Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

MATA DUREE QOʼANNAA 16

Furicha Dinqisiifachuu Keessan Itti Fufaa

Furicha Dinqisiifachuu Keessan Itti Fufaa

“Ilmi namaa kan dhufe lubbuu isaa bakka namoota hedduu furii godhee kennuufi.”—MAR. 10:45.

FAARFANNAA 18 Furichaaf Galateeffachuu

QABIYYEE *

1-2. Furiin maalidha? Kan nu barbaachisu hoo maaliifi?

ADDAAM inni gonka qabeessa taʼe yeroo cubbuu hojjetetti, ofii isaa qofa utuu hin taʼin ijoollee isaa gara fuulduraatti dhalatanis carraa jireenya bara baraa isaan dhabsiiseera. Addaam wanta raawwateef dhiifama argachuu hin dandaʼu. Cubbuu kan hojjete taʼe jedheeti. Haa taʼu malee, ijoolleen isaa hoo? Isaan cubbuu Addaam raawwate irratti hirmaannaa tokko illee hin qaban. (Rom. 5:12, 14) Addaam cubbuu hojjeteef duuti isaaf mala. Maarree, Yihowaan ilmaan Addaam jireenya bara baraa akka argataniif wanti godhu jiraa? Eeyyee! Yihowaan akkuma Addaam cubbuu hojjeteen ilmaan Addaam miliyoonaan lakkaaʼaman, abaarsa cubbuu fi duʼaa jalaa akkamitti akka oolchu ifa godheera. (Uma. 3:15) Yihowaan yeroo murteessetti Ilmi isaa lubbuu isaa ‘bakka namoota hedduu furii godhee akka kennuuf’ samiidhaa ni erga.—Mar. 10:45; Yoh. 6:51.

2 Furiin maalidha? Kitaaba Qulqulluu afaan Giriikii keessatti furiin gatii Yesuus wanta Addaam dhabe deebisee bituuf kaffale argisiisa. (1 Qor. 15:22) Furiin kan nu barbaachisu maaliifi? Ulaagaan haqaa Seericha keessatti ibsame bakka lubbuu lubbuun kennamuu akka qabu waan argisiisuufi. (Bau. 21:23, 24) Addaam lubbuu isaa isa mudaa hin qabne dhabeera. Haaqa Waaqayyoo raawwachuudhaaf Yesuus lubbuu isaa isa mudaa hin qabne aarsaa godhe. (Rom. 5:17) Akka kanaan namoota furichatti akka amanan argisiisan hundumaaf “Abbaa Bara Baraa” taʼa.—Isa. 9:6; Rom. 3:23, 24.

3. Akka Yohaannis 14:31 fi 15:13, jedhutti Yesuus lubbuu isaa isa mudaa hin qabne aarsaa godhee kennuuf fedhii kan qabaate maaliifi?

3 Yesuus Abbaa isaa isa samii fi nuuf jaalala guddaa waan qabuuf lubbuu isaa aarsaa godhee kennuuf fedhii qaba ture. (Yohaannis 14:31; 15:13 dubbisi.) Jaalala kanaan kakaʼee hamma dhumaatti amanamaa taʼuu fi fedha Abbaa isaa raawwachuuf murteessee ture. Kanas hamma dhumaatti amanamaa taʼuudhaan argisiiseera. Kanaan kan kaʼes, kaayyoon jalqabaa Yihowaan ilmaan namootaatii fi lafaaf qabu ni raawwatama. Mata duree kan keessatti, Waaqayyo Yesuus duʼuu isaa dura dhiphinni guddaan akka isa irra gaʼu kan heyyame maaliif akka taʼe mariʼanna. Kana malees, fakkeenya barreessaa Kitaaba Qulqulluu furicha baayʼee dinqisiifatu tokkoo gabaabumatti ilaalla. Xumura irrattis galateeffannaa furichaaf qabnu akkamitti akka argisiisnuu fi dinqisiifannaa aarsaa Yihowaa fi Yesuus nuuf kaffalaniif qabnu akkamitti akka guddiffannu ilaalla.

YESUUS AKKA DHIPHATU KAN GODHAME MAALIIFI?

Yesuus furii nuuf taʼuuf jecha jalʼina isa irra gaʼe hundumaa mee yaadi! (Keeyyata 4 ilaali)

4. Yesuus akkamitti akka duʼe ibsi.

4 Guyyaan dhumaa Yesuus lafa irratti dabarse maal akka fakkaatu mee yaadi. Yesuus akka isa eeganiif leegewoonii Maleekotaa waammachuu kan dandaʼu taʼus, loltoonni Roomaa akka isa qabanii fi gara jabinaan akka isa reeban heyyameera. (Mat. 26:52-54; Yoh. 18:3; 19:1) Isaaniis alangaa foon qaama isaa kukkututti fayyadamanii isa garafan. Achiis, dugda isaa madaaʼe irratti muka itti fannifamu baatee akka deemu godhan. Yesuus bakka itti fannifamutti gototee deemuu kan jalqabe taʼus, yeruma sana loltoonni Roomaa namni kan biraan akka isaaf baatu dirqisiisan. (Mat. 27:32) Bakka itti ajjeeffamu yommuu gaʼu namoonni isa ajjeesan mismaaraan harka isaa fi miilla isaa mukicha irratti rukutan. Achiis ulfaatinni qaama Yesuus bakka mismaarichi itti rukutame baqaqsuu jalqabe. Yeroo kanatti michoonni isaa gaddaa kan jiranii fi haati isaa booʼaa kan jirtu taʼus, bulchitoonni Yihudootaa itti qoosaa jiru. (Luq. 23:32-38; Yoh. 19:25) Yesuus saʼaatii dheeraadhaaf dhiphate. Onneen isaa fi sombi isaa sirriitti hojjechuuf baayʼee rakkate, akkasumas hafuura baafachuun baayʼee isatti ulfaate. Hafuura isaa isa dhumaa yommuu baafatu, kadhanna xumuraa injifachuu isaa argisiisu dhiheesse. Achiis, mataa isaa gadi qabee lubbuu isaa dabarsee kenne. (Mar. 15:37; Luq. 23:46; Yoh. 10:17, 18; 19:30) Dhuguma iyyuu kun duʼa suuta suuta, haala dhiphisaa fi qaanessaa taʼeen raawwatame dha!

5. Yesuusiin akkaataa itti ajjeefame caalaa wanti isa dhiphise maal ture?

5 Yesuusiin baayʼee kan yaaddesse haala dhiphisaa taʼeen ajjeefamuu isaa hin turre. Caalaatti kan isa dhiphise himata isa ajjeesuuf sababa taʼe ture. Waaqa arrabseera, jechuunis nama Waaqaaf ykn maqaa isaatiif kabaja hin qabnedha jedhamee sobaan himatameera. (Mat. 26:64-66) Himanni kun Yesuusiin baayʼee kan dhiphise siʼa taʼu, Abbaan isaa qaanii kana irraa akka isa oolchu abdateera. (Mat. 26:38, 39, 42) Yihowaan Ilmi isaa jaallatamaan akka dhiphatuu fi akka duʼu kan heyyame maaliifi? Mee sababiiwwan sadii haa ilaallu.

6. Yesuus muka dhiphinaa irratti kan fannifame maaliifi?

6 Tokkoffaa, Yesuus Yihudoota abaarsa addaa tokko jalaa bilisa baasuuf muka irratti fannifamuu qaba ture. (Gal. 3:10, 13) Isaan Seera Waaqayyoo eeguuf waadaa kan galan taʼus, utuu hin eegin hafaniiru. Kanaan kan kaʼes, cubbuu sanyii Addaam taʼuudhaan dhaalan irratti abaarsi kun isaanitti dabalameera. (Rom. 5:12) Seerri Waaqayyo Israaʼelootaaf kenne namni cubbuu nama ajjeesisu raawwate ajjeefamuu akka qabu ibsa. Sana booda, reeffi isaa muka irratti fannifamuu dandaʼa. * (Kes. 21:22, 23; 27:26) Kanaafuu, Yesuus muka irratti fannifamuudhaan sabumti isatti amanuu dide sun aarsaa isaa irraa akka fayyadamu karaa isaaf baneera.

7. Sababii lammaffaan Waaqayyo Ilmi isaa akka dhiphatu itti heyyame maalidha?

7 Sababii lammaffaa Waaqayyo Ilmi isaa akka dhiphatu itti heyyame ilaali. Gaʼe Yesuus fuulduratti Luba Ol Aanaa keenya taʼuudhaan taphatuuf isa leenjisaa ture. Yesuus qorumsa cimaa keessatti Waaqayyoof abboomamuun hangam cimaa akka taʼe argeera. Dhibbaa guddaan waan isa irra gaʼeef, “sagalee guddaa fi imimmaaniin” gargaarsa argachuuf kadhatee ture. Yesuus dhiphina miiraa cimaa keessa waan darbeef wanta nu barbaachisu ni hubata, akkasumas yeroo qoramnutti nu gargaaruu ni dandaʼa! Yihowaan Luba Ol Aanaa gara laafessa dadhabina keenyatti nuuf gaddu nuu muuduu isaatti baayʼee isa galateeffanna.—Ibr. 2:17, 18; 4:14-16; 5:7-10.

8. Sababii sadaffaan Waaqayyo Yesuus garmalee akka qoramu itti heyyame maalidha?

8 Sababii sadaffaan Yihowaan Yesuus garmalee akka dhiphatu itti heyyameef gaaffii barbaachiisaa tokkoof deebii kennuufi, innis: ‘Namoonni yeroo qorumsi cimaan isaan irra gaʼutti illee Waaqayyoof amanamoo taʼanii itti fufuu?’ kan jedhu dha. Seexanni lakki jedha! Inni namoonni Waaqayyoon kan tajaajilan ofittummaadhaan kakaʼaniiti jedhe falma. Akkuma Addaam Yihowaadhaaf hin bulani amantii jedhu qaba. (Iyo. 1:9-11; 2:4, 5) Yihowaan Ilmi isaa amanamaa akka isaaf taʼu mirkanaaʼaa waan taʼeef, qorumsi cimaan Yesuus irra akka gaʼu heyyameera. Yesuusis amanamaa taʼeera, Seexanni immoo sobduu taʼuu isaa mirkaneesseera.

BARREESSAA KITAABA QULQULLUU FURIDHAAF DINQISIIFANNAA GUDDAA QABU

9. Yohaannis ergamaan fakkeenya akkamii nuuf taʼa?

9 Amantiin Kiristiyaanota hedduu cimee itti fufuu kan dandaʼe barumsa furichaatiini dha. Utuma mormiin jiruu lallabuu isaanii itti fufaniiru, akkasumas hamma dullumaatti illee qorumsa hundumaa dandamataniiru. Mee fakkeenya Yohaannis ergamaa haa ilaallu. Dhugaa waaʼee Kiristoosii fi furichaa ibsu gara waggaa 60 oliitiif amanamummaadhaan lallabeera. Dhuma waggoota 90manii keessa yeroo tureetti mootummaa Roomaatiif sodaachisaa akka taʼetti ilaalamee taʼuu hin ooluu odoola Phaaximoositti hidhamee ture. Yakki isaa maal ture? “Waaʼee Waaqayyoo dubbachuu fi waaʼee Yesuus dhugaa baʼuu” ture. (Mul. 1:9) Yohaannis amantii fi jabaatanii dhaabbachuu irratti fakkeenya guddaa nuuf taʼa!

10. Yohaannis furicha akka dinqisiifatu kitaabonni inni barreesse akkamitti argisiisu?

10 Yohaannis kutaawwan Kitaaba Qulqulluu barreesse irratti jaalala guddaa Yesuusiif qabuu fi dinqisiifannaa furichaaf qabu ibseera. Kitaabota kana keessatti furicha ykn faayidaa furichi argamsiisu al 100 ol caqaseera. Fakkeenyaaf, yaada akkas jedhu barreesseera: “Namni kam iyyuu cubbuu yoo hojjete nuti Abbaa biraa gargaaraa qabna; innis Yesuus Kiristoos isa qajeelaa taʼe dha.” (1 Yoh. 2:1, 2) Kana malees, Yohaannis kitaabota barreesse irratti barbaachisummaa “waaʼee Yesuus dhugaa baʼuu” addeesseera. (Mul. 19:10) Yohaannis furicha guddaa akka dinqisiifatu ifaa dha. Nuti hoo furicha akka dinqisiifannuu akkamitti argisiisuu dandeenya?

GALATEEFFANNAA FURICHAAF QABDU AKKAMITTI ARGISIISUU DANDEESSA?

Dhugumaan furicha kan dinqisiifannu yoo taʼe qorumsa cubbuu akka hojjennu nu irra gaʼu ni mormina (Keeyyata 11 ilaali) *

11. Qorumsa mormuuf maaltu nu gargaara?

11 Cubbuu akka raawwattu qorumsa sirra gaʼu mormi. Furicha dhugumaan kan dinqisiifannu yoo taʼe ilaalcha akkas jedhu hin qabaannu: ‘Yommuu qorumsi na irra gaʼu mormuudhaaf carraaqqii cimaa gochuun na hin barbaachisu. Cubbuu raawwachuu nan dandaʼa, achiis dhiifama nan gaafadha.’ Kanaa mannaa, dogoggora raawwachuuf yommuu qoramnu akkas jenna: ‘Akkas gochuu hin qabu! Yihowaa fi Yesuus wanta kana hundumaa erga naaf godhanii booda akkamittan wanta akkasii raawwadha?’ Yaada kanaa wajjin haala wal simuun Yihowaan jabina akka nuuf kennu, ‘Qorumsa kanaan akkan moʼamu hin heyyamin’ jennee cimsinee isa kadhachuu dandeenya.—Mat. 6:13.

12. Gorsa 1 Yohaannis 3:16-18 irra jiru hojii irra oolchuu kan dandeenyu akkamitti?

12 Obbolootaa fi obboleettota kee jaaladhu. Jaalala akkasii yommuu argisiisnu furicha akka dinqisiifannus argisiisaa jirra. Maaliifi? Yesuus lubbuu isaa kan kenne nuuf qofa utuu hin taʼin, obbolootaa fi obboleettota keenyaafis waan taʼeefi. Inni isaaniif duʼuuf qophaaʼaa erga taʼee isa biratti gatii guddaa akka qaban ifa dha. (1 Yohaannis 3:16-18 dubbisi.) Karaa itti isaan qabnuun jaalala obbolootaa fi obboleettota keenyaaf qabnu argisiisna. (Efe. 4:29, 31–5:2) Fakkeenyaaf, yommuu dhukkubsatan ykn balaa uumamaa dabalatee qorumsi cimaan yommuu isaan irra gaʼu isaan gargaarra. Haa taʼu malee, obboloonnii fi obboleettonni keenya wanta nu aarsu tokko yommuu godhan ykn dubbatan maal gochuu qabna?

13. Dhiifama gochuu kan qabnu maaliifi?

13 Yeroo tokko tokko obbolootaa fi obboleettota keetiif dhiifama gochuun sitti ulfaataa? (Lew. 19:18) Taanaan, gorsa kana hordofi: “Namni tokko sababii nama kan biraa itti komatu yoo qabaate illee, wal dandaʼuu fi tola waliif dhiisuu keessan itti fufaa. Akkuma Yihowaan tola isiniif dhiise, isinis tola waliif dhiisaa.” (Qol. 3:13) Yeroo obbolootaa fi obboleettota keenyaaf dhiifama goonu hundatti furicha dhugumaan akka dinqisiifannu Abbaa keenya isa samiitiif mirkaneessina. Dinqisiifannaa kennaa Waaqayyo nuu kenne kanaaf qabnu guddifachuu keenya akkamitti itti fufuu dandeenya?

DINQISIIFANNAA FURICHAAF QABDU AKKAMITTI GUDDIFACHUU DANDEESSA?

14. Dinqisiifannaa furiidhaaf qabnu karaan itti guddifannu inni tokko isa kamidha?

14 Furichaaf Yihowaa Galateeffadhu. “Obboleettiin umurii waggaa 83 Yoʼaanaa jedhamtuu fi Indiyaa jiraattu, “Kadhannaa koo guyyaa guyyaatti furicha caqasuu fi kennaa kanaaf Yihowaa galateeffachuun barbaachisaa akka taʼe natti dhagaʼama” jetteetti. Kadhannaa dhuunfaatti dhiheessitu irratti dogoggora guyyaa keessatti raawwatte yaadi. Achiis, Yihowaan dhiifama akka siif godhu gaafadhu, dhugaadha cubbuu cimaa yoo raawwatte jaarsoliis gargaarsa gaafachuu qabda. Isaan si dhaggeeffatu, Dubbii Waaqayyoo irraas gorsa jaalala irratti hundaaʼe siif kennu. Yihowaan gatii aarsaa Yesuusitti fayyadamee karaa hafuuraa ‘akka si fayyisu’ si wajjin isa kadhatu.—Yaq. 5:14-16.

15. Waaʼee furichaa dubbisuu fi irratti xiinxaluuf yeroo ramaduu kan qabnu maaliifi?

15 Furicha irratti xiinxali. Obboleettii maanguddoon umuriin ishii waggaa 73 taʼee fi Raajamaani jedhamtu, “dhiphina Yesuus irra gaʼe yommuun dubbisu imimmaan ija koo guuta” jetteetti. Atis waaʼee dhiphina guddaa Ilma Waaqayyoo irra gaʼee yommuu yaaddu miirri walfakkaatu sitti dhagaʼamuu dandaʼa. Taʼus, aarsaa Yesuus irratti caalaatti yommuu xiinxaltu jaalalli isaa fi fedhii Abbaa isaatiif qabdu caalaatti guddata. Furicha irratti xiinxaluuf akka si gargaaruuf, mata duree kana piroojeektii qoʼannaa kee maaliif hin godhattu?

Yesuus irbaata salphaa tokkoon, barattoonni isaa aarsaa inni kaffale akkamitti akka yaadatan isaanitti argisiiseera (Keeyyata 16 ilaali)

16. Waaʼee furichaa warra kaan barsiisuun kan nu fayyadu akkamitti? (Fakkii qola isaa irra jiru ilaali.)

16 Waaʼee furichaa warra kaan barsiisi. Yeroo waaʼee furichaa warra kaanitti himnu hundatti dinqisiifannaan furichaaf qabnu ni guddata. Yesuus kan nuuf duʼe maaliif akka taʼe warra kaan barsiisuuf meeshaawwan gaggaarii tokko tokko qabna. Fakkeenyaaf, birooshura Misiraachoo Waaqayyo Biraa Dhufe! jedhu irra barumsaa 4⁠ffaa fayyadamuu dandeenya. Mata dureen barumsichaa, “Yesuus Kiristoos Eenyu?” jedha. Yookiin Kitaaba, Kitaabni Qulqulluun Maal Nu Barsiisa? jedhu boqonnaa 5⁠ffaa fayyadamuu dandeenya. Mata dureen boqonnaa kanaa, “Furii—Kennaa Waaqayyoo Isa Hunda Caalu” jedha. Akkasumas waggaa waggaadhaan Ayyaanaa Yaadannoo duʼa Kiristoos irratti argamuu fi warri kaanis akka argaman hinaaffaadhaan afeeruudhaan dinqisiifannaa keenya guddisna. Yihowaan waaʼee ilma isaa warra kaan akka barsiisnu mirga guddaa nuuf kenneera!

17. Furiin kennaa Waaqayyo ilmaan namootaatiif kenne isa guddaa kan taʼe maaliifi?

17 Shakkii tokko malee, furichaaf dinqisiifannaa qabaachuu fi dinqisiifannaa kana eegnee itti fufuuf sababii quubsaa qabna. Mudaa kan qabnu taʼus, furichaan kan kaʼe Yihowaa wajjin michummaa cimaa qabaachuu ni dandeenya. Akkasumas furichaan kan kaʼe hojiin Seexanaa guutummaatti diigama. (1 Yoh. 3:8) Furichaan kan kaʼe kaayyoon jalqabaa Yihowaan lafaaf qabu ni raawwatama. Guutummaan lafaa jannata taati. Namni ati achitti argattu hundi Yihowaa kan jaallatuu fi kan isa tajaajilu dha. Kanaafuu, guyyaa guyyaadhaan dinqisiifannaa furicha isa kennaa Waaqayyoo isa guddaa inni ilmaan namootaatiif kenneef qabnu argisiisuuf karaa haa barbaannu!

FAARFANNAA 20 Ilma Kee Jaallatamaa Nuu Laatte

^ key. 5 Yesuus duʼa suukanneessaa kan duʼe maaliifi? Mata dureen kun gaaffii kanaaf deebii kenna. Akkasumas, dinqisiifannaa furiidhaaf qabnu cimsachuuf nu gargaara.

^ key. 6 Nama ajjeefamuuf jedhu tokko utuma lubbuudhaan jiruu, mismaaraan muka irratti rukutuun ykn hidhuun aadaa warra Roomaa ture. Yihowaanis Ilmi isaa haala kanaan akka ajjeefamu heyyameera.

^ key. 55 IBSA FAKKII: Obboleessi tokko fakkii sirrii hin taane akka ilaalu, inni lammaffaan tamboo akka xuuxu, inni sadaffaan immoo mattaʼaa akka fudhatu qorumsa isaan irra gaʼe mormaa jiru.