Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

MATA DUREE QOʼANNAA 41

Xalayaawwan Pheexiros Barreesse Lamaanirraa Maal Baranna?

Xalayaawwan Pheexiros Barreesse Lamaanirraa Maal Baranna?

“Yeroo hundumaa waaʼee wantoota kanaa isin yaadachiisuu nan barbaada.”—2 PHE. 1:12.

FAARFANNAA 127 Nama Akkamii Taʼuun Qaba?

QABIYYEE a

1. Pheexiros ergamaan duʼuu isaa yeroo muraasa dura maal godhe?

 PHEEXIROS ergamaan waggoota hedduudhaaf amanamummaadhaan Yihowaa tajaajileera. Yesuus yeroo tajaajilaa turetti isa wajjin deemeera, yeroo jalqabaatiif namoota Yihudoota hin taaneef lallabeera, yeroo boodammoo miseensa qaama olaanaa taʼee tajaajileera. Dhuma jireenya isaattis yeroo duʼuuf akka jedhu beeketti Yihowaan hojii dabalataa isaaf kenneera. Dhaloota Kiristoos Booda, naannoo bara 62-64​tti geggeessaa hafuuraatiin xalayaawwan lama, jechuunis kitaaba Pheexiros 1​ffaa fi 2​ffaa barreesseera. Pheexiros xalayaawwan kun erga inni duʼee booda Kiristiyaanota akka gargaaran abdii akka qabu ibseera.—2 Phe. 1:12-15.

2. Xalayaawwan Pheexiros barreesse baayʼee barbaachisoo kan taʼan maaliifi?

2 Pheexiros xalayaawwan isaa kan barreesse obboloonni isaa yeroo ‘qorumsa garaa garaatiin dhiphachaa’ turanittidha. (1 Phe. 1:6) Namoonni hamoon barumsawwan sobaa fi gochawwan qulqulluu hin taane gara gumii Kiristiyaanaatti fiduuf yaalaa turan. (2 Phe. 2:1, 2, 14) Kiristiyaanonni Yerusaalem keessa jiraatan yeroo muraasa booda ‘dhuma wantoota hundumaa,’ jechuunis magaalattiin yeroo balleeffamtuu fi loltoonni Roomaa sirna Yihudootaa yeroo balleessan ni argu. (1 Phe. 4:7) Xalayaawwan Pheexiros Kiristiyaanonni sun rakkoowwan isaan mudatan dandamachuu fi qorumsa gara fuulduraatiif qophaaʼuuf maal gochuu akka qaban hubachuuf akka isaan gargaare homaa hin shakkisiisu. b

3. Xalayaawwan Pheexiros geggeessaa hafuuraatiin barreesse qoruu kan qabnu maaliifi?

3 Pheexiros xalayaawwan isaa kan barreesse Kiristiyaanota jaarraa jalqabaatiif taʼus, Yihowaan xalayaawwan kun kutaa Dubbii isaa akka taʼan godheera. Kanaafuu, xalayaawwan kun yeroo ammaatti nu fayyadu. (Rom. 15:4) Nutis kan jiraannu addunyaa namoota gocha qulqulluu hin taane raawwataniin guutame keessa waan taʼeef, qorumsi Yihowaa tajaajiluun akka nutti ulfaatu godhu nu mudata. Kana malees, yeroo dhihootti rakkinni guddaan rakkina jaarraa jalqabaatti gaʼerra hammaatu ni dhufa. Xalayaawwan Pheexiros barreesse lamaanirraa yaadachiisawwan barbaachisoo taʼan tokko tokko argachuu dandeenya. Kunis guyyaa Yihowaa eeggachuu keenya akka itti fufnu, sodaa namaa akka moonuu fi jaalala cimaa akka waliif qabaannu nu gargaara. Yaadachiisawwan akkasii jaarsoliin wanta hoolota Yihowaatiif barbaachisu guutuurratti milkaaʼina argachuu kan dandaʼan akkamitti akka taʼe hubachuufis isaan gargaara.

EEGGACHUU KEESSAN ITTI FUFAA

4. Pheexiros Lammaffaa 3:3, 4 irratti akka ibsametti wanti amantii keenya raasuu dandaʼu maalidha?

4 Namoota Kitaaba Qulqulluurratti amantii hin qabneen marfamnee jiraanna. Waggoota hedduudhaaf dhuma sirna kanaa hawwiidhaan eeggachaa waan turreef mormitoonni nutti qoosu taʼa. Qeeqxonni tokko tokko dhumni sirna kanaa yoomiyyuu akka hin dhufne dubbatu. (2 Pheexiros 3:3, 4 dubbisi.) Namni tajaajilarratti arganne, namni nu wajjin hojjetu ykn miseensi maatii keenyaa tokko wanta akkasii yeroo dubbatu amantiin keenya raafamuu dandaʼa. Pheexiros wanta nu gargaaruu dandaʼu ibseera.

5. Dhuma sirna kanaa ilaalchisee ilaalcha sirrii qabaachuuf maaltu nu gargaara? (2 Pheexiros 3:8, 9)

5 Namoonni tokko tokko yeroon itti Yihowaan sirna hamaa kana balleessu akka ture isaanitti dhagaʼama taʼa. Wanti Pheexiros barreesse ilaalchi Yihowaan yeroodhaaf qabu kan ilmaan namootaarraa baayʼee adda akka taʼe waan nu yaadachiisuuf ilaalcha sirrii qabaachuuf nu gargaara. (2 Pheexiros 3:8, 9 dubbisi.) Waggaan kumni tokko Yihowaa biratti akkuma guyyaa tokkooti. Yihowaan ni obsa, namni kamiyyuu akka badus hin barbaadu. Taʼus, guyyaan isaa yeroo gaʼu sirni kun ni bada. Yeroo hafe kana saba hundumaatiif dhugaa baʼuuf itti fayyadamuun mirga guddaadha.

6. Guyyaa Yihowaa ‘sammuu keenyatti dhiheessinee yaaduu’ kan dandeenyu akkamitti? (2 Pheexiros 3:11, 12)

6 Pheexiros guyyaa Yihowaa ‘sammuu keenyatti dhiheessinee akka yaannu’ nu jajjabeesseera. (2 Pheexiros 3:11, 12 dubbisi.) Kana gochuu kan dandeenyu akkamitti? Hamma dandaʼametti guyyaa guyyaadhaan eebbawwan addunyaa haaraa keessatti argannurratti xiinxaluun keenya gaariidha. Qilleensa qulqulluu yeroo fudhattu, nyaata madaalamaa yeroo soorattu, namoota jaallattuu fi duʼaa kaʼan yeroo simattu, akkasumas namoota jaarraawwan hedduu dura jiraatan waaʼee raawwii raajiiwwan Kitaaba Qulqulluu yeroo barsiistu yaadaan ilaali. Haala kanaan xiinxaluun kee yeroo sana hawwiidhaan akka eeggattuu fi guyyoota dhumaa keessa jiraachaa akka jirru mirkanaaʼaa taʼuuf si gargaara. Waaʼee gara fuulduraa ‘dursinee waan beeknuuf’ barsiistota sobaatiin ‘gowwoomfamnee hin fudhatamnu.’—2 Phe. 3:17.

SODAA NAMAA INJIFADHAA

7. Sodaan namaa dhiibbaa kan nurratti godhu akkamitti?

7 Guyyaa Yihowaa sammuu keenyatti dhiheessinee kan yaannu yoo taʼe misiraachicha namootatti himuuf kakaana. Taʼus, haalawwan tokko tokko keessatti dubbachuurraa duubatti jenna taʼa. Maaliif? Tarii yeroodhaaf sodaa namaatiin waan mooʼamneef taʼuu dandaʼa. Haalli akkasii Pheexirosiin mudateera. Pheexiros galgala Yesuusitti murteeffametti barataa Yesuus akka taʼe dubbachuu sodaatee ture; akka isa hin beeknellee irra deddeebiʼee dubbateera. (Mat. 26:69-75) Haa taʼu malee, Pheexiros sodaa isaa mooʼeera; yeroo booda, “Wanta isaan sodaatan hin sodaatinaa, akkasumas hin jeeqaminaa” jedhee barreesseera. (1 Phe. 3:14) Wanti Pheexiros barreesse kun nutis sodaa namaa mooʼuu akka dandeenyu nuuf mirkaneessa.

8. Sodaa namaa mooʼuuf maaltu nu gargaara? (1 Pheexiros 3:15)

8 Sodaa namaa mooʼuuf maaltu nu gargaara? Pheexiros, “Garaa keessan keessatti Kiristoosiif akka Gooftaatti ulfina kennaa” nuun jedheera. (1 Pheexiros 3:15 dubbisi.) Kunis aangoo fi humna Gooftaa fi Mootiin keenya Kiristoos Yesuus qaburratti xiinxaluu dabalata. Misiraachicha namootatti himuuf carraa yeroo argattu sodaan yoo sitti dhagaʼame Mootii keenya yaadadhu. Samii keessatti maleekota miliyoonaan lakkaaʼamaniin marfamee yeroo bulchu yaadaan ilaali. “Samii fi lafa irratti aangoon hundi” akka isaaf kennamee fi “hanga dhuma sirna kanaatti guyyaa hundumaa” akka si wajjin taʼu yaadadhu. (Mat. 28:18-20) Pheexiros waaʼee amantii keenyaa ibsuuf “yeroo hunda qophaaʼoo” akka taanu nu jajjabeesseera. Bakka hojiitti, mana barumsaatti ykn bakka kan biraatti karaa alidilee taʼeen dhugaa baʼuu ni barbaaddaa? Yeroo itti akkas gochuu dandeessu dursii yaadi, achiis wanta dubbattu qophaaʼi. Yihowaan sodaa namaa mooʼuuf akka si gargaaru amanuudhaan ija jabina akka siif kennu kadhadhu.—HoE. 4:29.

“JAALALA GUDDAA WALIIF QABAADHAA”

Pheexiros sirreeffama Phaawulos isaaf kenne fudhateera. Xalayaawwan Pheexiros barreesse lamaan obbolootaa fi obboleettota keenyatti jaalala akka argisiisnu nu barsiisu (Keeyyata 9 ilaali)

9. Pheexiros yeroo tokko jaalala utuu hin argisiisin kan hafe akkamitti? (Fakkichas ilaali.)

9 Pheexiros jaalala argisiisuun kan dandaʼamu akkamitti akka taʼe barateera. Yesuus, “Akka isin wal jaallattaniif ajaja haaraa isiniif nan kenna; akkuman isin jaalladhe, isinis wal jaalladhaa” yeroo jedhetti Pheexiros achi ture. (Yoh. 13:34) Taʼus, Pheexiros yeroo booda sodaadhaan mooʼamuudhaan obbolootaa fi obboleettota isaa warra Yihudoota hin taane wajjin nyaachuu dideera. Phaawulos ergamaan wanti Pheexiros godhe “fakkeessaa” akka taʼe dubbateera. (Gal. 2:11-14) Pheexiros sirreeffama isaaf kenname fudhachuudhaan barumsa irraa argateera. Xalayaawwan isaa lamaanirratti obbolootaa fi obboleettota keenyaaf miira jaalalaa qabaachuu qofa utuu hin taʼin jaalala isaanitti argisiisuu akka qabnu ibseera.

10. “Jaalala obbolummaa fakkeessaa hin qabne” argisiisuuf maaltu nu gargaara? (1 Pheexiros 1:22)

10 Pheexiros obboloota keenyaaf “jaalala obbolummaa fakkeessaa hin qabne” qabaachuu akka qabnu dubbateera. (1 Pheexiros 1:22 dubbisi.) Jaalalli akkasii “dhugaadhaaf ajajamuudhaan” argama. Dhugaan kunimmoo barumsa “Waaqayyo akka hin loogne” ibsu kan dabalatudha. (HoE. 10:34, 35) Jaalala kan argisiisnu obboloota gumii keessa jiran tokko tokko qofatti yoo taʼe, ajaja Yesuus jaalala ilaalchisee kenneef ajajamaa hin jirru jechuudha. Dhugaadha, akkuma Yesuus namoota caalaatti itti dhihaannu qabaachuu dandeenya. (Yoh. 13:23; 20:2) Taʼus, Pheexiros “jaalala obbolummaa” qabaachuuf carraaqqii gochuu akka qabnu nu yaadachiiseera; kana jechuun obbolootaa fi obboleettota keenya hundumaa akka miseensota maatii keenyaatti jaallachuu qabna jechuudha.—1 Phe. 2:17.

11. Warra kaan ‘cimsinee garaadhaa jaallachuun’ maalfaa dabalata?

11 Pheexiros, “Cimsaa garaadhaa wal jaalladhaa” jedhee nu jajjabeesseera. Asirratti yaanni “cimsanii jaallachuu” jedhu nama jaalala itti argisiisuun nutti ulfaatullee jaallachuu argisiisa. Fakkeenyaaf, obboleessi tokko karaa taʼe tokkoon yoo nu mufachiise ykn yoo nu miidhe maal goona? Tarii jalqabarratti kan nuu dhufu jaalala isatti argisiisuu utuu hin taʼin haaloo baʼuu taʼuu dandaʼa. Taʼus, Pheexiros haaloo baʼuun Waaqa akka hin gammachiisne Yesuusirraa barateera. (Yoh. 18:10, 11) Pheexiros, “Hamaa hamaadhaan yookiin arrabsoo arrabsoodhaan hin deebisinaa. Kanaa mannaa deebisaa eebbisaa” jedhee barreesseera. (1 Phe. 3:9) Jaalala cimaa yoo qabaatte namoota si miidhanittillee gaarummaa ni argisiista.

12. (a) Warra kaaniif jaalala guddaa qabaachuun keenya maal gochuuf nu kakaasa? (b) Viidiyoo Tokkummaa Isa Kennaa Addaa Taʼe Kunuunsaa jedhurraa maal baratta?

12 Pheexiros xalayaa isaa isa jalqabaarratti yaada “jaalala guddaa” jedhutti fayyadameera. Jaalalli akkasii cubbuu muraasa qofa utuu hin taʼin “cubbuu hedduu ni haguuga.” (1 Phe. 4:8) Tarii Pheexiros barumsa Yesuus waaʼee dhiifama gochuu waggoota hedduu dura isa barsiise yaadatee taʼuu dandaʼa. Pheexiros yeroo sanatti obboleessa isaatiif “siʼa torba” dhiifama akka godhu yeroo dubbatu arjaa akka taʼe isatti dhagaʼamee taʼuu hin oolu. Taʼus, Yesuus “siʼa 77” jechuunis daangaa tokko malee dhiifama gochuu akka qabnu Pheexirosiin dabalatee hunda keenya barsiiseera. (Mat. 18:21, 22) Gorsa kana hojiirra oolchuun yoo sitti ulfaate abdii hin kutatin. Tajaajiltoonni Yihowaa mudaa qaban hundi yeroo tokko tokko dhiifama gochuun isaanitti ulfaata. Wanti guddaan obboleessa keetiif dhiifama gochuu fi isa wajjin nagaa buusuuf wanta dandeessu hunda gochuu keeti. c

JAARSOLIIN, HOOLOTA YIHOWAA KUNUUNSAA

13. Jaarsoliin obbolootaa fi obboleettotaaf tika gochuun ulfaataa akka isaanitti taʼu wanti godhu maalidha?

13 Pheexiros ajaja Yesuus erga duʼaa kaʼee booda, “Ilmoolee hoolaa koo tiksi” jechuudhaan isaaf kenne akka hin irraanfanne beekamaadha. (Yoh. 21:16) Jaarsa yoo taate qajeelfamni kun siifis akka hojjetu beekta. Haa taʼu malee, jaarsi tokko itti gaafatamummaa barbaachisaa taʼe kana baʼuuf yeroo argachuun isatti ulfaachuu dandaʼa. Jaarsoliin jalqaba maatii isaaniitiif karaa foonii, karaa miiraa fi karaa hafuuraa kunuunsa gochuu qabu. Kana malees, hojii lallabaarratti hinaaffaadhaan hirmaachuudhaan, akkasumas walgaʼii gumii, walgaʼii aanaa fi walgaʼii naannoorratti kutaa dhiheessan akka gaariitti qophaaʼuudhaan fakkeenya gaarii taʼuun isaan barbaachisa. Jaarsoliin tokko tokkommoo Koree Hospitaalaan Wal Qunnamsiisu keessatti tajaajilu ykn Kutaa Diizaayinii fi Ijaarsaa Naannoo gargaaru. Dhugumayyuu jaarsoliin hojiin isaanitti baayʼata.

Jaarsoliin jaalala qabeeyyii taʼan hojiin kan isaanitti baayʼatu taʼus hoolota Yihowaatiif tika gochuuf wanta dandaʼan hunda godhu (Keeyyata 14-15 ilaali)

14. Jaarsoliin hoolota Yihowaatiif tika gochuuf maaltu isaan kakaasa? (1 Pheexiros 5:1-4)

14 Pheexiros, “Tuuta hoolota Waaqayyoo . . . tiksaa” jechuudhaan obboloota akkumasaa jaarsolii taʼan gorseera. (1 Pheexiros 5:1-4 dubbisi.) Jaarsa yoo taate obbolootaa fi obboleettota kee akka jaallattuu fi isaan kunuunsuu akka barbaaddu beekna. Yeroo tokko tokko garuu hojiin garmalee akka sitti baayʼate ykn baayʼee dadhabuu keetiin kan kaʼe itti gaafatamummaa kana baʼuu akka hin dandeenye sitti dhagaʼama taʼa. Maarree maal gochuu dandeessa? Wanta si yaaddessu hundumaa Yihowaatti himi. Pheexiros, “Namni tajaajilu yoo jiraate humna Waaqayyo kennutti amanamee haa tajaajilu” jedhee barreesseera. (1 Phe. 4:11) Obboloonnii fi obboleettonni kee rakkoowwan sirna kana keessatti guutummaatti furamuu hin dandeenye wajjin waldhaansoo gochaa jiru taʼa. Taʼus, Yesuus Kiristoos inni ‘dura buutuu tiksitootaa’ taʼe si caalaa isaan gargaaruu akka dandaʼu yaadadhu. Inni yeroo ammaattis taʼe addunyaa haaraa keessatti isaan gargaaruu dandaʼa. Wanti Waaqayyo jaarsoliirraa barbaadu obboloota isaanii akka jaallatan, akka isaan kunuunsanii fi “tuutichaaf fakkeenya” akka taʼan qofadha.

15. Jaarsi tokko obbolootaaf tika kan godhe akkamitti? (Fakkichas ilaali.)

15 Wiiliyaam inni waggoota hedduudhaaf jaarsa taʼee tajaajile tika gochuun baayʼee barbaachisaa akka taʼe hubateera. Weerarri dhibee Kooviid-19 yeroo jalqabu innii fi jaarsoliin isa wajjin tajaajilan torban torbaniin obboloota garee isaanii jala jiran gaafachuuf carraaqqii godhu turan. Sababasaa yeroo ibsu akkana jedheera: “Obboloonni baayʼeen kophaa isaanii manatti waan dabarsaniif, sammuun isaanii salphaatti yaada gaarii hin taanerratti xiyyeeffachuu dandaʼa.” Wiiliyaam obboleessi ykn obboleettiin tokko rakkinni yeroo isaan mudatu wanta isaan yaaddessee fi gargaarsa isaan barbaachisu beekuuf xiyyeeffannaadhaan isaan dhaggeeffata. Achiis weebsaayitii keenyarraa barreeffama ykn viidiyoo isaan jajjabeessuuf itti fayyadamuu dandaʼu argachuuf yaala. Akkana jedheera: “Yeroo kamiyyuu caalaa amma obbolootaaf tika gochuun baayʼee barbaachisaadha. Namoonni waaʼee Yihowaa akka baratan gargaaruuf carraaqqii guddaa akkuma goonu hoolota Yihowaatiif tika gochuu fi dhugaa keessa akka jiraatan gargaaruufis carraaquu qabna.”

YIHOWAAN LEENJII KEESSAN AKKA XUMURU HEYYAMAA

16. Barumsa xalayaawwan Pheexiros barreesserraa argannu hojiirra oolchuu kan dandeenyu karaawwan kamiini?

16 Mata duree kana keessatti barumsa xalayaawwan Pheexiros barreesse lamaanirraa argannu muraasa qofa ilaalle. Tarii kallattii fooyyaʼiinsa gochuun itti si barbaachisu hubatteetta taʼa. Fakkeenyaaf, eebbawwan addunyaa haaraa keessatti argannurratti caalaatti xiinxaluu ni barbaaddaa? Bakka hojiitti, mana barumsaatti ykn bakka kan biraatti karaa alidilee taʼeen dhugaa baʼuuf galma baafatteettaa? Karaawwan obbolootaa fi obboleettota keetti caalaatti jaalala argisiisuu itti dandeessu hubatteettaa? Jaarsoliin, hoolota Yihowaa fedhii fi hawwii guddaadhaan kunuunsuuf kutattaniittuu? Haqaan yeroo of qortu dadhabina qabdu tokko tokko hubatteetta taʼa; garuu abdii hin kutatin. Gooftaan gaarii waan taʼeef fooyyaʼiinsa akka gootu si gargaara. (1 Phe. 2:3) Pheexiros, “Waaqayyo . . . leenjii keessan ni xumura. Inni isin cimsa, isin jabeessa, akkasumas hundee jabaa irra isin dhaaba” jedheera.—1 Phe. 5:10.

17. Abdii yoo kutachuu baannee fi Yihowaan akka nu leenjisu yoo heyyamne buʼaa akkamii arganna?

17 Pheexiros yeroo tokko Ilma Waaqayyoo wajjin taʼuuf gaʼumsa akka hin qabne isatti dhagaʼamee ture. (Luq. 5:8) Haa taʼu malee, gargaarsa Yihowaa fi Yesuus jaalalaan kakaʼanii isaaf godhaniin Kiristoos duukaa buʼuu isaa itti fufeera. Kanaan kan kaʼes Pheexiros “gara Mootummaa bara baraa isa kan Gooftaa keenyaa fi Fayyisaa keenya Yesuus Kiristoositti galuu” dandaʼeera. (2 Phe. 1:11) Kun mirga dinqisiisaadha. Atis akkuma Pheexiros abdii yoo kutachuu baattee fi Yihowaan akka si leenjisu yoo heyyamte badhaasa jireenya barabaraa ni argatta. ‘Amantiin kee fayyina siif argamsiisa.’—1 Phe. 1:9.

FAARFANNAA 109 Garaadhaa Jaalladhaa

a Mata duree kana keessatti barumsi xalayaawwan Pheexiros barreesserraa argannu qorumsa dandamachuuf kan nu gargaaru akkamitti akka taʼe ilaalla. Jaarsoliin itti gaafatamummaa tiksitoota taʼuudhaan qaban baʼuu kan dandaʼan akkamitti akka taʼes ni baratu.

b Kiristiyaanonni Paalastiinaa keessa jiraatan xalayaan Pheexiros lamaan kan isaan gaʼe, warri Roomaa Dh.K.B. bara 66​tti Yerusaalemirratti haleellaa jalqabaa banuu isaanii dura taʼuu hin oolu.

c Viidiyoo Tokkummaa Isa Kennaa Addaa Taʼe Kunuunsaa jedhu jw.org irraa ilaali.