhiisne. “Barumsa ergamootaa cimsanii hordofuu isaanii, walitti qabamuu isaanii . . . itti fufan.” (HoE. 2:42) Kiristiyaanonni kun bulchiinsa Roomaa jala waan turanii fi geggeessitoota amantii Yihudii irraa mormiin isaan irra gaʼaa waan tureef, walgaʼii irratti argamuun isaaniif salphaa hin turre. Taʼus, walitti qabamuu isaanii itti fufaniiru.

17 Tajaajiltoonni Yihowaa bara keenyatti argamanis, walgaʼiiwwan Kiristiyaanaatiif dinqisiifannaa guddaa akka qaban argisiisaniiru. Joorji Gaangas inni waggaa 22 oliif miseensa Qaama Ol Aanaa taʼee tajaajile akkana jedheera: “Obbolootaa wajjin walitti qabamuun, wantoota guguddaa jireenya koo keessatti na gammachiisan keessaa tokko siʼa taʼu, madda jajjabinaa ti. Yoo dandaʼame, namoota Galma Mootummaa dursanii dhaqanii fi turanii baʼan keessaa tokko taʼuun barbaada. Saba Waaqayyoo wajjin yommuun haasaʼu baayʼeen gammada. Isaanii wajjin yommuun taʼu maatii koo faana jannata hafuuraa keessa waanan jiru natti fakkaata.” Itti dabaluudhaanis, “Akkuma koompaasiin yeroo hundumaa kallattii kibbaa argisiisu, yaadni koo fi hawwiin koos walgaʼii gumii irratti argamuu dha” jedheera.

18. Walgaʼii keenya ilaalchisee maaltu sitti dhagaʼama? Murtoon kee hoo maali dha?

18 Ati hoo, Yihowaa waaqeffachuuf walitti qabamuu ilaalchisee akkasuma sitti dhagaʼamaa? Taanaan, walgaʼiiwwan irratti yeroo hundumaa argamuuf garaadhaa carraaqqii gochuu kee itti fufi. Kana kan gootu yoo taʼe, yaada Daawit Mootichi, “Yaa Waaqayyo, mana ati keessa jiraattu, . . . ani nan jaalladha” jedhee dubbate irratti akka walii galtu argisiista.—Far. 26:8.

^ [1] (keeyyata 3) Obboloonni keenya tokko tokko haalawwan humna isaaniitii ol taʼaniin, fakkeenyaaf dhukkuba cimaadhaan kan kaʼe walgaʼiiwwan irratti yeroo hundumaa argamuu hin dandaʼan. Yihowaan haala isaan keessa jiran akka hubatuu fi waaqeffannaa isaan garaa guutuudhaan dhiheessan akka dinqisiifatu mirkanaaʼoo taʼuu dandaʼu. Jaarsoliin immoo tarii bilbilaan isaaniif dabarsuudhaan ykn isaaniif waraabuudhaan obboloonni humni isaanii daangeffame kun sagantaawwan hafuuraa irraa faayidaa akka argatan gargaaruu dandaʼu.

^ [2] (keeyyata 3) Saanduqa “Sababiiwwan Walgaʼii Irratti Itti Argamnu” jedhu ilaali.