MATA DUREE QOʼANNAA 8
Gorsi Kennitu ‘Garaa Namaa kan Gammachiisu’ Dhaa?
“Zayitii fi ixaanni garaa namaa ni gammachiisu; michuun garaadhaa gorsa kennus akkanuma dha.”—FAK. 27:9.
FAARFANNAA 102 ‘Warra Dadhaboo Gargaaraa’
QABIYYEE *
1-2. Obboleessi tokko gorsa kennuu ilaalchisee maal barate?
WAGGOOTA hedduu dura, jaarsoliin lama obboleettii yeroo murtaaʼeef gumii irraa hafte tokko jajjabeessuu dhaqan. Jaarsi inni tokko caqasoota waaʼee walgaʼii irratti argamuu ibsan muraasa ishiidhaaf dubbise. Jaarsi kun obboleettii tana akka jajjabeessan isatti dhagaʼamee ture; yeroo deemuuf jedhanitti garuu obboleettiin sun, “Waaʼee rakkina koo wanta beektan tokko illee hin qabdan” isaaniin jette. Obboloonni kun gorsa kan ishiidhaaf kennan waaʼee rakkina ishii fi haala ishiin keessa jirtu utuu ishiin hin gaafatin ture. Kanaafuu, gorsi isaanii akka ishii fayyadu ishiitti hin dhagaʼamne.
2 Obboleessi caqasa ishiidhaaf dubbise duubatti deebiʼee yeroo yaadu akkana jedheera: “Yeroo sanatti obboleettiin tun akka nu hin kabajne natti dhagaʼamee ture. Booda yeroon irratti yaadu garuu, caqasoota ishiidhaaf dubbisuu mannaa, gaaffiiwwan tokko tokko utuun ishii gaafadhee gaarii akka turen hubadhe. ‘Rakkinni si mudate jiraa? Maal si gargaaru?’ jedhee ishii gaafachuu nan dandaʼan ture.” Jaarsi sun muuxannoo kana irraa barumsa guddaa argateera. Obboleessi kun yeroo harʼaatti jaarsa miira warra kaanii hubatuu fi tika gochuu irratti buʼa qabeessa taʼe dha.
3. Gumii keessatti gorsa kan kennan eeyu faʼi?
3 Jaarsoliin tiksitoota waan taʼaniif yeroo barbaachisutti gorsa kennuuf itti gaafatamummaa qabu. Haa taʼu malee, yeroo warri gumii keessa jiran kaanis gorsa kennuun itti isaan barbaachisu jira. Fakkeenyaaf, obboleessi tokko ykn obboleettiin takka gorsa Kitaaba Qulqulluu irratti hundaaʼe michuu isaaniitiif kennuu dandaʼu. (Far. 141:5; Fak. 25:12) Yookiin obboleettiin maanguddoo taate takka dhimmoota Tiitoo 2:3-5 irratti ibsaman irratti hundaaʼuudhaan ‘dubartoota umurii dargaggummaa irra jiran’ gorsuu dandeessi. Warris yeroo baayʼee ijoollee isaaniitiif gorsaa fi sirreeffama kennuun isaan barbaachisa. Mata dureen kun kallattiidhaan jaarsolii kan ilaallatu taʼus, hundi keenya iyyuu gorsa gaarii hojiidhaaf kakaasuu fi ‘garaa namaa gammachiisu’ kennuu kan dandeenyu akkamitti akka taʼe barumsa argachuu dandeenya.—Fak. 27:9.
4. Mata duree kana keessatti maal irratti mariʼanna?
4 Mata duree kana keessatti gorsa kennuu ilaalchisee gaaffiiwwan afur irratti mariʼanna: (1) Wanti gorsa kennuuf nu kakaasu maal taʼuu qaba? (2) Gorsi kun dhuguma barbaachisaa dhaa? (3) Gorsa kana kennuu kan qabu eenyu? (4) Gorsa buʼa qabeessa taʼe kennuu kan dandeessu akkamitti?
WANTI GORSA KENNUUF NU KAKAASU MAAL TAʼUU QABA?
5. Jaarsi tokko jaalala qabaachuun isaa gorsa buʼa qabeessa taʼe kennuuf kan isa dandeessisu akkamitti? (1 Qorontos 13:4, 7)
5 Jaarsoliin obbolootaa fi obboleettota isaanii ni jaallatu. Yeroo tokko tokko jaalala isaanii kan argisiisan nama daandii dogoggoraa irra jiru gorsuudhaani. (Gal. 6:1) Haa taʼu malee, jaarsi tokko nama tokkoof gorsa kennuu isaa dura wanta Phaawulos jaalala ilaalchisee dubbate irratti yaaduun isaa gaarii dha. “Jaalalli ni obsa, gaarummaas ni argisiisa. . . . Waan hundumaa dandaʼa, waan hundumaa amana, waan hundumaa abdata, waan hundumaa dandamata.” (1 Qorontos 13:4, 7 dubbisi.) Jaarsi tokko caqasa kana irratti gad fageenyaan yaaduun isaa gorsa kennuuf kan isa kakaase jaalala obboleessa isaatiif qabu taʼuu isaa beekuuf isa gargaara. Namni gorfamu sunis jaarsi sun akka isaaf yaadu yoo hubate, gorsa isaaf kenname fudhachuuf caalaatti fedhii qabaata.—Rom. 12:10.
6. Phaawulos fakkeenya akkamii nuuf taʼeera?
6 Phaawulos ergamaan jaarsa gumii fakkeenya gaarii taʼu dha. Fakkeenyaaf, yeroo obboloonni Tasalonqee gorsi isaan barbaachisetti gorsa isaaniif kennuu irraa duubatti hin jenne. Haa taʼu malee, xalayaa isaaniif barreesse irratti jalqaba hojii amanamummaadhaan hojjetaniif, carraaqqii jaalalaan kakaʼanii godhaniif, akkasumas jabaatanii dhaabbachuu isaaniitiif isaan galateeffateera. Haala isaaniis isaaniif hubateera; jireenyi isaanii salphaa akka hin taanee fi ariʼatama dandamachaa akka jiran akka beeku isaanitti himeera. (1 Tas. 1:3; 2 Tas. 1:4) Kiristiyaanota kaaniif fakkeenya akka taʼan illee isaanitti himeera. (1 Tas. 1:8, 9) Isaanis Phaawulos garaadhaa isaan galateeffachuu isaatti baayʼee gammadaniiru. Phaawulos obboloota isaa baayʼee akka jaallatu namni shakku hin jiru. Xalayaa isaa lamaan warra Tasalonqeetiif barreesse irratti gorsa buʼa qabeessa taʼe kennuu kan dandaʼe kanaafi.—1 Tas. 4:1, 3-5, 11; 2 Tas. 3:11, 12.
7. Namni tokko gorsa isaaf kennamu kan hin fudhanne maaliif taʼuu dandaʼa?
7 Akkaataan gorsa itti kenninu sirrii yoo taʼuu baate maaltu uumamuu dandaʼa? Jaarsi gumii muuxannoo qabu tokko, “Namoonni tokko tokko gorsa isaaniif kennamu kan hin fudhanne gorsi sun dogoggora waan taʼeef utuu hin taʼin, jaalalaan waan isaaniif hin kennamneefi” jedhee ture. Kana irraa maal barachuu dandeenya? Namni tokko aariidhaan utuu hin taʼin, jaalalaan kakaʼee gorsa yoo kenne gorsa isaa fudhachuun ni salphata.
GORSI KUN DHUGUMA BARBAACHISAA DHAA?
8. Jaarsi tokko nama tokkoof gorsa kennuu isaa dura maal jedhee of gaafachuu qaba?
8 Jaarsoliin gorsa kennuuf ariifachuu hin qaban. Jaarsi tokko gorsa kennuu isaa dura akkana jedhee of gaafachuu qaba: ‘Dhuguma gorsa kennuun narra jiraa? Wanti namni kun godhe dogoggora taʼuu isaa mirkanaaʼaa dhaa? Ajaja Kitaaba Qulqulluu cabse qabaa? Moo garaa Fak. 29:20) Jaarsi tokko nama tokkoof gorsa kennuun kan isa barbaachisu taʼuu isaa mirkanaaʼaa miti taanaan, qajeelfamni Kitaaba Qulqulluu namni kun cabse jiraachuu isaa fi dhuguma gorsi kan isa barbaachisu taʼuu isaa irratti yaada akka isaaf kennu jaarsa kan biraa gaafachuu dandaʼa.—2 Xim. 3:16, 17.
garummaa ilaalchaa qofa dha?’ Jaarsoliin ‘dubbachuuf ariifachuu’ hin qaban. (9. Akkaataa uffannaa fi miidhaginaa irratti gorsa kennuu ilaalchisee Phaawulos irraa maal baranna? (1 Ximotewos 2:9, 10)
9 Mee fakkeenya tokko haa ilaallu. Jaarsi tokko akkaataan uffannaa fi miidhaginaa Kiristiyaana tokkoo isa yaaddesseera haa jennu. Jaarsi kun, ‘Qajeelfamni Kitaaba Qulqulluu gorsa kennuuf na kakaasu jiraa?’ jedhee of gaafachuu dandaʼa. Jaarsi kun ilaalcha isaa akka hin dubbanne waan of eeggatuuf, jaarsa kan biraa ykn babalʼisaa bilchina qabu mariisisa taʼa. Gorsa Phaawulos akkaataa uffannaa fi miidhaginaa ilaalchisee kenne waliin ilaalu taʼa. (1 Ximotewos 2:9, 10 dubbisi.) Phaawulos uffannaan Kiristiyaanaa seera qabeessaa fi Waaqayyoof ulfina kan fidu taʼuu akka qabu qajeelfama kenneera. Haa taʼu malee, Phaawulos wanta namni tokko uffachuu qabuu fi uffachuu hin qabne ilaalchisee seera hin baasne. Kiristiyaanonni qajeelfama Kitaaba Qulqulluu utuu hin cabsin filannaa dhuunfaa isaanii gochuuf mirga akka qaban beeka. Kanaafuu, jaarsoliin nama tokkoof gorsa kennuu isaanii dura, filannaan inni godhe seera qabeessaa fi hubannaa akka qabu kan argisiisu taʼuu isaa irratti yaaduu qabu.
10. Filannaa dhuunfaa ilaalchisee wanti sammuutti qabachuu qabnu maali dha?
10 Kiristiyaanonni bilchaatoo taʼan lama filannaa garaa garaa, garuu immoo sirrii taʼe gochuu akka dandaʼan hubachuun keenya barbaachisaa dha. Obboloonni keenya wanta nuti sirrii akka taʼetti yaannu akka fudhatan dirqisiisuuf yaaluu hin qabnu.—Rom. 14:10.
GORSA KANA KENNUU KAN QABU EENYU?
11-12. Yeroo gorsa kennuun barbaachisutti jaarsi tokko maal jedhee of gaafachuu qaba? Maaliif?
11 Nama tokkoof gorsa kennuun barbaachisaa yoo taʼe gaaffiin itti aansee kaʼu ‘Gorsa kana kennuu kan qabu eenyu?’ kan jedhu dha. Jaarsi tokko obboleettii heerumte tokkoof ykn mucaa tokkoof gorsa kennuu isaa dura mataa maatichaa mariisisuun isaa gaarii dha; tarii mataan maatii kun ofuma isaatiin gorfachuu barbaada taʼa. * Yookiin immoo yeroo jaarsoliin gorsa kennanitti argamuu barbaada taʼa. Yeroo tokko tokko immoo, akkuma keeyyata 3 keessatti ibsametti obboleettiin maanguddoo taate obboleettii dargaggeettii utuu gorsitee gaarii taʼuu dandaʼa.
12 Wanti jaarsi tokko irratti yaaduu qabu kan biraanis jira. Tarii jaarsi tokko, ‘Gorsa kana kennuun koo gaarii dha moo namni kan biraan utuu kennee wayya?’ jedhee of gaafata taʼa. Fakkeenyaaf,
obboleessi miira gad aantummaa wajjin waldhaansoo gochaa jiru tokko gorsa jaarsa haalli akkasii isa mudatee hin beeknee fudhachuu mannaa, gorsa jaarsa miirri akkasii isatti dhagaʼamaa turee fudhachuun isatti salphachuu dandaʼa. Jaarsi gumii miirri akkasii isatti dhagaʼamee beeku miira isaa caalaatti hubachuu dandaʼa; namni gorfamu sunis wanta inni dubbatu fudhachuun isatti hin ulfaatu. Haa taʼu malee, jaarsoliin hundi obbolootaa fi obboleettota isaanii jajjabeessuuf, akkasumas Kitaaba Qulqulluu irratti hundaaʼuudhaan sirreeffama barbaachisu akka godhan isaan kakaasuuf itti gaafatamummaa qabu. Jaarsoliin haalli nama sana mudate isaan mudachuu baatus, yeroo barbaachisaa taʼutti gorsa kennuun isaanii sirrii dha.GORSA BUʼA QABEESSA TAʼE KENNUU KAN DANDEESSU AKKAMITTI?
13-14. Jaarsi tokko gorsa kennuu isaa dura dhaggeeffachuu kan qabu maaliifi?
13Dhagaʼuuf qophaaʼaa taʼi. Jaarsi tokko yeroo gorsa kennuuf qophaaʼutti akkana jedhee of gaafachuu qaba: ‘Waaʼee haala obboleessa kootii maalan beeka? Jireenya isaa keessatti maaltu isa mudachaa jira? Haala rakkisaa ani hin beeknee wajjin qabsaaʼaa jiraa laata? Wanti yeroo ammaatti caalaatti isa barbaachisu maali dha?’
14 Qajeelfamni Yaaqoob 1:19 irratti argamu warra gorsa kennaniifis ni hojjeta. Yaaqoob, “Namni hundi dhaggeeffachuuf ariifataa, dubbachuuf suuta jedhaa, dheekkamuufis suuta jedhaa haa taʼu” jedhee barreesseera. Jaarsi tokko waaʼee nama tokkoo guutummaatti akka beeku isatti dhagaʼama taʼa; garuu dhuguma beekaa? Fakkeenyi 18:13 yaadachiisa, “Namni kam iyyuu odeeffannoo jiru dhagaʼuu isaa dura dhimma tokkoof deebii yoo kenne, gowwummaa fi salphina isatti taʼa” jedhu nuuf kenna. Waaʼee wanta tokkoo kallattiidhaan namuma sana irraa dhagaʼuun gaarii dha. Kun immoo dubbachuu dura dhaggeeffachuu gaafata. Barumsa jaarsi seensa irratti caqasame argate yaadadhu. Calluma jedhee wanta irratti qophaaʼe dubbachuu mannaa, ‘Rakkinni si mudate jiraa? Maal si gargaaru?’ jedhee utuu ishii gaafatee gaarii akka taʼu hubateera. Jaarsoliin yeroo fudhatanii haala isaan keessa jiran beekuuf kan carraaqan yoo taʼe, obbolootaa fi obboleettota isaanii caalaatti gargaaruu fi jajjabeessuu dandaʼu.
15. Jaarsoliin qajeelfama Fakkeenya 27:23 irra jiru hojii irra oolchuu kan dandaʼan akkamitti?
15Obboloota kee beeki. Akkuma olitti ilaalle gorsa buʼa qabeessa taʼe kennuun caqasoota muraasa dubbisuu fi yaada tokko tokko kennuu caalaa wanta dabalatu qaba. Obboloonnii fi obboleettonni keenya akka isaaniif yaannu, miira isaanii akka isaaniif hubannu, akkasumas isaan gargaaruu akka barbaannu hubachuu qabu. (Fakkeenya 27:23 dubbisi.) Jaarsoliin obbolootaa fi obboleettota isaanii wajjin michummaa uumuuf wanta isaaniif dandaʼame hundumaa gochuu qabu.
16. Jaarsoliin gorsa buʼa qabeessa taʼe kennuuf maaltu isaan gargaara?
16 Jaarsoliin obboloota isaanii kan haasofsiisan yeroo isaan dogoggora raawwatanitti qofa
akka taʼe akka isaanitti dhagaʼamu hin barbaadan. Kanaa mannaa, yeroo hundumaa obboloota isaanii wajjin ni haasaʼu, yeroo rakkinni isaan mudatutti immoo akka isaaniif yaadan argisiisu. Jaarsi gumii muuxannoo qabu tokko akkana jedheera, “Akkas kan gootu yoo taʼe obboloota kee wajjin michummaa gaarii qabaatta. Taanaan, yeroo gorsa kennuun barbaachisutti kana gochuun sitti salphata.” Namni gorsi isaaf kennamus gorsa sana fudhachuun isatti hin ulfaatu.17. Jaarsi tokko keessumaa obsaa fi gaarummaa argisiisuu kan qabu yoomi?
17Obsaa fi gaarummaa argisiisi. Keessumaa yeroo namni tokko gorsa Kitaaba Qulqulluu isaaf kenname fudhachuu didu obsaa fi gaarummaa qabaachuun baayʼee barbaachisaa dha. Jaarsi tokko namni gorfame sun gorsa sana yoo dafee hojii irra oolchuu baate aaruu hin qabu. Kitaabni Qulqulluun waaʼee Yesuus yeroo dubbatu, “Shomboqqoo buruqfame hin cabsu, foʼaa ibsaa aarus hin dhaamsu” jedha. (Mat. 12:20) Kanaafuu, jaarsi sun Yihowaan nama gorfame sana akka eebbisu, akkasumas sababa gorsi itti isaaf kenname hubachuu fi hojii irra oolchuuf akka isa gargaaru kadhachuufii dandaʼa. Obboleessi gorsi isaaf kennames gorsa sana irratti yaaduuf yeroon isa barbaachisa taʼa. Jaarsi sun obsaa fi gaarummaa kan argisiisu yoo taʼe, namni gorsi isaaf kenname akkaataa itti gorsi isaaf kenname irratti utuu hin taʼin, ergaa isaa irratti xiyyeeffachuu dandaʼa. Gorsi kennamu yeroo hundumaa Dubbii Waaqayyoo irratti hundaaʼuu akka qabu beekamaa dha.
18. (a) Yeroo gorsa kenninu maal sammuutti qabachuu qabna? (b) Warri fakkii saanduqa bira jiru irratti mulʼatan kun maal irratti mariʼachaa jiru?
18Dogoggora kee irraa baradhu. Cubbamoota waan taaneef, yaada mata duree kana keessatti ibsame guutummaatti hojii irra oolchuu hin dandeenyu. (Yaq. 3:2) Dogoggora kan raawwannu taʼus, dogoggora keenya irraa barachuuf carraaqqii gochuu qabna. Obboloonnii fi obboleettonni keenya akka isaan jaallannu yoo hubatan, dubbii keenyaanis taʼe gocha keenyaan yeroo isaan mufachiisnutti dhiifama nuuf gochuun isaanitti hin ulfaatu.—Saanduqa, “ Yaadachiisa Warraaf Kenname” jedhus ilaali.
MAAL BARANNE?
19. Garaa obbolootaa fi obboleettota keenyaa gammachiisuu kan dandeenyu akkamitti?
19 Akkuma mata duree kana keessatti ilaalletti, gorsa buʼa qabeessa taʼe kennuun salphaa miti. Nutis taane namoonni gorsa kenninuuf mudaa qabna. Qajeelfamoota mata duree kana keessatti ilaalle yaadadhu. Wanti gorsa kennuuf si kakaase sirrii taʼuu isaa mirkaneeffadhu. Kana malees, gorsi sun dhugumaan barbaachisaa taʼuu isaa fi gorsa sana kennuu kan qabu si taʼuu kee mirkaneeffadhu. Gorsa kennuu kee dura rakkina nama sana irra gaʼaa jiru beekuuf gaaffii isa gaafadhu, achiis xiyyeeffannaadhaan isa dhaggeeffadhu. Iddoo isaa of kaaʼuuf yaali. Garraamii taʼi; obbolootaa fi obboleettota kee wajjin michummaa cimaa qabaadhu. Galmi keenya gorsa buʼa qabeessa taʼe kennuu qofa utuu hin taʼin, gorsa ‘garaa namaa gammachiisu’ kennuus akka taʼe yaadadhu.—Fak. 27:9.
FAARFANNAA 103 Tiksitoota—Dhiirota Kennaa Taʼan
^ key. 5 Gorsa kennuun yeroo hunda salphaa miti. Yeroo nama tokkoof gorsa kennuun nu barbaachisutti karaa isa fayyaduu fi isa jajjabeessuun kennuu kan dandeenyu akkamitti? Mata dureen kun keessumaa jaarsoliin gorsa namoota hojiidhaaf kakaasu kennuu kan dandaʼan akkamitti akka taʼe ibsa.
^ key. 11 Mata duree Masaraa Eegumsaa Guraandhala 2021 irratti baʼee fi “Matummaa Gumii Keessa Jiru Hubachuu” jedhu ilaali.