Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

Fakkeenya Namoota Yihowaa Wajjin Michummaa Cimaa Qabanii Hordofaa

Fakkeenya Namoota Yihowaa Wajjin Michummaa Cimaa Qabanii Hordofaa

“Yihowaa wajjin michummaa cimaa kan qabaatan namoota isa sodaatani dha.”​—FAR. 25:14, NW.

FAARFANNAA: 27, 21

1-3. (a) Michoota Waaqayyoo taʼuu akka dandeenyu mirkanaaʼoo taʼuu kan dandeenyu maaliifi? (b) Mata duree kana keessatti waaʼee namoota kamii qorra?

KITAABNI QULQULLUUN Abrahaam michuu Waaqayyoo akka taʼe dubbata. (2 Sen. 20:7) Kitaaba Qulqulluu keessatti kallattiidhaan akkana kan jedhame nama amanamaa taʼe kana qofa dha. Haa taʼu malee, namni michuu Yihowaa taʼe Abrahaam qofa akka taʼe goonee yaaduu qabnaa? Kitaabni Qulqulluun tokkoon tokkoon keenya Waaqayyoo wajjin michummaa uumuu akka dandeenyu waan ibsuuf, akkana jennee yaaduu hin qabnu.

2 Dubbiin Waaqayyoo seenaa dhiirotaa fi dubartoota amanamoo Yihowaa sodaatan, isatti amananii fi isaa wajjin michummaa cimaa uuman hedduudhaan kan guutame dha. (Faarfannaa 25:14, NW dubbisi. [1]) Phaawulos ergamaan waaʼee ‘dhugaa baatota akka duumessaa lafa uffisanii’ fi hundi isaanii michoota Waaqayyoo taʼanii barreesseera. (Ibr. 12:1) Dhugaa baatonni kun haala adda addaa kan qaban turan.

3 Mee waaʼee namoota Yihowaa wajjin michummaa cimaa uumanii fi dubbii isaa isa geggeessaa hafuuraatiin barreeffame keessatti ibsaman sadii haa qorru. Isaanis, (1) Ruut ishii biyya Moʼaab dargaggeettii amanamtuu taatee fi abbaan manaa irraa duʼe, (2) Hisqiyaas mootii Yihudaa isa qajeelaa, akkasumas (3) Maariyaam ishii gad of qabduu fi haadha Yesus taate dha. Akkaataa namoonni kun Waaqayyoo wajjin itti michooman irraa maal baranna?

JAALALA AMANAMAA ARGISIISTEETTI

4, 5. Ruut murtoo ulfaataa akkamii gochuu qabdi turte? Murtoo kana gochuun ulfaataa kan ture hoo maaliifi? (Fakkii jalqaba irra jiru ilaali.)

4 Mee dubartoonni qilleensi uffata isaanii afarsaa jiru sadii yommuu dirree Moʼaab isa balʼaa taʼe irra deeman yaadaan ilaali. Dubartoonni kun, Naaʼomii fi haadhotii manaa ijoollee ishii kan taʼan Ruutii fi Orphaa dha. Orphaan gara mana ishii isa biyya Moʼaabitti argamutti deebiʼuuf waan murteessiteef duubatti deebiʼaa jirti. Naaʼomiin garuu gara biyya ishii Israaʼelitti deemuu ishii itti fufuuf kutattee kaateetti. Dubartiin ishii wajjin jirtu immoo Ruut ishii jireenya ishii keessatti murtoo baayʼee barbaachisaa taʼe gochuuf jirtu dha. Ruut gara saba ishii biyya Moʼaabitti argamanitti deebiʼuuf ykn amaatii ishii Naaʼomiitti maxxanuudhaan gara Betlihem deemuuf murteessuu ni dandeessi.—Rut. 1:1-8, 14.

5 Ruut Moʼaab keessaa haadhaa fi firoota ishii simachuu fi wanta jireenyaaf ishii barbaachisu ishiidhaaf guutuu dandaʼan akka qabdu yaaduu ni dandeessi turte. Moʼaab biyya itti dhalatte dha. Aadaan biyyichaa aadaa ishii ti; qooqni biyyichaa qooqa ishii ti; sabni biyyichaas saba ishii ti. Naaʼomiin Betlihem keessatti wanta akkanaa akka ishiidhaaf gootu waadaa galuufii hin dandeessu. Naaʼomiin, Ruut biyya Moʼaabitti akka haftu ishii gorsitee ture. Naaʼomiin haadha manaa ilma ishii kanaaf abbaa manaas taʼe mana qopheessuu akka hin dandeenye yaaddee turte. Ruut murtoo akkamii gooti ree? Garaagarummaa ishii fi Orphaa ishii “gara saba isheetti, gara waaqayyolii isheettis deebite” gidduu jiru hubadhu. (Rut. 1:9-15) Ruut gara waaqayyolii sobaa sabni ishii waaqeffatanitti ni deebitii? Lakki, hin deebine.

6. (a) Ruut filannaa ogummaa irratti hundaaʼe akkamii goote? (b) Boʼaz, Ruut bobaa Yihowaa jalatti kooluu galuu akka barbaadde kan dubbate maaliifi?

6 Ruut tarii abbaa manaa ishii ykn amaatii ishii irraa waaʼee Yihowaa barattee taʼuu dandaʼa. Yihowaan akka waaqayyolii Moʼaab miti. Ruut Yihowaan jaalallii fi waaqeffannaan ishii kan isaaf malu akka taʼe beektee turte. Haa taʼu malee, beekumsi qofti gaʼaa miti. Ruut murtoo gochuu qabdi turte. Yihowaan Waaqa ishii akka taʼu ni filattii laata? Ruut filannaa ogummaa irratti hundaaʼe gooteetti. Naaʼomiidhaan, “Sabni kee saba koo in taʼa, Waaqayyoon kees Waaqayyo koo anaaf in taʼa” jetteetti. (Rut. 1:16) Jaalala Ruut Naaʼomiidhaaf qabdu yaaduun garaa namaa kan tuqu dha; taʼus jaalalli ishiin Yihowaadhaaf qabdu wanta kana caalaa baayʼee barbaachisaa taʼe dha. Yeroo booda Boʼaz inni abbaa lafaa taʼe, Ruut bobaa Yihowaa jalatti kooluu galuu waan barbaaddeef ishii jajateera. (Ruut 2:12 dubbisi.) Yaadni kun cuucii qoochoo haadha ishii isa cimaa fi balaa irraa ishii eegu jalatti kooluu galtu tokko nu yaadachiisa. (Far. 36:7; 91:1-4) Yihowaan Ruutiif abbaa akkanaa taʼeera. Amantii ishiin argisiisteef waan ishii kiiseef, murtoo goote kanatti sababii itti gaabbitu hin qabdu.

7. Wanti namoota Yihowaadhaaf of murteessuu irraa duubatti jedhan gargaaruu dandaʼu maali dha?

7 Namoonni baayʼeen waaʼee Yihowaa kan baratan taʼus isatti kooluu galuu irraa duubatti jedhu. Isaaf of murteessanii cuuphamuu irraa duubatti jedhu. Yihowaadhaaf of murteessitee cuuphamuu irraa dubbatti kan jettu yoo taʼe, kana kan gootu maaliif akka taʼe of gaafattee beektaa? Namni lubbuudhaan jiru kam iyyuu waaqa tokko ykn isa kaan tajaajiluun isaa hin oolu. (Iya. 24:15) Waaqa tokkicha isa tajaajilamuu qabu jalatti maaliif kooluu hin galtu? Yihowaadhaaf of murteessuun karaa amantii isa irratti qabnu itti argisiisnu keessaa isa hunda irra caalu dha. Yihowaan murtoo goote eegdee akka jiraattuu fi rakkina si mudatu kam iyyuu moʼuu akka dandeessu si gargaara. Wanti Waaqayyo Ruutiif godhes kanuma ture.

AKKAATAAN GUDDINAA ISAA GAARII TAʼUU BAATUS “WAAQAYYOOF AMANAMEE IN JIRAATE”

8. Akkaataa guddinaa Hisqiyaas ibsi.

8 Ruut irraa haala adda taʼeen Hisqiyaas dargaggeessichi kan dhalte saba Yihowaadhaaf of murteesse keessatti ture. Taʼus, waadaa Yihowaadhaaf of murteessuudhaan galan eeganii kan jiraatan Israaʼeloota hunda hin turre. Abbaa Hisqiyaas kan taʼe Ahaaz Mootichi warra waadaa galan hin eegne sana keessaa tokko ture. Namni hamaan kun mootummaan Yihudaa waaqolii tolfamoo akka waaqeffatu kan godhe taʼuu isaa irra iyyuu, mana qulqullummaa Yihowaa Yerusaalem keessa jiru xureesseera. Hisqiyaas, obboloonni isaa tokko tokko haala suukanneessaa taʼeen dhaabiitti gubamanii waaqayyolii tolfamoodhaaf aarsaa waan godhamaniif, yeroon ijoollummaa isaa baayʼee kan nama gaddisiisu ture!—2 Mot. 16:2-4, 10-17; 2 Sen. 28:1-3.

9, 10. (a) Hisqiyaas nama hamaa taʼuu dandaʼa ture kan jennu maaliifi? (b) Waaqayyotti aaruun keenya sirrii kan hin taane maaliifi? (c) Akkaataan guddinaa keenya namoota akkamii akka taanu ni murteessa jennee yaaduu kan hin qabne maaliifi?

9 Hisqiyaas nama hamaa fi Waaqayyoon mormu taʼee guddachuu dandaʼa ture. Namoonni rakkina kanaa gad taʼe keessa darban kaan, ‘Waaqayyoon komachuuf’ ykn jaarmiyaa isaatti aaruuf sababii gaʼaa akka qaban isaanitti dhagaʼama. (Fak. 19:3) Namoonni tokko tokko immoo haalli maatii gadheen isaan keessatti guddatan jireenya gadhee akka jiraatan, tarii immoo dogoggora maatiin isaanii hojjete irra deebiʼanii akka hojjetan akka isaan dirqisiise amanu. (His. 18:2, 3) Garuu akkana jedhanii yaaduun isaanii sirrii dhaa?

10 Seenaan jireenyaa Hisqiyaas gaaffii kanaaf deebii quubsaa kenna! Addunyaa hamaa kana keessatti wantoota gadhee namoota irra gaʼan kan fidu Yihowaa waan hin taaneef, isatti aaruuf matumaa sababii gaʼaan hin jiru. (Iyo. 34:10) Dhugaa dha, warri ijoolleen isaanii gaarii ykn gadhee akka taʼan dhiibbaa guddaa isaan irratti gochuu dandaʼu. (Fak. 22:6; Qol. 3:21) Kana jechuun garuu, namni tokko haalli maatii isaa wanta inni jireenya isaa keessatti raawwatu ni murteessa jechuu miti. Faallaa kanaatiin, Yihowaan hunduma keenyaaf kennaa gatii guddaa qabu tokko, jechuunis dandeettii wanta hojjennuu fi nama akkamii akka taanu filachuuf nu gargaaru nuu kenneera. (Kes. 30:19) Hisqiyaas kennaa kana akkamitti itti fayyadame?

Dargaggoonni hedduun haalli maatii keessatti guddatan maal iyyuu yoo taʼe dhugaa ni fudhatu(Keeyyata 9 fi 10 ilaali)

11. Hisqiyaas mootota Yihudaa warra gaggaarii keessaa tokko akka taʼu kan isa godhe maali dha?

11 Hisqiyaas abbaan isaa mootota Yihudaa warra hamoo keessaa tokko taʼus, inni mootota gaggaarii keessaa tokko taʼuu dandaʼeera. (2 Mootota 18:5, 6 dubbisi.) Eeyyee, abbaan isaa dhiibbaa gadhee isa irratti kan geessise taʼus, namoonni gara biraan dhiibbaa gaarii isa irratti godhanii fi inni filachuu dandaʼu jiru turan. Yeroo sanatti akkuma Miikiyaasii fi Hoseʼaa, Isaayaasis raajii ture. Hisqiyaas Mootichi wanta namoonni amanamoon kun hafuura qulqulluudhaan geggeeffamanii labsaniif xiyyeeffannaa kennuudhaan, gorsii fi sirreeffamni Yihowaa garaa isaa akka tuqu heyyameera. Kanaafuu, Hisqiyaas dogoggora guguddaa abbaan isaa hojjete sirreessuu jalqabe. Kanas kan godhe, mana qulqullummaa qulqulleessuudhaan, uummatichi dhiifama akka argatu Waaqayyoon kadhachuudhaan, akkasumas duula balʼaa godhee waaqayyolii tolfamoo balleessuudhaan ture. (2 Sen. 29:1-11, 18-24; 31:1) Hisqiyaas yeroo mootiin Asor Senaaheriib Yerusaalemiin akka balleessu sossodaachisetti dabalatee yeroo rakkoowwan gurguddaan isa mudatanitti ija jabinaa fi amantii guddaa akka qabu argisiiseera. Fayyina argachuuf Waaqayyotti amanameera; dubbiidhaanis taʼe fakkeenya taʼuudhaan saba isaa jajjabeesseera. (2 Sen. 32:7, 8) Yeroo booda of tuuluu isaatiin kan kaʼe sirreeffamni yeroo isaaf kennametti gad of qabee yaada geddarateera. (2 Sen. 32:24-26) Ifatti hubachuun akka dandaʼamutti, Hisqiyaas seenaan isaa inni duraa seenaa isaa isa boodaa akka balleessu ykn jireenya gara fulduraa akka isa dhabsiisu hin heyyamne. Kanaa mannaa, michuu Yihowaa taʼuu isaa argisiiseera, fakkeenya gaariis nuuf taʼeera.

12. Akkuma Hisqiyaas yeroo ammaatti namoonni hedduun michoota Yihowaa taʼuu isaanii kan argisiisan akkamitti?

12 Addunyaa sodaachisaa fi jaalala hin qabne keessa waan jiraannuuf, ijoollee hedduun faayidaa jaalallii fi eegumsi warra isaanii isaaniif argamsiisu utuu hin argatin kan guddatan taʼuun isaa nama hin ajaaʼibsiisu. (2 Xim. 3:1-5) Yeroo ammaatti Kiristiyaanonni hedduun maatii gadhee taʼe keessatti kan guddatan taʼus, Yihowaa wajjin michummaa cimaa uumuu dandaʼaniiru. Akkuma Hisqiyaas, akkaataan jireenyaa namoota kanaas akkaataan namni tokko itti guddate jireenya isaa gara fuulduraa kan isaaf hin murteessine taʼuu isaa argisiisa. Waaqayyo mirga filannaa nuu kennuudhaan nu kabajeera; nutis akkuma Hisqiyaas kennaa kana Yihowaatti maxxanuuf, akkasumas karaa isaaf ulfinaa fi kabaja fiduun itti fayyadamuuf mirga arganneerra.

“ANI GARBITTIIN GOOFTAA KUNOO, ASAN JIRA” JETTE

13, 14. Itti gaafatamummaan Maariyaamiif kenname baayʼee ulfaataa fakkaachuu kan dandaʼu maaliifi? Haa taʼu malee, wanta Gabriʼel itti himeef deebii kan kennite akkamitti?

13 Bara Hisqiyaas itti jiraate jaarraa hedduu booda, shamarreen Yihudii biyya Naazireet gad of qabdu tokko Yihowaa wajjin michummaa adda taʼe uumuu dandeesseetti. Seenaa ilmaan namootaa keessatti namni itti gaafatamummaan kanaa wajjin wal gitu isaaf kenname hin jiru. Ilma Waaqayyoo isa tokkicha garaatti baachuuf, daʼuu fi guddisuuf mirga argatteetti! Yihowaan amanannaa guddaa akkanaa intala Elii kan taate Maariyaam irratti kan qabaate, waaʼee ishii maal yaadee taʼuu akka qabu tilmaami. Maariyaam yommuu itti gaafatamummaan kun ishiidhaaf kenname jalqaba irratti maaltu itti dhagaʼamee taʼuu dandaʼa laata?

“Ani garbittiin gooftaa kunoo, asan jira!”(Keeyyata 13 fi 14 ilaali)

14 Haa taʼu malee, mirga dinqisiisaa Maariyaam argatte qofa irratti xiyyeeffachuudhaan wantoota ishii yaaddessuu dandaʼan tokko tokko dagachuu dandeenya. Ergamaa Waaqayyoo kan taʼe Gabriʼel, Maariyaam dhiiraa wajjin saalqunnamtii utuu hin raawwatin dinqiidhaan akka ulfooftu ishiitti hime. Taʼus, gara maatii fi olloota Maariyaam dhaqee sababii ishiin itti ulfooftu akka isaaniif ibsu hin gaafatamne. Isaan maal yaaduu dandaʼu? Maariyaam waaʼee kaadhima ishii Yoseef yaaddoftee taʼuu qaba. Kan ulfoofte taʼus amma iyyuu isaaf amanamtuu taʼuu ishii akkamitti isa amansiisuu dandeessi? Hunda caalaa immoo, Ilma Hundaa Olii isa tokkicha guddisuun, kunuunsuunii fi leenjisuun itti gaafatamummaa guddaa dha! Yommuu Gabriʼel Maariyaamitti dubbatu wantoota ishii yaaddessanii taʼuu dandaʼan hunda beekuu hin dandeenyu. Haataʼu malee, “Ani garbittiin gooftaa kunoo, asan jira, akka ati dubbatte anaaf haa taʼu!” jettee akka deebiste beekna.​—Luq. 1:26-38.

15. Amantiin Maariyaam dinqisiisaa kan taʼe maaliifi?

15 Amantiin Maariyaam baayʼee kan nama dinqisiisu mitii? Garbittiin tokko harka gooftaa ishii jala jirti. Haaluma wal fakkaatuun, Maariyaamis Gooftaan ishii Yihowaan akka ishii kunuunsuu fi akka ishii eegu isatti amanamteetti. Karaa inni sirrii dha jedhe kamiin iyyuu isa tajaajiluu barbaaddeetti. Garuu amantii akkanaa akkamitti qabaachuu dandeesse? Amantiin wanta yeroo dhalatanitti argamu miti. Amantiin carraaqqii namni tokko godhuunii fi eebba Waaqayyootiin kan argamu dha. (Efe. 2:8) Ragaan Maariyaam amantii ishii cimsachuuf carraaqqii gochuu ishii argisiisu jiraa? Eeyyee jira. Akkaataa ishiin itti dhaggeeffachaa fi itti dubbachaa turte ilaali.

16. Maariyaam nama akka gaariitti dhaggeeffattu taʼuu ishii kan argisiisu maali dha?

16 Akkaataa Maariyaam itti dhaggeeffatte. Kitaabni Qulqulluun “dhagaʼuutti ariifataa, dubbachuutti suuta jedhaa” akka taanu nu gorsa. (Yaq. 1:19) Maariyaam nama akka gaariitti dhaggeeffattu turtee? Nama akkanaa akka turte haala isaa irraa hubachuun ni dandaʼama. Wangeelli Luqaas bakka lamatti Maariyaam jechoota hafuuraa hiika guddaa qaban xiyyeeffannaadhaan dhaggeeffachuu ishii fi yeroo fudhattee wanta dhageesse kana irratti xiinxaluu ishii dubbata. Yeroo Yesus dhalatetti tiksitoonni gad of qaban ergaa ergamoota irraa dhagaʼan Maariyaamitti himaniiru. Gara waggaa 12 booda immoo Yesus ijoollee yoo taʼe iyyuu wanta karaa hafuuraa hiika guddaa qabu tokko dubbateera. Yeroo lamaanitti iyyuu, Maariyaam dhaggeeffatteetti, wanta jedhame yaadatteetti, akkasumas wanta dhageesse irratti xiyyeeffannaadhaan yaaddeetti.Luqaas 2:16-19, 49, 51 dubbisi.

17. Akkaataa Maariyaam itti dubbatte irraa maal barachuu dandeenya?

17 Akkaataa Maariyaam itti dubbatte. Wantoonni Maariyaam dubbatte hedduun Kitaaba Qulqulluu keessatti hin galmeeffamne. Yaada Maariyaam dubbatte keessaa inni dheeraan Luqaas 1:46-55 irratti argama. Yaadni ishiin dubbatte kun, Maariyaam Kitaaba Qulqulluu akka gaariitti akka beektu argisiisa. Wanti Maariyaam dubbatte yaada haati Saamuʼel raajichaa Haannaan kadhannaa ishii keessatti caqaste tokko tokkoo wajjin wal fakkaata. (1 Sam. 2:1-10) Maariyaam dubbii ishii kana keessatti Kitaaba Qulqulluu irraa gara siʼa 20 caqasuu hin ooltu. Kana irraa hubachuun akka dandaʼamutti, Maariyaam dubartii waaʼee wantoota hafuuraa akka gaariitti beektu turte. Maariyaam qabeenya guddaa garaa ishii keessatti kuufatte, jechuunis dhugaawwan gatii guddaa qabanii fi Yihowaa isa Michuu ishii isa guddaa taʼe irraa baratte gad baasaa turte.

18. Fakkeenya amantii Maariyaam hordofuu kan dandeenyu karaawwan kamiini?

18 Nutis yeroo tokko tokko akkuma Maariyaam itti gaafatamummaan Yihowaa biraa nuuf kenname ulfaataa nutti fakkaachuu dandaʼa. Kanaafuu, akkuma ishii wanta nu fayyadu akka nuuf godhu isatti amanamuudhaan gad of qabnee Yihowaatti of haa kenninu. Nutis waaʼee Yihowaa fi waaʼee kaayyoo isaa wanta barannu xiyyeeffannaadhaan dhaggeeffachuudhaan, dhugaawwan hafuuraa irratti xiinxaluudhaan, akkasumas wanta baranne gammachuudhaan warra kaanitti himuudhaan fakkeenya amantii Maariyaam hordofuu dandeenya.—Far. 77:11, 12; Luq. 8:18; Rom. 10:15.

19. Fakkeenya namoota Kitaaba Qulqulluu keessatti ibsamanii fi amantii guddaa akka qaban argisiisanii yoo hordofne, waaʼee maalii mirkanaaʼoo taʼuu dandeenya?

19 Akkuma Abrahaam isa isaan dura ture sanaa, Ruut, Hisqiyaasii fi Maariyaam michoota Yihowaa akka turan namni shakkuu dandaʼu jiraa? Akkuma warra ‘dhugaa baatota akka duumessaa’ taʼanii fi namoota amanamoo gara biraa hedduu kaanii, namoonni kunis michoota Waaqayyoo taʼuudhaan mirga dinqisiisaa argataniiru. Egaa nutis fakkeenya amantii namoota kanaa hordofuu keenya itti haa fufnu. (Ibr. 6:11, 12) Kana yoo goone, badhaasa guddaa bara baraaf Yihowaa wajjin michummaa cimaa qabaachuuf nu gargaaru akka argannu mirkanaaʼoo taʼuu dandeenya!

[Ibsa Dabalataa]

^ [1] (keeyyata 2) Faarfannaa 25:14 (NW): “Yihowaa wajjin michummaa cimaa kan qabaatan namoota isa sodaatani dha; kakuu isaas isaan beeksisa.”