Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

MATA DUREE QOʼANNAA 37

‘Harki Kee hin Boqotin!’

‘Harki Kee hin Boqotin!’

“Sanyii midhaanii kee ganama facaasi, galgalas harki kee facaasuuttii hin boqotin!”—LAL. 11:6.

FAARFANNAA 68 Sanyii Mootummichaa Facaasuu

QABIYYEE *

1-2. Lallabni 11:6 misiraachoo Mootummichaa labsuu wajjin kan wal qabatu akkamitti?

BIYYOOTA tokko tokkotti namoonni misiraachicha yommuu dhagaʼan hawwii guddaadhaan fudhatu. Kun waanuma isaan eegaa turani dha. Biyyoota kaanitti immoo namoonni Waaqayyoofis taʼe Kitaaba Qulqulluudhaaf fedhii guddaa hin qaban. Naannoo keessanitti deebii baramaan namoonni hedduun kennan kan akkamiiti? Deebiin namoonni kennan maali iyyuu yoo taʼe, Yihowaan hanga hojiin lallabaa xumurameera jedhutti akka itti fufnu nu irraa eega.

2 Yeroo Yihowaan murteessetti hojiin lallabaa ni xumurama akkasumas “dhumni ni dhufa.” (Mat. 24:14, 36) Hammasitti garuu ajaja ‘harki kee hin boqotin’ * jedhu akkamitti hojii irra oolchuu dandeenya?—Lallaba 11:6 dubbisi.

3. Mata duree kana keessatti maal qoranna?

3 Mata dureen darbe ‘namoota qabuu’ irratti buʼa qabeeyyii taʼuuf wantoota gochuu qabnu afur ibsee ture. (Mat. 4:19) Mata dureen kun haalli akkamii iyyuu yoo nu mudate karaawwan murtoo misiraachoo labsuu keenya itti fufuuf goone cimsachuu itti dandeenyu sadii ibsa. (1) Misiraachichaaf dursa kennuu, (2) obsa qabaachuu, akkasumas (3) amantii cimaa qabaannee itti fufuun keenya barbaachisaa kan taʼe maaliif akka taʼe baranna.

MISIRAACHICHAAF DURSA KENNAA

4. Hojii Yihowaan akka hojjennu nuu kenneef dursa kennuu keenya itti fufuu kan qabnu maaliifi?

4 Yesuus taʼeewwanii fi haalawwan guyyoota dhumaa adda baasanii beeksisan akkasumas duuka buutonni isaa hojii lallabaa akka hin raawwanne yaada isaanii hihhiruu dandaʼan raajii dubbateera. Kanaafuu barattoonni isaa ‘dammaqanii akka eegan’ isaan gorsee ture. (Mat. 24:42) Yeroo harʼaatti wantoonni namoonni bara Noh akeekkachiisa Noh labsuuf xiyyeeffannaa akka hin kennine yaada isaanii hihhiranii wajjin wal fakkaatan nu mudatu. (Mat. 24:37-39; 2 Phe. 2:5) Kanaafuu, hojii misiraachoo labsuu Yihowaan nuu kenneef dursa kennuu keenya itti fufuu barbaanna.

5. Hojiin Ergamootaa 1:6-8 balʼina hojii lallabaa kan ibsu akkamitti?

5 Yeroo harʼaa hojii Mootummicha labsuutiif xiyyeeffannaa guddaa kennuun keenya barbaachisaa dha. Yesuus erga inni duʼee booda hojichi balʼinaan akka raawwatamuu fi yeroo dheeraadhaaf akka itti fufu raajii dubbateera. (Yoh. 14:12) Yesuus erga duʼee booda, barattoonni isaa tokko tokko gara qurxummii qabuutti deebiʼanii turan. Erga duʼaa kaʼee booda immoo barattoonni isaa tokko tokko dinqiidhaan qurxummii akka qaban isaan gargaaree ture. Inni haala kana hojiin namoota qabuu isaaniif kenname hojii kam iyyuu caalaa barbaachisaa akka taʼe isaan hubachiisuuf itti fayyadameera. (Yoh. 21:15-17) Yesuus gara samii deemuu isaa yeroo muraasa dura hojiin lallabaa inni jalqabe daangaa Israaʼel irra darbee akka babalʼatu barattoota isaatti himee ture. (Hojii Ergamootaa 1:6-8 Dubbisi.) Waggoota hedduu booda Yesuus wanta “guyyaa Gooftaatti” * raawwatamu mulʼataan Yohaannis ergamaatti beeksiseera. Wantoota Yohaannis arge keessaa tokko taʼee ajaaʼibsiisaa kana dha: Qajeelfama maleekotaatiin ‘misiraachoon bara baraa’ “saboota, gosoota, qooqawwanii fi namoota hundumaaf” ni labsama. (Mul. 1:10; 14:6) Yihowaan hojii misiraachoo labsuu yeroo harʼaa addunyaa maratti raawwatamu irratti hanga dhumaatti akka hirmaannu akka barbaadu beekamaa dha.

6. Hojii Mootummichaatiif dursa kennuu keenya itti fufuu kan dandeenyu akkamitti?

6 Wantoota Yihowaan nu gargaaruuf nuu godhe hundumaa irratti yoo xiinxalle hojii lallabaatiif dursa kennuu keenya itti fufuu dandeenya. Fakkeenyaaf, barreeffamoota maxxanfamanii fi warra bifa elektirooniksiitiin qophaaʼaniin, oodiyoo fi viidiyoo waraabamaniin akkasumas biroodikaastii karaa intarneetii darbuun nyaata hafuuraa hedduu nuu dhiheessaa jira. Mee yaadi: Weebsaayitii keenya irratti afaanota 1,000 oliin odeeffannoo argachuun ni dandaʼama! (Mat. 24:45-47) Addunyaa siyaasa, amantii fi garaagarummaa dinagdeetiin qoqqoodame keessatti tajaajiltoonni Waaqayyoo miliyoona saddeetii ol taʼan addunyaa maratti tokkummaa obbolummaa dhugaa qabu. Fakkeenyaaf, Jimaata Ebla 19, 2019⁠tti Dhugaa Baatonni addunyaa maratti argaman caqasa guyyichaa irratti tokkummaadhaan mariʼataniiru. Galgala sana namoonni 20,919,041 Ayyaana Yaadannoo duʼa Yesuus kabajuuf walitti qabamanii turan. Dinqii yeroo harʼaa raawwatamaa jiru arguu fi irratti hirmaachuuf mirga argachuu keenya irratti yommuu xiinxallu hojii Mootummichaatiif dursa kennuuf kakaana.

Yesuus dhugaadhaaf dhugaa baʼuu irraa yaadni isaa akka hihhiramu hin heyyamne (Keeyyata 7 ilaali)

7. Fakkeenyi Yesuus lallabaaf dursa kennuu keenya itti fufuuf kan nu gargaaru akkamitti?

7 Karaa kan biraan lallabaaf dursa kennuu keenya itti fufuu dandeenyu fakkeenya Yesuus hordofuu dha. Yesuus wanti kam iyyuu dhugaadhaaf dhugaa baʼuu irraa xiyyeeffannaa isaa akka fudhatu hin heyyamne. (Yoh. 18:37) Yesuus yommuu Seexanni “mootummoota addunyaa hundumaa fi ulfina isaanii” isaaf dhiheessetti fudhachuuf hin qoramne; yommuu warri kaan mootii isa gochuu barbaadanittis tole hin jenne. (Mat. 4:8, 9; Yoh. 6:15) Yesuus hawwiin qabeenyaa dhiibbaa isa irratti hin goone, mormii cimaan yommuu isa irra gaʼus hin moʼamne. (Luq. 9:58; Yoh. 8:59) Qorumsi amantii yommuu nu mudatutti gorsa Phaawulos ergamaan kenne yoo yaadanne lallabaaf dursa kennuu keenya itti fufuu dandeenya. Phaawulos Kiristiyaanonni “akka hin dadhabnee fi akka abdii hin kutanneef” fakkeenya Yesuus akka hordofan jajjabeesseera.—Ibr. 12:3.

OBSA QABAADHAA

8. Obsi maali dha? Keessumaa yeroo ammaa barbaachisaa kan taʼe maaliifi?

8 Obsi dandeettii haalli tokko hanga jijjiiramutti tasgabbiidhaan eeguu ti. Haalli gaarii hin taane tokko hanga dhaabbatutti eeguufis taʼe wanti yeroo dheeraadhaaf hawwiidhaan eegnu tokko hanga raawwatamutti eeguuf obsi barbaachisaa dha. Anbaaqom raajichi hamminni Yihudaa keessa ture akka dhaabbatu hawwee ture. (An. 1:2) Barattoonni Yesuus Mootummichi “yeruma sana” dhufee cunqursaa Roomaa irraa bilisa akka isaan baasu hawwanii turan. (Luq. 19:11) Nutis yeroo Mootummaan Waaqayyoo hammina hundumaa haxaaʼee balleessuu fi addunyaa haaraa qajeelummaan keessa buufate dagaagsu hawwiidhaan eegganna. (2 Phe. 3:13) Taʼus, obsa qabaachuu fi hanga yeroo Yihowaan murteesse gaʼutti eeguu qabna. Mee karaawwan Yihowaan obsa itti nu barsiisu tokko tokko haa ilaallu.

9. Fakkeenyonni Yihowaan obsa akka qabu argisiisan kamfaʼi?

9 Yihowaan obsa argisiisuu irratti fakkeenya mudaa hin qabne nuuf taʼa. Inni, Noh markaba akka ijaaruu fi ‘qajeelummaa lallabuudhaan’ akka tajaajiluuf yeroo gaʼaa isaaf kennee ture. (2 Phe. 2:5; 1 Phe. 3:20) Yihowaan murtoo inni jiraattota magaalota Sodoomii fi Gomoraa warra hamoo taʼan sana balleessuuf godhe ilaalchisee Abrahaam irra deddeebiʼee yommuu gaaffii isa gaafatetti obsaan dhaggeeffateera. (Uma. 18:20-33) Jaarraawwan hedduudhaaf Yihowaan saba Israaʼel isa amanamaa hin taanetti obsa guddaa argisiiseera. (Nah. 9:30, 31) Yihowaan yeroo harʼaatti warri inni gara isaatti harkisu hundi ‘yaada akka geddarataniif’ yeroo isaaniif kennuu isaa irraa obsa isaa ni hubanna. (2 Phe. 3:9; Yoh. 6:44; 1 Xim. 2:3, 4) Fakkeenyi Yihowaa lallabuu fi barsiisuu keenya yommuu itti fufnutti obsa qabaachuuf sababii gaarii nuuf taʼa. Kana malees inni, fakkeenya Dubbii isaa keessatti argamuun obsa akka qabaannu nu barsiisa.

Nutis akkuma qonnaan bulaa jabaatee kan hojjetu taʼus obsaan eegu tokkoo, buʼaa carraaqqii keenyaa arguuf ni eegganna (Keeyyata 10-11 ilaali)

10. Fakkeenyi qonnaan bulaa Yaaqoob 5:7, 8 irratti ibsame maal nu barsiisa?

10 Yaaqoob 5:7, 8 dubbisi. Fakkeenyi qonnaan bulaa akkamitti obsa qabaachuu akka qabnu nu barsiisa. Dhugaadha, biqiltoonni tokko tokko dafanii guddatu. Haa taʼu malee, biqiltoonni hedduun keessumaa warri firii godhatan bilchaachuuf yeroo dheeraa fudhatu. Israaʼel keessatti biqiltuun tokko guddachuuf gara jiʼa jaʼaa itti fudhata. Qonnaan bulaan tokko bokkaan inni duraa walakkaa Onkoloolessaatti roobu erga roobee booda sanyii facaasa, bokkaan inni booda walakkaa Eblaatti roobu erga roobee booda immoo ni sassaaba. (Mar. 4:28) Nutis fakkeenya qonnaan bulaa tokkoo yoo hordofne ogeessa taana. Taʼus, kana gochuun salphaa taʼuu dhiisuu dandaʼa.

11. Obsi tajaajila keenya irratti kan nu gargaaru akkamitti?

11 Ilmaan namootaa cubbuu dhaalan carraaqqii godhaniif yeruma sana buʼaa argachuu barbaadu. Taʼus, maasii keenya irraa oomisha argachuu yoo barbaanne xiyyeeffannaa wal irraa hin cinne kennuufii, jechuunis qotuu, dhaabuu, aramuu fi bishaan obaasuu qabna. Hojiin barattoota gochuus carraaqqii wal irraa hin cinne gaafata. Namoota barsiisnu keessaa jibba halaalaa fi dantaa dhabummaa aramnee baasuun yeroo gaafata. Obsa qabaachuun keenya yommuu haalli rakkisaan nu mudatutti abdii akka hin kutanne nu gargaara. Yommuu namoonni tokko tokko dhaggeeffachuu fi barachuuf fedhii qabaatanittis obsa qabaachuu qabna. Barataan kitaaba Qulqulluu tokko amantiidhaan akka guddatu dirqisiisuu hin dandeenyu. Yeroo tokko tokko barattoonni Yesuus illee barumsa inni isaan barsiisu dafanii hin hubatan turan. (Yoh. 14:9) Kanaafuu, nuti akka dhaabnuu fi akka bishaan obaasnu kan guddisu garuu Waaqayyo akka taʼe haa yaadannu.—1 Qor. 3:6.

12. Firoota keenya hin amanneef yeroo dhugaa baanutti obsa argisiisuu kan dandeenyu akkamitti?

12 Yeroon obsa qabaachuun nutti ulfaatu tokko yommuu firoottan keenya dhugaa baatota hin taaneef lallabnu dha. Gama kanaan qajeelfamni Lallaba 3:1, 7 irratti argamu nu gargaaruu dandaʼa. Caqasichi, “calluma jechuun yeroo qaba, dubbachuunis yeroo qaba” jedha. Dubbachuun utuu nu hin barbaachisin amalli keenya inni gaariin dhugaa akka baʼu heyyamuu qabna, taʼus, yeroo hundumaa carraa itti waaʼee dhugaa dubbannu argachuuf dammaqoo taʼuu qabna. (1 Phe. 3:1, 2) Hinaaffaadhaan yeroo lallabnuu fi barsiisnutti miseensota maatii keenya dabalatee namoota hundumaatti obsa argisiisuu qabna.

13-14. Obsa ilaalchisee fakkeenyonni hordofuu dandeenyu tokko tokko kamfaʼi?

13 Fakkeenya namoota amanamoo Kitaaba Qulqulluu keessatti ibsamanii fi bara keenyatti argamanii irraa obsa barachuu dandeenya. Anbaaqom hamminni akka badu hawwee kan ture taʼus, “Ani iddoo dhaabatanii eegan irra dhaabadhee nan eega” jechuudhaan obsa akka qabu argisiiseera. (An. 2:1) Phaawulos ergamaan tajaajila isaa ‘xumuruuf’ hawwii guddaa qabu ibsee ture. Taʼus, obsaan ‘misiraachicha guutummaatti dhugaa baʼuu’ isaa itti fufeera.—HoE. 20:24.

14 Mee fakkeenya hiriyoota gaaʼelaa Giilʼaad irraa eebbifamanii fi biyya dhugaa baatonni muraasni argaman akkasumas namoonni hedduun amantii Kiristiyaanaa hin hordofnetti ramadamanii haa ilaallu. Namoonni baayʼeen Kitaaba Qulqulluu qoʼachuuf fedhii hin qaban. Faallaa kanaatiin, obboloonni isaanii wajjin Giilʼaadii eebbifamanii fi biyyoota kaanitti ramadaman qoʼattoota Kitaaba Qulqulluu guddina godhan hedduu akka geggeessan isaaniif barreessu turan. Haa taʼu malee, hiriyoonni gaaʼelaa kun namoonni naannoo tajaajilaa isaanii hedduun kan hin dhaggeeffanne taʼanis, tajaajila isaanii obsaan itti fufaniiru. Naannoo buʼaa kan hin qabne fakkaatu kanatti waggaa saddeetiif erga tajaajilanii booda, dhuma irratti qoʼataan Kitaaba Qulqulluu isaanii tokko yommuu cuuphamu arguudhaan gammadaniiru. Fakkeenyota bara durii fi bara keenyaa kana wanti wal isaan fakkeessu maali dha? Namoonni amanamoon kun dhibaaʼoo hin taane ykn harki isaanii akka boqotu hin heyyamne, Yihowaanis obsa isaaniitiif isaan kiiseera. Nutis ‘fakkeenya warra amantii fi obsaan abdii sana dhaalanii kan hordofnu’ haa taanu.—Ibr. 6:10-12.

AMANTII CIMAA QABAADHAA ITTI FUFAA

15. Karaan amantiin murtoo lallabuuf goone itti nuuf cimsu tokko maali dha?

15 Ergaa labsinu irratti amantii qabna, kanaafuu hamma nuuf dandaʼame namoota hedduutti himuuf hawwii guddaa qabna. Abdii Dubbii Waaqayyoo keessatti argamu irratti amanannaa qabna. (Far. 119:42; Isa. 40:8) Raajiiwwan Kitaaba Qulqulluu bara keenyatti yommuu raawwataman argineerra. Namoonni gorsa Kitaaba Qulqulluu yommuu hojii irra oolchuu jalqaban jireenyi isaanii gara gaariitti akkamitti akka jijjiiramu argineerra. Ragaan kun ergaan misiraachoo Mootummichaa namoonni hundi dhagaʼuu kan qaban akka taʼe, amanannaa qabnu nuuf cimsa.

16. Faarfannaa 46:1-3 irratti akka ibsametti amantiin Yihowaa fi Yesuus irratti qabnu murtoo lallabuuf goone kan nuuf cimsu akkamitti?

16 Yihowaa isa madda ergaa nuti lallabnuu taʼee fi Yesuus Kiristoos isa inni Mootii Mootummichaa godhee muude irrattis amantii qabna. (Yoh. 14:1) Haalli nu mudatu maali iyyuu yoo taʼe, Yihowaan yeroo hundumaa dahoo fi jabina keenya dha. (Faarfannaa 46:1-3 dubbisi.) Dabalataanis Yesuus humnaa fi aangoo Yihowaan isaaf kennetti fayyadamee samii keessaa hojii lallabaa kana geggeessaa akka jiru amanannaa qabna.—Mat. 28:18-20.

17. Lallabuu keenya itti fufuu kan qabnu maaliif akka taʼe fakkeenya argisiisu tokko kenni.

17 Amantiin, Yihowaan carraaqqii keenya yeroo tokko tokko karaa nuti hin eegneen akka nuuf eebbisu amanannaa qabaachuuf nu gargaara. (Lal. 11:6) Fakkeenyaaf, guyyaa guyyaadhaan namoonni kumaan lakkaaʼaman gaarii barreeffamaa keenya ni argu. Malli lallabaa kun buʼa qabeessadhaa? Eeyyee! Tajaajilli Mootummaa Sadaasa 2014 waaʼee shamarree Yunivaristiidhaa barattuu fi waaʼee Dhugaa Baatota Yihowaa barreessuu barbaaddu tokko qabatee ture. Shamarreen kun Galma Walgaʼii argachuu kan hin dandeenye taʼus, gaarii barreeffamaa keenya mooraa Yunivarsiitii ishii biratti argite, akkasumas barreeffama qopheessituuf wanta ishii barbaachisu argatteetti. Shamarreen tun yeroo booda Dhugaa Baatuu taatee kan cuuphamte yoo taʼu, amma qajeelchaa yeroo hundaa taatee tajaajilaa jirti. Muuxannoowwan akkasii amma iyyuu namoonni ergaa Mootummichaa dhagaʼuu barbaadan akka jiran waan nu hubachiisaniif lallabuu keenya akka itti fufnu nu kakaasu.

HARKI KEESSAN AKKA HIN BOQONNE GOCHUUF MURTEESSAA

18. Hojiin Mootummicha labsuu karaa Yihowaan barbaaduun akka xumuramu mirkanaaʼaa kan taanu maaliifi?

18 Hojiin lallabaa yeroo sirrii taʼetti akka xumuramu mirkanaaʼaa taʼuu dandeenya. Mee wanta bara Nohitti raawwatame haa ilaallu. Yihowaan wanta tokko kan raawwatu yeroo hunda caalaa gaarii taʼetti akka taʼe mirkaneesseera. Inni yeroo bishaan badiisaa itti dhufu gara waggaa 120 dura murteessee ture. Achiis waggoota kudhaniin lakkaaʼaman booda Noh markaba akka ijaaru isatti hime. Noh bishaan badiisaa dhufuu isaa dura gara waggaa 40 ykn 50tiif jabaatee hojjechuu isaa itti fufeera. Hamma Yihowaan amma yeroon isaa yeroo bineeldota gara markabaatti itti galchitu dha jedhutti namoonni kan isa hin dhaggeeffanne taʼu illee, ergaa akeekkachiisaa lallabuu isaa itti fufeera. Achiis yeroo sirriitti, “Waaqayyo balbala in cufe.”—Uma. 6:3; 7:1, 2, 16.

19. Harki keenya akka hin boqonne yoo goone maal eeggachuu dandeenya?

19 Dhiheenyatti Yihowaan hojiin Mootummicha labsuu akka xumuramu godha; akkasumas balbala sirna Seexanaa cufuudhaan addunyaa haaraan qajeelummaan keessa buufatu akka dagaagu godha. Kanaafuu hammasitti fakkeenya Noh, Anbaaqomii fi warra harki isaanii akka hin boqonne godhan kaanii haa hordofnu. Hojii lallabaa irratti kan xiyyeeffannu, obsa kan qabnuu fi Yihowaa fi abdii inni kenne irratti amantii cimaa kan qabnu haa taanu.

FAARFANNAA 75 “Kunoo, Ani Jira, Ana Ergi!”

^ key. 5 Mata dureen darbe barattoonni Kitaaba Qulqulluu guddina gochaa jiran afeerraa Yesuus namoota akka qurxummiitti akka qaban dhiheesse akka fudhatan jajjabeessee ture. Mata dureen kun babalʼistoonni hundi haaraas taʼan muuxannoo kan qaban, karaawwan murtoo hojii Mootummicha labsuu hanga Yihowaan ni gaʼa jedhutti itti fufuuf godhan cimsachuu itti dandaʼan sadii ibsa.

^ key. 2 IBSA JECHAA: Mata duree kana keessatti yaadni, ‘harki kee hin boqotin’ jedhu hanga Yihowaan hojichi xumurameera jedhutti misiraachoo labsuu keenya itti fufuuf murtoo gochuu akka qabnu ibsa.

^ key. 5 ‘Guyyaan Gooftaa’ kan jalqabe bara 1914 yeroo Yesuus Mootii taʼetti yoo taʼu, hanga dhuma Bulchiinsa Waggaa Kumaatti itti fufa.