Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

Yaada Qorannaadhaaf Taʼu

Yaada Qorannaadhaaf Taʼu

Gilgaalota Ijoollee

Warri ijoollee isaanii waaʼee Yihowaa barsiisuuf itti gaafatamummaa guddaa qabu. (Efe. 6:4) Jaarmiyaan Yihowaa warra gargaaruuf jecha meeshaalee garaa garaa qopheesseera. Maarree, ijoollee keessan leenjisuuf meeshaalee kanatti fayyadamuu kan dandeessan akkamitti?

  • Filannaawwan jiran ilaalaa. JW.ORG viidiyoowwanis taʼe gilgaalota irratti barreessuu ykn fakkii irratti kaasuu dandaʼan dabalatee wantoota ijoolleedhaaf qophaaʼan garaa garaa qabateera. a Wantoota kana argachuuf saanduqa barbaaduuf gargaaru keessatti “Ijoollee” ykn “Dargaggoota” jedhaa barreessaa.

  • Wanta mucaa keessaniif taʼu filadhaa. Kutaa “Ijoollee” jedhu jalaa viidiyoo, faarfannaa ykn mata duree mucaa keessaniif akka taʼu yaaddan filachuu dandeessu. Kana argachuuf, “Piroojektii Waaqeffannaa Maatii” jedhaa barbaadaa.

  • Isaan wajjin taʼaa. Mucaan keessan akka ittiin qabamu gochuuf qofa viidiyoowwan keenya akka ilaalu ykn gilgaalota qophaaʼan akka guutu hin godhinaa. Kanaa mannaa, mucaa keessan wajjin irratti mariʼadhaa, akkasumas michummaa Yihowaa wajjin qabu akka cimsatu isa gargaaraa.

a Appilikeeshiniin JW Library® yeroo ammaatti viidiyoowwan ijoolleedhaaf qophaaʼan hunda kan qabate taʼus, gilgaalota irratti barreessuun ykn fakkii irratti kaasuun dandaʼamu hunda achirraa hin argannu.