MATA DUREE QOʼANNAA 16
FAARFANNAA 64 Hojii Makaraa Irratti Gammachuudhaan Hirmaachuu
Tajaajila Keenyatti Caalaatti Gammaduu kan Dandeenyu Akkamitti?
“Gammachuudhaan Yihowaa tajaajilaa.”—FAR. 100:2.
YAADA IJOO
Mata dureen kun tarkaanfiiwwan caalaatti tajaajila keenyatti gammaduuf nu dandeessisan ibsa.
1. Obboloonni tokko tokko tajaajilarratti namoota haasofsiisuu ilaalchisee maaltu isaanitti dhagaʼama? (Fakkichas ilaali.)
ABBAA keenya isa samii waan jaallannuuf, akkasumas namoonni akka isa beekan gargaaruu waan barbaannuuf warra kaaniif ni lallabna. Babalʼistoonni hedduun tajaajila baayʼee jaallatu. Tokko tokko garuu tajaajilatti gammaduun isaanitti ulfaata. Maaliif? Isaan keessaa tokko tokko ija laafeyyii waan taʼanii fi ofitti amanannaa waan hin qabneefi. Obboloonni tokko tokko utuu hin affeeramin mana namaa deemuun isaan dhiphisa. Kaanimmoo namoonni ergaa koo hin fudhatan jedhanii sodaatu. Namoota akka hin aarsine kan sodaatanis jiru. Obboloonnii fi obboleettonni kun Yihowaa kan jaallatan taʼus, namoota hin beeknetti misiraachicha himuun isaanitti ulfaata. Taʼus, hojiin kun baayʼee barbaachisaa akka taʼe waan hubataniif yeroo hunda hojii kanarratti ni hirmaatu. Yihowaan baayʼee isaanitti gammada!
2. Tajaajila keetti gammaduun sitti ulfaata yoo taʼe abdii kutachuu kan hin qabne maaliifi?
2 Miirawwan akkasiitiin kan kaʼe yeroo tokko tokko tajaajilatti gammaduun sitti ulfaataa? Taanaan abdii hin kutatin. Ofitti amanannaa dhabuun kee akka gad of qabduu fi xiyyeeffannaa warra kaanii ofitti harkisuu akka hin barbaanne, akkasumas warra kaan wajjin falmii keessa galuu akka hin barbaanne kan argisiisu taʼuu dandaʼa. Namni kamiyyuu keessumaa yeroo namootaaf wanta gaarii gochuuf yaalutti isaan biratti fudhatama dhabuu hin barbaadu. Abbaan kee inni samii haala rakkisaa si mudatu sirriitti beeka; si gargaaruus ni barbaada. (Isa. 41:13) Mata dureen kun yaadawwan miira kana dandamachuu fi tajaajila keetti gammaduuf si gargaaran shan ibsa.
DUBBIIN WAAQAYYOO AKKA SI CIMSU HEYYAMI
3. Ermiyaas raajichi warra kaaniif lallabuuf maaltu isa gargaare?
3 Bara duriitii kaasee tajaajiltoonni Waaqayyoo yeroo hojiin ulfaataan isaaniif kennamu ergaa Yihowaa biraa dhuferraa jajjabina ni argatu turan. Ermiyaas raajicha akka fakkeenyaatti haa ilaallu. Ermiyaas Yihowaan yeroo akka lallabu isa ajajetti mamee ture. Ermiyaas, “Daaʼima waanan taʼeef, akkamitti akkan dubbadhu hin beeku” jedhee ture. (Er. 1:6) Maarree, ofitti amanannaa akka qabaatu maaltu isa gargaare? Wanti Waaqayyo isaan jedhe isa cimseera. “Akkuma ibidda bobaʼuu fi lafeewwan koo keessa jiruu ni taʼe, keessa kootti isa qabachuu nan dadhabe” jedheera. (Er. 20:8, 9) Naannoon tajaajilaa Ermiyaas baayʼee ulfaataa taʼus ergaan akka lallabu isatti himame cimina hojicha hojjechuuf isa dandeessisu isaaf kenneera.
4. Dubbii Waaqayyoo yeroo dubbisnuu fi irratti xiinxallu buʼaa akkamii arganna? (Qolosaayis 1:9, 10)
4 Kiristiyaanonni ergaa Dubbii Waaqayyoo keessatti argamurraa cimina ni argatu. Phaawulos gumii Qolosaayisiif yeroo xalayaa barreessetti obboloonni isaa beekumsa sirrii argachuun isaanii, “hojii gaarii hundumaan firii godhachuu” isaanii yeroo itti fufanitti ‘akka Yihowaadhaaf taʼutti deddeebiʼuuf’ akka isaan kakaasu dubbateera. (Qolosaayis 1:9, 10 dubbisi.) Hojii gaariin kun misiraachicha lallabuu dabalata. Kanaafuu, Dubbii Waaqayyoo yeroo dubbisnuu fi irratti xiinxallu amantiin Yihowaarratti qabnu ni cima, ergaa mootummichaa warra kaanitti himuun hammam barbaachisaa akka taʼes ifa nuuf taʼa.
5. Dubbisaa fi qoʼannaa Kitaaba Qulqulluu keenyarraa caalaatti fayyadamuu kan dandeenyu akkamitti?
5 Dubbii Waaqayyoorraa caalaatti fayyadamuuf yeroo dubbistu, yeroo qoʼattuu fi irratti xiinxaltu ariifachuu hin qabdu. Suuta jedhii dubbisi. Caqasni hubachuuf ulfaataa taʼe yoo si mudate irra hin utaalin. Kanaa mannaa, Indeeksii Barreeffamoota Masaraa Eegumsaa ykn Barreeffama Qorannaa Dhugaa Baatota Yihowaa Gargaaruuf Qophaaʼetti fayyadamuudhaan ibsa caqasicharratti kenname argachuuf yaali. Suuta jettee kan qoʼattu yoo taʼe Dubbiin Waaqayyoo dhugaa akka taʼe caalaatti mirkanaaʼaa taata. (1 Tas. 5:21) Amantiin kee caalaatti yeroo cimu wanta baratte warra kaanitti himuunis caalaatti si gammachiisa.
TAJAAJILAAF SIRRIITTI QOPHAAʼI
6. Tajaajilaaf sirriitti qophaaʼuu kan qabnu maaliifi?
6 Tajaajilaaf akka gaariitti kan qophooftu yoo taʼe warra kaan haasofsiisuun si hin dhiphisu. Yesuus barattoonni isaa akka lallaban isaan erguusaa dura akka qophaaʼan isaan gargaareera. (Luq. 10:1-11) Barattoonnisaa wanta inni isaan barsiise hojiirra waan oolchaniif milkaaʼina argatanitti baayʼee gammadanii turan.—Luq. 10:17.
7. Tajaajilaaf qophaaʼuu kan dandeenyu akkamitti? (Fakkichas ilaali.)
7 Tajaajilaaf qophaaʼuu kan dandeenyu akkamitti? Jecha mataa keenyaatiin dhugaa karaa buʼa qabeessa taʼeen ibsuu kan dandeenyu akkamitti akka taʼe irratti yaaduun keenya barbaachisaadha. Yaada namoonni naannoo tajaajilaa keenya keessa jiran kaasuu dandaʼan lama ykn sadii tilmaamuudhaan deebii akkamii akka isaaniif kenninu yaaduun keenya gaarii taʼuu dandaʼa. Akkas yoo goone, yeroo namootatti dhihaannu seeqnee bilisummaadhaan isaan haasofsiisuu dandeenya.
8. Kiristiyaanonni qodaa suphee Phaawulos fakkeenya isaarratti ibsee wajjin kan wal fakkaatan akkamitti?
8 Phaawulos, “Qabeenya gatii guddaa qabu kana qodaa suphee keessaa qabna” jechuudhaan gaʼee hojii lallabaarratti qabnu fakkeenyaan ibseera. (2 Qor. 4:7) Qabeenyi gatii guddaa qabu kun maalidha? Hojii ergaa mootummichaa lallabuu isa lubbuu namootaa baraarudha. (2 Qor. 4:1) Qodaa suphee kan jedhamanoo eenyufaʼi? Tajaajiltoota Waaqayyoo misiraachicha warra kaanitti himanidha. Bara Phaawulositti daldaltoonni okkotee nyaata, wayinii fi maallaqa dabalatee wantoota gatii guddaa qaban ittiin fuudhanii imalan qabu turan. Haaluma wal fakkaatuun Yihowaanis misiraachicha isa ergaa gatii guddaa qabu taʼe imaanaadhaan nutti kenneera. Gargaarsa Yihowaatiin cimina amanamummaadhaan ergaa keenya lallabuuf nu barbaachisu qabaachuu dandeenya.
IJA JABINA ARGACHUUF KADHADHU
9. Sodaa namaa moʼuu kan dandeenyu akkamitti? (Fakkichas ilaali.)
9 Yeroo tokko tokko namoonni nu mormuu ykn ergaa keenyaaf fedhii dhabuu dandaʼu jennee sodaanna taʼa. Miira akkasii moʼuu kan dandeenyu akkamitti? Kadhannaa ergamoonni akka hin lallabne yeroo ajajamanitti dhiheessan ilaali. Sodaadhaan moʼamuu mannaa ‘ija jabina guddaadhaan dubbii isaa dubbachuu isaanii akka itti fufan akka isaan gargaaru’ Yihowaa kadhataniiru. Yihowaanis yeruma sana kadhannaa isaaniitiif deebii kenneera. (HoE. 4:18, 29, 31) Nutis sodaan namaa dhiibbaa yoo nurratti godhe Yihowaan akka nu gargaaru kadhachuu qabna. Yihowaan sodaa sitti dhagaʼamu jaalala namootaaf qabduun moʼuuf akka si gargaaru kadhadhu.
10. Yihowaan gaʼee Dhugaa Baatota isaa taʼuudhaan qabnu akka raawwannu kan nu gargaaru akkamitti? (Isaayyaas 43:10-12)
10 Yihowaan Dhugaa Baatota isaa akka taanu nu muudeera; ija jabeeyyii taʼuuf akka nu gargaarus waadaa nuuf galeera. (Isaayyaas 43:10-12 dubbisi.) Karaawwan kana itti godhe keessaa afur haa ilaallu. Tokkoffaa, yeroo misiraachicha lallabnu hundatti Yesuus nuu wajjin taʼa. (Mat. 28:18-20) Lammaffaa, Yihowaan nu gargaaruuf maleekota muudeera. (Mul. 14:6) Sadaffaa, wantoota baranne akka yaadannu nu gargaaruuf hafuura qulqulluusaa gargaaraa godhee nuuf kenneera. (Yoh. 14:25, 26) Arfaffaa, obbolootaa fi obboleettota nu wajjin tajaajilan nuuf kenneera. Gargaarsa Yihowaatiin, akkasumas deggersa obboloonni keenya jaalala qabeeyyii taʼan nuuf godhaniin milkaaʼina argachuu ni dandeenya.
YAADA KEETTI HIN CICHIN, ILAALCHA SIRRII QABAADHU
11. Tajaajilarratti namoota baayʼee argachuu kan dandeessu akkamitti? (Fakkichas ilaali.)
11 Namoota baayʼee yeroo manatti hin argannetti abdii kutattaa? Taanaan akkana jedhii of gaafadhu: ‘Namoonni naannoo tajaajilaa koo keessa jiraatan amma eessa jiru?’ (HoE. 16:13) ‘Iddoo hojiimoo gabaa jiru?’ Akkas taanaan namoota baayʼee argachuuf karaarratti tajaajiluu dandeessaa? Obboleessi Jooshuwaa jedhamu, “Gabaa keessattis taʼe bakka namoonni baayʼatanitti tajaajiluuf carraa argadheera” jedheera. Innii fi haati manaa isaa Birijet gara galgalaa fi Dilbata waaree booda namoota baayʼee manatti argataniiru.—Efe. 5:15, 16.
12. Wanti namoonni itti amanan ykn wanti isaan yaaddessu maal akka taʼe beekuu kan dandeenyu akkamiitti?
12 Namoonni ergaa isaanitti himtuuf fedhii yoo dhaban wanti isaan itti amanan ykn wanti isaan yaaddessu maal akka taʼe hubachuuf yaali. Jooshuwaa fi Birijet gaaffii fuula jalqabaa tiraaktii keenya tokkorra jirutti fayyadamanii namootaa wajjin marii jalqabu. Fakkeenyaaf, tiraaktii Macaafa Qulqulluudhaaf Ilaalcha Akkamii Qabda? jedhutti fayyadamanii akkana jedhanii gaafatu: “Namoonni tokko tokko Kitaabni Qulqulluun Dubbii Waaqayyoo akka taʼetti amanu, tokko tokkommoo hin amanan. Ati ilaalcha akkamii qabda?” Yeroo baayʼee gaaffiin akkasii marii jalqabuuf gargaara.
13. Namoonni ergaa keenya fudhachuu baatanis tajaajilarratti milkaaʼina argachuu dandeenya kan jennu maaliifi? (Fakkeenya 27:11)
13 Namoonni ergaa keenya fudhachuu baatanis tajaajilarratti milkaaʼina argachuu ni dandeenya. Akkas kan jennu maaliifi? Wanta Yihowaanii fi Ilmisaa akka hojjennu barbaadan waan hojjenneef, jechuunis dhugaa waan baaneefi. (HoE. 10:42) Yeroo nama haasofsiisnu hin argannetti ykn yeroo namoonni ergaa keenya hin fudhannettillee Abbaa keenya isa samii akka gammachiisne waan beeknuuf gammaduu ni dandeenya.—Fakkeenya 27:11 dubbisi.
14. Babalʼisaan tokko naannoo tajaajilaa keessatti nama fedhii qabu yeroo argatu nutis gammaduu ni dandeenya kan jennu maaliifi?
14 Babalʼisaan tokko naannoo tajaajilaa keessatti nama fedhii qabu yeroo argatutti gammaduu dandeenya. Masaraan Eegumsaa hojii keenya barbaacha mucaa bade tokko argachuuf godhamu wajjin wal fakkeessa. Namoonni baayʼeen mucaa sana barbaaduurratti hirmaataniiru. Mucaan sun yeroo argamu nama isa argate qofa utuu hin taʼin nama hundatu gammada. Haaluma wal fakkaatuun, hojiin barattoota gochuus wanta gareedhaan hojjetamudha. Naannoo tajaajilaa keenya waliin gaʼuuf gargaarsi hunda keenyaa barbaachisaadha.
JAALALA YIHOWAA FI NAMOOTAAF QABDURRATTI XIYYEEFFADHU
15. Yaada Maatewos 22:37-39 irratti argamu hojiirra oolchuun keenya caalaatti tajaajilatti gammaduuf kan nu gargaaru akkamitti? (Fakkii qolasaarra jiru ilaali.)
15 Jaalala Yihowaa fi namootaaf qabnurratti xiyyeeffachuudhaan gammachuu hojii lallabaarratti argannu guddifachuu dandeenya. (Maatewos 22:37-39 dubbisi.) Yihowaan hojicha yeroo hojjennu yommuu argu hammam akka gammaduu fi namoonni Kitaaba Qulqulluu qoʼachuu yeroo jalqaban hammam akka gammadan mee yaadi! Namoonni ergaa keenya fudhatan fayyina akka argatanis yaadadhu.—Yoh. 6:40; 1 Xim. 4:16.
16. Yeroo manaa baʼuu hin dandeenyetti tajaajila keenyatti gammaduu kan dandeenyu akkamitti? Fakkeenya kenni.
16 Sababa taʼe tokkoon manaa baʼuu hin dandeessuu? Taanaan, jaalala Yihowaa fi namootaaf qabdu argisiisuuf wanta gochuu dandeessurratti xiyyeeffadhu. Yeroo weerarri dhibee Kooviid-19 turetti Saamuʼelii fi Daaniyaan manaa baʼuu hin dandaʼan turan. Yeroo ulfaataa taʼe sanatti yeroo hunda bilbilaan dhugaa baʼaa, xalayaa barreessaa fi qoʼannaa Kitaaba Qulqulluu karaa Zuumii geggeessaa turan. Saamuʼel namoota kilinika yaaliin kaansarii itti isaaf godhamu keessatti argatuuf dhugaa baʼaa ture. Akkana jedheera: “Yeroo haalli ulfaataa taʼe nu mudatu karaa miiraa, karaa qaamaas taʼe karaa hafuuraa dadhabuu dandeenya. Tajaajila Yihowaaf dhiheessinurraa gammachuu argachuu qabna.” Kana gidduutti Daaniyaan kuftee jiʼa sadiif ciisaa turte. Sana booda jiʼa jaʼaaf wiilchariitti fayyadamuun ishii barbaachiseera. Akkana jetteetti: “Wanta haalli koo naaf heyyamu hunda gochuuf yaaleera. Narsii na kunuunsituu fi namoota manatti miʼa nuu fidaniif lallabuu dandaʼeera. Dubartii dhaabbata fayyaatiif hojjettu tokkoo wajjinis bilbilaan mariiwwan gaggaarii gooneerra.” Saamuʼelii fi Daaniyaan haalli isaanii kan daangeffame taʼus, wanta dandaʼan godhaniiru; akkas gochuu isaaniittis gammachuu argataniiru.
17. Yaada mata duree kana keessatti kennamerraa fayyadamuu kan dandeessu akkamiitti?
17 Yaadawwan mata duree kana keessatti kennaman shananuu hojiirra oolchuuf yaali. Yaadawwan kennaman hundi akkuma wantoota nyaata qopheessuuf walitti dabalamaniitti ilaalamuu dandaʼu. Wantoota nyaata tokko qopheessuuf barbaachisan hunda yeroo walitti maktu dhandhama gaarii taʼe argatta. Yaadawwan kennaman hunda hojiirra yeroo oolchinu miira dogoggoraa injifachuu fi tajaajila keenyatti gammaduun caalaatti nuuf salphata.
TARKAANFIIWWAN ARMAAN GADII FUDHACHUUN KEE TAJAAJILA KEETTI GAMMADUUF KAN SI GARGAARU AKKAMITTI?
-
Sirriitti qophaaʼuuf yeroo ramaduu
-
Ija jabina argachuuf kadhachuu
-
Jaalala namootaa fi Yihowaaf qabdurratti xiyyeeffachuu
FAARFANNAA 80 ‘Gaarummaa Waaqayyoo Miʼeeffadhaa Ilaalaa’