Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

MATA DUREE QOʼANNAA 40

“Wanta Imaanaadhaan Sitti Kenname Jabeessii Eegi”

“Wanta Imaanaadhaan Sitti Kenname Jabeessii Eegi”

“Ximotewos, wanta imaanaadhaan sitti kenname jabeessii eegi.”—1 XIM. 6:20.

FAARFANNAA 29 Akka Maqaa Keenyaatti Jiraachuu

QABIYYEE *

1-2. Akka 1 Ximotewos 6:20 jedhutti Ximotewosiif maaltu kenname?

YEROO baayʼee wantoota gatii guddaa nuuf qaban warri kaan akka nuuf eegan isaanitti kennanna. Fakkeenyaaf qarshii keenya mana baankii kaaʼachuu dandeenya. Yommuu akkas goonu qarshiin keenya akka eegumsa argatuu fi akka hin badne ykn hin hatamne amanna. Kanaafuu, wanta iddoo guddaa kenninuuf tokko nama kan biraatti imaanaadhaan kennuu jechuun maal jechuu akka taʼe ni hubanna.

2 1 Ximotewos 6:20 dubbisi. Phaawulos ergamaan, Ximotewos wanta gatii guddaa qabu, jechuunis kaayyoo Waaqayyo ilmaan namootaatiif qabu ilaalchisee beekumsa sirrii akka argate isa yaadachiiseera. Akkasumas Ximotewos ‘dubbicha akka lallabuu’ fi “hojii namni lallabaa wangeelaa taʼe hojjetu” akka hojjetu imaanaadhaan isaaf kennameera. (2 Xim. 4:2, 5) Phaawulos, Ximotewos wanta imaanaadhaan isaaf kenname akka eegu isa jajjabeesseera. Akkuma Ximotewos nutis wantoonni gatii guddaa qaban imaanaadhaan nuuf kennamaniiru. Wantoonni kun maalfaʼi? Wantoota Yihowaan nuuf kenne kana eeguu kan qabnu hoo maaliifi?

DHUGAAWWAN GATII GUDDAA QABAN IMAANAADHAAN NUTTI KANNAMANIIRU

3-4. Sababiiwwan dhugaawwan Kitaaba Qulqulluu gatii guddaa itti qabaatan tokko tokko kamfaʼi?

3 Yihowaan waaʼee dhugaawwan gatii guddaa qabanii fi Dubbii isaa keessatti argamanii beekumsa sirrii nuuf kenneera. Dhugaawwan kun Yihowaa wajjin akkamitti hariiroo gaarii akka qabaannu waan nu barsiisanii fi jireenya keenya keessatti wanti gammachuu dhugaa nuuf argamsiisu maal akka taʼe waan ibsaniif gatii guddaa qabu. Dhugaawwan kana fudhannee yommuu ittiin jiraannu barumsawwan sobaa fi gochawwan naamusaan ala taʼan irraa bilisa nu baasu.—1 Qor. 6:9-11.

4 Sababiin inni kan biraan dhugaawwan Dubbii Waaqayyoo keessatti argaman gatii guddaa itti qabaatan, Yihowaan dhugaawwan kana namoota gad of qabanii fi ‘kakaʼumsa sirrii qabaniif’ qofa waan ibsuufi. (HoE. 13:48) Namoonni akkasii karaa Waaqayyo yeroo harʼaatti dhugaawwan kana barsiisuuf itti fayyadamu ni fudhatu. (Mat. 11:25; 24:45) Dhugaawwan kana ofuma keenyaan barachuu hin dandeenyu; wanti akka dhugaawwan kanaa gatii guddaa qabu kan biraanis hin jiru.—Fak. 3:13, 15.

5. Yihowaan wanta kan biraa akkamii imaanaadhaan nuuf kenneera?

5 Dabalataanis Yihowaan waaʼee ofii isaa fi waaʼee kaayyoo isaa dhugaa jiru warra kaan akka barsiisnu mirga nuuf kenneera. (Mat. 24:14) Ergaan nuti labsinu namoonni kutaa maatii Yihowaa akka taʼan waan gargaaruu fi jireenya bara baraa akka argatan carraa waan isaaniif banuuf gatii guddaa qaba. (1 Xim. 4:16) Hirmaannaan tajaajila irratti goonu guddaas taʼe xinnoo hojii baayʼee barbaachisaa taʼee fi yeroo harʼaatti hojjetamu deggeraa jirra. (1 Xim. 2:3, 4) Waaqayyoo wajjin hojjechuun mirga guddaa dha!—1 Qor. 3:9.

WANTA ISINIIF KENNAME CIMSAA EEGAA!

Ximotewos yommuu warri kaan dhiisanii baʼan dhugaa keessa jabaatee dhaabachuun isa barbaachisee ture (Keeyyata 6 ilaali)

6. Namoota wanta isaaniif kenname utuu hin eegin hafan tokko tokko irra wanta akkamiitu gaʼe?

6 Kiristiyaanonni bara Ximotewos jiraatan mirga Waaqayyoo wajjin hojjechuuf argatan utuu hin dinqisiifatin hafaniiru. Deemaas addunyaa waan jaallateef, mirga Phaawulosii wajjin tajaajiluuf argate dhiiseera. (2 Xim. 4:10) Figeelosii fi Hermogenes tajaajila isaanii kan dhiisan ariʼatamni Phaawulos irra gaʼe nu irras ni gaʼa jedhanii waan sodaataniif taʼuu hin oolu. (2 Xim. 1:15) Hemenewoos, Iskindirii fi Filexoos gantoota taʼuudhaan dhugaa dhiisaniiru. (1 Xim. 1:19, 20; 2 Xim. 2:16-18) Namoonni kun hundi yeroo taʼe tokkotti karaa hafuuraa ciccimoo kan turan taʼus, wanta dhugumaan gatii guddaa qabu yaaduu isaanii dhaabaniiru.

7. Seexanni wanta inni barbaadu akka raawwannu gochuuf malawwan akkamii fayyadama?

7 Seexanni wanta gatii guddaa qabuu fi Yihowaan imaanaadhaan nutti kenne akka dhiisnu gochuuf kan yaalu akkamitti? Malawwan Seexanaa tokko tokko hubadhaa. Seexanni ilaalcha, yaadaa fi amala dhugaa jabeessinee akka hin qabne nu gochuu dandaʼan akka horannu gochuuf bashannanaa fi miidiyaatti fayyadama. Dhiibbaa hiriyaa ykn ariʼatama fayyadamee nu sodaachisuudhaan lallabuu keenya akka dhaabnu gochuuf yaala. Akkasumas dhugaa akka dhiisnu gochuuf, barumsa gantootaa isa “sobaan ‘beekumsa’ jedhamu” akka dhaggeeffannu nu sossobuuf yaalii godha.—1 Xim. 6:20, 21.

8. Muuxannoo obboleessa Daaniʼel irraa maal barattu?

8 Of eeggannoo hin goonu taanaan suutuma suuta dhugaa cimsinee qabachuu dhiisuu dandeenya. Mee muuxannoo Daaniʼel * isa tapha viidiyoo jaallatuu haa ilaallu. Akkas jedheera: “Tapha viidiyoo kanan jalqabe umurii koo gara waggaa kudhaniitti ture. Jalqaba irratti taphawwan hamma tokko miidhaa hin qabnen taphadha ture. Haa taʼu malee, suutuma suuta taphawwan hammeenyaa fi gocha jinniiwwan of keessaa qaban taphachuun jalqabe.” Obboleessi kun yeroo booda, guyyaatti gara saʼaatii 15 taphata ture. Daaniʼel akkas jedheera: “Dhugaa dubbachuuf, gosti taphaa ani taphadhuu fi yeroon taphachuudhaan dabarsu Yihowaa irraa na fageessaa akka jiru beekeen ture. Taʼus, garaan koo jabaatee waan tureef, qajeelfamni Kitaaba Qulqulluu akka naaf hin hojjenne na amansiisee ture.” Dhiibbaan dhokataan bashannanni nu irra geessisu, salphaadhumatti dhugaa cimsinee akka hin qabanne nu taasisuu dandaʼa. Taanaan, wantoonni gatii guddaa qabanii fi Yihowaan nuuf kenne nu harkaa baʼuu dandaʼu.

DHUGAA JABEESSINEE QABACHUU KAN DANDEENYU AKKAMITTI?

9. Akka 1 Ximotewos 1:18, 19, jedhutti Phaawulos, Ximotewosiin eenyuu wajjin wal bira qabe?

9 1 Ximotewos 1:18, 19 dubbisi. Phaawulos Ximotewosiin loltuu tokkoo wajjin wal bira qabuudhaan ‘qabsoo isa baʼeessa sana gochuu isaa akka itti fufu’ isa gorseera. Qabsoon kun kallattiidhaan utuu hin taʼin, karaa hafuuraa kan godhamu dha. Kiristiyaanonni loltoota waraana irra jiranii wajjin kan wal fakkeeffaman akkamitti? Akka loltuu Kiristoos tokkotti amalawwan akkamii horachuu qabna? Mee fakkeenya Phaawulos irraa barumsawwan argannu shan haa ilaallu. Barumsawwan kunneen dhugaa cimsinee akka qabannu nu gargaaruu dandaʼu.

10. Waaqayyoof buluun maali dha? Kan nu barbaachisu hoo maaliifi?

10 Waaqayyoof kan bultan taʼaa. Loltuu gaariin tokko amanamaa dha. Nama jaallatu tokko ykn wanta iddoo guddaa kennuuf tokko eeguuf jabaatee lola. Phaawulos, Ximotewos Waaqayyoof akka bulu, jechuunis Waaqayyoof amanamummaa cimaa akka qabaatu isa gorseera. (1 Xim. 4:7) Jaalalli keenya yommuu guddatuu fi caalaatti Waaqayyoof kan bulle yommuu taanu, fedhiin dhugaa cimsinee qabachuuf qabnu ni dabala.—1 Xim. 4:8-10; 6:6.

Dhuma guyyichaatti erga dadhabnee booda walgaʼii irratti argamuuf of dirqisiisuun nu barbaachisuu dandaʼa. Taʼus kana gochuun gammachuu nuuf argamsiisa! (Keeyyata 11 ilaali)

11. Of leenjisuun nu barbaachisuu kan dandaʼu maaliifi?

11 Wanta sirrii taʼe gochuuf of leenjisaa. Loltuun tokko hojii isaatiif gaʼumsa qabaatee itti fufuuf of leenjisuu qaba. Ximotewos gorsa Phaawulos fedhii dogoggoraa irraa akka baqatu, amalawwan waaqayyoo akka horatuu fi obboloota isaa wajjin yeroo akka dabarsu isaaf kenne waan hordofeef karaa hafuuraa cimaa taʼee itti fufeera. (2 Xim. 2:22) Kana gochuun of leenjisuu gaafata. Waraana fedhii foonii keenyaa wajjin goonu moʼuudhaaf of leenjisuu nu barbaachisa. (Rom. 7:21-25) Dabalataanis namummaa moofaa of irraa baasnee namummaa haaraa uffachuuf hojjechuu keenya itti fufuuf of leenjisuu qabna. (Efe. 4:22, 24) Dhuma guyyichaatti erga dadhabnee booda walgaʼii irratti argamuuf of dirqisiisuun nu barbaachisuu dandaʼa.—Ibr. 10:24, 25.

12. Karaawwan itti fayyadama Kitaaba Qulqulluu keenya fooyyessu itti dandeenyu tokko tokko kamfaʼi?

12 Loltuun tokko meeshaa isaatti akkamitti akka fayyadamu shaakaluu qaba. Sirriitti itti fayyadamuuf yeroo hunda kana gochuu qaba. Haaluma wal fakkaatuun, nutis Dubbii Waaqayyootti sirriitti akkamitti akka fayyadamnu barachuu qabna. (2 Xim. 2:15) Beekumsawwan kana keessaa tokko tokko walgaʼiiwwan keenya irratti baranna. Haa taʼu malee, dhugaawwan Kitaaba Qulqulluu gatii guddaa akka qaban warra kaan amansiisuu yoo barbaanne, qoʼannaa Kitaaba Qulqulluu dhaabbataa qabaachuu qabna. Amantii keenya cimsachuuf Dubbii Waaqayyootti fayyadamuu qabna. Kun immoo akkasumaan Kitaaba Qulqulluu dubbisuu caalaa wanta dabalatu qaba. Kana gochuun wanta dubbisne irratti xiinxaluu akkasumas sirriitti hubachuu fi wanta baranne hojii irra oolchuudhaaf barreeffamoota keenya irratti qorannaa gochuu gaafata. (1 Xim. 4:13-15) Taanaan, warra kaan barsiisuuf Dubbii Waaqayyootti fayyadamuu ni dandeenya. Kunis caqasa Kitaaba Qulqulluu tokko dubbisuu caalaa wanta dabalatu qaba. Namoonni nu dhaggeeffatan caqasicha akka hubatanii fi akkamitti akka hojii irra oolchan akka beekan isaan gargaaruu barbaanna. Sagantaa qoʼannaa Kitaaba Qulqulluu dhaabbataa taʼe qabaachuudhaan dandeettii Dubbii Waaqayyoo warra kaan barsiisuuf qabnu fooyyeffachuu dandeenya.—2 Xim. 3:16, 17.

13. Akka Ibroonni 5:14 jedhutti hubatoo taʼuu kan qabnu maaliifi?

13 Hubatoo taʼaa. Loltuun tokko balaa jiru hubatee irraa fagaachuuf dandeettii qabaachuu qaba. Nutis haalawwan nu miidhuu dandaʼan dursinee hubachuu barachuu qabna, akkasumas balaa irraa fagaachuuf tarkaanfii fudhachuu qabna. (Fak. 22:3; Ibroota 5:14 dubbisi.) Fakkeenyaaf, bohaartii fi bashannana keenya ogummaadhaan filachuu qabna. Qophiiwwan televijiinii fi fiilmiiwwan yeroo baayʼee gocha naamusaan ala taʼe argisiisu. Gochawwan akkasii Waaqayyoon ni gaddisiisu akkasumas miidhaa akka geessisan hin shakkisiisu. Kanaafuu, bashannanawwan suutuma suuta jaalala Waaqayyoof qabnu nu jalaa xiqqeessan irraa fagaachuu qabna.—Efe. 5:5, 6.

14. Hubannaan Daaniʼeliin kan gargaare akkamitti?

14 Daaniʼel inni olitti ibsame, tapha viidiyoo hammeenyaa fi gocha jinniiwwanii of keessaa qabu taphachuun rakkina akka qabu hubachuu jalqabe. Yaadawwan rakkina kana moʼuuf isa gargaaran argachuuf Wochtaawar Laayibrarii fayyadamee qorannoo godhe. Kun kan isa gargaare akkamitti? Taphawwan viidiyoo gadhee taʼan taphachuu dhaabe. Akkasumas namoota wajjin taphatu irraa adda baʼe. Daaniʼel akkas jedheera, “Tapha viidiyoo taphachuu mannaa, michoota koo gumii jiranii wajjin manaa alatti wantoota tokko tokko raawwachuu ykn isaanii wajjin yeroo dabarsuun jalqabe.” Daaniʼel yeroo ammaatti qajeelchaa fi jaarsa taʼee tajaajilaa jira.

15. Oduun sobaa balaa kan qabu maaliifi?

15 Akkuma Ximotewos nutis balaa odeeffannoon sobaa gantoonni babalʼisan geessisu irraa fagaachuuf hubatoo taʼuu qabna. (1 Xim. 4:1, 7; 2 Xim. 2:16) Fakkeenyaaf, gantoonni waaʼee obboloota keenyaa oduu sobaa babalʼisuuf yaaluu dandaʼu ykn waaʼee jaarmiyaa Yihowaa akka shakkinu nu gochuu dandaʼu. Odeeffannoon sobaa akkasii kun amantii keenya laaffisuu dandaʼa. Olola akkasiitiin gowwoomfamuu irraa fagaachuu qabna. Maaliif? Sababiin isaas oduuwwan akkasii kun ‘warra sammuun isaanii mancaʼee fi dhugaan irraa fudhatameen’ babalʼatu. Galmi isaanii “mormii kaasuu fi falmii” uumuu dha. (1 Xim. 6:4, 5) Soba isaanii akka amannuu fi obboloota keenya akka shakkinu barbaadu.

16. Wantoota xiyyeeffannaa keenya hihhiran akkamii irraa fagaachuu qabna?

16 Xiyyeeffannaan keessan hin hihhiramin. Ximotewos akka, “loltuu Kiristoos Yesuus isa gaarii taʼe tokkootti” qabeenyaa fi galmawwan kan birootiin xiyyeeffannaan isaa akka hihhiramu gochuu mannaa tajaajila isaa irratti xiyyeeffachuu qaba ture. (2 Xim. 2:3, 4) Akkuma Ximotewos nutis fedhiin qabeenya dabalataa argachuu xiyyeeffannaa keenya akka hin hihhirre gochuu qabna. “Humni qabeenyi gowwoomsuuf qabu” jaalala Yihowaadhaaf qabnu, dinqisiifannaa Dubbii Waaqayyootiif qabnuu fi fedhii dubbicha warra kaaniif hiruuf qabnu hudhuu dandaʼa. (Mat. 13:22) Jireenya keenya salphaa gochuu fi yeroo fi humna keenya ‘hundumaa dura Mootummicha barbaaduuf’ itti fayyadamuu qabna.—Mat. 6:22-25, 33.

17-18. Balaa hafuuraa irraa ooluuf maal gochuu dandeenya?

17 Hatattamaan tarkaanfii fudhachuuf qophaaʼaa. Loltuun tokko akkamitti tarkaanfii akka fudhatu dursee karoorfachuun isa barbaachisa. Wantoota Yihowaan imaanaadhaan nuuf kenne eeguuf, yommuu balaan akka jiru hubannu hatattamaan tarkaanfii fudhachuu qabna. Dafnee tarkaanfii fudhachuuf maaltu nu gargaaruu dandaʼa? Yommuu balaan nu mudatutti akkamitti tarkaanfii akka fudhannu dursinee karoorfachuu qabna.

18 Fakkeenyaaf, qophiin tokko yommuu godhamu namoonni qophicha irratti argaman, sagantichi jalqabuu isaa dura balballi dhihoon ittiin baʼan eessa akka taʼe gaafatu. Maaliifi? Sababiin isaas balaan yoo uumame dafanii baʼuu akka dandaʼaniifi. Haaluma wal fakkaatuun nutis, yommuu Intarneetii fayyadamnu ykn fiilmii ykn sagantaa televijiinii tokko ilaallu wanti naamusaan ala taʼe, gochi hammeenya argisiisu ykn wanti yaada gantootaa qabate yoo nu mudate akkamitti jalaa “baʼuu” akka dandeenyu dursinee qophaaʼuu qabna. Wanta nu mudachuu dandaʼuuf dursinee yoo qophoofne, balaa hafuuraa jalaa baʼuuf dafnee tarkaanfii fudhachuu fi Yihowaa duratti qulqulluu taanee itti fufuu dandeenya.—Far. 101:3; 1 Xim. 4:12.

19. Wantoota gatii guddaa qabanii fi Yihowaan nuuf kenne yoo eegne eebbawwan akkamii arganna?

19 Wantoota Yihowaan nuuf kenne, jechuunis dhugaawwan Kitaaba Qulqulluu gatii guddaa qabanii fi mirga dhugaawwan kana warra kaan barsiisuuf arganne eeguu qabna. Yommuu akkas goonu qalbii qulqulluu, jireenya hiika qabuu fi gammachuu warri kaan Yihowaa akka beekan gargaaruudhaan argamu qabaachuu dandeenya. Gargaarsa isaatiin wanta imaanaadhaan nutti kenname eeguu ni dandeenya.—1 Xim. 6:12, 19.

FAARFANNAA 127 Nama Akkamii Taʼuun Qaba?

^ key. 5 Mirga guddaa dhugaa beekuu fi warra kaan barsiisuu arganneerra. Mata dureen kun mirga arganne kana cimsinee qabachuu fi matumaa akka nu harkaa hin baane eeguuf nu gargaara.

^ key. 8 Maqaawwan tokko tokko jijjiiramaniiru.