Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

Furii—‘Kennaa Guutuu’ Abbaa Biraa Argame

Furii—‘Kennaa Guutuu’ Abbaa Biraa Argame

‘Kennaan gaariinii fi kennaan guutuun hundi Abbaa biraa gad buʼa.’YAQ. 1:17.

FAARFANNAA: 148, 5

1. Qophiin furichaa eebbawwan akkamii argamsiiseera?

AARSAA furii Yesuus Kiristoosiin kan kaʼe eebbawwan hedduu argachuu dandeenyeerra. Qophiin furichaa, ilmaan Addaam warri qajeelummaa jaallatan hundi, dhuma irratti kutaa maatii Waaqayyoo akka taʼan karaa isaaniif baneera. Kana malees, furichi bara baraaf gammachuudhaan jiraachuu akka dandeenyuuf karaa nuu baneera. Taʼus, furiin Kiristoos gara fuulduraatti ilmaan namootaa ajajamoo taʼan eebbisuu malees waan raawwatu qaba. Yesuus ol aantummaa Yihowaa deggeruudhaan duʼuuf fedhii qabaachuun isaa, gaaffii bulchiinsi Yihowaa sirrii taʼuu isaa ilaalchisee kaʼeef deebii kan kennu dha.—Ibr. 1:8, 9.

2. (a) Yesuus kadhannaa isaa keessatti dhimmawwan bakki guddaan kennamuufii qaban kamfaa caqaseera? (Fakkii jalqaba irra jiru ilaali.) (b) Mata duree kana keessatti waaʼee maalii mariʼanna?

2 Yesuus duʼuu isaa fi aarsaa furii dhiheessuu isaa waggaa lama dura barattoonni isaa akkana jedhanii akka kadhatan isaan barsiisee ture: “Yaa Abbaa keenya isa samii irra jiraattuu, maqaan kee haa qulqullaaʼu. Mootummaan kee haa dhufu. Fedhiin kee samii irratti taʼaa akka jiru, akkasuma lafa irrattis haa taʼu.” (Mat. 6:9, 10) Dinqisiifannaa furichaaf qabnu guddifachuuf, furichi maqaa Waaqayyoo qulqulleessuu, bulchiinsa Mootummaa Waaqayyoo fi kaayyoo Waaqayyoo raawwachiisuu wajjin akkamitti akka wal qabatu mee haa ilaallu.

“MAQAAN KEE HAA QULQULLAAʼU”

3. Maqaan Yihowaa maalfaa dabalata? Seexanni hoo maqaa Waaqayyoo isa qulqulluu kana kan balleesse akkamitti?

3 Yesuus kadhannaa akka fakkeenyaatti barsiise keessatti wanti jalqaba irratti caqase maqaan Waaqayyoo akka qulqullaaʼu dha. Maqaan Yihowaa, Inni hundaa ol taʼu isaa, ulfina guddaa qabachuu isaa fi qulqullummaa isaa kan dabalatu dha. Yesuus kadhannaa isaa isa kan biraa irrattis, “Yaa Abbaa Qulqullu” jedhee Yihowaa waameera. (Yoh. 17:11) Yihowaan qulqulluu waan taʼeef, qajeelfamnii fi seerri inni baasu hundis qulqulluu dha. Haa taʼu malee, Seexanni dhaaba Eeden keessatti mirga Waaqayyo ilmaan namootaatiif seera baasuuf qabu irratti gaaffii kaaseera. Seexanni waaʼee Yihowaa soba dubbachuudhaan maqaa Waaqayyoo isa qulqulluu balleesseera.—Uma. 3:1-5.

4. Yesuus maqaa Waaqayyoo qulqulleessuu irratti gumaacha kan godhe akkamitti?

4 Karaa biraatiin immoo, Yesuus maqaa Yihowaa garaadhaa jaallata ture. (Yoh. 17:25, 26) Yesuus maqaa Waaqayyoo qulqulleessuu irratti gumaacha godheera. (Faarfannaa 40:8-10 dubbisi.) Lafa irratti jireenya mudaa hin qabne jiraachuudhaan, qajeelfamawwan Yihowaan uumamawwan isaa dandeettii yaaduu qabaniif baasu sirrii kan taʼanii fi kan isaan fayyadan taʼuu isaanii mirkaneesseera. Seexanni, Yesuus dhiphatee akka duʼu yommuu godhetti illee, Yesuus Abbaa isaa isa samiitiif guutummaatti amanamaa taʼee jiraateera. Yesuus amanamaa taʼuudhaan, ilmaan namootaa mudaa hin qabne qajeelfama Yihowaatiif guutummaatti ajajamuu akka dandaʼan mirkaneesseera.

5. Maqaa Waaqayyoo qulqulleessuu irratti gumaacha gochuu kan dandeenyu akkamitti?

5 Maqaa Yihowaa akka jaallannu argisiisuu kan dandeenyu akkamitti? Amala keenyaan argisiisuu dandeenya. Yihowaan qulqulluu akka taanu nu irraa eega. (1 Pheexiros 1:15, 16 dubbisi.) Kana jechuun Yihowaa qofa waaqeffachuu fi garaa keenya guutuudhaan isaaf ajajamuu qabna jechuu dha. Yommuu ariʼatamni nu irra gaʼutti illee, qajeelfamaa fi seera isaa isa qajeelaa wajjin haala wal simuun jiraachuuf wanta nuuf dandaʼame hunda goona. Qajeelfamawwan Yihowaa hojii irra oolchuudhaan ifni keenya namoota duratti akka ifu goona; kun immoo maqaa Yihowaatiif ulfina fida. (Mat. 5:14-16) Saba Waaqayyoo qulqulloota taʼan waan taaneef, seerawwan Yihowaa faayidaa kan qaban akka taʼanii fi himanni Seexanaa soba taʼuu isaa jireenya keenyaan ni mirkaneessina. Hundi keenya dogoggora ni raawwanna; taʼus yeroo kanatti garaadhaa yaada geddarannee, gochawwan Yihowaadhaaf ulfina hin finne irraa ni fagaanna.—Far. 79:9.

6. Mudaa kan qabnu taanu illee Yihowaan akka qajeelotaatti kan nu ilaalu maaliifi?

6 Yihowaan aarsaa furii Kiristoos irratti hundaaʼuudhaan, namoota furichatti amananiif cubbuu isaanii isaaniif dhiisa. Waaqeffatoota isaa isaaf of murteessan akka taʼanitti isaan simata. Yihowaan Kiristiyaanota dibamoo akka ilmaan isaatti, “hoolota kan biraa” immoo akka michoota isaatti qajeeloo jedhee isaan waameera. (Yoh. 10:16; Rom. 5:1, 2; Yaq. 2:21-25) Kanaaf yeroo ammaatti illee, furichi Abbaa keenya duratti ejjennoo qajeelaa akka qabaannu, akkasumas maqaa isaa qulqulleessuu irratti gumaacha gochuuf nu dandeessisa.

“MOOTUMMAAN KEE HAA DHUFU”

7. Furichi bulchiinsa Mootummichaa jalatti eebbawwan akkamii argamsiisa?

7 Yesuus kadhannaa akka fakkeenyaatti barsiise irratti itti aansuudhaan, “Mootummaan kee haa dhufu” jedhee Waaqayyoon kadhateera. Furichi Mootummaa Waaqayyoo wajjin kan wal qabatu akkamitti? Furichi namoonni 144,000 taʼan Yesuusii wajjin samii irratti moototaa fi luboota taʼanii tajaajilan akka walitti qabaman godheera. (Mul. 5:9, 10; 14:1) Yesuusii fi namoonni isaa wajjin bulchan yommuu waggaa kuma tokkoof bulchanitti, ilmaan namootaa ajajamoo taʼan eebbawwan furichi argamsiisu irraa faayidaa akka argatan taasisu. Lafti gara jannataatti jijjiiramti; ilmaan namootaa amanamoo taʼan hundis suutuma suutaan mudaa kan hin qabne taʼu; akkasumas tajaajiltoonni Waaqayyoo samii irras taʼe lafa irra jiran maatii tokko taʼu. (Mul. 5:13; 20:6) Yesuus mataa bofichaa buruqsa; rakkoowwan fincila Seexanni kaaseen dhufan hundas ni balleessa.—Uma. 3:15.

8. (a) Yesuus barattoonni isaa barbaachisummaa Mootummaa Waaqayyoo akka hubatan kan isaan gargaare akkamitti? (b) Yeroo harʼaatti Mootummicha akka deggerru argisiisuu kan dandeenyu akkamitti?

8 Yesuus yommuu lafa irra turetti, barattoonni isaa barbaachisummaa Mootummaa Waaqayyoo akka hubatan isaan gargaareera. Kana malees, akkuma cuuphameen, “misiraachoo Mootummaa Waaqayyoo” balʼinaan labsuu jalqabeera. (Luq. 4:43) Gara samiitti deebiʼuu isaa dura yeroo dhumaatiif barattoota isaatti yommuu dubbatettis, “hanga andaara lafaatti” dhugaa baatota isaa akka taʼan isaan ajajeera. (HoE. 1:6-8) Namoonni guutummaa lafaa irra jiran hojii waaʼee Mootummichaa labsuuf taasifamuun, waaʼee furichaa barachuu fi namoota Mootummaa Waaqayyoo jalatti bulan taʼuuf carraa argatu. Yeroo harʼaatti, hojii addunyaa maratti misiraachicha akka labsinu nuuf kenname raawwachuudhaan, obboloota Kiristoos lafa irra jiran yommuu gargaarru Mootummicha deggeraa akka jirru argisiisna.—Mat. 24:14; 25:40.

“FEDHIIN KEE . . . HAA TAʼU”

9. Yihowaan kaayyoo ilmaan namootaatiif qabu akka raawwatu mirkanaaʼoo taʼuu kan dandeenyu maaliifi?

9 Yesuus itti aansuudhaan “Fedhiin kee . . . haa taʼu” yeroo jedhu maal jechuu isaa ture? Yihowaan Uumaa dha. Wanti tokko akka raawwatamu yoo dubbate, wanti sun akkuma raawwatametti ilaalama. (Isa. 55:11) Fincilli Seexanni kaase kaayyoon Yihowaan ilmaan namootaatiif qabu akka hin raawwatamne akka godhu hin heyyamu. Jalqaba irratti, fedhiin Yihowaa lafti kun ijoollee Addaamii fi Hewwaan mudaa hin qabneen akka guutamtu gochuu ture. (Uma. 1:28) Addaamii fi Hewwaan utuu ijoollee hin godhatin duʼaniiru utuu taʼee, kaayyoon Waaqayyo lafti kun ilmaan namootaatiin akka guutamtuuf qabu utuu hin raawwatamin hafa ture. Kanaaf, Addaamii fi Hewwaan erga cubbuu hojjetanii booda illee, Yihowaan ijoollee akka godhatan isaaniif heyyameera. Waaqayyo furichatti fayyadamee, namoonni furichatti amanan hundi mudaa kan hin qabne akka taʼanii fi bara baraaf akka jiraatan carraa isaaniif kenna. Yihowaan ilmaan namootaa ni jaallata; namoonni ajajamoo taʼan akka inni yaadee turetti akka jiraatanis ni barbaada.

10. Furichi namoota duʼan kan fayyadu akkamitti?

10 Waaʼee namoota biliyoonaan lakkaaʼamanii fi carraa Yihowaa beekuus taʼe isa tajaajiluu utuu hin argatin duʼanii hoo maal jechuutu dandaʼama? Furichi namoonni duʼan duʼaa akka kaʼan taasisa. Abbaan keenya inni samii jaalala qabeessa taʼe gara jireenyaatti isaan deebisee, waaʼee kaayyoo isaa fi waaʼee jireenya bara baraa argachuu akka barataniif carraa isaaniif kenna. (HoE. 24:15) Yihowaan namoonni akka duʼan utuu hin taʼin, akka jiraatan barbaada. Inni Madda jireenyaa waan taʼeef, namoota duʼaa kaʼan hundaaf Abbaa taʼa. (Far. 36:9) Kanaaf Yesuus “Yaa Abbaa keenya isa samii irra jiraattuu” jennee akka kadhannu nu barsiisuun isaa sirrii dha. (Mat. 6:9) Yihowaan, Yesuus namoota duʼaa kaasuu irratti gahee guddaa akka qabaatu godheera. (Yoh. 6:40, 44) Yesuus, Jannata keessatti gahee ‘duʼaa kaʼuu fi jireenya’ taʼuudhaan qabu ni raawwata.—Yoh. 11:25.

11. Waaqayyo ‘tuutni uummataa guddaan’ maal akka argatan barbaada?

11 Yihowaan namoonni hundi miseensa maatii isaa akka taʼan afeera. Yesuus, “Namni fedhii Waaqayyoo raawwatu hundi, anaaf obboleessa koo, obboleettii koo fi haadha koo ti” jedheera. (Mar. 3:35) Waaqayyo ‘tuutni uummataa guddaan’ lakkaaʼamuu hin dandeenyee fi saba, gosaa fi qooqa hundumaa keessaa dhufan waaqeffattoota isaa akka taʼan barbaada. Namoonni furii Kiristoositti amananii fi fedha Waaqayyoo raawwatan, namoota sagalee guddaadhaan, “Fayyina kan arganne, Waaqayyo keenya isa teessoo irra taaʼee fi Hoolicha irraa ti” jedhan keessaa tokko taʼuu dandaʼu.—Mul. 7:9, 10.

12. Kaayyoon Yihowaan ilmaan namootaa ajajamoo taʼaniif qabu, kadhannaa Yesuus akka fakkeenyaatti barsiise keessatti kan ibsame akkamitti?

12 Kaayyoon Yihowaan ilmaan namootaa ajajamoo taʼaniif qabu kadhannaa Yesuus akka fakkeenyaatti barsiise keessatti ibsameera. Kadhannaa kanaa wajjin haala wal simuun, maqaan Yihowaa qulqulluu akka taʼu gochuuf wanta nuuf dandaʼame hunda gochuu barbaanna. (Isa. 8:13) Hiikni maqaa Yesuus iyyuu, “Yihowaan Fayyina” kan jedhu dha; fayyinni karaa furichaa argannus maqaa Yihowaatiif ulfinaa fi kabaja argamsiisa. Mootummaan Waaqayyoo furichi ilmaan namootaa ajajamoo taʼaniif faayidaa akka argamsiisu taasisa. Dhuguma iyyuu, kadhannaan Yesuus akka fakkeenyaatti barsiise, qaamni kam iyyuu fedhiin Waaqayyoo akka hin raawwatamne dhowwuu akka hin dandeenye nuuf mirkaneessa.—Far. 135:6; Isa. 46:9, 10.

FURICHA AKKA DINQISIIFATTAN ARGISIISAA

13. Cuuphamuun keenya maal argisiisa?

13 Karaa guddaa furicha akka dinqisiifannu itti argisiisnu keessaa tokko, amantii furicha irratti qabnu irratti hundoofnee Yihowaadhaaf of murteessuu fi cuuphamuu dha. Cuuphamuun keenya “kan Yihowaa” taʼuu keenya argisiisa. (Rom. 14:8) Yommuu cuuphamnu Yihowaan qalbii gaarii akka nuuf kennu isa gaafanna. (1 Phe. 3:21) Yihowaan immoo humna dhiigni aarsaa Kiristoos qulqulleessuuf qabutti fayyadamee deebii nuuf kenna. Inni wanta waadaa gale hunda akka raawwatu matumaa hin shakkinu.—Rom. 8:32.

Furicha akka dinqisiifannu argisiisuu kan dandeenyu karaawwan kamiini? Keeyyata 13 fi 14 ilaali)

14. Namoota akka jaallannu kan ajajamne maaliifi?

14 Karaa kan biraan furicha akka dinqisiifannu itti argisiisnu hoo isa kami? Wanti Yihowaan hojjetu hundi jaalala irratti kan hundaaʼe waan taʼeef, waaqeffattoonni isaa hundi hunda caalaa jaalala akka argisiisan barbaada. (1 Yoh. 4:8-11) Namoota jaallachuudhaan “ilmaan Abbaa [keenya] isa samii irraa” taʼuu akka barbaannu argisiisna. (Mat. 5:43-48) Ajajawwan guguddaa kennaman lamaan keessaa inni jalqabaa Yihowaa jaallachuu siʼa taʼu, inni lammaffaan immoo namoota jaallachuu dha. (Mat. 22:37-40) Karaa guddaan jaalala namootaaf qabnu itti argisiisnu keessaa tokko, ajaja misiraachoo Mootummaa Waaqayyoo akka lallabnu nuu kenname raawwachuu dha. Namoota akka jaallannu yommuu argisiisnu immoo, ulfina Waaqayyoo calaqqisiisna. Ajaja namoota, keessumaa immoo obboloota keenya akka jaallannu nuuf kenname hojii irra yoo oolchine, jaalalli Waaqayyoof qabnu “nu keessatti guutuu taʼa.”—1 Yoh. 4:12, 20.

FURICHI YIHOWAA BIRAA “YEROON HAAREFFAMUU” AKKA DHUFU GODHA

15. (a) Yihowaa irraa eebbawwan akkamii argachaa jirra? (b) Eebbawwan akkamiitu nu eeggachaa jira?

15 Furicha irratti amantii akka qabnu yoo argisiisne, cubbuu keenyaaf guutummaatti dhiifama argachuuf karaan nuuf banama. Dubbiin Waaqayyoo cubbuun keenya “haqamuu” akka dandaʼu nuuf mirkaneessa. (Hojii Ergamootaa 3:19-21 dubbisi.) Akkuma olitti ilaalle, Yihowaan furichatti fayyadamee, tajaajiltoota isaa warra hafuuraan dibaman akka ijoollee isaatti isaan guddisa. (Rom. 8:15-17) Warra “hoolota kan biraa” taaneef immoo, Yihowaan akka waan maqaa keenyaan waraqaa ragaa akka ijoollee isaatti nu guddisuu isaa mirkaneessu nuuf qopheessetti ilaalama. Erga mudaa irraa guutummaatti walaba taanee fi qorumsa isa dhumaa darbinee booda, Yihowaan gammachuudhaan waraqaa ragaa sana irratti mallatteessee lafa irratti akka ijoollee isaatti nu guddisa. (Rom. 8:20, 21; Mul. 20:7-9) Jaalalli Yihowaan ijoollee isaatiif qabu kan bara baraa ti. Faayidaan furichi argamsiisus bara baraaf kan jiraatu dha. (Ibr. 9:12) Kennaan kun matumaa gatii isaa hin dhabu. Qaamni ykn humni nu jalaa fudhachuu dandaʼus hin jiru.

16. Furichi dhuguma bilisa akka baanu kan nu dandeessisu akkamitti?

16 Diyaabilos namoonni garaadhaa qalbii geddaratan hundi, dhuma irratti kutaa maatii Yihowaa akka hin taane gochuu hin dandaʼu. Yesuus gara lafaa dhufee “yeroo hundumaaf akka taʼutti al tokkicha” duʼeera. Kanaaf, furichi faayidaa bara baraa akka argamsiisutti kaffalame. (Ibr. 9:24-26) Cubbuu Addaam irraa dhaalle guutummaatti ni haqa. Aarsaa Kiristoosiif galanni haa taʼuutii, addunyaa toʼannaa Seexanaa jala jiru jalaa walaba baaneerra; akkasumas matumaa duʼa sodaachuu dhiisneerra.—Ibr. 2:14, 15.

17. Jaalalli Yihowaa siif hiika maalii qaba?

17 Waadaa Waaqayyo galetti guutummaatti amanamuu ni dandeenya. Akkuma seerri inni uumamaaf baase hin cabne, Yihowaan matumaa nu hin dhiisu. Yihowaan hin jijjiiramu. (Mil. 3:6) Inni wanta jireenya caalu, jechuunis jaalala isaa nuuf kenneera. “Jaalala Waaqayyo nuuf qabu beekneerra, akkasumas amanneerra. Waaqayyo jaalala.” (1 Yoh. 4:16) Guutummaan lafaa jannata gammachuun keessa guutetti jijjiiramti; namni lafa irra jiraatu hundis jaalala Waaqayyoo calaqqisiisa. Uumamawwan amanamoo samii keessa jiranii wajjin akkana haa jennu: “Jajamuun, ulfinni, ogummaan, galatni, kabajni, humnii fi jabinni baraa hamma bara baraatti Waaqa keenyaaf haa taʼu. Ameen.”—Mul. 7:12.