Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

Yihowaan “Michuu Koo” Jedhee Isa Waameera

Yihowaan “Michuu Koo” Jedhee Isa Waameera

“Yaa Israaʼel, ati garuu garbicha koo ti, yaa Yaaqoob ani si foʼadheera; ati sanyii Abrahaam sanyii fira [“michuu,” NW] kootii ti.”—ISA. 41:8.

FAARFANNAA: 51, 22

1, 2. (a) Ilmaan namootaa michoota Waaqayyoo taʼuu akka dandaʼan akkamitti beekna? (b) Mata duree kana keessatti maal ilaalla?

ERGA dhalannee jalqabee hanga duunutti jaalala argachuu barbaanna. Ilmaan namootaa gosa jaalalaa saala faallaa gidduu jiru qofa utuu hin taʼin, michummaa cimaa fi jaalala irratti hundaaʼe qabaachuun isaan barbaachisa. Hunda caalaa garuu jaalala Yihowaa argachuun nu barbaachisa. Namoonni hedduun Waaqayyo qaama hafuuraa ijaan hin argamnee fi Hundaa Ol waan taʼeef ilmaan namootaa isaa wajjin michummaa cimaa fi jaalala irratti hundaaʼe qabaachuu akka dandaʼan hin amanan. Nuti garuu dhugaa isaa beekna!

2 Kitaabni Qulqulluun namoonni cubbuu dhaalan Waaqayyoo wajjin michoota taʼanii akka turan ibsa. Michummaa akkanaa uumuun galma jireenya keessatti hordofuu qabnu isa guddaa waan taʼeef, fakkeenyota kana irratti xiinxaluun keenya sirrii dha. Namni michummaa akkanaa uumuudhaan fakkeenya hunda irra caalu taʼe Abrahaami dha. (Yaaqoob 2:23, NW dubbisi. [1]) Abrahaam Yihowaa wajjin walitti dhufeenya cimaa qabaachuu kan dandaʼe akkamitti? Wanti michummaa kana uumuuf isa gargaare inni guddaan amantii dha. Kitaabni Qulqulluun, Abrahaam ‘warra amanan [“amantii qaban,” NW] hundaaf abbaa’ akka taʼe dubbata. (Rom. 4:11) Kanaafuu, mee amantiin Abrahaam Waaqayyoo wajjin walitti dhufeenya cimaa uumuuf akkamitti akka isa gargaare haa ilaallu. Tokkoon tokkoon keenya, ‘Ani amantii akka Abrahaam qabaachuu fi michummaan Yihowaa wajjin qabu cimsachuu kanan dandaʼu akkamitti?’ jennee of gaafachuun keenya gaarii dha.

ABRAHAAM MICHUU YIHOWAA KAN TAʼE AKKAMITTI?

3, 4. (a) Qorumsi amantii Abrahaam irra gaʼe inni hunda irra caalu isa kam taʼuu akka dandaʼu ibsi. (b) Abrahaam Yisihaqiin aarsaa gochuuf tole kan jedhe maaliifi?

3 Mee maanguddoon tokko tabba baʼuuf yommuu tiratu sitti haa mulʼatu. Jireenya isaa keessatti kun adeemsa isa ulfaataa taʼe dha. Adeemsi kun baayʼee kan isa sodaachise sababii umurii isaatiin kan kaʼe miti. Yeroo kanatti Abrahaam umuriin isaa gara waggaa 125 taʼus, amma iyyuu cimaa dha. [2] Isa duukaa deemaa kan jiru immoo dargaggeessa umuriin isaa gara waggaa 25 taʼu dha. Innis Yisihaq ilma isaa isa qoraan baatee jiru dha. Abrahaam haaduu fi wanta ittiin ibidda qabsiisan qabateera. Yihowaan Abrahaam ilma isaa aarsaa akka godhu isa gaafatee ture!—Uma. 22:1-8.

4 Abrahaam qorumsi amantii isa irra gaʼe kun tarii isaaf hunda irra kan caalu taʼuu hin oolu. Namoonni Waaqayyo Abrahaam wanta kana akka godhu isa gaafachuun isaa gara jabeessa taʼuu isaa kan argisiisu akka taʼe, akkasumas Abrahaam kan ajajame utuu itti hin yaadinii fi gara jabinaan akka taʼe dubbatan jiru. Namoonni kun ilaalcha akkanaa kan qabaatan, amantii waan hin qabneef akkasumas amantiin maal akka taʼe waan hin hubanneefi. (1 Qor. 2:14-16) Abrahaam Waaqayyoof kan ajajame utuu itti hin yaadin hin turre. Kanaa mannaa, kan ajajame amantii dhugaa waan qabuuf ture. Yihowaan matumaa wanta bara baraaf isa miidhu akkamii iyyuu akka godhu kan isa hin gaafanne taʼuu isaa hubateera. Abrahaam Yihowaadhaaf yoo ajajame, Waaqni isaa isas taʼe ilma isaa isa jaallatamaa akka eebbisu beekee ture. Amantiin isaa kun maal irratti kan hundaaʼe ture? Beekumsaa fi muuxannoo irratti kan hundaaʼe ture.

5. Abrahaam waaʼee Yihowaa kan barate akkamitti taʼuu dandaʼa? Beekumsi kun hoo maaltu akka itti dhagaʼamu godhe?

5 Beekumsa. Abrahaam magaalaa Kaladootaa kan taate Ur ishii waaqolii tolfamoodhaan guutamte keessatti kan guddate taʼus, waaʼee Yihowaa beekeera. Abbaan isaa Taaraan nama waaqolii tolfamoo waaqeffatu taʼee utuu jiruu kun akkamitti taʼuu dandaʼe? (Iya. 24:2) Kitaabni Qulqulluun Seem ilmi Nohi fira Abrahaam akka taʼe ibsa. Seem hanga Abrahaam umuriin isaa waggaa 150 taʼutti lubbuudhaan jiraateera. Abrahaam waaʼee Yihowaa Seem irraa barachuu isaa mirkanaaʼoo taʼuu baannus, Seem waaʼee Yihowaa wanta beeku firoottan isaatti dabarseera jennee yaaduun keenya sirrii dha. Beekumsi kun immoo Abrahaam bira gaʼee garaa isaa tuqee taʼuu dandaʼa. Abrahaam Waaqa waaʼee isaa beeke sana ni jaallate; beekumsi kunis amantii isaa akka qabaatu isa gargaare.

6, 7. Muuxannoon Abrahaam argate amantii isaa kan cimse akkamitti?

6 Muuxannoo. Abrahaam, muuxannoo amantii Yihowaa irratti qabu cimsachuuf isa gargaare akkamitti argate? Yaadni miira kakaasa, miirri immoo gochaaf nama kakaasa jedhama. Wanti Abrahaam waaʼee Waaqayyoo barate ‘Waaqayyo gooftaa isa hundumaa gararraa jiruu fi isa waaqaa fi lafa uumeef’ dinqisiifannaa guddaa, akkasumas ulfina garaadhaa madde akka qabaatu godheera. (Uma. 14:22) Kitaabni Qulqulluun miira kana, ‘Waaqayyoon sodaachuu’ jedhee kan waamu siʼa taʼu, kunis Waaqayyoo wajjin michummaa cimaa uumuuf baayʼee barbaachisaa dha. (Ibr. 5:7; Far. 25:14) Waaqayyoon sodaachuun kun immoo Abrahaamiin hojiidhaaf kakaaseera.

7 Waaqayyo Abrahaamii fi Saaraan warri maanguddoota turan Uriin gadhiisanii gara biyya ormaa akka deeman isaan ajaje. Sana booda umurii isaanii guutuu dunkaana keessa jiraatu. Abrahaam ajajamuudhaan, Yihowaan akka isa eebbisuu fi akka isa eegu karaa isaaf baneera. Fakkeenyaaf, Abrahaam ‘haati manaa koo ishiin bareedduun na jalaa fudhatamti, anis nan ajjeefama’ jedhee sodaatee ture. Abrahaam sodaachuuf sababii gaʼaa qaba ture; taʼus yaaddoon akkanaa Yihowaadhaaf ajajamuu irraa duubatti akka isa deebisu hin heyyamne. Yihowaan yeroo tokko caalaa gidduu galee karaa dinqii taʼeen Abrahaamii fi Saaraa eegeera. (Uma. 12:10-20; 20:2-7, 10-12, 17, 18) Muuxannoon kun amantii Abrahaam cimseera.

8. Beekumsaa fi muuxannoo michummaa Yihowaa wajjin qabnu nuu guddisu argachuu kan dandeenyu akkamitti?

8 Nuti hoo Yihowaa wajjin michummaa uumuu ni dandeenyaa? Eeyyee ni dandeenya! Beekumsaa fi muuxannoo kana gochuuf nu barbaachisu salphaatti argachuun ni dandaʼama. Abrahaam ogummaa hedduu yeroo ammaa Kitaaba Qulqulluu keessatti ibsame keessaa kan argate xinnoo isaa qofa dha. (Dan. 12:4; Rom. 11:33) Dubbiin Waaqayyoo qabeenya guddaa waaʼee ‘Uumaa samii fi lafaa’ caalaatti beekuu fi ulfinaa fi jaalala isaaf qabnu guddifachuuf nu gargaaruu dandaʼuun kan guutame dha. Miirri akkanaa Waaqayyoof ajajamuuf yommuu nu kakaasu, isaaf ajajamuun akkamitti akka nu fayyadu waan hubannuuf muuxannoo arganna. Gorsi isaa akka nu eegu, innis akka nu eebbisuu fi akka nu jajjabeessu ni hubanna. Garaa guutuudhaan Waaqayyoon tajaajiluun milkaaʼina, nagaa fi gammachuu akka nuuf argamsiisu hubanna. (Far. 34:8; Fak. 10:22) Beekumsii fi muuxannoon keenya yommuu dabalaa adeemu, amantiin Yihowaa irratti qabnuu fi michummaan isaa wajjin qabnu ni guddata.

ABRAHAAM MICHUMMAA WAAQAYYOO WAJJIN QABU EEGEE KAN JIRAATE AKKAMITTI?

9, 10. (a) Michummaan akka cimu gochuuf wanti barbaachisu maali dha? (b) Abrahaam michummaa Yihowaa wajjin qabuuf bakka guddaa akka kennee fi michummaa kanas cimsatee akka ture kan argisiisu maali dha?

9 Michummaan qabeenya gatii guddaa qabu taʼuu dandaʼa. (Fakkeenya 17:17 dubbisi.) Haa taʼu malee, michummaan miʼa erga bitnee booda bakka tokko keenyee akka inni awwaara dhugu goonuu wajjin kan wal fakkaatu miti. Michummaan wanta lubbu qabeessa taʼee wajjin kan wal fakkaatu siʼa taʼu, akka dagaaguu fi akka lalisu yoo barbaadame kunuunsi godhamuufii qaba. Abrahaam michummaa Yihowaa wajjin qabuuf bakka guddaa kenneera; michummaa kanas eegee jiraateera. Kana kan godhe akkamitti?

10 Abrahaam sanaan dura Waaqayyoon sodaachuun isaa fi isaaf ajajamuun isaa qofti gaʼaa akka taʼe matumaa itti hin dhagaʼamne. Innii fi maatiin isaa inni balʼaan yommuu gara Kanaʼaan dhaqan, murtoo wantoota xixiqqoos taʼe wantoota guguddaa ilaalchisee godhu irratti Yihowaan akka isa qajeelchu heyyamuu isaa itti fufeera. Yisihaaq dhalachuu isaa waggaa tokko dura yommuu Abrahaam umuriin isaa waggaa 99 taʼetti, Yihowaan dhiironni maatii Abrahaam keessa jiran hundi akka dhaqna qabatan ajaje. Yeroo kanatti Abrahaam ajaja kana irratti gaaffii kaasee ykn karaa itti ajaja kana irraa walaba taʼu barbaadee turee? Lakki, kanaa mannaa Waaqayyotti amanameera, akkasumas “gaafasuma” ajajameera.—Uma. 17:10-14, 23.

11. Abrahaam waaʼee Sodoomii fi Gomoraa kan yaaddaʼe maaliifi? Yihowaan hoo kan isa gargaare akkamitti?

11 Abrahaam wantoota xixiqqoo fakkaatan irratti illee Yihowaadhaaf ajajamuu amaleeffatee waan tureef, michummaan inni Waaqayyoo wajjin qabu cimaa akka taʼu gochuu dandaʼeera. Gaaffiiwwan ciccimoon yommuu keessa isaatti uumamanitti gargaarsa gaafachuudhaan wanta garaa isaa keessa jiru Yihowaatti himachuu akka dandaʼu itti dhagaʼameera. Fakkeenyaaf, Waaqayyo magaalota Sodoomii fi Gomoraa balleessuuf akka jedhu yommuu hubatu, Abrahaam namoonni qajeeloon warra hamootaa wajjin balleeffamuu dandaʼu jedhee yaaddaʼee ture. Tarii Abrahaam waaʼeen ilma obboleessa isaa Looxii fi maatii isaa warra yeroo sanatti Sodoom keessa jiraachaa turanii isa yaaddessee taʼuu dandaʼa. Abrahaam gaaffiiwwan isaa kana kan gaafate, gad of deebisuu fi Waaqa isa ‘abbaa firdii guutummaa biyya lafaa’ taʼetti amanamuudhaan ture. Yihowaanis garaa nama hundumaa akka ilaaluu fi yeroo murtii isaa raawwatutti illee qajeelota oolchuu akka barbaadu ibsuudhaan inni hammam gara laafessa akka taʼe obsaan Abrahaamiin barsiiseera.​—Uma. 18:22-33.

12, 13. (a) Beekumsii fi muuxannoon Abrahaam yeroo booda kan isa gargaare akkamitti? (b) Abrahaam Yihowaa irratti amanannaa akka qabu kan argisiisu maali dha?

12 Beekumsii fi muuxannoon Abrahaam argate hundi, michummaa cimaa Yihowaa wajjin qabu eegee akka jiraatu akka isa gargaare hin shakkisiisu. Yeroo booda Abrahaam yommuu qorumsi cimaan isa irra gaʼetti, jechuunis yeroo ilma isaa Yisihaaqiin aarsaa akka godhu Yihowaan isa gaafatetti, Michuun isaa inni samii Abrahaam akka gaariitti isa beeku kun maal gochuu akka dandaʼu xiinxaleera. Mee amma immoo yaada olitti ibsamee fi namni amanamaan kun tulluu biyya Moriyaatti argamutti ol baʼuuf tirachaa akka jiru dubbatutti haa deebinu. Abrahaam, Yihowaan battaluma sanatti jijjiiramee hamaa fi gara jabeessa akka taʼu amanee turee? Abrahaamiif kun wanta hin fakkaanne dha! Kana akkamitti beekna?

13 Abrahaam tajaajiltoota isaa warra isaa wajjin turan irraa adda baʼuu isaa dura, “Isin harrichaa wajjin asuma turaa! Anii fi mucichi immoo achi garas dhaqnee in saganna; isa booddees gara keessanitti in deebina” jedhe. (Uma. 22:5) Abrahaam maal jechuu isaa ture? Abrahaam Yisihaaq aarsaa akka godhamu utuu beekuu akka inni deebiʼu dubbachuudhaan tajaajiltoota isaa gowwoomsaa turee? Lakki, hin turre. Kitaabni Qulqulluun wanta Abrahaam yaadaa ture ilaalchisee hamma tokko hubannaa nuu kenna. (Ibroota 11:19 dubbisi.) Abrahaam, “Waaqayyo warra duʼan keessaa iyyuu nama [Yisihaaqiin] kaasuu akka dandaʼu, . . . yaada irra kaaʼatee ture.” Eeyyee, Abrahaam duʼaa kaʼuutti ni amana ture. Yihowaan, innii fi Saaraan dulluma isaanii keessa humna dhala godhachuuf qaban akka isaaniif haaresse beekeera. (Ibr. 11:11, 12, 18) Abrahaam wanti Yihowaadhaaf hin dandaʼamne tokko illee akka hin jirre hubateera. Kanaafuu, guyyaa qorumsaa sanatti wanti fedhe iyyuu yoo taʼe, abdiin Yihowaan kenne hundi akka raawwatamuuf ilmi isaa inni jaallatamaan gara jireenyaatti akka isaaf deebifamu amantaa qaba ture. Dhuguma iyyuu, Abrahaam ‘warra amanan [“amantii qaban,” NW] hundaaf abbaa’ jedhamuun isaa nama hin dinqisiisu!

14. Yihowaa tajaajiluu irratti rakkoowwan akkamiitu si mudata? Fakkeenyi Abrahaam hoo kan si gargaaru akkamitti?

14 Nuti hoo? Waaqayyo yeroo ammaatti wanta akkanaa akka nu hin gaafanne beekamaa dha. Haa taʼu malee, ajajawwan isaa yommuu ulfaataa nutti taʼan ykn sababii ajajawwan kun itti kennaman yommuu hubachuu hin dandeenyetti illee isaaf akka ajajamnu nu gaafata. Wanti Waaqayyo akka ati gootu barbaaduu fi raawwachuun sitti ulfaatu maali dha? Namoota tokko tokkoof hojiin lallabaa ulfaataa itti taʼuu dandaʼa. Namoonni kun tarii ija laafessa taʼuun isaanii, namoota hin beeknetti dhihaatanii misiraachicha itti himuun akka isaanitti ulfaatu gochuu dandaʼa. Warri kaan immoo, tarii mana barumsaatti ykn bakka hojiitti warra kaan irraa adda taʼanii mulʼachuun isaanitti ulfaachuu dandaʼa. (Bau. 23:2; 1 Tas. 2:2) Atis, wanta humna keetii ol fakkaatu tokko raawwachuuf akkuma Abrahaam, akka waan tulluu Moriyaatti argamu tokkotti ol baʼuuf tirachaa jirtuutti sitti dhagaʼamee beekaa? Taanaan, Abrahaamii fi amantii isaa irraa jajjabina argachuu dandeessa! Fakkeenya dhiirotaa fi dubartoota amanamoo taʼanii irratti xiinxaluun keenya, fakkeenya isaanii akka hordofnuu fi akka Michuu keenyaatti Yihowaatti akka dhihaannu nu kakaasuu dandaʼa.—Ibr. 12:1, 2.

MICHUMMAA EEBBA ARGAMSIISU

15. Abrahaam amanamummaadhaan Yihowaadhaaf ajajamuu isaatti matumaa gaabbee akka hin beekne mirkanaaʼoo taʼuu kan dandeenyu maaliifi?

15 Abrahaam Yihowaadhaaf amanamummaadhaan ajajamuu isaatti gaabbee kan ture sitti fakkaataa? Kitaabni Qulqulluun dhuma jireenya isaa ilaalchisee, “Abrahaam in obbaafate; baʼeessa godhee dulloomee baras quufee in duʼe” jedha. (Uma. 25:8) Abrahaam yommuu umuriin isaa waggaa 175 taʼetti, humni isaa kan dadhabe taʼus, jireenya gaarii dabarse sana duubatti deebiʼee yaadaan ilaaluudhaan gammachuu argateera. Jireenyi isaa michummaa Yihowaa wajjin qabu irratti kan xiyyeeffate ture. Haa taʼu malee, yaada Abrahaam “dulloomee baras quufe” jedhu yommuu dubbisnu, jireenya waan quufeef gara fuulduraatti jiraachuuf fedhii hin qabu ture jennee yaaduu hin qabnu.

16. Abrahaam Jannata keessatti gammachuu akkamii argata?

16 Kitaabni Qulqulluun Abrahaamiin ilaalchisee, “Inni mandara hundee jabaa qabu, isa Waaqayyo akka inni itti ijaaramu qopheessee ijaare in eeggata ture” jedha. (Ibr. 11:10) Abrahaam gaaf tokko magaalaan sun, jechuunis Mootummaan Waaqayyoo lafa kana yommuu bulchu akka argu ni amana ture; gara fulduraattis ni arga! Abrahaam yommuu lafa Jannata taatu irra jiraatuu fi michummaa Yihowaa wajjin qabu cimsachuu isaa yommuu itti fufu hammam akka gammadu tilmaamuu dandeessaa? Fakkeenyi amantii isaa waggoota kumaatama erga inni duʼee booda turanitti tajaajiltoota Yihowaa akka gargaare yommuu hubatu hammam tuqama laata? Jannata keessatti akkaataan Yisihaaq gara jireenyaatti isaaf deebifame, wanta sana irra caalu tokkoof “fakkeenya” akka taʼes ni barata. (Ibr. 11:19) Kana malees, gaddi cimaan yommuu ilma isaa Yisihaaqiin aarsaa godhee dhiheessuuf jedhe isatti dhagaʼame, namoonni amanamoon miliyoonaan lakkaaʼaman gadda yommuu Yihowaan Ilma isaa Yesus Kiristosiin furii godhee dhiheesse isatti dhagaʼame tilmaamuuf akka isaan gargaare hubata. (Yoh. 3:16) Fakkeenyi Abrahaam, hundi keenya furicha isa seenaa keessatti jaalala hunda irra caalu argisiisu sanaaf dinqisiifannaa guddaa akka qabaannu nu gargaareera!

17. Murtoon kee maali dha?

17 Kanaafuu, hundi keenya amantii Abrahaam hordofuuf haa murteessinu. Caalaatti Yihowaa beekuu keenya yommuu itti fufnu, caalaatti isaaf amanamoo taana, akkasumas amanamummaadhaan isa tajaajiluun badhaasa akka namaaf argamsiisu muuxannoo dabalataa arganna. (Ibroota 6:10-12 dubbisi.) Bara baraaf Yihowaan Michuu keenya akka taʼu hawwina! Mata duree itti aanu irratti, fakkeenya namoota amanamoo michoota Waaqayyoo taʼan dabalataa sadii qorra.

^ [1] (keeyyata 2) Yaaqoob 2:23 (NW): “Yaadni Kitaaba Qulqulluu inni, ‘Abrahaam Yihowaatti amane, kunis qajeelummaatti isaaf lakkaaʼame’ jedhus ni raawwatame; innis michuu Yihowaa jedhamee waamame.”

^ [2] (keeyyata 3) Namni kunii fi haati manaa isaa duraan Abraamii fi Saaraayi jedhamu turan; mata duree kana keessatti garuu maqaa Yihowaan yeroo booda Abrahaamii fi Saaraa jechuudhaan isaaniif moggaasetti fayyadamna.