Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

MATA DUREE QOʼANNAA 39

Maqaan Kee “Kitaaba Jireenyaa” Keessatti ni Argamaa?

Maqaan Kee “Kitaaba Jireenyaa” Keessatti ni Argamaa?

‘Warra Yihowaa sodaataniif kitaabni yaadannoo isa duratti ni barreeffame.’—MIL. 3:16.

FAARFANNAA 61 Cimaa, Isin Dhugaa Baatonni!

QABIYYEE *

Yihowaan bara Abeelii kaasee maqaa namootaa “kitaaba jireenyaa” keessatti barreessaa jira (Keeyyata 1-2 ilaali)

1. Akka Miilkiyaas 3:16 jedhuutti, Yihowaan kitaaba akkamii barreessaa jira? Kitaabni kun hoo maal qabateera?

 YIHOWAAN waggoota kumaan lakkaaʼamaniif kitaaba adda taʼe tokko barreessaa tureera. Kitaabni kun Abeel isa dhugaa baatuu amanamaa taʼee irraa jalqabee maqaa namoota garaa garaa kan qabatee dha. * (Luq. 11:50, 51) Yihowaan yeroo sanaa kaasee kitaaba kana keessatti maqaawwan dabalataa barreesseera; kitaabni kun yeroo harʼaatti maqaawwan miliyoonaan lakkaaʼaman qabateera. Kitaaba Qulqulluu keessatti kitaabni kun ‘kitaaba yaadannoo,’ “kitaaba jireenyaa” fi “maraa kitaaba jireenyaa” jedhameera. Mata duree kana keessatti “kitaaba jireenyaa” isa jedhutti fayyadamna.—Miilkiyaas 3:16 dubbisi; Mul. 3:5; 17:8.

2. Warri maqaan isaanii kitaaba jireenyaa keessatti barreeffamu eenyufaʼi? Maqaan keenya kitaabicha keessatti akka barreeffamuuf maal gochuu qabna?

2 Kitaabni adda taʼe kun maqaa namoota sodaa guddaadhaan Yihowaa waaqeffatanii fi maqaa isaatiif ulfina kennanii hunda kan qabatedha. Namoonni kun jireenya bara baraa argachuuf carraa qabu. Yeroo harʼaa aarsaa furii Yesuus Kiristoosirratti hundoofnee Yihowaa wajjin hariiroo cimaa yoo qabaanne maqaan keenya kitaabicharratti ni barreeffama. (Yoh. 3:16, 36) Abdiin keenya samiirra jiraachuus taʼe lafarra jiraachuu, hundumti keenyayyuu maqaan keenya kitaaba sana keessatti akka argamu barbaanna.

3-4. (a) Maqaan keenya kitaaba jireenyaa keessatti yeroo ammaatti barreeffameera taanaan, jireenya bara baraa ni argannaa? Ibsi. (b) Mata duree kanaa fi isa itti aanu keessatti waaʼee maalii mariʼanna?

3 Kana jechuun namoonni maqaan isaanii kitaaba kana keessatti barreeffame hundi jireenya bara baraa argatu jechuudhaa? Deebii isaa yaada Yihowaan Museetti himee fi Baʼuu 32:33 irratti ibsame irraa arganna. Yihowaan akkas jedheera: “Nama ana irratti cubbuu hojjete kam iyyuu kitaaba koo irraa nan haqa.” Kanaafuu, maqaan kitaaba sana keessatti argamu haqamuu dandaʼa jechuudha. Haalli isaa akkuma waan Yihowaan jalqabarratti maqaa sana irsaasiidhaan barreesseeti. (Mul. 3:5) Maqaan keenya dhaabbataadhaan qalamaan hamma barreeffamutti kitaaba sana keessatti kan argamu taʼuu isaa mirkaneeffachuu qabna.

4 Tarii yaadni kun gaaffii tokko tokko nutti uumuu dandaʼa. Fakkeenyaaf, Kitaabni Qulqulluun waaʼee namoota maqaan isaanii kitaaba jireenyaa keessatti barreeffamee fi waaʼee namoota maqaan isaanii hin barreeffamnee maal jedha? Namoonni maqaan isaanii kitaaba sana keessatti argamu jireenya bara baraa kan argatan yoomi? Namoonni waaʼee Yihowaa barachuuf carraa utuu hin argatin duʼan hoo abdii akkamii qabu? Maqaan isaanii kitaaba sana keessatti galmeeffamuu ni dandaʼaa? Deebii gaaffilee kanaa mata duree kanaa fi isa itti aanu keessatti arganna.

NAMOONNI MAQAAN ISAANII KITAABA JIREENYAA KEESSATTI BARREEFFAME EENYUFAʼI?

5-6. (a) Akka Filiphisiyus 4:3 irratti ibsametti gareen namootaa maqaan isaanii kitaaba jireenyaa keessatti barreeffame tokko isa kami? (b) Maqaan isaanii dhaabbataadhaan kitaaba jireenyaa keessatti kan barreeffamu hoo yoomi?

5 Namoonni maqaan isaanii kitaaba kana keessatti barreeffame eenyufaʼi? Gaaffii kanaaf deebii argachuuf gareewwan namootaa shan ilaalla. Gareewwan kana keessaa tokko tokko namoota maqaan isaanii kitaaba jireenyaa keessatti barreeffame kan qabatanidha; namoonni gareewwan kaan keessa jiran garuu maqaan isaanii kitaabicha keessatti hin barreeffamne.

6 Garee isa jalqabaa keessatti kan hammataman namoota samii keessatti Yesuus wajjin akka bulchan filatamanidha. Maqaan isaanii yeroo ammaatti kitaaba jireenyaa keessatti barreeffameeraa? Eeyyee. Akka yaada Phaawulos ergamaan Kiristiyaanota Filiphisiyus warra ‘isaa wajjin hojjetaniif’ barreesse argisiisutti maqaan dibamtoota Yesuus wajjin akka bulchaniif affeeramanii yeroo ammaatti kitaaba jireenyaa keessatti barreeffameera. (Filiphisiyus 4:3 dubbisi.) Haa taʼu malee, maqaan isaanii akkuma barreeffamee jirutti akka itti fufuuf amanamoo taʼuu qabu. Duʼuu isaanii dura ykn rakkinni guddaan jalqabuu isaa dura chaappaa isaanii isa dhumaa yeroo fudhatan maqaan isaanii kitaaba kana keessatti dhaabbataadhaan barreeffama.—Mul. 7:3.

7. Yeroo itti tuutni uummataa guddaan hoolota kan biroo taʼan maqaan isaanii dhaabbataadhaan kitaaba jireenyaa keessatti itti barreeffamu ilaalchisee Mulʼata 7:16, 17 irraa maal baranna?

7 Gareen inni lammaffaan tuuta uummataa guddaa hoolota kan biroo taʼan kan of keessatti qabatedha. Warri kun maqaan isaanii yeroo ammaatti kitaaba jireenyaa keessatti barreeffameeraa? Eeyyee. Waraana Armaagedoon irraa erga oolanii boodas maqaan isaanii kitaaba jireenyaa keessatti akkuma barreeffametti itti fufaa? Eeyyee. (Mul. 7:14) Yesuus warri hoolotatti fakkeeffaman kun “gara jireenya bara baraatti” akka deeman dubbateera. (Mat. 25:46) Haa taʼu malee, warri waraana Armaagedoon irraa oolan jireenya bara baraa kan argatan yeruma sana miti. Maqaan isaanii kitaaba jireenyaa keessatti akkuma irsaasiidhaan barreeffametti itti fufa. Yeroo Bulchiinsa Barkumeetti Yesuus “isaan ni tiksa; gara burqaa bishaan jireenyaattis isaan ni geessa.” Warri qajeelfama Yesuusiif ajajamanii fi Yihowaadhaaf amanamoo akka taʼanitti isaaniif murteeffame maqaan isaanii kitaaba jireenyaa keessatti dhaabbataadhaan barreeffama.—Mulʼata 7:16, 17 dubbisi.

8. Namoonni maqaan isaanii kitaaba jireenyaa keessatti hin barreeffamne eenyufaʼi? Wanti isaan eegatu hoo maalidha?

8 Gareen inni sadaffaan reʼoota waraana Armaagedoonirratti balleeffaman kan of keessatti qabate dha. Namoonni kun maqaan isaanii kitaaba jireenyaa keessatti hin argamu. Yesuus warri kun “gara badiisa bara baraatti” akka deeman dubbateera. (Mat. 25:46) Phaawulos hafuura qulqulluudhaan geggeeffamee namoonni kun ‘badiisa bara baraatiin akka adabaman’ dubbateera. (2 Tas. 1:9; 2 Phe. 2:9) Namoonni taʼe jedhanii hamma dhumaatti hafuura qulqulluurratti cubbuu hojjetanis kanumatu isaan eeggata. Isaanis jireenya bara baraa utuu hin taʼin badiisa bara baraatu isaan eeggata. Kanaafuu, namoonni kun duʼaa akka hin kaafamne ifadha. (Mat. 12:32; Mar. 3:28, 29; Ibr. 6:4-6) Ammammoo waaʼee garee namoota lafarratti duʼaa kaafaman lamaanii gadi fageenyaan haa ilaallu.

WARRA DUʼAA KAAFAMAN

9. Hojii Ergamootaa 24:15 akka argisiisutti, gareewwan namootaa lamaan lafarratti duʼaa kaafaman kamfaʼi? Garaagarummaan gareewwan lamaan kana gidduu jiru hoo maalidha?

9 Kitaabni Qulqulluun waaʼee garee namoota abdii lafarra bara baraaf jiraachuu qabaatanii duʼaa kaafaman lamaas ni dubbata; isaanis, ‘qajeelotaa’ fi ‘jalʼoota’ dha. (Hojii Ergamootaa 24:15 dubbisi.) ‘Qajeelota’ kan jedhaman warra yeroo lubbuudhaan jiranitti amanamummaadhaan Yihowaa tajaajilani dha. Warri ‘jalʼoota’ jedhaman garuu amanamummaadhaan Yihowaa hin tajaajille. Gochi isaan raawwatan qajeelummaa kan hin argisiisnedha. Haa taʼu malee, gareen namootaa lamaanuu waan duʼaa kaafamaniif, maqaan isaanii kitaaba jireenyaa keessatti barreeffameera jechuu ni dandeenyaa? Gaaffii kanaaf deebii argachuuf gareewwan lamaan kana tokko tokkon haa ilaallu.

10. “Qajeelonni” duʼaa kan kaafaman maaliifi? Isaan keessaa tokko tokko mirga akkamii argatu? (“Gaaffii Dubbistootaa” maxxansa kana keessatti argamuu fi waaʼee duʼaa kaʼuu lafarratti raawwatamuu dubbatus ilaali.)

10 Gareen arfaffaan ‘qajeelota’ dha. Namoonni kun duʼuu isaanii dura maqaan isaanii kitaaba jireenyaa keessatti barreeffameera. Maarree, yeroo duʼanitti maqaan isaanii kitaaba sana keessaa ni haqamaa? Lakki. Sababiin isaas, isaan ammayyuu yaadannoo Yihowaa keessatti “jiraatoo” dha. “Hundi isaanii isaaf jiraatoo waan taʼaniif, inni Waaqa warra jiraatoo ti malee, Waaqa warra duʼanii miti.” (Luq. 20:38) Kana jechuun qajeelonni yommuu lafarratti duʼaa kaafaman maqaan isaanii kitaaba jireenyaa keessatti ni argama jechuu dha. Taʼus, jalqabarratti maqaan isaanii kan barreeffame “irsaasiidhaani.” (Luq. 14:14) Warra duʼaa kaafaman kana keessaa tokko tokko “guutummaa lafaa irratti bulchitoota” taʼanii tajaajiluuf mirga akka argatan hin shakkisiisu.—Far. 45:16

11. “Jalʼoonni” maqaan isaanii kitaaba jireenyaa keessatti akka barreeffamuuf waaʼee maalii barachuutu isaan barbaachisa?

11 Dhuma irrattimmoo, garee isa shanaffaa jechuunis ‘jalʼoota’ haa ilaallu. Namoonni kun duʼuu isaanii dura tarii ulaagaalee Yihowaa waan hin beekneef taʼuu dandaʼa, jireenya qajeelummaa hin jiraanne. Kanaafuu, maqaan isaanii kitaaba jireenyaa keessatti hin barreeffamne. Haa taʼu malee, Waaqayyo duʼaa isaan kaasuudhaan maqaan isaanii kitaaba jireenyaa keessatti akka barreeffamuuf carraa isaaniif bana. Namoonni ‘jalʼoota’ taʼan kun gargaarsi hedduun isaan barbaachisa. Namoota kana keessaa tokko tokko duʼuu isaanii dura gocha suukanneessaa raawwachaa turan. Kanaafuu, ulaagaalee qajeelinaa Yihowaatiin akkamitti jiraachuu akka qaban barachuu qabu. Mootummaan Waaqayyoo kana galmaan gaʼuuf sagantaa barumsaa seenaa ilmaan namootaa keessatti raawwatamee hin beekne geggeessa.

12. (a) Jalʼoota kan barsiisu eenyu faʼi? (b) Warra Wanta baratan hojiirra oolchuu didanirra maaltu gaʼa?

12 Jalʼoota kan barsiisu eenyufaʼi? Tuuta uummataa guddaa fi qajeeloota duʼaa kaafamanidha. Jalʼoonni maqaan isaanii kitaaba jireenyaa keessatti akka barreeffamuuf Yihowaa wajjin michummaa uumuu fi isaaf of murteessuun isaan barbaachisa. Yesuus Kiristoosii fi dibamtoonni, warri jalʼoota jedhaman wanta barataniif deebii akkamii akka kennan samii keessaa xiyyeeffannaadhaan hordofu. (Mul. 20:4) Namni gargaarsa isaaf godhamuuf deebii gaarii hin kennine kamiyyuu umuriin isaa waggaa 100 yoo taʼe illee ni balleeffama. (Isa. 65:20) Yihowaa fi Yesuus garaa namaa dubbisuu waan dandaʼaniif, addunyaa haaraa keessatti eenyuyyuu rakkina akka uumu isaaf hin heyyaman.—Isa. 11:9; 60:18; 65:25; Yoh. 2:25.

DUʼAA KAʼUU JIREENYAA FI DUʼAA KAʼUU MURTII

13-14. (a) Wanta Yesuus Yohaannis 5:29 irratti dubbate kanaan dura akkamitti hubanna turre? (b) Wanta Yesuus dubbate kana ilaalchisee maal hubachuu qabna?

13 Yesuus waaʼee namoota lafarra jiraachuuf duʼaa kaafamaniis dubbateera. Fakkeenyaaf, Yesuus akkana jedheera: “Saʼaatiin warri awwaala yaadannoo keessa jiran hundi sagalee isaa itti dhagaʼan ni dhufa; warri wanta gaarii hojjetan duʼaa kaʼuu jireenyaatiif, warri wanta hamaa hojjetan immoo duʼaa kaʼuu murtiitiif awwaala keessaa ni baʼu.” (Yoh. 5:28, 29) Yesuus maal jechuu isaati?

14 Kanaan dura wanta Yesuus dubbate kana gocha namoonni duʼaa kaafaman erga duʼaa kaafamanii booda raawwatan akka argisiisutti hubanna turre; kana jechuun namoonni duʼaa kaafaman tokko tokko wanta sirrii raawwatu, warri duʼaa kaafaman kaanimmoo wanta dogoggoraa raawwatu jechuudha. Haa taʼu malee, Yesuus warri awwaala yaadannoo keessaa baʼan wanta gaarii ykn wanta hamaa ni hojjetu akka hin jenne hubadhu; Yesuus asirratti jecha darbaa argisiisutti fayyadame. Yesuus kan dubbate waaʼee ‘warra wanta gaarii hojjetanii’ fi waaʼee ‘warra wanta hamaa hojjetaniiti.’ Kunis duʼuu isaanii dura wanta raawwatan argisiisa. Kun yaada amansiisaadha mitii? Sababiin isaas, addunyaa haaraa keessatti eenyuyyuu hammina akka raawwatu isaaf hin heyyamamu. Kanaafuu, jalʼoonni gocha hamminaa kan raawwatan duʼuu isaanii dura taʼuu qaba. Maarree, wanta Yesuus “duʼaa kaʼuu jireenyaa” fi “duʼaa kaʼuu murtii” ilaalchisee dubbate akkamitti hubachuu qabna?

15. “Duʼaa kaʼuu jireenyaa” kan argatan eenyufaʼi? Maaliif?

15 Qajeelonni duʼuu isaanii dura wanta gaarii hojjetan maqaan isaanii kitaaba jireenyaa keessatti waan argamuuf “duʼaa kaʼuu jireenyaa” argatu. Kana jechuun duʼaa kaʼuun ‘warra wanta gaarii hojjetanii’ fi Yohaannis 5:29 irratti ibsame duʼaa kaʼuu ‘qajeelotaa’ Hojii Ergamootaa 24:15 irratti ibsame wajjin tokko dha. Hubannaan kun yaada Roomaa 6:7 irratti argamuu fi “Namni duʼe cubbuu isaa irraa bilisa baʼeera” jedhu wajjin wal sima. Cubbuun qajeelonni kun raawwatan yeroo duʼanitti isaaniif haqameera. Gochi amanamummaa isaan raawwatan garuu yaadatamuu isaa itti fufa. (Ibr. 6:10) Haa taʼu malee, qajeelonni duʼaa kaafaman kun maqaan isaanii kitaaba jireenyaa keessaa akka hin balleeffamneef amanamoo taʼanii itti fufuu qabu.

16. ‘Duʼaa kaʼuun murtii’ maal argisiisa?

16 Warri duʼuu isaanii dura wanta hamaa hojjetan hoo? Namoonni kun yeroo duʼanitti cubbuun isaanii kan isaaniif haqame taʼus, gocha amanamoo taʼuu isaanii argisiisu hin raawwanne. Kanaafuu, maqaan isaanii kitaaba jireenyaa keessatti hin barreeffamne. Kanarraa hubachuun akka dandaʼamutti, duʼaa kaʼuun warra ‘wanta hamaa hojjetanii’ duʼaa kaʼuu ‘jalʼootaa’ Hojii Ergamootaa 24:15 irratti caqasame wajjin tokkodha. Duʼaa kaʼuun isaanii “duʼaa kaʼuu murtiiti.” * Kana jechuun Yesuus gocha jalʼootaa ni qora jechuu dha. (Luq. 22:30) Maqaan isaanii kitaaba jireenyaa keessatti barreeffamuun kan isaaniif malu taʼuuf dhiisuu isaa murteessuuf yeroo fudhata. Jalʼoonni kun maqaan isaanii kitaaba jireenyaa keessatti kan barreeffamu hammina kanaan dura raawwachaa turan yoo dhiisanii fi Yihowaadhaaf yoo of murteessan qofadha.

17-18. Warri lafarra jiraachuuf duʼaa kaafaman maal gochuu qabu? Yaadni Mulʼata 20:12, 13 irratti “hojii” jedhame maal argisiisa?

17 Qajeelotas taʼan jalʼoota namoonni duʼaa kaafaman seerawwan maraawwan kitaabaa waggaa 1000 keessatti banaman keessatti argamaniif ajajamuu qabu. Yohaannis ergamaan wanta mulʼataan arge yommuu ibsu akkana jedheera: “Warri duʼan, warri xixinnaanii fi warri guguddaan teessoo sana dura dhaabbatanii nan arge; maraawwan kitaabaas ni banaman. Taʼus, maraan kitaabaa kan biraan ni baname, innis kitaaba jireenyaa ti. Warri duʼanis akkuma maraa kitaabaa sana keessatti barreeffametti akka hojii hojii isaaniitti murtiin isaaniif kenname.”—Mul. 20:12, 13.

18 Warri duʼaa kaafaman murtiin kan isaaniif kennamu “hojii” isaanii isa kamirratti hundaaʼuudhaani? Hojii duʼuu isaanii dura hojjetanirratti hundaaʼuudhaanii? Lakki. Yommuu duʼanitti cubbuun isaanii inni duraanii akka isaaniif haqamu yaadadhu. Kanaafuu, “hojii” kan jedhame wanta duʼuu isaanii dura hojjetan kan argisiisu taʼuu hin dandaʼu. Kanaa mannaa, deebii leenjii addunyaa haaraa keessatti isaaniif kennamuuf kennan argisiisa. Namoonni amanamoon kanneen akka Noh, Saamuʼel, Daawitii fi Daaniʼel illee waaʼee Yesuus Kiristoos barachuu fi aarsaa isaarratti amantii akka qaban argisiisuu qabu. Jalʼoonni immoo kana caalaa wanta hedduu barachuu akka qaban ifadha.

19. Warra carraa addaa kana fudhachuu didanirra maaltu gaʼa?

19 Warra carraa addaa kana fudhachuu didanirra maaltu gaʼa? Mulʼanni 20:15, “Kitaaba jireenyaa keessatti barreeffamee kan hin argamne hundi haroo ibiddaa sana keessatti darbatame” jedha. Eeyyee, badiisa bara baraatu isaanirra gaʼa. Kanaafuu, maqaan keenya kitaaba jireenyaa keessatti barreeffamuu isaa fi akkuma barreeffamee jirutti itti fufuu isaa mirkaneeffachuun keenya baayʼee barbaachisaa dha.

Obboleessi tokko sagantaa barumsaa isa guddaa yeroo Barkumeetti kennamurratti hirmaachaa jira (Keeyyata 20 ilaali)

20. Yeroo Bulchiinsa Barkumeetti hojii gammachiisaa akkamiitu jiraata? (Fakkii qola isaa irra jiru ilaali.)

20 Bulchiinsi Barkumee yeroo addaa baayʼee gammachiisaa taʼe akka taʼu ifadha. Yeroo sanatti sagantaan barumsaa lafa kanarratti taʼee hin beekne ni geggeeffama. Haa taʼu malee, yeroon kun yeroo gochi qajeelotaa fi jalʼootaa itti gamaaggamamus ni taʼa. (Isa. 26:9; HoE. 17:31) Sagantaan barumsaa kun kan raawwatamu akkamitti? Mata dureen itti aanu qophii addaa kana hubachuu fi dinqisiifachuuf nu gargaara.

FAARFANNAA 147 Bara Baraaf Jiraachuuf Abdii Qabna

^ Mata dureen kun yaada Yesuus, Yohaannis 5:28, 29 irratti waaʼee “duʼaa kaʼuu jireenyaa” fi “duʼaa kaʼuu murtii” dubbate ilaalchisee hubannoo qabnu kan sirreessudha. Duʼaa kaʼuun kun lamaan maal akka argisiisuu fi eenyuunfaa akka dabalatu baranna.

^ Kitaabni kun barreeffamuu kan jalqabe “yeroo addunyaan hundeeffamee” kaaseeti. Addunyaan asirratti ibsame ilmaan namootaa furicha irraa fayyadamuu dandaʼan argisiisa. (Mat. 25:34; Mul. 17:8) Kanaafuu, Abeel nama kitaaba jireenyaa keessatti barreeffame isa jalqabaati jechuudha.

^ Kanaan dura jechi “murtii” jedhu murtii namoota hammina raawwatanirratti dabarfamu akka argisiisutti yaanna turre. Jechi “murtii” jedhu hiika kanas qabaachuu akka dandaʼu beekamaadha. Haa taʼu malee, Yesuus galumsa kana keessatti jecha “murtii” jedhu kan fayyadame, nama tokko gamaaggamuuf ykn qoruuf of eeggannoodhaan ilaaluu argisiisuufi. Yookiin akka hiikni jechootaa Kitaaba Qulqulluu Afaan Giriikii tokko ibsetti gocha nama tokkoo qoruu argisiisa.