Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

Gaaffii Dubbistootaa

Gaaffii Dubbistootaa

Kitaabni Qulqulluun dandeettii Yihowaan waaʼee yeroo gara fuulduraa beekuuf qabu ilaalchisee maal jedha?

Kitaabni Qulqulluun Yihowaan waaʼee yeroo gara fuulduraa raajii dubbachuu akka dandaʼu ifatti dubbata. (Isa. 45:21) Akkas kan godhu akkamitti ykn yoom akka taʼe, akkasumas waaʼee yeroo gara fuulduraa hammam beekuuf akka filatu garuu gadi fageenyaan hin dubbatu. Kanaafuu, dandeettii Yihowaan waaʼee yeroo gara fuulduraa raajii dubbachuuf qabu ilaalchisee wanta hunda hin beeknu. Garuu, mee wantoota beeknu tokko tokko haa ilaallu.

Yihowaan yeroo tokko tokko gochuu dhiisuuf kan filatu taʼus, wanta barbaade kamiyyuu gochuu ni dandaʼa. Ogummaa daangaa hin qabne waan qabuuf, wanta barbaade kamiyyuu ilaalchisee dursee raajii dubbachuu ni dandaʼa. (Rom. 11:33) Guutummaatti of toʼachuu waan dandaʼuuf, wanta gara fuulduraatti raawwatamu beekuu dhiisuuf filachuus ni dandaʼa.—Isaayyaas 42:14 wajjin wal bira qabii ilaali.

Yihowaan fedhiin isaa akka raawwatamu ni godha. Kun dandeettii inni waaʼee yeroo gara fuulduraa beekuuf qabu wajjin kan wal qabatu akkamitti? Isaayyaas 46:10 akkana jedha: “Wanta gara fuulduraatti taʼu jalqaba irraa kaasee, wantoota hamma yoonaatti hin raawwatamnes bara dheeraa dura nan dubbadha. ‘Murtoon koo jabaatee ni dhaabbata, wanta na gammachiisu akkamii iyyuu nan raawwadha’ nan jedha.”

Kanaafuu, sababiin Yihowaan wanta gara fuulduraatti raawwatamu dursee beekuu dandaʼa itti jennu inni tokko wanta kamiyyuu raawwachuuf humna kan qabu taʼuu isaati. Yihowaan waaʼee yeroo gara fuulduraa beekuuf akkuma nuti yeroo fiilmii tokko daddabarsinee ilaallutti goonu, yeroo gara fuulduraa as butee ilaaluun isa hin barbaachisu. Kanaa mannaa, Yihowaan wanti tokko yeroo taʼe tokkotti akka raawwatamu dursee murteessuu fi yeroon sun yommuu gaʼu wanti sun akka raawwatamu gochuu ni dandaʼa.—Bau. 9:5, 6; Mat. 24:36; HoE. 17:31.

Kitaabni Qulqulluun wantoota gara fuulduraatti raawwataman tokko tokko ilaalchisee wanta Yihowaan godhu yeroo ibsu jechoota “qopheesseera,” akkasumas “kaayyeffadheera” jedhanitti kan fayyadamu kanaafi. (2 Mot. 19:25; Isa. 46:11) Jechoonni kun jecha hiika “suphe dhooftuu” jedhu qabu wajjin wal qabaturraa hiikaman. (Er. 18:4) Akkuma suphe dhooftuun dandeettii qabu tokko supheetti fayyadamee miʼa abaaboo bareedaa taʼe tolchu, Yihowaanis fedhii isaa raawwachuuf wantoota garaa garaa karaa inni barbaadeen bocuu dandaʼa.—Efe. 1:11.

Yihowaan mirga filannaa ni kabaja. Wanta jireenya tokkoon tokkoon namaa keessatti gara fuulduraatti taʼu dursee hin murteessine; namoonni gaariin wanta badiisa isaanitti fidu akka raawwatanis isaan hin godhu. Namni hundi daandii mataa isaa akka filatu heyyameera, daandii isa sirrii akka filatanis isaan jajjabeesseera.

Mee fakkeenya lama haa ilaallu. Fakkeenyi inni jalqabaa jiraattota Nanawweeti. Yihowaan magaalattiin hammeenya ishiitiin kan kaʼe akka balleeffamtu dursee dubbatee ture. Jiraattonni magaalattii yaada yeroo geddaratanitti garuu, Yihowaan “badiisa isaan irratti akka fidu dubbate sana irra deebiʼee ni yaade; badiisichas isaan irratti hin fidne.” (Yon. 3:1-10) Jiraattonni Nanawwee mirga filannaa isaaniitti fayyadamanii akeekkachiisa Yihowaan isaaniif kenne dhagaʼuudhaan yaada waan geddarataniif, Yihowaan wanta akka isaanitti fidu dursee dubbate sana ilaalchisee yaada isaa jijjiireera.

Fakkeenyi lammaffaanimmoo, raajii waaʼee namicha Qiiros jedhamuu dubbatamedha; Qiiros Yihudoota boojuu jalaa bilisa akka baasuu fi mana qulqullummaa Yihowaa deebisanii akka ijaaran ajaja akka kennu raajiin dubbatamee ture. (Isa. 44:26–45:4) Mootii Faarsi kan taʼe Qiiros raajiin kun akka raawwatamu godheera. (Iz. 1:1-4) Haa taʼu malee, Qiiros nama Waaqa dhugaa waaqeffatu hin turre. Yihowaan raajii kana raawwachuuf kan isatti fayyadame taʼus, akka isa waaqeffatu isa hin dirqisiisne.—Fak. 21:1.

Dhugaadha, Yihowaan waaʼee yeroo gara fuulduraa raajii yommuu dubbatu wanti tilmaama keessa galchu kana qofa miti. Namni daandii Yihowaa guutummaatti hubachuu dandaʼu hin jiru. (Isa. 55:8, 9) Haa taʼu malee, wanti Yihowaa ilaalchisee beeknu raajii waaʼee yeroo gara fuulduraa dubbatu dabalatee wanti inni godhu yeroo hunda sirrii akka taʼe amantii qabnu nuuf cimsa.