Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

Gaaffii Dubbistootaa

Gaaffii Dubbistootaa

Yesuus duʼuu isaa dura yaada Daawit Faarfannaa 22:1 irratti dubbate kan caqase maaliifi?

Yesuus duʼuu isaa dura Maatewos 27:46 irratti, “Yaa Waaqa koo, yaa Waaqa koo, maaliif na dhiiste?” jedhee ture. Yesuus yaada kana dubbachuudhaan jechoonni Daawit faarfatichi Faarfannaa 22:1 irratti dubbate akka raawwataman godheera. (Mar. 15:34) Yesuus jechoota kana kan caqase, abdii waan kutateef ykn yeroodhaaf amantii waan dhabeefi jedhanii yaaduun dogoggora dha. Yesuus sababii itti duʼuun isa barbaachise guutummaatti hubatee ture, duʼuufis fedhii qaba ture. (Mat. 16:21; 20:28) Kana malees, yeroo duʼutti Yihowaan “dallaa eegumsaa” naannoo isaa jiru kam iyyuu kaasuun akka isa barbaachisu beeka ture. (Iyo. 1:10) Kanaafuu, Yihowaan Yesuus akkaataan inni itti duʼu maal iyyuu yoo taʼe amanamaa taʼuu isaa akka mirkaneessu heyyameera.—Mar. 14:35, 36.

Maarree Yesuus jechoota faarfannaa kana irra jiran kan dubbate maaliifi? Waaʼee kanaa guutummaatti mirkanaaʼoo taʼuu baannus, sababiiwwan kana itti dubbatee taʼuu dandaʼu tokko tokko haa ilaallu. *

Yesuus jechoota kana dubbachuudhaan Yihowaan duʼa irraa akka isa hin oolchine ibsaa jiraa? Yesuus gargaarsa Yihowaa malee furicha kaffaluu qaba ture. Guutummaatti nama waan taʼeef “tokkoon tokkoon namaatiif duʼa akka dhandhamuuf” duʼuun isa barbaachisa ture.—Ibr. 2:9.

Yesuus faarfannaa sana irraa jechoota muraasa kan caqase namoonni guutummaa faarfannichaa irratti akka xiyyeeffatan gochuu barbaadee tii? Yihudoonni bara sanatti turan faarfannaawwan hedduu sammuutti qabachuu barsiifata godhatanii turan. Faarfannaa tokko irraa caqasa tokko yommuu dhagaʼan yeruma sana waaʼee guutummaa faarfannaa sanaa yaaduu jalqabu. Yesuus wanti gochuu barbaade kana yoo taʼe, Yihudoonni duuka buutota isaa taʼan raajiiwwan hedduu duʼa isaa wajjin wal qabatanii fi faarfannaa kana keessatti ibsaman akka yaadatan isaan gargaaraa jira jechuu dha. (Far. 22:7, 8, 15, 16, 18, 24) Kana malees, lakkoofsonni dhuma faarfannichaa irratti argaman Yihowaa kan jajatanii fi guutummaa lafaa irratti Mootii akka taʼe kan ibsani dha.—Far. 22:27-31.

Yesuus jechoota Daawit kana kan caqase nama balleessaa hin qabne akka taʼe dubbachuuf jedhee tii? Yesuus ajjeefamuu isaa dura yaaʼiin Saanhediriin dhaddacha seeraan alaa taaʼuudhaan Waaqayyoon arrabseera jedhanii isatti murteessan. (Mat. 26:65, 66) Dhaddachi kun ariitiidhaan halkan taaʼamuun isaa seera yeroo sanatti turee wajjin guutummaatti kan wal faallessu ture. (Mat. 26:59; Mar. 14:56-59) Yesuus, “Yaa Waaqa koo, yaa Waaqa koo, maaliif na dhiiste?” jedhee kan gaafate, wanta adaba kanaaf isa geessisu akka hin raawwanne ibsuu barbaadee taʼuu dandaʼa.

Yesuus kana kan dubbate, Yihowaan Daawit isa faarfannaa kana barreesse irra rakkinni akka gaʼu kan heyyame taʼus, Yihowaa duratti fudhatama akka hin dhabne warra kaan yaadachiisuu waan barbaadeefii? Gaaffiin Daawit gaafate amantii dhabee akka ture kan argisiisu miti. Gaaffii kana erga gaafatee booda, humna Yihowaan oolchuuf qabu irratti amanannaa qabu ibsuu isaa itti fufeera; Yihowaanis isa eebbisuu isaa itti fufeera. (Far. 22:23, 24, 27) Haaluma wal fakkaatuun, Yesuus inni “Ilma Daawit” taʼe muka dhiphinaa irratti rakkachuun isaa Yihowaa duratti fudhatama akka dhabe kan argisiisu miti.—Mat. 21:9.

Yesuus amanamummaa isaa guutummaatti mirkaneessuu akka dandaʼuuf, Yihowaan eegumsa isaaf gochuu dhiisuu isaatti gadda guddaa isatti dhagaʼame ibsaa jiraa? Yihowaan Ilmi isaa akka rakkatuu fi akka duʼu kaayyoo isaa isa jalqabaa hin turre. Kun kan barbaachise Addaamii fi Hewaan erga fincilanii booda dha. Yesuus balleessaa tokko illee kan hin raawwanne taʼus, gaaffiiwwan Seexanni kaaseef deebii kennuu fi gatii aarsaa furii wanta ilmaan namootaa dhaban deebisee bituuf barbaachisu dhiheessuuf dhiphachuu fi duʼuu qaba ture. (Mar. 8:31; 1 Phe. 2:21-24) Kun taʼuu kan dandaʼu, Yihowaan jireenya isaa keessatti yeroo jalqabaatiif eegumsa Yesuusiif godhu yoo dhiise qofa dha.

Yesuus duuka buutonni isaa sababa itti Yihowaan haala kanaan akka duʼu heyyame irratti akka xiyyeeffatan gochuuf yaalaa jiraa? * Yesuus akka yakkamaatti haala kanaan muka dhiphinaa irratti duʼuun isaa namoota hedduu akka gufachiisu beeka ture. (1 Qor. 1:23) Duuka buutonni isaa sababii guddaa Yesuus itti duʼe irratti yoo xiyyeeffatan hiika isaa isa dhugaa hubachuu dandaʼu. (Gal. 3:13, 14) Akkas taanaan, akka yakkamaatti utuu hin taʼin, akka Fayyisaatti isa ilaaluu dandaʼu.

Sababni Yesuus jechoota kana itti caqase maal iyyuu yoo taʼe, wanti isa irra gaʼaa ture fedha Yihowaa wajjin kan wal qabate akka taʼe hubatee ture. Yesuus faarfannaa kana erga caqasee utuma baayʼee hin turin, “Ni raawwatame!” jedheera. (Yoh. 19:30; Luq. 22:37) Eeyyee, Yihowaan yeroodhaaf eegumsa isaaf gochuu dhiisuun isaa, Yesuus kaayyoo itti gara lafaatti ergame guutummaatti raawwachuuf isa dandeessiseera. Akkasumas, wantoota “Seera Musee, Raajotaa fi Faarfannaa keessatti” waaʼee isaa barreeffaman hunda akka raawwatu isa dandeessiseera.—Luq. 24:44.

^ key. 2 Dabalataan mata duree “Jechoota Dhumaa Yesuus Dubbate Irraa Maal Baranna?” jedhuu fi maxxansa kana keessatti argamu irraa keeyyata 9 fi 10 ilaali.

^ key. 4 Yesuus yeroo tajaajilaa turetti yeroo tokko tokko yaadawwan ykn gaaffiiwwan miira isaa hin ibsine kaasa ture. Kana kan godhes, duuka buutonni isaa yaada isaanii akka ibsan carraa isaaniif kennuuf jedhee ti.—Mar. 7:24-27; Yoh. 6:1-5; Masaraa Eegumsaa Onkoloolessa 15, 2010, ful. 4-5 ilaali.