Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

MATA DUREE QOʼANNAA 18

Galma Hafuuraa Baafachuu fi Irra Gaʼuun kan Dandaʼamu Akkamitti?

Galma Hafuuraa Baafachuu fi Irra Gaʼuun kan Dandaʼamu Akkamitti?

“Guddinni kee namoota hundumaatti ifatti akka mulʼatuuf, wantoota kana irratti xiinxali, xiyyeeffannaa guddaas isaaniif kenni.”—1 XIM. 4:15.

FAARFANNAA 84 Bakka Gargaarsi Barbaachisutti Tajaajiluu

QABIYYEE a

1. Galmawwan hafuuraa akkamii baafachuu dandeenya?

 KIRISTIYAANOTA dhugaa waan taaneef, Yihowaadhaaf jaalala guddaa qabna. Wanta qabnu keessaa isa hunda irra caalu isaaf kennuu barbaanna. Yihowaadhaaf wanta dandeenyu hunda gochuu yoo barbaanne garuu, galmawwan hafuuraa baafachuun nu barbaachisa; galmawwan kun amaloota Kiristiyaanaa horachuu, dandeettii keenya guddifachuu, akkasumas karaa warra kaan itti tajaajillu barbaaduu taʼuu dandaʼu. b

2. Galma hafuuraa baafachuu fi irra gaʼuuf carraaqqii gochuu kan qabnu maaliifi?

2 Karaa hafuuraa guddina gochuuf fedhii qabaachuu kan qabnu maaliifi? Sababiin inni guddaan, Abbaa keenya isa samii isa jaalala qabeessa taʼe gammachiisuu waan barbaannuufi. Yihowaan tajaajila isaa irratti dandeettii keenyatti guutummaatti yeroo fayyadamnu ni gammada. Sababiin guddina hafuuraa gochuu itti barbaannu kan biraan immoo, obbolootaa fi obboleettota keenya caalaatti gargaaruu waan barbaannuufi. (1 Tas. 4:9, 10) Gara dhugaatti erga dhufnee yeroo hammamii iyyuu yoo taʼe, hundi keenya iyyuu guddina hafuuraa gochuu ni dandeenya. Akkamitti? Mee haa ilaallu.

3. Akka 1 Ximotewos 4:12-16 irratti galmeeffametti, Phaawulos ergamaan maal akka godhu Ximotewosiin jajjabeesse?

3 Ximotewos yeroo Phaawulos ergamaan xalayaa isaa isa jalqabaa isaaf barreessetti dargaggeessa taʼus, jaarsa gumii muuxannoo qabu ture. Taʼus, Phaawulos guddina hafuuraa gochuu isaa akka itti fufu isa jajjabeesseera. (1 Ximotewos 4:12-16 dubbisi.) Wanta inni dubbate irratti yeroo yaaddu Phaawulos Ximotewos karaa lamaan guddina akka godhu barbaadee akka ture hubatta: Amaloota Kiristiyaanaa kanneen akka jaalalaa, amantii fi qulqullummaa jiran akka horatu, akkasumas dandeettiiwwan kanneen akka uummataaf dubbisuu, gorsuu fi barsiisuu jiran akka guddifatu barbaadee ture. Fakkeenya Ximotewos sammuutti qabachuudhaan galmawwan hafuuraa irra gaʼuu dandeenyu baafachuun keenya guddina hafuuraa gochuuf kan nu gargaaru akkamitti akka taʼe haa ilaallu. Karaawwan tajaajila keenya balʼifachuu itti dandeenyu tokko tokkos ni ilaalla.

AMALOOTA KIRISTIYAANAA HORADHU

4. Filiphisiyus 2:19-22 akka jedhutti Yihowaan Ximotewositti kan fayyadame maaliifi?

4 Yihowaan Ximotewositti kan fayyadame maaliifi? Amaloota Kiristiyaanaa waan qabuufi. (Filiphisiyus 2:19-22 dubbisi.) Wanta Phaawulos waaʼee isaa dubbate irraa akka hubannutti Ximotewos nama gad of qabu, amanamaa fi nama jabaatee hojjetu dha. Akkasumas nama jaalala qabuu fi obboloota isaatiif garaadhaa yaadu dha. Phaawulos kan isa jaallatee fi ramaddiiwwan ulfaatoo taʼan isaaf kennuu irraa duubatti kan hin jenne kanaafi. (1 Qor. 4:17) Haaluma wal fakkaatuun, amaloota Yihowaan jaallatu kan horannu yoo taʼe, Yihowaan baayʼee nu jaallata, gumiin keenyas caalaatti nutti fayyadama.—Far. 25:9; 138:6.

Amala Kiristiyaanaa caalaatti horachuu barbaaddu tokko filadhu (Keeyyata 5-6 ilaali)

5. (a) Amalli Kiristiyaanaa horachuun si barbaachisu isa kam akka taʼe murteessuu kan dandeessu akkamitti? (b) Obboleettiin suuraa kana irratti mulʼattu galma warra kaanitti caalaatti gara laafina argisiisuuf baafatte irra gaʼuuf carraaqqii gochaa kan jirtu akkamitti?

5 Amala horachuu barbaaddu tokko filadhu. Eenyummaa kee irratti gama kamiin fooyyaʼiinsa gochuun akka si barbaachisu beekuuf akka si gargaaru Yihowaa kadhadhu, akkasumas irratti yaadi. Amala irratti xiyyeeffachuu barbaaddu tokko filadhu. Fakkeenyaaf, obboloota keetiif caalaatti garaa laafuu ykn fedhii isaan gargaaruuf qabdu guddifachuu ni dandeessaa? Caalaatti naga qabeessa taʼuu fi warra kaaniif dhiifama gochuun si barbaachisaa? Tarii michuun kee amantu tokko karaawwan fooyyaʼiinsa gochuu itti dandeessu akka sitti himu gaafachuu dandeessa.—Fak. 27:6.

6. Amala tokko horachuu kan dandeessu akkamitti?

6 Galma kee irra gaʼuuf carraaqqii godhi. Kana gochuu kan dandeessu akkamitti? Karaan kana gochuu itti dandeessu tokko amala horachuu barbaaddu irratti qorannaa gochuu dha. Fakkeenyaaf, caalaatti warra kaaniif dhiifama gochuuf galma baafatteetta haa jennu. Tarii Kitaaba Qulqulluu irraa waaʼee namoota tolaan dhiifama godhanii fi waaʼee namoota dhiifama gochuu didanii dubbisuu fi irratti xiinxaluudhaan jalqabda taʼa. Mee fakkeenya Yesuus haa ilaallu. Yesuus fedhii isaatiin warra kaaniif dhiifama godheera. (Luq. 7:47, 48) Kana malees, dogoggora isaan raawwatan irratti utuu hin taʼin, wanta gochuu dandaʼan irratti xiyyeeffateera. Faallaa kanaatiin, Fariisonni bara Yesuusitti turan ‘warra kaan ni tuffatu’ turan. (Luq. 18:9) Fakkeenya Yesuus irratti erga xiinxaltee booda, ‘Warra kaaniif ilaalcha akkamiin qaba? Amala isaanii isa kam irrattin xiyyeeffadha?’ jedhii of gaafadhu. Nama tokkoof dhiifama gochuun yoo si rakkise amaloota gaggaarii inni qabu hundumaa barreeffachuuf yaali. Achiis, ‘Yesuus nama kanaaf ilaalcha akkamii qaba? Dhiifama isaaf ni godhaa?’ jedhii of gaafadhu. Akka kanaan qorannaa gochuun ilaalcha keenya sirreessuuf nu gargaaruu dandaʼa. Jalqaba irratti, nama nu mufachiise tokkoof dhiifama gochuun carraaqqii gochuu nu gaafachuu dandaʼa. Carraaqqii gochuu keenya yoo itti fufne garuu, yeroo booda dhiifama gochuuf caalaatti fedhii qabaanna.

DANDEETTII KEE FOOYYEFFADHU

Galma Walgaʼii keessan akkamitti suphuu akka dandeessu baradhu (Keeyyata 7 ilaali) e

7. Fakkeenyi 22:29 akka jedhutti Yihowaan yeroo harʼaatti hojjettoota dandeettii qabanitti fayyadamaa kan jiru karaawwan kamiini?

7 Galmi baafachuu dandeessu kan biraan immoo dandeettii kee fooyyeffachuu dha. Gamoowwan Beetel, Galma Walgaʼii Guguddaa fi Galma Walgaʼii ijaaruuf namoonni hammamii akka barbaachisan yaadi. Baayʼeen isaanii dandeettii hojii ijaarsaa kan horatan obboloota muuxannoo qaban wajjin hojjechuudhaani. Akkuma suuraa kana irratti mulʼatutti, obboloonnii fi obboleettonni kun Galma Walgaʼii fi Galma Walgaʼii Guguddaa suphuun kan dandaʼamu akkamitti akka taʼe barachaa jiru. Karaa kanaa fi kan birootiin, “Mootii bara baraa” kan taʼe Yihowaanii fi “Mootii moototaa” kan taʼe Kiristoos Yesuus hojjettoota dandeettii qabanitti fayyadamanii wantoota dinqisiisoo hedduu raawwachaa jiru. (1 Xim. 1:17; 6:15; Fakkeenya 22:29 dubbisi.) Jabaannee hojjechuu fi dandeettii keenyatti fayyadamuu kan barbaannu, ofiif utuu hin taʼin Yihowaadhaaf ulfina fiduu waan barbaannuufi.—Yoh. 8:54.

8. Dandeettiin fooyyeffachuun si barbaachisu isa kam akka taʼe murteessuu kan dandeessu akkamitti?

8 Dandeettii fooyyeffachuu barbaaddu tokko filadhu. Dandeettii isa kam irratti xiyyeeffachuu barbaadda? Dandeettii isa kam guddifachuu akka dandeessu beekuuf akka si gargaaraniif jaarsolii gumii keetii, tariimmoo daawwataa ol aanaa aanaa keessanii gaafachuu dandeessa. Fakkeenyaaf, dandeettii dubbachuu fi barsiisuu akka fooyyeffattu yaada yoo siif kennan, wanta caalaatti irratti hojjechuun si barbaachisu adda baafachuuf akka si gargaaran isaan gaafadhu. Achiis fooyyaʼiinsa gochuuf carraaqqii cimaa godhi. Kana gochuu kan dandeessu akkamitti?

9. Galma dandeettii kee fooyyeffachuuf baafatte irra gaʼuu kan dandeessu akkamitti?

9 Galma kee irra gaʼuuf carraaqqii godhi. Fakkeenyaaf, dandeettii barsiisuu fooyyeffachuu barbaadde haa jennu. Birooshura Dubbisuu fi Barsiisuuf Carraaqqii Godhi jedhamu akka gaariitti qoʼachuu dandeessa. Walgaʼii torban gidduu irratti kutaan yoo siif kenname obboleessi gaʼumsa qabu tokko kutaa kee dhiheessuu kee dura akka si dhaggeeffatuu fi yaada fooyyessuuf si gargaaru akka siif kennu gaafachuu dandeessa. Namoonni dandeettii kee qofa utuu hin taʼin, ciminaan kan hojjettuu fi kan amanamtu taʼuu kees ifatti akka arganiif dursii qophaaʼi.—Fak. 21:5; 2 Qor. 8:22.

10. Fakkeenya dandeettii keenya guddifachuu akka dandeenyu argisiisu kenni.

10 Dandeettiin guddifachuu barbaaddu tokko baayʼee kan sitti ulfaatu yoo taʼe hoo? Abdii hin kutatin. Obboleessi Geerii jedhamu akka gaariitti dubbisuun isa rakkisa ture. Walgaʼii gumii irratti dubbisuuf yeroo yaalu baayʼee qaanaʼaa akka ture ni yaadata. Taʼus, carraaqqii gochuu isaa hin dhiisne. Leenjii argateen kan kaʼe yeroo ammaatti walgaʼii gumii, walgaʼii aanaa fi walgaʼii naannoo irratti haasaa kennuu dandaʼeera.

11. Akkuma Ximotewos itti gaafatamummaa dabalataa fudhachuuf maaltu nu gargaara?

11 Ximotewos nama haasaa dhiheessuu irratti ykn barsiisuu irratti dandeettii guddaa qabu taʼeeraa? Kitaabni Qulqulluun waaʼee kanaa hin dubbatu. Taʼus, Ximotewos gorsa Phaawulos isaaf kenne hojii irra waan oolcheef, ramaddii isaa irratti caalaatti buʼa qabeessa akka taʼe ifa dha. (2 Xim. 3:10) Haaluma wal fakkaatuun, nutis dandeettii keenya yoo guddifanne itti gaafatamummaa dabalataa fudhachuuf gaʼumsa ni qabaanna.

KARAA WARRA KAAN TAJAAJILUU ITTI DANDEESSU BARBAADDADHU

12. Tajaajila warri kaan dhiheessan irraa kan fayyadamte akkamitti?

12 Hundi keenya iyyuu tajaajila warri kaan dhiheessan irraa ni fayyadamna. Dhukkubsannee hospitaala yeroo gallu jaarsoliin Koree Hospitaalaan Wal Qunnamsiisu ykn Garee Namoota Dhukkubsatan Gaafatu keessatti tajaajilan dhufanii yeroo nu gaafatan baayʼee gammanna. Jireenya keenya keessatti yeroo haalli rakkisaan nu mudatu jaarsoliin gara laafeyyii taʼan yeroo ramadanii yommuu nu dhaggeeffatanii fi yommuu nu jajjabeessan baayʼee isaan galateeffanna. Qoʼannaa Kitaaba Qulqulluu geggeessuu irratti gargaarsi yeroo nu barbaachisu qajeelchaan muuxannoo qabu tokko nu wajjin qoʼannaa sana irratti argamee yaada yeroo nuuf kennu baayʼee gammanna. Obboloonnii fi obboleettonni kun hundi nu gargaaruu isaaniitti ni gammadu. Nutis obboloota keenya tajaajiluuf yoo of dhiheessine gammachuu akkasii arganna. Yesuus, “Fudhachuu irra kennuutu caalaatti nama gammachiisa” jedheera. (HoE. 20:35) Karaa kanaa fi karaawwan kan birootiin tajaajila kee balʼifachuu kan barbaaddu yoo taʼe, galma kee irra gaʼuuf maaltu si gargaara?

13. Galma tokko yeroo baafannu maal sammuutti qabachuu qabna?

13 Galma waliigalaa hin baafatin. Tarii, ‘Gumii keessatti sochii dabalataa utuun godhee natti tola’ jettee yaadda taʼa. Taʼus, galma akkasii irra gaʼuu kan dandeessu akkamittii fi yoom akka taʼe beekuun si rakkisuu dandaʼa. Kanaafuu, galma ifa taʼe tokko qabaadhu. Tarii, galmi kee sun maal akka taʼee fi akkamitti irra gaʼuu akka dandeessu barreeffachuu dandeessa.

14. Galma yeroo baafannu akkuma haala isaatti sirreeffama gochuun kan nu barbaachisu maaliifi?

14 Yeroo galma baafannu akka haala isaatti jijjiirama gochuunis nu barbaachisa. Maaliif? Haala nu mudatu hunda toʼachuu waan hin dandeenyeefi. Mee fakkeenya tokko haa ilaallu; Phaawulos ergamaan magaalaa Tasalonqee keessatti gumii haaraan akka hundeeffamu gargaarsa godheera. Achuma turee Kiristiyaanota haaraa sana gargaaruuf galma akka qabu hin shakkisiisu. Taʼus mormitoonni magaalaa sanaa akka baʼu isa dirqisiisan. (HoE. 17:1-5, 10) Phaawulos achuma tureera utuu taʼee obboloota isaa balaadhaaf saaxila. Taʼus, Phaawulos abdii hin kutanne. Kanaa mannaa, haala isa haaraatti bareera. Amantii Kiristiyaanota haaraa sanaa akka cimsuuf yeroo booda Ximotewosiin gara isaaniitti ergeera. (1 Tas. 3:1-3) Ximotewos iddoo gargaarsi barbaachisu kamitti iyyuu tajaajiluuf of dhiheessuu isaatti obboloonni Tasalonqee baayʼee gammadanii akka turan hin shakkisiisu.

15. Haalli toʼannaa keenyaa ala taʼe galma keenya irratti dhiibbaa kan godhu akkamitti? Fakkeenya kenni.

15 Muuxannoo Phaawulos Tasalonqeetti argate irraa barumsa guddaa arganna. Tarii mirga tajaajilaa tokko argachuuf carraaqqii gochaa jirra taʼa; taʼus haalli, toʼannaa keenyaa ala taʼe mirga sana akka hin arganne nu dhoowwuu dandaʼa. (Lal. 9:11) Haalli kee kanaa wajjin kan wal fakkaatu yoo taʼe, galma irra gaʼuu dandeessu kan biraa baafadhu. Hiriyoonni gaaʼelaa Teedii fi Haaydii jedhaman akkas godhaniiru. Hiriyoonni gaaʼelaa kun dhibee fayyaatiin kan kaʼe Beetelii baʼuun isaan barbaachisee ture. Taʼus, jaalalli Yihowaadhaaf qaban karaa tajaajila isaanii itti balʼifatan kan biraa barbaaduuf isaan kakaaseera. Jalqaba, qajeelchitoota yeroo hundaa taʼanii tajaajilan. Boodas qajeelchitoota addaa taʼanii muudaman; Teed immoo bakka buʼaa daawwataa ol aanaa aanaa taʼee akka tajaajilu leenjiʼe. Achiis ulaagaan umurii obboloota daawwataa ol aanaa aanaa taʼanii tajaajilanii ni jijjiirame. Kanaafuu, Teedii fi Haaydiin mirga tajaajilaa kana argachuu akka hin dandeenye hubatan. Yeroo kanatti gaddanii kan turan taʼus, karaa kan biraatiin Yihowaa tajaajiluu akka dandaʼan beeku turan. Teed, “Gosa tajaajilaa tokko irratti qofa xiyyeeffachuu akka hin qabne baranneerra” jedheera.

16. Galaatiyaa 6:4 irraa maal baranna?

16 Wanta jireenya keenya keessatti nu mudatu hundumaa toʼachuu hin dandeenyu. Kanaafuu, mirga tajaajilaa qabnuun of madaaluu irraa, akkasumas mirga nuti qabnu mirga warri kaan qabanii wajjin wal bira qabuu irraa fagaachuun keenya barbaachisaa dha. Haaydiin, “Jireenya kee jireenya warra kaanii wajjin wal bira kan qabdu yoo taʼe nagaa qabaachuu hin dandeessu” jetteetti. (Galaatiyaa 6:4 dubbisi.) Karaa warra kaan itti gargaarruu fi Yihowaa itti tajaajillu barbaaduun keenya barbaachisaa dha. c

17. Mirga tajaajilaa dabalataatiif gaʼumsa qabaachuuf maal gochuu dandeessa?

17 Jireenyi kee salphaa akka taʼu yoo gootee fi liqii hin barbaachisne keessa galuu irraa yoo of qusatte, tajaajila Yihowaa keessatti mirga dabalataa argachuun siif salphata. Galmawwan xixinnaa galmawwan guguddaa irra gaʼuuf si gargaaran baafadhu. Fakkeenyaaf, qajeelchaa yeroo hundaa taʼuuf galma baafatteetta yoo taʼe, ammumaa kaastee qajeelchaa gargaaraa taatee tajaajiluu ni dandeessaa? Tajaajilaa gumii taʼuuf galma baafatteetta yoo taʼe immoo, tajaajila irratti caalaatti hirmaachuuf, akkasumas obboloota gumii keetii dhukkubsatanii fi dullooman gaafachuuf yeroo dabalataa ramaduu ni dandeessaa? Muuxannoon amma argattu gara fuulduraatti mirga tajaajilaa dabalataa argachuuf karaa sii banuu dandaʼa. Hojii siif kennamu kam iyyuu hojjechuuf wanta dandeessu hundumaa gochuuf murteessi.—Rom. 12:11.

Galma irra gaʼuu dandeessu tokko filadhu (Keeyyata 18 ilaali) f

18. Obboleettii Beevarlii ishii suuraa kana irratti mulʼattu irraa maal baratte?

18 Galma hafuuraa baafachuu fi irra gaʼuuf umuriin nu hin daangessu. Mee obboleettii Beevarlii jedhamtuu fi umuriin ishii waggaa 75 taʼe akka fakkeenyaatti haa ilaallu. Obboleettii Beevarliin dhukkuba cimaa waan qabduuf miilaan deemuun ishiitti ulfaata. Taʼus, duula affeerrii Ayyaana Yaadannoo irratti hirmaannaa guutuu gochuuf baayʼee waan hawwiteef galma baafatte. Galma duula sana irratti hirmaachuuf baafatte irra yeroo geessu baayʼee gammadde. Carraaqqiin ishiin goote warri kaanis tajaajila irratti caalaatti akka hirmaatan kakaaseera. Obboloonnii fi obboleettonni maanguddoota taʼan haalli isaanii wanta gochuu dandaʼan kan daangessu taʼus, Yihowaan hojii isaan hojjetaniif iddoo guddaa kenna.—Far. 71:17, 18.

19. Galmawwan hafuuraa kamfaa baafachuu dandeenya?

19 Galma irra gaʼuu dandeessu baafadhu. Amaloota Yihowaa gammachiisan horadhu. Dandeettii Waaqa keenyaa fi jaarmiyaa isaa caalaatti tajaajiluuf si gargaaru baradhu. Karaa obbolootaa fi obboleettota kee caalaatti tajaajiluu itti dandeessu barbaaddadhu. d Taanaan, akkuma Ximotewos eebba Yihowaatiin “guddinni kee namoota hundumaatti ifatti [ni mulʼata].”—1 Xim. 4:15.

FAARFANNAA 38 Inni Si Jabeessa

a Ximotewos tajaajilaa misiraachichaa gaʼumsa qabu ture. Taʼus, Phaawulos ergamaan guddina hafuuraa gochuu isaa akka itti fufu isa jajjabeesseera. Ximotewos gorsa Phaawulos isaaf kenne waan hojii irra oolcheef Yihowaan caalaatti isatti fayyadameera, obbolootaa fi obboleettota isaas caalaatti gargaaruu dandaʼeera. Atoo akkuma Ximotewos Yihowaa fi obboloota kee caalaatti tajaajiluuf ni hawwitaa? Akka hawwitu hin shakkisiisu. Galmawwan kana gochuuf si gargaaran kam faʼi? Galmawwan kana baafachuu fi irra gaʼuuf hoo maaltu si gargaara?

b IBSA JECHAA: Galmi hafuuraa wanta caalaatti Yihowaa tajaajiluu fi isa gammachiisuuf jecha ciminaan hojjennu kam iyyuu kan argisiisu dha.

c Kitaaba Saba Fedhii Yihowaa Raawwachuuf Gurmaaʼe (Amaariffa) jedhamu irraa mata duree, “Iddoo Gargaarsi Barbaachisutti Tajaajiluu” jedhu ilaali; boqonnaa 10, key. 6-9 irratti argama.

d Kitaaba Bara Baraaf Gammachuudhaan Jiraadhu! jedhamu irraa barumsa 60⁠ffaa isa “Guddina Gochuu Kee Itti Fufi” jedhu ilaali.

e IBSA FAKKII: Obboleessi tokko akkamitti suphuun akka dandaʼamu obboleettota lamatti argisiisaa jira; obboleettonni kunis dandeettii haaraa baratan kanatti akka gaariitti fayyadamaa jiru.

f IBSA FAKKII: Obboleettiin manaa baʼuu hin dandeenye takka Ayyaana Yaadannoo irratti akka argaman namoota bilbilaan affeeraa jirti.