Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

MATA DUREE QOʼANNAA 6

Amanamummaa Keessan Eeggadhaa!

Amanamummaa Keessan Eeggadhaa!

“Hamman duʼutti amanamummaa koo hin dhiisu!”—IYO. 27:5, NW.

FAARFANNAA 34 Amanamummaadhaan Deddeebiʼuu

QABIYYEE *

1. Dhugaa Baatonni sadan keeyyata kana keessatti ibsaman Yihowaaf amanamoo kan taʼan akkamitti?

HAALAWWAN armaan gadii Dhugaa Baatota Yihowaa mudatan sadii mee yaadaa. (1) Barsiisaan tokko barattoonni daree keessa jiran hundi kabaja ayyaana tokkoo irratti akka hirmaatan yommuu gaafatu obboleettii shamarreen tokko achi turte. Shamarreen kun ayyaanichi Waaqayyoon akka hin gammachiisne waan beektuuf akka irratti hin hirmaanne kabajaan ibsite. (2) Obboleessi dargaggeessi ija laafessa taʼe tokko manaa gara manaatti lallaba ture. Barataan isaa wajjin baratuu fi sana dura Dhugaa Baatota Yihowaatti qoosu tokko mana isa itti aanu keessa akka jiraatu hubate. Haa taʼu malee, dargaggeessi kun sodaa isaatiif moʼamuu mannaa, dhaqee balbala sana rurrukute. (3) Obboleessi wanta maatii isaatiif barbaachisu dhiheessuuf jabaatee hojjetu tokko, gaaf tokko hogganaan isaa wanta seeraan ala taʼe akka raawwatu isa gaafate. Obboleessi kun hojii isaa dhabuu kan dandaʼu taʼus, Waaqayyo tajaajiltoonni isaa kana akka godhan waan isaan irraa eeguuf, amanamaa taʼuu fi seera eeguu akka qabu isaaf ibse.—Rom. 13:1-4; Ibr. 13:18.

2. Gaaffiiwwan kamfaa qorra? Maaliifi?

2 Namoonni sadan kun amala isa kam akka qaban hubattaniittu? Amalawwan hedduu kan akka ija jabinaa fi haqa qabeessa taʼuu jiran akka qaban hubattaniittu taʼa. Haa taʼu malee, hundi isaanii keessumaa amala iddoo guddaa qabu tokko jechuunis amanamummaa argisiisaniiru. Sadanuu Yihowaadhaaf amanamoo akka taʼan argisiisaniiru. Hundi isaanii ejjennoo ulaagaa Waaqayyoo irratti qaban laaffisuu didaniiru. Namoonni kun akkas akka godhan amanamummaan isaan kakaaseera. Hundi isaanii amala kana argisiisuu isaaniitti Yihowaan akka isaanitti boonu beekamaa dha. Haaluma wal fakkaatuun, nutis Abbaan keenya inni samii akka nuun boonu barbaanna. Kanaafuu, gaaffiiwwan kana haa qorru: Amanamummaan maali dha? Amanamummaan kan nu barbaachisu maaliifi? Akkasumas yeroowwan rakkisaa taʼan kanatti murtoo amanamummaa keenya eeggachuuf goone cimsachuu kan dandeenyu akkamitti?

AMANAMUMMAAN MAALI DHA?

3. (a) Amanamummaan nuuf hiika maalii qaba? (b) Guutuu, fayyaa ykn hirʼina kan qabne taʼuun nuuf iddoo guddaa akka qabu fakkeenyonni argisiisan kamfaʼi?

3 Amanamummaan nuyi tajaajiltoota Waaqayyootiif yeroo itti hojjetamu, akka qaama tokkootti Yihowaa garaa guutuudhaan jaallachuu fi guutummaatti isaaf kan bulle taʼuudhaan murtoo keenya hundumaa irratti fedhii isaa dursuu jechuu dha. Amanamummaan Kitaaba Qulqulluu keessatti akkamitti akka itti hojjetame ilaalchisee ragaawwan tokko tokko haa ilaallu. Hiikni jecha Kitaaba Qulqulluu “amanamummaa” jedhu inni buʼuuraa, mudaa kan hin qabne, fayyaa ykn hirʼina kan hin qabne jechuu dha. Fakkeenyaaf, Israaʼeloonni Yihowaadhaaf horii aarsaa godhanii kan kennan siʼa taʼu, Seerichi horiin sun fayyaa * taʼuu akka qabu dubbata. (Lew. 22:21, 22) Sabni Waaqayyoo horii naafa, gurri irraa cite ykn iji jaames taʼe, dhukkubsataa taʼe aarsaadhaaf akka dhiheessan isaaniif hin heyyamamu ture. Horiin sun guutuu, fayyaa ykn hirʼina kan hin qabne taʼuun isaa Yihowaadhaaf iddoo guddaa qaba ture. (Mil. 1:6-9) Yihowaan fayyaa ykn guutuu taʼuudhaaf xiyyeeffannaa kan kennu maaliif akka taʼe hubachuu ni dandeenya. Kuduraa, kitaaba ykn meeshaa tokko yommuu binnu, uraa ykn caba kan qabu akka taʼu hin barbaannu. Isa guutuu, fayyaa ykn hirʼina hin qabne bitachuu barbaanna. Yihowaanis jaalalaa fi amanamummaa isaaf qabnu ilaalchisee akkasuma itti dhagaʼama. Guutuu ykn hirʼina kan hin qabne taʼuu qaba.

4. (a) Namni mudaa qabu tokko amanamummaa isaa eeguu kan dandaʼu maaliifi? (b) Faarfannaan 103:12-14 akka ibsutti Yihowaan maal nu irraa eega?

4 Amanamummaa qabaachuuf mudaa kan qabne taʼuu qabna jennee yaaduu qabnaa? Kana malees, dogoggora hedduu akka hojjennu nutti dhagaʼamuu dandaʼa. Amanamummaa qabaachuuf mudaa kan hin qabne taʼuun kan nu hin barbaachisne maaliif akka taʼe sababii lama haa ilaallu. Tokkoffaa, Yihowaan dogoggora keenya irratti hin xiyyeeffatu. Dubbiin Isaa, “Yaa Waaqayyo, utuu ati irra-daddarbaa namatti lakkooftee, silaa eenyutu si dura dhaabata, yaa gooftaa?” jedha. (Far. 130:3) Inni cubbuu dhaaluu keenyaan kan kaʼe namoota mudaa qabnu akka taane waan beekuuf dhiifama nuuf godha. (Far. 86:5) Lammaffaa, Yihowaan humni keenya daangeffamaa akka taʼe waan beekuuf, wanta gochuu dandeenyu caalaa nu irraa hin eegu. (Faarfannaa 103:12-14 dubbisi.) Kanaafuu, akka ilaalcha isaatti guutuu, fayyaa ykn hirʼina kan hin qabne taʼuu kan dandeenyu akkamitti?

5. Tajaajiltoonni Yihowaa amanamummaa qabaachuuf jaalala qabaachuun isaanii murteessaa kan taʼe akkamitti?

5 Tajaajiltoonni Yihowaa amanamoo taʼuuf jaalala qabaachuun isaanii murteessaa dha. Jaalalli Waaqayyoof qabnu fi Abbaa keenya isa samiitiif amanamummaadhaan kan bulle taʼuun keenya yeroo hundumaa guutuu, fayyaa ykn hirʼina kan hin qabne taʼuu qaba. Yeroo qorumsi nu irra gaʼutti illee jaalalli keenya akka kana yoo taʼe amanamummaa qabna jechuu dha. (1 Sen. 28:9; Mat. 22:37) Mee ammas Dhugaa Baatota sadan jalqaba irratti ibsaman haa ilaallu. Akka sana kan godhan maaliifi? Shamarreen sun mana barumsaatti bashannanuu hin jaallattuu? Yookiin dargaggeessi sun balbala namaa irratti qaanaʼuu ni barbaadaa? Yookiin obboleessi maatii qabu sun hojii isaa dhabuu ni barbaadaa? Akka hin barbaanne beekamaa dha. Kanaa mannaa, Yihowaan ulaagaawwan qajeeloo taʼan akka qabu waan hubatanii fi sammuun isaanii Abbaa isaanii isa samii gammachiisuu irratti waan xiyyeeffateefi dha. Jaalalli isaaf qaban murtoo godhan irratti isaaf dursa akka kennan isaan kakaaseera. Akkas gochuudhaan amanamummaa isaanii hojiidhaan argisiisaniiru.

AMANAMUMMAAN KAN NU BARBAACHISU MAALIIFI?

6. (a) Amanamummaan kan isin barbaachisu maaliifi? (b) Addaamii fi Hewaan amanamummaa utuu hin argisiisin kan hafan akkamitti?

6 Amanamummaan hunda keenyaaf baayʼee barbaachisaa kan taʼe maaliifi? Amanamummaan kan isin barbaachisu Seexanni Yihowaadhaan waan morkatee fi waaʼee keessanis falmii waan kaaseefi dha. Maleekaan dhaaba Eeden keessatti fincila kaase sun Seexana ykn “Mormituu” of godheera. Maleekaan kun maqaa Yihowaa isa gaarii balleessuuf, Waaqayyo hamaa fi ofittoo akka taʼe akkasumas Bulchaa haqa qabeessa akka hin taane yaada argisiisu dubbateera. Kan nama gaddisiisu, Addaamii fi Hewaan Seexana cina dhaabachuudhaan Yihowaa irratti fincila kaasaniiru. (Uma. 3:1-6) Jireenyi Eeden keessatti jiraatan jaalala Yihowaadhaaf qaban akka cimsatan carraa hedduu isaaniif kennee ture. Haa taʼu malee yeroo Seexanni falmii kaasetti jaalalli isaanii, guutuu, fayyaa ykn hirʼina kan hin qabne hin taane. Boodas gaaffii kan biraan kan kaʼe siʼa taʼu, innis, namni jaalala isaaf qabuun kakaʼee Yihowaadhaaf amanamaa taʼuu dandaʼu jiraa? Jecha kan biraatiin, namoonni amanamummaa argisiisuu ni dandaʼuu? kan jedhu ture. Gaaffiin kun Iyoobii wajjin haala wal qabateen ifa taʼeera.

7. Akkuma Iyoob 1:8-11 irratti ibsame, Yihowaa fi Seexanni amanamummaa Iyoobiif maaltu isaanitti dhagaʼame?

7 Iyoob kan jiraate yeroo Israaʼeloonni Gibxii keessa turanitti dha. Amanamummaan Iyoob adda ture. Inni akkuma keenya mudaa kan qabu ture. Dogoggora hojjeteera. Haa taʼu malee, Yihowaan sababii amanamummaa isaatiin isa jaallateera. Seexanni amanamummaa namootaa ilaalchisee sana dura falmii kaasee kan ture fakkaata. Kanaafuu, Yihowaan Seexanni Iyoob irratti akka xiyyeeffatu isa godhe. Jireenyi nama kanaa Seexanni sobduu akka taʼe saaxileera! Seexanni amanamummaan Iyoob akka qoramu gaafate. Yihowaan Iyoob isa michuu isaa taʼe amanuudhaan, Seexanni Iyoobiin akka qoru heyyameef.—Iyoob 1:8-11 dubbisi.

8. Seexanni Iyoob irra miidhaa kan geessise akkamitti ture?

8 Seexanni hamaa fi kan nama ajjeesu dha. Wanta Iyoob qabu rukutuudhaan qabeenya isaa, tajaajiltoota isaa fi maqaa gaarii inni uummata biratti qabu balleesseera. Maatii Iyoob rukutuudhaan ijoollee isaa warra inni jaallatu kudhan ajjeeseera. Achiis qaama Iyoob rukutee mataa isaatii hamma miilla isaatti iita baayʼee nama dhukkubuun akka uwwifamu godheera. Haati manaa Iyoob baayʼee dhiphattee fi gaddaan moʼamtee waan turteef, Waaqayyoon abaaree akka duʼu isa gorsite. Iyoob mataan isaa duʼuu barbaadee ture, taʼus, amanamummaa isaa eegeera. Achiis Seexanni mala ittiin isa rukutu kan biraa yaale. Namoota michoota Iyoob taʼan sadiitti fayyadame. Namoonni kun guyyoota hedduudhaaf Iyoob bira kan turan taʼus, jajjabina tokko illee isaaf hin kennine. Kanaa mannaa, gara jabinaan isatti dubbatan akkasumas isa ceephaʼan. Rakkina kan isatti fide Waaqayyo akka taʼe akkasumas Waaqayyo amanamummaa isaa tilmaamaa keessa akka hin galchine dubbatan. Kana malees, Iyoob nama hamaa akka taʼee fi wantoonni dhiphisoon isa irra gaʼan kan isaaf malan akka taʼan illee dubbataniiru!—Iyo. 1:13-22; 2:7-11; 15:4, 5; 22:3-6; 25:4-6.

9. Iyoob yeroo qorumsa keessa turetti maal gochuu dideera?

9 Iyoob rakkoowwan kun hundi yommuu isa irra gaʼan maal godhe? Iyoob nama cubbuu irraa walaba taʼe hin turre. Namoota sobaan isa jajjabeessan sana ifateera akkasumas utuu itti hin yaadin akka dubbate amaneera. Qajeelummaa Waaqayyoo caalaa qajeelummaa ofii isaatiif falmeera. (Iyo. 6:3; 13:4, 5; 32:2; 34:5) Haa taʼu malee, yeroo haala rakkisaa keessa turetti illee, Iyoob Yihowaa ganuu dideera. Kijiba michoonni isaa warri sobduun dubbatan amanuu dideera. “Isin, ‘Dhugaa qabdu’ jechuun ana irraa haa fagaatu! Ani immoo hamman du’utti balleessaa malee jiraachuu koo irraa hin deebi’u!” jedheera. (Iyo. 27:5) Jechoonni kun Iyoob wanti akkamii iyyuu yoo taʼe amanamummaa isaa eeguuf kutatee akka ture argisiisu. Iyoob harka kennuu dideera; nutis akkasuma gochuu ni dandeenya.

10. Iyoobiin ilaalchisee himanni Seexanni kaase kan isin ilaallatu akkamitti?

10 Seexanni tokkoon tokkoon keenya irratti himata kana fakkaatu dhiheessa. Himanni kun isiniin kan ilaallatu akkamitti? Seexanni jaalalli Yihowaadhaaf qabdan dhugaa miti, lubbuu keessan oolchuuf isa tajaajiluu ni dhaabdu; kana malees amanamummaan isin qabna jettan soba dha jedha. (Iyo. 2:4, 5; Mul. 12:10) Kun maaltu akka isinitti dhagaʼamu godha? Kun nama miidha, mitii? Haa taʼu malee kana yaadaa: Yihowaan baayʼee waan isin amanuuf carraa dinqisiisaa isin afeereera. Yihowaan Seexanni amanamummaa keessan akka qoru isaaf heyyameera. Yihowaan amanamummaa keessan eeguu akka dandeessanii fi Seexanni sobduu taʼuu isaa akka mirkaneessitan amanannaa qaba. Yeroo kana gootanittis Inni isin gargaaruuf waadaa galeera. (Ibr. 13:6) Qaama hawaa keessatti Hundumaa Ol taʼeen amanamuun mirga guddaa mitii! Amanamummaan baayʼee barbaachisaa kan taʼe maaliif akka taʼe hubattaniittuu? Soba Seexanaa fashaleessuu, maqaa Abbaa keenyaa isa gaarii kabajuu fi akkaataa inni itti bulchu deggeruuf nu dandeessisa. Amala barbaachisaa kana horachuu kan dandeenyu akkamitti?

YEROO AMMAA AMANAMUMMAA KEENYA EEGGACHUU KAN DANDEENYU AKKAMITTI?

11. Iyoob irraa maal barachuu dandeenya?

11 Seexanni “guyyoota dhumaa” rakkinaan guutaman kanatti haleellaa isaa cimsee itti fufeera. (2 Xim. 3:1) Yeroo dukkanaaʼaa kanatti amanamummaa keenya eeggachuuf of cimsuu kan dandeenyu akkamitti? Gama kanaanis Iyoob irraa waan hedduu barachuu dandeenya. Iyoob qorumsi isa irra gaʼuu isaa yeroo dheeraa dura iyyuu amanamaa taʼuu isaa mirkaneessee ture. Amanamummaa keenya eeggachuuf of cimsuu ilaalchisee wantoota isa irraa barachuu dandeenyu sadii haa ilaallu.

Amanamummaa keenya eeguuf karaawwan of cimsuu itti dandeenyu tokko tokko kamfaʼi? (Keeyyata 12 ilaali) *

12. (a) Iyoob 26:7, 8, 14 irratti akkuma ibsame, Iyoob Yihowaadhaaf dinqisiifannaa fi kabaja qabaachuu kan dandaʼe akkamitti ture? (b) Nuti hoo garaan keenya dinqisiifannaa Waaqayyootiin akka guutamu gochuu kan dandeenyu akkamitti?

12 Iyoob dinqisiifannaa Yihowaadhaaf qabu guddifachuudhaan jaalala Waaqayyoof qabu cimsateera. Iyoob uumama Yihowaa isa dinqisiisaa taʼe irratti xiinxaluudhaan yeroo dheeraa dabarseera. (Iyoob 26:7, 8, 14 dubbisi.) Waaʼee lafaa, samii, duumessaa fi bakakkaa yommuu yaadu dinqisiifannaadhaan kan guutame taʼus, wanti inni waaʼee uumamaa beeku baayʼee muraasa akka taʼe amaneera. Wanta Yihowaan dubbateefis iddoo guddaa akka kennu argisiiseera. Iyoob dubbii Waaqayyoo ilaalchisee, “Wanta inni dubbates yaadatti qabadheera” jedheera. (Iyo. 23:12) Iyoob Yihowaa dinqisiifateera akkasumas kabaja guddaa isaaf kenneera. Abbaa isaa jaallateera; kanaafuu isa gammachiisuu barbaadeera. Kanaan kan kaʼes, murtoon Iyoob amanamummaa isaa eeguuf godhe cimaa deemeera. Nutis akkuma Iyoob gochuu nu barbaachisa. Namoota bara Iyoob jiraatan caalaa waaʼee uumamaa waan hedduu beekna. Kana malees, waaʼee Yihowaa beekuuf kan nu gargaaru guutummaa Kitaaba Qulqulluu isa geggeessaa hafuuraatiin barreeffame qabna. Wantoonni baranne hundi garaa keenya dinqisiifannaadhaan guutuuf nu gargaaruu dandaʼu. Dinqisiifannaa fi kabajni Yihowaadhaaf qabnu immoo, isa jaallachuu fi isaaf ajajamuuf akkasumas amanamummaa keenya eeggachuuf fedhii guddaa akka qabaannu nu kakaasu.—Iyo. 28:28.

Poornoogiraafii ilaaluu irraa fagaachuudhaan amanamummaa keenya eeggachuuf of cimsuu ni dandeenya (Keeyyata 13 ilaali) *

13-14. (a) Iyoob 31:1 irratti akkuma ibsame, Iyoob amanamaa taʼuu isaa kan mirkaneesse akkamitti? (b) Nuti hoo fakkeenya Iyoob hordofuu kan dandeenyu akkamitti?

13 Iyoob waan hundumaa irratti ajajamuun isaa amanamummaa isaa akka eeggatu isa gargaareera. Iyoob amanamaa taʼuun ajajamuu akka gaafatu beekee ture. Dhugaa dubbachuuf, wanti ajajamuudhaan raawwannu hundi murtoo amanamaa taʼuuf goone nuuf cimsa. Iyoob jireenya isaa guyyaa guyyaa keessatti Waaqayyoof ajajamuuf jabaatee hojjeteera. Fakkeenyaaf, dubartootaa wajjin haala wal qabateen amala argisiisu ilaalchisee of eeggannoo godheera. (Iyoob 31:1 dubbisi.) Nama gaaʼela qabu waan tureef, dubartii haadha manaa isaa hin taane tokkotti miira jaalalaa argisiisuun sirrii akka hin taane beeka ture. Yeroo harʼaa kan jiraannu, addunyaa saalqunnamtii akka raawwannu dhiibbaa cimaa nu irratti godhu keessa dha. Nuti hoo akkuma Iyoob dubartii haadha manaa keenya hin taane tokkoof xiyyeeffannaa sirrii hin taane kennuu irraa of qusannaa? Wantoota fedhii saalqunnamtii kakaasan ykn poornoogiraafii gosa akkamii iyyuu ilaaluu irraa of qusannaa? (Mat. 5:28) Guyyaa guyyaadhaan of toʼachuuf carraaqqii akkasii yoo goone amanamummaa keenya eeguuf of cimsina.

Qabeenyaaf ilaalcha madaalamaa qabachuudhaan amanamummaa keenya eeggachuuf of cimsuu ni dandeenya (Keeyyata 14 ilaali) *

14 Iyoob ilaalcha qabeenyaaf qabu irrattis Yihowaadhaaf ajajameera. Iyoob qabeenya isaatti amanamuun, dogoggora guddaa isa adabsiisu akka taʼetti hubatee ture. (Iyo. 31:24, 25, 28) Yeroo harʼaa addunyaa qabeenyaaf iddoo guddaa kennu keessa jiraanna. Akkuma Kitaabni Qulqulluun nu gorsu, qarshii fi qabeenyaaf ilaalcha madaalamaa yoo qabaanne, murtoo amanamaa taanee jiraachuuf goone ni cimsanna.—Fak. 30:8, 9; Mat. 6:19-21.

Abdiin keenya sammuu keenya keessaa akka hin badne eeggachuudhaan amanamummaa keenya eeggachuuf of cimsuu ni dandeenya (Keeyyata 15 ilaali) *

15. (a) Iyoob amanamummaa isaa akka eeggatu kan isa gargaare badhaasa akkamii akka argatu eeggachuu isaa ture? (b) Abdiin Yihowaan kenne sammuu keenya keessaa akka hin badne gochuun kan nu gargaaru maaliifi?

15 Iyoob Waaqayyo badhaasa akka isaaf kennu abdii isaaf kenne irratti xiyyeeffachuudhaan amanamummaa isaa eegeera. Waaqayyo amanamummaa inni argisiisu tilmaama keessa akka galchu ni amana ture. (Iyo. 31:6) Iyoob qorumsi hedduun yoo isa irra gaʼe iyyu, Yihowaan dhuma irratti akka isa badhaasu amanannaa qaba ture. Abdiin akkasii amanamummaa isaa akka eeggatu isa gargaareera. Yihowaan amanamummaa Iyoob argisiisetti baayʼee waan gammadeef, inni nama mudaa qabu yoo taʼe iyyuu hedduu isa badhaaseera! (Iyo. 42:12-17; Yaq. 5:11) Iyoob gara fuulduraattis badhaasa kana caalutu isa eeggata. Isin hoo, Yihowaan amanamummaa keessaniif akka isin badhaasu abdii cimaa qabduu? Waaqni keenya hin jijjiiramne. (Mil. 3:6) Yihowaan amanamummaa keenyaaf iddoo guddaa akka kennu kan yaadannu yoo taʼe, abdiin keenya gara fuulduraa garaa keenya keessaa akka hin badne eeggachuu dandeenya.—1 Tas. 5:8, 9.

16. Maal gochuuf murteessuu qabna?

16 Kanaafuu, yeroo hundumaa amanamummaa keessan eeguuf murteessaa! Yeroo kana gootanitti al tokko tokko kophaa keessan akka taatan isinitti dhagaʼamuu dandaʼa; taʼus, matumaa kophaa keessan miti. Addunyaa maratti namoonni miliyoonaan lakkaaʼamanii fi amanamummaa isaanii eeggatan isinii wajjin jiru. Kana malees, dhiirotaa fi dubartoota amanamoo bara duriitti akka ajjeefaman yoo doorsifaman iyyuu amanamummaa isaanii eeggatan keessa tokko taatu. (Ibr. 11:36-38; 12:1) Hundi keenya yaada Iyoob, “Hamman duʼutti amanamummaa koo hin dhiisu!” jechuudhaan dubbate hojii irra oolchuudhaaf haa murteessinu. Akkasumas amanamummaan keenya Yihowaadhaaf ulfina kan fidu haa taʼu!

FAARFANNAA 124 Yeroo Hunda Amanamoo Taʼuu

^ key. 5 Amanamummaan maali dha? Yihowaan amala tajaajiltoonni isaa qaban kanaaf iddoo guddaa kan kennu maaliifi? Amanamummaan tokkoon tokkoon keenyaaf barbaachisaa kan taʼe maaliifi? Mata dureen kun deebii Kitaabni Qulqulluun gaaffiiwwan kanaaf kennu beekuuf nu gargaara. Akkasumas guyyaa guyyaadhaan amanamummaa keenya eeggachuuf akkamitti of jabeessuu akka dandeenyu hubachuuf nu gargaara. Kana gochuun keenya eebba guddaa nuuf argamsiisa.

^ key. 3 Horii wajjin haala wal qabateen jechi afaan Ibrootaa “fayyaa” jedhamee hiikame, jecha “amanamummaa” jedhuu fi namootaa wajjin haala qabateen itti hojjetamuu wajjin walitti dhufeenya qaba.

^ key. 50 IBSA FAKKII: Iyoob uumama Yihowaa isa dinqisiisaa taʼe ilaalchisee ijoollee isaa keessaa tokko tokko yommuu barsiisu.

^ key. 52 IBSA FAKKII: Obboleessi tokko namoota wajjin hojjetu waliin poornoogiraafii ilaaluu yommuu didu.

^ key. 54 IBSA FAKKII: Obboleessi tokko televijiinii guddaa isa hin barbaachisnee fi gatiin isaa humna isaatii ol ta‵e akka bitu yeroo dhiibbaan irratti godhamu didaa jira.

^ key. 56 IBSA FAKKII: Obboleessi tokko yeroo fudhatee kadhannaadhaan abdii Jannataa irratti xiinxala.