Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

Tajaajiltoota Yihowaa Warra Amanamoo Taʼan Irraa Baradhaa

Tajaajiltoota Yihowaa Warra Amanamoo Taʼan Irraa Baradhaa

“Wanta qajeelaa taʼee fudhatame hojjechuu, gaarummaa [“amanamummaa,” NW] jaallachuu, gad of deebiftees Waaqayyo kee wajjin deddeebiʼuu malee, gooftichi maal si irraa barbaada ree?”​—MIK. 6:8.

FAARFANNAA: 18, 43

1, 2. Daawit Waaqayyoof amanamaa taʼuu isaa kan argisiise akkamitti? (Fakkii jalqaba irra jiru ilaali.)

HALKAN walakkaa, Daawitii fi Abiishaayi loltoota 3,000 rafaa jiran gidduu suuta jedhanii seenan. Namoonni kun lamaan Saaʼol Mootichi buufata sana walakkaa hirriba cimaa keessa utuu jiruu isa argan. Saaʼol gara gammoojjii Yihudaa kana kan dhufe Daawitiin argatee ajjeesuuf ture. Abiishaayi, “Siʼa lama itti hin deebiʼuutii maaloo tokkicha eeboo kootiin lafatti [Saaʼoliin] fayyisuu?” jedhee hasaase. Yeroo kanatti deebiin Daawit kenne kan nama dinqisiisu dha! “Namni isa Waaqayyo dibee moosise irratti harka isaa ol fudhatu yakkaa taʼee waan gaafatamuuf ati lafatti isa hin dabalin! . . . isa Waaqayyo dibee moosise irratti harka koo ol fudhachuu inni ana haa oolchu!” jedheen.​—1 Sam. 26:8-12.

2 Daawit Waaqayyoof amanamaa taʼuun maalfaa akka dabalatu hubatee ture. Daawit Saaʼoliin miidhuuf hin yaadne. Maaliif? Sababiin isaas, Saaʼol nama Waaqayyo Israaʼel irratti mootii godhee muude ture. Tajaajiltoonni Yihowaa amanamoo taʼan namoota inni muude ni kabaju. Yihowaan sabni isaa hundi ‘amanamummaa akka jaallatan’ akka isaan irraa barbaadu beekamaa dha.​—Miikiyaas 6:8, NW dubbisi [1].

3. Abiishaayi Daawitiif amanamaa kan taʼe akkamitti?

3 Abiishaayi Daawitiin akka kabaju argisiiseera. Fakkeenyaaf, Daawit ejja Baat-Sheebaa wajjin raawwate dhoksuuf, obboleessa Abiishaayi kan taʼe Yoʼaabitti fayyadamee abbaan manaa ishii Uriyaan dirree waraanaa irratti akka ajjeefamu godheera. (2 Sam. 11:2-4, 14, 15; 1 Sen. 2:16) Abiishaayi waaʼee dhimma kanaa hamma tokko beekuu dandaʼa; taʼus Daawit mootii Waaqayyoon muudame waan taʼeef isa kabajuu isaa itti fufeera. Hunda caalaa immoo, Abiishaayi aangoo ajajaa loltootaa taʼuudhaan qabutti fayyadamee teessoo mootii Israaʼel qabachuuf yaalii hin goone. Kanaa mannaa, gantootaa fi diinota kaan irraa Daawitiin eegeera.​—2 Sam. 10:10; 20:6; 21:15-17.

4. (a) Daawit Waaqayyoof amanamaa taʼuu irratti fakkeenya kan taʼe akkamitti? (b) Fakkeenyota kan biraa kamfaa qorra?

4 Daawit Saaʼol Mooticha miidhuu diduudhaan tajaajiltoota Yihowaa amanamoo taʼan keessaa tokko taʼuu isaa argisiiseera. Daawit yeroo dargaggeessa turetti, Goliyaad nama Filisxeem guddicha isa tuffiidhaan ‘loltoota Waaqayyoo isa jiraataa irratti gaʼisuuf’ ija jabaate sana dura dhaabateera! (1 Sam. 17:23, 26, 48-51) Erga mootii taʼee boodas, ejjaa fi ajjeechaa raawwachuudhaan cubbuu cimaa yommuu hojjetetti sirreeffama Naataan raajichi isaaf kenne fudhatee yaada geddarateera. (2 Sam. 12:1-5, 13) Daawit bara dulluma isaattis Waaqayyoof amanamaa akka taʼe argisiisuu isaa itti fufeera. Fakkeenyaaf, ijaarsa mana qulqullummaa Yihowaatiif kennaa hedduu kenneera. (1 Sen. 29:1-5) Eeyyee, Daawiti dogoggora cimaa kan hojjete taʼus, Waaqayyoof amanamaa ture. (Far. 51:4, 10; 86:2) Mee seenaa waaʼee Daawitii fi namoota bara isaatti turan gara biraa qoruudhaan, gaaffiiwwan armaan gadiitiif deebii argachuuf yaalii haa goonu: Hunda dura amanamoo taʼuu kan qabnu eenyuufi? Amanamoo taʼuun amalawwan kamfaa argisiisuu nu gaafata?

HUNDA DURA AMANAMOO TAʼUU KAN QABNU EENYUUFI?

5. Dogoggora Abiishaayi raawwate irraa barumsa akkamii arganna?

5 Abiishaayi yommuu buufata Saaʼol seenetti, dura eenyuuf amanamaa taʼuu akka qabu dagatee ture. Abiishaayi amanamummaa Daawitiif qabuun kan kaʼe, Saaʼol Mooticha ajjeesuuf ariifatee kan ture taʼus, Daawit namni tokko “isa Waaqayyo dibee moosise irratti” harka ol fudhachuun isaa sirrii akka hin taane waan hubateef isa dhowweera. (1 Sam. 26:8-11) Wanta raawwatame kana irraa barumsa guddaa tokko arganna: Garaa keenya keessatti qaamota hedduudhaaf amanamoo taʼuun keenya dogoggora taʼuu baatus, hunda dura eenyuuf amanamaa taʼuu akka qabnu seerawwan buʼuuraa Kitaaba Qulqulluu irratti hundoofnee murteessuu qabna.

6. Maatii fi michoota keenyaaf amanamoo taʼuun keenya waanuma eegamu taʼus, of eeggannoo gochuu kan qabnu maaliifi?

6 Amanamummaan garaa namootaa keessaa madda; haa taʼu malee, garaan namootaa jalʼaa dha. (Er. 17:9) Kanaafuu, namni Waaqayyoof amanamaa taʼe tokko michuun isaa ykn firri isaa wanta gadhee taʼe hojjechaa kan jiru taʼus isaaf amanamaa taʼuu akka qabu isatti dhagaʼamuu dandaʼa. Keessumaa namni nutti dhihaatu tokko yommuu dhugaa dhiisu, hunda caalaa Yihowaadhaaf amanamoo taʼuu akka qabnu yeroo hunda yaadachuu qabna.​—Maatewos 22:37 dubbisi.

7. Obboleettiin tokko haala rakkisaa keessatti Waaqayyoof amanamtuu taatee kan jiraatte akkamitti?

7 Firri keenya tokko yeroo gumiidhaa baafamu eenyuuf amanamoo taʼuu akka qabnu murteessuun nu rakkisuu dandaʼa. Fakkeenyaaf, obboleettiin Aanee [2] jedhamtu tokko haati ishii ishiin gumiidhaa baafamte bilbila ishiidhaaf bilbilte. Haati ishii maaticha irraa addaan baʼuun ishii waan ishii dhiphiseef, Aanee bira dhaquu barbaadde. Aaneen kadhaan haadha ishii baayʼee waan ishii dhiphiseef xalayaadhaan deebii akka ishiidhaaf kennitu waadaa galteef. Haa taʼu malee, xalayaa kana barreessuu ishii dura seerawwan buʼuuraa Kitaaba Qulqulluu irratti qorannaa goote. (1 Qor. 5:11; 2 Yoh. 9-11) Aaneen haati ishii dogoggora waan raawwattee fi yaada geddarachuu waan diddeef ofuma ishiitiin maaticha irraa akka addaan of baaste xalayaa ishii irratti gaarummaadhaan ishii yaadachiiste. Aaneen, “Dhiphina kee irraa boqonnaa argachuu kan dandeessu gara Yihowaatti yoo deebite qofa dha” jettee ishiidhaaf barreessite.—Yaq. 4:8.

8. Amalawwan Waaqayyoof amanamoo taʼuuf nu gargaaran kam faʼi?

8 Amanamummaan namoonni bara Daawititti turan argisiisan, amalawwan Waaqayyoof amanamoo taʼuuf nu gargaaran sadii nu hubachiisa. Isaanis gad of qabuu, gaarummaa fi ija jabina dha. Mee amalawwan kana tokko tokkoon haa qorru.

WAAQAYYOOF AMANAMAA TAʼUUN GAD OF QABUU GAAFATA

9. Abneer Daawitiin ajjeesuuf yaalii kan godhe maaliifi?

9 Daawit mataa Goliyaad harkatti qabatee yommuu Saaʼol Mootichaa wajjin dubbatu, yoo xinnaate namoonni lama isa ilaalaa kan turan taʼuu hin oolu. Isaan keessaa tokko Yonaataan ilma Saaʼol isa michuu Daawit taʼuuf kakuu isaaf gale dha. Inni kan biraan immoo Abneer isa ajajaa loltootaa taʼe dha. (1 Sam. 17:57–18:3) Abneer yeroo booda carraaqqii Saaʼol Daawitiin ajjeesuuf godhe deggereera. Daawit, “Warri nama sodaachisanis jireenya koo balleessuu in barbaadu” jedhee barreesseera. (Far. 54:3; 1 Sam. 26:1-5) Wanti Yonaataan Daawitiif godhe wanta Abneer godhe irraa baayʼee adda kan taʼe maaliifi? Akkuma Yonaataan Abneeris, Daawit mootii Israaʼel taʼee akka bulchuuf Waaqayyo akka isa filate beeka ture. Erga Saaʼol duʼee booda Abneer ilma Saaʼol Ish-Bosheetiin utuu hin taʼin Daawitiin deggeruudhaan, akka gad of qabuu fi Waaqayyoof amanamaa akka taʼe argisiisuu ni dandaʼa ture. Yeroo booda, Abneer saajjatoo Saaʼol Mootichaa wajjin saalqunnamtii kan raawwate mootii taʼuu waan barbaadeef taʼuu dandaʼa.—2 Sam. 2:8-10; 3:6-11.

10. Abiishaalom Waaqayyoof amanamaa kan hin taane maaliifi?

10 Abiishaalom ilmi Daawit nama gad of hin qabne taʼuun isaa Waaqayyoof amanamaa akka hin taane isa godheera. Mootii taʼuu waan barbaadeef, “Abiishaalom konkolaataa fi fardeen, namoota fuula isaa dura kaatan shantamas in qopheeffate”! (2 Sam. 15:1) Kana malees, sabichi Daawitiif amanamaa akka hin taane godhe. Akkuma Abneer Abiishaalomis, Yihowaan Daawitiin mootii Israaʼel godhee akka muude kan beeku taʼus, Daawitiin ajjeesuuf yaaleera.—2 Sam. 15:13, 14; 17:1-4.

11. Seenaa Kitaaba Qulqulluu waaʼee Abneer, Abiishaalomii fi Baaruk dubbatu irra faayidaa argachuu kan dandeenyu akkamitti?

11 Fakkeenya Abneerii fi Abiishaalom irraa ifatti hubachuun akka dandaʼamutti, aangoo argachuuf hawwii cimaa qabaachuun salphumatti namni tokko Waaqayyoof amanamaa akka hin taane gochuu dandaʼa. Namni amanamaan Yihowaa tajaajilu kam iyyuu daandii ofittummaa fi hamminaa akkanaa akka hin hordofne beekamaa dha. Haa taʼu malee, Kiristiyaanni tokkos addunyaa kana keessatti qabeenya ykn hojii kabaja namaaf argamsiisu argachuuf kan hawwu yoo taʼe karaa hafuuraa miidhaa guddaan isa irra gaʼuu dandaʼa. Barreessaa Ermiyaas raajichaa kan taʼe Baaruk sababa hin beekamne tokkoon yeroo muraasaaf xiyyeeffannaan isaa hihhiramee ture. Kanaan kan kaʼes Yihowaan, “Wantan ijaare nan diiga, wantan dhaabes nan buqqisa; kan akkasii biyya lafaa hundumaa irratti nan hojjedha. Kunoo, ani nama hundumaatti badiisa nan fida, ati immoo ofii keetii isa jalaa baatee wanta guddaa argachuu feetaa ree? Lakkii! Wanta guddaa akkasii hin fedhin!” isaan jedheera. (Er. 45:4, 5) Baaruk sirreeffama isaaf kenname kana fudhateera. Nutis dhuma addunyaa hamaa kanaa eeggachaa yommuu jirru kanatti yaada Waaqayyo dubbate kana sammuutti qabachuun keenya ogummaa mitii?

12. Fedhii ofittummaa yoo qabaanne Waaqayyoof amanamoo taʼuu kan hin dandeenye maaliif akka taʼe ibsi.

12 Daaniʼel inni Meksiikoo keessa jiraatu, Waaqayyoof amanamaa taʼuu fi fedhii dhuunfaa isaa hordofuu keessaa isa tokko filachuun isa barbaachisee ture. Daaniʼel shamarree Dhugaa Baatuu Yihowaa hin taane tokko fuudhuu barbaadee ture. Akkana jedheera: “Ergan qajeelchaa taʼee tajaajiluu jalqabee booda illee ishiidhaaf barreessuu koo itti fufeen ture. Dhuma irratti garuu gad of qabuudhaan eenyuuf amanamaa taʼuu akkan qabu murteessuun akka na rakkise jaarsa muuxannoo qabu tokkotti nan hime. Innis Waaqayyoof amanamaa taʼuu yoon barbaade, ishiidhaaf barreessuu koo dhaabuu akkan qabu na hubachiise. Anis kadhannaa fi imimmaan hedduudhaan gorsa kana hojii irra nan oolche. Utuma baayʼee hin turin gammachuun ani tajaajila irratti argadhu ni dabale.” Yeroo booda Daaniʼel, obboleettii gaarii tokko kan fuudhe siʼa taʼu, yeroo ammaatti daawwataa ol aanaa aanaa taʼee tajaajilaa jira.

WAAQAYYOOF AMANAMOO TAʼUUN GAARUMMAA ARGISIISUUF NU GARGAARA

Dhugaa Baatuun michuu kee taʼe tokko cubbuu cimaa hojjechuu isaa utuu beektee, gargaarsa hafuuraa akka argatu amanamummaadhaan isa ni gargaartaa?(Keeyyata 14 ilaali)

13. Naataan Daawit yommuu cubbuu hojjetetti Waaqayyoofis taʼe Daawitiif amanamaa taʼee kan jiraate akkamitti?

13 Yihowaadhaaf amanamoo taʼuun keenya yeroo tokko tokko namootaaf amanamoo taʼuu keenya irratti dhiibbaa gochuu dandaʼa. Naataan raajichi Waaqayyoof amanamaa taʼuu isaa utuu hin dhiisin Daawitiif amanamaa taʼee jiraateera. Naataan, Daawit ejja akka raawwatee fi abbaan manaa dubartittii dirree waraanaa irratti akka ajjeefamu haala mijeessuu isaa beekee ture. Yihowaan, Naataan Daawitiif gorsa cimaa akka kennu yommuu isa ergu, raajiin kun Daawitiif amanamaa taʼuu isaa utuu hin dhiisin Yihowaadhaaf ajajameera, akkasumas ija jabinaan tarkaanfii fudhateera. Naataan ogummaa fi gaarummaadhaan sirreeffama kana kan isaaf kenne yommuu taʼu, cubbuun inni hojjete cimaa taʼuu isaa akka hubatu Daawitiin gargaaruuf, fakkeenya waaʼee namni sooressi tokko hoolaa hiyyeessa tokkoo karaa haqa hin taaneen akka fudhate ibsutti fayyadame. Yeroo Daawit wanta sooressi sun raawwatetti dheekkamee dubbatu Naataan, “Namni kana godhe si!” jedheen. Daawit wanta Naataan jechuu barbaade hubateera.​—2 Sam. 12:1-7, 13.

14. Yihowaadhaafis taʼe michuu ykn fira keetiif amanamaa taʼuu kan dandeessu akkamitti?

14 Gaarummaan eenyuuf amanamaa taʼuu akka qabdu murteessuun yommuu si rakkisu si gargaaruu dandaʼa. Fakkeenyaaf, Dhugaa Baatuun tokko cubbuu cimaa akka hojjete akka gaariitti ni beekta taʼa. Keessattuu namni sun michuu ykn fira kee yoo taʼe, isaaf amanamaa taʼuu akka qabdu sitti dhagaʼamuu dandaʼa. Cubbuu namni sun hojjete kan dhoksitu yoo taʼe garuu, Waaqayyoof amanamaa taʼaa hin jirtu jechuu dha. Hunda dura Yihowaadhaaf amanamaa taʼuu akka qabdu beekamaa dha. Kanaafuu, akkuma Naataan gaarummaa argisiisi, akkasumas ejjennoo cimaa qabaadhu. Michuun ykn firri kee gargaarsa jaarsolii akka gaafatu jajjabeessi. Inni ykn ishiin yeroo murtaaʼe keessatti yoo kana gochuu baatan, Waaqayyoof amanamaa taʼuun kee dhimma sana jaarsoliitti akka himtu si kakaasuu qaba. Akkana yoo goote jaarsoliin nama kana garraamummaadhaan sirreessuuf waan yaalaniif, Yihowaadhaaf amanamaa taata, akkasumas michuu ykn fira kee sanattis gaarummaa argisiista.—Lewwoota 5:1; Galaatiyaa 6:1 dubbisi.

WAAQAYYOOF AMANAMAA TAʼUUN IJA JABINA GAAFATA

15, 16. Hushaayi Waaqayyoof amanamaa taʼuuf ija jabinni kan isa barbaachise maaliifi?

15 Namni Hushaayi jedhamu Waaqayyoof amanamaa taʼuuf ija jabina qabaachuun isa barbaachisee ture. Hushaayi, Daawit Mootichaaf michuu amanamaa ture. Haa taʼu malee, yeroo ilmi Daawit Abiishaalom garaa namoota hedduu hatee Yerusaalemii fi teessoo mootichaa fudhachuuf yaalii godhetti amanamummaan isaa qorameera. (2 Sam. 15:13; 16:15) Daawit magaalicha keessaa baqate; yeroo kanatti Hushaayi maal godha laata? Jijjiiramee Abiishaalomiif amanamaa taʼa moo, mootii maanguddoo lubbuu isaa oolfachuuf jedhee baqachaa jiru sana duukaa buʼa laata? Hushaayi mootii Waaqayyo dibeef amanamaa taʼuuf murteessuudhaan gara Gaara Ejersaa dhaqee Daawitiin argateera.​—2 Sam. 15:30, 32.

16 Daawit, Hushaayi gara Yerusaalemitti akka deebiʼu, michuu Abiishaalom akka of fakkeessuu fi gorsa Ahiitofel akka fashaleessu isa gaafate. Hushaayi lubbuu isaa balaadhaaf saaxiluudhaan Yihowaadhaaf amanamaa taʼuu isaa argisiiseera; wanta Daawit isa gaafates raawwateera. Akkuma Daawit kadhatee ture, gorsi Hushaayi inni ija jabeessa taʼe kenne gorsa Ahiitofel fashaleesseera.​—2 Sam. 15:31; 17:14.

17. Amanamoo taʼuuf ija jabina qabaachuun kan nu barbaachisu maaliifi?

17 Nutis Yihowaadhaaf amanamoo taʼuuf ija jabina qabaachuun nu barbaachisa. Waaqayyoof amanamoo taʼuu keenya argisiisuuf, baayʼeen keenya dhiibbaa miseensonni maatii, namoonni wajjin hojjennu ykn abbootiin taayitaa nu irraan gaʼan ija jabinaan mooneerra. Fakkeenyaaf, Taaroon inni Jaappaan keessa jiraatu, ijoollummaa isaatii jalqabee warra isaatiif amanamaa taʼuu fi isaaniif ajajamuuf iddoo guddaa kenna ture. Taʼus kana kan godhu dirqama waan isatti taʼeef hin turre. Dhugumaan warra isaa gammachiisuu barbaada ture. Kanaafuu, warri isaa Dhugaa Baatota Yihowaa wajjin walitti dhufeenya qabaachuu isaa yommuu mormanitti, keessumaa walgaʼii gumii irratti argamuuf murteessuu isaa isaanitti himuun isa dhiphisee ture. Taaroon akkana jedheera: “Warri koo baayʼee waan aaraniif, waggoota hedduudhaaf mana dhaqee akkan isaan hin gaafanne na dhowwan. Kanaafuu, murtoon godhetti cimuuf ija jabina akka naa kennu Yihowaa nan kadhadhe. Amma ilaalchi isaanii waan jijjiirameef yeroo hunda dhaqee isaan gaafachuu nan dandaʼa.”​—Fakkeenya 29:25 dubbisi.

18. Qoʼannaa kana irraa kan fayyadamte akkamitti?

18 Akkuma Daawit, Yonaataan, Naataanii fi Hushaayi Yihowaadhaaf amanamoo taʼuu keenya argisiisuudhaan gammachuu guddaa haa argannu. Kara kan biraa immoo, amanamummaa dhabuu Abneerii fi Abiishaalom argisiisan irraa barumsa haa argannu. Akkuma Daawit nutis Yihowaatti maxxanuu akka barbaannu beekamaa dha. Namoota cubbuu dhaalle waan taaneef dogoggora hojjechuu keenya hambisuu hin dandeenyu. Haa taʼu malee, Yihowaadhaaf amanamoo taʼuun garaa keenya keessatti iddoo tokkoffaa akka qabu argisiisuu ni dandeenya.

^ [1] (keeyyata 2) Miikiyaas 6:8 (NW): “Yaa namaa inni wanta gaarii taʼe sitti himeera. Wanti Yihowaan si irraa barbaadu maali dha? Haqa akka raawwattu, amanamummaa akka jaallattu, akkasumas gad of qabdee Waaqa kee wajjin akka deddeebitu dha!”

^ [2] (keeyyata 7) Maqaawwan tokko tokko jijjiiramaniiru.