Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

MATA DUREE QOʼANNAA 14

‘Faana Kiristoos Dhiheenyatti Hordofaa’

‘Faana Kiristoos Dhiheenyatti Hordofaa’

“Kiristoos faana isaa dhiheenyatti akka hordoftan fakkeenya isiniif taʼuudhaan isiniif jedhee dhiphateera.”—1 PHE. 2:21.

FAARFANNAA 13 Kiristoos, Fakkeenya Keenya

QABIYYEE *

Yesuus dhiheenyatti akka isa hordofnuuf mallattoo faana isaa nuuf dhiiseera (Keeyyata 1-2 ilaali)

1-2. Faana Yesuus hordofuu kan dandeenyu akkamitti? Fakkeenya kenni.

NAMOOTA lafa onaa sodaachisaa fi cirracha qabu keessa deemaa jiran keessaa tokko akka taatan godhaa yaadaa. Namni muuxannoo qabu tokko isin geggeessaa jira. Namni sun cirracha sana irra yommuu deemu mallattoo faana isaa dhiisee deema. Achiis kana booda nama sana arguu akka hin dandeenye hubattan. Taʼus hin sodaattan. Kanaa mannaa, isinis taatan namoonni isinii wajjin jiran mallattoo faana nama isin geggeessu sanaa hamma isiniif dandaʼame hordoftu!

2 Kiristiyaanota dhugaa waan taaneef, akka fakkeenyaatti lafa onaa sodaachisaa, jechuunis addunyaa hamaa kana keessa deemaa jirra. Kan nama gammachiisu garuu, Yihowaan Geggeessaa mudaa hin qabnee fi faana isaa hordofuu dandeenyu, jechuunis Ilma isaa Yesuus Kiristoos nuuf kenneera. (1 Phe. 2:21) Barreeffamni Kitaaba Qulqulluu irratti yaada kennu tokko akka jedhetti, Pheexiros as irratti Yesuusiin nama karaa namatti argisiisu tokkoo wajjin wal bira qabee ibsaa jira. Akkuma namni karaa namatti argisiisu tokko mallattoo faana isaa dhiisaa deemu, Yesuusis mallattoo faana isaa hordofuu dandeenyu nuu dhiiseera. Mee faana isaa hordofuu ilaalchisee gaaffiiwwan sadii haa ilaallu: Faana Yesuus hordofuu jechuun maal jechuu dha? Kana gochuu kan qabnu maaliifi? Akkas gochuu kan dandeenyu hoo akkamitti?

FAANA YESUUS HORDOFUU JECHUUN MAAL JECHUU DHA?

3. Faana nama tokkoo hordofuu jechuun maal jechuu dha?

3 Faana nama tokkoo hordofuu jechuun maal jechuu dha? Kitaaba Qulqulluu keessatti, jechoonni “deemuu” fi “miila” jedhan yeroo tokko tokko akkaataa jireenyaa nama tokkoo argisiisu. (Uma. 6:9; Fak. 4:26) Akkaataan jireenyaa nama tokkoo, mallattoo faanaa yeroo deemu dhiisaa darbuu wajjin wal fakkeeffamuu dandaʼa. Kanaafuu, faana nama tokkoo hordofuu jechuun fakkeenya isaa hordofuu jechuu dha.

4. Faana Yesuus hordofuu jechuun maal jechuu dha?

4 Maarree faana Yesuus hordofuu jechuun maal jechuu dha? Gabaabumatti, fakkeenya isaa hordofuu jechuu dha. Caqasa ijoo mata duree keenyaa irratti, Pheexiros ergamaan kallattiidhaan fakkeenya gaarii Yesuus rakkina dandamachuudhaan nuuf taʼe irratti yaada kennaa ture; haa taʼu malee, karaawwan kan biroon fakkeenya isaa hordofuu itti dandeenyu hedduun jiru. (1 Phe. 2:18-25) Eeyyee, guutummaan jireenya Yesuus, jechuunis wanti inni dubbatee fi raawwate hundi fakkeenya hordofuu dandeenyu nuuf taʼu.

5. Namoonni mudaa qaban dhugumaan fakkeenya Yesuus hordofuu dandaʼuu? Ibsi.

5 Haa taʼu malee, namoota mudaa qabnu taanee utuu jirruu dhugumaan fakkeenya Yesuus hordofuu ni dandeenyaa? Eeyyee, ni dandeenya. Pheexiros ‘faana Yesuus dhiheenyatti hordofaa’ jedhe malee guutummaatti hordofaa akka hin jenne yaadadhaa. Faana isaa of eeggannoodhaan yoo hordofne, namoota mudaa qabnu taanus faana isaa hordofuuf wanta nuuf dandaʼame hunda yoo goone, gorsa Yohaannis ergamaan, ‘akka Yesuus deddeebiʼetti deddeebiʼuu’ akka qabnu kenne hojii irra oolchina.—1 Yoh. 2:6.

FAANA YESUUS HORDOFUU KAN QABNU MAALIIFI?

6-7. Faana Yesuus hordofuun caalaatti Yihowaatti nu dhiheessa kan jennu maaliifi?

6 Faana Yesuus hordofuun caalaatti Yihowaatti nu dhiheessa. Akkas kan jennu maaliifi? Tokkoffaa, Yesuus karaa Waaqayyoon gammachiisuun jiraachuu kan dandeenyu akkamitti akka taʼe fakkeenya guddaa nuuf taʼa. (Yoh. 8:29) Kanaafuu, faana Yesuus hordofuudhaan, Yihowaa gammachiisuu dandeenya. Abbaan keenya inni samiis namoota michoota isaa taʼuuf carraaqqii guddaa godhanitti akka dhihaatu mirkanaaʼoo taʼuu dandeenya.—Yaq. 4:8.

7 Lammaffaa, Yesuus guutummaatti fakkeenya Abbaa isaa hordofeera. “Namni ana arge hundi Abbaas argeera” kan jedhe kanaafi. (Yoh. 14:9) Amalawwan inni argisiisee fi akkaataa inni namoota itti qabe hordofuu dandeenya. Fakkeenyaaf, nama dhukkuba nadaayiitiin qabame tokkoo fi dubartii dhukkuba cimaadhaan qabamteef gaddeera, akkasumas warra namoota jaallatan duʼaan dhabaniif garaa laafeera. Kanaafuu, fakkeenya Yesuus yommuu hordofnu fakkeenya Yihowaa hordofaa jirra jechuu dha. (Mar. 1:40, 41; 5:25-34; Yoh. 11:33-35) Yommuu caalaatti Yihowaa fakkaannu, caalaatti isatti dhihaanna.

8. Faana Yesuus hordofuun ‘addunyaa moʼuuf’ kan nu gargaaru maaliif akka taʼe ibsi.

8 Faana Yesuus hordofuun addunyaa hamaa kanaan yaanni keenya akka hin hihhiramne nu gargaara. Yesuus galgala dhumaa jireenya isaa isa lafaa irratti “Ani addunyaa moʼeera” jechuu kan dandaʼe kanaaf ture. (Yoh. 16:33) Akkas yommuu jedhu ilaalchi, galmii fi gochi addunyaa kanaa dhiibbaa akka isa irratti godhu hin heyyamne jechuu isaa ti. Yesuus sababiin gara lafaa itti ergame ol aantummaa Yihowaa mirkaneessuuf akka taʼe matumaa hin daganne. Nuti hoo? Addunyaa kana keessa wantoonni yaada keenya hihhiran hedduun jiru. Haa taʼu malee, akkuma Yesuus fedha Yihowaa raawwachuu irratti kan xiyyeeffannu yoo taʼe, nutis addunyaa ‘moʼuu’ dandeenya.—1 Yoh. 5:5.

9. Bara baraaf jiraachuuf maal gochuu qabna?

9 Faana Yesuus hordofuun jireenya bara baraa nuuf argamsiisa. Dargaggeessi sooressi tokko jireenya bara baraa argachuuf maal gochuun akka isa barbaachisu yommuu isa gaafatu, Yesuus “Kottuutii duuka buutuu koo taʼi” jedhee isaaf deebise. (Mat. 19:16-21) Yesuus Yihudoota inni Kiristoos taʼuu isaa hin amanne tokko tokkoon, “Hoolonni koo . . . ana duukaa ni buʼu. Ani jireenya bara baraa isaaniif nan kenna” jedheera. (Yoh. 10:24-29) Yesuus, Niqoodimos isa miseensa yaaʼii Saanhedriin taʼee fi waaʼee barumsa isaa caalaatti baruu barbaadeen, ‘Isatti kan amanu hundi jireenya bara baraa qabaata’ jedheera. (Yoh. 3:16) Wanta Yesuus dubbiidhaanis taʼe gochaan fakkeenya taʼuudhaan barsiise hojii irra oolchuudhaan isatti akka amannu argisiisuu dandeenya. Akkas kan goonu yoo taʼe, bara baraaf jiraachuu dandeenya.—Mat. 7:14.

FAANA YESUUS DHIHEENYATTI HORDOFUU KAN DANDEENYU AKKAMITTI?

10. Yesuusiin caalaatti ‘beekuun’ maalfaa dabalata? (Yohaannis 17:3)

10 Faana Yesuus dhiheenyatti hordofuu keenya dura isa beekuu qabna. (Yohaannis 17:3 dubbisi.) Yesuusiin ‘beekuun’ wanta itti fufiinsaan gochuu qabnu dha. Waaʼee amalawwan isaa, ilaalcha isaa fi ulaagaalee isaa barachuu keenya itti fufuudhaan caalaatti isa beekuu qabna. Yeroo hammamiitiif iyyuu dhugaa keessa yoo jiraanne, waaʼee Yihowaa fi Ilma isaa beekuuf carraaqqii gochuu keenya itti fufuu qabna.

11. Wangeelonni arfan maal qabataniiru?

11 Yihowaan waaʼee Ilma isaa akka beeknu nu gargaaruuf jaalalaan kakaʼee Wangeelonni arfan Dubbii isaa keessatti akka dabalaman godheera. Wangeelonni seenaa waaʼee jireenyaa fi tajaajila Yesuus ibsan qabataniiru. Seenaan kun wanta Yesuus dubbate nutti hima, wanta inni raawwatee fi miira isatti dhagaʼames ni ibsa. Kitaabonni arfan kunneen fakkeenya Yesuus irratti ‘akka gaariitti yaaduuf’ nu gargaaru. (Ibr. 12:3) Akkasumas akka fakkeenyaatti mallattoo faana Yesuus qabataniiru jechuun ni dandaʼama. Kanaafuu, Wangeelota kana qoruudhaan Yesuusiin caalaatti beekuu dandeenya. Akkas yoo goone, faana isaa dhiheenyatti hordofuu dandeenya.

12. Wangeelota irraa guutummaatti fayyadamuuf maal gochuu dandeenya?

12 Wangeelota irraa guutummaatti fayyadamuuf dubbisuu caalaa wanti gochuu qabnu jira. Of eeggannoodhaan qoʼachuu fi gad fageenyaan irratti xiinxaluuf yeroo ramaduu qabna. (Iyyaasuu 1:8 wajjin wal bira qabii ilaali, miiljalee.) Mee amma yaadawwan Wangeelota irratti xiinxaluu fi wanta dubbisne hojii irra oolchuuf nu gargaaran lama haa ilaallu.

13. Seenaan Wangeelotaa akka isiniif dhugoomu gochuu kan dandeessan akkamitti?

13 Tokkoffaa, seenaan Wangeelotaa akka isiniif dhugoomu godhaa. Wanta raawwatamaa jiru sana ilaaluuf, dhagaʼuu fi hubachuuf dandeettii yaadaan ilaaluu keessanitti fayyadamaa. Kana gochuuf akka isin gargaaruuf, barreeffamoota jaarmiyaa Yihowaatiin qophaaʼanii fi qorannaa gochuuf gargaaranitti fayyadamaa. Yaada naannoo isaa jiru, jechuunis wanta yaada qoʼachaa jirtan sana dura ykn booda jiru qoraa. Waaʼee namootaa fi iddoowwan seenaa sana keessatti ibsamanii odeeffannoo dabalataa argachuuf yaalaa. Seenaa qoʼachaa jirtan, seenaa wal fakkaatuu fi Wangeela kan biraa irra jiruu wajjin wal bira qabaa ilaalaa. Yeroo tokko tokko barreessaan Wangeelaa tokko wanta barreessaa kan biraan hin ibsine irratti ibsa balʼaa kenna.

14-15. Barumsa seenaa Wangeelotaa irraa arganne jireenya keenya keessatti hojii irra oolchuu kan dandeenyu akkamitti?

14 Lammaffaa, barumsa seenaa Wangeelotaa irraa argattan jireenya keessan keessatti hojii irra oolchaa. (Yoh. 13:17) Seenaa Wangeelaa tokko erga qorattanii booda akkana jedhaa of gaafadhaa: ‘Seenaa kana keessaa barumsi ani jireenya koo keessatti hojii irra oolchuu dandaʼu jiraa? Seenaa kana nama kan biraa gargaaruuf itti fayyadamuu kanan dandaʼu hoo akkamitti?’ Namoota ittiin gargaaruu barbaaddan yaadaa, achiis yeroo barbaachisaa taʼetti, jaalalaa fi malaan barumsa argattan itti himuu dandeessu.

15 Mee fakkeenya yaadawwan lamaan kana akkamitti hojii irra oolchuu akka dandeenyu argisiisu haa ilaallu. Seenaa dubartii hiyyeettii abbaan manaa irraa duʼee fi Yesuus mana qulqullummaa keessatti argee haa qorru.

DUBARTII HIYYEETTII ABBAAN MANAA IRRAA DUʼEE FI MANA QULQULLUMMAA KEESSA TURTE

16. Yaada Maarqos 12:41 irra jiru ibsi.

16 Seenaan isaa akka isiniif dhugoomu godhaa. (Maarqos 12:41 dubbisi.) Haala isaa yaadaan ilaalaa. Yeroon isaa Niisaan 11, Dh.K.B. bara 33 dha, Yesuus duʼuuf guyyoota muraasa qofatu isa hafa. Yesuus guyyaa sana saʼaatii dheeraaf mana qulqullummaatti barsiisaa ture. Taʼus, geggeessitoonni amantii isa mormu turan. Kanaan dura isaan keessaa tokko tokko aangoo isaa irratti gaaffii kaasanii turan. Kaan immoo gaaffiiwwan ciccimoo isa gaafachuudhaan kiyyootti isa galchuuf yaalanii turan. (Mar. 11:27-33; 12:13-34) Amma Yesuus kutaa mana qulqullummaa kan biraa keessa jira. Bakka kana taaʼee saanduqa buusii arguu waan dandaʼuuf, tarii naannoo Addabaabayii Dubartootaa jedhamu jira taʼa. Achi taaʼee namoonni buusii isaanii saanduqa sana keessa yommuu buusan ilaaluu jalqabe. Namoonni sooreyyii taʼan hedduun saantima baayʼee yommuu buusan arge. Tarii yeroo isaan saantima isaanii saanduqa keessa buusan sagaleen isaa isatti dhagaʼama taʼa.

17. Dubartii hiyyeettiin abbaan manaa irraa duʼee fi Maarqos 12:42 irratti ibsamte maal goote?

17 Maarqos 12:42 dubbisi. Yeroo muraasa booda dubartii tokko arge. Ishiin ‘dubartii hiyyeettii abbaan manaa irraa duʼe’ turte. (Luq. 21:2) Jireenyi baayʼee ishiitti ulfaatee ture; wantoota jireenyaaf buʼuura taʼan argachuun illee baayʼee ishii rakkisee taʼuu dandaʼa. Taʼus, saanduqawwan buusii keessaa gara isa tokkoo dhaqxee suuta jettee saantima xixinnoo lama keessa buuste; saantima ishii yommuu saanduqicha keessa buustu sagalee kan hin dhageessisne taʼuu dandaʼa. Yesuus hammam akka buuste beeka; saantima leeptaa lama, jechuunis saantima bara sanatti ture keessaa baayʼee xinnoo buuste. Saantimni kun dimbiixii baayʼee rakasa taatee fi nyaataaf gurguramtu tokko illee bituu hin dandaʼu ture.

18. Akka Maarqos 12:43, 44 jedhutti, Yesuus waaʼee buusii dubartii abbaan manaa irraa duʼe gootee maal jedhe?

18 Maarqos 12:43, 44 dubbisi. Yesuus dubartii abbaan manaa irraa duʼe tana baayʼee dinqisiifateera. Kanaafuu, barattoota isaa waamee, dubartii abbaan manaa irraa duʼe sanatti quba qabuudhaan, “Dubartii hiyyeettiin abbaan manaa irraa duʼe tun warra . . . kaan hundumaa caalaa buuste” jedhe. Achiis akkana jedhee ibse: “Hundi isaanii [keessumaa namoonni sooreyyiin] wanta isaan irraa hafe buusan; ishiin garuu hiyyeettii taatus wanta qabdu hundumaa, jechuunis wanta ittiin jiraattu hundumaa buuste.” Dubartiin amanamtuun abbaa manaa irraa duʼe tun saantima qabdu ishii dhumaa yommuu kennitu, Yihowaan akka ishii kunuunsu isatti amanamtee turte.—Far. 26:3.

Akkuma Yesuus namoota wanta hunda irra caalu Yihowaadhaaf kennaa jiran galateeffadhaa (Keeyyata 19-20 ilaali) *

19. Wanta Yesuus waaʼee dubartii hiyyeettii abbaan manaa irraa duʼee dubbate irraa barumsa barbaachisaa akkamii arganna?

19 Barumsa seenaa sana irraa argattan jireenya keessan keessatti hojii irra oolchaa. ‘Wanta Yesuus waaʼee dubartii hiyyeettii abbaan manaa irraa duʼee dubbate irraa barumsa akkamiin argadha?’ jedhaa of gaafadhaa. Waaʼee dubartii abbaan manaa irraa duʼe sanaa yaadaa. Kana caalaa Yihowaaf utuu kennitee akka ishiitti tolu beekamaa dha. Taʼus, wanta gochuu dandeessu gooteetti; Yihowaaf wanta hundumaa irraa caalu kenniteetti. Yesuusis buusiin ishiin goote Abbaa isaa duratti gatii guddaa akka qabu beeka ture. As irraa barumsi barbaachisaan argannu tokko jira: Yihowaan wanta hundumaa irraa caalu yommuu isaaf kenninu, jechuunis garaa guutuu fi lubbuu guutuudhaan yommuu isa tajaajillu baayʼee gammada. (Mat. 22:37; Qol. 3:23) Yihowaan wanta gochuu dandeenyu hunda gochaa akka jirru yommuu argu baayʼee gammada! Dhugaan buʼuuraa kun tajaajilaa fi walgaʼii keenya dabalatee, yeroo fi humna waaqeffannaa keenyaaf ramadnuufis ni hojjeta.

20. Seenaa waaʼee dubartii abbaan manaa irraa duʼe ibsu irraa barumsa argatte hojii irra oolchuu kan dandeessu akkamitti? Fakkeenya kenni.

20 Barumsa seenaa waaʼee dubartii abbaan manaa irraa duʼe ibsu irraa argattan hojii irra oolchuu kan dandeessan akkamitti? Namoota wanti isaan godhan Yihowaa akka gammachiisu isaan yaadachiisuun barbaachisu yaadaa. Fakkeenyaaf, obboleettii maanguddoo dhibee fayyaatiin ykn humna dhabuudhaan kan kaʼe akka kanaan duraa tajaajiluu dadhabuu ishiitiin of ceephaatu ykn faayidaa akka hin qabne itti dhagaʼamu beektuu? Yookiin obboleessa dhukkuba hin fayyineen qabamee fi walgaʼii Galma Walgaʼiitti godhamu hunda irratti argamuu dadhabuu isaatiin abdii kutate yaaduu dandeessuu? Namoota akkasii “dubbii gaarii ijaaruuf gargaaru” dubbachuudhaan isaan jajjabeessaa. (Efe. 4:29) Seenaa waaʼee dubartii abbaan manaa irraa duʼe ibsu irraa barumsa nama jajjabeessu akkamii akka arganne isaanitti himaa. Jechoonni nama jajjabeessanii fi isin dubbattan, Yihowaan wanta hunda irra caalu yommuu isaaf kenninu akka gammadu isaan yaadachiisa. (Fak. 15:23; 1 Tas. 5:11) Wanti isaan godhan hammam iyyuu xiqqoo yoo fakkaate, warri kaan wanta hunda irra caalu Yihowaaf kennuu isaaniitiin yommuu isaan galateeffattan, faana Yesuus dhiheenyatti hordofaa jirtu jechuu dha.

21. Maal gochuuf murteessiteetta?

21 Seenaan Wangeelotaa waaʼee jireenya Yesuus wantoota hedduu waan nu barsiisuuf baayʼee galateeffanna; sababiin isaas, Yesuusiin fakkaachuu fi faana isaa dhiheenyatti hordofuuf nu gargaara. Maarree qoʼannaa dhuunfaa ykn Waaqeffannaa Maatii keessan irratti piroojeektii Wangeelota irratti xiyyeeffate qopheessuuf maaliif karoora hin baafattan? Qoʼannaa akkasii irraa guutummaatti faayidaa argachuuf, seenaan isaa akka nuuf dhugoomu gochuu fi jireenya keenya keessatti hojii irra oolchuun akka nu barbaachisu haa yaadannu. Wanta Yesuus raawwate hordofuu malees, wanta inni dubbate dhaggeeffachuu qabna. Mata duree itti aanu irratti, wanta Yesuus duʼuu isaa dura yeroo dhumaatiif dubbate irraa maal barachuu akka dandeenyu ilaalla.

FAARFANNAA 15 Ilma Yihowaa Isa Angafa Jajadhaa!

^ key. 5 Kiristiyaanota dhugaa waan taaneef, ‘faana Kiristoos dhiheenyatti hordofuu’ nu barbaachisa. “Faana” Yesuus hordofuu kan dandeenyu akkamitti? Mata dureen kun gaaffii kanaaf deebii kenna. Akkasumas faana isaa dhiheenyatti hordofuu kan qabnu maaliif akka taʼee fi akkamitti kana gochuu akka dandeenyu ibsa.

^ key. 60 IBSA FAKKII: Obboleettiin takka wanta Yesuus waaʼee dubartii hiyyeettii abbaan manaa irraa duʼee dubbate irratti erga xiinxaltee booda, tajaajila ishiin lubbuu guutuudhaan raawwatteef obboleettii maanguddoo tokko galateeffachaa jirti.