Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

MATA DUREE QOʼANNAA 5

‘Mataan Dhiira Hundumaa Kiristoosi Dha’

‘Mataan Dhiira Hundumaa Kiristoosi Dha’

‘Mataan dhiira hundumaa Kiristoosi dha.’—1 QOR. 11:3.

FAARFANNAA 12 Yihowaa, Waaqa Guddaa

QABIYYEE *

1. Ilaalcha dhiirri tokko matummaaf qabu irratti wantoonni dhiibbaa gochuu dandaʼan maalfaʼi?

“MATUMMAAN” isiniif maal jechuu dha? Dhiironni tokko tokko akkaataa haadha manaa fi ijoollee isaanii qaban irratti aadaan isaanii fi akki itti guddatan dhiibbaa akka isaan irratti godhu heyyamu. Obboleettii Yaanitaan ishiin Awurooppaa jiraattu akkas jetteetti: “Bakka ani jiraadhutti dubartiin dhiiraa gad akka taatee fi akka tajaajiltuutti ilaalamuu akka qabdu cimsanii amanu.” Obboleessi Luuk jedhamuu fi Yunaayitid Isteetis jiraatu immoo akkas jedheera: “Abbootiin tokko tokko dubartiin ilaalamuu malee, dhagaʼamuu akka hin qabne, jechuunis yaadni ishii iddoo guddaa akka hin qabne ilmaan isaanii barsiisu.” Haa taʼu malee, ilaalchawwan kun akkaataa Yihowaan dhiironni matummaa isaanii akka itti fayyadaman barbaadu kan argisiisan miti. (Maarqos 7:13 wajjin wal bira qabii ilaali.) Maarree dhiirri tokko mataa maatii gaarii taʼuu barachuu kan dandaʼu akkamitti?

2. Mataan maatii tokko maal beekuu qaba? Maaliifi?

2 Dhiirri tokko mataa maatii gaarii taʼuuf, jalqaba wanta Yihowaan isa irraa barbaadu hubachuu qaba. Kana malees, Yihowaan matummaa maaliif akka hundeessee fi fakkeenya Yihowaa fi Yesuus akkamitti hordofuu akka dandaʼu beekuu qaba. Dhiirri tokko beekumsa akkasii argachuun maaliif isa barbaachisa? Sababiin isaas Yihowaan mataawwan maatiitiif hamma tokko aangoo kenneera; karaa sirrii taʼeen akka fayyadamanis isaan irraa eega.—Luq. 12:48b.

MATUMMAAN MAALI DHA?

3. Yaada 1 Qorontos 11:3 irratti argamu irraa waaʼee matummaa maal baranna?

3 1 Qorontos 11:3 dubbisi. Caqasni kun Yihowaan maatii isaa uumama cufa keessa jiran akkamitti akka gurmeesse ibsa. Matummaan wantoota murteessoo taʼan lama of keessatti qabata; isaanis aangoo fi itti gaafatamummaa dha. “Mataa” kan taʼe ykn aangoo hunda caalu kan qabu Yihowaa dha. Ijoolleen isaa hundi, jechuunis maleekonnis taʼan namoonni immoo akkaataa aangoo isaanii itti fayyadamaniif isa biratti itti gaafatamu. (Rom. 14:10; Efe. 3:14, 15) Yihowaan Yesuusiif gumii irratti aangoo kenneera; taʼus Yesuus akkaataa itti nu qabuuf isa duratti itti gaafatama. (1 Qor. 15:27) Yihowaan abbaa manaatiifis haadha manaa fi ijoollee isaa irratti aangoo kenneera. Taʼus, abbaan manaa akkaataa itti maatii isaa qabu irratti Yihowaa fi Yesuus duratti itti gaafatama.—1 Phe. 3:7.

4. Yihowaa fi Yesuus aangoo akkamii qabu?

4 Yihowaan maatii isaa uumama cufaa irratti Mataa waan taʼeef, ijoolleen isaa amala akkamii argisiisuu akka qaban seera baasuuf aangoo qaba. Seera baase kanas raawwachiisuu ni dandaʼa. (Isa. 33:22) Yesuusis mataa gumii Kiristiyaanaa waan taʼeef, seera baasuu fi seera baase raawwachiisuuf mirga qaba.—Gal. 6:2; Qol. 1:18-20.

5. Mataan maatii Kiristiyaanaa tokko aangoo akkamii qaba? Aangoon isaa hoo daangaa akkamii qaba?

5 Akkuma Yihowaa fi Yesuus mataan maatii Kiristiyaanaa tokkos maatii isaatiif murtoo gochuuf aangoo qaba. (Rom. 7:2; Efe. 6:4) Taʼus aangoon isaa daangaa qaba. Fakkeenyaaf seerri inni baasu qajeelfama Dubbii Waaqayyoo keessa jiru irratti hundaaʼuu qaba. (Fak. 3:5, 6) Akkasumas mataan maatii tokko warra miseensota maatii isaa hin taaneef seera baasuuf aangoo hin qabu. (Rom. 14:4) Kana malees, ijoolleen isaa guddatanii yommuu manaa baʼan isa kabajuu isaanii kan itti fufan taʼus, sana booda matummaa isaa jala hin jiran.—Mat. 19:5.

YIHOWAAN MATUMMAA KAN HUNDEESSE MAALIIFI?

6. Yihowaan matummaa kan hundeesse maaliifi?

6 Yihowaan matummaa kan hundeesse jaalala maatii isaatiif qabuun kakaʼee ti. Matummaan kennaa isa biraa argame dha. Matummaan, maatiin Yihowaa karaa seeraa fi nagaa qabuun akka jiraatan isaan gargaara. (1 Qor. 14:33, 40) Qaamni mataa taʼe hin beekamu utuu taʼee, maatiin Yihowaa gurmaaʼiinsaa fi gammachuu kan hin qabne taʼu turan. Fakkeenyaaf, qaamni murtoo dhumaa godhuu fi murtoo kana raawwachiisuu irratti dursa fudhatu eenyu akka taʼe hin beekamu ture.

7. Efesoon 5:25, 28 Yihowaan dhiironni dubartoota akka hacuucan yaadee akka ture argisiisaa?

7 Qophiin Waaqayyo matummaa ilaalchisee godhe baayʼee gaarii erga taʼee, dubartoonni yeroo harʼaa jiran hedduun abbootii manaa isaaniitiin akka cunqurfamanii fi akka hacuucaman kan isaanitti dhagaʼamu maaliifi? Kun kan taʼe dhiironni hedduun qajeelfama Yihowaan maatiidhaaf baase hordofuu mannaa, aadaa naannoo isaanii hordofuu waan filataniifi. Fedhii ofittummaa isaanii guuttachuuf jedhanii haadhotii manaa isaanii miidhuu illee ni dandaʼu. Fakkeenyaaf, abbaan manaa tokko kabaja ofiif qabu guddifachuuf ykn immoo “dhiirummaa” isaa argisiifachuuf jecha haadha manaa isaa hacuucuu dandaʼa. Haati manaa koo akka na jaallattu dirqisiisuu hin dandaʼu; akka na sodaattu garuu dirqisiisuu nan dandaʼa jedhee yaaduu dandaʼa. Sodaa kanas ishii toʼachuuf itti fayyadamuu dandaʼa. * Yaadnii fi amalli akkasii kabajaa fi ulfina dubartoonni argachuu qaban isaan dhabsiisa. Akkasumas wanta Yihowaan barbaadu wajjin kallattiidhaan wal faallessa.—Efesoon 5:25, 28 dubbisi.

DHIIRRI TOKKO MATAA MAATII GAARII TAʼUU BARACHUU KAN DANDAʼU AKKAMITTI?

8. Dhiirri tokko mataa maatii gaarii taʼuu akkamitti barachuu dandaʼa?

8 Dhiirri tokko akkaataa Yihowaa fi Yesuus matummaa isaanii itti fayyadaman hordofuudhaan mataa maatii gaarii taʼuu barachuu dandaʼa. Amalawwan Yihowaa fi Yesuus argisiisan keessaa lama haa qorru. Akkasumas mataan maatii amalawwan kana haadha manaa fi ijoollee isaatti akkamitti argisiisuu akka dandaʼu haa hubannu.

9. Yihowaan amala gad of qabuu kan argisiise akkamitti?

9 Gad of qabuu. Yihowaan hundumaa caalaa ogeessa dha. Taʼus yaada tajaajiltoota isaa ni dhaggeeffata. (Uma. 18:23, 24, 32) Warri aangoo isaa jala jiran yaada akka kennan isaan afeeree ture. (1 Mot. 22:19-22) Yihowaan gonka qabeessa taʼus, nuti yeroo ammaatti gonka qabeeyyii akka taanu nu irraa hin eegu. Kanaa mannaa, ilmaan namootaa mudaa qabanii fi isa tajaajilan milkaaʼina akka argatan isaan gargaara. (Far. 113:6, 7) Siruma iyyuu Kitaabni Qulqulluun Yihowaan “gargaaraa” akka taʼe ibsa. (Far. 27:9; Ibr. 13:6) Daawit Mootichi hojii guddaa isaaf kenname raawwachuu kan dandaʼe Yihowaan kan gad of qabu waan taʼeef akka taʼe ibseera.—2 Sam. 22:36.

10. Yesuus amala gad of qabuu kan argisiise akkamitti?

10 Mee fakkeenya Yesuus haa ilaallu. Barattoota isaatiif Gooftaa isaanii taʼus miilla isaanii dhiqeera. Sababiin Yihowaan seenaan kun Kitaaba Qulqulluu keessatti akka galmeeffamu itti godhe tokko maali dha? Mataawwan maatii dabalatee namni hundi fakkeenya Yesuus akka hordofuuf akka taʼe hin shakkisiisu. Yesuusi iyyuu, “Akkuma ani isiniif godhe, isinis akkanuma akka gootan ani fakkeenya isiniif taʼeera” jedheera. (Yoh. 13:12-17) Yesuus aangoo guddaa kan qabu taʼus, warri kaan akka isa tajaajilan hin eegne. Kanaa mannaa, warra kaan tajaajileera.—Mat. 20:28.

Mataan maatii tokko hojii mana keessaa hojjechuu fi fedhii hafuuraa maatii isaa guutuudhaan akka gad of qabuu fi jaalala akka qabu argisiisuu dandaʼa (Keeyyata 11, 13 ilaali)

11. Mataan maatii waaʼee gad of qabuu fakkeenya Yihowaa fi Yesuus irraa maal barachuu dandaʼa?

11 Barumsa argannu. Mataan maatii tokko karaawwan hedduudhaan amala gad of qabuu argisiisuu dandaʼa. Fakkeenyaaf, haati manaa isaa fi ijoolleen isaa mudaa kan hin qabne akka taʼan hin eegu. Miseensonni maatii isaa yaada isaa irratti yommuu walii hin galletti illee yaada isaanii ni dhaggeeffata. Maarlii ishiin Yunaayitid Isteetis jiraattu akkas jetteetti: “Anii fi abbaan manaa koo yeroo tokko tokko yaada gara garaa qabaanna. Taʼus, murtoo gochuu isaa dura yaada koo waan na gaafatuu fi tilmaama keessa waan galchuuf akka inni na dinqisiifatuu fi na kabaju natti dhagaʼama.” Dabalataanis abbaan manaa gad of qabu, hawaasa inni keessa jiraatu keessatti hojii dubartii akka taʼetti kan ilaalamu taʼus, hojii mana keessaa hojjechuuf fedhii qaba. Kun ulfaataa taʼuu dandaʼa. Maaliifi? Obboleettiin Raasheel jedhamtu akkas jetteetti: “Bakka ani guddadhetti abbaan manaa qodaa dhiquu ykn mana qulqulleessuu haadha manaa isaa yoo gargaare firoonnii fi olloonni isaa dhiira akka hin taanetti isa ilaalu. Haadha manaa isaa ajajuu akka hin dandeenye godhanii yaadu.” Bakka isin jiraattanitti amalli akkasii baramaa yoo taʼe, hojii garbootaa akka taʼetti kan ilaalamu taʼus, Yesuus miilla barattoota isaa akka dhiqe yaadadhaa. Abbaan manaa gaariin tokko warri kaan inni cimaa ykn barbaachisaa akka taʼetti akka isa ilaalan gochuu hin barbaadu. Kanaa mannaa, haati manaa fi ijoolleen isaa gammadoo akka taʼan gochuu barbaada. Gad of qabuu malees, amalli mataa maatii gaarii taʼe tokkoof barbaachisu kan biraan maali dha?

12. Jaalalli, Yihowaa fi Yesuus maal akka godhan isaan kakaaseera?

12 Jaalala. Yihowaan waan hundumaa kan raawwatu jaalalaan kakaʼee ti. (1 Yoh. 4:7, 8) Jaalalaan kakaʼee, karaa Dubbii isaa fi jaarmiyaa isaa wanta karaa hafuuraa nu barbaachisu nuuf guuta. Akka nu jaallatu nuuf mirkaneessuudhaan miira keenyaaf akka yaadu argisiisa. Wanta jireenyaaf nu barbaachisu hoo? Yihowaan, ‘wantoota itti gammadnu hunda baayʼinaan nuu kenna.’ (1 Xim. 6:17) Yommuu dogoggora raawwannu nu sirreessa, taʼus nu jaallachuu isaa hin dhiisu. Inni jaalalaan kakaʼee furii nuu qopheesseera. Yesuusis baayʼee waan nu jaallatuuf lubbuu isaa nuu kenneera. (Yoh. 3:16; 15:13) Jaalala Yihowaa fi Yesuus warra isaaniif amanamoo taʼaniif qaban wanti balleessuu dandaʼu tokko illee hin jiru.—Yoh. 13:1; Rom. 8:35, 38, 39.

13. Mataan maatii, maatii isaatti jaalala argisiisuun barbaachisaa kan taʼe maaliifi? (Saanduqa, “ Dhiirri Dhiheenya Gaaʼela Godhate Kabaja Haadha Manaa Isaa Akkamitti Argachuu Dandaʼa?” jedhus ilaali.)

13 Barumsa argannu. Mataan maatii tokko waan hundumaa jaalalaan kakaʼee gochuu qaba. Kun baayʼee barbaachisaa kan taʼe maaliifi? Yohaannis ergamaan, “Namni obboleessa isaa [ykn maatii isaa] isa ijaan argu hin jaallanne, Waaqayyo isa ijaan hin argine jaallachuu hin dandaʼu” jechuudhaan deebii isaa kenneera. (1 Yoh. 4:11, 20) Keessumaa dhiirri maatii isaa jaallatuu fi fakkeenya Yihowaa fi Yesuus hordofuu barbaadu tokko wanta karaa hafuuraa, miiraa fi qaamaa maatii isaatiif barbaachisu ni guuta. (1 Xim. 5:8) Ijoollee isaa ni leenjisa, adabas isaaniif ni kenna. Murtoo Yihowaadhaaf ulfina fiduu fi maatii isaa fayyadu akkamitti akka godhu barachuu isaas itti fufa. Mee wantoota kana tokko tokkoon haa qorru, akkasumas mataan maatii fakkeenya Yihowaa fi Yesuus akkamitti hordofuu akka dandaʼu haa ilaallu.

WANTA MATAAN MAATII TOKKO GOCHUU QABU

14. Mataan maatii tokko fedhii hafuuraa maatii isaa guutuu kan dandaʼu akkamitti?

14 Fedhii hafuuraa maatii isaa guutuu. Yesuus fakkeenya Abbaa isaa hordofuudhaan warri eegumsa isaa jala jiran karaa hafuuraa akka gaariitti akka sooratan godheera. (Mat. 5:3, 6; Mar. 6:34) Haaluma wal fakkaatuun, itti gaafatamummaan mataa maatii tokkoo inni guddaan maatii isaa karaa hafuuraa sooruu dha. (Kes. 6:6-9) Kanas kan godhu innii fi maatiin isaa Dubbii Waaqayyoo dubbisuu, qoʼachuu, walgaʼiiwwan irratti argamuu, misiraachicha lallabuu fi michummaa Yihowaa wajjin qaban guddifachuu fi eeganii itti fufuudhaani.

15. Karaan mataan maatii fedhii miiraa maatii isaa guutuu itti dandaʼu inni tokko maali dha?

15 Fedhii miiraa maatii isaa guutuu. Yihowaan Yesuusiin akka jaallatu warra kaan duratti ibseera. (Mat. 3:17) Yesuus duuka buutota isaa akka jaallatu yeroo baayʼee gocha isaa fi dubbii isaatiin argisiiseera. Isaanis akka isa jaallatan ibsaniiru. (Yoh. 15:9, 12, 13; 21:16) Mataan maatii tokko haadha manaa fi ijoollee isaa akka jaallatu wanta godhuun argisiisuu qaba. Fakkeenyaaf, Kitaaba Qulqulluu isaanii wajjin qoʼachuudhaan. Kana malees, akka isaan jaallatuu fi akka isaan dinqisiifatu isaanitti himuu qaba; yeroo barbaachisaa taʼutti immoo warra kaan fuulduratti isaan galateeffachuu qaba.—Fak. 31:28, 29.

Mataan maatii tokko Yihowaa gammachiisuuf fedhii foonii maatii isaa guutuu qaba (Keeyyata 16 ilaali)

16. Wanti kan biraan mataan maatii gochuu qabu maali dha? Madaallii isaa eeggachuu kan dandaʼu hoo akkamitti?

16 Fedhii foonii maatii isaa guutuu. Yihowaan Israaʼeloonni ajajamuu diduu isaaniitiin yeroo isaan adabetti illee wanta karaa foon isaan barbaachisu isaanii kenneera. (Kes. 2:7; 29:5) Inni nuufis yeroo harʼaa wantoota buʼuuraa nu barbaachisan nuuf guuta. (Mat. 6:31-33; 7:11) Haaluma wal fakkaatuun Yesuus namoota isa hordofaa turan sooreera. (Mat. 14:17-20) Fayyummaa qaamaa isaaniitiif kunuunsa godheera. (Mat. 4:24) Mataan maatii tokko Yihowaa gammachiisuuf wantoota maatii isaatiif barbaachisan dhiheessuu qaba. Taʼus, madaallii isaa eeggachuun isa barbaachisa. Fedhii hafuuraa fi fedhii miiraa maatii isaa guutuu hamma dadhabutti maatii isaa gargaaruuf jecha hojii irratti garmalee xiyyeeffachuu hin qabu.

17. Yihowaa fi Yesuus akkaataa itti nu leenjisanii fi nu adaban irratti fakkeenya akkamii nuu taʼu?

17 Leenjii Kennuu. Yihowaan faayidaa keenyaaf jecha nu leenjisa, nu adabas. (Ibr. 12:7-9) Yesuusis akkuma Abbaa isaa warra aangoo isaa jala jiran jaalalaan leenjiseera. (Yoh. 15:14, 15) Inni gorsa cimaa kan kennu taʼus, gaarummaa qaba ture. (Mat. 20:24-28) Mudaa akka qabnuu fi yeroo baayʼee akka dogoggorru ni hubata.—Mat. 26:41.

18. Mataan maatii gaariin tokko maal yaadata?

18 Mataan maatii fakkeenya Yihowaa fi Yesuus hordofu haati manaa fi ijoolleen isaa mudaa akka qaban ni yaadata. Haadha manaa ykn ijoollee isaatti ‘garmalee hin dheekkamu.’ (Qol. 3:19) Kanaa mannaa, gorsa Galaatiyaa 6:1 irra jiru hojii irra oolcha, akkasumas innis mudaa akka qabu yaadachuudhaan ‘hafuura garraamummaatiin’ isaan sirreessuuf yaala. Akkuma Yesuus karaan barsiisuuf gargaaru inni hunda irra caalu fakkeenya taʼuu akka taʼe ni hubata.—1 Phe. 2:21.

19-20. Murtoo gochuu ilaalchisee mataan maatii fakkeenya Yihowaa fi Yesuus hordofuu kan dandaʼu akkamitti?

19 Murtoo ofittummaa irraa walaba taʼe gochuu. Yihowaan murtoo warra kaan gargaaru godha. Fakkeenyaaf, uumuuf kan murteesse faayidaa ofii isaatiif jedhee utuu hin taʼin, nutis jiraachuutti akka gammadnuuf jedhee ti. Cubbuu keenya haguuguuf Ilma isaa akka kennu qaamni isa dirqisiisuu dandaʼu hin jiru. Aarsaa kana gochuuf fedhiidhaan kan murteesse faayidaa keenyaaf jedhee ti. Yesuusis murtoowwan warra kaan fayyadu godha. (Rom. 15:3) Fakkeenyaaf, namoota hedduu barsiisuuf jedhee boqochuu dhiisuuf murteessee ture.—Mar. 6:31-34.

20 Mataa maatii gaariin tokko wanti hunda caalaa ulfaataan inni gochuu qabu, maatii isaatiif murtoo ogummaa irratti hundaaʼe gochuu akka taʼe beeka. Itti gaafatamummaa isaa kanaafis iddoo guddaa kenna. Akkasumaan ykn miiraan kakaʼee murtoo gochuu irraa ni fagaata. Kanaa mannaa, Yihowaan akka isa leenjisu heyyama. * (Fak. 2:6, 7) Karaa kanaan waaʼee ofii isaa utuu hin taʼin, faayidaa warra kaanii akka yaadu argisiisa.—Filp. 2:4.

21. Mata duree itti aanu irratti waaʼee maalii ilaalla?

21 Yihowaan mataawwan maatiitiif itti gaafatamummaa guddaa kenneera, akkaataa itti fayyadamaniifis isaan gaafata. Taʼus, abbaan manaa tokko fakkeenya Yihowaa fi Yesuus yoo hordofe mataa maatii gaarii taʼuu ni dandaʼa. Akkasumas haati manaa gaʼee ishii yoo raawwatte gaaʼelichi gammachiisaa taʼa. Haati manaa matummaadhaaf ilaalcha akkamii qabaachuu qabdi? Rakkoowwan akkamii ishii mudachuu dandaʼu? Mata dureen itti aanu gaaffiiwwan kanaaf deebii kenna.

FAARFANNAA 16 Ilma Isaa Dibameef Yaahiin Jajadhaa

^ key. 5 Dhiirri tokko yommuu fuudhu mataa maatii taʼa. Mata duree kana keessatti matummaan maal akka taʼe, Yihowaan maaliif akka hundeessee fi dhiironni fakkeenya Yihowaa fi Yesuus irraa maal akka baratan ilaalla. Mata duree itti aanu irratti immoo abbaan manaa fi haati manaa fakkeenya Yesuusii fi fakkeenyota kan biroo Kitaaba Qulqulluu keessa jiran irraa maal barachuu akka dandaʼan ilaalla. Mata dureen inni dhumaa immoo waaʼee matummaa gumii keessa jiruu ibsa.

^ key. 7 Dhiirri tokko haadha manaa isaa karaa sirrii hin taaneen qabuu, darbees miidhaa qaamaa ishii irra geessisuun isaa fudhatama akka qabu yaadni argisiisu yeroo tokko tokko fiilmiiwwan, seenaawwanii fi sagantaawwan televijinii nama kolfisiisan tokko tokko irratti ni mulʼata. Kanaafuu, aadaan baramaan kun, dhiironni haadhotii manaa isaanii cunqursuu dandaʼu yaada jedhuuf gumaacha godhee taʼuu dandaʼa.

^ key. 20 Waaʼee murtoo gaarii gochuu odeeffannoo dabalataa argachuuf mata duree “Murtoo Waaqayyoof Ulfina Fidu Godhi” jedhuu fi maxxansa Masaraa Eegumsaa Ebla 15, 2011 ful. 13-17 irratti baʼe ilaali.