Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

MATA DUREE QOʼANNAA 17

Haadhotiin Fakkeenya Ewunqee Irraa Baradhaa

Haadhotiin Fakkeenya Ewunqee Irraa Baradhaa

‘Barumsa haadha teetii hin dhiisin. Inni mataa keetiif gonfoo bareedaa, morma keetiifis faaya miidhagaa dha.’—FAK. 1:8, 9.

FAARFANNAA 137 Dubartoota Amanamoo

QABIYYEE a

Haati Ximotewos Ewunqeenii fi akkoon isaa Looyis Ximotewos yeroo cuuphamu baayʼee gammadan (Keeyyata 1 ilaali)

1-2. (a) Ewunqeen eenyu? Mucaa ishii yeroo guddistutti haala rakkisaa akkamiitu ishii mudate? (b) Fakkii fuula jalqabaa irra jiru irratti yaada kenni.

 KITAABNI QULQULLUUN waaʼee guyyaa Ximotewos itti cuuphamee kan hin dubbanne taʼus, haati isaa Ewunqeen guyyaa sana baayʼee gammaddee akka turte tilmaamuu dandeenya. (Fak. 23:25) Ximotewos bishaan keessa dhaabbatee yeroo argitu gammachuudhaan kan kaʼe ijji ishii yeroo ifu sitti haa mulʼatu. Akkoon Ximotewos Looyis yeroo ofitti ishii qabdu ni seeqxe. Ewunqeen Ximotewos bishaan keessa yeroo lixu gammachuudhaan kan kaʼe hollachuu jalqabde. Salphaa taʼuu baatus ilmi ishii Yihowaa fi Ilma isaa Yesuus Kiristoosiin akka jaallatu barsiisuu irratti milkaaʼina argatteetti. Ewunqeen sadarkaa kana irraa gaʼuuf rakkoowwan akkamii moʼuun ishii barbaachiseera?

2 Ximotewos maatii amantaadhaan qoqqoodame keessatti guddate. Abbaan isaa nama Giriikiiti; haati isaa fi akkoon isaa immoo Yihudoota dha. (HoE. 16:1) Ewunqee fi Looyis Kiristiyaanota kan taʼan yommuu Ximotewos umurii waggoota kurnanii keessa turetti taʼuu hin oolu. Abbaan isaa garuu Kiristiyaana hin taane. Ximotewos filannaa akkamii godheree? Yeroo sanatti umurii itti murtoo mataa isaa gochuu dandaʼu irra gaʼee taʼuu dandaʼa. Maarree, amantaa abbaa isaa hordofaa laata? Aadaa Yihudootaa ijoollummaa isaatii kaasee barachaa ture hordofuu isaa itti fufaa? Moo duuka buutuu Yesuus Kiristoos taʼa?

3. Fakkeenyi 1:8, 9 akka jedhutti Yihowaan carraaqqii haadhotiin ijoolleen isaanii michoota isaa akka taʼan gargaaruuf godhaniif ilaalcha akkamii qaba?

3 Haadhotiin Kiristiyaanota taʼanii fi yeroo harʼaa jiranis akkuma Ewunqee maatii isaanii ni jaallatu. Wanta kam iyyuu caalaa ijoolleen isaanii Yihowaa wajjin michummaa cimaa akka qabaatan gargaaruu barbaadu. Waaqni keenyas carraaqqii isaan godhaniif iddoo guddaa kenna. (Fakkeenya 1:8, 9 dubbisi.) Yihowaan haadhotii hedduun ijoollee isaanii dhugaa akka barsiisan gargaareera.

4. Haadhotii yeroo harʼaa jiran rakkina akkamiitu mudata?

4 Haati takka, ‘Ijoolleen koo akkuma Ximotewos Yihowaa tajaajiluu ni filatuu laata?’ jettee yaaddaʼuun ishii waanuma jiru dha. Warri, addunyaan Seexanaa ijoollee isaanii irratti dhiibbaa hammamii akka godhu beeku. (1 Phe. 5:8) Kana malees, haadhotii hedduun kophaa isaanii ijoollee guddisu; tokko tokko immoo abbootiin manaa isaanii Yihowaa hin waaqeffatan. Fakkeenyaaf, obboleettiin Kiristiin b jedhamtu akkana jetteetti: “Abbaan manaa koo abbaa gaarii fi maatii isaa kan kunuunsu dha; taʼus, ijoolleen keenya Dhugaa Baatota Yihowaa akka taʼan hin barbaadu. Ijoolleen koo Yihowaa waaqeffachuu kan dandaʼan akkamitti akka taʼe yaaddaʼuudhaan waggoota hedduudhaaf imimmaan koo dhangalaaseera.”

5. Mata duree kana keessatti maal ilaalla?

5 Atis haadha yoo taate akkuma Ewunqee milkaaʼina argachuu dandeessa. Mata duree kana keessatti wanta dubbattuu fi wanta raawwattuun ijoollee kee barsiisuudhaan fakkeenya ishii hordofuu kan dandeessu akkamitti akka taʼe ilaalla. Yihowaan gama kanaa kan si gargaaru akkamitti akka taʼes ni ilaalla.

WANTA DUBBATTUUN IJOOLLEE KEE BARSIISI

6. Akka 2 Ximotewos 3:14, 15 irratti ibsametti Ximotewos Kiristiyaana kan taʼe akkamitti?

6 Ximotewos mucaa xinnoo yeroo turetti haati isaa akkuma Yihudoonni hubatanitti “Kitaabota Qulqulluu” isa barsiisuuf carraaqqii guddaa gooteetti. Waaʼee Yesuus Kiristoos homaa waan hin beekneef, beekumsi ishiin qabdu muraasa ture. Taʼus, wanti Ximotewos Kitaaba Qulqulluu irraa barate amantaa Kiristiyaanaa fudhachuuf buʼuura gaarii isaaf taʼa. Maarree, Ximotewos Kiristiyaana taʼeeraa? Dargaggeessa waan tureef Kiristiyaana taʼuuf ykn taʼuu dhiisuuf filachuu ni dandaʼa ture. Carraaqqiin haati isaa goote dhugaa waaʼee Yesuus ibsutti ‘akka amanu’ gumaacha guddaa godhee akka ture homaa hin shakkisiisu. (2 Ximotewos 3:14, 15 dubbisi.) Ewunqeen haala rakkisaa ishii mudatu hundumaa dandamattee ilmi ishii waaʼee Yihowaa akka baratu gargaaruu ishiitti baayʼee gammaddee taʼuu qaba. Maqaan Ewunqee jedhu jecha hiika “injifachuu” jedhu qabu irraa dhufe; dhuguma iyyuu, Ewunqeen ilmi ishii Yihowaa akka jaallatuu fi akka isa tajaajilu gargaaruuf haala rakkisaa ishii mudate injifatteetti.

7. Ewunqeen ilmi ishii erga cuuphamee booda guddina akka godhu kan gargaarte akkamitti taʼuu dandaʼa?

7 Ximotewos yeroo cuuphametti galma jireenya isaa keessatti baayʼee barbaachisaa taʼerra gaʼeera; taʼus, haati isaa sana boodas waaʼee isaa yaaddaʼuun ishii hin oolu. Ilmi ishii jireenya isaatti akkamitti fayyadama laata? Hiriyoota dhiibbaa gadhee isa irraan geessisan ni filataa? Gara Ateenaa deemee barumsa falaastota Waaqayyotti hin amannee ni hordofaa laata? Qabeenyaaf garba taʼuudhaan dargaggummaa isaa kanatti yeroo fi humna isaa ni qisaasessaa? Ewunqeen Ximotewosiif murtoo gochuu kan hin dandeenye taʼus, isa gargaaruu garuu ni dandeessi. Akkamitti? Ilmi ishii Yihowaadhaaf jaalala guddaa akka qabaatuu fi Ilma isaa Yesuusiif dinqisiifannaa akka qabaatu gargaaruuf carraaqqii gochuu ishii itti fufuu dandeessi. Haalli rakkisaan kan mudatu maatii amantaadhaan qoqqoodame qofa miti. Warri lamaanuu dhugaa keessa kan jiran yoo taʼe illee, garaa ijoollee tuquudhaan tajaajiltoota Yihowaa amanamoo akka taʼan gargaaruun rakkisaa taʼuu dandaʼa. Maarree warri fakkeenya Ewunqee irraa maal baratu?

8. Haati takka yeroo abbaan manaa ishii ijoollee isaanii karaa hafuuraa gargaaruuf carraaqqii godhutti isa deggaruu kan dandeessu akkamitti?

8 Ijoollee kee wajjin Kitaaba Qulqulluu qoʼadhu. Abbaan manaa kee dhugaa keessa jira yoo taʼe, Yihowaan carraaqqii inni ijoollee keessan karaa hafuuraa gargaaruuf godhu irratti akka isa deggertu barbaada. Karaan kana gochuu itti dandeessu tokko, yeroo hunda sagantaa Waaqeffannaa Maatii deggeruu dha. Waaʼee qophii kanaa yeroo hunda wanta gaarii dubbadhu, akkasumas qophiin kun gammachiisaa akka taʼuuf maal gochuu akka dandeessu yaadi. Tarii, abbaan manaa kee piroojektii Kitaaba Qulqulluu adda taʼe tokko yeroo qopheessu isa gargaaruu dandeessa. Kana malees, ijoolleen keessan tokko tokko kitaaba Bara Baraaf Gammachuudhaan Jiraadhu! jedhamutti fayyadamanii Kitaaba Qulqulluu qoʼachuuf umuriin isaanii gaʼeera yoo taʼe, abbaa manaa keetiif gargaarsa barbaachisu gochuu dandeessa.

9. Haati abbaa manaa hin amanne qabdu gargaarsa eessaa argachuu dandeessi?

9 Haadhotiin tokko tokko ijoollee isaanii kophaa waan guddisaniif ykn abbaan manaa isaanii kan hin amanne waan taʼeef, ijoollee isaanii Kitaaba Qulqulluu qoʼachiisuu irratti dursa fudhachuun isaan barbaachisa. Haalli maatii keetii akkas yoo taʼe garmalee hin yaaddaʼin. Yihowaan si gargaara. Ijoollee kee barsiisuuf meeshaalee gaggaarii jaarmiyichi qopheessetti fayyadami. Meeshaalee kana waaqeffannaa maatii irratti itti fayyadamuun kan dandaʼamu akkamitti akka taʼe warra muuxannoo qaban gaafachuu dandeessa. c (Fak. 11:14) Yihowaan ijoollee kee yeroo haasofsiistus si gargaaruu dandaʼa. Wanta sammuu fi garaa isaanii keessa jiru hubachuuf akka si gargaaru kadhadhu. (Fak. 20:5) Gaaffii salphaa, ‘Mana barumsaatti wanti baayʼee sitti ulfaatu maali dha?’ jedhu gaafachuun kee marii gaarii gochuuf si gargaaruu dandaʼa.

10. Ijoolleen kee waaʼee Yihowaa akka baratan gargaaruuf wanta dabalataa akkamii gochuu dandeessa?

10 Ijoollee kee waaʼee Yihowaa barsiisuuf carraa barbaadi. Waaʼee Yihowaa fi wantoota gaggaarii inni isiniif godhe dubbadhu. (Kes. 6:6, 7; Isa. 63:7) Keessumaa yeroo baayʼee ijoollee kee wajjin qoʼachuu hin dandeessu yoo taʼe, akkas gochuun kee baayʼee barbaachisaa dha. Kiristiin ishiin olitti ibsamte akkana jetteetti: “Waaʼee wantoota hafuuraa mariʼachuuf yeroon qabnu baayʼee muraasa waan taʼeef, carraan argadhu hundatti nan fayyadama. Waaʼee uumama Yihowaa fi waaʼee wantoota hafuuraa haasaʼuu akka dandeenyuuf baanee miilaan deemna ykn bishaan irra bidiruudhaan deemna, akkasumas qarqara galaanaa miilaan deemna. Ijoolleen koo yeroo guddatan dhuunfaatti Kitaaba Qulqulluu akka qoʼatanin isaan jajjabeesse.” Kana malees, waaʼee jaarmiyaa Yihowaas taʼe waaʼee obbolootaa fi obboleettota keetii wanta gaarii dubbadhu. Jaarsolii hin qeeqin. Waaʼee jaarsolii wanta gaarii kan dubbattu yoo taʼe, ijoolleen kee yeroo gargaarsi isaan barbaachisutti jaarsolii haasofsiisuuf ni kakaʼu.

11. Yaaqoob 3:18 akka jedhutti mana keessa nagaan akka jiraatu gochuun barbaachisaa kan taʼe maaliifi?

11 Mana keessa nagaan akka jiraatu godhi. Yeroo hunda jaalala abbaa manaa fi ijoollee keetiif qabdu ibsi. Waaʼee abbaa manaa keetii karaa gaarummaa fi kabaja qabuun dubbadhu; ijoolleen kees akkasuma akka godhan leenjisi. Akkas kan gootu yoo taʼe ijoolleen kee waaʼee Yihowaa barachuun isaaniif salphachuu dandaʼa. (Yaaqoob 3:18 dubbisi.) Mee fakkeenya Yoozeef isa Roomaaniyaa keessatti qajeelchaa addaa taʼee tajaajiluu haa ilaallu. Yoozeef yeroo ijoollee turetti abbaan isaa isaa fi haadha isaatti, akkasumas obbolaa isaatti Yihowaa tajaajiluun akka ulfaatu godhee ture. Akkana jedheera: “Haati koo mana keenya keessa nagaan akka jiraatuuf carraaqqii cimaa gooti turte. Yeroo abbaan koo caalaatti gara jabeessa taʼaa deemu haati koo immoo caalaatti gaarummaa argisiisti turte. Abbaa keenya kabajuunii fi isaaf ajajamuun akka nutti ulfaate yeroo hubattu Efesoon 6:1-3 nuuf dubbisti. Achiis amaloota gaggaarii abbaan keenya qabu nutti himti, akkasumas iddoo guddaa isaaf kennuu kan qabnu maaliif akka taʼe nu hubachiisti. Haalli nama dhiphisu yeroo uumamu karaa kanaan furmaata kenniti turte.”

WANTA RAAWWATTUUN IJOOLLEE KEE BARSIISI

12. Ximotewos Lammaffaa 1:5 akka jedhutti fakkeenyi Ewunqee Ximotewos irratti dhiibbaa akkamii godhe?

12 Ximotewos Lammaffaa 1:5 dubbisi. Ewunqeen Ximotewosiif fakkeenya gaarii taateetti. Amantii dhugaan hojiidhaan argisiifamuu akka qabu isa barsiistee taʼuu qaba. (Yaq. 2:26) Ximotewos haati isaa jaalala cimaa Yihowaadhaaf qabduun kakaatee wantoota adda addaa yeroo raawwattu akka arge homaa hin shakkisiisu. Haati isaa Yihowaa tajaajiluun ishii gammachuu akka ishiidhaaf argamsiise hubatee taʼuu qaba. Fakkeenyi Ewunqee Ximotewos irratti dhiibbaa akkamii godhe? Phaawulos ergamaan Ximotewos akkuma haadha isaa amantii cimaa akka qabu dubbateera. Kun kan taʼe akkuma carraa miti. Ximotewos fakkeenya ishii ilaaleera, akkasumas fakkeenya ishii hordofuuf kakaʼeera. Haaluma walfakkaatuun yeroo harʼaas, haadhotii hedduun “dubbii malee” miseensonni maatii isaanii Yihowaa akka tajaajilan kakaasuu dandaʼaniiru. (1 Phe. 3:1, 2) Isinis akkasuma gochuu dandeessu. Akkamitti?

13. Haati takka walitti dhufeenya Yihowaa wajjin qabduuf dursa kennuu kan qabdu maaliifi?

13 Walitti dhufeenya Yihowaa wajjin qabduuf dursa kenni. (Kes. 6:5, 6) Akkuma haadhotii hedduun godhan atis aarsaa baayʼee kaffalta. Wanta karaa qaamaa ijoollee kee barbaachisu guutuuf yeroo, maallaqa, hirribaa fi wanta kan biraa aarsaa goota. Haa taʼu malee, walitti dhufeenya Yihowaa wajjin qabdu matumaa aarsaa gochuu hin qabdu. Yeroo hunda dhuunfaatti kadhachuuf, qoʼannaa dhuunfaa gochuu fi walgaʼii gumii irratti argamuuf yeroo ramadi. Akkas gochuudhaan walitti dhufeenya Yihowaa wajjin qabdu cimsachuu fi maatii keetiifis taʼe warra kaaniif fakkeenya gaarii taʼuu dandeessa.

14-15. Fakkeenya Liin, Maariyaa fi Ziwaa irraa maal baranna?

14 Mee dargaggoota haadha isaanii ilaaluudhaan Yihowaa jaallachuu fi isatti amanamuu baratan tokko tokko akka fakkeenyaatti haa ilaallu. Intala Kiristiin kan taate Liin akkana jetteetti: “Yeroo abbaan keenya mana jirutti Kitaaba Qulqulluu qoʼachuu hin dandeenyu. Taʼus, harmeen yeroo hundumaa walgaʼii gumii irratti ni argamti turte. Waaʼee Kitaaba Qulqulluu wanta baayʼee beekuu baannus wanti ishiin raawwattu amantii cimaa qabaachuuf nu gargaareera. Walgaʼii gumii irratti argamuu keenya dura iyyuu Dhugaa Baatonni Yihowaa dhugaa akka barsiisan hubannee turre.”

15 Abbaan Maariyaa yeroo tokko tokko walgaʼii gumii irratti waan argamaniif maatii isaa ni adaba ture. Maariyaan akkana jetteetti: “Haati tiyya obboleettota baayʼee ija jabeeyyii taʼan keessaa tokko dha. Yeroon ijoollee turetti wanti warri kaan jedhan waan na sodaachisuuf yeroo tokko tokko wanta tokko gochuu irraa duubattin jedha ture. Haa taʼu malee, haati tiyya hammam ija jabeettii akka taatee fi yeroo hunda jireenya ishii keessatti Yihowaadhaaf dursa akka kennitu arguun koo sodaa koo injifachuuf na gargaareera.” Abbaan Ziwaa maatiin isaa mana keessatti marii hafuuraa akka hin goone dhowwee ture, Ziwaan akkana jedheera: “Wanti baayʼee garaa koo tuqe haati tiyya abbaa koo gammachiisuuf jecha jaalala Yihowaadhaaf qabduun ala wanta kam iyyuu aarsaa gochuuf fedhii qabaachuu ishiiti.”

16. Haati takka warra kaaniif fakkeenya akkamii taʼuu dandeessi?

16 Fakkeenyi kee warra kaan irratti dhiibbaa akka godhu yaadadhu. Akkamitti? Mee fakkeenyi Ewunqee Phaawulos irratti dhiibbaa akkamii akka godhe haa ilaallu. Phaawulos amantiin Ximotewos inni fakkeessaa hin qabne “jalqaba . . . Ewunqee keessa” akka ture barreesseera. (2 Xim. 1:5) Phaawulos Ewunqeen amantii cimaa akka qabdu yeroo jalqabaatiif kan arge yoomi? Adeemsa misiyoonummaa isaa isa jalqabaa irratti Lisxiraa keessatti Looyisii fi Ewunqee wajjin yeroo wal argetti taʼuu hin oolu; tarii Kiristiyaanota akka taʼan isaan gargaaree taʼuu dandaʼa. (HoE. 14:4-18) Mee yaadi, Phaawulos waggaa 15 booda Ximotewosiif yeroo xalayaa barreessetti hojii Ewunqeen amanamummaadhaan raawwatte yaadatee akka fakkeenyaatti ishii caqaseera. Fakkeenyi ishii isas taʼe Kiristiyaanota jaarraa jalqabaa hedduu akka jajjabeesse ifa dha. Ijoollee kee guddisaa kan jirtu kophaa kee ykn maatii amantaadhaan qoqqoodame keessatti yoo taʼe, amanamummaan kee warra kaan jajjabeessuu fi hojiidhaaf kakaasuu akka dandaʼu yaadadhu.

Ijoolleen karaa hafuuraa akka guddatan gargaaruun yeroo gaafata. Kanaafuu, abdii hin kutatin! (Keeyyata 17 ilaali)

17. Ijoolleen kee carraaqqii ati isaan leenjisuuf gootuuf deebii gaarii yoo kennuu baatan maal gochuu qabda?

17 Ijoolleen kee carraaqqii gootuuf deebii gaarii hin kennan yoo taʼe hoo? Ijoollee leenjisuun yeroo akka gaafatu yaadadhu. Fakkicha irratti akkuma mulʼatu sanyii tokko erga dhaabdee booda, ‘Tarii guddatee firii ni godhataa laata?’ jettee yaadda taʼa. Biqiltuun sun firii akka godhatu mirkanaaʼaa taʼuu kan hin dandeenye taʼus, akka guddatuuf bishaan obaasuu kee itti fufta. (Mar. 4:26-29) Haaluma walfakkaatuun, haadha waan taateef yeroo tokko tokko, ‘Garaa ijoollee kootii tuquu nan dandaʼaa laata?’ jettee yaadda taʼa. Murtoo ijoollee keetii toʼachuu hin dandeessu. Haa taʼu malee, ijoollee kee leenjisuuf wanta dandeessu gochuu kee yoo itti fufte, ijoolleen kee karaa hafuuraa akka guddatan haala isaaniif mijeessita.—Fak. 22:6.

GARGAARSA YIHOWAATTI AMANAMI

18. Yihowaan ijoolleen kee karaa hafuuraa akka guddatan kan gargaaru akkamitti?

18 Bara duriitii kaasee Yihowaan dargaggoonni hedduun michoota isaa akka taʼan gargaareera. (Far. 22:9, 10) Ijoolleen kees yoo barbaadan karaa hafuuraa akka guddatan isaan gargaara. (1 Qor. 3:6, 7) Yihowaan ijoolleen kee yoo isarraa fagaatan illee isaan jaallachuu isaa hin dhiisu. (Far. 11:4) Hamma tokko illee ‘kakaʼumsa sirrii akka qaban’ yoo argisiisan isaan gargaaruuf qophaaʼaa dha. (HoE. 13:48; 2 Sen. 16:9) Wanta ijoolleen kee dhagaʼuun isaan barbaachisu yeroo sirrii taʼetti akka dubbattu si gargaaruu dandaʼa. (Fak. 15:23) Yookiin immoo obboleessi gumii keessa jiru tokko xiyyeeffannaa addaa akka isaaniif kennu kakaasuu dandaʼa. Ijoolleen kee erga guddatanii booda illee Yihowaan wanta ijoollummaa isaaniitti baratan akka yaadatan gochuu dandaʼa. (Yoh. 14:26) Dubbiidhaanis taʼe gochaan ijoollee kee leenjisuu kee yoo itti fufte Yihowaan si eebbisa.

19. Yihowaa biratti fudhatama akka qabdu mirkanaaʼaa taʼuu kan dandeessu maaliifi?

19 Jaalalli Yihowaan siif qabu filannaa ijoolleen kee godhan irratti kan hundaaʼe miti. Inni kan si jaallatu ati waan isa jaallatteefi. Kophaa kee ijoollee guddisaa jirta yoo taʼe, Yihowaan ijoollee keetiif abbaa akka taʼu, siifis eegumsa akka godhu waadaa galeera. (Far. 68:5) Murtoo ijoollee keetii toʼachuu hin dandeessu. Haa taʼu malee, gargaarsa Yihowaatti amanamuudhaan wanta dandeessu hunda gochuu kee yoo itti fufte isa biratti fudhatama ni argatta.

FAARFANNAA 134 Ijoolleen Waaqayyo Irraa Adaraa Kennaman

a Mata dureen kun haadhotiin Kiristiyaanota taʼan haadha Ximotewos kan taate Ewunqee irraa barumsa akkamii akka argatan, akkasumas ijoolleen isaanii Yihowaa akka beekanii fi akka isa jaallatan gargaaruu kan dandaʼan akkamitti akka taʼe ibsa.

b Maqaawwan tokko tokko jijjiiramaniiru.

c Fakkeenyaaf, kitaaba Bara Baraaf Gammachuudhaan Jiraadhu! jedhamu barumsa 50ffaa fi Masaraa Eegumsaa Hagayya 15, 2011, ful. 6-7 irraa mata duree “Yaada Waaqeffannaa Maatiifi Qayyabannaa Dhuunfaaf Gargaaru” jedhu ilaali.