MATA DUREE QOʼANNAA 14
FAARFANNAA 56 Dhugaa kan Ofii Godhadhu
“Gara Bilchinaatti Deemuuf Carraaqqii” Godhi
“Gara bilchinaatti deemuuf carraaqqii haa goonu.”—IBR. 6:1.
YAADA IJOO
Kiristiyaanni bilchina qabu tokko yaannii fi gochisaa fedhii Waaqayyoo wajjin akka wal simu kan godhuu fi murtoo ogummaarratti hundaaʼe kan godhu akkamitti akka taʼe baradhu.
1. Yihowaan maal nurraa barbaada?
HIRIYOONNI gaaʼelaa mucaa fayya buleessa taʼe yeroo godhatan baayʼee gammadu. Warri daaʼima isaanii isa reefu dhalate baayʼee kan jaallatan taʼus, daaʼima taʼee akka itti fufu hin barbaadan. Mucaansaanii yoo guddachuu baate baayʼee dhiphatu. Haaluma wal fakkaatuun, Yihowaanis yeroo jalqaba duuka buutota Yesuus taʼuuf tarkaanfii fudhannetti baayʼee gammadeera; haa taʼu malee, karaa hafuuraa daaʼima taanee akka itti fufnu hin barbaadu. (1 Qor. 3:1) Kanaa mannaa, Kiristiyaana ‘gaʼeessa’ akka taanu nu jajjabeesseera.—1 Qor. 14:20.
2. Mata duree kana keessatti maal ilaalla?
2 Kiristiyaana gaʼeessa taʼuu jechuun maal jechuudha? Kiristiyaana bilchina qabu taʼuu kan dandeenyu akkamitti? Nyaanni hafuuraa jabaan guddina keenyaaf gumaacha akkamii godha? Garmalee ofitti amanamuurraa fagaachuu kan qabnuhoo maaliifi? Mata duree kana keessatti deebii gaaffilee kanaa ilaalla.
KIRISTIYAANA BILCHINA QABU TAʼUU JECHUUN MAAL JECHUUDHA?
3. Kiristiyaana gaʼeessa taʼuu jechuun maal jechuudha?
3 Kitaaba Qulqulluu keessatti jechi Afaan Giriikii “gaʼeessa” jedhamee hiikame “bilchaataa,” “mudaa kan hin qabne,” akkasumas “guutuu” jedhamees hiikamuu dandaʼa. a (1 Qor. 2:6) Karaa hafuuraa daaʼima taʼuu dhiisnee nama hafuuraa yeroo taanu Kiristiyaana gaʼeessa ykn bilchaataa taana. Dhugaadha, galma kanarra erga geenyee boodas karaa hafuuraa guddina gochuu dhaabuu hin qabnu. (1 Xim. 4:15) Dargaggoota dabalatee hundi keenyayyuu karaa hafuuraa bilchina qabaachuu ni dandeenya. Haa taʼu malee, Kiristiyaanni tokko gara bilchinaatti guddachaa akka jiru kan argisiisu maalidha?
4. Kiristiyaana bilchina qabu wanti adda baasee beeksisu maalidha?
4 Kiristiyaanni bilchina qabu tokko jireenya isaa keessatti ulaagaalee Waaqayyoo hundumaa eega malee, isa barbaadu qofa filatee hin hordofu. Dhugaadha, mudaa waan qabuuf dogoggora raawwachuunsaa hin oolu. Taʼus, guyyaa guyyaadhaan yaannii fi gochisaa fedhii Waaqayyoo wajjin akka wal simu gochuuf carraaqqii godha. Namummaa haaraa uffata, akkasumas ilaalchisaa caalaatti ilaalcha Waaqayyoo akka fakkaatu gochuuf yeroo hunda carraaqa. (Efe. 4:22-24) Seerotaa fi dhugaawwan buʼuuraa Yihowaarratti hundaaʼuudhaan murtoowwan gaggaarii gochuu bareera; kanaafuu, wanta gochuu qabuu fi gochuu hin qabne ilaalchisee seerri hedduun isa hin barbaachisu. Murtoo tokko yoo godhe, of toʼachuudhaan wanta murteesse sana hojiirra oolchuu ni dandaʼa.—1 Qor. 9:26, 27.
5. Kiristiyaana bilchina hin qabne balaa akkamiitu mudata? (Efesoon 4:14, 15)
5 Faallaa kanaatiin, Kiristiyaanni bilchina hin qabnemmoo “gowwoomsaa” fi “mala haxxummaa irratti hundaaʼeen” salphaatti dogoggoruu, oduu fi seenaa sobaa miidiyaaleerratti dhihaatan amanuu, akkasumas gantootaan gowwoomfamuu dandaʼa. b (Efesoon 4:14, 15 dubbisi.) Namni akkasii hinaafuu, lola kakaasuu, salphaatti mufachuu, akkasumas qorumsaan moʼamuu dandaʼa.—1 Qor. 3:3.
6. Gara bilchinaatti guddachuun maal akka fakkaatu fakkeenyaan ibsi. (Fakkichas ilaali.)
6 Akkuma olitti ilaalle Kitaabni Qulqulluun karaa hafuuraa gara bilchinaatti deemuu guddina mucaan tokko godhu wajjin wal bira qabee ibsa. Daaʼimni tokko hubannaa waan hin qabneef namni guddaan eegumsaa fi toʼannaa isaaf gochuu qaba. Fakkeenyaaf, haati takka yeroo daandii ceʼanitti harka ishii akka qabdu intala ishiitti himti taʼa. Yeroo guddachaa deemtummoo ofuma ishiitiin akka ceetu ishiidhaaf heyyamti taʼa; taʼus, kallattii lamaaniinuu konkolaataan dhufaa akka hin jirre akka ilaaltu ishii yaadachiisti. Intalli sun nama guddaa yeroo taatu balaa akkasiirraa akkamitti akka of eegdu ofuma ishiitiin beekti. Akkuma ijoolleen balaarraa fagaachuuf gargaarsi nama guddaa isaan barbaachisu, Kiristiyaanonni bilchina hin qabnes yeroo baayʼee karaa hafuuraa balaarraa fagaachuufis taʼe murtoo gaarii gochuuf gargaarsi Kiristiyaanota bilchina qabanii isaan barbaachisa. Kiristiyaanonni bilchina qaban garuu murtoo gochuusaanii dura ilaalcha Yihowaan dhimmicharratti qabu beekuuf dhugaawwan buʼuuraa Kitaaba Qulqulluurratti gadi fageenyaan yaadu, achiis wanta baratan hojiirra oolchu.
7. Kiristiyaanonni bilchina qaban gargaarsi warra kaanii isaan barbaachisaa?
7 Kana jechuun garuu Kiristiyaanni bilchina qabu tokko gargaarsi eenyuuyyuu isa hin barbaachisu jechuudhaa? Akkas jechuu miti. Kiristiyaanonni bilchina qabanis darbee darbee gargaarsa warra kaanii gaafachuu qabu. Namni bilchina hin qabne garuu wanta gochuu qabu ykn murtoo ofiin murteeffachuu qabu warri kaan akka isatti himan eega taʼa. Kiristiyaanni bilchina qabu tokko Yihowaan ‘baʼaa ofii isaa akka baatu’ akka isarraa eegu waan beekuuf, ogummaa fi muuxannoo warra kaaniirraa barachuuf yaala.—Gal. 6:5.
8. Kiristiyaanonni bilchina qaban garaa garummaa akkamii qabu?
8 Akkuma namoonni gaʼeessota taʼan karaa qaamaa garaa gara taʼan, Kiristiyaanonni bilchina qabanis amaloota kanneen akka ogummaa, ija jabina, arjummaa fi gara laafinaa jiran argisiisuurratti garaa garummaa qabaachuu dandaʼa. Kana malees, Kiristiyaanonni bilchina qaban lama haalli wal fakkaataa taʼe yeroo isaan mudatu murtoo garaa gara taʼe, garuummoo Kitaaba Qulqulluu wajjin wal simu gochuu dandaʼu. Keessumaa haalli akkasii kan uumamu yeroo qalbii isaaniirratti hundaaʼanii murtoo godhanittidha. Kiristiyaanonni bilchina qaban kana waan hubataniif, yeroo garaa garummaan akkasii uumamutti walitti hin murteessan. Kanaa mannaa, tokkummaasaanii eeganii itti fufu.—Rom. 14:10; 1 Qor. 1:10.
GARA BILCHINA HAFUURAATTI GUDDACHUU KAN DANDEENYU AKKAMITTI?
9. Carraaqqii tokko malee gara bilchina hafuuraatti guddachuu ni dandeenyaa? Ibsi.
9 Daaʼimni tokko yeroon darbaa yommuu deemu guddachuunsaa hin oolu; bilchinni hafuuraa garuu wanta carraaqqii malee argamu miti. Fakkeenyaaf, obboloonnii fi obboleettonni Qorontos keessa turan misiraachicha fudhatanii cuuphamanii, hafuura qulqulluu argatanii fi gorsa Phaawulos ergamaan dhuunfaatti isaaniif kennerraa fayyadamanii turan. (HoE. 18:8-11) Haa taʼu malee, cuuphamanii waggoota muraasa booda baayʼeensaanii ammayyuu karaa hafuuraa bilchina hin qaban turan. (1 Qor. 3:2) Guddina hafuuraa gochuurratti akka hin harkifanne of eeggachuu kan dandeenyu akkamitti?
10. Bilchina qabaachuuf maal gochuu qabna? (Yihudaa 20)
10 Bilchina hafuuraarra gaʼuuf, jalqaba bilchina qabaachuuf fedhii qabaachuu qabna. Namoonni ‘muuxannoo dhabuu jaallatan’ karaa hafuuraa daaʼima taʼanii itti fufuuf waan filataniif guddina gochuu hin dandaʼan. (Fak. 1:22) Akka namoota karaa qaamaa gaʼeessota erga taʼanii booda warri isaanii murtoo akka isaaniif godhan barbaadanii taʼuu hin barbaannu. Kanaa mannaa, itti gaafatamummaasaa fudhachuudhaan guddina hafuuraa gochuu keenya itti fufuu barbaanna. (Yihudaa 20 dubbisi.) Bilchinarra gaʼuuf carraaqaa jirta yoo taʼe, Yihowaan “fedhii fi humna hojiidhaaf [si] barbaachisu” akka siif kennu kadhadhu.—Filp. 2:13.
11. Yihowaan gara bilchinaatti akka guddannu nu gargaaruuf qophii akkamii nuuf godheera? (Efesoon 4:11-13)
11 Yihowaan ofuma keenyaan gara bilchinaatti akka guddannu nurraa hin eegu. Karaa hafuuraa “bilchaatoo akka taanu, jechuunis akkuma Kiristoos bilchina guutuu bira akka geenyu” akka nu gargaaraniif, obboloota gumii Kiristiyaanaa keessatti tiksitootaa fi barsiisota taʼanii tajaajilan nuu kenneera. (Efesoon 4:11-13 dubbisi.) Yihowaan “yaada Kiristoos” akka qabaannu nu gargaaruuf hafuura qulqulluus nuuf kenna. (1 Qor. 2:14-16) Kana malees, Waaqayyo Yesuus yeroo lafarratti tajaajilaa turetti akkamitti akka yaadu, akkamitti akka dubbatuu fi maal gochaa akka ture beekuu akka dandeenyuuf barreessitoonni Kitaaba Qulqulluu wangeelota arfan akka barreessan hafuura qulqulluudhaan isaan geggeesseera. Yaadaa fi gocha Yesuus hordofuudhaan bilchina hafuuraarra gaʼuu ni dandeessa.
GAʼEE NYAANNI HAFUURAA JABAAN QABU
12. ‘Barumsi jalqabaa waaʼee Kiristoos ibsu’ maalidha?
12 Bilchinarra gaʼuuf “barumsa jalqabaa isa waaʼee Kiristoos ibsu,” jechuunis barumsa buʼuuraa Kitaaba Qulqulluurra darbuu qabna. Barumsawwan buʼuuraa kana keessaa tokko tokko yaada geeddarachuu, amantii, cuuphaa fi duʼaa kaʼuudha. (Ibr. 6:1, 2) Barumsawwan akkasii buʼuura Kiristiyaanummaati. Pheexiros ergamaan namoota guyyaa Phenxeqosxeetti walitti qabamanii turaniif yeroo lallabetti, waaʼee wantoota kanaa kan dubbate kanaafi. (HoE. 2:32-35, 38) Barattoota Kiristoos taʼuuf barumsawwan jalqabaa kana fudhachuu qabna. Fakkeenyaaf, Phaawulos namni barumsa duʼaa kaʼuu fudhachuu didu kamiyyuu guutummaa amantaa Kiristiyaanaa akka hin fudhanne dubbateera. (1 Qor. 15:12-14) Haa taʼu malee, waaʼee dhugaa beekumsa buʼuuraa argannetti qofa gammannee jiraachuu hin qabnu.
13. Nyaata hafuuraa jabaa Ibroota 5:14 irratti ibsamerraa fayyadamuuf maal gochuu qabna? (Fakkichas ilaali.)
13 Barumsa jalqabaarraa haala adda taʼeen nyaanni hafuuraa jabaan seerota Yihowaa qofa utuu hin taʼin, dhugaawwan buʼuuraa ilaalchasaa hubachuuf nu gargaaranis kan dabalatudha. Nyaata akkasiirraa faayidaa argachuuf Dubbii Waaqayyoo qoʼachuu fi irratti xiinxaluuf, akkasumas wanta baranne hojiirra oolchuuf carraaquu qabna. Yeroo akkas goonu murtoo Yihowaa gammachiisu gochuu baranna. c—Ibroota 5:14 dubbisi.
14. Phaawulos warri Qorontos gara bilchinaatti akka guddatan kan gargaare akkamitti?
14 Kiristiyaanonni bilchina hin qabne yeroo baayʼee haalli dhugaawwan buʼuuraa Kitaaba Qulqulluurratti gadi fageenyaan yaaduu fi hojiirra oolchuu gaafatu yeroo isaan mudatu murtoo sirrii gochuun isaanitti ulfaata. Namoonni tokko tokko seerri Kitaaba Qulqulluu waaʼee wanta sanaa dubbatu hin jiru taanaan wanta barbaadan gochuu akka dandaʼan isaanitti dhagaʼama taʼa. Warri kaanimmoo yeroo seerri hin barbaachisnetti seerri akka isaaniif kennamu gaafatu taʼa. Fakkeenyaaf, Kiristiyaanonni Qorontos keessa turan nyaata waaqolii tolfamoodhaaf dhihaate nyaachuu kan dandaʼan taʼuu fi dhiisuusaa ilaalchisee seera akka isaaniif baasu Phaawulosiin gaafachuu hin oolan. Phaawulos wanta gochuu qaban isaanitti himuu mannaa, gaʼee qalbiin qabu akka hubatan isaan gargaareera, akkasumas namni hundi dhuunfaatti “filachuuf” mirga akka qabu isaaniif ibseera. Dhugaawwan buʼuuraa Kitaaba Qulqulluu dhuunfaatti qalbii qulqulluu qabaachuu fi warra kaan akka hin gufachiisne of eeguuf isaan gargaaran isaaniif kaaseera. (1 Qor. 8:4, 7-9) Karaa kanaan Phaawulos yaada namni kan biraan isaaniif kennurratti hirkachuu ykn seerri akka isaaniif kennamu eeguu mannaa, dandeettii hubannaa isaaniitti fayyadamuu akka dandaʼaniif karaa hafuuraa guddina akka godhan isaan gargaareera.
15. Phaawulos Kiristiyaanonni Ibroota taʼan guddina hafuuraa akka godhan kan gargaare akkamitti?
15 Wanta Phaawulos Kiristiyaanota Ibroota taʼaniif barreesserraas barumsa gaarii arganna. Isaan keessaa tokko tokko guddina hafuuraa gochuusaanii itti hin fufne; ‘nyaata hafuuraa jabaa nyaachuu mannaa duubatti deebiʼanii aannan barbaadu’ turan. (Ibr. 5:12) Obboloonni kun wantoota haaraa Yihowaan karaa gumichaa isaan barsiisaa ture hubachaa fi fudhachaa hin turre. (Fak. 4:18) Fakkeenyaaf, Yihudoonni amantoota taʼan hedduun aarsaa Kiristoos dhiheesseen kan kaʼe Seerri Musee erga hafee gara waggaa 30 boodallee Seerichi akka eegamu jajjabeessu turan. (Rom. 10:4; Tit. 1:10) Kiristiyaanonni sun waggoottan 30n darban sana keessatti Seericha hordofuun akka isaan hin barbaachisne hubachuuf yeroo gaʼaa argatanii turan! Namni xalayaa Phaawulos hafuura qulqulluudhaan geggeeffamee Ibrootaaf barreesse dubbisu kamiyyuu kitaabichi nyaata hafuuraa jabaa taʼe akka qabate hubachuu ni dandaʼa. Xalayaan kun caalmaa qophiin waaqeffannaa gumii Kiristiyaanaa keessa jiru qabu hubachuu fi mormii Yihudootaa dandamatanii ija jabinaan lallabuusaanii itti fufuuf kan isaan gargaaru ture.—Ibr. 10:19-23.
GARMALEE OFITTI AMANAMUURRAA OF QUSADHU
16. Gara bilchinaatti guddachuu malees, maal gochuu qabna?
16 Bilchinarra gaʼuuf qofa utuu hin taʼin, bilchaatoo taanee itti fufuufis carraaqqii gochuu qabna. Kunimmoo garmalee ofitti amanamuurraa of qusachuu gaafata. (1 Qor. 10:12) Guddina gochuu keenya akka itti fufne mirkaneeffachuuf ‘yeroo hunda of qoruu’ qabna.—2 Qor. 13:5.
17. Xalayaan Phaawulos warra Qolosaayisiif barreesse bilchina qabaannee itti fufuun akka nu barbaachisu kan ibsu akkamitti?
17 Phaawulos xalayaa warra Qolosaayisiif barreesserrattis bilchina qabaatanii itti fufuun barbaachisaa taʼuu isaa ibseera. Obboloonni kun Kiristiyaanota gaʼeessota taʼanis, ilaalcha addunyaatiin akka hin gowwoomfamne akka of eegan isaan akeekkachiiseera. (Qol. 2:6-10) Ephaafraanis ‘dhuma irratti guutuu taʼanii akka dhaabbatan’ ykn bilchina akka qabaatan yeroo hunda isaaniif kadhata ture; Ephaafraan obboloota gumicha keessa jiran sirriitti beekuu hin oolu. (Qol. 4:12) Kanarraa maal baranna? Phaawulosis taʼe Ephaafraan bilchina hafuuraa qabaatanii itti fufuuf, dhuunfaatti carraaqqii gochuunii fi gargaarsa Waaqayyoo argachuun akka barbaachisu hubataniiru. Lamaansaaniiyyuu warri Qolosaayis rakkinni akkamiiyyuu yoo isaan mudate bilchina qabaatanii, jechuunis gaʼeessota taʼanii akka itti fufan barbaadanii turan.
18. Kiristiyaana bilchina qabu tokko maaltu mudachuu dandaʼa? (Fakkichas ilaali.)
18 Phaawulos Kiristiyaanni bilchina qabu tokko barabaraaf Waaqayyo biratti fudhatama dhabuu akka dandaʼu Ibroota sana akeekkachiiseera. Kiristiyaanni tokko garaansaa garmalee hadooduusaatiin kan kaʼe yaada geeddarachuu diduu fi dhiifama Waaqayyoo argachuu dhiisuu dandaʼa. Kan nama gammachiisu, Ibroonni sun haalli akkasii isaanirra hin geenye. (Ibr. 6:4-9) Waaʼee obboloota yeroo harʼaatti erga qabbanaaʼanii ykn gumiidhaa baafamanii booda yaadasaanii geeddarataniihoo maal jechuu dandeenya? Kiristiyaanonni kun gad of qabanii yaada geeddarachuunsaanii namoota Phaawulos waaʼeesaanii barreesserraa adda akka taʼan argisiisa. Haa taʼu malee, gara Yihowaatti erga deebiʼanii booda qophii inni godherraa gargaarsa argachuun isaan barbaachisa. (His. 34:15, 16) Jaarsoliin, karaa hafuuraa deebiʼanii akka ciman akka isaan gargaaru Dhugaa Baatuu muuxannoo qabu tokko isaaniif ramaduu dandaʼu.
19. Galma akkamii qabaachuu qabna?
19 Bilchina hafuuraarra gaʼuuf carraaqqii gochaa jirta yoo taʼe, galma kanarra gaʼuu ni dandeessa! Nyaata hafuuraa jabaa taʼe soorachuu kee itti fufi, akkasumas ilaalcha kee ilaalcha Yihowaa wajjin caalaatti wal simsiisuuf carraaqqii godhi. Ammumayyuu bilchina qabda yoo taʼemmoo, Kiristiyaana gaʼeessa taatee itti fufuuf wanta siif dandaʼamu godhi.
MAAL JETTEE DEEBISTA?
-
Kiristiyaana bilchina qabu taʼuu jechuun maal jechuudha?
-
Kiristiyaana bilchina qabu taʼuu kan dandeenyu akkamitti?
-
Garmalee ofitti amanamuurra of qusachuu kan qabnu maaliifi?
FAARFANNAA 65 Gaʼeessummaatti Guddadhu!
a Kitaabonni Qulqulluun Afaan Ibrootaa jechoota “bilchaataa” fi “bilchaataa hin taane” jedhanitti kan hin fayyadamne taʼus, yaada waaʼee jechoota kanaa ibsu qabataniiru. Fakkeenyaaf, kitaabni Fakkeenyaa dargaggeessa muuxannoo hin qabne tokko dargaggeessa ogeessa hubannaa qabu wajjin wal bira qabee ibsa.—Fak. 1:4, 5.
b Weebsaayitii jw.org fi JW Library® irraa kutaa “Mata Dureewwan Dabalataa” jedhu jalaa mata duree “Odeeffannoo Dogoggoraa Irraa Of Eegi” jedhu ilaali.
c Barruu kanarraa mata duree “Yaadawwan Qoʼannaadhaaf Taʼan” jedhu ilaali.
d IBSA FAKKII: Obboleessi tokko yeroo bashannana filatutti dhugaawwan buʼuuraa Dubbii Waaqayyoorraa barate hojiirra oolchaa jira.