Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

MATA DUREE QOʼANNAA 15

‘Dubbiidhaan Fakkeenya’ ni Taataa?

‘Dubbiidhaan Fakkeenya’ ni Taataa?

“Warra amanamoo taʼaniif, dubbiidhaan . . . fakkeenya taʼi.”—1 XIM. 4:12.

FAARFANNAA 90 Wal Jajjabeessaa

QABIYYEE a

1. Dandeettii dubbachuu keenya eessaa arganne?

 DANDEETTIIN dubbachuu kennaa Waaqa keenya isa jaalala qabeessa taʼe irraa arganne dha. Addaam inni nama jalqabaa taʼe akkuma uumameen Abbaa isaa isa samii wajjin dubbachuudhaan walii galuu dandaʼee ture. Jechoota haaraas uumuu dandaʼeera. Itti gaafatamummaa bineeldota hundaaf maqaa akka baasu isaaf kenname raawwachuuf dandeettii kanatti fayyadameera. (Uma. 2:19) Yeroo jalqabaatiif nama kan biraatti, jechuunis haadha manaa isaa Hewaanitti yeroo dubbatu baayʼee gammadee akka ture homaa hin shakkisiisu.—Uma. 2:22, 23.

2. Bara duriittis taʼe yeroo ammaatti dandeettiin dubbachuu karaa dogoggoraatiin hojiirra kan oole akkamitti?

2 Utuma baayʼee hin turin garuu dandeettiin dubbachuu karaa dogoggoraatiin hojiirra ooluu jalqabe. Seexanni Hewaanitti soba dubbate; sobni kun immoo ilmaan namootaa cubbuu fi mudaa akka qabaatan godheera. (Uma. 3:1-4) Addaam dogoggora raawwateef Hewaaniin, darbees Yihowaa yeroo komatetti dandeettii dubbachuu isaa karaa dogoggoraatiin itti fayyadameera. (Uma. 3:12) Qaayin obboleessa isaa Abeeliin erga ajjeesee booda Yihowaa sobeera. (Uma. 4:9) Yeroo booda immoo Laameek inni sanyii Qaayin taʼe walaloo hammina yeroo inni jiraatetti babalʼatee ture ibsu qindeesseera. (Uma. 4:23, 24) Yeroo harʼaa hoo haalli isaa maal fakkaata? Geggeessitoonni siyaasaa qaanii tokko malee dubbii gadhee ifatti yeroo dubbatan argina. Fiilmiiwwan dubbii gadhee of keessaa hin qabne argachuunis baayʼee ulfaataa dha. Barattoonni mana barumsaatti, namoonni guguddaan immoo bakka hojii isaaniitti dubbii akkasiitiif saaxilamu. Yeroo harʼaatti dubbii gadheen baayʼee babalʼachuun isaa addunyaan kun hammam akka mancaʼe argisiisa.

3. Hundi keenya maal akka hin goone of eeggachuu qabna? Mata duree kana keessatti maal ilaalla?

3 Yoo of eeggachuu baanne dubbii gadhee yeroo baayʼee dhagaʼuu keenyaan kan kaʼe itti fayyadamuu jalqabuu dandeenya. Kiristiyaanota waan taaneef Yihowaa gammachiisuu barbaanna; kanaafuu, matumaa dubbii gadhee hin dubbannu. Kennaa dinqisiisaa taʼe kana karaa gaarii taʼeen, jechuunis Waaqa keenya jajachuuf itti fayyadamuu barbaanna. Mata duree kana keessatti (1) tajaajila irratti, (2) walgaʼii gumii irratti, akkasumas (3) warra kaanii wajjin yeroo haasofnu kana gochuu kan dandeenyu akkamitti akka taʼe ilaalla. Jalqaba garuu, wanti dubbannu Yihowaa ni yaaddessa kan jennu maaliif akka taʼe haa ilaallu.

WANTI DUBBANNU YIHOWAA NI YAADDESSA

Wanti dubbattu wanta garaa kee keessa jiru argisiisa (Keeyyata 4-5 ilaali) d

4. Wanti dubbannu Yihowaa ni yaaddessa kan jennu maaliifi? (Miilkiyaas 3:16)

4 Miilkiyaas 3:16 dubbisi. Yihowaan namoota akka isa sodaatan dubbii isaaniitiin argisiisanii fi maqaa isaa irratti xiinxalan ‘kitaaba yaadannoo’ isaa irratti kan barreesse maaliif sitti fakkaata? Wanti dubbannu wanta garaa keenya keessa jiru argisiisa. Yesuus, “Afaan wanta garaa keessa guute dubbata” jedheera. (Mat. 12:34) Wanti dubbachuuf filannu Yihowaa hammam akka jaalannu argisiisa. Yihowaan namoonni isa jaallatan addunyaa haaraa keessa bara baraaf gammachuudhaan akka jiraatan barbaada.

5. (a) Wanti dubbannu waaqeffannaa keenya kan tuqu akkamitti? (b) Fakkicha irratti akka mulʼatutti wanta dubbannu ilaalchisee maal yaadachuu qabna?

5 Akkaataan itti dubbannu Yihowaan waaqeffannaa keenya akka fudhatu ykn fudhachuu akka dhiisu gochuu dandaʼa. (Yaq. 1:26) Namoonni Yihowaa hin jaallanne tokko tokko dheekkamsaan, karaa gaarummaa hin qabneen, akkasumas kooraan dubbatu. (2 Xim. 3:1-5) Nuti akka isaanii taʼuu akka hin barbaanne beekamaa dha. Kanaa mannaa, wanta dubbannuun Yihowaa gammachiisuu barbaanna. Haa taʼu malee, Yihowaan walgaʼii ykn tajaajila irratti karaa gaarummaa qabuun kan dubbannu taʼus, miseensota maatii keenyaa wajjin garuu karaa gaarummaa ykn jaalala hin argisiisneen kan dubbannu yoo taʼe ni gammadaa?—1 Phe. 3:7.

6. Kiimbarliin wanta gaarii dubbachuun ishii buʼaa akkamii argamsiise?

6 Dandeettii dubbachuu keenyatti akka gaariitti kan fayyadamnu yoo taʼe, tajaajiltoota Yihowaa akka taane argisiisna. Namoonni kaan garaa garummaa “nama Waaqayyoon tajaajiluu fi nama isa hin tajaajille gidduu jiru” ifatti akka hubatan gargaarra. (Mil. 3:18) Mee wanta obboleettii Kiimbarlii jedhamtu mudate haa ilaallu. b Kiimbarliin barattuu daree ishii wajjin piroojektii mana barumsaa tokko akka hojjettu ramadamtee turte. Erga waliin hojjetanii booda barattuun daree ishii sun Kiimbarliin barattoota kaan irraa adda akka taate hubatte. Kiimbarliin nama hin hamattu, karaa gaarummaa qabuun dubbatti, wanta gadhee dubbachuu irraas of qusatti. Barattuun daree ishii sunis amalli Kiimbarlii baayʼee waan ishii ajaaʼibsiiseef, yeroo booda Kitaaba Qulqulluu ishii wajjin qoʼachuu jalqabde. Yihowaan akkaataan itti dubbannu namoota gara dhugaatti kan harkisu taʼuu isaa yeroo argu baayʼee gammada.

7. Dandeettii dubbachuu Waaqayyo sii kennetti akkamitti fayyadamuu barbaadda?

7 Hundi keenyayyuu karaa Yihowaadhaaf ulfina fiduu fi obboloonni keenya akka nutti dhihaatan godhuun dubbachuu barbaanna. Kanaafuu, mee karaawwan ‘dubbiidhaan fakkeenya taʼuu’ itti dandeenyu tokko tokko haa ilaallu.

TAJAAJILA IRRATTI FAKKEENYA TAʼI

Yihowaan tajaajila irratti gaarummaadhaan yeroo namoota haasofsiisnu ni gammada (Keeyyata 8-9 ilaali)

8. Akkaataan Yesuus tajaajila irratti dubbii isaatti itti fayyadame fakkeenya akkamii nuuf taʼa?

8 Yeroo namoonni si aarsan gaarummaa fi kabajaan dubbadhu. Yesuus yeroo tajaajilaa turetti machooftuu, albaadhessa, bakka buʼaa Diyaabilos, Sanbata kan cabsuu fi Waaqa kan arrabsu jedhamee sobaan himatameera. (Mat. 11:19; 26:65; Luq. 11:15; Yoh. 9:16) Taʼus, Yesuus dheekkamuudhaan haaloo hin baane. Nutis akkuma Yesuus namoonni karaa gaarummaa hin qabneen yeroo nutti dubbatanitti illee matumaa haaloo baʼuu hin qabnu. (1 Phe. 2:21-23) Taʼus yeroo akkasiitti of toʼachuun salphaa miti. (Yaq. 3:2) Maarree, maaltu nu gargaara?

9. Hojii lallabaa irratti yeroo hirmaannu wanta dubbannu toʼachuuf maaltu nu gargaara?

9 Tajaajila irratti namni haasofsiistu wanta gaarii hin taane yoo sitti dubbate wanta inni dubbate irratti xiyyeeffachuu dhiisuuf yaali. Obboleessi Saam jedhamu, “Namnin haasofsiisu dhugaa dhagaʼuun akka isa barbaachisuu fi jijjiiramuu akka dandaʼu yaaduufan yaala” jedheera. Yeroo tokko tokko namni haasofsiisnu sun kan aaru yeroo gaarii hin taanetti waan dhaqneef qofa taʼuu dandaʼa. Namni dheekkamu yeroo nu mudatu wanta obboleettiin Luusiyaa jedhamtu goote gochuu dandeenya. Yihowaan akka tasgabboofnuu fi wanta gaarummaa ykn kabaja hin argisiisne dubbachuu irraa akka nu eegu kadhannaa gabaabaa dhiheessuu dandeenya.

10. Akka 1 Ximotewos 4:13 jedhutti galma akkamii baafachuu qabna?

10 Barsiisaa buʼa qabeessa taʼi. Ximotewos tajaajilaa muuxannoo qabu ture; taʼus dandeettii barsiisuu isaa fooyyeffachuun isa barbaachiseera. (1 Ximotewos 4:13 dubbisi.) Tajaajila irratti barsiisota buʼa qabeeyyii taʼuu kan dandeenyu akkamitti? Akka gaariitti qophaaʼuu qabna. Kan nama gammachiisu meeshaalee barsiisota gaarii taʼuuf nu gargaaran hedduu qabna. Birooshura Dubbisuu fi Barsiisuuf Carraaqqii Godhi jedhamuu fi Barreeffama Qoʼannaa Walgaʼii Jireenyaa fi Tajaajila Kiristiyaanaa irraa kutaa “Tajaajilaaf Of Qopheessi” jedhu jalaa yaadawwan gaggaarii argachuu dandeessa. Barreeffamoota kanatti akka gaariitti fayyadamaa jirtaa? Akka gaariitti kan qophoofnu yoo taʼe sodaan keenya ni hirʼata, akkasumas caalaatti ofitti amanannaadhaan dubbachuu dandeenya.

11. Kiristiyaanonni tokko tokko barsiisota gaarii kan taʼan akkamitti?

11 Obboloota gumii keessa jiran irraa barachuudhaanis barsiisota gaarii taʼuu dandeenya. Saam inni olitti caqasame obboloonni tokko tokko barsiisota gaarii akka taʼan kan isaan gargaare maal akka taʼe of gaafata. Mala isaan itti fayyadaman erga qoʼatee booda fakkeenya isaanii hordofuuf carraaqqii godha. Obboleettiin Taaliyaa jedhamtu akkaataa obboloonni muuxannoo qaban haasaa sabaa itti dhiheessan xiyyeeffannaadhaan ilaaluudhaan gaaffii yeroo baayʼee tajaajila irratti ishii mudatuuf akkamitti deebii kennuu akka dandeessu baratteetti.

WALGAʼII GUMII IRRATTI FAKKEENYA TAʼI

Walgaʼii irratti garaa guutuudhaan faarfachuudhaan Yihowaa jajachuu dandeenya (Keeyyata 12-13 ilaali)

12. Obboloonni tokko tokko maal gochuutu isaanitti ulfaata?

12 Hundi keenya iyyuu sagalee keenya ol kaasnee faarfachuu fi akka gaariitti qophaaʼuudhaan gumii keenyaaf gumaacha gochuu dandeenya. (Far. 22:22) Obboloonni tokko tokko namoota duratti faarfachuun ykn deebii kennuun isaanitti ulfaata. Atoo kana gochuun sitti ulfaataa? Taanaan, warri kaan sodaa isaanii akka injifatan kan isaan gargaare maal akka taʼe beekuun kee si fayyaduu dandaʼa.

13. Walgaʼii irratti garaa guutuudhaan faarfachuuf maaltu si gargaaruu dandaʼa?

13 Garaa guutuudhaan faarfadhu. Sababiin faarfannaawwan Mootummichaa itti faarfannu inni guddaan Yihowaa jajachuuf taʼuu qaba. Obboleettiin Saaraa jedhamtu faarfattuu gaarii akka taate ishiitti hin dhagaʼamu. Taʼus, faarfannaadhaan Yihowaa jajachuu barbaaddi. Kanaafuu, walgaʼiidhaaf yeroo qophooftu faarfannaas ni qophoofti. Faarfannaawwan faarfataman ni shaakalti, akkasumas walaloon isaanii wanta walgaʼicha irratti dhihaatuu wajjin walitti dhufeenya akkamii akka qabu hubachuuf yaalti. Saaraan, “Kun dandeettii faarfachuu koo irratti utuu hin taʼin, ergaa isaa irratti xiyyeeffachuuf na gargaara” jetteetti.

14. Ija laafessa yoo taate, walgaʼii irratti yaada kennuuf maaltu si gargaara?

14 Hirmaannaa hoʼaa godhi. Akkas gochuun obboloota tokko tokkotti akka ulfaatu beekamaa dha. Taaliyaa ishiin olitti caqasamte akkana jetteetti: “Sagaleen koo tasgabbaaʼaa waan taʼeef warri kaan kan hin hubanne taʼus, namoota duratti dubbachuun garmalee na dhiphisa. Kanaafuu, walgaʼii irratti yaada kennuun baayʼee natti ulfaata.” Taʼus, Taaliyaan walgaʼii irratti yaada kennuu irraa duubatti hin jenne. Walgaʼiidhaaf yeroo qophooftu deebiin jalqabaa gabaabaa fi kallattiidhaan gaaffichaaf deebii kan kennu taʼuu akka qabu yaadatti. Akkana jetteetti: “Kana jechuun deebiin koo gabaabaa, salphaa fi yaada ijoo irratti qofa kan xiyyeeffate yoo taʼe rakkina hin qabu jechuu dha. Obboleessi qoʼannaa sana geggeessu kan barbaadus deebii akkasiiti.”

15. Walgaʼii irratti yaada kennuu ilaalchisee maal yaadachuu qabna?

15 Kiristiyaanonni ija laafeyyii hin taane illee yeroo tokko tokko walgaʼii irratti yaada kennuu irraa duubatti jechuu dandaʼu. Maaliif? Obboleettiin Juuliyet jedhamtu, “Yeroo tokko tokko deebiin koo baayʼee salphaa akka taʼee fi gaarii akka hin taane waan natti dhagaʼamuuf yaada kennuu irraan duubatti jedha” jetteetti. Haa taʼu malee, Yihowaan yaada kennuu dandeenyu keessaa isa gaarii akka kenninu kan barbaadu taʼuu isaa yaadadhu. c Yeroo tokko tokko kan sodaannu taʼus, walgaʼii irratti yaada kennuuf wanta nuuf dandaʼame hunda yommuu goonu baayʼee gammada.

WARRA KAANII WAJJIN YEROO HAASOFTU FAKKEENYA TAʼI

16. Dubbii akkamii irraa fagaachuu qabna?

16 Dubbii gaarii hin taane kam irraa iyyuu fagaadhu. (Efe. 4:31) Akkuma olitti ilaalle Kiristiyaanni tokko matumaa dubbii gadhee dubbachuu hin qabu. Haa taʼu malee, gosoonni dubbii gadhee dhokatoo taʼanii fi irraa of eeggachuu qabnu kan biroonis jiru. Fakkeenyaaf, waaʼee namoota aadaa, gosa ykn lammummaa nu irraa adda taʼe qabanii wanta gaarii hin taane akka hin dubbanne of eeggachuu qabna. Kana malees, wanta warra kaan salphisu dubbachuudhaan isaan miidhuu hin barbaannu. Obboleessi tokko akkana jedheera: “Wantoota akka nama kolfisiisanii fi miidhaa akka hin qabne natti dhagaʼamu dubbadhee beeka; taʼus, wantin dubbadhe sun gaarummaa kan hin argisiisnee fi warra kaan kan miidhu ture. Haati manaa koo yeroon wanta gurratti hin tollee fi ishiis taʼe warra kaan miidhu dubbadhutti kophaatti natti himuudhaan waggoota hedduudhaaf na gargaarteetti.”

17. Efesoon 4:29 akka jedhutti warra kaan ijaaruu kan dandeenyu akkamitti?

17 Karaa warra kaan ijaaruun dubbadhu. Warra kaan qeequu ykn gungumuu mannaa, galateeffachuuf carraaqqii godhi. (Efesoon 4:29 dubbisi.) Israaʼelonni wanta galateeffachuuf isaan kakaasu hedduu kan qaban taʼus, yeroo baayʼee ni gungumu turan. Amalli gungumuu warra kaanitti darbuu dandaʼa. Gabaasa sirrii hin taanee fi basaastonni kurnan fidanii dhufaniin kan kaʼe ‘Israaʼelonni hundi Musee irratti gungumanii’ akka turan yaadadhu. (Lak. 13:31–14:4) Karaa biraatiin immoo, galateeffachuun warra kaan irratti dhiibbaa gaarii gochuu dandaʼa. Intalli Yiftaa hiriyoonni ishii ishii galateeffachuun isaanii ramaddii ishiitti akka itti fuftu baayʼee ishii jajjabeessee akka ture mirkanaaʼoo taʼuu dandeenya. (Abo. 11:40) Saaraan ishiin olitti caqasamte, “Yommuu warra kaan galateeffannu Yihowaan akka isaan jaallatuu fi jaarmiyicha keessatti iddoo akka qaban akka isaanitti dhagaʼamu goona” jetteetti. Kanaafuu, garaadhaa warra kaan galateeffachuuf carraa barbaadi.

18. Faarfannaan 15:1, 2 akka jedhutti dhugaa dubbachuu kan qabnu maaliifi? Kunoo maalfaa dabalata?

18 Dhugaa dubbadhu. Wanta dhugaa hin taane kan dubbannu yoo taʼe Yihowaa gaddisiisna. Inni soba akkamiiyyuu ni jibba. (Fak. 6:16, 17) Namoonni yeroo harʼaa jiran hedduun sobuun rakkina kan hin qabne akka taʼetti kan yaadan taʼus, nuti garuu ilaalcha Yihowaan qabu qabaachuuf carraaqqii goona. (Faarfannaa 15:1, 2 dubbisi.) Kallattiidhaan soba akka hin dubbanne ifa dha; taʼus, taʼe jennee odeeffannoo dogoggoraa kennuu irraas of qusachuu qabna.

Yihowaan haasaa gaarii hin taane gara haasaa gaarii taʼetti yeroo jijjiirru ni gammada (Keeyyata 19 ilaali)

19. Maal akka hin goone of eeggachuu qabna?

19 Hamii babalʼisuu irraa fagaadhu. (Fak. 25:23; 2 Tas. 3:11) Juuliyet ishiin olitti caqasamte hamiin dhiibbaa akkamii akka ishii irraan gaʼe yeroo dubbattu, “Hamii dhaggeeffachuun na dhiphisa; nama naaf hamachaa jiru sana irratti amantaa akkan dhabu na taasisa. Namni sun anas akka hin hamanne akkamittan beeka?” jetteetti. Haasaan tokko gara hamiitti jijjiiramaa akka jiru yeroo hubattu gara haasaa gaariitti akka jijjiiramu gochuuf yaali.—Qol. 4:6.

20. Wanta dubbattuun maal gochuuf murteessiteetta?

20 Addunyaan keessa jiraannu dubbii gadheedhaan kan guutame waan taʼeef, wanti dubbannu Yihowaa kan gammachiisu akka taʼu gochuuf carraaquu qabna. Dandeettiin dubbachuu kennaa Yihowaa akka taʼee fi akkaataan dandeettii kanatti itti fayyadamnu akka isa yaaddessu yaadadhu. Tajaajila irratti, walgaʼii gumii irrattii fi namoota kaanii wajjin yeroo haasofnu, dandeettii dubbachuu keenya karaa gaarii taʼeen itti fayyadamuuf carraaqqii yeroo goonu Yihowaan carraaqqii keenya nuuf eebbisa. Yihowaan addunyaa hamaa kana yeroo balleessu wanta dubbannuun ulfina isaaf fiduun nuuf salphata. (Yih. 15) Hammasitti ‘wanta afaan keetiin dubbattuun’ Yihowaa gammachiisuuf carraaqqii godhi.—Far. 19:14.

FAARFANNAA 121 Of Toʼachuun Nu Barbaachisa

a Yihowaan dandeettii dubbachuu isa kennaa dinqisiisaa taʼe nuuf kenneera. Kan nama gaddisiisu garuu, namoonni baayʼeen kennaa kana karaa Yihowaan barbaaduun itti hin fayyadaman. Addunyaa hamaa kana keessatti wanti dubbannu qulqulluu fi kan nama ijaaru akka taʼu gochuuf maaltu nu gargaara? Tajaajila irratti yeroo hirmaannu, walgaʼii gumii irratti yeroo argamnuu fi warra kaanii wajjin yeroo haasofnu wanti dubbannu Yihowaa kan gammachiisu akka taʼu gochuu kan dandeenyu akkamitti? Mata dureen kun gaaffilee kanaaf deebii kenna.

b Maqaawwan tokko tokko jijjiiramaniiru.

c Walgaʼii irratti yaada kennuu ilaalchisee odeeffannoo dabalataa argachuuf Masaraa Eegumsaa Amajjii 2019 irraa mata duree, “Gumii Keessatti Yihowaa Jajadhaa” jedhu ilaali.

d IBSA FAKKII: Obboleessi tokko nama haasofsiisaa jirutti dheekkamee dubbachaa jira; obboleessi tokko gumii keessatti faarfachuu irraa duubatti jechaa jira; obboleettiin takka nama hamachaa jirti.