Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

MATA DUREE QOʼANNAA 38

Dargaggoota, Jireenya Akkamii Jiraachuu Barbaaddu?

Dargaggoota, Jireenya Akkamii Jiraachuu Barbaaddu?

‘Hubannaan si golga.’—FAK. 2:11.

FAARFANNAA 135 Affeerrii Yihowaa: ‘Yaa Ilma Koo, Ogeessa Taʼi’

QABIYYEE a

1. Yoʼaas, Ooziyaa fi Yosiyaas haala rakkisaa akkamiitu isaan mudate?

 IJOOLLUMMAA keetti mootii saba Waaqayyoo taatee bulchuu akka jalqabde godhii yaadi. Aangoo keetti akkamitti fayyadamta? Kitaabni Qulqulluun waaʼee namoota ijoollummaa isaaniitti mootota Yihudaa taʼanii ni dubbata. Fakkeenyaaf, Yoʼaas mootii yeroo taʼetti umuriin isaa waggaa 7, Ooziyaan waggaa 16, Yosiyaasimmoo waggaa 8 ture. Hammam isaaniitti ulfaatee akka ture tilmaamuu dandeessa. Haalli isaa salphaa taʼuu baatus hundi isaaniiyyuu haala rakkisaa isaan mudate dandamachuufis taʼe jireenya gammachiisaa jiraachuuf gargaarsa isaan barbaachisu argataniiru.

2. Fakkeenya Yoʼaas, Ooziyaa fi Yosiyaas qoʼachuun keenya barbaachisaa kan taʼe maaliifi?

2 Mootota taʼuu baannus namoota sadan kanarraa barumsa gaarii argachuu dandeenya. Namoonni kun murtoowwan gaggaarii godhaniiru, garuummoo murtoo gaarii hin taanes godhaniiru. Fakkeenya isaaniirraa michoota gaarii filachuun, gad of qabuunii fi Yihowaa barbaaddachuun barbaachisaa taʼuu isaa baranna.

MICHOOTA GAARII FILADHAA

Yeroo harʼaatti gorsa michoonni gaariin nuuf kennan dhagaʼuudhaan fakkeenya Yoʼaas hordofuu dandeenya (Keeyyata 3, 7 ilaali) c

3. Yoʼaas Mootichi qajeelfama Yehoyaadaan inni luba olaanaa taʼe isaaf kenneef deebii akkamii kenne?

3 Akkuma Yoʼaas murtoo gaarii godhaa. Yoʼaas Mootichi ijoollummaa isaatti murtoo gaarii godhee ture. Abbaa kan hin qabne taʼus Yehoyaadaan isa luba olaanaa amanamaa taʼerraa qajeelfama argateera; qajeelfama isaas hordofeera. Lubni kun akkuma mucaa isaatti isa ilaaluudhaan isa gorseera. Kanaafuu, Yoʼaas Yihowaa tajaajiluu fi sabichis akkas akka godhan gargaaruuf murteesseera. Yoʼaas mana qulqullummaa Yihowaa haaressuufillee qophii godheera.—2 Sen. 24:1, 2, 4, 13, 14.

4. Ajajawwan Yihowaatiif iddoo guddaa kennuun kan nu fayyadu akkamitti? (Fakkeenya 2:1, 10-12)

4 Warri kee ykn namni kan biraan Yihowaa akka jaallattuu fi ulaagaalee isaatiin akka jiraattu si barsiisaa jiru yoo taʼe kennaa gatii guddaa qabu sii kennaa jiru. (Fakkeenya 2:1, 10-12 dubbisi.) Warri kee karaa baayʼeedhaan leenjii sii kennuu dandaʼu. Obboleettiin Kaatiyaa jedhamtu abbaan ishii murtoo gaarii gochuuf kan ishii gargaare akkamitti akka taʼe haa ilaallu. Abbaan ishii yeroo gara mana barumsaa ishii geessu hundumaatti caqasa guyyaarratti ishii wajjin mariʼata ture. Kaatiyaan, “Mariin sun haala rakkisaa guyyaa sana na mudatu dandamachuuf na gargaareera” jetteetti. Haa taʼu malee, qajeelfamni warri kee Kitaaba Qulqulluurratti hundaaʼanii siif kennan bilisummaa kan si dhabsiisu akka taʼe yoo sitti dhagaʼamehoo? Qajeelfama isaanii fudhachuuf maaltu si gargaara? Obboleettiin Anastaasiyaa jedhamtu warri ishii seerota tokko tokko kan baasan maaliif akka taʼe yeroo fudhatanii akka ishiidhaaf ibsan ni yaadatti. Akkas gochuun isaanii, “Seera kan baasan na toʼachuuf utuu hin taʼin jaalalaan kakaʼanii eegumsa naa gochuuf akka taʼe hubachuuf na gargaareera” jetteetti.

5. Gochi keessan warra keessanii fi Yihowaarratti dhiibbaa kan godhu akkamitti? (Fakkeenya 22:6; 23:15, 24, 25)

5 Gorsa Kitaaba Qulqulluu isiniif kennamu hojiirra kan oolchitan yoo taʼe warra keessan ni gammachiistu. Hunda caalaammoo Waaqa gammachiistu, isa wajjinis michummaa barabaraaf turu uumtu. (Fakkeenya 22:6; 23:15, 24, 25 dubbisi.) Kana beekuun keessan akkuma Yoʼaas ijoollummaa isaatti godhe murtoo gaarii gochuuf isin hin kakaasuu?

6. Yehoyaadaan erga duʼee booda Yoʼaas gorsa eenyuu dhagaʼuu jalqabe? Kunoo miidhaa akkamii isarraan geessise? (2 Seenaa Baraa 24:17, 18)

6 Murtoo dogoggoraa Yoʼaas godherraa baradhaa. Yoʼaas Yehoyaadaan erga duʼee booda michoota gadhee filate. (2 Seenaa Baraa 24:17, 18 dubbisi.) Gorsa bulchitoonni Yihudaa warri Yihowaa hin jaallanne isaaf kennan dhagaʼuuf murteesse. ‘Yoʼaas namoota gaarii hin taane kanarraa fagaachuu qaba ture’ jettee yaadda taʼa. (Fak. 1:10) Inni garuu gorsa isaanii fudhate. Durbiin isaa Zakkaariyaas isa gorsuuf yeroo yaalu Yoʼaas isa ajjeesiseera. (2 Sen. 24:20, 21; Mat. 23:35) Kun gocha gowwummaa baayʼee gaddisiisaa taʼedha. Yoʼaas jalqabbiin isaa gaarii taʼus booda garuu gantuu fi nama nama ajjeesu taʼeera. Dhumarrattis tajaajiltoonni isaa isa ajjeesan. (2 Sen. 24:22-25) Yihowaa fi warra Yihowaa jaallatan dhagaʼuu isaa itti fufeera utuu taʼee jireenyi isaa kanarraa baayʼee adda taʼa ture. Kanarraa maal baranna?

7. Michoota akkamii filachuu qabdu? (Fakkichas ilaali.)

7 Murtoo dogoggoraa Yoʼaas godherraa barumsi argannu tokko kanadha: Michoota dhiibbaa gaarii nurratti godhan, jechuunis michoota Yihowaa jaallatanii fi isa gammachiisuu barbaadan filachuu qabna. Namoota umurii keenyarratti argaman qofa michuu godhachuu hin qabnu. Yehoyaadaan umuriidhaan michuu isaa Yoʼaasiin baayʼee akka caalu yaadadhaa. Michoota filattu ilaalchisee akkana jedhii of gaafadhu: ‘Amantiin Yihowaarratti qabu cimsachuuf na gargaaruu? Ulaagaalee Waaqayyoo akkan hordofu na jajjabeessuu? Waaʼee Yihowaa fi waaʼee dhugaawwan isaa ni dubbatuu? Ulaagaalee Waaqayyootiif kabaja qabuu? Wantuman dhagaʼuu barbaadu natti himumoo yeroon dogoggoru na sirreessuuf ija jabina qabu?’ (Fak. 27:5, 6, 17) Dhugaa dubbachuuf michoonni kee Yihowaa hin jaallatan taanaan homaa si hin fayyadan. Yihowaa kan jaallatan yoo taʼe garuu yeroo hundumaa si gargaaru.—Fak. 13:20.

8. Weebsaayitii hawaasaa ni fayyadamna yoo taʼe maalirratti yaaduu qabna?

8 Weebsaayitiin hawaasaa maatii fi michoota kee wajjin wal arguuf si gargaaruu dandaʼa. Haa taʼu malee, namoonni baayʼeen weebsaayitii hawaasaatti kan fayyadaman suuraa fi viidiyoo wanta bitan ykn wanta raawwatan argisiisu achirratti baasuudhaan warra kaan ajaaʼibsiisuufi. Weebsaayitii hawaasaa ni fayyadamta taanaan akkana jedhii of gaafadhu: ‘Kanan itti fayyadamu warra kaan ajaaʼibsiisuufii? Kaayyoon koo wanta warra kaan gargaaru gochuudhamoo of argisiisuudha? Namoonni weebsaayitii hawaasaa fayyadaman ilaalcha, dubbii fi gocha koorratti dhiibbaa gadhee akka godhan heyyamaan jiraa?’ Obboleessi keenya Naataan Noor inni miseensa Qaama Olaanaa taʼee tajaajile gorsa akkana jedhu kenneera: “Nama gammachiisuuf hin yaalin. Akkas yoo goote eenyuyyuu gammachiisuu hin dandeessu. Yihowaa gammachiisi. Akkas yoo goote namoota Yihowaa jaallatan hunda gammachiisuu dandeessa.”

GAD OF QABUUN BARBAACHISAADHA

9. Yihowaan Ooziyaan maal akka raawwatu isa gargaare? (2 Seenaa Baraa 26:1-5)

9 Akkuma Ooziyaa murtoo gaarii godhaa. Ooziyaa Mootichi ijoollummaa isaatti nama gad of qabu ture. ‘Waaqa dhugaa sodaachuu’ akka qabus barateera. Umurii isaa waggaa 68 keessaa harka caalaa isaa eebba Yihowaa argatee jiraateera. (2 Seenaa Baraa 26:1-5 dubbisi.) Ooziyaan diinota Israaʼel hedduu injifateera; Yerusaalemis eegumsa cimaa akka qabaattu godheera. (2 Sen. 26:6-15) Ooziyaan wanta Waaqayyo akka raawwatu isa gargaare hundumaatti akka gammade ifadha.—Lal. 3:12, 13.

10. Ooziyaarra maaltu gaʼe?

10 Murtoo dogoggoraa Ooziyaan godherraa baradhaa. Ooziyaa Mootichi yeroo baayʼee warri kaan qajeelfama isaa akka hordofan ajajaa tureera. Tarii kun wanta barbaade hunda gochuu akka dandaʼu akka isatti dhagaʼamu godhee taʼuu dandaʼa. Gaaf tokko Ooziyaan of tuulummaadhaan gara mana qulqullummaa Yihowaa seenee iddoo aarsaarratti ixaana aarsuuf yaale; taʼus mootonni kana akka godhan isaaniif hin heyyamamu ture. (2 Sen. 26:16-18) Azaariyaan inni luba olaanaa taʼe isa dhorkuuf kan yaale taʼus, Ooziyaan garuu baayʼee aare. Kan nama gaddisiisu Ooziyaan amanamaa taʼee itti hin fufne; kanaan kan kaʼes Yihowaan dhukkuba Nadaayiitiin isa adabe. (2 Sen. 26:19-21) Gad of qabee itti fufeera utuu taʼee jireenyi isaa kanarraa baayʼee adda taʼa ture.

Milkaaʼina arganneen of jajuu mannaa wanta raawwachuu dandeenyeef Yihowaa galateeffachuu qabna (Keeyyata 11 ilaali) d

11. Kan gad of qabnu taanee itti fufuuf maaltu nu gargaara? (Fakkichas ilaali.)

11 Ooziyaan jabaachaa yeroo deemu maddi ciminaa fi badhaadhina isaa Yihowaa taʼuu isaa ni irraanfate. Kanarraa maal baranna? Eebbii fi mirgi arganne hundi Yihowaa biraa akka dhufe of yaadachiisuun keenya gaariidha. Milkaaʼina arganneen of jajuu mannaa wanta raawwachuu dandeenye hundumaatiif Yihowaa galateeffachuu qabna. b (1 Qor. 4:7) Gad of qabuudhaan mudaa akka qabnuu fi adabni akka nu barbaachisu amanuu qabna. Obboleessi umuriin isaa gara 60 taʼe tokko akkana jedhee barreesseera: “Ulfina kootiif garmalee yaaddaʼuu akkan hin qabne baradheera. Dogoggoran gowwummaadhaan yeroo tokko tokko raawwadhuun kan kaʼe adabni yeroo naaf kennamu, sirreeffama gochuu fi Yihowaa tajaajiluuf wantan dandaʼu hunda gochuu koo itti fufuuf carraaqqiin godha.” Dhugaan isaa kanadha: Yihowaa kan sodaannuu fi kan gad of qabnu yoo taʼe jireenyi keenya gammachiisaa taʼa.—Fak. 22:4.

YIHOWAA BARBAADDACHUU KEESSAN ITTI FUFAA

12. Yosiyaas dargaggummaa isaatti Yihowaa kan barbaaddate akkamitti? (2 Seenaa Baraa 34:1-3)

12 Akkuma Yosiyaas murtoo gaarii godhaa. Yosiyaas Yihowaa barbaaddachuu kan jalqabe yeroo umuriin isaa waggaa 16 turettidha. Waaʼee Yihowaa barachuu fi fedhii isaa raawwachuu barbaadee ture. Haa taʼu malee, mootii dargaggeessa taʼe kanaaf jireenyi salphaa hin turre. Yeroo waaqeffannaan sobaa babalʼatee turetti waaqeffannaa dhugaa deggaruuf tarkaanfii fudhachuun isa barbaachisee ture. Yosiyaas ija jabeessa ture. Umuriin isaa waggaa 20 utuu hin guutin waaqeffannaa sobaa biyyattii keessaa balleessuuf tarkaanfii fudhachuu jalqabe.—2 Seenaa Baraa 34:1-3 dubbisi.

13. Yihowaadhaaf erga of murteessitee booda jireenyi kee kan jijjiiramu akkamitti?

13 Atis umuriin kee baayʼee xinnoo yoo taʼellee Yihowaa barbaaddachuu fi waaʼee amaloota isaa caalaatti barachuudhaan fakkeenya Yosiyaas hordofuuf murteessuu dandeessa. Akkas gochuun kee Yihowaadhaaf of murteessuuf si kakaasa. Murtoon kun jireenya kee kan jijjiiru akkamitti? Luuk inni waggaa 14​tti cuuphame akkana jedheera: “Ammaa kaasee jireenya koo keessatti Yihowaa tajaajiluufan dursa kenna, isa gammachiisuufis carraaqqii nan godha.” (Mar. 12:30) Atis akkas gochuuf fedhii qabda taanaan eebba guddaa argatta.

14. Dargaggoonni tokko tokko fakkeenya Yosiyaas hordofaa akka jiran fakkeenya argisiisu kenni.

14 Dargaggeessi Yihowaa tajaajilu tokko rakkoowwan akkamii isa mudachuu dandaʼu? Johaan inni waggaa 12​tti cuuphame ijoolleen isa wajjin baratan sijaaraa akka xuuxu dhiibbaa akka isarratti godhan dubbateera. Johaan dhiibbaa kana dandamachuuf sijaaraa xuuxuun fayyaa isaa akka miidhuu fi michummaa Yihowaa wajjin qabu akka isa jalaa balleessu of yaadachiise. Reechal ishiin waggaa 14​tti cuuphamtes haala rakkisaa mana barumsaatti ishii mudatu dandamachuuf wanta ishii gargaare ibsiteetti. Akkana jetteetti: “Wantan argu wantoota hafuuraa wajjin wal qabsiisuufan yaala. Fakkeenyaaf, barumsi seenaa tokko seenaa Kitaaba Qulqulluu ykn raajii tokko na yaadachiisuu dandaʼa. Mariin warra kaan wajjin godhummoo caqasan namootatti himuu dandaʼu tokko na yaadachiisuu dandaʼa.” Haalli rakkisaan si mudatu isa Yosiyaas Mooticha mudaterraa adda taʼuu dandaʼa; garuu atis ogeessaa fi amanamaa taʼuu dandeessa. Ijoollummaa keetti qorumsa dandamachuun kee haala rakkisaa gara fuulduraatti si mudatu dandamachuuf si qopheessa.

15. Yosiyaas amanamummaadhaan Yihowaa akka tajaajilu maaltu isa gargaare? (2 Seenaa Baraa 34:14, 18-21)

15 Yosiyaas Mootichi yeroo umuriin isaa waggaa 26 taʼu mana qulqullummaa haaressuu jalqabe. Yeroo hojiin kun hojjetamaa turetti ‘kitaabni Seera Yihowaa inni karaa Musee kenname’ ni argame. Mootichi wanta kitaabichi jedhu yeroo dhagaʼu sirreeffama gochuuf yeruma sana tarkaanfii fudhate. (2 Seenaa Baraa 34:14, 18-21 dubbisi.) Kitaaba Qulqulluu yeroo hunda dubbisuuf fedhii qabdaa? Akkas gochuuf yaalaa jirta taanaan, dubbisni kee gammachiisaadhaa? Caqasoota dhuunfaatti si fayyadan qabachuuf ni yaaltaa? Luuk inni olitti ibsame qabxiilee isa hawwatanii fi yeroo dubbisu argate yaadannoo isaarratti ni barreeffata. Atis akkas gochuun kee caqasoota Kitaaba Qulqulluu ykn barumsa caqasoota sanarraa argatte yaadachuuf si gargaaruu dandaʼa. Kitaaba Qulqulluu caalaatti beekaa fi jaallachaa yeroo deemtu fedhiin Yihowaa tajaajiluuf qabdus caalaatti dabalaa deema. Akkas yoo goote akkuma Yosiyaas Mootichaa Dubbiin Waaqayyoo wanta sirrii gochuuf si kakaasa.

16. Yosiyaas dogoggora cimaa kan raawwate maaliifi? Nutoo kanarraa maal baranna?

16 Murtoo dogoggoraa Yosiyaas godherraa baradhaa. Yosiyaas umuriin isaa gara waggaa 39 yeroo taʼu dogoggora lubbuu isaa isa dhabsiise raawwateera. Qajeelfama Yihowaa gaafachuu mannaa ofitti amanamee ture. (2 Sen. 35:20-25) Kanarraa barumsa guddaa arganna. Umuriin keenya hammamiyyuu yoo taʼe ykn Kitaaba Qulqulluu qoʼachaa kan turre yeroo hammamiitiifiyyuu yoo taʼe Yihowaa barbaaddachuu keenya itti fufuu qabna. Akkas gochuun qajeelfama isaa argachuuf yeroo hunda kadhachuu, Dubbii isaa qoʼachuu fi gorsa Kiristiyaanonni bilchina qaban kennan dhagaʼuu dabalata. Akkas yoo goone dogoggora guddaa raawwachuurraa of eegna, akkasumas caalaatti gammadoo taana.—Yaq. 1:25.

DARGAGGOOTA, JIREENYA GAMMACHIISAA JIRAACHUU DANDEESSU

17. Seenaa mootota Yihudaa sadaniirraa maal baranna?

17 Dargaggummaa keessanitti wanta gammachuu isiniif argamsiisu hedduu gochuu dandeessu. Seenaan Yoʼaas, Ooziyaa fi Yosiyaas dargaggoonni murtoo gaarii gochuu fi jireenya Yihowaa gammachiisu jiraachuu akka dandaʼan argisiisa. Dhugaadha, dargaggoonni kun dogoggora rakkina isaanitti fide raawwataniiru. Taʼus, wanta gaarii isaan godhan kan goonuu fi dogoggora isaan raawwatanirraa kan of eegnu yoo taʼe jireenya gammachiisaa jiraachuu dandeenya.

Daawit dargaggummaa isaatti Yihowaatti dhihaateera. Isa biratti fudhatama argateera, jireenyi isaas gammachiisaa taʼeera (Keeyyata 18 ilaali)

18. Fakkeenyonni Kitaaba Qulqulluu jireenya gammachiisaa jiraachuu akka dandeessu argisiisan kamfaʼi? (Fakkichas ilaali.)

18 Kitaabni Qulqulluun waaʼee dargaggoota Yihowaatti dhihaachuu fi isa biratti fudhatama argachuu isaaniitiin kan kaʼe jireenya gammachiisaa jiraatan kan biroos ni dubbata. Isaan keessaa tokko Daawiti. Daawit dargaggummaa isaatti Yihowaa cinaa dhaabbachuuf waan filateef yeroo booda mootii amanamaa taʼuu dandaʼeera. Dhugaadha, yeroo itti dogoggora raawwate qaba; garuu Waaqayyo amanamaa akka taʼetti isa ilaala. (1 Mot. 3:6; 9:4, 5; 14:8) Seenaa Daawit yeroo qoʼattu fakkeenyi isaa amanamummaadhaan Yihowaa tajaajiluu kee akka itti fuftu si jajjabeessa. Waaʼee Maarqos ykn Ximotewosis qoʼachuu ni dandeessa. Waaʼee isaanii yeroo qoʼattu dargaggummaa isaaniitti Yihowaa tajaajiluu akka jalqabanii fi umurii isaanii guutuu amanamummaadhaan tajaajiluu isaanii akka itti fufan baratta; kanaan kan kaʼes jireenya gammachiisaa jiraataniiru.

19. Jireenya akkamii jiraachuu barbaadda?

19 Wanti yeroo ammaatti gootu jireenya kee gara fuulduraarratti dhiibbaa guddaa gochuu dandaʼa. Hubannaa ofii keetiitti utuu hin taʼin Yihowaatti kan amanamtu yoo taʼe inni tarkaanfii kee siif qajeelcha. (Fak. 20:24) Jireenya gammachiisaa taʼe jiraachuu ni dandeessa. Yihowaan wanta isaaf gooteef iddoo guddaa akka kennu yaadadhu. Abbaa keenya Yihowaa isa jaalala qabeessa taʼe tajaajiluu caalaa karaa gaariin jireenya keetti fayyadamuu dandeessu kan biraan hin jiru.

FAARFANNAA 144 Badhaasicha Irratti Xiyyeeffadhu!

a Dargaggoota, Yihowaan qorumsi michummaa isa wajjin qabdan isin jalaa balleessuu dandaʼu akka isin mudatu beeka. Murtoo gaarii Abbaa keessan isa samii gammachiisu gochuu kan dandeessan akkamitti? Mata duree kana keessatti fakkeenya dargaggoota yeroo booda mootota Yihudaa taʼan sadii ilaalla. Murtoo isaan godhanirraa barumsa akkamii akka argattan hubadhaa.

b Mata duree jw.org irratti argamuu fi “Weebsaayitii Hawaasaa Irratti Beekamtii Argachuun Hangam Barbaachisaa Dha?” jedhu jalaa saanduqa “Kan Gad Of Qabdu Fakkaattee Of Jajuu Irraa Of Eeggadhu” jedhu ilaali.

c IBSA FAKKII: Obboleettiin bilchina qabdu obboleettii dargaggeettii taateef gorsa kennaa jirti.

d IBSA FAKKII: Obboleettiin walgaʼii aanaarratti kutaa dhiheessite Yihowaatti amanamteetti, wanta gooteefis Yihowaa galateeffachaa jirti.