Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

KUUSAA KEENYA KEESSAA

Konkolaataan Meeshaa Sagalee Guddisu Qabu Miliyoonota Biratti Beekame

Konkolaataan Meeshaa Sagalee Guddisu Qabu Miliyoonota Biratti Beekame

“Biraaziil keessatti konkolaataan meeshaa sagalee guddisu qabuu fi tajaajila Gooftaatiif oolu tokko qofa ture; innis namoota miliyoonaan lakkaaʼaman biratti maqaa, ‘Konkolaataa Masaraa Eegumsaa meeshaa sagalee guddisu qabu’ jedhuun beekama ture.”​—Nataaniyal Aalistan Yuul, bara 1938.

BIRAAZIIL keessatti hojiin Mootummichaa isa yeroo kaanii wajjin yeroo wal bira qabamu jalqaba waggoota bara 1930mmaniitti guddinni isaa xinnoo ture. Taʼus, bara 1935⁠tti qajeelchitoonni Nataaniyalii fi Mod Yuul jedhaman, Joseef Raazarfordi isa yeroo sanatti adda durummaadhaan hojii lallabaa geggeessaa tureef xalayaa barreessan. Xalayaa isaanii irratti fedhiidhaan tajaajilaa akka jiranii fi “eessa iyyuu taanaan gammachuudhaan akka dhaqan” ibsan.

Nataaniyal injinara siviilii sooroma baʼee fi yeroo sanatti nama umurii waggaa 62 ture. Obboleessi kun Saan Firaansiiskoo, Kaalifoorniyaa, Yunaayitid Isteetisitti daayireektara tajaajilaa gumii Dhugaa Baatota Yihowaa ture. Achitti hojii lallabaa qindeessaa fi meeshaa sagalee guddisuun misiraachicha babalʼisaa ture. Muuxannoon isaa fi fedhiidhaan of dhiheessuun isaa Biraaziil ishii balʼaa taatee fi afaan hedduun itti dubbatamu keessatti tajaajilaa waajjira damee taʼee akka hojjetu hojii haaraa isaaf kenname irratti eebbi hedduun akka argamu godheera.

Nataaniyalii fi Mod, qajeelchaa turjumaana isaanii taʼe, isaanii wajjin tajaajiluu fi Antooniyoo Andiraadii jedhamuu wajjin bara 1936⁠tti Biraaziil gaʼan. Miʼawwan isaan iddoo guddaa kennaniif, jechuunis foonoograafota 35 fi konkolaataa meeshaa sagalee guddisu qabu fidanii dhufan. Biraaziil addunyaa irratti balʼina lafaatiin sadarkaa shanaffaa kan qabatte taʼus, yeroo sanatti biyyicha keessatti babalʼistoota Mootummichaa gara 60 taʼan qofatu ture! Taʼus, meeshaawwan sagalee haaraa taʼan kun waggoota muraasa keessatti misiraachicha namoota miliyoonaan lakkaaʼamaniin gaʼuuf isaan gargaaraniiru.

Nataaniyalii fi Mod erga achi gaʼanii jiʼa tokko booda waajjirri damee, walgaʼiin tajaajilaa guddaan Biraaziil inni jalqabaa magaalaa Saaʼoo Paawuloo keessatti akka geggeeffamu qophii godhe. Mod konkolaataa meeshaa sagalee guddisu qabu oofaa turte; konkolaatichis haasaa sabaa namoonni 110 taʼan irratti argaman beeksisuudhaan hojii isaa jalqabe! Walgaʼii guddaan kun hamilee babalʼistoota hirmaannaa tajaajila irratti godhan guddifachuu barbaadanii kakaaseera. Barreeffamaa fi kaardii ittiin dhugaa baʼanitti, akkasumas haasaawwan foonoograafii Afaan Ingiliffaa, Jarman, Haangaarii, Poolaandi, Ispeenii fi booda immoo Afaan Poorchugaaliin qophaaʼanitti fayyadamanii akkamitti akka lallaban barataniiru.

Konkolaataan meeshaa sagalee guddisu qabu kun Biraaziil keessatti namoota miliyonaan lakkaaʼamaniif misiraachicha lallabuuf gargaareera

Walgaʼiiwwan tajaajilaa guguddaan bara 1937⁠tti Saaʼoo Paawuloo, Riyoo de Jeneeroo fi Kuritiibaatti godhaman sadan obboloonni hojii wangeela labsuutiif humna akka argatan gargaaraniiru. Konkolaataan meeshaa sagalee guddisu qabu hirmaattonni walgaʼichaa manaa gara manaa yommuu deeman wajjin deema ture. Juuzee Maaglooviskiin inni yeroo sanatti dargaggeessa ture, yeroo booda akkana jedhee barreesseera: “Barreeffamoota keenya warra Kitaaba Qulqulluu irratti hundaaʼan iddoo ol kaʼaa taʼe irra kan keenyu siʼa taʼu, konkolaataan meeshaa sagalee guddisu qabu ennaa ergaa waraabame dhageessisu namoota wanta taʼaa jiru ilaaluuf mana isaaniitii baʼan haasofsiisna turre.”

Yeroo namoonni qaama isaanii dhiqatan aduu qaqqaammatanitti, sirni cuuphaa laga keessatti raawwatama ture. Konkolaataa meeshaa sagalee guddisu qabutti fayyadamanii misiraachicha lallabuun carraa gaarii dha! Haasaan cuuphaa Raazarfordi dhiheesse meeshaa sagalee guddisu keessaa guddisee yeroo dhagaʼamu, namoonni waan taʼaa jiru ilaaluuf dhufan, haasaan kun gara Afaan Poorchugaalitti yeroo hiikamu dhaggeeffachuuf konkolaatichatti marsan. Achiis, kaadhimamtoonni cuuphaa faarfannaa Mootummichaa Afaan Poolaandiin waraabame xiyyeeffannaadhaan dhaggeeffatan. Obboloonnii fi obboleettonni faarfannaa kana afaan garaa garaatiin waliin faarfachuu jalqaban. Kitaabni Waggaa 1938, “Haalli kun namni tokko guyyaa Phenxeqosxeetti namni hundi afaan dhalootaa isaatiin wanta himame akkamitti akka hubate kan isa yaadachiisu ture” jedhee gabaaseera.

Walgaʼiiwwan guguddaa sana booda, Dilbata Dilbata rooba keessas taʼe caamaan, barumsi Kitaaba Qulqulluu konkolaataa meeshaa sagalee guddisu qabu irraa dhagaʼamu Saaʼoo Paawuloo fi magaalota naannoo sana jiranitti namoota paarkii keessa, naannoo manneen jireenyaa fi naannoo warshaalee jiran bira gaʼeera. Konkolaataan meeshaa sagalee guddisu, namoota 3,000 warra naannoo namoonni dhukkuba nadaayiitiin qabaman itti jiraatanii fi kaaba dhihaa Saaʼoo Paawuloo irraa kiiloo meetira 97 fagaatee argamutti jiraataniif sagantaa jiʼa jiʼaan qophaaʼu ni dhageessisa ture. Yeroo booda, gumiin guddina godhu tokko ni hundeeffame. Babalʼistoonni Mootummichaa kun dhukkuba cimaadhaan qabamanii kan jiran taʼus, naannoo namoonni dhukkuba nadaayiitiin qabaman itti jiraatan kaanitti ergaa Kitaaba Qulqulluu isa nama jajjabeessu lallabuuf heyyama argataniiru.

Ergaan Mootummichaa Afaan Poorchugaaliin waraabame dhuma bara 1938⁠tti achi gaʼe. Guyyaa, Guyyaa Lubbuu Hundaa jedhamutti konkolaataan meeshaa sagalee guddisu qabu iddoo awwaalchaa garaa garaa irra naannaʼee haasaawwan mata duree, “Namoonni Duʼan Eessa Jiru?,” “Yihowaa,” akkasumas “Badhaadhummaa” jedhuun qophaaʼan namoonni gaddanii fi 40,000 ol taʼan akka dhagaʼan godheera!

Luboonni aaran dhugaan Kitaaba Qulqulluu ija jabinaan lallabamuu isaatti baayʼee kan dheekkaman siʼa taʼu, yeroo baayʼee abbootiin taayitaa naannichaa konkolaataa meeshaa sagalee guddisu qabu sana akka callisiisan dhiibbaa irratti godhu turan. Obboleettiin keenya Mod yeroo tokko lubni naannichaa tokko tuutni namootaa konkolaataa kanatti akka marsan kakaasee akka ture dubbatteetti. Taʼus, kantiibaan magaalichaa fi hoggantoonni poolisii dhufanii guutummaa sagantichaa dhaggeeffatan. Kantiibaan magaalichaa barreeffamoota keenya fudhatee deebiʼe. Guyyaa sanatti jeequmsi tokko iyyuu hin uumamne. Mormiin akkasii jiraatu illee Kitaabni Waggaa 1940, Biraaziil barri 1939 ‘yeroo kam iyyuu caalaa Waaqa Guddicha tajaajiluu fi maqaa isaa labsuuf yeroo gaarii’ akka ture ibsuu ishii gabaaseera.

“Konkolaataan Masaraa Eegumsaa meeshaa sagalee guddisu qabu” dhufuun isaa dhuguma iyyuu hojii lallabaa Biraaziil keessatti hojjetamu irratti jijjiirama guddaa fideera. Konkolaataan kun ergaa Mootummichaa namoota miliyoonaan lakkaaʼamaniin gaʼuu irratti gaʼee guddaa taphateera. Konkolaataan beekamaa taʼe kun bara 1941⁠tti kan gurgurame taʼus, Dhugaa Baatonni Yihowaa baayʼeen misiraachicha namoota garaa qajeelaa qabanii fi naannoo Biraaziil isa balʼaa taʼe keessatti argamaniif labsuu isaanii itti fufaniiru.—Kuusaa keenya Biraaziilitti argamu irraa.