Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

MATA DUREE QOʼANNAA 36

Dargaggoota Gumii Keessa Jiraniif Iddoo Guddaa Kennaa

Dargaggoota Gumii Keessa Jiraniif Iddoo Guddaa Kennaa

“Ulfinni dargaggootaa jabina isaanii ti.”—FAK. 20:29.

FAARFANNAA 88 Daandii Kee Na Barsiisi

QABIYYEE *

1. Yommuu dulloomaa deemnu galma akkamii baafachuu dandeenya?

YOMMUU dulloomaa deemnu Yihowaan akka yeroo dargaggummaa keenyaatti nutti hin fayyadamu jennee sodaanna taʼa. Akka yeroo dargaggummaa keenyaatti karaa qaamaa cimoo taʼuu baannus ogummaa fi muuxannoo argannetti fayyadamnee dargaggoonni jaarmiyaa Yihowaa keessatti tajaajiluuf gaʼumsa akka qabaatanii fi itti gaafatamummaa dabalataa fudhachuu akka dandaʼan gargaaruu dandeenya. Jaarsi gumii yeroo dheeraadhaaf tajaajile tokko, “Yommuun sababa dullumaatiin hamma kanaan duraa hojjechuu dadhabutti, dargaggoonni gaʼumsa qabanii fi hojicha hojjechuu dandaʼan jiraachuu isaaniitti baayʼeen gammada” jedheera.

2. Mata duree kana keessatti maal ilaalla?

2 Mata duree darbe irratti, dargaggoonni maanguddootatti dhihaachuudhaan faayidaa akkamii akka argatan mariʼannee turre. Mata duree kana keessatti immoo, maanguddoonni amalawwan kanneen akka gad of qabuu, humna ofii beekuu, galateeffachuu fi arjummaa jiran qabaachuun isaanii dargaggoota namoota gumicha keessa jiran hunda gargaaruu dandaʼan leenjisuuf kan isaan fayyadu akkamitti akka taʼe ilaalla.

GAD OF QABAA

3. Filiphisiyus 2:3, 4 akka jedhutti gad of qabuu jechuun maal jechuu dha? Kiristiyaanni tokko amala kana qabaachuun isaa kan isa fayyadu akkamitti?

3 Maanguddoonni dargaggoota gargaaruu yoo barbaadan gad of qabuun isaan barbaachisa. Namni gad of qabu warri kaan akka isa irra caalan yaada. (Filiphisiyus 2:3, 4 dubbisi.) Maanguddoonni gad of qaban wanti tokko dhugaa buʼuuraa Kitaaba Qulqulluu wajjin utuu walitti hin buʼin, karaa buʼa qabeessa taʼe garaa garaatiin hojjetamuu akka dandaʼu ni hubatu. Kanaafuu, wanti hundi karaadhuma isaan baraniin akka hojjetamu hin eegan. (Lal. 7:10) Muuxannoowwan gaggaarii dhaloota haaraadhaaf dabarsan hedduu qabaatanis, “doʼiin addunyaa kanaa jijjiiramaa” akka jiruu fi haala haaraa wajjin wal baruun akka isaan barbaachisu ni hubatu.—1 Qor. 7:31.

Maanguddoonni muuxannoo isaaniitti fayyadamanii warra kaan leenjisuudhaan arjummaa argisiisu (Keeyyata 4-5 ilaali) *

4. Obboloonni ilaaltota ol aanaa aanaa turan ilaalcha Leewwotaa wajjin wal fakkaatu akka qaban kan argisiisan akkamitti?

4 Maanguddoonni gad of qaban umuriin isaanii dabalaa yeroo deemu hamma kanaan duraa hojjechuu akka hin dandeenye ni hubatu. Mee ilaaltota ol aanaa aanaa akka fakkeenyaatti haa ilaallu. Ilaaltonni ol aanaa aanaa yeroo umuriin isaanii waggaa 70 guutu ramaddii kan biraatu isaaniif kennama. Kun ulfaataa taʼuu dandaʼa. Obboloota isaanii tajaajiluun isaan gammachiisa. Ramaddii isaanii baayʼee waan jaallataniif itti fufuu barbaadu. Haa taʼu malee, dargaggoonni hojicha utuu hojjetanii caalaatti gaarii akka taʼu ni hubatu. Kanaafuu, ilaalcha Leewwonni Israaʼel durii keessa turan qaban akka qaban argisiisu; Leewwonni kun umuriin isaanii waggaa 50 yeroo guutu tajaajila godoo qulqulluu keessatti raawwatan ni dhaabu. Gammachuun Leewwota kanaa mirga taʼe tokko qabaachuu irratti kan hundaaʼe miti. Dargaggoota gargaaruuf wanta isaaniif dandaʼame hunda gochuudhaan mirga qabanitti guutummaatti fayyadamuuf carraaqqii godhu. (Lak. 8:25, 26) Yeroo harʼaattis, obboloonni ilaaltota ol aanaa aanaa turan gumiiwwan hedduu tajaajiluu kan hin dandeenye taʼus, gumii ramadaman keessatti gargaarsa guddaa gochaa jiru.

5. Daanii fi Kaatii irraa maal baratte?

5 Mee fakkeenya Daan isa waggoota 23f ilaaltuu ol aanaa aanaa taʼee tajaajilee haa ilaallu. Daan yommuu umuriin isaa waggaa 70 guutu, innii fi haati manaa isaa Kaatiin qajeelchitoota addaa taʼanii akka tajaajilan ramadaman. Ramaddii isaanii isa haaraa ilaalchisee maaltu isaanitti dhagaʼama? Daan yeroo kam iyyuu caalaa hojiin akka isatti baayʼatu dubbateera! Itti gaafatamummaa gumii keessatti qabu ni raawwata, obboloonni tajaajiltoota gumii taʼuuf gaʼumsa akka qabaatan ni gargaara, akkasumas bakka namoonni baayʼatanii fi mana hidhaatti akka tajaajilan warra kaan ni leenjisa. Maanguddoonni, tajaajila yeroo guutuu keessa jiraattanis jiraachuu baattanis, warra kaan gargaaruuf wanta baayʼee gochuu dandeessu. Kana gochuu kan dandeessan akkamitti? Haala keessan isa haaraa wajjin wal baraa, galmawwan haaraa baafadhaa, akkasumas wanta gochuu hin dandeenye irratti utuu hin taʼin wanta gochuu dandeessan irratti xiyyeeffadhaa.

HUMNA KEESSAN BEEKAA

6. Humna ofii beekuun ogummaa kan taʼe maaliifi? Fakkeenya kenni.

6 Namni humna isaa beeku dadhabina isaas beeka. (Fak. 11:2) Namni humna isaa beeku wanta gochuu dandaʼu caalaa of irraa hin eegu. Kanaafuu, gammadaa taʼuu isaa fi jabaatee hojjechuu isaa itti fufa. Namni humna isaa beeku konkolaachisaa tabba baʼutti fakkeeffamuu dandaʼa. Konkolaachisaan kun tabba baʼuuf saffisa isaa hirʼisuun isa barbaachisa. Kana gochuun suuta deemuu isa gaafata; taʼus fuulduratti deemuu isaa itti fufeera. Haaluma wal fakkaatuun, namni humna isaa beekus saffisa isaa yoom hirʼisuu akka qabu beeka; kun immoo tajaajila Yihowaa keessatti dammaqaa fi buʼa qabeessa taʼee itti fufuuf isa gargaara.—Filp. 4:5.

7. Baarzilaay humna isaa akka beeku kan argisiise akkamitti?

7 Mee fakkeenya Baarzilaay isa yeroo umuriin isaa waggaa 80 turetti Daawit Mootichi masaraa mootummaa keessa akka isa waliin jiraatu isa affeeree haa ilaallu. Baarzilaay inni humna isaa beeku affeerraa mootichaa fudhachuu dideera. Haala umurii isaatiin kan kaʼe humni isaa akka daangeffame waan hubateef, Kimhaam inni dargaggeessa taʼe bakka isaa akka deemu yaada dhiheesseera. (2 Sam. 19:35-37) Maanguddoonni yeroo harʼaa jiranis akkuma Baarzilaay dargaggootaaf carraa tajaajilaa kennuun isaan gammachiisa.

Daawit Mootichi murtoo Waaqayyo ilmi isaa mana qulqullummaa akka ijaaru murteesse fudhateera (Keeyyata 8 ilaali)

8. Ijaarsa mana qulqullummaa wajjin haala wal qabateen Daawit Mootichi humna isaa akka beeku kan argisiise akkamitti?

8 Daawit Mootichis nama humna isaa beeku taʼuudhaan fakkeenya gaarii nuuf taʼa. Yihowaadhaaf mana ijaaruuf baayʼee hawwee ture. Haa taʼu malee, Yihowaan mirga kana Solomooniif akka kenne yeroo itti himu Daawit murtoo Yihowaa fudhateera, ijaarsa sanas garaa guutuudhaan deggereera. (1 Sen. 17:4; 22:5) Daawit Solomoon ‘ijoollee fi muuxannoo kan hin qabne’ waan taʼeef, ofuma isaatii utuu hojjetee gaarii akka taʼu hin yaanne. (1 Sen. 29:1) Daawit milkaaʼinni hojii kanaa kan hundaaʼe umurii ykn muuxannoo namoota geggeessanii irratti utuu hin taʼin, eebba Yihowaa irratti akka taʼe beeka ture. Maanguddoonni yeroo harʼaa jiranis fakkeenya Daawit hordofuudhaan, yeroo hojiin hojjetan jijjiiramutti illee jabaatanii hojjechuu isaanii itti fufu. Yihowaan dargaggoota hojii isaan kanaan dura hojjechaa turan hojjetan akka eebbisus ni amanu.

9. Miseensi Koree Waajjira Damee tokko humna isaa akka beeku kan argisiise akkamitti?

9 Bara keenyattis obboleessi keenya Shigeewoon humna ofii beekuu irratti fakkeenya guddaa nuuf taʼa. Bara 1976⁠tti umurii isaa waggaa 30⁠tti miseensa Koree Waajjira Damee taʼee akka tajaajilu muudamee ture. Bara 2004⁠tti immoo qindeessaa Koree Waajjira Damee taʼe. Yeroo booda garuu humni isaa dadhabaa waan deemeef, hojii isaa akka gaariitti hojjechuu akka hin dandeenye hubate. Itti gaafatamummaan kun obboleessa umuriidhaan isaa gad taʼeef utuu kennamee gaarii kan taʼu akkamitti akka taʼe kadhannaadhaan irratti yaade. Shigeewoon qindeessaa taʼuu baatus miseensota Koree Waajjira Damee kaanii wajjin tajaajiluu isaa itti fufeera. Fakkeenya Baarzilaay, Daawit Mootichaa fi Shigeewoo irraa akka ilaallutti, namni gad of qabuu fi humna isaa beeku dargaggoonni muuxannoo kan hin qabne taʼuu isaanii irratti utuu hin taʼin, jabina isaanii irratti xiyyeeffata. Akka morkattoota isaatti utuu hin taʼin, akka namoota isaa wajjin hojjetanitti isaan ilaala.—Fak. 20:29.

KAN GALATEEFFATTAN TAʼAA

10. Maanguddoonni dargaggoota gumii keessa jiraniif ilaalcha akkamii qabaachuu qabu?

10 Maanguddoonni dargaggoonni kennaa Yihowaa akka taʼan waan beekaniif kennaa kanaaf ni galateeffatu. Maanguddoonni humni isaanii dadhabaa yommuu deemu dargaggoonni cimina qaban bakka isaanii buʼuudhaan gumicha tajaajiluuf yommuu of dhiheessan arguun baayʼee isaan gammachiisa.

11. Ruut 4:13-16 gargaarsa dargaggootaa fudhachuun eebba akka argamsiisu kan ibsu akkamitti?

11 Maanguddoon Naaʼomii jedhamtuu fi Kitaaba Qulqulluu keessatti ibsamte dargaggoota irraa gammachuudhaan gargaarsa fudhachuu irratti fakkeenya gaarii nuuf taati. Jalqaba Naaʼomiin haadha manaa ilma ishii kan taate Ruut gara saba ishiitti akka deebitu gochuuf yaaltee turte. Haa taʼu malee, Ruut yaada ishii fudhachuu diduudhaan gara Beeteliheem ishii waliin deemte; Naaʼomiinis kanatti gammaduudhaan gargaarsa Ruut fudhatteetti. (Rut. 1:7, 8, 18) Kun lamaan isaaniif iyyuu eebba guddaa argamsiiseera! (Ruut 4:13-16 dubbisi.) Maanguddoonni gad of qaban fakkeenya Naaʼomii hordofu.

12. Phaawulos ergamaan galateeffannaa isaa kan ibse akkamitti?

12 Phaawulos ergamaan gargaarsa argateef galateeffateera. Fakkeenyaaf, Kiristiyaanonni Filiphisiyus kennaa waan isaaf erganiif isaan galateeffateera. (Filp. 4:16) Gargaarsa Ximotewos isaaf godheefis galateeffateera. (Filp. 2:19-22) Akkasumas, yeroo hidhamee gara Roomaa geeffamaa turetti obboloonni waan isa jajjabeessaniif Waaqayyoon galateeffateera. (HoE. 28:15) Phaawulos nama cimaa lallabuu fi obboloota jajjabeessuuf kiiloo meetira kumaan lakkaaʼamu deeme dha. Taʼus, obbolootaa fi obboleettota isaa irraa gargaarsa fudhachuun isatti hin ulfaanne.

13. Maanguddoonni dargaggoonni gumii keessa jiraachuu isaaniitti akka galateeffatan argisiisuu kan dandaʼan akkamitti?

13 Isin maanguddoonni, dargaggoota gumii keessan keessa jiran akka galateeffattan karaa garaa garaatiin argisiisuu dandeessu. Gama geejjibaatiin, gabaa isiniif dhaquudhaan ykn karaa kan biraatiin isin gargaaruu yoo barbaadan gargaarsa isaanii fudhadhaa. Gargaarsa akkasii karaa Yihowaan jaalala isaa itti argisiisu keessaa tokko akka taʼetti ilaalaa. Kun immoo namoota isin gargaaranii wajjin michummaa cimaa uumuuf isin gargaara. Yeroo hundumaa dargaggoonni michoota keessan taʼan karaa hafuuraa guddina akka godhan gargaaraa; dargaggoonni caalaatti gumii keessatti yommuu tajaajilan arguu keessanitti hammam akka gammaddan isaanitti himaa. Muuxannoo keessan isaanitti himuudhaan isaanii wajjin yeroo dabarsaa. Akkas gochuudhaan, Yihowaan dargaggoota gara gumiitti waan harkiseef “kan galateeffattan taʼuu keessan [argisiistu].”—Qol. 3:15; Yoh. 6:44; 1 Tas. 5:18.

ARJAA TAʼAA

14. Daawit Mootichi arjummaa kan argisiise akkamitti?

14 Fakkeenya Daawit Mootichaa irraa amala barbaachisaa maanguddoonni argisiisuu qaban kan biraas ni baranna; innis arjummaa dha. Daawit ijaarsa mana qulqullummaatiif qabeenya isaa hedduu buusii godheera. (1 Sen. 22:11-16; 29:3, 4) Kana kan godhe manni qulqullummaan sun mana qulqullummaa Solomoon jedhamee akka waamamu utuma beekuu ti. Ijaarsawwan tiʼookraasii irratti hirmaachuuf humni keenya kan nuuf hin heyyamne yoo taʼe, hamma dandeenyu buusii gochuudhaan ijaarsicha deggeruu ni dandeenya. Muuxannoo waggoota hedduudhaaf walitti qabanne dargaggootatti himuudhaanis isaan gargaaruu dandeenya.

15. Phaawulos ergamaan Ximotewosiif kennaa akkamii kenneera?

15 Phaawulos ergamaan arjummaa argisiisuudhaan fakkeenya akkamii akka nuuf taʼu haa ilaallu. Phaawulos hojii misiyoonummaa irratti akka isaa wajjin hojjetuuf Ximotewosiin affeereera; akkasumas malawwan lallabaa fi barsiisuu isatti himuudhaan arjummaa argisiiseera. (HoE. 16:1-3) Leenjiin Ximotewos Phaawulos irraa argate misiraachicha babalʼisuuf isa gargaareera. (1 Qor. 4:17) Ximotewosis warra kaan leenjisuuf mala Phaawulos isatti argisiisetti fayyadameera.

16. Shigeewoon warra kaan kan leenjise maaliifi?

16 Maanguddoonni yeroo harʼaa jiranis hojii kanaan dura hojjechaa turan dargaggoonni akka hojjetan yoo leenjisan, sana booda buʼaa buusan akka hin qabne isaanitti hin dhagaʼamu. Fakkeenyaaf, Shigeewoon inni olitti ibsame miseensota Koree Waajjira Damee umuriidhaan isaa gad taʼaniif leenjii kennaa tureera. Kanas kan godhe, hojii Mootummichaa biyya ramadame keessatti hojjetamaa jiru deggeruuf jedhee ti. Kanaan kan kaʼes, obboleessi akka gaariitti leenjiʼe bakka isaa buʼee qindeessaa Koree Waajjira Damee taʼuu dandaʼeera. Shigeewoon muuxannoo waggoota 45f miseensa Koree Waajjira Damee taʼuudhaan argate dargaggoota leenjisuuf itti fayyadamaa jira. Maanguddoonni akkasii saba Yihowaatiif eebba guddaa taʼaa jiru!

17. Maanguddoonni warra kaaniif maal kennuu dandaʼu? (Luqaas 6:38)

17 Isin obboloonnii fi obboleettonni maanguddoo taatan, amantii fi amanamummaadhaan Yihowaa tajaajiluun jireenya hunda irra wayyu taʼuu isaa argisiistaniittu. Dhugaawwan buʼuuraa Kitaaba Qulqulluu barachuu fi jireenya keenya keessatti hojii irra oolchuun faayidaa guddaa akka qabu jireenya keessaniin argisiistaniittu. Kana dura wanti tokko kan raawwatamu akkamitti akka taʼe muuxannoo keessan irraa beektu; taʼus haalawwan jijjiiramanii wajjin wal baruun akka isin barbaachisu ni hubattu. Maanguddoonni dhiheenyatti cuuphamtanis wanta kennitan hedduu qabdu; dulluma keessa Yihowaa beekuun jireenya keessan gammachiisaa kan godhe akkamitti akka taʼe warra kaanitti himuu dandeessu. Dargaggoonni muuxannoo keessanii fi barumsa argattan dhagaʼuu barbaadu. Muuxannoo keessanitti fayyadamtanii warra kaan leenjisuudhaan ‘kennaa yoo kennitan’ Yihowaan baayʼee isin eebbisa.—Luqaas 6:38 dubbisi.

18. Maanguddoonnii fi dargaggoonni wal gargaaruu kan dandaʼan akkamitti?

18 Isin maanguddoonni dargaggootatti yoo dhihaattan wal deggeruu dandeessu. (Rom. 1:12) Isin wanta dargaggoonni hin qabne qabdu, dargaggoonni immoo wanta isin hin qabne qabu. Maanguddoonni ogummaa fi muuxannoo umuriidhaan argatan qabu. Dargaggoonni immoo, humnaa fi cimina qabu. Dargaggoonnii fi maanguddoonni akka michuutti yommuu wajjin hojjetan, Abbaa keenya isa samii isa jaalala qabeessa taʼeef ulfina argamsiisu, obboloota gumii keessa jiran hundumaafis eebba taʼu.

FAARFANNAA 90 Wal Jajjabeessaa

^ key. 5 Gumiiwwan keenya dargaggoota jaarmiyaa Yihowaa deggeruuf carraaqqii godhaniin kan guutamani dha. Maanguddoonni gumii keessa jiran aadaa fi akkaataan guddinaa isaanii maal iyyuu yoo taʼe, dargaggoonni jabina isaaniitti guutummaatti fayyadamanii Yihowaa akka tajaajilan gargaaruu ni dandaʼu.

^ key. 55 IBSA FAKKII: Ilaaltuun ol aanaa aanaa tokko waggaa 70 yeroo guutetti, haadha manaa isaa wajjin ramaddiin haaraan isaaniif kenname. Yeroo ammaatti muuxannoo waggoota hedduudhaaf walitti qabatanitti fayyadamanii obboloota gumii itti ramadaman keessa jiran leenjisaa jiru.