Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

MATA DUREE QOʼANNAA 39

Garraamota Taʼuudhaan Cimina Keessan Argisiisaa

Garraamota Taʼuudhaan Cimina Keessan Argisiisaa

“Garbichi Gooftaa nama loluu hin qabu; kanaa mannaa, namoota hundumaatiif garraamii . . . taʼuu qaba.”—2 XIM. 2:24.

FAARFANNAA 120 Akka Kiristoositti Garraamota Taʼaa

QABIYYEE a

1. Bakka hojiitti ykn mana barumsaatti gaaffiin akkamii nuuf dhihaachuu dandaʼa?

 NAMNI si wajjin hojjetu ykn barataan si wajjin baratu tokko waaʼee amantii keetii yeroo si gaafatu maaltu sitti dhagaʼama? Ni dhiphattaa? Baayʼeen keenya akkas nutti dhagaʼama. Taʼus, namni tokko gaaffii akkasii nu gaafachuun isaa ilaalchaa fi amantii isaa hubachuuf waan nu gargaaruuf misiraachicha itti himuuf carraa nuuf bana. Yeroo tokko tokko garuu namni tokko yaada keenyarratti waan walii hin galleef ykn nu falmuuf jedhee gaaffii kaasuu dandaʼa. Kun nu dinqisiisuu hin qabu. Namoonni tokko tokko waaʼee amantii keenyaa odeeffannoo dogoggoraa qabu. (HoE. 28:22) Kana malees, kan jiraannu “guyyoota dhumaa” keessa waan taʼeef, namoonni baayʼeen “walii galuuf fedhii kan hin qabne,” akkasumas “gara jabeeyyii” dha.—2 Xim. 3:1, 3.

2. Amala garraamummaa argisiisuu kan barbaannu maaliifi?

2 ‘Namni tokko waaʼee amantii kootii na falmuu utuu barbaaduu tasgabbii fi malaan deebii isaaf kennuu kanan dandaʼu akkamitti?’ jettee gaafatta taʼa. Akkas gochuuf maaltu si gargaara? Jecha tokkoon ibsuuf, garraamummaadha. Namni garraamii taʼe salphaatti hin aaru; kanaa mannaa, yeroo namoonni isa aarsanitti ykn deebii kennuu qabu hin beeknettillee of toʼata. (Fak. 16:32) Dhugaadha, garraamummaa argisiisuun yeroo hunda salphaa miti. Maarree, amala garraamummaa horachuu kan dandeessu akkamitti? Namni tokko waaʼee amantii keetii yeroo si gaafatu garraamummaadhaan deebii kennuu kan dandeessu akkamitti? Warra yoo taatan, ijoolleen keessan waaʼee amantii isaanii garraamummaadhaan akka ibsan gargaaruu kan dandeessan akkamitti? Mee haa ilaallu.

AMALA GARRAAMUMMAA HORACHUUN KAN DANDAʼAMU AKKAMITTI?

3. Namni garraamii taʼe dadhabaa utuu hin taʼin cimaadha kan jennu maaliifi? (2 Ximotewos 2:24, 25)

3 Namoonni garraamii taʼan cimoodha malee dadhaboo miti. Haala rakkisaa taʼe keessatti tasgabbaaʼuun cimina gaafata. Garraamummaan kutaa ‘firii hafuuraati.’ (Gal. 5:22, 23) Jechi Afaan Giriikii “garraamii” jedhamee hiikame, darbee darbee farda bosonaa madaqfame argisiisuufis itti hojjetameera. Mee waaʼee farda bosonaa madaqfame tokkoo yaaduuf yaalaa. Fardi sun kan madaqfame taʼus, ammayyuu cimaadha. Nuti namoonni amala garraamummaa argisiisuu fi cimina qabaachuu kan dandeenyu akkamitti? Carraaqqii keenyaan qofa kana gochuu hin dandeenyu. Waaqayyo hafuura isaa akka nuuf kennuu fi amala baayʼee gaarii taʼe kana horachuuf akka nu gargaaru kadhachuu qabna. Muuxannoowwan kun taʼuu akka dandaʼu argisiisan hedduun jiru. Dhugaa Baatonni Yihowaa yeroo namoonni isaan mormanitti garraamummaadhaan deebii kennan hedduun jiru. Kunis namoonni tokko tokko ilaalcha nuuf qaban akka jijjiiran godheera. (2 Ximotewos 2:24, 25 dubbisi.) Maarree, amala garraamummaa horachuu kan dandeessu akkamitti?

4. Fakkeenya Yisihaaqirraa waaʼee garraamummaa maal baranna?

4 Kitaabni Qulqulluun seenaawwan garraamii taʼuun faayidaa guddaa akka qabu argisiisan hedduu qabateera. Mee fakkeenya Yisihaaq haa ilaallu. Yisihaaq yeroo naannoo Filisxeemotaa kan taate Geraar keessa jiraachaa turetti, olloonni isaa isatti hinaafan boolla bishaanii tajaajiltoonni abbaa isaa qotan jalaa duuchanii turan. Yeroo kanatti Yisihaaq mirga isaatiif falmuu mannaa, maatii isaa fuudhee gara bakka biraa deemuudhaan boollawwan bishaanii kan biroo qotate. (Uma. 26:12-18) Filisxeemonni sun garuu bishaan iddoo sana jirus kan isaanii akka taʼe dubbatan. Yeroo kanattis Yisihaaq nagaadhaan tarkaanfii fudhate. (Uma. 26:19-25) Yisihaaq yeroo namoonni sun taʼe jedhanii isa aarsuuf yaalaa turanitti amala garraamummaa argisiisuuf maaltu isa gargaare? Amala warri isaa argisiisan xiyyeeffannaadhaan ilaalaa akka ture hin shakkisiisu. Abbaa isaa Abrahaam isa naga qabeessa taʼee fi haadha isaa Saaraa ishii “tasgabbii fi garraamummaa” qabdurraa barumsa hedduu argateera.—1 Phe. 3:4-6; Uma. 21:22-34.

5. Warri Kiristiyaanota taʼan faayidaa garraamummaan qabu ijoollee isaanii barsiisuu akka dandaʼan fakkeenyi argisiisu isa kami?

5 Warri Kiristiyaanota taatanis garraamii taʼuun faayidaa guddaa akka qabu ijoollee keessan barsiisuu ni dandeessu. Mee fakkeenya Meeksansi isa umuriin isaa waggaa 17 taʼee haa ilaallu. Meeksansi mana barumsaattii fi tajaajilarratti namoonni dafanii aaran isa mudatanii turan. Warri isaas amala garraamummaa akka horatu obsaan isa gargaaraniiru. Akkana jedhaniiru: “Meeksansi yeroo namoonni isa aarsanitti aariidhaan tarkaanfii fudhachuu ykn lola keessa galuu caalaa of toʼachuun cimina guddaa akka gaafatu hubateera.” Kan nama gammachiisu, Meeksansi garraamii taʼuu dandaʼeera.

6. Kadhannaan caalaatti garraamummaa argisiisuuf kan nu gargaaru akkamitti?

6 Namni tokko wanta Waaqa keenya salphisu dubbachuudhaan ykn Kitaaba Qulqulluutti qoosuudhaan nu aarsuuf yoo yaale maal gochuu dandeenya? Garraamummaadhaan deebii kennuu akka dandeenyuuf hafuura isaa fi ogummaa isaa akka nuuf kennu Yihowaa kadhachuu qabna. Deebii kan kennine karaa sirrii hin taaneen akka taʼe yoo hubannehoo maal gochuu qabna? Waaʼee kanaas kadhannaa dhiheessuu fi yeroo itti aanutti deebii gaarii kennuu kan dandeenyu akkamitti akka taʼe irratti yaaduu dandeenya. Akkas yoo goone, Yihowaan aarii keenya toʼachuu fi garraamummaa argisiisuu akka dandeenyuuf hafuura isaa nuuf kenna.

7. Caqasoota Kitaaba Qulqulluu tokko tokko yaadachuun keenya dubbii fi gocha keenya toʼachuuf kan nu gargaaru akkamitti? (Fakkeenya 15:1, 18)

7 Caqasoonni Kitaaba Qulqulluu tokko tokko yeroo haalli rakkisaan nu mudatutti arraba keenya toʼachuuf nu gargaaru. Hafuurri Waaqayyoo caqasoota kana akka yaadannu nu gargaara. (Yoh. 14:26) Fakkeenyaaf, dhugaawwan buʼuuraa kitaaba Fakkeenyaa keessatti argaman garraamii taʼuuf nu gargaaru. (Fakkeenya 15:1, 18 dubbisi.) Kitaabni kutaa Kitaaba Qulqulluu taʼe kun haala ulfaataa taʼe keessatti of toʼachuun faayidaa akkamii akka qabus ni ibsa.—Fak. 10:19; 17:27; 21:23; 25:15.

HUBANNAAN GARRAAMII TAʼUUF KAN NU GARGAARU AKKAMITTI?

8. Namni tokko amantii keenya ilaalchisee gaaffii yeroo kaasu sababii isaarratti yaaduu kan qabnu maaliifi?

8 Hubannaa qabaachuun keenyas nu fayyada. (Fak. 19:11) Namni hubannaa qabu amantii isaa ilaalchisee yeroo namoonni isa falmanitti of toʼata. Yeroo baayʼee namoonni gaaffii tokko yeroo kaasan sababii gaaffii sana itti kaasan nutti hin himan. Kanaafuu, deebii kennuu keenya dura sababii namni sun gaaffii sana itti kaase beekuu dhiisuu akka dandeenyu yaaduun keenya gaariidha.—Fak. 16:23.

9. Giidewon namoota Efreem wajjin yeroo haasaʼaa turetti hubannaa fi garraamummaa kan argisiise akkamitti?

9 Mee Giidewon namoota Efreemiif deebii kan kenne akkamitti akka taʼe haa ilaallu. Yeroo diinota Israaʼel waraanuuf dhaqetti dursee kan isaan hin waamne maaliif akka taʼe aariidhaan isa gaafatanii turan. Garuu kan isa lolan maaliifi? Tarii waan mufataniif taʼuu dandaʼa. Taʼus, Giidewon miira isaanii isaaniif kabajuudhaan, akkasumas garraamummaadhaan deebii isaaniif kennuudhaan hubannaa akka qabu argisiiseera. Maarree, buʼaa akkamiitu argame? Kitaabni Qulqulluun, “Yommuu inni karaa kanaan dubbatus isaan ni tasgabbaaʼan” jedha.—Abo. 8:1-3.

10. Namoota amantii keenyarratti gaaffii kaasaniif akkamitti deebii kennuu akka qabnu beekuuf maaltu nu gargaara? (1 Pheexiros 3:15)

10 Namni nu wajjin hojjetu ykn baratu tokko ulaagaalee Kitaaba Qulqulluu nuti hordofnu ilaalchisee gaaffii kaasa taʼa. Ilaalcha isaa kan kabajnu taʼus, wanta itti amannu isaaf ibsuuf wanta dandeenyu gochuun keenya gaariidha. (1 Pheexiros 3:15 dubbisi.) Gaaffii sana kan kaase nu qeequuf akka taʼe goonee yaaduu mannaa, yeroo baayʼee gaaffichi wanta isa yaaddessu hubachuuf akka nu gargaaru yaaduun gaariidha. Sababiin namni tokko gaaffii itti kaasu maaliyyuu yoo taʼe, garraamummaadhaan deebii kennuun keenya gaariidha. Tarii deebiin isaaf kenninu ilaalcha isaarratti akka yaadu isa kakaasuu dandaʼa. Namni sun wanta naamusaan ala taʼe kan dubbatu yoo taʼellee, yeroo hunda garraamummaadhaan deebii kennuu qabna.—Rom. 12:17.

Namni tokko guyyaa dhalootaa yeroo kabaju kan nu affeere maaliif akka taʼe dursinee irratti yaaduun keenya deebii gaarii kennuuf nu gargaara (Keeyyata 11-12 ilaali)

11-12. (a) Gaaffii ulfaataa taʼe tokkoof deebii kennuu keenya dura maalirratti yaaduu dandeenya? (Fakkichas ilaali.) (b) Fakkeenya gaaffii gaafachuun marii jalqabuuf akka gargaaru argisiisu tokko dubbadhu.

11 Fakkeenyaaf, namni nu wajjin hojjetu tokko guyyaa dhalootaa kan hin kabajne maaliif akka taʼe kan nu gaafate, yeroo gammachiisaa akka dabarsinu akka nuuf hin heyyamamne godhee waan yaadeefii laata? Tariimmoo guyyaa dhalootaa kabajuu dhiisuun keenya hariiroo hojjettoonni dhaabbatichaa qaban akka jeequ isatti dhagaʼameetii laata? Haalli warra kaanii kan isa yaaddessu taʼuu isaatiif erga isa galateeffannee booda, nutis iddoo hojiitti haalli gaariin akka jiraatu gochuu akka barbaannu isaaf mirkaneessuu dandeenya. Akkas gochuun keenya Kitaabni Qulqulluun guyyaa dhalootaa kabajuu ilaalchisee maal akka jedhu isaaf ibsuuf haala nuuf mijeessuu dandaʼa.

12 Yeroo dhimmoonni falmii kaasan akkasii kaʼan hundumaatti mala akkasiitti fayyadamuu dandeenya. Tarii mucaan nu wajjin baratu tokko Dhugaa Baatonni Yihowaa ejjennoo sodoomummaarratti qaban jijjiiruu akka qaban dubbata taʼa. Tarii akkas kan jedhe ejjennoo dhimma kanarratti qabnu sirriitti waan hin hubanneefii laata? Moo hiriyaa ykn fira akkaataa jireenyaa kana hordofu waan qabuufi? Namoota akkaataa jireenyaa kana hordofan akka jibbinu isatti dhagaʼamaa? Tarii nama hundaaf akka yaannuu fi mirga namni hundi filannaa mataa isaa gochuuf qabu akka kabajnu isaaf mirkaneessuun nu barbaachisuu dandaʼa. b (1 Phe. 2:17) Sana booda dhimma kana ilaalchisee Kitaabni Qulqulluun maal akka jedhuu fi gorsa isaa hordofuun faayidaa akkamii akka qabu isaaf ibsuu dandeenya.

13. Nama Waaqayyotti amanuun gowwummaa akka taʼetti yaadu gargaaruu kan dandeessu akkamitti?

13 Namni tokko cimsee nu falmaa jira taanaan, ariifannee wanta inni itti amanu akka beeknu yaaduu hin qabnu. (Tit. 3:2) Fakkeenyaaf, mucaan si wajjin baratu tokko Waaqayyotti amanuun gowwummaa akka taʼe yoo dubbate maal goota? Mucaan kun waaʼee jijjiirama tirannaa wanta baayʼee akka beekuu fi barumsa kanarratti amantii cimaa akka qabutti yaaduu qabdaa? Tarii wantuma warra kaanirraa dhagaʼe dubbachaa jira taʼa. Waaʼee saayinsii kaasuudhaan isa wajjin falmii keessa galuu mannaa, dhimma booda itti yaadu tokko isaaf kaasuu dandeessa. Tarii yaada waaʼee uumamaa ibsuu fi jw.org irratti argamu isatti argisiisuu dandeessa. Yeroo booda mata duree ykn viidiyoo weebsaayiticha irratti argamu tokkorratti si wajjin mariʼachuuf fedhii qabaachuu dandaʼa. Eeyyee, kabajaan deebii kennuun kee ilaalcha isaarratti akka yaadu isa kakaasuu dandaʼa.

14. Niil barataa waaʼee Dhugaa Baatota Yihowaa ilaalcha dogoggoraa qabu tokko gargaaruuf weebsaayitii keenyatti akka gaariitti kan fayyadame akkamitti?

14 Dargaggeessi Niil jedhamu wanti namoonni tokko tokko waaʼee Dhugaa Baatota Yihowaa dubbatan sirrii akka hin taane ibsuuf weebsaayitii keenyatti fayyadama. Niil, “Mucaan na wajjin baratu tokko dhugaa utuu hin taʼin, kitaaba sheekkoodhaan guutame akkan hordofuu fi saayinsiitti akkan hin amanne yeroo baayʼee dubbata ture” jedheera. Mucaan kun Niil wanta itti amanu akka isaaf ibsu isaaf hin heyyamne; kanaafuu, Niil jw.org irraa kutaa “Saayinsii fi Kitaaba Qulqulluu” jedhu baasee itti argisiise. Boodas, Niil mucaan sun mata duricha akka dubbisee fi madda jireenyaarratti mariʼachuuf fedhii akka qabu hubate. Atis buʼaa akkasii argatteetta taʼa.

MAATIIDHAAN TAʼAA QOPHAAʼAA

15. Warri ijoolleen isaanii mana barumsaatti waaʼee amantii isaanii yeroo gaafatamanitti garraamummaadhaan deebii akka kennan isaan gargaaruu kan dandaʼan akkamitti?

15 Warri ijoolleen isaanii wanta itti amanan ilaalchisee falmiin yeroo isaan mudatu, garraamummaadhaan deebii kennuu kan dandaʼan akkamitti akka taʼe isaan barsiisuu dandaʼu. (Yaq. 3:13) Maatiin tokko tokko yeroo waaqeffannaa maatiitti sagantaa shaakalaa qabu. Dhimmoota mana barumsaatti isaan mudatan erga kaasanii booda deebii kennuu kan dandaʼan akkamitti akka taʼe ijoollee isaanii wajjin irratti mariʼatu, akkasumas hojiin argisiisa qopheessu; akka kanaan garraamummaadhaan, akkasumas karaa nama hawwatuun akkamitti deebii kennuu akka dandaʼan ijoollee isaanii barsiisu.—Saanduqa, “ Sagantaan Shaakalaa Maatii Keessan ni Fayyada” jedhu ilaali.

16-17. Sagantaan shaakalaa dargaggoota kan gargaaru akkamitti?

16 Sagantaan shaakalaa akkasii dargaggoonni sababii wanta tokkotti itti amanan sirriitti hubachuu fi warra kaaniif ibsuuf isaan gargaaru. Mata dureen jw.org irratti walitti aanee baʼuu fi “Gaaffii Dargaggootaa” jedhu waraqaa qoʼannaa dargaggootaaf qophaaʼe qaba. Meeshaaleen akkasii dargaggoonni amantii isaanii akka cimsatanii fi deebii jecha mataa isaaniitti fayyadamanii deebisan akka qopheeffatan isaan gargaaru. Hundi keenyayyuu mata dureewwan walitti aananii baʼan kana maatiidhaan qoʼachuudhaan amantii keenya garraamummaadhaan, akkasumas karaa nama hawwatuun akkamitti ibsuu akka dandeenyu barachuu dandeenya.

17 Dargaggeessi Maatiwu jedhamu sagantaan shaakalaa kan isa gargaare akkamitti akka taʼe dubbateera. Innii fi warri isaa yeroo baayʼee waaqeffannaa maatii isaaniirratti dhimmoota daree keessatti kaʼanirratti qorannaa godhu. Akkana jedheera: “Gaaffilee kaʼuu dandaʼanirratti erga yaannee booda qorannaa goonerratti hundoofnee akkamitti deebii kennuu akka dandeenyu shaakalla. Sababiin wanta tokkotti itti amanu yeroo sirriitti naaf galu ofitti amanannaa nan qabaadha, yeroon warra kaan wajjin haasaʼus garraamummaa argisiisuun naaf salphata.”

18. Qolosaayis 4:6 gorsa akkamii nuuf kenna?

18 Wanta itti amannu sirriitti ibsuu kan dandeenyu taʼus, yaada keenya kan fudhatu nama hunda miti. Haa taʼu malee, yaada keenya malaan, akkasumas garraamummaadhaan ibsuun faayidaa qaba. (Qolosaayis 4:6 dubbisi.) Wanta itti amannu warra kaanitti himuun kubbaa darbachuu wajjin wal fakkaata. Suuta jennee ykn humnaan darbachuu dandeenya. Suuta jennee kan darbannu yoo taʼe namni nu wajjin taphatu sun kubbaa sana qabachuu fi nu wajjin taphachuu isaa itti fufuu dandaʼa. Haaluma wal fakkaatuun, wanta itti amannu malaan, akkasumas garraamummaadhaan kan dubbannu yoo taʼe namoonni nu dhagaʼuu fi nu wajjin mariʼachuu isaanii itti fufuuf fedhii qabaachuu dandaʼu. Dhugaadha, namni tokko falmiidhaan nu mooʼuu ykn wanta itti amanutti qoosuu yoo barbaade deebii isaaf kennuuf dirqamni nurra hin jiru. (Fak. 26:4) Namoonni amala akkasii argisiisan garuu muraasadha; baayʼeen isaanii nu dhaggeeffatu.

19. Yeroo wanta itti amannu namootaaf ibsinutti garraamummaa argisiisuuf nu kakaasuu kan qabu maalidha?

19 Ifatti akka hubannutti, amala garraamummaa argisiisuun faayidaa guddaa qaba. Yeroo namoonni falmii kaasanitti ykn si qeeqanitti garraamummaa argisiisuu kee itti fufuuf cimina akka siif kennu Yihowaa kadhadhu. Garraamii taʼuun kee nama mariisisaa jirtu wajjin ilaalcha garaa garaa kan qabdu taʼus, falmii keessa galuurraa akka si eegu yaadadhu. Garraamii taʼuun kee fi kabajaan deebii kennuun kee namoonni si dhagaʼan tokko tokko ilaalcha nuufis taʼe dhugaawwan Kitaaba Qulqulluutiif qaban akka jijjiiran isaan kakaasuu dandaʼa. Gaaffii wanta itti amantu ilaalchisee siif dhihaatuuf ‘garraamummaa fi ulfina guddaadhaan deebii kennuuf yeroo hunda qophaaʼaa taʼi.’ (1 Phe. 3:15) Eeyyee, garraamii taʼuudhaan cimina kee argisiisi!

FAARFANNAA 88 Daandii Kee Na Barsiisi

a Mata dureen kun yeroo warri kaan nu aarsuuf yaalanitti ykn nu falmanitti garraamummaadhaan waaʼee amantii keenyaa ibsuu kan dandeenyu akkamitti akka taʼe ibsa.

b Yaadawwan si fayyadan argachuuf, Dammaqaa! 2016 Lakk. 3 irraa mata duree “Kitaabni Qulqulluun Saalqunnamtii Saala Wal Fakkaatu Gidduutti Raawwatamu Ilaalchisee Maal Jedha?” jedhu ilaali.

c Mata dureewwan jw.org irratti walitti aananii baʼanii fi kutaalee “Gaaffii Dargaggootaa” fi “Dhugaa Baatota Yihowaa Ilaalchisee Gaaffiiwwan Yeroo Baayʼee Gaafataman” jedhan jalaa yaada isin fayyadu argachuu dandeessu.