Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

Kana Beektaa?

Kana Beektaa?

Mana Sagadaa Jaarraa Jalqabaa: Manni sagadaa deebifamee ijaarame kun, bifa mana sagadaa jaarraa jalqabaa bakka Gamlaa jedhamuu fi kaaba bahaatiin Galaana Galiilaa irraa gara kiilomeetira 10 fagaatee argamuu tokko tokko kan of keessatti qabate dha. Manni sagadaa kun manni sagadaa inni durii maal kan fakkaatu akka ture kan argisiisu dha

Manni sagadaa Yihudootaa akkamitti jalqabe?

JECHI “mana sagadaa” jedhu jecha afaan Giriikii hiikni isaa “walgaʼii” ykn “walitti qabamuu” jedhu irraa dhufe. Manni sagadaa hawaasa Yihudootaa keessatti bara duriitii kaasee bakka barumsaa fi waaqeffannaaf itti walgaʼan waan tureef maqaan kun sirrii dha. Kitaabni Qulqulluun afaan Ibrootaa mana sagadaa ifatti hin caqasu; taʼus iddoon itti walgaʼan kun Dh.K.B. jaarraa jalqabaatti beekamaa akka ture Kitaaba Qulqulluu afaan Giriikii irraa ifatti ni mulʼata.

Hayyoonni hedduun manni sagadaa kan jalqabe yeroo Yihudoonni boojuudhaan Baabilon keessa turanitti akka taʼe ni amanu. Insaaykilooppiidiyaa Judaayikaan akkas jedha: “Boojiʼamtoonni mana qulqullummaa hin qaban turan; biyya ormaa keessatti rakkina isaanii irraa jajjabina argachuun akka isaan barbaachisu waan isaanitti dhagaʼameef, yeroodhaa gara yerootti tarii Sanbata Sanbata walitti qabamanii Kitaaba Qulqulluu dubbisu turan.” Yihudoonni boojuudhaa erga deebiʼanii boodas, kadhannaa fi Kitaaba Qulqulluu dubbisuuf walitti qabamuu isaanii akka itti fufanii fi bakka jiraatan hundatti mana sagadaa akka hundeessan haala isaa irraa hubachuun ni dandaʼama.

Kanaafuu Dh.K.B. jaarraa jalqabaatti Yihudoota naannoo Mediteraaniyaa, guutummaa Baha Giddu Galeessaa fi Israaʼel keessa faffacaʼanii jiraataniif, manni sagadaa giddu gala amantii Yihudootaa fi jireenya hawaasummaa isaanii taʼee ture. Yunivarsiitii Yihudootaa Yerusaalem jirutti Piroofeesara kan taʼan, Lee Leeviin, “Manni sagadaa bakka itti qoʼatan, nyaata qulqulluu itti nyaatan, dhaddacha itti geggeessan, qarshii waliinii itti kaaʼanii fi dhimma siyaasaa fi hawaasummaaf itti walgaʼan ture” jedhaniiru. Itti dabaluudhaanis, “Wanti iddoo kanatti geggeeffamu inni guddaan garuu tajaajila amantii ture” jedhaniiru. Kanaafuu, Yesuus yeroo hedduu gara mana sagadaa deemuun isaa kan nama dinqisiisu miti. (Mar. 1:21; 6:2; Luq. 4:16) Yesuus namoota bakka kanatti argaman gorseera akkasumas isaa jajjabeesseera. Gumiin Kiristiyaanaa erga hundeeffamee booda immoo, Phaawulos ergamaanis mana sagadaa keessatti yeroo baayʼee lallabeera. Namoonni wantoota hafuuraatiif fedhii qaban gara mana sagadaa akka dhaqan beekamaa dha, kanaafuu Phaawulos yeroo gara magaalaatti seenu, yeroo baayʼee jalqaba gara mana sagadaa dhaqee achitti lallaba ture.—HoE. 17:1, 2; 18:4.