Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

MATA DUREE QOʼANNAA 7

Matummaa Gumii Keessa Jiru Hubachuu

Matummaa Gumii Keessa Jiru Hubachuu

‘Kiristoos gumichaaf mataa dha, gumicha isa qaama isaa taʼeef fayyisaa dha.’—EFE. 5:23.

FAARFANNAA 137 Dubartoota Amanamoo

QABIYYEE *

1. Sababiin maatiin Yihowaa tokkummaa qabaachuu ittii dandaʼe inni tokko maali dha?

MISEENSA maatii Yihowaa taʼuu keenyatti baayʼee gammanna. Maatiin keenya nagaa fi tokkummaa qabaachuu kan dandaʼe maaliifi? Sababiin inni tokko hundi keenya hamma dandeenye qophii Yihowaan matummaadhaaf godhe waan deggerruufi. Qophii matummaa caalaatti hubachaa yoomuu deemnu immoo caalaatti tokkummaa qabaanna.

2. Mata duree kana keessatti gaaffiiwwan kamfaʼiif deebii arganna?

2 Mata duree kana keessatti waaʼee matummaa gumii keessa jiruu qorra. Kana malees gaaffiiwwan armaan gadiitiif deebii arganna. Gaʼeen obboleettotaa maali dha? Obboleessi kam iyyuu obboleettii kamiif iyyuu mataa dhaa? Aangoon jaarsoliin obbolootaa fi obboleettota irratti qaban aangoo mataan maatii haadha manaa fi ijoollee isaa irratti qabu wajjin tokko dhaa? Mee jalqaba obboleettota akkamitti ilaaluu akka qabnu haa ilaallu.

OBBOLEETTOTA AKKAMITTI ILAALUU QABNA?

3. Hojii obboleettonni keenya hojjetaniif dinqisiifannaa keenya guddifachuu kan dandeenyu akkamitti?

3 Obboleettota maatii isaanii kunuunsuu, misiraachicha lallabuu fi gumicha deggeruuf jabaatanii hojjetan ni dinqisiifanna. Ilaalcha Yihowaa fi Yesuus isaaniif qaban qoruudhaan dinqisiifannaa isaaniif qabnu guddifachuu dandeenya. Akkaataa Phaawulos dubartoota itti qabe qoruudhaanis faayidaa arganna.

4. Kitaabni Qulqulluun Yihowaan dhiirotaafis taʼe dubartootaaf iddoo guddaa akka kennu akkamitti argisiisa?

4 Kitaabni Qulqulluun Yihowaan dubartootaafis taʼe dhiirotaaf iddoo guddaa akka kennu argisiisa. Fakkeenyaaf, jaarraa jalqabaatti Yihowaan dhiirotaafis taʼe dubartootaaf hafuura qulqulluu akka kenne ni ibsa. Akkasumas afaan adda addaa dubbachuu dabalatee dinqiiwwan akka raawwatan humna isaaniif kennee ture. (HoE. 2:1-4, 15-18) Lamaan isaanii iyyuu Kiristoosii wajjin akka bulchaniif hafuura qulqulluudhaan dibamanii turan. (Gal. 3:26-29) Dubartoonnis taʼan dhiironni badhaasa bara baraaf lafarra jiraachuu argatu. (Mul. 7:9, 10, 13-15) Akkasumas Dubartoonnis taʼan dhiironni misiraachicha lallabuu fi barsiisuuf mirga argataniiru. (Mat. 28:19, 20) Kitaabni Hojii Ergamootaa obboleettiin Phirisqillaa jedhamtu abbaa manaa ishii Aqiilaa wajjin Apholos nama barateef, dhugaa sirriitti ibsu irratti gargaarsa akka goote dubbata.—HoE. 18:24-26.

5. Luqaas 10:38, 39, 42 Yesuus dubartootaaf ilaalcha akkamii akka qabu argisiisa?

5 Yesuus dubartoota kabajeera. Yesuus fakkeenya Fariisota warra dubartoota dhiiraa gadi akka taʼanitti ilaalanii hin hordofne. Isaan namoota duratti dubartootaa wajjin hin dubbatan, waaʼee Kitaaba Qulqulluus isaanii wajjin hin mariʼatan. Yesuus garuu maree hafuuraa balʼaa barattoota isaa kaanii wajjin godhe irratti dubartoonnis akka argaman godheera. * (Luqaas 10:38, 39, 42 dubbisi.) Deemsa lallabaa isaa irrattis dubartoonni akka isaa wajjin taʼan godheera. (Luq. 8:1-3) Akkasumas duʼaa kaʼuu isaa ergamootatti akka himan mirga isaaniif kenneera.—Yoh. 20:16-18.

6. Phaawulos dubartoota akka kabaju akkamitti argisiise?

6 Phaawulos ergamaan Ximotewos dubartoota akka kabaju isa hubachiiseera. “Dubartoota maanguddoo akka haadhotaatti, dubartoota umurii dargaggummaa irra jiran akka obboleettotaatti” akka ilaalu isatti himeera. (1 Xim. 5:1, 2) Ximotewos Kiristiyaana bilchaataa akka taʼuuf Phaawulos gargaarsa guddaa isaaf godheera. Taʼus jalqaba “Kitaabota Qulqulluu” kan isa barsiisan haadha isaa fi akkoo isaa akka taʼan ibseera. (2 Xim. 1:5; 3:14, 15) Phaawulos xalayaa warra Roomaatiif barreesse irratti obboleettota maqaa isaanii dhaʼee nagaa isaaniif dhaameera. Phaawulos wanta obboleettonni hojjetan hubachuu qofa utuu hin taʼin, wanta isaan hojjetaniifis isaan dinqisiifateera.—Rom. 16:1-4, 6, 12; Filp. 4:3.

7. Gaaffiiwwan kamfaa qorra?

7 Keeyyatawwan darban irratti akkuma ilaalle obboleettonni obbolootaa gadi jennee yaaduuf ragaan Kitaaba Qulqulluu hin jiru. Obboleettonni keenya jaalala qabeeyyii fi arjoota taʼan gumichaaf gargaarsa guddaa kan godhan siʼa taʼu, jaarsoliin nagaa fi tokkumaan gumii keessatti akka babalʼatu gochuuf gargaarsa isaaniitti amanamu. Taʼus gaaffiiwwan tokko tokko deebii argachuun isaanii barbaachisaadha. Fakkeenyaaf obboleettonni haalawwan tokko tokko keessatti mataa akka haguuggatan Yihowaan kan isaan ajaje maaliifi? Jaarsa ykn tajaajilaa gumii taʼanii kan muudaman obboloota qofa taʼuun isaanii obboleessi kam iyyuu obboleettii gumii keessa jirtu kamiif iyyuu mataa akka taʼe argisiisaa?

OBBOLEESSI KAM IYYUU OBBOLEETTII KAMIIF IYYUU MATAA DHAA?

8. Efesoon 5:23 akka jedhutti obboleessi kam iyyuu, obboleettii kamiif iyyuu mataa dhaa? Ibsi.

8 Gabaabumatti deebiin isaa lakki, kan jedhu dha! Obboleessi tokko obboleettota gumii keessa jiran hundumaaf mataa miti. Mataa kan taʼe Kiristoosi dha. (Efesoon 5:23 dubbisi.) Maatii keessatti abbaan manaa haadha manaa isaa irratti aangoo qaba. Ilmi cuuphame tokko haadha isaatiif mataa miti. (Efe. 6:1, 2) Gumii keessatti jaarsoliin obbolootaa fi obboleettota irratti aangoo muraasa qofa qabu. (1 Tas. 5:12; Ibr. 13:17) Obboleettonni qeenteen abbaa fi haadha isaanii wajjin hin jiraanne, warra isaanii fi jaarsolii kabajuu isaanii itti fufu. Haa taʼu malee, akkuma dhiirota gumii keessa jiranii, isaanis mataa tokko qofa qabu; innis Yesuusi dha.

Warri qeentee taʼanii fi maatii isaanii wajjin kan hin jiraanne, matummaa Yesuus jala jiru (Keeyyata 8 ilaali)

9. Obboleettonni yeroo tokko tokko mataa haguuggachuun kan isaan barbaachisu maaliifi?

9 Dhugaa dha, Yihowaan gumii keessatti barsiisuu fi waaqeffannaa irratti dursa akka fudhatan kan muude dhiirota dha; dubartootaaf aangoo akkasii hin kennine. (1 Xim. 2:12) Maaliifi? Sababiin inni kana itti godhe sababii Yesuus mataa dhiiraa akka taʼu muudee wajjin tokko dha; innis maatii isaa keessa qindoominni akka jiraatuufi. Haalawwan tokko tokko keessatti obboleettiin tokko hojii obboleessi tokko hojjechuu qabu hojjechuuf yoo dirqamte, Yihowaan mataa ishii akka haguuggattu ishii irraa eega. * (1 Qor. 11:4-7) Yihowaan obboleettonni kana akka godhan kan isaan gaafate, gad aanoo akka taʼaniif utuu hin taʼin, sirna matummaa inni hundeesseef karaa itti kabaja argisiisan akka argataniifi. Mee dhugaawwan kana sammuutti qabachuudhaan, ‘mataawwan maatii fi jaarsoliin aangoo hammamii qabu?’ gaaffii jedhuuf deebii haa argannu.

GAʼEE MATAAWWAN MAATII FI JAARSOLII

10. Jaarsi tokko gumiidhaaf seera baasuu kan barbaadu maaliif taʼuu dandaʼa?

10 Jaarsoliin Kiristoosiin ni jaallatu, “hoolota” Yihowaa fi Yesuus akka kunuunsan isaanitti kennanis ni jaallatu. (Yoh. 21:15-17) Jaarsi tokko garaa qulqulluudhaan kakaʼee, warra gumii keessa jiraniif abbaa akka taʼetti yaaduu dandaʼa. Mataan maatii tokko maatii isaa eeguuf jecha seera baasuuf mirga qaba erga taʼee, jaarsi tokkos seera hoolota Waaqayyoo akka eegu isatti dhagaʼamu baasuuf mirga qaba jedhee yaaduu dandaʼa. Kana malees, obboloonnii fi obboleettonni tokko tokko jaarsoliin mataa maatii hafuuraa isaaniif taʼuudhaan murtoowwan tokko tokko akka isaaniif godhan jajjabeessuu dandaʼu. Haa taʼu malee, jaarsoliin gumii fi mataawwan maatii aangoon isaan qaban tokko dhaa?

Jaarsoliin karaa hafuuraa fi miiraa warra gumii keessa jiraniif wanta barbaachisu ni guutu. Yihowaan gumichi naamusaan qulqulluu akka taʼu akka eegan itti gaafatamummaa isaaniif kenneera (Keeyyata 11-12 ilaali)

11. Gaʼeen mataawwan maatii fi jaarsolii kan wal fakkaatu akkamitti?

11 Phaawulos ergamaan gaʼee mataawwan maatii fi jaarsolii gidduu wal fakkeenyi tokko tokko akka jiru argisiiseera. (1 Xim. 3:4, 5) Fakkeenyaaf Yihowaan miseensonni maatii mataa maatiitiif akka ajajaman isaan irraa eega. (Qol. 3:20) Akkasumas warri gumii keessa jiran jaarsoliidhaaf akka ajajaman isaan irraa barbaada. Yihowaan mataawwan maatii fi jaarsoliin fayyummaa hafuuraa warra isaan jala jiranii akka eegan isaan irraa barbaada. Lamaan isaanii iyyuu fedhii miiraa warra aangoo isaanii jala jiranii guutuu qabu. Akkuma mataawwan maatii gaarii taʼanii, jaarsoliinis warri eegumsa isaanii jala jiran yeroo rakkinaatti gargaarsa akka argatan gochuu qabu. (Yaq. 2:15-17) Dabalataanis, Yihowaan jaarsoliin gumii fi mataawwan maatii warri kaan seerawwan isaa akka eegan akka isaan gargaaranii fi ‘Wantoota barreeffaman irra akka hin darbine’ isaan irraa eega.—1 Qor. 4:6.

Mataawwan maatii maatii isaanii keessatti dursa akka fudhatan Yihowaan aangoo isaaniif kenneera. Mataan maatii jaalala qabeessi murtoo gochuu isaa dura haadha manaa isaa mariisisa (Keeyyata 13 ilaali)

12-13. Roomaa 7:2 akka argisiisutti gaʼeen mataawwan maatii fi jaarsoliin qaban garaagara kan taʼe akkamitti?

12 Haa taʼu malee, gaʼee jaarsa tokkoo fi mataa maatii tokkoo gidduu garaagarummaa guddaanis jira. Fakkeenyaaf, Yihowaan jaarsoliin akka abbootii murtiitti akka tajaajilan isaan muudeera, akkasumas cubbamoota yaada hin geddaranne gumii keessaa akka baasan itti gaafatamummaa isaaniif kenneera.—1 Qor. 5:11-13.

13 Gama biraatiin immoo Yihowaan mataawwan maatiitiif aangoo jaarsolii gumiitiif hin kennamne tokko tokko kenneera. Fakkeenyaaf, mataan maatii tokko maatii isaatiif seera akka baasuu fi seericha akka raawwachiisu aangoo isaaf kenneera. (Roomaa 7:2 dubbisi.) Mataan maatii tokko ijoolleen isaa galgala saʼaatii meeqatti akka manatti galan murteessuuf aangoo qaba. Ijoolleen isaa seera kana utuu hin kabajin yoo hafan isaan adabuufis aangoo qaba. (Efe. 6:1) Dhugaa dha, mataan maatii jaalala qabeessa taʼe tokko, maatii isaatiif seera baasuu isaa dura, isaan lamaan “foon tokko” waan taʼaniif haadha manaa isaa ni mariisisa. *Mat. 19:6.

KIRISTOOS ISA MATAA GUMII TAʼE KABAJAA

Yesuus, matummaa Yihowaa jala taʼuudhaan gumii Kiristiyaanaatiif qajeelfama kenna (Keeyyata 14 ilaali)

14. (a) Maarqos 10:45 irraa akka hubannutti Yihowaan, Yesuusiin mataa gumii godhee muuduun isaa sirrii kan taʼe maaliifi? (b) Gaʼeen Qaama Ol Aanaa maali dha? (Saanduqa “ Gaʼee Qaama Ol Aanaa” jedhu ilaali.)

14 Yihowaan furichaan tokkoon tokkoon nama gumii keessa jiruu fi nama Yesuusitti amanu kam iyyuu biteera. (Maarqos 10:45 dubbisi; HoE. 20:28; 1 Qor. 15:21, 22) Kanaafuu Yihowaan, Yesuus isa lubbuu isaa furii godhee kenne gumicha irratti mataa akka taʼu muuduun isaa sirrii dha. Yesuus mataa keenya waan taʼeef, seera tokkoon tokkoon keenya, maatiiwwanii fi gumiiwwan eeguu qaban baasuu fi raawwachiisuuf aangoo qaba. (Gal. 6:2) Taʼus, Yesuus seera baasuu caalaa wanta godhu qaba. Tokkoon tokkoon keenya ni soora, ni jaallatas.—Efe. 5:29.

15-16. Yaada obboleettiin Maarlii jedhamtuu fi obboleessi Benjaamin jedhamu kennan irraa maal baratte?

15 Obboleettonni qajeelfama dhiironni akka isaan kunuunsaniif muudaman isaaniif kennan hordofuudhaan, Kiristoosiin akka kabajan argisiisu. Maarlii ishiin Yunaayitid Isteetis jiraattu yaada obboleettonni hedduun irratti walii galan dubbatteetti. Akkas jetteetti: “Ani iddoon haadha manaa taʼuudhaan qabuu fi iddoon obboleettii taʼuudhaan gumii keessatti qabuuf bakka guddaan kenna. Yeroo hunda qophii matummaa Yihowaan godheef ilaalcha sirrii qabaachuuf carraaqqiin godha. Taʼus, abbaan manaa koo fi obboloonni gumii keessa jiran waan na kabajanii fi wantan hojjedhu waan dinqisiifataniif, kana gochuun akka naaf salphatu godhaniiru.”

16 Obboloonni obboleettota kabajuu fi ulfina isaaniif kennuudhaan qophii matummaa akka hubatan argisiisu. Obboleessi Benjaamin jedhamuu fi Ingilaandi jiraatu akkas jedheera: “Obboleettonni deebii isaan walgaʼii irratti kennanii fi qoʼannaa fi tajaajila irratti buʼa qabeessa taʼuu ilaalchisee yaada isaan kennan irraa wanta hedduu baradheera. Hojiin isaan hojjetan baayʼee barbaachisaa akka taʼe natti dhagaʼama.”

17. Qophii matummaa kabajuu kan qabnu maaliifi?

17 Warri gumii keessa jiran hundi, dhiironni, dubartoonni, mataawwan maatii fi jaarsoliin qophii matummaa yommuu hubatanii fi yommuu kabajan gumichi nagaa argata. Hunda caalaa immoo Abbaan keenya inni samii fi jaalala qabeessa taʼe akka jajamu goona.—Far. 150:6.

FAARFANNAA 123 Seera Tiʼookraasiitiif Bitamuu

^ key. 5 Gumii keessatti gaʼeen obboleettotaa maali dha? Obboleessi kam iyyuu, obboleettii kamiif iyyuu mataa dhaa? Jaarsolii fi mataawwan maatii aangoon isaan qaban tokko dhaa? Mata duree kana keessatti Kitaabni Qulqulluun deebii gaaffiiwwan kanaa argachuuf akkamitti akka nu gargaaru ilaalla.

^ key. 5 Mata duree “Obboleettota Deggeraa,” jedhuu fi maxxansa Masaraa Eegumsaa Fulbaana 2020 irratti baʼe keeyyata 6 ilaali.

^ key. 13 Maatichi gumii kamitti hirmaachuu akka qabu eenyu akka murteessu ilaalchisee, mata duree “Iddoo Warri Kaan Gumii Keessatti Qaban Kabajaa” jedhuu fi maxxansa Masaraa Eegumsaa Hagayya 2020 keeyyata 17-19 irratti baʼe ilaali.

^ key. 59 Waaʼee dhimma kanaa ibsa balʼaa argachuuf, kitaaba “Jaalala Waaqayyoo Keessatti of Eegaa,” jedhamu fuula 209-212 ilaali.

^ key. 64 Waaʼee gaʼee Qaama Ol Aanaa ibsa guutuu argachuuf maxxansa Masaraa Eegumsaa Adoolessa 15, 2013 ful. 20-25 ilaali.