Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

Seenaa Jireenyaa

Yihowaan Tajaajila Isaa irratti Milkaaʼina Akkan Argadhu Na Gargaareera

Yihowaan Tajaajila Isaa irratti Milkaaʼina Akkan Argadhu Na Gargaareera

Waraana irratti hin hirmaadhu waanan jedheef mana hidhaa galee akkan ture qondaaltichatti nan hime. Achiis, “Ammas deebistee na hidhuuf jettaa?” jedheen isa gaafadhe. Yaada kana kan waliin haasofne miseensa Raayyaa Waraanaa Yuunaayitid Isteetis keessa akkan galu yeroo lammataatiif yommuun waamametti dha.

KANAN dhaladhe bara 1926⁠tti Kiruuksiviil, Ohaayoo Yuunaayitid Isteetisitti ture. Abbaan koo fi haati koo amantii kan hin cimsine taʼanis, nuti ijoolleen isaanii saddeettan waldaa akka deemnu nutti himu turan. Anis gara Waldaa Metoodistii nan dhaqa ture. Yeroo umuriin koo waggaa 14 turetti, waggaa tokko guutuu sirna amantii guyyaa Dilbataa geggeeffamu irraa hafee waanan hin beekneef tajaajilaan waldichaa badhaasa naa kennee ture.

Maargaaret Wookar (obboleettiin karaa bitaa lammaffaa irra jirtu) dhugaa akkan beeku na gargaarteetti

Yeroo sanatti, dubartiin ollaa keenyaa Maargaaret Wookar jedhamtuu fi Dhugaa Baatota Yihowaa keessaa tokko taate, haadha koo gaafachuu fi waaʼee Kitaaba Qulqulluu itti himuu jalqabde. Anis gaaf tokko taaʼee dhaggeeffachuuf nan murteesse. Haati koo garuu yeroo qoʼattu akkan ishii hin jeeqne waan sodaatteef manaa akkan baʼu natti himte. Haa taʼu malee, marii isaanii dhaggeeffachuuf yaalii gochuu koo ittan fufe. Maargaaret sana booda yeroo lamaaf erga dhuftee booda, “Maqaan Waaqayyoo eenyu akka taʼe beektaa?” jettee na gaafatte. Anis, “Kana namni wallaale hin jiru, Waaqayyo dha” jedheen deebiseef. Ishiinis, “Kitaaba Qulqulluu kee irraa Faarfannaa 83:18 baasiitii ilaali” naan jette. (Hiikni Kitaaba Qulqulluu isaa iddoo kanatti maqaa Yihowaa qaba.) Caqasicha baasee yommuun ilaalu, maqaan Waaqayyoo Yihowaa taʼuu isaa nan hubadhe. Achiis fiigee gara hiriyoota koo dhaqeen, “Galgala gara manaatti yommuu deebitan, Kitaaba Qulqulluu keessan irraa Faarfannaa 83:18 baasaatii maqaan Waaqayyoo eenyu akka taʼe ilaalaan” isaaniin jedhe. Yeruma sana dhugaa baʼuun jalqabe jechuun ni dandaʼama.

Kitaaba Qulqulluu qoʼadhee bara 1941⁠tti nan cuuphame. Sana booda utuu baayʼee hin turin, qoʼannaa kitaabaa gumii akkan geggeessun ramadame. Haati koo fi obbolaan koo gara walgaʼii akka dhufan kanan isaan jajjabeesse siʼa taʼu, hundi isaanii iyyuu qoʼannaa kitaabaa ani geggeessu irratti argamuu jalqaban. Abbaan koo garuu fedhii hin qabu ture.

MANA KEESSATTI MORMIIN NI JALQABE

Gumii keessatti itti gaafatamummaan dabalataa kan anaaf kenname siʼa taʼu, anis barreeffamoota keenya walitti qabachuun jalqabe. Gaaf tokko abbaan koo quba isaa gara kitaabota kootti qabee, “Kana hunda ni ilaaltaa? Mana kanaa akka baʼu nan barbaada; atis wajjin deemuu dandeessa” naan jedhe. Anis manaa baʼeen kutaa Zaanasviil, Ohaayootti dhihoo jiru tokko kireeffadhe; booda garuu maatii koo jajjabeessuuf nan deddeebiʼan ture.

Abbaan koo, haati koo walgaʼiiwwan irratti akka hin argamne ishii dhowwuuf yaalii gochuu isaa itti fufe. Yeroo tokko tokko, yommuu ishiin gara walgaʼii dhaqxu duubaan ishii hordofee harkisee manatti ishii deebisa ture. Ishiin garuu balbala isa kaaniin fiigaa baatee gara walgaʼii deemti turte. Anis haadha kootiin, “Hin yaaddaʼin. Innuu dadhabee itti dhiisa” nan jedheen. Yeroo booda abbaan koo ishii dhaabsisuuf yaalii gochuu isaa waan dhiiseef, rakkina tokko malee walgaʼiiwwan irratti argamuu jalqabde.

Bara 1943⁠tti gumii keenyatti Manni Barumsaa Tajaajila Tiʼookraasii geggeeffamuu kan jalqabe siʼa taʼu, anis kutaa barataa dhiheessuu nan jalqabe. Gorsi mana barumsichaa keessatti kutaa ergan dhiheessee booda naa kennamu, dandeettii dubbachuu koo fooyyeffachuuf na gargaareera.

WARAANA IRRATTI HIRMAACHUU DIDUU

Yeroo sanatti saboonni Waraana Addunyaa Isa Lammaffaa irratti hirmaachaa turan. Bara 1944⁠tti loltuu taʼee akkan tajaajilu nan waamame. Achiis Foort Haaz isa Kolombos Ohaayootti argamutti dhihaadheen qorannaa fayyaa godhe, akkasumas foormii nan guute. Loltuu akkan hin taanes qondaaltotatti nan hime. Isaanis na gadhiisan. Guyyoota muraasa booda, qondaalli tokko mana koo dhufee, “Koorwan Roobisan, si qabuuf ajaja mana murtii fideen dhufe” naan jedhe.

Torban lama booda mana murtiitti kanan dhihaadhe siʼa taʼu abbaan seeraa sun, “Mirgi isaa utuu naaf kennamee, hidhaa umurii guutuun sitti murteessa ture. Wanta dubbattu qabdaa?” naan jedhe. Anis, “Yaa Kabajamaa, ani akka tajaajilaa amantiitti ilaalamuun qaba. Mana nama kam iyyuu nan dhaqa; akkasumas namoota baayʼeedhaaf misiraachoo Mootummichaa nan lallaba” jedheen deebiseef. Abbaan seeraa sunis jaarsolii sanaan, ‘Isin as kan teessan dargaggeessi kun tajaajilaa amantii taʼuu fi dhiisuu isaa murteessuuf miti. As kan teessan raayyaa waraanaatti makamuuf fedhii qaba moo hin qabu isa jedhu akka murteessitaniifi dha’ jedheen. Yeroo saʼaatii walakkaa hin guutne keessatti jaarsoliin sun balleessaa akkan qabu murteessanii deebiʼan. Abbaan seeraa sunis mana hidhaa fedaraalaa Ashlaand, Keentukiitti argamutti waggaa shaniif akkan hidhamu natti murteesse.

YIHOWAAN MANA HIDHAA KEESSATTI EEGUMSA NAAF GODHEERA

Torban lamaan jalqabaa kanan ture mana hidhaa Kolombos, Ohaayoo keessatti argamu keessa siʼa taʼu, guyyaa jalqabaa kophaa koon kutaa tokko keessa bule. Yeroo kanatti, “Waggaa shaniif kutaa tokko keessa turuu hin dandaʼu. Wantan godhu garuu hin beeku” jedheen gara Yihowaatti kadhannaa dhiheesse.

Guyyaa itti aanutti eegdonni gad na baasan. Achiis gara namicha dheeraa gateettiin isaa balʼaa taʼee fi mana hidhaa sanatti hidhame tokkoo dhaqeen, isaa wajjin dhaabadhee karaa foddaa gara alaa ilaaluu jalqabne. Innis, “Gabaabduu, maaliif as galte?” jedhee na gaafate. Anis, “Ani Dhugaa Baatuu Yihowaa ti” jedheen deebiseef. Innis, “Ati moo? Maaliif as dhufte ree?” naan jedhe. Anis, “Dhugaa Baatonni Yihowaa gara waraanaa deemanii nama hin ajjeesan” jedheen itti hime. Innis, “Ati nama ajjeesuu waan hin barbaadneef mana hidhaa si galchani. Namoota kan biraa mana hidhaa kan galchan immoo nama waan ajjeesaniifi. Kun sirrii dhaa?” naan jedhe. Anis, “Lakki, sirrii miti” jedheen deebiseef.

Innis, “Waggaa 15f mana hidhaa kan biraa keessan ture; achitti barreeffamoota keessan tokko tokko dubbiseera” naan jedhe. Anis, “Yihowaa, namichi kun na cinaa akka taʼu gochuudhaan na gargaari” jedheen kadhadhe. Yeroo kanatti namichi Pool jedhamu kun, “Namoota kana keessaa tokko illee yoo si tuqe iyyi. Ani isaan nan dhoowwa” naan jedhe. Kan nama ajaaʼibu, hidhamtoota 50 kutaa sana keessa jiranii wajjin nagaadhaan jiraanna turre.

Dhugaa Baatota waraana irratti hirmaachuu waan didaniif Ashlaand, Keentukiitti hidhaman keessaa tokkon ture

Qondaaltonni mana hidhaa gara Ashlaand yommuu na geessanitti, achitti obboloota bilchina qaban hedduun argadhe. Isaanii wajjin taʼuun keenya, anaanis taʼe obboloonni kaan karaa hafuuraa cimoo taanee akka itti fufnu nu gargaareera. Dubbisa Kitaaba Qulqulluu torbanii akka qophoofnu nuuf ramadan; nuyis walgaʼii Baayibil Biis (Tuuta Kitaaba Qulqulluu) jedhamuuf gaaffii fi deebii qopheessina turre. Obboleessi tajaajilaa naannoo akka taʼu muudame tokkos jira ture. Mana guddaa sireewwan keenyanitti siqanii kaaʼaman qabu keessa jiraanna turre. Tajaajilaan naannoo, “Roobisan, ati siree kana kanaaf itti gaafatamummaan si irra jira. Namni sireen kun kennameef kam iyyuu naannoo tajaajilaa kee ti. Asii deemuu isaa dura dhugaa itti himuu qabda” naan jedhe. Haala kanaan karaa qindaaʼina qabuun lallabaa turre.

MANA HIDHAATII ERGAN BAʼEE BOODA WANTAN ARGADHE

Waraanni Addunyaa Lammaffaan bara 1945⁠tti kan dhaabate taʼus, ani garuu sana booda illee yeroo muraasaaf mana hidhaa tureera. Abbaan koo, “Suma qofa yoon manaa ariʼe, warra kaan toʼachuun salphaa dha” naan jedhee waan tureef, haalli maatii kootii na yaaddessa ture. Ergan hiikamee booda sababiin itti gammadu tokko nan argadhe. Abbaan koo nu mormaa kan ture taʼus, miseensonni maatii kootii torba walgaʼiiwwan irratti argamaa kan turan siʼa taʼu, obboleettiin koo tokko immoo cuuphamtee turte.

Obboleessa dibamaa Damiitriiyas Paapaajoorji isa bara 1913⁠tti Yihowaa tajaajiluu jalqabee wajjin tajaajila baʼaa utuu jirruu

Bara 1950⁠tti yeroo Waraanni Kooriyaa jalqabetti yeroo lammataatiif gara raayyaa waraanaatti akkan makamuu fi Foort Haazitti gabaasa akkan godhu nan waamame. Qaamni koo fayyaa taʼuu isaa ergan qoramee booda qondaalli tokko, “Garee kee keessaa qabxii ol aanaa kan qabu si dha” naan jedhe. Anis, “Gaarii dha, garuu raayyaa waraanaatti hin makamu” jedheen deebiseef. Achiis 2 Ximotewos 2:3 caqaseen, “Ani loltuu Kiristos taʼeera” jedheen itti dubbadhe. Innis callisee erga turee booda, “Deemuu dandeessa” naan jedhe.

Sana booda utuu baayʼee hin turin, Ohaayootti magaalaa Siinsiinaatii keessatti, walgaʼii yeroo walgaʼii guddaatti namoota Betʼel galuu barbaadanii wajjin godhamu irratti nan argame. Obboleessi keenya Miiltan Heenshel, obboleessi tokko Mootummichaaf cimee hojjechuu yoo barbaade jaarmiyichi Betʼel keessatti itti fayyadamuu akka dandaʼu nutti hime. Anis Betʼelitti tajaajiluuf foormii nan guute; foormiin koos fudhatama waan argateef Hagayya 1954⁠tti Biruukliin Betʼelitti tajaajiluun jalqabe. Yeroo sanaa kaasee Betʼel keessa jiraachaan ture.

Betʼel keessatti hojii dhabee hin beeku. Waggoota hedduudhaaf, maashinoota suphuu irratti hojjedheera. Akkasumas, Galmawwan Walgaʼii Guguddaa Niiwu Yoork Siitiitti argaman keessatti hojjedheera.

Gamoo waajjiraa Biruukliin Betʼel keessatti meeshaa bishaan itti danfisan irra utuun hojjedhuu

Sagantaa hafuuraa Betʼel, jechuunis waaqeffannaa ganamaa fi Qoʼannaa Masaraa Eegumsaa maatichaa irratti argamuu, akkasumas gumii wajjin tajaajila irratti hirmaachuu nan jaalladhan ture. Dhugaa dubbachuuf, sagantaawwan kun maatii Dhugaa Baatota Yihowaa hundumaa keessatti hojii irra ooluu kan dandaʼanii fi hojii irra ooluus kan qabani dha. Warrii fi ijoolleen caqasa guyyaa yoo waliin dubbisan, sagantaa Waaqeffannaa Maatii wal irraa hin citne yoo qabaatan, akkasumas walgaʼiiwwan gumii fi hojii misiraachicha lallabuu irratti akka gaariitti yoo hirmaatan miseensonni maatichaa hundi karaa hafuuraa cimoo taʼuu ni dandaʼu.

Betʼel keessattis taʼe gumii keessatti michoota hedduun qaba. Isaan keessaa tokko tokko dibamtoota kan turan siʼa taʼu, badhaasa isaanii argachuuf gara samii deemaniiru. Kaan garuu dibamtoota miti. Haa taʼu malee, miseensota maatii Betʼel dabalatee tajaajiltoonni Yihowaa hundi cubbuu dhaalaniiru. Obboleessa tokkoo wajjin yoon wal dhabe yeroo hunda nagaa buusuuf yaalii nan godha. Maatewos 5:23, 24 irratti, akkasumas akkamitti wal dhabiinsa keenya hiikuu akka qabnu nan yaada. Dhiifama gaafachuun salphaa miti; haa taʼu malee, michuu koo tokko dhiifama ergan gaafadhee booda yeroo baayʼee rakkinni nu gidduutti uumame yommuu itti fufu hin argu.

BUʼAA GAARII ANI TAJAAJILA KOO IRRAA ARGADHE

Sababii umurii kootiin kan kaʼe amma manaa gara manaatti tajaajiluun kan natti ulfaatu taʼus, abdii hin kutanne. Afaan Maandaariin Chaayinaa hamma tokko waanan baradheef, namoota Chaayinaa karaa irratti argadhu haasofsiisuun na gammachiisa. Yeroo tokko tokko ganama ganama namoota fedhii qabaniif barruulee 30 ykn 40 taʼan nan kenna.

Biruukliin, Niiwu Yoorkitti namoota Chaayinaatiif utuun lallabuu

Nama biyya Chaayinaa keessa jiraatuuf illee deddeebii gaaffii godheera! Gaaf tokko shamarreen fuula ifaa qabdu tokko beeksisa iddoo muduraaleen itti gurguraman ibsu utuu raabsituu na ilaaltee seeqxe. Anis seeqeen Masaraa Eegumsaa fi Dammaqaa! Afaan Chaayinaatiin qophaaʼe akka fudhattun ishii afeere. Ishiinis barruulee sana fudhattee, maqaan ishii Kaatii akka taʼe natti himte. Sana booda, Kaatiin yeroo na argitu hundatti gara koo dhuftee na haasofsiisti turte. Anis maqaawwan muduraalee fi kuduraalee Afaan Ingiliffaatiin kanan ishii barsiisu siʼa taʼu, ishiinis jechoota ani itti himu irra deebiti turte. Caqasoota Kitaaba Qulqulluu tokko tokkos kanan ishiidhaaf ibse siʼa taʼu, ishiinis kitaaba Barumsa Macaafa Qulqulluu jedhamu fudhatte. Torban muraasa booda garuu ishii argachuu hin dandeenye.

Jiʼoota muraasa booda, shamarreen kan biraan beeksisa raabsaa turte tokko barruu ani ishiidhaaf kenne fudhatte. Torban itti aanutti bilbila ishii naa kennitee, “Nama Chaayinaa jiru tokko haasofsiisi” naan jette. Anis, “Chaayinaadhaan naman beeku hin qabun” jedheen. Garuu waan na dirqisiisteef bilbila harkaa fuudheen “Haloo, Roobisanin jedhaman” jedhe. Bilbilaan sagalee, “Roobii, ana Kaatii dha. Chaayinaattan deebiʼe” jedhun dhagaʼe. Anis deebiseen, “Chaayinaa?” jedhe. Kaatiinis, “Eeyyee. Roobii, shamarree bilbila kana sitti kennite beektee? Obboleettii koo ti. Wantoota gaarii hedduu na barsiisteetta. Maaloo, akkuma na barsiiste ishiis barsiisi” naan jette. Anis, “Kaatii, wantan dandaʼu hunda nan godha. Eessa akka jirtu waan natti himteef galatoomin” ishiidhaan jedhe. Sana booda obboleettii Kaatii kanan haasofsiise yeroo tokko qofa dha. Shamarran sun eessa iyyuu yoo taʼan waaʼee Yihowaa caalaatti akka baratan nan abdadha.

Yihowaadhaaf tajaajila qulqulluu dhiheessuun waggoota 73f hojii koo ture. Yihowaan mana hidhaa keessatti ejjennoo koo akkan eeguu fi amanamaa akkan taʼu waan na gargaareef gammadeera. Akkasumas, abdii utuu hin kutatin mormii abbaa kootii dandaʼuun koo akka isaan jajjabeesse obboloonnii fi obboleettonni koo natti himu. Yeroo booda haati koo fi obbolaan koo jaʼa cuuphamaniiru. Abbaan koo illee duʼuu isaa dura, ilaalcha isaa jijjiiree walgaʼiiwwan tokko tokko irratti argamuu jalqabee ture.

Fedha Waaqayyoo yoo taʼe, miseensonni maatii koo fi michoonni koo warri duʼan addunyaa haaraa keessatti duʼaa ni kaʼu. Namoota jaallannuu wajjin bara baraaf yommuu Yihowaa waaqeffannu hammam akka gammadnu mee yaadaa! *

^ KEY. 32 Mata dureen kun utuu maxxansaaf qophaaʼaa jiruu, obboleessi keenya Koorwan Roobisan akkuma Yihowaadhaaf amanamaa taʼetti duʼeera.