Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

Gabbarri kennamu horii dabalachuu dandaʼa

Kana Beektaa?

Kana Beektaa?

Israaʼelonni durii gabbara kan kennan maaliif ture?

BARA duriitti misirrichi ykn maatiin misirrichaa maatiin lamaanuu erga walii galanii booda maatii misirrootiif gabbara kaffalu turan. Gabbarri kunis miʼawwan gatii guddaa qaban, horii ykn maallaqa kan dabalatu taʼuu dandaʼa. Yeroo tokko tokko immoo, hojii humnaa hojjechuudhaan kaffalama ture; fakkeenyaaf, Yaaqoob Raaheliin fuudhuuf waggaa torba abbaa Raahel tajaajileera. (Uma. 29:17, 18, 20) Gabbarri kan kaffalamu maaliif ture?

Hayyuun Kitaaba Qulqulluu Kaarol Meeyarsi jedhaman, “Gabbarri maatii misirrootiif kennamu gatii humna intala isaanii isa hojii qonnaa maatichaa irratti baayʼee barbaachisaa taʼeef kaffalamu dha” jedhaniiru. Gabbarri walitti dhufeenya maatiiwwan gaaʼelaan walitti firoomanii cimsuu dandaʼa. Maatiiwwan lamaan kun yeroo rakkina isaaniitti wal gargaaruu dandaʼu. Kana malees, gabbarri shamarreen takka akka kaadhimamtee fi sana booda kunuunsa kan ishiidhaaf godhu abbaa ishii utuu hin taʼin, abbaa manaa ishii akka taʼe argisiisa.

Gabbara kaffaluun haati manaa akka bitamtu ykn akka gurguramtu kan argisiisu miti. Kitaabni Ancient Israel—Its Life and Institutions jedhamu akkana jedheera: “Maatii intalaatiif maallaqa ykn wanta gatii maallaqaa bakka buʼu kaffaluun gaaʼelli Israaʼelotaa bittaa fi gurgurtaa akka taʼe fakkeessuu dandaʼa. Haa taʼu malee, [gabbarri] akka kiisii warra misirrootiif kennamuutti malee akka gatii intalattiidhaaf kaffalamuutti waan ilaalamu hin fakkaatu.”

Yeroo harʼaa biyyoota tokko tokko keessatti gabbara kennuun baramaa taʼee itti fufeera. Warri Kiristiyaanota taʼan gabbara humnaa ol taʼe gaafachuu dhiisuudhaan, “yaada ofiitti kan hin cichine taʼuun [isaanii] namoota hundumaa biratti kan beekame” akka taʼu godhu. (Filp. 4:5; 1 Qor. 10:32, 33) Kana gochuudhaan “maallaqa kan jaallatan” ykn sassattoota akka hin taane argisiisu. (2 Xim. 3:2) Kana malees, warri Kiristiyaanota taʼan, gabbara humnaa ol taʼe yoo gaafachuu baatan, misirrichi maallaqa gabbaraaf kaffalu hamma argatutti guyyaa gaaʼelaa isaanii yeroo biraatti dabarsuuf hin dirqamu. Yookiin immoo, maallaqa hedduu gabbaraaf kaffalamu argachuuf jedhee qajeelchaa taʼee tajaajiluu isaa dhaabuuf hin dirqamu.

Biyyoota tokko tokko keessatti seerri gabbara kaffalamu toʼatu jira. Seerri akkasii yeroo jiraatutti, warri Kiristiyaanota taʼan seera kanaaf ni ajajamu. Maaliif? Dubbiin Waaqayyoo Kiristiyaanonni ‘abbootii taayitaa iddoo ol aanaa qabaniif akka bitamanii’ fi seera qajeelfamoota Waaqayyoo wajjin wal hin faallessine akka eegan waan ajajuufi.—Rom. 13:1; HoE. 5:29.