Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

MATA DUREE QOʼANNAA 37

Akkuma Saamson Yihowaatti Amanami

Akkuma Saamson Yihowaatti Amanami

“Yaa Yihowaa Gooftaa Ol Aanaa, maaloo, na yaadadhu; yaa Waaqayyo, . . . na jabeessi.”—ABO. 16:28.

FAARFANNAA 30 Abbaa Koo, Waaqa Koo fi Michuu Koo

QABIYYEE a

1-2. Seenaa Saamson qoʼachuun keenya barbaachisaa kan taʼe maaliifi?

 MAQAA Saamson jedhu yeroo dhageessu maaltu gara sammuu keetti dhufa? Nama jabina adda taʼe qabu akka yaadattu beekamaadha. Saamson nama akkasiiti. Haa taʼu malee, Saamson murtoo gaarii hin taanee fi miidhaa isarraan geessisu godheera. Taʼus Yihowaan amanamummaa Saamson argisiiserratti xiyyeeffateera; seenaan isaas faayidaa akka irraa argannuuf Kitaaba Qulqulluu keessatti akka galmeeffamu godheera.

2 Yihowaan saba isaa Israaʼeliin gargaaruuf Saamsonitti fayyadamee wantoota ajaaʼibsiisoo taʼan raawwateera. Saamson duʼee jaarraawwan hedduu booda Yihowaan maqaa isaa maqaa namoota amantii guddaa argisiisanii wajjin akka galmeessu Phaawulos ergamaa kakaaseera. (Ibr. 11:32-34) Fakkeenyi Saamson nu jajjabeessa. Saamson haalawwan rakkisoo taʼan keessattillee Yihowaatti amanameera. Mee barumsa Saamsonirraa argannuu fi fakkeenyi isaa kan nu jajjabeessu akkamitti akka taʼe haa ilaallu.

SAAMSON YIHOWAATTI AMANAMEERA

3. Saamsoniif itti gaafatamummaan akkamii kennamee ture?

3 Yeroo Saamson dhalatetti Filisxeemonni saba Israaʼeliin bulchaa fi cunqursaa turan. (Abo. 13:1) Filisxeemonni gara jabinaan isaan bulchaa waan turaniif Israaʼelonni baayʼee dhiphachaa turan. Yihowaan, “harka Filisxeemotaa jalaa Israaʼeliin oolchuu irratti dursa [akka fudhatu]” Saamsoniin filate. (Abo. 13:5) Garuu kun itti gaafatamummaa salphaa miti. Saamson itti gaafatamummaa ulfaataa taʼe kana raawwachuuf Yihowaatti amanamuun isa barbaachisee ture.

Saamson Yihowaatti amanameera, jijjiirama barbaachisus godheera. Fedhii Yihowaa raawwachuuf wanta argatetti fayyadameera (Keeyyata 4-5 ilaali)

4. Yihowaan Filisxeemota jalaa akka bilisa of baasu Saamsoniin kan gargaare akkamitti? (Abbootii Murtii 15:14-16)

4 Mee Saamson Yihowaattis taʼe gargaarsa inni isaaf godhutti akka amanamu kan argisiise akkamitti akka taʼe haa ilaallu. Yeroo tokko raayyaan waraanaa Filisxeem Saamsoniin qabuuf gara Lehii dhufan; Lehiin kan argamtu Yihudaa keessatti taʼuu hin oolu. Namoonni Yihudaa sodaatanii waan turaniif Saamsoniin diinota isaatti dabarsanii kennuuf murteessan. Namootumti biyya isaa wadaroo haaraa lamaan isa hidhanii Filisxeemotatti isa kennan. (Abo. 15:9-13) Haa taʼu malee, ‘hafuurri Yihowaa humna waan isaaf kenneef’ wadaroowwan sana ofirraa kukkutuu dandaʼeera. Achiis, “lafee mangaagaa wadala harree hoʼaa taʼe tokko argate,” innis lafee sana fuudhee Filisxeemota 1000 ittiin ajjeese.—Abbootii Murtii 15:14-16 dubbisi.

5. Saamson mangaagaa harreetti fayyadamuun isaa Yihowaarratti amantii akka qabu kan argisiisu akkamitti?

5 Saamson mangaagaa harreetti kan fayyadame maaliifi? Wanta akkasii akka meeshaa waraanaatti fayyadamuun baramaa miti. Saamson milkaaʼina argachuun isaa kan hundaaʼe Yihowaarratti malee meeshaa waraanaa itti fayyadamurratti akka hin taane akka beeku homaa hin shakkisiisu. Eeyyee, namni amanamaa taʼe kun fedhii Yihowaa raawwachuuf wanta argatetti fayyadameera. Ifatti akka hubannutti, Saamson Yihowaatti amanamuun isaa milkaaʼina guddaa isaaf argamsiiseera.

6. Yeroo itti gaafatamummaa gumii keessatti qabnu raawwannutti seenaa Saamsonirraa maal baranna?

6 Nutis jabina Yihowaan nuuf kennuun itti gaafatamummaa humna keenyaa ol fakkaatullee raawwachuu ni dandeenya. Waaqayyo karaa nuti matumaa hin eegneen nu gargaaruu dandaʼa. Yihowaan inni Saamsoniif jabina kenne atis hamma isatti amanamtetti fedhii isaa raawwachuuf akka si gargaaru amantii qabaadhu.—Fak. 16:3.

7. Fakkeenyi qajeelfama Yihowaarraa faayidaa argachuuf carraaqqii gochuun keenya barbaachisaa akka taʼe argisiisu isa kami?

7 Obboloonnii fi obboleettonni hojii ijaarsaa tiʼookraasiirratti hirmaatan hedduun Yihowaatti akka amanaman argisiisaniiru. Kanaan dura yeroo baayʼee obboloonni ofuma isaaniitiin pilaanii baasanii Galmawwan Walgaʼii fi gamoowwan kan biroo ijaaru turan. Yeroo booda garuu jaarmiyaan Yihowaa guddachaa waan dhufeef sirreeffama tokko tokko gochuun barbaachiseera. Obboloonni itti gaafatamummaa qaban qajeelfama Yihowaa argachuuf erga kadhatanii booda gamoowwan bitanii haaressuu dabalatee malawwan haaraa taʼan yaaluu jalqaban. Roobart inni waggoota dhihoodhaa asitti addunyaa maratti piroojektiiwwan ijaarsaa hedduurratti hirmaate, “Jalqabarratti obboloonni tokko tokko mala haaraa kana fudhachuun isaanitti ulfaatee ture” jedheera. Itti fufuudhaanis akkana jedheera: “Malli kun mala waggoota hedduudhaaf itti hojjechaa turrerraa baayʼee addadha. Haa taʼu malee, obboloonni mala haaraa kanatti baruuf fedhii qabu; Yihowaanis sirreeffama kana eebbisaa akka jiru ifatti argaa jirra.” Kun ragaawwan Yihowaan sabni isaa fedhii isaa akka raawwataniif isaan geggeessaa akka jiru argisiisan keessaa tokko qofadha. Hundi keenyayyuu yeroo yerootti akkana jennee of gaafachuun keenya gaariidha: ‘Qajeelfama Yihowaa argachuuf carraaqqii gochaan jiraa? Tajaajilan isaaf dhiheessurratti sirreeffama barbaachisu gochuuf hoo fedhii qabaa?’

SAAMSON QOPHII YIHOWAATTI FAYYADAMEERA

8. Saamson yeroo baayʼee dheebotee turetti maal godhe?

8 Wantoota ajaaʼibsiisoo Saamson raawwate kan biroos ni yaadatta taʼa. Kophuma isaa leenca tokko ajjeeseera, boodas magaalaa Ashqaloon keessatti Filisxeemota 30 ajjeeseera. (Abo. 14:5, 6, 19) Saamson gargaarsa Yihowaa malee wantoota akkasii raawwachuu akka hin dandeenye beeka. Kunis Filisxeemota 1,000 erga rukutee booda yeroo baayʼee dheebotee turetti ifatti mulʼateera. Yeroo sanatti maal godhe? Bishaan argachuuf mala mataa isaatti fayyadamuu mannaa, gargaarsaaf gara Yihowaatti iyyateera.—Abo. 15:18.

9. Yihowaan kadhannaa Saamson gargaarsa argachuuf dhiheesseef deebii kan kenne akkamitti? (Abbootii Murtii 15:19 fi miiljalee)

9 Yihowaanis dinqiidhaan bishaan isaaf kennuudhaan kadhannaa Saamson gargaarsa argachuuf dhiheesseef deebii kenneera. Saamson yommuu bishaanicha dhugu, “humni isaa isatti ni deebiʼe, ni jajjabaates.” (Abbootii Murtii 15:19 fi miiljalee dubbisi.) Haala isaarraa hubachuu akka dandeenyutti, burqaan bishaanii kun waggoota hedduu booda yeroo Saamuʼel raajichi kitaaba Abbootii Murtii barreessettis jira ture. Israaʼelonni yeroo bishaan yaaʼu sana ilaalan Yihowaan hamma isatti amanamanitti tajaajiltoota isaa amanamoo taʼan yeroo isaan barbaachisutti akka isaan gargaaru yaadatanii taʼuu dandaʼa.

Saamson bishaan Yihowaan isaaf qopheesse erga dhugee booda humna argateera. Nutis qophii Yihowaan karaa hafuuraa nu cimsuuf godherraa fayyadamuun keenya barbaachisaadha (Keeyyata 10 ilaali)

10. Gargaarsa Yihowaa argachuuf maal gochuu qabna? (Fakkichas ilaali.)

10 Nutis dandeettii akkamiiyyuu yoo qabaanne ykn tajaajila Yihowaa keessatti maaliyyuu yoo raawwanne gargaarsaaf isatti amanamuun keenya baayʼee barbaachisaadha. Milkaaʼina dhugaa argachuu kan dandeenyu Yihowaatti yoo amanamne qofa akka taʼe, gad of qabuudhaan amanuu qabna. Akkuma Saamson bishaan Yihowaan isaaf qopheesse yeroo dhugetti jabina argate, nutis qophii Yihowaan nuuf godhe hundatti yeroo fayyadamnu karaa hafuuraa jabina arganna.—Mat. 11:28.

11. Gargaarsa Yihowaan nuuf godhurraa guutummaatti fayyadamuu kan dandeenyu akkamitti? Fakkeenya kenni.

11 Mee fakkeenya obboleessa Aleeksii jedhamuu fi Raashiyaa keessatti ariʼatamni cimaan isarra gaʼaa jiruu haa ilaallu. Obboleessi kun haala baayʼee ulfaataa taʼe dandamachuuf maaltu isa gargaare? Innii fi haati manaa isaa barsiifata hafuuraa gaarii qabu. Akkana jedheera: “Qoʼannaa dhuunfaa gochuu fi guyyaa guyyaadhaan Kitaaba qulqulluu dubbisuuf carraaqqii nan godha. Yeroo hunda ganama ganama anii fi haati manaa koo caqasa guyyaarratti ni mariʼanna, akkasumas waliin Yihowaa kadhanna.” Kanarraa maal baranna? Ofitti amanamuu mannaa Yihowaatti amanamuu qabna. Kana gochuuf maaltu nu gargaara? Yeroo hunda qoʼannaa dhuunfaa gochuu fi sochiiwwan tiʼookraasii kaanirratti hirmaachuudhaan amantii keenya cimsachuu qabna. Akkas kan goonu yoo taʼe Yihowaan carraaqqii isa tajaajiluuf goonu nuuf eebbisa. Akkuma Saamsoniin jabeesse nuunis akka jabeessu amanuu dandeenya.

SAAMSON ABDII HIN KUTANNE

12. Saamson murtoo gaarii hin taane akkamii godhe? Wanti yeroo kanatti godhe wanta sana dura godherraa adda kan taʼe akkamitti?

12 Saamson akkuma keenya mudaa waan qabuuf yeroo itti filannoo sirrii hin taane godhe qaba. Keessumaa murtoon inni godhe tokko miidhaa guddaa geessiseera. Saamson yeroo muraasaaf abbaa murtii taʼee erga tajaajilee booda, “dubartii Sulula Soreeq keessatti argamtuu fi Deliilaa jedhamtu irraa jaalalli isa qabe.” (Abo. 16:4) Sana dura Saamson dubartii Filisxeem takka kaadhimatee ture; kun akka taʼu kan godhe garuu, ‘Yihowaa isa carraa Filisxeemota itti waraanu barbaadaa turedha.’ Boodas Saamson mana dubartii sagaagaltuu biyya Filisxeem magaalaa Gaazaatti argamtuu dhaqe. Yeroo kanatti Waaqayyo Saamson karra magaalattii buqqisee gara iddoo biraatti akka geessu humna isaaf kenneera; kunis magaalattiin balaadhaaf akka saaxilamtu godheera. (Abo. 14:1-4; 16:1-3) Haalli Deliilaa garuu kanarraa adda ture; ishiin dubartii Israaʼel taʼuu hin ooltu.

13. Deliilaan Saamsonirratti dhiibbaa akkamii goote?

13 Deliilaan Saamsoniin warra Filisxeemitti dabarsitee kennuuf isaanirraa maallaqa hedduu fudhatteetti. Jaalalli ishiidhaaf qabu ija isaa waan jaamseef, Saamson wanta ishiin isarratti raawwachuuf jettu hubachuu hin dandeenye. Deliilaan madda humna isaa akka ishiitti himu irra deddeebitee dhiibbaa isarratti goote; innis dhumarratti waan hundumaa ishiitti hime. Kan nama gaddisiisu, dogoggorri Saamson raawwate kun humna isaa isa dhabsiiseera, akkasumas yeroo muraasaaf Yihowaa biratti fudhatama akka dhabu godheera.—Abo. 16:16-20.

14. Saamson Deliilaa amanuu isaatiin miidhaa akkamiitu isarra gaʼe?

14 Saamson Yihowaa utuu hin taʼin Deliilaa amanuun isaa miidhaa guddaa isarraan geessiseera. Warri Filisxeem qabanii ija isaa jaamsaniiru. Sana dura Saamson namoota Gaazaa salphisee kan ture taʼus, magaalaa sana keessatti hidhame. Achittis garba taʼee midhaan isaaniif daakuu jalqabe. Achiis Filisxeemonni qophii ayyaanaa tokkorratti yeroo walitti qabamanii turanitti wanta Saamsoniin salphisu godhan. Saamsoniin harka isaaniitti dabarsee kan kenne waaqa isaanii Daagon akka taʼe waan amananiif aarsaa guddaa isaaf dhiheessanii turan. Qophii isaaniirratti ‘akka isaan bashannansiisuuf’ Saamsoniin mana hidhaatii fichisiisan.—Abo. 16:21-25.

Yihowaan Saamsoniif humna kennuudhaan murtii Filisxeemotarratti dabarse akka raawwatu isa gargaareera (Keeyyata 15 ilaali)

15. Saamson deebiʼee Yihowaatti akka amaname kan argisiise akkamitti? (Abbootii Murtii 16:28-30) (Fakkii qola isaarra jiru ilaali.)

15 Saamson dogoggora cimaa raawwatee kan ture taʼus, abdii hin kutanne. Filisxeemota waraanuudhaan itti gaafatamummaa Yihowaan isaaf kenne raawwachuuf carraa barbaaddateera. (Abbootii Murtii 16:28-30 dubbisi.) Saamson, “Filisxeemota haaloo akkan baʼuuf, maaloo, . . . na jabeessi” jechuudhaan cimsee Yihowaa kadhate. Waaqni dhugaanis dinqiidhaan jabina isaaf kennuudhaan kadhannaa isaatiif deebii kenneera. Saamson yeroo kamiyyuu caalaa yeroo kanatti milkaaʼina guddaa argateera.

16. Dogoggora Saamson raawwaterraa maal baranna?

16 Saamson dogoggora raawwateen kan kaʼe miidhaa guddaan isarra gaʼus, fedhii Yihowaa raawwachuuf carraaqqii gochuurraa duubatti hin jenne. Dogoggora raawwanneen kan kaʼe adabbiin kan nuuf kenname ykn mirga tokko kan dhabne taʼus, abdii kutachuu hin qabnu. Kanaa mannaa, Yihowaan abdii akka nutti hin kutanne yaadachuu qabna. (Far. 103:8-10) Dogoggora kan raawwannu taʼus, Yihowaan akkuma Saamsonitti fayyadame nuttis fayyadamuu dandaʼa.

Saamson dogoggora raawwatetti baayʼee gaddee taʼuu qaba; taʼus abdii hin kutanne; nutis abdii kutachuu hin qabnu (Keeyyata 17-18 ilaali)

17-18. Muuxannoo Maayikilirraa jajjabina akkamii argatte? (Fakkichas ilaali.)

17 Mee fakkeenya dargaggeessa Maayikil jedhamuu haa ilaallu. Obboleessi kun tajaajilaa gumii fi qajeelchaa yeroo hundaa waan taʼeef sochiiwwan tiʼookraasiitiin qabamee ture. Kana nama gaddisiisu garuu dogoggora raawwateen kan kaʼe mirga gumii keessatti qabu dhabe. Akkana jedheera: “Hanga yeroo sanaatti tajaajila Yihowaatiin qabameen ture. Achiis akkuma tasaa tajaajila Yihowaa keessatti homaa gochuu akkan hin dandeenye natti dhagaʼame. Yihowaan akka na dhiise natti dhagaʼamee hin beeku; taʼus ‘Deebiʼee isa wajjin michummaa cimaa qabaachuu fi akka kanaan duraa gumii keessatti garaa guutuudhaan isa tajaajiluu nan dandaʼaa laata?’ jedhee yaaddaʼeen ture.”

18 Kan nama gammachiisu Maayikil abdii hin kutanne. “Yeroo hunda kadhannaa garaadhaa madde dhiheessuudhaan, qoʼachuu fi xiinxaluudhaan michummaan Yihowaa wajjin qabu haaressuurrattan xiyyeeffadhe” jedheera. Yeroo booda Maayikil gumii keessatti mirga argateera. Yeroo ammaatti jaarsa gumii fi qajeelchaa yeroo hundaa taʼee tajaajilaa jira. Akkana jedheera: “Keessumaa deggersii fi jajjabinnin jaarsoliirraa argadhe Yihowaan ammayyuu akka na jaallatu hubachuuf na gargaareera. Qalbii qulqulluudhaan deebiʼee gumii keessatti tajaajiluu dandaʼeera. Yihowaan nama garaadhaa yaada geddaratu kamiifiyyuu dhiifama akka godhu muuxannoo kanarraa baradheera.” Nutis dogoggora kan raawwannu taʼus, daandii keenya sirreessuuf carraaqqii gochuu fi isatti amanamuu keenya hamma itti fufnetti Yihowaan akka nutti fayyadamuu fi akka nu eebbisu mirkanaaʼoo taʼuu dandeenya.—Far. 86:5; Fak. 28:13.

19. Fakkeenyi Saamson kan si jabeessu akkamitti?

19 Mata duree kana keessatti wantoota dinqisiisoo jireenya Saamson keessatti raawwataman muraasa ilaalle. Saamson nama mudaa qabudha; taʼus Deliilaa wajjin haala wal qabateen dogoggora erga raawwatee boodallee abdii kutatee Yihowaa tajaajiluuf carraaqqii gochuu isaa hin dhiisne. Yihowaanis abdii isatti hin kutanne. Yihowaan sana boodas karaa baayʼee ajaaʼibsiisaa taʼeen Saamsonitti fayyadameera. Namoota amanamoo Ibroota boqonnaa 11 keessatti galmeeffaman keessaa tokko akka taʼu gochuudhaan nama amantii guddaa qabu akka taʼetti isa ilaaleera. Abbaan keenya inni samii keessumaa yeroo dadhabnutti nu jabeessuuf fedhii guddaa akka qabu beekuun keenya baayʼee nu jajjabeessa. Kanaafuu, akkuma Saamson, “Maaloo, na yaadadhu; . . . na jabeessi” jennee kadhachuu keenya itti haa fufnu.—Abo. 16:28.

FAARFANNAA 3 Jabina Keenya, Abdii Keenya, Amanannaa Keenya

a Maqaan Saamson jedhu namoota waaʼee Kitaaba Qulqulluu baayʼee hin beekne dabalatee namoota hedduu biratti beekamaadha. Namoonni baayʼeen barreeffama, sirbaa fi fiilmiiwwan isaaniirratti waaʼee seenaa Saamson ni ibsu. Taʼus, seenaan isaa sheekkoo miti. Nama amantii guddaa qabu kanarraa wanta baayʼee baranna.