Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

Gammachuudhaan Yihowaa Tajaajiluu Kee Itti Fufi

Gammachuudhaan Yihowaa Tajaajiluu Kee Itti Fufi

MEE waaʼee guyyaa gammachuun adda taʼe sitti dhagaʼamee yaadi. Guyyaan kun guyyaa gaaʼela itti godhatte ykn daaʼima kee angafaa itti godhatte dhaa? Moo guyyaa Yihowaadhaaf of murteessuu kee bishaaniin cuuphamuudhaan itti argisiiste dha? Guyyaan kun guyyaa isa kam iyyuu caalaa iddoo guddaa qabuu fi baayʼee itti gammadde akka ture yaaduun kee sirrii dha. Akkasumas, obboloonni kaan garaa kee guutuudhaan, jireenya kee guutuudhaan, yaada kee guutuudhaanii fi humna kee guutuudhaan Waaqayyoon akka jaallattu argisiisuu kee arguu isaanitti baayʼee akka gammadan beekamaa dha!​—Mar. 12:30.

Yeroo itti cuuphamtee kaasee Yihowaa tajaajiluudhaan gammachuu guddaa akka argatte hin shakkisiisu. Haa taʼu malee, labsitoonni Mootummichaa tokko tokko hamma tokko gammachuu kanaan dura qaban dhabaniiru. Sababiin kun itti taʼe maali dha? Gammachuudhaan Yihowaa tajaajiluu keenya itti fufuuf sababiiwwan akkamii qabna?

OBBOLOONNI TOKKO TOKKO GAMMACHUU ISAANII KAN DHABAN MAALIIFI?

Abdiiwwan Yihowaan dhiheenyatti sirna hamaa kana balleessuudhaan addunyaa haaraa akka fidu ibsan dabalatee, ergaan Mootummichaa gammaduuf sababa akka nuu taʼu beekamaa dha. Sefaaniyaan 1:14, “Guyyaan Waaqayyoo inni guddaan dhiʼaateera, dhiʼaateera, dafees in dhufa” jedha. Taʼus, guyyicha hamma yaadne caalaa eeguun gammachuu kanaan dura qabnu nu dhabsiisuu fi tajaajila qulqulluu Waaqayyoof dhiheessinu akka hirʼisnu nu gochuu dandaʼa.—Fak. 13:12.

Saba Waaqayyoo wajjin michummaa gaarii qabaachuun, gammachuudhaan Yihowaa tajaajiluu keenya akka itti fufnu nu jajjabeessa. Amalli gaariin tajaajiltoonni Yihowaa qaban gara waaqeffannaa dhugaatti nu harkisee fi gammachuudhaan Waaqayyoon tajaajiluu akka jalqabnu nu gargaaree taʼuu akka dandaʼu beekamaa dha. (1 Phe. 2:12) Haa taʼu malee, Kiristiyaanni tokko ulaagaalee Waaqayyoo utuu hin eegin hafuu isaatiin kan kaʼe adabni yoo isaaf kenname maaltu uumamuu dandaʼa? Haala akkanaa keessatti, namoonni jalqaba amaloota gaggaarii sabni Yihowaa qabaniin kan kaʼe gara dhugaatti harkifaman tokko tokko abdii kutachuu fi gammachuu isaanii dhabuu dandaʼu.

Ololli daldalaa sirni Seexanaa inni hamaan babalʼisus gammachuu nu dhabsiisuu dandaʼa. Seexanni wantoonni dhugumaan barbaachisoo hin taane akka nu barbaachisan nu amansiisuuf addunyaa isaa kanatti fayyadama. Haa taʼu malee, yaada Yesus, “Eenyu illee gooftolii lamaaf hojjechuu hin dandaʼu, isa tokko jibbee isa kaan jaallachuu, isa tokkoof of kennee isa kaan tuffachuu dha malee; isinis akkasuma Waaqayyoo fi horiidhaaf hojjechuu hin dandeessan” jechuudhaan dubbate yaadachuun keenya gaarii dha. (Mat. 6:24) Wanta addunyaa kana keessatti argamu hunda argachuuf yaalii gochaa gammachuudhaan Yihowaa tajaajiluu hin dandeenyu.

‘WAAQA ISA NU FAYYISUTTI GAMMADUU’

Yihowaa tajaajiluun namoota isa jaallataniif baʼaa ulfaataa miti. (1 Yoh. 5:3) Yesus, “Isin warri itti dhamaatanii dadhabdan, baʼaanis kan isinitti ulfaatu hundinuu gara koo kottaa; ani boqonnaa isiniifan kenna. Waanjoo koo fuudhaatii baadhaa, ana irraas baraa; anoo garraamii dha kanan gad of deebises; boqonnaas lubbuu keessaniif in argattu. Waanjoon koo nama hin dhibu, baʼaan namni anaaf jedhee baatus salphaa dha” jechuu isaa yaadadhu. (Mat. 11:28-30) Kiristiyaana taʼuudhaan waanjoo baachuun, boqonnaa fi gammachuu kan argamsiisu dha. Nutis sababa Yihowaa tajaajiluudhaan gammachuu guddaa itti argannu akka qabnu beekamaa dha. Mee amma sababiiwwan guguddaa ‘Waaqayyo isa nu fayyisutti gammaduu’ itti dandeenyu sadii haa ilaallu.​—An. 3:18.

Waaqa jireenya nuu kennee fi gammadaa taʼe tajaajilla. (HoE. 17:28; 1 Xim. 1:11, NW) Jireenya kan arganne Uumaa keenya biraa akka taʼe ni hubanna. Kanaafuu, erga cuuphamnee waggoonni hammamii iyyuu yoo darban gammachuudhaan isa tajaajiluu keenya itti fufna.

Hektor abdii Mootummichaa yaadachuu fi dammaqaa taʼee jiraachuudhaan gammachuu isaa eeguu dandaʼeera

Mee waaʼee Hektor isa waggaa 40f daawwataa ol aanaa taʼee Yihowaa tajaajilee ilaali. Obboleessi kun “dulluma keessa iyyuu” firii godhachaa jira. (Far. 92:12-14) Haati manaa isaa dhukkubsachuun ishii sochii Waaqayyoon tajaajiluuf godhu kan jalaa hirʼise taʼus, gammachuu isaa jalaa hin hirʼisne. Akkana jedheera: “Haati manaa koo dhukkubni ishii suutuma suuta itti hammaachaa deemuu isaa ilaaluun kan na gaddisiisuu fi ishii kunuunsuun ulfaataa taʼus, haalli kun gammachuu ani Waaqa isa dhugaa tajaajiluudhaan argadhu akka na dhabsiisu hin heyyamne. Jireenya kanan argadhe Yihowaa isa kaayyoo taʼe tokkoof nama uume irraa akka taʼe beekuun koo, garaadhaa isa jaallachuu fi isa tajaajiluuf sababii gaʼaa naa taʼa. Gammachuu koo akkan hin dhabneef, hojii lallabaa irratti dammaqinaan hirmaachuuf, akkasumas waan hunda caalaa abdii Mootummichaa irratti yaaduuf carraaqqii nan godha.”

Yihowaan jireenya gammachuu qabu akka argannuuf aarsaa furichaa nuu qopheesseera. Dhuguma iyyuu, “Waaqayyo, akkasitti tokkicha ilma isaa hamma kennuufitti biyya lafaa jaallate; kun immoo isatti kan amanu hundinuu jireenya bara baraa haa qabaatuuf malee, haa baduuf miti!” (Yoh. 3:16) Eeyyee, qophii aarsaa furii Yesus, isa Waaqayyo jaalalaan kakaʼee nuu qopheesse irratti amantii yoo qabaanne, dhiifama cubbuu fi jireenya bara baraa argachuu ni dandeenya. Kun galateeffachuuf sababii guddaa hin taʼuu? Galateeffannaan furichaaf qabnu immoo gammachuudhaan Yihowaa tajaajiluuf nu kakaasuu hin qabuu?

Hesuus jireenya isaa salphaa godheera; akkasumas waggoota hedduudhaaf gammachuudhaan Yihowaa tajaajileera

Obboleessi Meeksikoo Hesuus jedhamu akkana jedheera: “Dirqamni kan ana irra hin jirre taʼus, yeroo tokko tokko walitti aansee saʼaatii dheeraadhaaf hojjechuudhaan hojii kootiif garba taʼeen ture. Kana kanan godhu qarshii dabalataa argachuuf qofa ture. Taʼus waaʼee Yihowaa, akkasumas inni Ilma isaa isa jaallatamaa akkamitti ilmaan namootaatiif akka kenne nan baradhe. Achiis isa tajaajiluuf fedhii cimaan qabaadhe. Kanaafuu, Yihowaadhaaf kanan of murteesse siʼa taʼu, kaampaanicha keessatti waggaa 28f kanan hojjedhe taʼus hojicha dhiisuu fi tajaajila yeroo guutuu jalqabuuf nan murteesse.” Obboleessi kun yeroo sanaa jalqabee waggoota hedduudhaaf gammachuudhaan Yihowaa tajaajilaa jira.

Firiin godhannu gadda utuu hin taʼin, gammachuu guddaa nuuf argamsiisa. Yihowaa beekuu kee dura jireenyi kee maal akka fakkaatu ni yaadattaa? Phaawulos ergamaan Kiristiyaanonni Roomaa keessatti argaman, ‘dur garboota cubbuu akka turanii’ fi amma garuu ‘hojjettoota qajeelinaa akka taʼan’ isaan yaadachiiseera. Isaanis firii “qulqullummaa” isa jireenya bara baraa isaaniif argamsiisu godhachaa turan. (Rom. 6:17-22) Nuyis akkaataa jireenyaa qulqulluu, buʼaa gaddisiisaa isa naamusni xuraaʼaanii fi amalli gadheen fidu irraa walaba taʼe hordofna. Kun gammaduuf sababa guddaa mitii?

“Jireenya koo keessatti yeroon hunda caalaa gammachuu itti argadhe yeroon Yihowaa tajaajiluudhaan dabarse dha.”—Haayimee

Haala Haayimee isa Waaqayyotti hin amannee fi jijjiirama tirannaatti amanu, akkasumas tapha booksii irratti hirmaachaa turee ilaali. Haayimeen walgaʼiiwwan Kiristiyaanaa irratti argamuu kan jalqabe siʼa taʼu, jaalala obboloonni itti argisiisanittis baayʼee dinqisiifame. Akkaataa jireenyaa isaa duraanii dhiisuuf jecha, isatti amanuuf akka isa gargaaru Yihowaa kadhate. Haayimeen akkana jedheera: “Suutuma suuta, Abbaan jaalala qabeessa taʼee fi Waaqni gara laafessa taʼe akka jiru hubachuun jalqabe. Ulaagaalee Yihowaa warra qajeeloo taʼan eeguun koo eegumsa naaf taʼeera. Utuun hin jijjiiramne taʼee, akkuma hiriyoota koo warra ani duraan wajjin booksii irratti hirmaachaa ture tokko tokkoo ajjeefamuu nan dandaʼan ture. Jireenya koo keessatti yeroon hunda caalaa gammachuu itti argadhe yeroon Yihowaa tajaajiluudhaan dabarse dha.”

ABDII HIN KUTATIN!

Yommuu dhuma sirna hamaa taʼe kanaa eeggannutti maaltu nutti dhagaʼamuu kan qabu sitti fakkaata? ‘Akka yaada hafuuraatti facaasaa’ akka jirruu fi ‘jireenya bara baraa akka galfannu’ yaadadhu. Kanaafuu, “Yeroo isaatti humna utuu hin dhabin galfachuuf waan jirruuf, ammas kottaa wanta gaarii taʼe gochuutti hin laafnu!” (Gal. 6:8, 9) Gargaarsa Yihowaatiin, jabaannee haa dhaabannu; amaloota “rakkina guddaa” irraa ooluuf nu barbaachisan horachuuf carraaqqii haa goonu; akkasumas rakkoowwan yoo nu mudatan illee gammachuudhaan Yihowaa tajaajiluu keenya itti haa fufnu.​—Mul. 7:9, 13, 14; Yaq. 1:2-4.

Waaqayyo hojii keenya, akkasumas jaalala isaafis taʼe maqaa isaatiif qabnu akka gaariitti waan beekuuf, jabaannee dhaabachuun keenya akka nu kiisu amanannaa qabaachuu ni dandeenya. Gammachuudhaan Yihowaa tajaajiluu keenya yoo itti fufne akkuma Daawit faarfatichaa nutis, “Waaqayyo yeroo hundumaa fuula koo dura anaaf jira, inni mirga koo waan jiruufis ani hin shishu [“hin raafamu,” NW]; kanaafis garaan koo in gammada, lubbuun koo inni ulfina-qabeessi in ililcha, namummaan koos immoo sodaa malee in jiraata” jechuu dandeenya.​—Far. 16:8, 9.