Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

Buʼaa Gaarii Seequudhaan Argame!

Buʼaa Gaarii Seequudhaan Argame!

SHAMARRAN lama naannoo daldalaa Magaalaa Baaguyo, Filippiinsitti waliin deemaa turan. Isaan gaarii addababayiitti ittiin tajaajillu kan argan taʼus, gara isaa hin dhaqne. Heelan obboleettiin ishiin gaarii kana bira dhaabattee turte garaadhaa seeqxe. Shamarran kun deemsa isaanii kan itti fufan taʼus, Heelan garaadhaa seequu ishiitti baayʼee dinqisiifaman.

Booda shamarran kun atoobisiidhaan yommuu gara manaatti deebiʼan, mallattoo guddaa jw.org Galma Walgaʼii irratti mulʼatu hubatan. Mallattoon kun isa isaan kanaan dura gaarii addababayii irratti argan wajjin tokko taʼuu isaa yaadatan. Lamaan isaanii iyyuu atoobisicha irraa buʼanii sagantaa walgaʼii gumiiwwan gara garaa Galma Walgaʼichatti maxxanfamee jiru ilaalan.

Shamarran kun lamaan walgaʼii itti aanee godhamu isa tokko irratti argaman. Achiis, gara Galma Walgaʼiitti yommuu ol seenan eenyuun waan argan isinitti fakkaata? Heelaniin argan! Akkuma ishii arganiin ishii garaadhaa seeqaa turte taʼuu ishii hubatan. Heelan akkas jettetti: “Yommuu isaan gara koo dhufan wanta dogoggoraa raawwadheeraa laata? jedheen xinnoo naʼe.” Taʼus, shamarran kun wanta isaan mudate Heelaniif ibsan.

Shamarran kun walgaʼiichaa fi hariiroo achi turetti kan gammadan siʼa taʼu, akkuma mana isaanii jiranitti isaanitti dhagaʼame. Walgaʼicha booda, yommuu warri kaan Galma Walgaʼii qulqulleessan nutis gargaarsa gochuu ni dandeenyaa jedhanii gaafatan. Shamarreen ishiin tokko biyya kan biraa kan deemte siʼa taʼu, ishiin kan biraan garuu, walgaʼii irratti argamuu fi Kitaaba Qulqulluu qoʼachuu jalqabdeetti. Wanti gaariin kun hundi kan argame seequudhaan kan kaʼedha!