Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

MATA DUREE QOʼANNAA 8

Yeroo Qorumsaatti Gammachuu Keenya Eeggachuu!

Yeroo Qorumsaatti Gammachuu Keenya Eeggachuu!

“Yaa obboloota koo, yommuu qorumsi adda addaa isin irra gaʼu akka gammachuu guddaatti lakkaaʼaa.”—YAQ. 1:2.

FAARFANNAA 111 Sababa Itti Gammannu

QABIYYEE *

1-2. Maatewos 5:11 akka jedhutti, qorumsa nu irra gaʼu akkamitti ilaaluu qabna?

YESUUS duuka buutonni isaa gammachuu dhugaa akka argatan waadaa isaaniif galeera. Namoonni isa jaallatan qorumsi akka isaan irra gaʼus akeekkachiiseera. (Mat. 10:22, 23; Luq. 6:20-23) Barattoota Kiristoos taʼuun keenya nu gammachiisa. Taʼus, maatiin keenya yoo nu morman, mootummaa irraa ariʼatamni yoo nu irra gaʼe ykn namoonni wajjin hojjennu ykn wajjin barannu dogoggora akka raawwannu dhiibbaa yoo nu irratti godhan maaltu nutti dhagaʼama? Wantoonni akkasii nu dhiphisuu akka dandaʼan beekamaa dha.

2 Namoonni baayʼeen ariʼatamni wanta gammachuu argamsiisu akka taʼetti hin ilaalan. Taʼus, Dubbiin Waaqayyoo yeroo ariʼatamni nu irra gaʼu akka gammannu nutti hima. Fakkeenyaaf, Yaaqoob yeroo qorumsi nu irra gaʼutti garmalee dhiphachuu mannaa akka gammachuu guddaatti ilaaluu akka qabnu barreesseera. (Yaq. 1:2, 12) Yesuusis yeroo ariʼatamni nu irra gaʼu gammaduu akka qabnu dubbateera. (Maatewos 5:11 dubbisi.) Maarree, yeroo qorumsi nu irra gaʼutti gammadoo taanee itti fufuu kan dandeenyu akkamitti? Xalayaa Yaaqoob Kiristiyaanota jaarraa jalqabaatiif barreesse keessaa yaadawwan muraasa qoruudhaan wantoota hedduu barachuu dandeenya. Mee jalqaba, haalawwan rakkisoo Kiristiyaanota sana mudatanii turan haa ilaallu.

KIRISTIYAANOTA JAARRAA JALQABAA IRRA QORUMSI AKKAMII GAʼEERA?

3. Yaaqoob barataa Yesuus erga taʼee utuma baayʼee hin turin maaltu raawwatame?

3 Obboleessa Yesuus kan taʼe Yaaqoob barataa taʼee utuma baayʼee hin turin, Kiristiyaanota Yerusaalem jiraatan irra ariʼatamni gaʼee ture. (HoE. 1:14; 5:17, 18) Yommuu Isxifaanos ajjeefametti immoo Kiristiyaanonni hedduun magaalattii keessaa baqachuudhaan “naannoowwan Yihudaa fi Samaariyaa hundumaa keessa bittinnaaʼan,” yeroo boodas hanga Qophrosii fi Anxokiyaatti baayʼee fagaatanii deemaniiru. (HoE. 7:58–8:1; 11:19) Kiristiyaanota kana irra rakkoowwan hedduun gaʼanii turan. Taʼus, bakka dhaqan hundumaatti misiraachicha hinaaffaadhaan waan lallabaniif, guutummaa Bulchiinsa Roomaatti gumiiwwan hedduun hundeeffamaniiru. (1 Phe. 1:1) Taʼus, amma iyyuu rakkoowwan hedduutu isaan eeggata ture.

4. Kiristiyaanonni jaarraa jalqabaa irra qorumsawwan kan biroon akkamii gaʼanii turan?

4 Kiristiyaanonni jaarraa jalqabaa qorumsa garaa garaa dandamachuu qabu turan. Fakkeenyaaf, Dh.K.B. naannoo bara 50⁠tti, Mootii Moototaa Roomaa kan taʼe Qalaawudewos Yihudoonni hundi Roomaadhaa akka baʼan ajajee ture. Kanaafuu Yihudoonni Kiristiyaanota taʼan qeʼee isaanii dhiisanii bakka biraa deemuuf dirqamanii turan. (HoE. 18:1-3) Dhaloota Kiristoos Booda naannoo bara 61⁠tti immoo Phaawulos ergamaan obboloonni isaa uummata duratti akka arrabsaman, akka hidhamanii fi qabeenyi isaanii akka saamame barreesseera. (Ibr. 10:32-34) Kana malees akkuma warra kaanii Kiristiyaanonni tokko tokko hiyyoomaniiru, akkasumas dhukkubsataniiru.—Rom. 15:26; Filp. 2:25-27.

5. Gaaffiiwwan kamfaʼiif deebii arganna?

5 Yaaqoob Dh.K.B. bara 62⁠tti xalayaa isaa barreessuu isaa dura, qorumsawwan obboloota isaa irra gaʼan sirriitti beeka ture. Yihowaan gorsa Kiristiyaanonni kun yommuu qorumsi isaan mudatutti gammachuu isaanii eeganii itti fufuuf isaan gargaaru isaaniif kennuuf Yaaqoob xalayaa akka isaaniif barreessu isa kakaaseera. Mee amma xalayaa Yaaqoob qoruudhaan gaaffiiwwan kanneen deebisuuf haa yaallu: Yaaqoob waaʼee gammachuu isa kamii barreesse? Wanti Kiristiyaanni tokko gammachuu sana akka dhabu isa taasisuu dandaʼu maali dha? Qorumsawwan akkamii iyyuu yoo nu irra gaʼan ogummaan, amantii fi ija jabinni gammachuu keenya eegnee jiraachuuf nu gargaaruu kan dandaʼan akkamitti?

KIRISTIYAANNI TOKKO AKKA GAMMADU KAN ISA TAASISU MAALI DHA?

Akkuma ibidda faanosii keessaa ifuu, gammachuun Yihowaan kennus garaa Kiristiyaana tokkoo keessatti utuu hin badin itti fufuu dandaʼa (Keeyyata 6 ilaali)

6. Luqaas 6:22, 23 akka jedhutti, Kiristiyaanonni qorumsi yommuu isaan irra gaʼu kan gammadan maaliifi?

6 Namoonni gammadoo taʼuu kan dandaʼan fayya buleeyyii yoo taʼan, maallaqa hedduu yoo qabaatanii fi maatii gammachuu qabu yoo qabaatan qofa akka taʼe yaadu. Gammachuun Yaaqoob waaʼee isaa barreesse garuu kutaa firii hafuura Waaqayyoo waan taʼeef haala namni tokko keessa jiru irratti kan hundaaʼe miti. (Gal. 5:22) Kiristiyaanni tokko Yihowaa gammachiisaa akka jiruu fi fakkeenya Yesuus hordofaa akka jiru beekuun isaa gammachuu guddaa isaaf argamsiisa. (Luqaas 6:22, 23 dubbisi; Qol. 1:10, 11) Gammachuun keenya ibidda faanosii keessaa ifuu wajjin wal fakkaachuu dandaʼa; faanosiin sun ibiddichi qilleensaa fi rooba irraa eegumsa akka argatu waan godhuuf bobaʼuu isaa itti fufa. Nutis jireenya keenya keessatti wanti akkamii iyyuu yoo nu mudate, gammadoo taanee itti fufuu dandeenya. Yeroo dhukkubsannuttis taʼe qarshii gaʼaa hin qabaannetti illee gammachuu keenya hin dhabnu. Akkasumas gammachuun keenya yeroo miseensonni maatii keenya ykn warri kaan nutti qoosanitti hin badu. Kanaa mannaa yeroo namoonni gammachuu keenya nu dhabsiisuuf yaalan hundatti caalaatti dabalaa deema. Qorumsi sababii amantii keenyaan nu irra gaʼu barattoota Kiristoos warra dhugaa taʼuu keenya mirkaneessa. (Mat. 10:22; 24:9; Yoh. 15:20) Yaaqoobis, “Yaa obboloota koo, yommuu qorumsi adda addaa isin irra gaʼu akka gammachuu guddaatti lakkaaʼaa” jedhee kan barreesse kanaafi.—Yaq. 1:2.

Qorumsi ibidda sibiila irraa halbee hojjechuuf gargaaruu wajjin wal fakkeeffamuu kan dandaʼu maaliifi? (Keeyyata 7 ilaali) *

7-8. Yeroo qorumsi nu irra gaʼutti amantiin keenya caalaatti kan cimu maaliifi?

7 Yaaqoob sababii Kiristiyaanonni qorumsawwan ciccimoo taʼan illee dandamachuuf fedhii itti qabaatan dabalataa ibseera. ‘Amantiin keessan inni qoramee ilaalame jabaatanii dhaabbachuu isiniif argamsiisa’ jedheera. (Yaq. 1:3) Qorumsi ibidda halbee hojjechuuf gargaaruu wajjin wal fakkaachuu dandaʼa. Yommuu halbeen sun ibiddaan diimeffamee qabbanaaʼu sibiilichi caalaatti cimaa taʼa. Haaluma wal fakkaatuun, yommuu qorumsa dandamannu amantiin keenya caalaatti cimaa taʼa. Yaaqoob, “Karaa hundumaatiin guutuu fi mudaa kan hin qabne akka taataniif, jabaatanii dhaabbachuun hojii isaa fiixaan akka baasu godhaa” jedhee kan barreesse kanaafi. (Yaq. 1:4) Qorumsawwan nu irra gaʼan amantii keenya caalaatti akka nuuf cimsan yommuu hubannu, qorumsawwan sana gammachuudhaan dandamachuu dandeenya.

8 Yaaqoob xalayaa isaa keessatti wantoota gammachuu nu dhabsiisuu dandaʼan tokko tokkos ibseera. Haalawwan rakkisoon sun kamfaʼi? Moʼuu kan dandeenyu hoo akkamitti?

HAALAWWAN RAKKISOO GAMMACHUU NU DHABSIISUU DANDAʼAN MOʼUU

9. Ogummaan kan nu barbaachisu maaliifi?

9 Haala rakkisaa: Wanta goonu wallaaluu. Yeroo qorumsi tokko nu mudatu filannoowwan Yihowaa gammachiisan, obboloota keenya fayyadanii fi amanamummaa keenya eeggannee jiraachuuf nu gargaaran gochuuf gargaarsa isaa gaafachuu barbaanna. (Er. 10:23) Wanta gochuu qabnuu fi namoota nu mormaniif deebii akkamii kennuu akka qabnu beekuuf ogummaan nu barbaachisa. Wanta gochuu qabnu yoo wallaalle abdii kutachuu fi dafnee gammachuu keenya dhabuu dandeenya.

10. Yaaqoob 1:5 ogummaa argachuuf maal gochuu akka qabnu dubbata?

10 Furmaata isaa: Yihowaan ogummaa akka nuuf kennu gaafachuu. Qorumsawwan nu irra gaʼan gammachuudhaan dandamachuu yoo barbaanne, jalqaba Yihowaan ogummaa murtoo gaarii gochuuf nu gargaaru akka nuuf kennu kadhachuu qabna. (Yaaqoob 1:5 dubbisi.) Yihowaan kadhannaa keenya dafee akka nuuf hin deebisne yoo nutti dhagaʼame hoo maal gochuu qabna? Yaaqoob, Waaqayyoon ‘kadhachuu keenya akka itti fufnu’ dubbateera. Irra deddeebinee ogummaa akka nuuf kennu Yihowaa kadhachuun keenya isa hin aarsu. Yoo akkas goone inni nu hin ceephaʼu. Abbaan keenya inni samii ogummaa qorumsa nu irra gaʼu dandamachuuf nu gargaaru akka nuuf kennu yommuu isa kadhannu ‘arjummaadhaan nuuf kenna.’ (Far. 25:12, 13) Inni qorumsa nu irra gaʼu ni arga, nuuf gadda, nu gargaaruufis hawwii guddaa qaba. Kun immoo baayʼee nu gammachiisa! Maarree, Yihowaan ogummaa kan nuuf kennu akkamitti?

11. Ogummaa argachuuf wanti gochuu qabnu kan biraan maali dha?

11 Yihowaan ogummaa kan nuuf kennu Dubbii isaatti fayyadamee ti. (Fak. 2:6) Ogummaa kana argachuuf Dubbii Waaqayyoo fi barreeffamoota Kitaaba Qulqulluu irratti hundaaʼan qoʼachuu qabna. Haa taʼu malee, qoʼachuu malees wanti gochuu qabnu kan biraan jira. Gorsa Waaqayyoo hojii irra oolchuudhaan ogummaa isaa wajjin haala wal simuun jiraachuu qabna. Yaaqoob, ‘Dubbicha hojii irra kan oolchitan taʼaa malee, kan dhageessan qofa hin taʼinaa’ jedhee barreesseera. (Yaq. 1:22) Gorsa Waaqayyoo yommuu hojii irra oolchinu caalaatti naga qabeeyyii, yaada keenyatti kan hin cichinee fi gara laafeyyii taana. (Yaq. 3:17) Amalawwan kunneen gammachuu keenya utuu hin dhabin qorumsawwan nu irra gaʼan kam iyyuu dandamachuuf nu gargaaru.

12. Kitaaba Qulqulluu akka gaariitti beekuun keenya barbaachisaa kan taʼe maaliifi?

12 Dubbiin Waaqayyoo daawwitii wajjin wal fakkaata. Wanta fooyyessuu qabnuu fi akkamitti fooyyessuu akka qabnu adda baasnee beekuuf nu gargaara. (Yaq. 1:23-25) Fakkeenyaaf, Dubbii Waaqayyoo erga qoʼannee booda, aarii keenya toʼachuun akka nu barbaachisu hubanna taʼa. Gargaarsa Yihowaatiin yommuu namoonni ykn rakkoowwan nu aarsan nu mudatanitti akkamitti garraamii taʼuu akka dandeenyu barachuu dandeenya. Garraamii waan taaneef, rakkoowwan nu irra gaʼan karaa gaarii taʼeen caalaatti dandamachuu dandeenya. Caalaatti sirriitti yaaduu fi murtoo hunda irra wayyu gochuu dandeenya. (Yaq. 3:13) Kanaafuu, Kitaaba Qulqulluu akka gaariitti beekuun keenya baayʼee barbaachisaa dha!

13. Fakkeenya namoota Kitaaba Qulqulluu keessatti argamanii qoʼachuu kan qabnu maaliifi?

13 Yeroo tokko tokko wanta gochuu hin qabne kan beeknu erga dogoggora raawwannee booda dha. Haa taʼu malee, karaa kanaan barachuun miidhaa qaba. Ogummaa argachuuf karaan hunda irra wayyu milkaaʼinaa fi dogoggora warra kaanii irraa barachuu dha. Yaaqoob fakkeenyota Kitaaba Qulqulluu kanneen akka Abrahaam, Rahaab, Iyyoobii fi Eliyaas irraa akka barannu kan nu jajjabeesse kanaafi. (Yaq. 2:21-26; 5:10, 11, 17, 18) Tajaajiltoonni Yihowaa amanamoo taʼan kunneen, qorumsawwan gammachuu isaan dhabsiisuu dandaʼan dandamataniiru. Fakkeenyi isaanii, nutis gargaarsa Yihowaatiin akkas gochuu akka dandeenyu argisiisa.

14-15. Shakkii nutti uumamu calluma jennee bira darbuu kan hin qabne maaliifi?

14 Haala rakkisaa: Shakkii. Yeroo tokko tokko wanta Dubbii Waaqayyoo keessatti ibsame tokko hubachuun nutti ulfaata taʼa. Yookiin immoo Yihowaan karaa nuti yaanneen kadhannaa keenyaaf deebii hin kennine taʼa. Kunis shakkiin akka nutti uumamu gochuu dandaʼa. Shakkii nu keessatti uumame calluma jenne kan bira darbinu yoo taʼe, amantii keenya laaffisuu fi hariiroo Yihowaa wajjin qabnu nu jalaa balleessuu dandaʼa. (Yaq. 1:7, 8) Akkasumas abdii keenya irratti akka hin xiyyeeffanne illee nu gochuu dandaʼa.

15 Phaawulos ergamaan abdii keenya qofoo doonii wajjin wal bira qabee ibseera. (Ibr. 6:19) Qofoon yeroo obomboleettiin kaʼutti dooniin tokko akka hin raafamnee fi qarsaatti akka hin rukutamne godha. Haa taʼu malee, qofoon faayidaa qabaachuu kan dandaʼu funcaan, qofoo sanaa fi doonicha walitti hidhee jiru yoo hin cinne qofa dha. Akkuma ligidni funcaa qofoo doonii laaffisu, shakkiinis amantii keenya laaffisuu dandaʼa. Namni shakkii qabu tokko yommuu mormiin isa irra gaʼu amantii waadaa Yihowaan gale irratti qabu dhabuu dandaʼa. Amantii keenya yoo dhabne immoo abdii keenyas ni dhabna. Akkuma Yaaqoob jedhe, “Namni shakku akka dambalii galaanaa qilleensaan oofamuu fi asii fi achi darbatamuu ti.” (Yaq. 1:6) Namni haala akkasii keessa jiru gammachuu qabaachuu dhiisuu dandaʼa.

16. Shakkiin yoo nutti uumame maal gochuu qabna?

16 Furmaata isaa: Shakkii qabdan balleessaa; amantii keessan cimsadhaa. Dafaa tarkaanfii fudhadhaa. Bara Eliyaas raajichaatti sabni Yihowaa wanta itti amanan ilaalchisee shakkiin isaanitti uumamee ture. Eliyaas, “Hamma yoomiitti yaada lamaan okkoltu? Yihowaan Waaqa dhugaa yoo taʼe, isa duukaa buʼaa; Baʼaal Waaqa dhugaa yoo taʼe immoo isa duukaa buʼaa!” isaaniin jedheera. (1 Mot. 18:21) Yeroo harʼaatti nutis dafnee tarkaanfii fudhachuu qabna. Yihowaan Waaqa dhugaa akka taʼe, Kitaabni Qulqulluun Dubbii isaa akka taʼee fi Dhugaa Baatonni Yihowaa saba isaa akka taʼan mirkaneeffachuuf qorannoo gochuu qabna. (1 Tas. 5:21) Kana gochuun keenya shakkii qabnu balleessuu fi amantii keenya cimsachuuf nu gargaara. Shakkii keenya balleessuuf gargaarsi yoo nu barbaachise jaarsolii gumii gaafachuu dandeenya. Gammachuu Yihowaa tajaajiluudhaan arganne eeggannee jiraachuuf dafnee tarkaanfii fudhachuu qabna!

17. Ija jabina yoo dhabne maaltu nu irra gaʼuu dandaʼa?

17 Haala rakkisaa: Abdii kutachuu. Dubbiin Waaqayyoo, “Guyyaa dhiphinaatti yoo abdii kutatte, humni kee ni xiqqaata” jedha. (Fak. 24:10) Jechi Afaan Ibrootaa ‘abdii kutachuu’ jedhamee hiikame, “ija jabina dhabuu” jedhamees hiikamuu dandaʼa. Ija jabina yoo dhabdan gammachuun keessanis dafee bada.

18. Jabaatanii dhaabbachuu jechuun maal jechuu dha?

18 Furmaata isaa: Yihowaan ija jabina jabaattanii dhaabbachuuf isin dandeessisu akka isiniif kennu isa amanadhaa. Qorumsawwan nu irra gaʼan dandamachuuf ija jabina qabaachuu nu barbaachisa. (Yaq. 5:11) Jechi Yaaqoob itti fayyadamee fi ‘jabaatanii dhaabbachuu’ jedhamee hiikame, namni tokko iddoo isaatii utuu hin sochoʼin dhaabbachuu isaa argisiisa. Waaʼee kanaa yommuu yaannu, loltuu ija jabinaan iddoo isaa qabatee dhaabbatuu fi yommuu diinonni isaa isa haleelan hin baqanne gara sammuu keenyaatti fiduu dandeenya.

19. Fakkeenya Phaawulos ergamaa irraa maal baranna?

19 Phaawulos ergamaan ija jabina qabaachuu fi jabaatee dhaabbachuudhaan fakkeenya guddaa nuuf taʼa. Taʼus yeroo itti dadhabe qaba ture. Haa taʼu malee, Yihowaan jabina isa barbaachisu akka isaaf kennu waan isatti amanameef jabaatee dhaabbachuu dandaʼeera. (2 Qor. 12:8-10; Filp. 4:13) Gad of qabuudhaan gargaarsi Yihowaa akka nu barbaachisu yoo amanne, ciminaa fi ija jabina akkasii qabaachuu dandeenya.—Yaq. 4:10.

WAAQAYYOTTI DHIHAACHUUDHAAN GAMMACHUU KEESSAN EEGGADHAA

20-21. Waaʼee maalii mirkanaaʼoo taʼuu dandeenya?

20 Qorumsi kan nu irra gaʼu Yihowaan nu adabaa waan jiruuf akka hin taane mirkanaaʼoo taʼuu dandeenya. Yaaqoob akkana jechuudhaan kana nuu mirkaneesseera: “Namni kam iyyuu yommuu qoramu, ‘Waaqayyotu na qoraa jira’ hin jedhin. Sababiin isaas, Waaqayyo wanta hamaadhaan qoramuu hin dandaʼu; ofii isaatiis nama kam iyyuu hin qoru.” (Yaq. 1:13) Dhugaa kana yoo amanne, gara Abbaa keenya isa samii isa jaalala qabeessa taʼetti caalaatti dhihaanna.—Yaq. 4:8.

21 Yihowaan ‘hin jijijjiiramu ykn hin gegeddaramu.’ (Yaq. 1:17) Inni Kiristiyaanota jaarraa jalqabaa qorumsi isaan irra gaʼe gargaareera; nuunis yeroo harʼaatti nu gargaara. Yihowaan ogummaa, amantii fi ija jabina argachuuf akka isin gargaaru cimsaa kadhadhaa. Inni kadhannaa keessaniif deebii ni kenna. Taanaan, yeroo qorumsi isin irra gaʼutti gammachuu keessan eegdanii jiraachuuf akka isin gargaaru mirkanaaʼoo taʼuu dandeessu!

FAARFANNAA 128 Hamma Dhumaatti Jabaachuu

^ key. 5 Kitaabni Yaaqoob gorsa hedduu qorumsa dandamachuuf nu gargaaru qabateera. Mata dureen kun gorsa Yaaqoob kenne keessaa muraasa isaanii ibsa. Gorsi kun haala rakkisaa dandamachuudhaan, gammachuu keenya utuu hin dhabin Yihowaa tajaajiluu keenya itti fufuuf nu gargaara.

^ key. 59 IBSA FAKKII: Poolisoonni obboleessa tokko mana isaa dhaqanii isa qaban. Haati manaa fi intalli isaa yommuu isaan isa fuudhanii deeman ilaalaa jiru. Abbaan manaa, mana hidhaa yommuu jirutti, obboloonni obboleettii sanaa fi intala ishii wajjin Yihowaa waaqeffachaa jiru. Haatii fi intalli ishii Yihowaan jabina qorumsa isaan irra gaʼe dandamachuuf isaan dandeessisu akka isaaniif kennu irra deddeebiʼanii kadhachaa jiru. Yihowaanis nagaa keessaa fi ija jabina isaaniif kenneera. Kanaan kan kaʼes amantiin isaanii caalaatti cimeera; qorumsa isaan irra gaʼes gammachuudhaan dandamataniiru.