Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

MATA DUREE QOʼANNAA 38

Yeroo Nagaa Ogummaadhaan Fayyadamaa

Yeroo Nagaa Ogummaadhaan Fayyadamaa

“Biyyichi nagaa waan qabuuf, . . . Waaqayyo boqonnaa waan isaaf kenneef, bara sana keessa namni lola isatti kaase hin turre.”—2 SEN. 14:6.

FAARFANNAA 60 Lubbuu Isaanii ni Oolchina

QABIYYEE *

1. Yihowaa tajaajiluun ulfaataa taʼuu kan dandaʼu yoomi?

YIHOWAA tajaajiluun caalaatti ulfaataa taʼuu kan dandaʼu yoom sitti fakkaata; yeroo rakkina keessa jirtutti moo yeroo jireenyi kee hamma tokko rakkina hin qabnetti dha? Yommuu haalli rakkisaan nu mudatutti Yihowaatti amanamuun ulfaataa miti. Taʼus, yommuu jireenyi keenya nagaa qabutti maal goona? Waaqayyoon tajaajiluu irraa xiyyeeffannaan keenya ni hihhiramaa? Yihowaan haalli akkasii isaan mudachuu akka dandaʼu Israaʼeloota akeekkachiisee ture.—Kes. 6:10-12.

Aasaa Mootichi waaqeffannaa sobaa irratti tarkaanfii cimaa fudhateera (Keeyyata 2 ilaali) *

2. Aasaan Mootichi fakkeenya akkamii nuuf taʼa?

2 Aasaa Mootichi guutummaatti Yihowaatti amanamee deddeebiʼuu irratti fakkeenya gaarii nuuf taʼa. Inni yeroo gaarii hin taanetti qofa utuu hin taʼin, yeroo nagaattis Yihowaa tajaajileera. Jalqabumaa kaasee, ‘Aasaan garaa isaa guutuu Waaqayyoof of kennee ture.’ (1 Mot. 15:14.) Karaan kana gochuu isaa itti argisiise inni tokko waaqeffannaa sobaa guutummaatti Yihudaa keessaa balleessuudhaani. Kitaabni Qulqulluun, “Inni iddoo aarsaa isa kan waaqayyolii ormaa fi iddoowwan sagadaa warra ol kaʼoo in diigsise, utuboota dhagaa qulqullaaʼootti ilaalaman in caccabse, mukkeetii qiqqirixamanii waaqayyittii tolfamtuuf dhadhaabamanis in jijjigse” jedha. (2 Sen. 14:3, 5) Inni akkoo isaa Maʼakaa iddoo ulfinaa mootummaa isaa keessatti qabdu irraa ishii buuse. Maaliifi? Sababiin isaas ishiin namoonni waaqa tolfamaa akka waaqeffatan jajjabeessiti turte.—1 Mot. 15:11-13.

3. Mata duree kana keessatti maal qoranna?

3 Aasaan waaqeffannaa sobaa haxaaʼee balleessuu caalaa wanta godhe qaba. Waaqeffannaa qulqulluu babalʼisuudhaan mootummaan Yihudaa gara Yihowaatti akka deebiʼu gargaareera. Yihowaanis yeroo nagaa * isaaniif kennuudhaan Aasaa fi Israaʼeloota eebbiseera. Yeroo bulchiinsa Aasaatti waggaa kudhaniif ‘biyyichi nagaa argateera.’ (2 Sen. 14:1, 4, 6) Mata duree kana keessatti Aasaan yeroo nagaa kanatti akkamitti akka fayyadame qoranna. Achiis fakkeenya Kiristiyaanota jaarraa jalqabaa akkuma Aasaa yeroo nagaatti fayyadamanii qorra. Dhuma irrattis gaaffii kanaaf deebii arganna: Biyya bilisummaadhaan waaqeffachuun itti dandaʼamu keessa kan jiraattu taanaan yeroo nagaa kana ogummaadhaan fayyadamuu kan dandeessu akkamitti?

AASAAN YEROO NAGAATTI KAN FAYYADAME AKKAMITTI?

4. Akka 2 Seenaa 14:2, 6, 7 jedhutti, Aasaan yeroo nagaatti kan fayyadame akkamitti?

4 2 Seenaa 14:2, 6, 7 dubbisi. Aasaan sabichaaf, “naannoo [isaanii] hundumaatti boqonnaa” kan isaaniif kenne Yihowaa akka taʼe isaanitti himeera. Inni yeroon nagaa kun yeroo itti bashannanan akka taʼe itti hin dhagaʼamne. Kanaa mannaa inni magaalota, dallaawwan, masaraawwanii fi karrawwan ijaaruu jalqabeera. Inni namoota Yihudaatiin, ‘Biyyichi harka keenya jala jira’ jedheera. Aasaan maal jechuu isaa ture? Sabichi biyya Waaqayyo isaaniif kenne keessa bilisummaadhaan deemuu fi mormii diinotaa malee ijaaruu akka dandaʼan dubbachuu isaa ture. Kanaafuu, sabichi yeroo nagaa kanatti akka fayyadaman isaan gorseera.

5. Aasaan humna waraanaa isaa kan cimse maaliifi?

5 Kana malees, Aasaan yeroo nagaa kana humna waraanaa isaa cimsuuf itti fayyadameera. (2 Sen. 14:8) Akkas gochuun isaa Yihowaatti akka hin amanamne kan argisiisudhaa? Lakki. Kanaa mannaa, Aasaan mootii waan taʼeef, rakkina gara fuulduraatti sabicha mudachuu dandaʼuuf isaan qopheessuun hojii isaa akka taʼe beeka ture. Aasaan yeroon nagaa Yihudaa keessa jiru yeroo hundumaaf itti fufuu dhiisuu akka dandaʼu beeka ture. Kunis dhugaa taʼuun isaa mirkanaaʼeera.

KIRISTIYAANONNI JAARRAA JALQABAA YEROO NAGAATTI KAN FAYYADAMAN AKKAMITTI?

6. Kiristiyaanonni jaarraa jalqabaa yeroo nagaatti kan fayyadaman akkamitti?

6 Kiristiyaanonni jaarraa jalqabaa yeroo baayʼee kan ariʼataman taʼus, yeroo itti nagaa argatan qabu. Barattoonni carraa kanatti kan fayyadaman akkamitti? Dhiironnii fi dubartoonni amanamoon kun misiraachoo utuu addaan hin kutin lallabaniiru. Seenaan Hojii Ergamootaa irratti argamu, “sodaa Yihowaatiin deddeebiʼaa” akka turan dubbata. Misiraachoo labsuu isaanii itti fufaniiru, kanaan kan kaʼes, ‘lakkoofsaan dabalaa deemaniiru.’ Yihowaanis hojii lallabaa isaan yeroo nagaatti hinaaffaadhaan hojjetan eebbiseera.—HoE. 9:26-31.

7-8. Phaawulosii fi warri kaan yommuu carraa argatan maal godhan? Ibsi.

7 Barattoonni jaarraa jalqabaa carraa argamu hundumaa misiraachoo babalʼisuuf itti fayyadamaniiru. Fakkeenyaaf, Phaawulos ergamaan yommuu Efesoonitti balballi guddaan akka isaaf baname hubatetti, carraa kana magaalaa sanatti labsuu fi barattoota gochuuf itti fayyadameera.—1 Qor. 16:8, 9.

8 Phaawulosii fi Kiristiyaanonni kaan yommuu Dh.K.B bara 49⁠tti dhimmi dhaqna qabaa furmaata argatetti carraan kan biraan isaaniif banamee ture. (HoE. 15:23-29) Murtoon godhame gumiiwwanitti erga himamee booda, barattoonni “misiraachoo dubbii Yihowaa” labsuuf carraaqqii cimaa godhaniiru. (HoE. 15:30-35) Maarree buʼaa akkamiitu argame? Kitaabni Qulqulluun, “gumiiwwan amantiitti cimaa fi guyyuma guyyaadhaan lakkoofsaan dabalaa deeman” jedha.—HoE. 16:4, 5.

YEROO HARʼAA YEROO NAGAATTI FAYYADAMUU

9. Yeroo harʼaa biyyoota hedduu keessa haala akkamiitu jira? Maal jennee of gaafachuu dandeenya?

9 Yeroo harʼaa biyyoota hedduu keessatti bilisummaadhaan lallabuu ni dandeenya. Biyya bilisummaadhaan waaqeffachuun dandaʼamu keessa jiraattaa? Taanaan ‘bilisummaa kana akkamittan itti fayyadamaa jira?’ jedhii of gaafadhu. Guyyoota dhumaa dinqisiisoo taʼan kanatti jaarmiyaan Yihowaa duula lallabuu fi barsiisuu guddaa addunyaa irratti taʼee hin beekne geggeessaa jira. (Mar. 13:10) Saba Yihowaatiif carraawwan hedduun banamaniiru.

Obboloonni hedduun biyya kan biraatti tajaajiluudhaan ykn warra afaan kan biraa dubbataniif dhugaa baʼuudhaan eebba hedduu argataniiru (Keeyyata 10-12 ilaali) *

10. 2 Ximotewos 4:2 maal akka raawwannu nu jajjabeessa?

10 Yeroo nagaatti akka gaariitti fayyadamuu kan dandeessu akkamitti? (2 Ximotewos 4:2 dubbisi.) Ati ykn miseensi maatii kee tokko hirmaannaa tajaajila irratti gootan dabaluu, tarii immoo qajeelchaa taatanii tajaajiluu ni dandeessu yoo taʼe maaliif haala keessan hin qortan? Amma yeroo itti qabeenya nu wajjin rakkina guddaa darbuu hin dandeenye walitti qabannu miti.—Fak. 11:4; Mat. 6:31-33; 1 Yoh. 2:15-17.

11. Babalʼistoonni tokko tokko misiraachicha namoota hedduudhaan gaʼuuf maal godhaniiru?

11 Babalʼistoonni hedduun lallabuu fi barsiisuuf akka isaan gargaaruuf afaan haaraa barataniiru. Jaarmiyaan Waaqayyoo barreeffamoota Kitaaba Qulqulluu irratti hundaaʼanii fi afaanota hedduudhaan hiikaman qopheessuudhaan isaan gargaara. Fakkeenyaaf, bara 2010⁠tti barreeffamoonni keenya gara afaanota 500tiin argamu turan. Harʼa lakkoofsi kun gara afaanota 1000 olitti dabaleera.

12. Namoonni ergaa Mootummichaa afaan isaaniitiin yommuu dhaggeeffatan kan fayyadaman akkamitti? Fakkeenya kenni.

12 Namoonni yommuu dhugaa Dubbii Waaqayyoo keessa jiru afaan isaaniitiin dhagaʼanitti maaltu akka isaanitti dhagaʼamu godha? Mee muuxannoo obboleettii walgaʼii naannoo Memfees Teenasii, Yunaayitid Isteetisitti godhame irraa fayyadamte haa ilaallu. Walgaʼiin kun afaan Kiinyaarwwandaa isa balʼinaan Ruwaandaa, Koongoo (Kinshaasaa) fi Ugaandaatti dubbatamuun geggeeffame. Walgaʼii booda obboleettiin afaan Kiinyaarwwandaa dubbattu tun akkas jetteetti: “Yuunaayitid Isteetisitti ergan galee waggaa 17 booda kun sagantaa hafuuraa ani yeroo jalqabaatiif guutummaatti hubadhedha.” Ifatti hubachuun akka dandaʼamutti obboleettiin tun sagantaan hafuuraa afaan ishiitiin qophaaʼe garaa ishii tuqeera. Haalli kee ni heyyama yoo taʼe, namoota naannoo tajaajilaa kee keessa jiran gargaaruuf afaan haaraa barachuu ni dandeessaa? Naannoo tajaajilaa keetti namoonni afaan isaaniitiin yoo isaan haasofsiiste caalaatti si dhaggeeffachuuf fedhii qabaatuu? Carraaqqiin ati gama kanaan gootu gammachuu siif argamsiisa.

13. Obboloonni keenya Raashiyaa jiran yeroo nagaatti fayyadamanii kan turan akkamitti?

13 Bilisummaadhaan lallabuu kan dandaʼan obboloota keenya hundumaa miti. Biyyoota tokko tokkotti mootummaan hojii lallabaa keenya irratti dhorkaa waan godheef, obboloonni keenya bilisummaadhaan lallabuu hin dandaʼan. Fakkeenyaaf, mee haala obboloota keenya Raashiyaa jiranii haa ilaallu. Waggoottan kudhaniin lakkaaʼamaniif ariʼatamni erga isaan irra gaʼee booda, Bitootessaa 1991⁠tti bilisummaa waaqeffannaa argatan. Yeroo sanatti Raashiyaa keessa labsitoota Mootummichaa gara 16,000tu jira ture. Waggoota digdama booda lakkoofsi babalʼistootaa kun gara 160,000 olitti dabale. Obboloonni keenya carraa bilisummaadhaan lallabuu dandaʼan kanatti ogummaadhaan fayyadamanii akka turan ifa dha. Yeroo nagaa kun garuu itti hin fufne. Taʼus, obboloonni keenya haalli isaanii jijjiiramuun isaa hinaaffaa isaan waaqeffannaa qulqulluuf dursa kennuuf qaban hin jijjiirre. Yihowaa tajaajiluuf wanta dandaʼan hunda gochuu isaanii itti fufaniiru.

YEROON NAGAA YEROO HUNDUMAAF ITTI HIN FUFU

Aasaa Mootichi garaadhaa erga kadhatee booda, Yihowaan Yihudaadhaaf raayyaa diinaa guddaa tokko irratti injifannoo kenneera (Keeyyata 14-15 ilaali)

14-15. Yihowaan humna isaatiin Aasaa akka gargaaru kan argisiise akkamitti?

14 Bara Aasaatti yeroon nagaa yeroo booda itti hin fufne. Raayyaan waraanaa guddaa cimoon miliyoona tokko ol taʼan Itoophiyaadhaa dhufan. Zaaraa inni ajaja waraanaa taʼee fi loltoonni isaa, Yihudaa akka injifatan mirkanaaʼoo turan. Taʼus, Aasaa Mootichi lakkoofsatti utuu hin taʼin, Waaqa isaa Yihowaatti amanamee ture. Aasaan “Yaa Waaqayyo gooftaa keenyaa, nuyi si amanannee maqaa keetiin loltoota sonaan baay’atan kana loluudhaaf baaneerra ati nu gargaari!” jedhee kadhateera.—2 Sen. 14:11.

15 Raayyaan Itoophiyaa, loltoota Aasaa gara dachaatiin kan caalu taʼus, Aasaan Yihowaan humna guddaa akka qabuu fi saba isaa gargaaruu akka dandaʼu beeka ture. Yihowaanis isa hin qaanessine; raayyaan Itoophiyaa garuu injifatameera.—2 Sen. 14:8-13.

16. Yeroon nagaa akka itti hin fufne akkamitti beekuu dandeenya?

16 Yeroon gara fuulduraa tokkoon tokkoon keenyatti maal fidee akka dhufu gad fageenyaan beekuu baannus, nagaan sabni Waaqayyoo yeroo ammaa argatee jiru yeroo muraasaaf qofa akka turu beekna. Yesuus barattoota isaatiin, guyyoota dhumaatti, “saba hundumaa biratti kan jibbamtan taatu” jechuudhaan akka dubbate yaadadhu. (Mat. 24:9) Haaluma wal fakkaatuun, Phaawulos ergamaanis “Namoonni Kiristoos Yesuusii wajjin tokkummaa qabaachuudhaan Waaqayyoof kan bulan taʼanii jiraachuu barbaadan hundi ni ariʼatamu” jechuudhaan dubbateera. (2 Xim. 3:12) Seexanni, “aarii guddaa” qaba; karaa taʼe tokkoon aarii isaa jalaa ooluu akka dandeenyu kan yaannu yoo taʼe of gowwoomsuu nutti taʼa.—Mul. 12:12.

17. Amantiin keenya kan qoramu karaawwan kamiin taʼuu dandaʼa?

17 Dhiheenyatti hunda keenya iyyuu qorumsi amantii nu mudata. Addunyaan kun, “rakkinni guddaan jalqaba addunyaatii kaasee hanga harʼaatti taʼee hin beekne” isa mudata. (Mat. 24:21) Yeroo sanatti miseensonni maatii keenya nu irratti kaʼuu fi hojiin keenya dhorkamuu dandaʼa. (Mat. 10:35, 36) Akkuma Aasaa gargaarsaa fi eegumsa argachuuf dhuunfaatti Yihowaatti ni amannaa laata?

18. Ibroonni 10:38, 39 akka jedhutti yeroo nagaan dhabamuuf qophaaʼuuf maaltu nu gargaara?

18 Yihowaan gama hafuuraatiin wanta gara fuulduraatti nu mudatuuf nu qopheessaa jira. Inni waaqeffannaa keenyatti jabaannee akka itti fufnuuf, “garbichi amanamaanii fi ogeessi, yeroo sirrii taʼetti nyaata” hafuuraa nama ijaaru akka nuuf dhiheessuuf geggeessaa jira. (Mat. 24:45) Taʼus, gama keenyaan wanta nu irra eegamu gochuu fi Yihowaa irratti amantii hin raafamne qabaachuuf jabaannee hojjechuu qabna.—Ibroota 10:38, 39 dubbisi.

19-20. 1 Seenaa 28:9 wajjin haala wal simuun gaaffiiwwan kamfaa of gaafachuu qabna? Of gaafachuu kan qabnu hoo maaliifi?

19 Akkuma Aasaa Mootichaa ‘Waaqayyoon barbaaddachuu’ qabna. (2 Sen. 14:4; 15:1, 2) Barbaacha kana Yihowaa beekuu fi cuuphamuudhaan jalqabna. Jaalala Yihowaadhaaf qabnu guddifachuuf carraa kamitti iyyuu ni fayyadamna. Gama kanaan maal gochaa akka jirru qoruuf akkas jennee of gaafachuu dandeenya: ‘Walgaʼii gumii irratti dhaabbataadhaan nan argamaa?’ Walgaʼii jaarmiyaan Yihowaa qopheesse irratti yommuu argamnu, nyaata hafuuraa nu haaromsuu fi jajjabina obbolootaa arganna. (Mat. 11:28) Kana malees akkas jennee of gaafachuu dandeenya: ‘Barsiifata qoʼannaa gaarii qabaa?’ Maatii kee wajjin kan jiraattu yoo taʼe, torban torbaniin waaqeffannaa maatiidhaaf yeroo ni ramadnaa? Yookiin kophaa kee jiraatta yoo taʼe, akkuma maatii kee wajjin jirtuutti waaqeffannaa maatiidhaaf yeroo ni ramaddaa? Kana malees, lallabuu fi hojii barattoota gochuu irratti hamma siif dandaʼame guutummaatti ni hirmaattaa?

20 Gaaffiiwwan akkasii of gaafachuu kan qabnu maaliifi? Kitaabni Qulqulluun Yihowaan yaada keenyaa fi wanta garaa keenya keessa jiru akka qoru dubbata; kanaafuu nutis akkasuma gochuu qabna. (1 Seenaa 28:9 dubbisi.) Galmawwan keenya, ilaalcha keenya ykn yaada keenya irratti jijjiirama tokko tokko gochuun akka nu irra jiru yoo hubanne, Yihowaan jijjiirama kana gochuuf akka nu gargaaru gaafachuu qabna. Yeroon kun yeroo rakkina fuulduratti nu mudatuuf itti of qopheessinu dha. Wanti kam iyyuu yeroo nagaa kana sirriitti akka itti hin fayyadamne akka isin dhowwu hin heyyaminaa!

FAARFANNAA 62 Faarfannaa isa Haaraa

^ key. 5 Biyya bilisummaadhaan Yihowaa waaqeffattu keessa jiraattaa? Taanaan, yeroo nagaa kana akkamitti fayyadamaa jirta? Mata dureen kun fakkeenya Aasaa Mootii Yihudaa fi Kiristiyaanota jaarraa jalqabaa akkamitti akka hordoftu hubachuuf si gargaara. Isaan yeroo jeequmsi hin jirretti yeroo isaanii ogummaadhaan fayyadamaniiru.

^ key. 3 IBSA JECHAA: Jechi “nagaa” jedhu waraanni dhabamuu caalaa wanta dabalatu qaba. Jechi kun afaan Ibrootaatiin fayyaa gaarii fi eegumsa argachuu yaada jedhus of keessaa qaba.

^ key. 57 IBSA FAKKII: Aasaa Mootichi akkoon isaa waaqeffannaa sobaa waan babalʼistuuf iddoo ulfinaa mootummaa isaa keessatti qabdu irraa ishii ariʼe. Deggertoonni Aasaa amanamoo taʼan qajeelfama isaa hordofuudhaan waaqolii tolfamoo balleessaniiru.

^ key. 59 IBSA FAKKII: Hiriyoonni gaaʼelaa hinaaffaa qaban bakka babalʼistoonni caalaatti barbaachisanitti tajaajiluuf jireenya isaanii salphaa godhaniiru.