Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

MATA DUREE QOʼANNAA 40

Akkuma Pheexiros Abdii hin Kutatinaa

Akkuma Pheexiros Abdii hin Kutatinaa

“Yaa Gooftaa, ani nama cubbamaa waanan taʼeef, ana irraa fagaadhu.”—LUQ. 5:8.

FAARFANNAA 38 Inni Si Jabeessa

QABIYYEE a

1. Pheexiros dinqiidhaan qurxummii hedduu yeroo qabatetti maaltu isatti dhagaʼame?

 PHEEXIROS halkan guutuu dhamaʼaa kan bule taʼus qurxummii tokkollee qabachuu hin dandeenye. Kan nama ajaaʼibsiisu Yesuus, “Bakka bishaanichi gad fagaatutti siqi; qurxummii qabuufis saaphana keessan darbadhaa” isaan jedhe. (Luq. 5:4) Pheexiros qurxummii tokkollee qabachuu akka hin dandeenye kan isatti dhagaʼame taʼus wanta Yesuus isaan jedhe godheera. Achiis saaphanni isaan darbatan qurxummii hedduu waan qabateef tatarsaʼuu jalqabe. Pheexirosii fi namoonni isaa wajjin hojjechaa turan Yesuus dinqii raawwachuu isaa yeroo hubatan “baayʼee . . . dinqisiifatan.” Pheexiros, “Yaa Gooftaa, ani nama cubbamaa waanan taʼeef, ana irraa fagaadhu” jedhee iyye. (Luq. 5:6-9) Ifatti hubachuu akka dandeenyutti, Pheexiros yeroo sanatti Yesuus wajjin taʼuunillee akka isaaf hin malle isatti dhagaʼamee ture.

2. Fakkeenya Pheexiros qoruun keenya kan nu fayyadu akkamitti?

2 Pheexiros dhugaa isaati; inni “nama cubbamaa” dha. Kitaaba Qulqulluurraa akka hubannutti Pheexiros wanta booda itti gaabbu dubbatee fi raawwatee beeka. Atoo akka Pheexiros sitti dhagaʼamee beekaa? Amala kee tokko sirreessuuf ykn dadhabina kee tokko fooyyessuuf carraaqaa jirtaa? Taanaan, waaʼee Pheexiros qoʼachuun kee baayʼee si jajjabeessa. Akkas kan jennu maaliifi? Mee yaadi, Yihowaan dogoggorri Pheexiros raawwate Kitaaba Qulqulluu keessatti akka hin galmeeffamne gochuu dandaʼa ture. Haa taʼu malee, barumsa irraa argachuu akka dandeenyuuf nuuf galmeeffameera. (2 Xim. 3:16, 17) Waaʼee nama akkuma keenya dadhabinaa fi miira garaa garaa wajjin waldhaansoo gochaa ture kanaa barachuun keenya Yihowaan nama mudaa hin qabne akka taanu akka nurraa hin eegne hubachuuf nu gargaara. Yihowaan dadhabina qabaannus utuu abdii hin kutatin carraaqqii gochuu keenya akka itti fufnu barbaada.

3. Abdii kutachuu kan hin qabne maaliifi?

3 Carraaqqii gochuu keenya itti fufuun kan nu barbaachisu maaliifi? Yeroo baayʼee wanta tokkorratti fooyyaʼiinsa gochuuf carraaqqii gochuu keenya yoo itti fufne ni milkoofna. Fakkeenyaaf, namni tokko meeshaa muuziqaa tokko taphachuu baruu yoo barbaade waggoota hedduudhaaf shaakaluun isa barbaachisuu dandaʼa. Yeroo shaakalutti yeroo baayʼee dogoggoruu dandaʼa; shaakaluu isaa yoo itti fufe garuu fooyyaʼiinsa gochaa deema. Meeshaa sana sirriitti taphachuu erga baree boodallee darbee darbee dogoggora uumuu dandaʼa. Taʼus, abdii hin kutatu. Dandeettii isaa caalaatti fooyyessuuf shaakaluu isaa itti fufa. Haaluma wal fakkaatuun, nutis dadhabina tokko akka injifanne erga nutti dhagaʼamee boodallee dogoggora raawwachuu dandeenya. Taʼus, fooyyaʼiinsa gochuuf carraaqqii gochuu keenya itti fufna. Hundi keenyayyuu wanta booda itti gaabbinu dubbachuu fi raawwachuun keenya hin oolu; taʼus, yoo abdii kutachuu baanne Yihowaan fooyyaʼiinsa gochaa akka deemnu nu gargaara. (1 Phe. 5:10) Mee Pheexiros carraaqqii gochuu isaa itti fufuudhaan fakkeenya kan nuuf taʼu akkamitti akka taʼe haa ilaallu. Pheexiros dadhabina kan qabu taʼus Yesuus gara laafina isatti argisiisuun isaa Yihowaa tajaajiluu keenya itti fufuuf nu kakaasa.

PHEEXIROS CARRAAQQII GOCHUUN ISAA EEBBA ISAAF ARGAMSIISEERA

Haalli Pheexiros mudate utuu si mudatee maal goota? (Keeyyata 4 ilaali)

4. Luqaas 5:5-10 akka jedhutti Pheexiros waaʼee ofii isaa maal jedhe? Garuu Yesuus kan isa jajjabeesse akkamitti?

4 Kitaabni Qulqulluun Pheexiros “nama cubbamaa” kan ofiin jedhe maaliif akka taʼe ykn akkas yeroo jedhetti cubbuu isa kamiin sammuutti qabatee akka ture hin dubbatu. (Luqaas 5:5-10 dubbisi.) Tarii dogoggora cimaa raawwatee taʼuu dandaʼa. Taʼus Yesuus, Pheexiros sodaatee akka ture beeka; tarii kan sodaate gaʼumsa akka hin qabne isatti dhagaʼamee taʼuu dandaʼa. Yesuus, Pheexiros amanamaa taʼee itti fufuu akka dandaʼus beeka. Kanaafuu, gaarummaadhaan kakaʼee, “Hin sodaatin” isaan jedhe. Yesuus amantii isarratti qabaachuun isaa jireenya Pheexiros jijjiireera. Innii fi obboleessi isaa Indiriyaas hojii qurxummii qabuu dhiisanii yeroo isaanii guutuu Masiihicha duukaa buʼuuf murteessaniiru; murtoon kunis eebbawwan dinqisiisoo taʼan hedduu isaaniif argamsiiseera.—Mar. 1:16-18.

5. Pheexiros sodaa isaa moʼuu fi affeerraa Yesuus isaaf dhiheesse fudhachuu isaatti eebbawwan akkamii argate?

5 Pheexiros duuka buutuu Kiristoos taʼuudhaan muuxannoowwan dinqisiisoo taʼan hedduu argateera. Yeroo Yesuus namoota dhukkubsatan fayyisu, jinnii baasuu fi namoota duʼan duʼaa kaasullee argeera. b (Mat. 8:14-17; Mar. 5:37, 41, 42) Pheexiros mulʼata ajaaʼibsiisaa Yesuus yeroo Mootii Mootummaa Waaqayyoo taʼu ulfina akkamii akka qabaatu argisiisus argeera; taʼeen kun jireenya isaarratti dhiibbaa guddaa godheera. (Mar. 9:1-8; 2 Phe. 1:16-18) Eeyyee, Pheexiros wantoota utuu duuka buutuu Yesuus taʼuu baatee arguu hin dandeenye hedduu argeera. Miira dogoggoraa isatti dhagaʼamaa ture hunda injifachuudhaan eebbawwan kana hunda argachuu isaatti baayʼee akka gammade hin shakkisiisu!

6. Pheexiros dadhabina isaa dafee injifachuu dandaʼeeraa? Ibsi.

6 Pheexiros wantoota isa fayyadan hedduu argaa fi dhagaʼaa kan ture taʼus, dadhabina isaa wajjin waldhaansoo gochuun isa barbaachiseera. Mee fakkeenyota muraasa haa ilaallu. Yeroo Yesuus raajiin Kitaaba Qulqulluu akka raawwatamuuf dhiphachuu fi duʼuun akka isa barbaachisu ibsaa turetti Pheexiros cimsee isa gorseera. (Mar. 8:31-33) Pheexirosii fi ergamoonni kaan isaan keessaa eenyu akka caalu irra deddeebiʼanii wal falmaniiru. (Mar. 9:33, 34) Pheexiros galgala Yesuus duʼuu isaa dura turetti gurra namicha tokkoo kuteera. (Yoh. 18:10) Galgaluma sana baayʼee waan sodaateef michuu isaa kan taʼe Yesuusiin siʼa sadii ganeera. (Mar. 14:66-72) Kana gochuu isaattis hirqinfatee booʼe.—Mat. 26:75.

7. Yesuus erga duʼaa kaafamee booda Pheexiros carraa akkamii argate?

7 Yesuus ergamaa isaa baayʼee gaddee ture kanatti abdii hin kutanne. Erga duʼaa kaʼee booda carraa jaalala isaaf qabu itti ibsu akka argatu Pheexirosiin gargaareera. Gad of qabee tiksee hoolota isaa taʼee akka tajaajilus isa affeereera. (Yoh. 21:15-17) Pheexiros wanta Yesuus isa gaafate raawwachuuf qophaaʼaa ture. Guyyaa Phenxeqosxeetti Yerusaalem keessa kan ture yeroo taʼu, dibamtoota yeroo jalqabaatiif hafuura qulqulluudhaan dibaman keessaa tokko ture.

8. Pheexiros Anxokiyaatti dogoggora cimaa akkamii raawwate?

8 Pheexiros Kiristiyaana dibamaa erga taʼee boodallee dadhabina isaa wajjin waldhaansoo gochuun isa barbaachiseera. Dhaloota Kiristoos Booda, bara 36​tti Waaqayyo Pheexirosiin gara Qorneelewos isa Yihudii hin taanetti ergee ture. Yeroo sanatti Waaqayyo Qorneelewosiin hafuura qulqulluudhaan dibe; kunis “Waaqayyo akka hin loogne,” akkasumas namoonni Yihudoota hin taanes kutaa gumii Kiristiyaanaa taʼuu akka dandaʼan ifa godheera. (HoE. 10:34, 44, 45) Pheexiros sana dura akkas godhee kan hin beekne taʼus, amma namoota Yihudoota hin taane wajjin nyaata nyaachuuf bilisummaan isatti dhagaʼameera. (Gal. 2:12) Yihudoonni Kiristiyaanota taʼan tokko tokko garuu Yihudoonnii fi namoonni Yihudoota hin taane waliin nyaachuu akka hin qabne isaanitti dhagaʼama ture. Kiristiyaanonni ilaalcha akkasii qaban tokko tokko yeroo Anxokiyaadhaa dhufanitti Pheexiros obboloota isaa Yihudoota hin taane wajjin nyaachuu ni dhiise; akkas kan godhe obboloota isaa Yihudoota taʼan akka hin mufachiisne sodaatee taʼuu hin oolu. Phaawulos ergamaan wanta Pheexiros godhe kana yeroo argu namoota duratti isa ifate. (Gal. 2:13, 14) Pheexiros dogoggora akkasii kan raawwate taʼus abdii hin kutanne. Maaltu isa gargaare?

PHEEXIROS ABDII AKKA HIN KUTANNE MAALTU ISA GARGAARE?

9. Yohaannis 6:68, 69 amanamummaa Pheexiros kan argisiisu akkamitti?

9 Pheexiros amanamaa ture; wanti akkamiiyyuu abdii akka isa kutachiisu hin heyyamne. Fakkeenyaaf, Yesuus yeroo tokko wanta barattoonni isaa hubachuun isaan rakkise dubbatee ture. (Yohaannis 6:68, 69 dubbisi.) Baayʼeen isaanii hamma isaaniif ibsutti eeguu ykn isa gaafachuu mannaa isa duukaa buʼuu dhiisan. Pheexiros garuu akkas hin goone. “Dubbii jireenya bara baraa” kan qabu Yesuus qofa akka taʼe hubatee ture.

Yesuus Pheexirosirratti amantii qabaachuun isaa kan si jajjabeessu maaliifi? (Keeyyata 10 ilaali)

10. Yesuus Pheexirosirratti amantii akka qabu kan argisiise akkamitti? (Fakkichas ilaali.)

10 Yesuus Pheexirosiin hin dhiisne. Galgala duʼuu isaa dura turetti Pheexirosii fi ergamoonni kaan akka isa dhiisan beeka ture. Taʼus, Pheexiros gara isaatti akka deebiʼuu fi amanamaa taʼee akka itti fufu mirkanaaʼaa ture. (Luq. 22:31, 32) Yesuus “hafuurri qophaaʼaa . . . foon garuu dadhabaa” akka taʼe hubateera. (Mar. 14:38) Pheexiros erga isa ganee boodallee abdii kan isatti hin kutanne kanaafi. Yesuus erga duʼaa kaʼee booda Pheexirositti kan mulʼate yeroo inni kophaa isaa turetti taʼuu hin oolu. (Mar. 16:7; Luq. 24:34; 1 Qor. 15:5) Akkas gochuun isaa ergamaa isaa gaddaan liqimfamee ture kana baayʼee jajjabeessee taʼuu qaba!

11. Yesuus Yihowaan akka isa deggeru Pheexirosiif kan mirkaneesse akkamitti?

11 Yesuus Yihowaan akka isa deggeru Pheexirosiif mirkaneesseera. Yesuus duʼaa erga kaʼee boodas Pheexirosii fi ergamoonni kaan dinqiidhaan qurxummii akka qaban godheera. (Yoh. 21:4-6) Pheexiros dinqii kana arguun isaa Yihowaan wanta jireenyaaf isa barbaachisu salphaatti isaaf guutuu akka dandaʼu amantii akka qabaatu akka isa gargaare hin shakkisiisu. Tarii yeroo kanatti wanta Yesuus Yihowaan namoota ‘hundumaa dura Mootummicha barbaaduu isaanii itti fufaniif’ wantoota isaan barbaachisan akka isaaniif guutu dubbate yaadatee taʼuu dandaʼa. (Mat. 6:33) Pheexiros sana booda hojii qurxummii qabuutiif utuu hin taʼin tajaajilaaf dursa kenneera. Dhaloota Kiristoos Booda, bara 33 guyyaa Phenxeqosxeetti, ija jabinaan dhugaa kan baʼe yeroo taʼu, kunis namoonni kumaan lakkaaʼaman misiraachicha akka fudhatan gargaareera. (HoE. 2:14, 37-41) Sana boodammoo, Pheexiros namoonni Samaariyaa fi namoonni Yihudoota hin taane Kiristoositti akka amanan gargaareera. (HoE. 8:14-17; 10:44-48) Dhugumayyuu, Yihowaan namoonni akaakuu hundumaa gara gumichaa akka dhufan gochuuf karaa dinqisiisaa taʼeen Pheexirositti fayyadameera.

MAAL BARANNE?

12. Dadhabina tokko wajjin yeroo dheeraadhaaf waldhaansoo gochaa jirra taanaan fakkeenya Pheexiros yaadachuun keenya kan nu gargaaru akkamitti?

12 Yihowaan abdii akka hin kutanne nu gargaara. Keessumaa dadhabina tokko wajjin yeroo dheeraadhaaf waldhaansoo gochaa turreerra taanaan carraaqqii gochuu keenya itti fufuun nutti ulfaachuu dandaʼa. Yeroo tokko tokko, dadhabinni keenya dadhabina Pheexiros wajjin waldhaansoo gochaa turerra kan cimu taʼuu dandaʼa. Taʼus Yihowaan abdii akka hin kutanne nu cimsa. (Far. 94:17-19) Fakkeenyaaf, obboleessi tokko dhugaa dhagaʼuusaa dura waggoota hedduudhaaf sodoomummaa raawwachaa ture. Amma garuu gocha sana guutummaatti dhiisuudhaan ulaagaa Kitaaba Qulqulluu eegee jiraachaa jira. Taʼus, darbee darbee fedhii dogoggoraa wajjin waldhaansoo godha. Maarree, abdii akka hin kutanne maaltu isa gargaare? Obboleessi kun, “Yihowaan nu cimsa” jedheera. Itti dabaluudhaanis akkana jedheera: “Gargaarsa hafuura Yihowaatiin . . . , daandii dhugaarra deddeebiʼuu koo itti fufuu akkan dandaʼu baradheera . . . Yihowaan natti fayyadamaa jira; mudaa qabaadhus inni na cimsuu isaa itti fufeera.”

Hooristi Heenshal Amajjii 1, 1950​tti tajaajila yeroo guutuu jalqabe. Jireenya isaa Yihowaa tajaajiluudhaaf itti fayyadamuu isaatti waan gaabbu sitti fakkaataa? (Keeyyata 13, 15 ilaali) d

13. Hojii Ergamootaa 4:13, 29, 31 irratti akka galmeeffametti fakkeenya Pheexiros hordofuu kan dandeenyu akkamitti? (Fakkichas ilaali.)

13 Akkuma olitti ilaalle, Pheexiros yeroo garaa garaatti sodaa namaatiin moʼamee beeka. Taʼus cimina argachuuf erga kadhatee booda, ija jabinaan tarkaanfii fudhachuu dandaʼeera. (Hojii Ergamootaa 4:13, 29, 31 dubbisi.) Nutis sodaa keenya injifachuu ni dandeenya. Mee waaʼee dargaggeessa Hooristi jedhamuu fi yeroo bulchiinsa Naaziitti Jarman keessa jiraachaa turee haa ilaallu. Hooristi mana barumsaatti yeroo garaa garaatti dhiibbaa isarra gaʼeen moʼamee, “Hiitlar Fayyisaadha!” jedhee ture. Warri isaa isatti dheekkamuu mannaa, Yihowaan ija jabina akka isaaf kennu isaa wajjin kadhatan. Hooristi gargaarsa warri isaa isaaf godhaniin, akkasumas Yihowaatti amanamuudhaan yeroo booda cimina jabaatee dhaabbachuuf isa barbaachisu argateera. Boodas, “Yihowaan yoomiyyuu na dhiisee hin beeku” jedheera. c

14. Jaarsoliin jaalala qabeeyyii taʼan obboloota abdii kutatan jajjabeessuu kan dandaʼan akkamitti?

14 Yihowaa fi Yesuus abdii nutti hin kutatan. Pheexiros Kiristoosiin erga ganee booda murtoo baayʼee cimaa taʼe gochuun isa barbaachiseera. Abdii kutatee wanta hundumaa dhiisa moo barataa Kiristoos taʼee itti fufuuf carraaqqii gochuu isaa itti fufa? Yesuus amantiin Pheexiros akka hin badneef Yihowaatti wawwaannaa dhiheessee ture. Yesuus kadhannaa akka isaaf dhiheessee fi innis boodarra obboloota isaa akka jajjabeessu amantii akka isarratti qabu isatti himee ture. (Luq. 22:31, 32) Pheexiros wanta Yesuus dubbate kana yeroo yaadatu hundatti baayʼee akka jajjabaatu ifadha! Yihowaan jireenya keenya keessatti murtoo cimaa gochuun yeroo nu barbaachisutti tiksitoota nuuf yaadanitti fayyadamee amanamoo taanee akka itti fufnu nu gargaara. (Efe. 4:8, 11) Obboleessi Pool jedhamuu fi waggoota hedduudhaaf jaarsa taʼee tajaajile obboloota isaa jajjabeessuuf carraaqqii guddaa godha. Fakkeenyaaf, obboloonni abdii kutachuu jala gaʼan Yihowaan jalqaba gara dhugaatti kan isaan harkise akkamitti akka taʼe akka yaadan isaan gaafata. Achiis jaalalli amanamaan Yihowaan qabu abdii akka isaanitti hin kutanne akka isa godhu isaaniif mirkaneessa. Pool, “Obboloonni abdii kutachuu jala gaʼanii turan hedduun gargaarsa Yihowaatiin carraaqqii gochuu isaanii yeroo itti fufan argeera” jedheera.

15. Fakkeenyi Pheexirosii fi Hooristi yaanni Maatewos 6:33 irratti argamu dhugaa taʼuu isaa kan argisiisu akkamitti?

15 Yihowaan akkuma Pheexirosii fi ergamoota kaaniif wanta isaan barbaachisu isaaniif qopheesse, jireenya keenya keessatti tajaajila isaatiif dursa hamma kenninetti wanta nu barbaachisu nuuf guuta. (Mat. 6:33) Hooristi inni olitti ibsame Waraana Addunyaa Lammaffaa booda qajeelchaa taʼuuf yaadee ture. Baayʼee hiyyeessa waan tureef, ‘Maallaqaan of deggeraa qajeelchaa taʼee tajaajiluu nan dandaʼaa laata?’ jedhee yaaddaʼee ture. Maarree, maal godhe? Hooristi guutummaa torban daawwannaa tajaajilarratti dabarsuudhaan Yihowaa qoruuf murteesse. Dhuma torbaniitti daawwataa olaanaan poostaa maallaqa qabate yeroo isaaf kennu baayʼee naʼe; maallaqa kana kan isaaf kenne eenyu akka taʼe garuu itti hin himne. Maallaqni sun jiʼoota muraasaaf qajeelchaa taʼee tajaajiluuf kan isa gaʼu ture. Kennaan kun Yihowaan wanta isa barbaachisu akka isaaf qopheessu isaaf mirkaneesseera. Hooristi sana booda jireenya isaa guutuu Mootummichaaf dursa kenneera.—Mil. 3:10.

16. Fakkeenya Pheexirosii fi xalayaawwan inni barreesseef xiyyeeffannaa kennuu kan qabnu maaliifi?

16 Pheexiros, “Ana irraa fagaadhu” yeroo isaan jedhetti Yesuus isarraa fagaachuu dhiisuu isaatti baayʼee gammadee taʼuu qaba! Yesuus, Pheexiros tajaajilaa amanamaa Kiristiyaanota hundaaf fakkeenya guddaa taʼu akka taʼu isa leenjisuu isaa itti fufeera. Hundi keenyayyuu leenjii kanarraa barumsa hedduu arganna. Pheexiros barumsa argate kana keessaa muraasa isaa xalayaawwan lamaan gumiiwwan jaarraa jalqabaatti turaniif ergerratti galmeesseera; yeroo ammaatti xalayaawwan kun kutaa Kitaaba Qulqulluuti. Mata duree itti aanurratti yaadachiisawwan xalayaawwan kanarraa argannu muraasaa fi yeroo ammaatti gorsawwan kana hojiirra oolchuu kan dandeenyu akkamitti akka taʼe mariʼanna.

FAARFANNAA 126 Dammaqi, Jabaadhu, Cimi!

a Mata dureen kun kan qophaaʼe obboloonni dadhabina isaanii wajjin waldhaansoo gochaa jiran dadhabina isaanii moʼuu fi abdii utuu hin kutatin amanamummaadhaan Yihowaa tajaajiluu isaanii itti fufuu akka dandaʼan isaaniif mirkaneessuufi.

b Caqasoonni mata duree kana keessatti argaman hedduun wangeela Maarqosirraa fudhataman. Maarqos kan galmeesse wanta Pheexiros isa wanta raawwatamaa ture hunda ija isaatiin argerraa dhagaʼe akka taʼe ifadha.

c Seenaa jireenyaa Hooristi Heenshal “Amanamummaan Warri Koo Waaqayyoof Qaban Na Kakaaseera” jedhu Dammaqaa!, Guraandhala 22, 1998 (Ingiliffa) irraa dubbisi.

d IBSA FAKKII: Hojiin argisiisa kanarratti akka mulʼatutti, warri Hooristi Heenshel isaa wajjin kadhachaa fi ejjennoo isaa akka eeggatu isa jajjabeessaa jiru.