SEENAA JIREENYAA
Waaʼee Yihowaa Barachuu fi Barsiisuun Na Gammachiisa
KANAN guddadhe Istan, Peensalvaaniyaa, Yuunaayitid Isteetis keessattidha. Ijoollummaa kootti yunivarsiitii galuu fi sadarkaa guddaarra gaʼuurratti xiyyeeffadheen ture. Barumsa baayʼeen jaalladha; gosa barnoota herregaa fi saayinsiirratti dandeettii qaban ture. Bara 1956tti barattoota gurraacha keessaa qabxii ol aanaa waanan galmeessiseef dhaabbanni mirga namoomaa tokko doolaara 25 na badhaasee ture. Booda garuu galmi koo ni jijjiirame. Maaliif?
WAAʼEE YIHOWAAN BARADHE
Jalqaba waggoota 1940niitti warri koo Dhugaa Baatota Yihowaa wajjin Kitaaba Qulqulluu qoʼachuu eegalanii turan. Haa taʼu malee, qoʼannaa isaanii itti hin fufne. Haati koo garuu barruulee Masaraa Eegumsaa fi Dammaqaa! fudhachuu ishii itti fuftee turte. Bara 1950tti walgaʼiin idil addunyaa Niiwu Yoorki Siitiitti godhamee ture. Maatiin koos affeerraa isaaniif dhihaate fudhatanii walgaʼicharratti argamanii turan.
Sana booda utuma baayʼee hin turin Obboleessi Loorees Jefriin dhufee nu gaafachuu jalqabe. Dhugaa akkan baradhu na gargaaruuf yaalii gochaa ture. Jalqabarratti Dhugaa Baatonni Yihowaa siyaasa keessa galuu fi raayyaa waraanaa keessatti tajaajiluu qabu jedheen yaada ture. Kanaafuu, ‘Ameerikaa keessatti namni hundi waraanarratti hirmaachuu yoo dide diinonni dhufanii biyya keenya weeraru’ jedheen isa falme. Obboleessi Jefriin dhimmicharratti akkan yaadu obsaan na gargaare. Akkana jedhee na gaafate: “Namoonni Ameerikaa keessa jiran hundi kan isa tajaajilan yoo taʼee fi diinonni isaan haleeluuf yoo dhufan Yihowaan maal waan godhu sitti fakkaata?” Yaanni inni kanaa fi dhimmoota kan biroorratti kenne yaaddoon koo buʼuura akka hin qabne hubachuuf na gargaareera. Kunis Kitaaba Qulqulluu qoʼachuuf fedhii akkan qabaadhu godhe.
Barruulee Masaraa Eegumsaa fi Dammaqaa! durii haati koo keesse dubbisuudhaan saʼaatii dheeraan dabarsa ture. Yeroo boodas, wantin barachaa jiru dhugaa akka taʼe nan hubadhe; kanaafuu, affeerraa Obboleessi Jefriin Kitaaba Qulqulluu akkan qoʼadhu naaf dhiheesse nan fudhadhe. Akkasumas yeroo hunda walgaʼiirratti argamuun jalqabe. Wantan baradhe waanan jaalladheef, babalʼisaa misiraachichaan taʼe. “Guyyaan Yihowaa inni guddaan [akka dhihaate]” yeroon hubadhetti galma koon jijjiire. (Sef. 1:14) Sana booda yunivarsiitii galee barachuu hin barbaanne; kanaa mannaa, warri kaan dhugaa Kitaaba Qulqulluu akka baratan gargaaruun barbaade.
Waxabajjii 13, 1956tti barumsa sadarkaa lammaffaa
nan xumure; guyyaa sadii boodammoo walgaʼii aanaarratti nan cuuphame. Yeroo sanatti jireenya koo waaʼee Yihowaa barachuu fi warra kaan barsiisuuf itti fayyadamuun koo hamma kana eebba hedduu akka naaf argamsiisu hin hubannen ture.QAJEELCHAA TAʼANII BARACHUU FI BARSIISUU
Cuuphamee jiʼa jaʼa booda qajeelchaa yeroo hundaan taʼe. Tajaajilli Mootummaa Muddee 1956 mata duree “Bakka Gargaarsi Caalaatti Barbaachisu Tajaajiluu ni Dandeessaa?” jedhu qabatee ture. Animmoo nan dandaʼa. Bakka namoonni misiraachicha lallaban muraasa taʼanitti tajaajiluun barbaade.—Mat. 24:14.
Kanaafuu, Ejfiild ishii Kibba Kaarolinaatti argamtun dhaqe. Gumiin achitti argamu babalʼistoota afur qofa qaba ture. Ani shanaffaadha. Walgaʼii kan godhannu mana obboleessa tokkootti ture. Jiʼa jiʼaan tajaajilarratti saʼaatii 100n dabarsa ture. Tajaajilarratti adda durummaadhaan waanan hirmaadhuuf, akkasumas walgaʼiirratti haasaa waanan dhiheessuuf hojiin natti baayʼata ture. Kan nama gammachiisu, hojii gumiitiin caalaatti yeroon qabamu, waaʼee Yihowaa caalaatti barachuu dandaʼeera.
Dubartiin Kitaaba Qulqulluu qoʼachiisu takka Joonistan keessatti dhaabbata tajaajila awwaalcha wajjin walqabate kennu qabdi; Joonistan naannoon jiraadhurraa kiilomeetira muraasa fagaata ture. Ishiinis gaarummaadhaan hojii torban keessatti guyyoota muraasaaf hojjetamu naaf kennite, akkasumas gamoo tokko akka Galma Walgaʼiitti akka itti fayyadamnu nuuf heyyamte.
Ilma obboleessa na qoʼachiisee kan taʼe Joolii Jefriin, Biruukiliin Niiwu Yoorkii gara koo dhufe; kanaafuu, qajeelchaa na wajjin tajaajiluun argadhe. Mana xinnoo konkolaataadhaan harkifamuu fi obboleessi tokko nuuf ergise keessa jiraanna turre.
Naannoo Kibbaatti mindaan kaffalamu gad aanaadha. Guyyaatti doolaara lama ykn sadiitu nuu kaffalama ture. Gaaf tokko saantima xinnoo na harkatti hafeen nyaata bitachuuf mana nyaataa tokkottan gore. Yeroon achii baʼu namichi tokko gara koo dhufee, “Hojii ni barbaaddaa? Saʼaatiitti doolaara tokkon siif kaffala” naan jedhe. Bakka ijaarsaa tokko akkan qulqulleessuuf hojii guyyaa sadii naaf kenne. Yihowaan Ejfiildi keessatti tajaajiluu koo akkan itti fufu na gargaaraa akka ture ifadha. Galiin koo xiqqaa taʼus, walgaʼii idil addunyaa bara 1958tti Niiwu Yoorki Siitiitti godhamerratti argamuu dandaʼeera.
Guyyaa lammaffaa walgaʼiichaatti wanti adda taʼe tokko ni uumame. Ruubii Waadlingitan ishii Gaalatiinitti qajeelchituu yeroo hundaa taatee tajaajiltu wajjin wal barre. Lamaan keenyayyuu misiyoonii taanee tajaajiluu waan barbaannuuf, walgaʼii Giiliyaad walgaʼicharratti geggeeffamurratti argamne. Boodas, walii barreessuu jalqabne. Achiis Gaalatiinitti haasaa sabaa akkan kennun affeerame. Kanaafuu, carraa kanatti fayyadamee akka natti heerumtun ishii gaafadhe. Achiis gara gumii Ruubiitti jijjiirameen bara 1959tti gaaʼela dhaabbanne.
GUMII KEESSATTI BARACHUU FI BARSIISUU
Umurii koo waggaa 23tti Gaalatiinitti tajaajilaa gumii (amma qindeessaa qaama jaarsolii jedhama) taʼeen muudame. Chaarlis Toomsan ilaaltuu ol aanaa aanaa taʼee daawwachuu gumii keenyarraa jalqabe. Muuxannoo hedduu qaba ture; taʼus, wanti obbolootaaf barbaachisu maal akka taʼee fi ilaaltonni ol
aanaa aanaa kan biroon wanta kana kan raawwatan akkamitti akka taʼe na gaafate. Murtoo tokko gochuu koo dura warra kaan gaafachuu fi dhugaa jiru hunda beekuun gaarii akka taʼe isarraa baradheera.Caamsaa 1964tti Mana Barumsaa Tajaajila Mootummaa jiʼa tokkoof turuu fi Kibba Leensing, Niiwu Yoorkitti geggeeffamurratti akkan hirmaadhun affeerame. Obboloonni mana barumsaa kana keessatti barsiisan caalaatti barachuu fi guddina hafuuraa gochuuf fedhii cimaa akkan qabaadhu na gargaaraniiru.
HOJII AANAA FI KONYAARRATTI BARACHUU FI BARSIISUU
Amajjii 1965tti anii fi Ruubiin hojii aanaarratti akka hirmaannu affeeramne. Aanaan keenya inni jalqabaa baayʼee balʼaa ture; Nookviil, Tenesii irraa kaʼee hamma Riichmoondi, Varjiiniyaa gaʼa ture. Gumiiwwan Kaaba Kaarolinaa, Kentukii fi Dhiha Varjiiniyaatti argaman kan of keessatti qabatedha. Kibba Yuunaayitid Isteetisitti namoonni gurraachota taʼan namoota adii wajjin akka walitti qabaman seerri waan hin heyyamneef, gumii gurraachotaa qofan daawwadha ture. Obboloonni naannichaa hiyyeeyyii turan; kanaafuu, wanta qabnu warra kaaniif hiruu baranneerra. Obboleessi yeroo dheeraadhaaf ilaaltuu ol aanaa aanaa taʼee tajaajile tokko barumsa baayʼee barbaachisaa taʼe tokko na barsiiseera: “Obboleessa isaaniif taʼi. Yeroo gara gumii isaanii deemtu akka hogganaa hin taʼin. Isaan gargaaruu kan dandeessu akka obboleessa isaaniitti yoo si ilaalanidha.”
Gumii xinnoo tokko daawwachaa utuu jirruu Ruubiin dubartii intala waggaa tokkoo qabdu takka qoʼachiisuu jalqabde. Gumicha keessaa namni ishii qoʼachiisuu dandaʼu yeroo hin jirretti Ruubiin xalayaadhaan ishii qoʼachiisti turte. Yeroo itti aanutti daawwannaadhaaf gara gumichaa yeroo dhaqnu dubartiin sun walgaʼii hundarratti argamti turte. Obboleettonni qajeelchitoota addaa taʼan lama yeroo gumichatti ramadaman ishii qoʼachiisuu itti fufan; achiis utuma baayʼee hin turin ni cuuphamte. Gara waggaa 30 booda bara 1995tti Paatarsan Beetelitti obboleettiin dargaggeettiin takka Ruubii haasofsiisuuf gara ishii dhufte. Shamarreen tun intala dubartii Ruubiin qoʼachiisaa turteeti. Ishiinii fi abbaan manaa ishii barattoota Mana Barumsaa Giiliyaad kutaa 100ffaa turan.
Aanaan keenya inni lammaffaan giddu gala Filooridaa ture. Yeroo kanatti konkolaataan nu barbaachisee ture; kanaafuu, gatii gaariidhaan argannee bitanne. Haa taʼu malee, torbanuma jalqabaa keessa mootora isaa keessaa miini tokko ni cabe. Maallaqa ittiin suphisiisnu hin qabnu turre. Achiis obboleessa nu gargaaruu dandaʼa jedhee yaade tokkoofan bilbile. Innis hojjettoota isaa keessaa tokko konkolaataa keenya akka suphu godhe; homaas nu hin kaffalchiisne. “Homaa kaffaluun si hin barbaachisu” naan jedhe. Qarshii muraasas harkatti nuuf kenne. Kun fakkeenya gaarii Yihowaan tajaajiltoota isaa akkamitti akka kunuunsu argisiisudha. Muuxannoon kun warra kaanitti arjummaa argisiisuu akka qabnu nu yaadachiiseera.
Yeroo gumii daawwannu hundatti mana obbolootaa buufanna turre. Kanaan kan kaʼes, michoota gaggaarii hedduu horanneerra. Gaaf tokko gabaasan waaʼee gumii barreessaa ture taayippiraayitarii irratti dhiiseen deeme. Maatiin bira buufanne mucaa waggaa sadii qabu turan; gaaf sana galgala gara manaatti yeroon deebiʼu mucaan sun gabaasa sana xumuruurratti akka “na gargaaren” hubadhe. Waggoota hedduudhaaf waaʼee kanaa kaaseen isatti qoosa ture.
Bara 1971tti xalayaa Niiwu Yoorki Siitii keessatti ilaaltuu ol aanaa koonyaa taʼee akkan ramadame ibsutu na gaʼe. Yeroo sanatti baayʼee naane! Yeroo achi deemnetti umuriin koo waggaa 34 qofa ture. Obboloonnis miira hoʼaadhaan na simatan; ani naannoo isaaniitti ilaaltuu ol aanaa koonyaa gurraacha isa jalqabaan ture.
Ilaaltuu ol aanaa koonyaa waanan tureef yeroo hunda dhuma torbaniirratti walgaʼii aanaarratti waaʼee Yihowaa barsiisuun na gammachiisa ture. Ilaaltonni ol aanaa aanaa hedduun na caalaa muuxannoo qabu turan. Isaan keessaa tokko yeroon cuuphametti haasaa cuuphaa kan dhiheessedha. Obboleessi kan biraanimmoo Tewodoor Jaaraaz isa yeroo booda miseensa Qaama Ol Aanaa taʼedha. Kana malees, obboloonni muuxannoo qabanii fi Beetel Biruukiliinitti tajaajilan hedduunis jiru turan. Ilaaltonni ol aanaa aanaa fi miseensonni maatii Beetel sun akkan hin dhiphanne waan na gargaaraniif baayʼeen isaan galateeffadha. Obboloonni tiksitoota jaalala qabeeyyii taʼan kun Dubbii Waaqayyootti akka amanamanii fi jaarmiyicha amanamummaadhaan akka deggeran ofuma kootiin argeera. Obboloonni kun kan gad of qaban taʼuun isaanii ilaaltuu ol aanaa koonyaa taʼee tajaajiluun akka naaf salphatu godheera.
HOJII AANAATTI DEEBIʼUU
Bara 1974tti Qaamni Ol Aanaan ilaaltonni ol aanaa aanaa kan biroon hojii koonyaa akka hojjetan ramade; animmoo ilaaltuu ol aanaa aanaan taʼe; yeroo kanatti Kibba Kaarolinaattan ramadame. Kan nama gammachiisu, yeroo sanatti obboloonni adii fi gurraachi gumii fi aanaa tokko keessatti walitti qabamuu ni dandaʼu turan; yeroo kanatti obboloonni baayʼee gammadanii turan.
Dhuma bara 1976tti aanaa Joorjiyaa, Atlaantaa fi Kolombos gidduutti argamuttan ramadame. Yeroo ijoollee gurraachota taʼan shaniif haasaa awwaalchaa itti kenne akka gaariittan yaadadha; ijoolleen kun kan duʼan namoonni muraasni mana isaaniitti ibidda qabsiisaniiti. Haati isaanii balaa ishiirra gaʼeen kan kaʼe hospitaala ciistee turte. Obboloonni gurraachotaa fi adii taʼan hedduun warra isaanii jajjabeessuuf gara hospitaala kanaatti yaaʼu turan. Yeroo kanatti jaalala guddaa obboloonni qaban ifatti argeera. Gara laafinni obboloonni argisiisan tajaajiltoonni Waaqayyoo haala baayʼee ulfaataa taʼellee akka dandamatan gargaara.
BEETELITTI BARACHUU FI BARSIISUU
Bara 1977tti jiʼoota muraasaaf pirojeektii tokkorratti gargaarsa gochuuf Beetel Biruukiliin akka dhufnu gaafatamne. Yeroo pirojeektiin sun xumuramuuf jedhu miseensonni Qaama Ol Aanaa lama anii fi Ruubiin dhaabbataadhaan miseensota maatii Beetel taʼuuf fedhii qabaachuu keenya na gaafatan. Nutis affeerraa sana ni fudhanne.
Waggoota 24f Kutaa Tajaajilaa keessatti tajaajileera; obboloonni kutaa kana keessatti tajaajilan yeroo baayʼee gaaffilee wal xaxoo taʼaniif deebii kennu. Waggoota hedduudhaaf Qaamni Ol Aanaan qajeelfamoota dhugaawwan buʼuuraa Kitaaba Qulqulluu wajjin wal siman nuuf qopheessaa tureera. Qajeelfamoonni kun gaaffilee gaafatamaniif deebii kennuuf qofa utuu hin taʼin, ilaaltota ol aanaa aanaa, jaarsolii fi qajeelchitoota leenjisuufis buʼuura taʼaniiru. Leenjiin kun obboloonni hedduun guddina hafuuraa akka godhan gargaareera. Kunimmoo, jaarmiyaan Yihowaa caalaatti akka cimu godheera.
Bara 1995 hanga 2018tti bakka buʼaa waajjira muummee taʼee (duraan ilaaltuu ol aanaa zoonii jedhama ture) waajjiroota damee garaa garaa daawwadheera. Koreewwan Waajjira Damee, miseensota maatii Beetelii fi misiyoonota jajjabeessuu fi wanta isaan yaaddessu kam irrattiyyuu isaan gargaaruuf isaan wajjin walan arga turre. Anii fi Ruubiinis yeroo hundumaa muuxannoo obbolootaa dhageenyurraa jajjabina arganna turre. Fakkeenyaaf, bara 2000tti Ruwaandaa daawwannee turre. Obboloonnii fi miseensonni maatii Beetel duguuggaa sanyii bara 1994tti turerraa akkamitti akka oolan yeroo dhageenyu garaan keenya baayʼee tuqame. Baayʼeen isaanii nama jaallatan duʼaan dhabaniiru. Obboloonni kun rakkina akkasii keessa kan darban taʼus amantii, abdii fi gammachuu qabu.
Amma umuriin keenya waggaa 80 oli. Waggoottan 20n darbaniif miseensa Koree Waajjira Damee Yuunaayitid Isteetis taʼee tajaajileera. Yunivarsiitii galee baradhee hin beeku; taʼus, Yihowaa fi jaarmiyaa isaarraa barumsa ol aanaa argadheera. Kunis dhugaawwan Kitaaba Qulqulluu faayidaa bara baraa isaaniif argamsiisan namoota barsiisuuf gaʼumsa akkan qabaadhu na gargaareera. (2 Qor. 3:5; 2 Xim. 2:2) Ergaan Kitaaba Qulqulluu akkamitti jireenya namootaa akka fooyyessuu fi Uumaa isaanii wajjin michummaa cimaa akka qabaatan akka gargaaru argeera. (Yaq. 4:8) Anii fi Ruubiin yeroo dandeenyu hundatti warri kaan mirga Yihowaarraa barachuu fi dhugaa Kitaaba Qulqulluu warra kaan barsiisuuf qaban akka dinqisiifatan jajjabeessuu keenya itti fufneerra; kun mirga guddaa tajaajilaan Yihowaa tokko argatu dha!