Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

MATA DUREE QOʼANNAA 6

“Mataan Dubartii Dhiira”

“Mataan Dubartii Dhiira”

“Mataan dubartii dhiira.”—1 QOR. 11:3.

FAARFANNAA 13 Kiristoos, Fakkeenya Keenya

QABIYYEE *

1. Obboleettiin tokko gaaʼela godhachuu yommuu yaaddu gaaffiiwwan kamfaa of gaafachuu qabdi?

KIRISTIYAANONNI hundi matummaa Yesuus isa mudaa hin qabne jala jiru. Taʼus, dubartiin Kiristiyaanni tokko yommuu heerumtu matummaa nama mudaa qabuu jala taati. Kun rakkina uumuu dandaʼa. Kanaafuu yeroo hiriyaa gaaʼelaa filattu akkas jettee of gaafachuun ishii gaarii dha: ‘Obboleessi kun mataa maatii gaarii taʼa akkan jedhu wanti na godhe maali dha? Sochiiwwan hafuuraa jireenya isaa keessatti iddoo guddaa qabuu? Taʼuu baannaan erga gaaʼela godhannee booda mataa maatii hafuuraa gaarii taʼuu dandaʼa, akkan jedhu wanti na taasisu maali dha?’ Dhugaa dha, obboleettiin tokkos akkas jettee of gaafachuun ishii gaarii dha: ‘Amalawwan gaaʼela keenyaaf buʼaa argamsiisan akkamiin qaba? Ani nama obsa qabuu fi arjaadhaa? Yihowaa wajjin hariiroo cimaa qabaa?’ (Lal. 4:9, 12) Gammachuun haati manaa tokko gaaʼela ishii irraa argattu, hamma tokko murtoowwan gaaʼela godhachuu ishii dura gootu tokko tokko irratti kan hundaaʼe dha.

2. Mata duree kana keessatti maal qorra?

2 Obboleettonni keenya miliyoonaan lakkaaʼaman abbootii manaa isaaniitiif bitamuu irratti fakkeenya hunda caalu nuuf taʼu. Kanaafis galateeffamuu qabu! Dubartoota amanamoo kanaa wajjin Yihowaa tajaajiluu keenyatti baayʼee gammanna! Mata duree kana keessatti deebii gaaffiiwwan sadan kanaa qorra: (1) Rakkoowwan haadhotii manaa mudatan tokko tokko maalfaʼi? (2) Haati manaa tokko abbaa manaa ishiitiif bitamuu kan filattu maaliifi? (3) Abbootiin manaa fi haadhotiin manaa Kiristiyaana taʼan fakkeenya Yesuus, Abigaayil akkasumas Maariyaam ishii haadha manaa Yoseefii fi haadha Yesuus taate irraa waaʼee ajajamuu fi aangoo kabajuu maal baratu?

HAADHOTII MANAA KIRISTIYAANA TAʼAN RAKKOOWWAN AKKAMIITU ISAAN MUDATA?

3. Hiriyoonni gaaʼelaa hundi rakkinni kan isaan irra gaʼu maaliifi?

3 Gaaʼelli kennaa Waaqayyoo mudaa hin qabne taʼus, namoonni garuu mudaa qabu. (1 Yoh. 1:8) Dubbiin Waaqayyoo rakkina hiriyoota gaaʼelaa mudatu yommuu akeekkachiisu ‘foon isaanitti rakkinni akka dhufu’ kan ibsu kanaafi. (1 Qor. 7:28) Rakkoowwan haadha manaa tokko mudachuu dandaʼan muraasa haa ilaallu.

4. Haati manaa tokko abbaa manaa ishiitiif bitamuun akka hin kabajamne akka ishiitti dhagaʼamu kan godhu maaliif taʼu dandaʼa?

4 Haati manaa tokko akkaataa guddinaa ishiitiin kan kaʼe abbaa manaa ishiitiif bitamuun akka hin kabajamne akka ishiitti dhagaʼamu gochuu dandaʼa. Maarisol ishiin Yunaayitid Isteetis jiraattu akkas jetteetti: “Bakkan guddadhetti dubartoonni karaa hundumaan dhiiraa wajjin qixxee akka taʼan isaanitti himama ture. Yihowaan abbaa manaatiif aangoo akka kenne haadhotiin manaas ajajamuu akka qabanii fi kabajamus akka qaban beeka. Taʼus matummaadhaaf ilaalcha madaalamaa qabaachuun ulfaataa dha.”

5. Gaʼee dubartootaa ilaalchisee namoonni tokko tokko ilaalcha Kitaaba Qulqulluu irratti hin hundoofne akkamii qabu?

5 Karaa biraatiin immoo dubartiin tokko dhiira dubartoonni gadi anoo akka taʼanitti ilaalutti heerumuu dandeessi. Obboleettiin ivoon jedhamtuu fi Kibba Ameerikaa jiraattu akkas jetteetti: “Naannoo keenyatti jalqaba dhiirotatu nyaata, achiis dubartootatu nyaata. Ijoolleen durbaa nyaata akka qopheessanii fi akka qulqulleessan isaan irraa eegama; ijoollee dhiiraatiif garuu haadhotii fi obboleettota isaaniitu isaaniif hojjeta, akkasumas mootii manichaa akka taʼan isaanitti himama.” Obboleettiin Yiing liing jedhamtuu fi Eeshiyaa jiraattu akkas jetteetti: “Afaan kootiin jechamni dubartiin beektuu taʼuu ykn dandeettii qabaachuun ishii hin barbaachisu jedhu jira. Gaʼeen isaanii hojii mana keessaa hojjechuu qofadha, abbaa manaa isaaniitiif yaada isaanii ibsuun isaaniif hin heyyamamu.” Abbaan manaa ilaalchi jaalala hin qabnee fi Kitaaba Qulqulluu irratti hin hundoofne akkasii dhibbaa irratti godhe tokko, jireenyi haadha manaa isaa akka itti ulfaatu godha, fakkeenya Yesuus utuu hin hordofiin hafa, akkasumas Yihowaa gaddisiisa.—Efe. 5:28, 29; 1 Phe. 3:7.

6. Haadhotiin manaa hariiroo Yihowaa wajjin qaban cimsachuuf maal gochuu qabu?

6 Akkuma mata duree darbe irratti ilaalle Yihowaan Kiristiyaanni abbaa manaa taʼe tokko karaa hafuuraa, karaa miiraa fi karaa foonii maatii isaatiif wanta barbaachisu akka dhiheessu isa irraa eega. (1 Xim. 5:8) Haa taʼu malee, obboleettonni gaaʼela godhatanis guyyaa guyyaadhaan Kitaaba Qulqulluu dubbisuu fi irratti xiinxaluuf, akkasumas garaadhaa Yihowaatti kadhannaa dhiheesuuf yeroo ramaduu qabu. Kana gochuun ulfaataa taʼuu dandaʼa. Haadhotiin manaa hojiin waan isaanitti baayʼatuuf yeroo ykn humna akka hin qabne isaanitti dhagaʼamuu dandaʼa. Taʼus yeroo ramaduun baayʼee barbaachisaa dha. Maaliifi? Sababiin isaas, Yihowaan tokkoon tokkoon keenya isaa wajjin hariiroo cimaa akka qabaannuu fi hariiroo kanas eegnee akka itti fufnu barbaada.—HoE. 17:27.

7. Haati manaa tokko hojii ishiidhaaf kenname raawwachuun akka ishiitti salphatu kan godhu maali dha?

7 Haati manaa tokko abbaa manaa ishii mudaa qabuuf bitamuuf jabaattee hojjechuu akka qabdu beekamaa dha. Haa taʼu malee, abbaa manaa ishiitiif bitamuu kan qabdu maaliif akka taʼe yaada Kitaabni Qulqulluun ibsu yoo hubattee fi amantee yoo fudhatte hojii Yihowaan ishiidhaaf kenne raawwachuun ishiidhaaf salphata.

BITAMUUF KAN FILATTU MAALIIFI?

8. Efesoon 5:22-24 akka jedhutti haati manaa Kiristiyaanni tokko abbaa manaa ishiitiif bitamuuf kan filattu maaliifi?

8 Haati manaa Kiristiyaanni tokko abbaa manaa ishiitiif bitamuuf kan filattu, Yihowaan akkas akka gootu waan ishii irraa barbaaduufi. (Efesoon 5:22-24 dubbisi.) Abbaan ishii inni samii wanta tokko akka gootu kan ishii gaafatu jaalalaan kakaʼee fi faayidaa ishiitiif akka taʼe waan beektuuf isatti ni amanamti.—Kes. 6:24; 1 Yoh. 5:3.

9. Obboleettiin tokko aangoo abbaa manaa ishii yommuu kabajju maaltu taʼa?

9 Addunyaan dubartoonni qajeelfama Yihowaatiif akka hin ajajamnee fi bitamuu akka gad aantummaatti akka ilaalan jajjabeessa. Dhugaa dha, namoonni ilaalcha akkasii jajjabeessan Waaqa keenya isa jaalala qabeessa taʼe hin beekan. Yihowaan intaloota isaatiif matumaa ajaja gad aanoo akka taʼan isaan godhu isaaniif hin kennu. Obboleettiin gaʼee Yihowaan ishiidhaaf kenne raawwachuuf jabaattee hojjettu tokko mana ishii keessatti nagaan akka dagaagu jajjabeessiti. (Far. 119:165) Kana yommuu gootu abbaan manaa ishii, ishiinii fi ijoolleen ishii ni fayyadamu.

10. Yaada Kaarool kennite irraa barumsa akkamii arganna?

10 Obboleettiin abbaa manaa ishii isa mudaa qabuuf bitamtu, Yihowaa isa matummaa hundeesse akka jaallattuu fi akka kabajju argisiisti. Kaarool ishiin Kibba Ameerikaa jiraattu akkas jetteetti: “Abbaan manaa koo dogoggora akka raawwatu beeka. Kana malees yommuu inni dogoggora raawwatu akkaataan itti isa qabu hariiroon Yihowaa wajjin qabuuf hangam iddoo guddaa akkan kennu akka argisiisus beeka. Kanaafuu, Abbaa koo isa samii gammachiisuu waanan barbaaduuf yeroo hundumaa bitamuuf yaaliin godha.”

11. Obboleettiin Anisee jedhamtu dhiifama akka gootu maaltu ishii gargaare? Yaada ishiin kennite irraa hoo maal baranna?

11 Haati manaa tokko abbaan manaa ishii miira ishii fi wanta ishii yaaddessu akka hin hubanne yoo itti dhagaʼame isa kabajuu fi isaaf bitamuun ulfaataa ishiitti taʼuu dandaʼa. Obboleettiin gaaʼela godhattee fi Anisee jedhamtu wanti akkasii yeroo ishii irra gaʼetti wanta goote hubadhaa. Akkas jetteetti: “Aaruu dhiisuuf nan yaala. Hundi keenya iyyuu dogoggora akka raawwannu nan yaadadha. Galmi koo akkuma Yihowaa tola dhiifama gochuudha. Yommuun dhiifama godhu nagaa sammuu koo deebiseen argadha.” (Far. 86:5) Haati manaa dhiifama gootu yeroo baayʼee matummaadhaaf bitamuun ishiidhaaf salphata.

FAKKEENYA NAMOOTA KITAABA QULQULLUU KEESSATTI IBSAMAN IRRAA MAAL BARANNA?

12. Kitaabni Qulqulluun fakkeenyota akkamii qabateera?

12 Tokko tokko namoonni matummaadhaaf bitaman dadhaboo akka taʼan isaanitti dhagaʼama. Taʼus, ilaalchi akkasii dhugaa irraa kan fagaate dha. Kitaabni Qulqulluun fakkeenya namoota matummaadhaaf kan bitaman taʼus ija jabeeyyii taʼan hedduu qabateera. Mee Yesuus, Abigaayilii fi Maariyaam irraa wanta barachuu dandeenyu haa ilaallu.

13. Yesuus aangoo Yihowaatiif kan bitamu maaliifi? Ibsi.

13 Yesuus Yihowaadhaaf ni bitama; kana kan godhu garuu dandeettii ykn ogummaa waan hin qabneef miti. Namni tokko akka Yesuus salphaa fi ifatti barsiisuu kan dandaʼu dandeettii guddaa yoo qabaate qofa dha. (Yoh. 7:45, 46) Yihowaan dandeettii Yesuus akka gaariitti waan beekuuf uumama cufa yommuu uumeetti akka isaa wajjin hojjetu isaaf heyyameera. (Fak. 8:30; Ibr. 1:2-4) Yesuus erga duʼaa kaʼee boodas, Yihowaan ‘samii fi lafa irratti aangoo hunda’ isaaf kenneera. (Mat. 28:18) Yesuus ogummaa guddaa kan qabu taʼus, qajeelfama Yihowaatti amanama. Maaliifi? Abbaa isaa waan jaallatuufi.—Yoh. 14:31.

14. Abbootiin manaa, (a) ilaalcha Yihowaan dubartootaaf qabu irraa (b) yaada Fakkeenya 31 irra jiru irraa maal baratu?

14 Wanta abbootiin manaa barachuu dandaʼan. Yihowaan haati manaa abbaa manaa ishiitiif akka bitamtu kan godhe dubartiin dhiiraa gad akka taatetti waan ilaaluuf miti. Yihowaan dhiironnis taʼan dubartoonni Yesuusii wajjin akka bulchan filachuudhaan kana mirkaneesseera. (Gal. 3:26-29) Yihowaan Ilma isaatiif aangoo kennuudhaan amanannaa akka isa irratti qabu argisiiseera. Abbaan manaa ogeessa taʼe tokkos haadha manaa isaatiif hamma tokko aangoo ni kenna. Kitaabni Qulqulluun wantoota haati manaa ogeettiin tokko hojjettu ni ibsa. Fakkeenyaaf hojii mana keessatti hojjetamu ni toʼatti, lafa ni bitti, ni gurgurti, akkasumas ni daldalti. (Fakkeenya 31:15, 16, 18 dubbisi.) Ishiin garba yaada kennuuf mirga hin qabne miti. Kanaa mannaa, abbaan manaa ishii, ishii amana, yaada ishiis ni dhaggeeffata. (Fakkeenya 31:11, 26, 27 dubbisi.) Dhiirri tokko haadha manaa isaa karaa kanaan yommuu kabaju isaaf bitamuun ishii gammachiisa.

Haadholiin manaa Yesuus Yihowaadhaaf bitamuu isaa irraa maal barachuu dandaʼu? (Keeyyata 15 ilaali)

15. Haadhotiin manaa Fakkeenya Yesuus irraa maal barachuu dandaʼu?

15 Wanta haadhotiin manaa barachuu dandaʼan. Yesuus wantoota guguddaa kan raawwate taʼus, matummaa Yihowaatiif bitamuu isaatti gad aanaa akka taʼe isatti hin dhagaʼamne. (1 Qor. 15:28; Filp. 2:5, 6) Haaluma wal fakkaatuun, dubartiin dandeettii qabduu fi fakkeenya Yesuus hordoftu abbaa manaa ishiitiif bitamuu ishiitti gad aantuu akka taate ishiitti hin dhagaʼamu. Abbaa manaa ishii kan deggertu waan isa jaallattuuf qofa utuu hin taʼin, adda durummaadhaan Yihowaa waan jaallattuu fi waan kabajjuufi.

Abigaayil Daawitii fi namoota isaatiif nyaata erga ergitee booda gara Daawiti dhaqxe. Achiis lafatti gombifamtee haaloo baʼuudhaan dhiiga dhangalaasutti akka hin gaafatamne isa kadhatte (Keeyyata 16 ilaali)

16. 1 Saamuʼel 25:3, 23-28 akka jedhutti Abigaayil rakkinni akkamii ishii mudatee ture? (Fakkii qola isaa irra jiru ilaali.)

16 Abigaayil abbaa manaa Naabaal jedhamu qabdi turte. Inni ofittoo, of tuulaa fi kan hin galateeffanne ture. Taʼus, Abigaayil karaa itti gaaʼela ishii keessaa baatu hin barbaanne. Ishiin callisuudhaan Daawitii fi namoonni isaa abbaa manaa ishii akka ajjeesan heyyamuu dandeessi turte. Taʼus, akkas gochuu mannaa, Naabaalii fi guutummaa maatii ishii oolchuuf tarkaanfii qabatamaa fudhatteetti. Abigaayil dhiirota meeshaa waraanaa hidhatan 400⁠tti dhihaattee, Daawitiin kabajaan haasofsiisuun ija jabina hangamii akka ishii gaafate mee yaadi. Gocha abbaa manaa ishiitiif itti gaafatamuuf illee fedhii qabdi turte. (1 Saamuʼel 25:3, 23-28 dubbisi.) Daawit Yihowaan gorsa dogoggora cimaa hojjechuu irraa isa eegu isaaf kennuuf dubartii cimtuu kanatti akka fayyadame amanee fudhateera.

17. Abbootiin manaa seenaa Daawitii fi Abigaayil irraa maal barachuu dandaʼu?

17 Wanta abbootiin manaa barachuu dandaʼan. Abigaayil dubartii ogeettii turte. Daawit gorsa ishii akka gaariitti dhaggeeffateera. Kanaan kan kaʼes, gocha dhiiga dhangalaasuutti akka gaafatamu isa taasisu irraa ooleera. Haaluma wal fakkaatuun, abbaan manaa ogeessa taʼe tokko murtoo guddaan yommuu godhamutti ilaalcha haadha manaa isaa tilmaama keessa galcha. Tarii yaadni ishiin kennitu murtoo ogummaa hin qabne gochuu irraa isa eeguu dandaʼa.

18. Haadholiin manaa fakkeenya Abigaayil irraa maal barachuu dandaʼu?

18 Wanta haadhotiin manaa barachuu dandaʼan. Haati manaa Yihowaa jaallattuu fi kabajju abbaan manaa ishii Yihowaa kan hin waaqeffannee fi ulaagaa isaatiin kan hin jiraanne yoo taʼe illee, maatii ishii irraatti dhiibbaa gaarii geessisuu dandeessi. Karaa deggersa Kitaaba Qulqulluu hin qabneen gaaʼela ishii diiguu hin barbaaddu. Kanaa mannaa isa kabajuu fi isaaf bitamuudhaan abbaan manaa ishii waaʼee Yihowaa akka baratu kakaasuuf yaalii gooti. (1 Phe. 3:1, 2) Taʼus, inni fakkeenya gaarii ishiin taatu kan hin dinqisiifanne yoo taʼe illee, Yihowaan amanamummaa haati manaa bitamtu tokko argisiistu ni dinqisiifata.

19. Haati manaa tokko abbaa manaa ishiitiif kan hin ajajamne haalawwan akkamii keessatti dha?

19 Haa taʼu malee, haati manaa Kiristiyaana taatee fi abbaa manaa ishiitiif bitamtu tokko, abbaan manaa ishii seera ykn qajeelfama Kitaaba Qulqulluu akka cabsitu yoo ishii gaafate isa hin deggertu. Fakkeenyaaf, obboleettiin tokko abbaan manaa ishii hin amanne akka hattu, akka sobdu ykn gocha deggersa Kitaaba Qulqulluu hin qabne irratti akka hirmaattu ishii gaafate maal gochuu qabdi? Obboleettota gaaʼela godhatan dabalatee Kiristiyaanonni hundi, hunda caalaa Yihowaadhaaf ajajamuu qabu. Obboleettiin tokko qajeelfama Kitaaba Qulqulluu akka cabsitu yoo gaafatamte wanta inni ishii gaafate kan hin goone maaliif akka taʼe, karaa gaarummaa qabuun ibsuudhaan diduu qabdi.—HoE. 5:29.

Keeyyata 20 ilaali *

20. Maariyaam Yihowaa wajjin hariiroo cimaa akka qabdu akkamitti beekna?

20 Maariyaam Yihowaa wajjin hariiroo cimaa qabdi turte. Ishiin Kitaaba Qulqulluu akka gaariitti beekti turte. Maariyaam Elsaabex ishii haadha Yohaannis Cuuphaa wajjin yeroo haasoftetti Kitaabota Qulqulluu Afaan Ibrootaa irraa al 20 ol caqasteetti. (Luq. 1:46-55) Mee waaʼee kanaas yaadi: Maariyaam Yoseefiif kan kaadhimamte yoo taʼe illee, maleekaan Yihowaa jalqaba isatti hin mulʼanne. Maleekichi jalqaba kallattiidhaan Maariyaamitti dubbachuudhaan Ilma Waaqayyoo akka deessu ishii beeksiseera. (Luq. 1:26-33) Yihowaan Maariyaamiin akka gaariitti beeka, akkasumas Ilma isaa akka jaallattuu fi akka kunuunsitu amanannaa ishii irratti qaba. Maariyaam Yesuus erga duʼee fi duʼaa kaʼee booda illee hariiroo gaarii Yihowaa wajjin qabdu eegdee akka itti fufte hin shakkisiisu.—HoE. 1:14.

21. Abbootiin manaa seenaa Kitaaba Qulqulluu waaʼee Maariyaam ibsu irraa maal barachuu dandaʼu?

21 Wanta abbootiin manaa barachuu dandaʼan. Abbaan manaa ogeessi tokko haati manaa isaa Kitaaba Qulqulluu akka gaariitti kan beektu yoo taʼe ni gammada. Ishiitti hin aaru, akkasumas mataa maatichaa taʼuu akka barbaaddutti hin yaadu. Obboleettiin Kitaaba Qulqulluu fi qajeelfama Kitaaba Qulqulluu akka gaariitti beektu tokko maatii ishiitiif faayidaa guddaa akka argamsiistu ni hubata. Dhugaa dha, haati manaa tokko abbaa manaa ishii caalaa kan baratte yoo taʼe illee waaqeffannaa maatii fi sochiiwwan tiʼookraasii kan biroo irratti dursa fudhachuu kan qabu isa dha.—Efe. 6:4.

Haadholiin manaa Maariyaam ishii haadha Yesuus taate irraa waaʼee qoʼannaa fi xiinxaluu maal baratu? (Keeyyata 22 ilaali) *

22. Haadholiin manaa Maariyaam irraa maal barachuu dandaʼu?

22 Wanta haadhotiin manaa barachuu dandaʼan. Haati manaa tokko abbaa manaa ishiitiif bitamuu kan qabdu taʼus, fayyummaa hafuuraa ishiitiif ishumatu itti gaafatama. (Gal. 6:5) Kanaafuu qoʼannaa dhuunfaa gochuu fi xiinxaluudhaaf yeroo ramaduu qabdi. Kana gochuun ishii jaalalaa fi kabaja Yihowaadhaaf qabdu eeggachuu fi abbaa manaa ishiitiif gammachuudhaan bitamuuf ishii gargaara.

23. Haadhotiin manaa bitaman ofii isaanii, maatii isaanii fi gumii isaanii kan fayyadan akkamitti?

23 Haadholiin manaa jaalala Yihowaadhaaf qabaniin kakaʼanii abbootii manaa isaaniitiif bitaman, warra qophii matummaa Yihowaan godheef kabaja hin qabne caalaa gammachuu qabu. Isaan dargaggootaafis taʼe shamarraniif fakkeenya gaarii taʼu. Maatii keessatti qofa utuu hin taʼin, gumii keessattis jaalallii fi nagaan akka jiraatu godhu. (Tit. 2:3-5) Yeroo harʼaatti namoota amanamummaadhaan Yihowaa tajaajilan keessaa garri caalaan dubartoota dha. (Far. 68:11) Dhiirotas taane dubartoota, hundi keenya iyyuu gumii keessatti gaʼee barbaachisaa qabna. Mata dureen itti aanu tokkoon tokkoon keenya gaʼee keenya akkamitti raawwachuu akka dandeenyu ibsa.

FAARFANNAA 131 “Wanta Waaqayyo Walitti Hidhe”

^ key. 5 Yihowaan dubartiin heerumte abbaa manaa ishii akka kabajju qophii godheera. Kana jechuun maal jechuu dha? Abbootiin manaa fi haadhotiin manaa Kiristiyaanota taʼan, fakkeenya Yesuus kaaʼee fi seenaa dubartoota Kitaaba Qulqulluu keessatti galmeeffaman irraa waaʼee bitamuu waan hedduu barachuu dandaʼu.

^ key. 68 IBSA FAKKII: Maariyaam Elsaabex haadha Yohaannis Cuuphaa wajjin yeroo dubbachaa turtetti, Kitaabota Qulqulluu Afaan Ibrootaa keessaa wanta yaadattu caqasteetti.

^ key. 70 IBSA FAKKII: Haati manaa Kiristiyaanni tokko fayyummaa hafuuraa ishii eeggachuuf Kitaaba Qulqulluu qoʼachuudhaaf yeroo ramaduu qabdi.