Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

MATA DUREE QOʼANNAA 6

FAARFANNAA 10 Waaqa Keenya Yihowaa Jajadhaa!

“Maqaa Yihowaa Jajadhaa”

“Maqaa Yihowaa Jajadhaa”

“Isin tajaajiltoonni Yihowaa, isa jajadhaa, maqaa Yihowaa jajadhaa.”FAR. 113:1.

YAADA IJOO

Carraa arganne hundatti maqaa Yihowaa isa qulqulluu jajachuuf wanti nu kakaasu maal akka taʼe addeessa.

1-2. Yihowaan maqaan isaa arrabsamuu isaatti maaltu akka isatti dhagaʼamu hubachuuf wanti nu gargaaru maalidha?

 NAMNI ati baayʼee yaadduuf tokko waaʼee kee wanta gaarii hin taane akka dubbate godhii yaadi. Wanti inni dubbate soba taʼuusaa beekta; taʼus namoonni tokko tokko isa amananiiru. Baayʼee kan nama gaddisiisummoo isaanis wanta dhagaʼan warra kaanitti waan himaniif namoonni kan biroo hedduun soba kana amananiiru. Maarree maaltu sitti dhagaʼama? Waaʼee namootaa fi waaʼee maqaa keetii kan yaaddoftu taanaan maqaan kee baduu isaatti akka gadditu beekamaadha.—Fak. 22:1.

2 Fakkeenyi kun Yihowaan yeroo maqaan isaa balleeffametti miirri akkamii akka isatti dhagaʼame hubachuuf nu gargaara. Maleekota isaa keessaa tokko waaʼee isaa wanta soba taʼe dubartii jalqabaa kan taate Hewaanitti himee ture. Ishiinis soba inni dubbate ni amante. Soba kanaan kan kaʼe Addaamii fi Hewaan Waaqayyorratti fincilan. Kanaan kan kaʼes ilmaan namootaa hundi cubbamoota taʼan, akkasumas duʼuu jalqaban. (Uma. 3:1-6; Rom. 5:12) Duuti, waraannii fi rakkinni addunyaa keessatti argaa jirru kun hundi kan dhufe soba Seexanni iddoo biqiltuu Eedan keessatti dubbateen kan kaʼedha. Yihowaan maqaan isaa baduu isaatti, akkasumas miidhaa sababa kanaatiin dhufetti gaddeeraa? Eeyyee gaddeera. Taʼus, Yihowaan garmalee gadduudhaan haaloo hin qabanne. Kanaa mannaa, “Waaqa gammadaa taʼee” itti fufeera.—1 Xim. 1:11.

3. Mirga akkamii qabna?

3 Ajaja salphaa, “Maqaa Yihowaa jajadhaa” jedhu eeguudhaan maqaa Yihowaa qulqulleessuurratti gumaacha gochuuf mirga arganneerra. (Far. 113:1) Waaʼeesaa wanta gaarii dubbachuudhaan maqaasaa jajanna. Atoo maqaa Yihowaa ni jajattaa? Mee wantoota guguddaa garaadhaa maqaa Waaqa keenyaa jajachuuf nu kakaasan sadi haa ilaallu.

MAQAA YIHOWAA YEROO JAJANNU ISA GAMMACHIISNA

4. Yihowaan yeroo isa jajannu kan gammadu maaliifi? Fakkeenya kenni. (Fakkichas ilaali.)

4 Abbaan keenya inni samii maqaasaa yeroo jajannu baayʼee gammada. (Far. 119:108) Kana jechuun garuu Waaqni hundumaa dandaʼu akka namoota mudaa qabanii fi jajjabinni waan isaan barbaachisuuf warri kaan akka isaan jajan barbaadaniiti jechuudhaa? Akkas jechuu miti. Mee fakkeenya tokko haa ilaallu. Intalli xinnoon takka abbaa ishiitti fiigdee isa hammachuudhaan, “Addunyaarra abbaan akka keetii hin jiru” yeroo isaan jettu yaadi. Yeroo kanatti abbaan ishii baayʼee gammadee seeqa. Maaliif? Abbaan kun intallisaa akka isa jajjabeessituu fi akka isa jajju waan barbaaduufii? Lakki. Akkas kan isatti dhagaʼame intalasaa waan jaallatuu fi jaalalaa fi dinqisiifannaa argisiisuu ishiitti waan gammadeefi. Amaloota kana horachuun ishii yeroo guddachaa deemtu gammachuu akka ishiidhaaf argamsiisan beeka. Abbaan keenya Yihowaanis yeroo isa jajannu kan gammadu kanaafi.

Abbaan tokko yeroo intallisaa jaalalaa fi dinqisiifannaa ishii ibsitu akkuma gammadu, Yihowaanis yeroo maqaasaa jajannu ni gammada (Keeyyata 4 ilaali)


5. Yeroo maqaa Waaqayyoo jajannu soba akkamii saaxilla?

5 Abbaa keenya isa samii yeroo jajannu wanti Seexanni waaʼee tokkoon tokkoon keenyaa dubbate soba taʼuusaa saaxilla. Seexanni namni kamiyyuu amanamummaadhaan maqaa Waaqayyootiif akka hin dhaabbanne dubbateera. Namni kamiyyuu yeroo qorumsi isarra gaʼu Waaqayyoof amanamaa akka hin taane dubbateera. Hundi keenyayyuu faayidaa akka nuuf argamsiisu yoo nutti dhagaʼame Waaqayyoon tajaajiluu akka dhiisnu dubbate. (Iyo. 1:9-11; 2:4) Iyyoob inni nama amanamaa taʼe garuu Seexanni sobduu taʼuusaa saaxileera. Atoo Waaqayyoof amanamaa ni taataa? Hundi keenyayyuu Abbaa keenya isa samii cinaa dhaabbachuuf filachuu, akkasumas amanamummaadhaan isa tajaajiluudhaan isa gammachiisuu ni dandeenya. (Fak. 27:11) Kun mirga guddaadha!

6. Fakkeenya Daawit Mootichaa fi Leewwotaa hordofuu kan dandeenyu akkamitti? (Nahimiyaa 9:5)

6 Jaalalli Yihowaadhaaf qabnu maqaasaa garaa guutuudhaan jajachuuf nu kakaasa. Daawit Mootichi, “Yihowaa nan jajadha; guutummaan eenyummaa kootii maqaa isaa isa qulqulluu haa jajatu” jedhee barreesseera. (Far. 103:1) Daawit maqaa Yihowaa jajachuun Yihowaa jajachuu akka taʼe hubateera. Maqaa Yihowaa yeroo dhageenyu eenyummaasaa, amaloota gaggaarii inni qabuu fi wantoota ajaaʼibsiisoo inni raawwate yaadanna. Daawit maqaa Abbaasaa isa samii qulqulleessuu fi jajachuu barbaada ture. “Guutummaan eenyummaa” isaa maqaasaa akka jajatu, jechuunis garaa guutuudhaan akkas gochuu barbaadee ture. Haaluma walfakkaatuun, Leewwonnis Yihowaa jajachuurratti dursa fudhatanii turan. Galata maqaa Yihowaa isa qulqulluu taʼeef malu guutummaatti jechaan ibsuu akka hin dandeenye gad of qabanii amananiiru. (Nahimiyaa 9:5 dubbisi.) Karaa kanaan gad of qabanii garaadhaa isa jajachuun isaanii Yihowaa akka gammachiise homaa hin shakkisiisu.

7. Tajaajila keenyarrattis taʼe jireenya keenya keessatti Yihowaa jajachuu kan dandeenyu akkamitti?

7 Yeroo harʼaatti akka isa galateeffannuu fi akka isa jaallannu karaa argisiisuun waaʼeesaa dubbachuudhaan Yihowaa gammachiisuu dandeenya. Kaayyoon tajaajila itti baanu inni guddaan namoonni Yihowaatti akka dhihaatanii fi akkuma keenya akka Abbaa isaan jaallatutti akka isa ilaalan gargaaruudha. (Yaq. 4:8) Kitaabni Qulqulluun waaʼee Yihowaa maal akka jedhu, fakkeenyaaf jaalala, haqa, ogummaa, humnaa fi amaloota inni qabu kan biroo ilaalchisee maal akka jedhu namootatti argisiisuun nu gammachiisa. Fakkeenya Yihowaa hordofuuf carraaqqii gochuudhaanis isa jajachuu fi isa gammachiisuu ni dandeenya. (Efe. 5:1) Yeroo akkas goonu addunyaa hamaa kana keessatti warra kaanirraa adda taanee mulʼanna. Kunis namoonni gaaffiin akka isaanitti uumamu gochuu dandaʼa. (Mat. 5:14-16) Yeroo namoota wajjin wal arginu amala warra kaanirraa adda taʼe kan argisiisnu maaliif akka taʼe isaaniif ibsuu dandeenya. Sababii kanaatiin namoonni garaa qajeelaa qaban Waaqa keenyatti dhihaachuuf kakaʼuu dandaʼu. Karaawwan kanaan yeroo Yihowaa jajannu garaasaa gammachiisna.—1 Xim. 2:3, 4.

MAQAA YIHOWAA YEROO JAJANNU YESUUSIIN GAMMACHIISNA

8. Yesuus maqaa Yihowaa jajachuurratti fakkeenya guddaa kan nuuf taʼu akkamitti?

8 Uumamawwan yaaduu dandaʼanii fi samii fi lafarra jiraatan keessaa Ilma caalaa Abbaa kan beeku hin jiru. (Mat. 11:27) Yesuus Abbaasaa baayʼee waan jaallatuuf maqaasaa jajachuurratti fakkeenya guddaa nuuf taʼa. (Yoh. 14:31) Yesuus kadhannaa galgala duʼuusaa dura turetti dhiheesserratti, “Maqaa kee . . . beeksiseera” jechuudhaan wanta tajaajila isaarratti raawwate isa guddaa ibseera. (Yoh. 17:26) Yeroo akkas jedhu maal jechuu isaati?

9. Yesuus waaʼee Abbaasaa sirriitti ibsuuf fakkeenya akkamiitti fayyadame?

9 Yesuus maqaan Waaqayyoo Yihowaa akka taʼe namootatti himuu caalaa wanta godhe qaba. Namoonni inni barsiisaa ture sana durayyuu maqaa Waaqayyoo beeku turan. Taʼus, Yesuus waaʼee Yihowaa ibsuurratti fakkeenya guddaa nuu taʼeera. (Yoh. 1:17, 18) Fakkeenyaaf, Kitaabonni Qulqulluun Afaan Ibrootaa Yihowaan Waaqa araara qabeessaa fi gara laafessa akka taʼe ni dubbatu. (Bau. 34:5-7) Yesuus fakkeenya waaʼee ilma badee fi abbaasaa dubbaterratti dhugaa kana caalaatti ifa godheera. Waaʼee abbaa mucaan isaa inni yaada geeddarate ‘utuma fagoo jiruu argee’ isatti fiiguudhaan isa hammatee fi garaadhaa dhiifama isaaf godhee yeroo dubbisnu Yihowaan araara qabeessaa fi gara laafessa akka taʼe sirriitti hubanna. (Luq. 15:11-32) Dhugumayyuu Yesuus eenyummaa Abbaasaa sirriitti ibseera.

10. (a) Yesuus maqaa Abbaasaatti akka fayyadamee fi warri kaanis akkas akka godhan kan barbaadu taʼuusaa akkamitti beekna? (Maarqos 5:19) (Fakkichas ilaali.) (b) Yesuus yeroo harʼaatti maal akka goonu barbaada?

10 Yesuus warri kaanis maqaa Abbaasaatti akka fayyadaman ni barbaadaa? Eeyyee ni barbaada. Geggeessitoonni amantaa tokko tokko maqaan Waaqayyoo baayʼee qulqulluu waan taʼeef waamamuu akka hin qabne dubbatu turan; taʼus Yesuus aadaan Kitaaba Qulqulluurratti hin hundoofne akkasii maqaa Abbaasaatiif ulfina kennuu akka isa dhoowwu hin heyyamne. Yeroo naannoo Gergesenoonitti namicha jinniidhaan qabame tokko fayyisetti haallisaa maal akka fakkaatu yaadi. Namoonni naannichaa baayʼee waan sodaataniif naannoo sana gadhiisee akka deemu isa kadhatan. (Mar. 5:16, 17) Taʼus, Yesuus maqaan Yihowaa naannoo sanatti akka beekamu barbaadee ture. Kanaafuu, wanta inni raawwate utuu hin taʼin wanta Yihowaan raawwate namootatti akka himu namicha fayyise sana ajaje. (Maarqos 5:19 dubbisi.) a Yeroo harʼaattis Yesuus maqaa Abbaasaa addunyaa maratti akka beeksisnu barbaada. (Mat. 24:14; 28:19, 20) Yeroo akkas goonu baayʼee nutti gammada.

Yesuus namichi jinniidhaan qabamee ture Yihowaan kan isa fayyise akkamitti akka taʼe namootatti akka himu ajajeera (Keeyyata 10 ilaali)


11. Yesuus duuka buutonnisaa waaʼee maalii akka kadhatan barsiise? Kunoo barbaachisaa kan taʼe maaliifi? (Hisqiʼel 36:23)

11 Yesuus kaayyoon Yihowaa maqaasaa arrabsoo hundumaarraa qulqulleessuu akka taʼe beeka. Gooftaan keenya, “Yaa Abbaa keenya isa samii irra jiraattuu, maqaan kee haa qulqullaaʼu” jedhanii akka kadhatan duuka buutotasaa kan barsiise kanaafi. (Mat. 6:9) Yesuus kun dhimma cimaa uumamawwan hundumaa ilaallatu akka taʼe hubateera. (Hisqiʼel 36:23 dubbisi.) Uumamawwan yaaduu dandaʼan keessaa hammasaa maqaa Yihowaa kan qulqulleesse hin jiru. Haa taʼu malee, yeroo Yesuus qabametti diinonnisaa kan isa himatan maal jedhaniiti? Maqaa Waaqayyoo arrabseera jedhanii isa himatan. Yesuus maqaa Abbaasaa isa qulqulluu taʼe arrabsuun cubbuu hundarra hammaatu akka taʼe beeka. Yakka akkasiitiin himatamee itti murteeffamuun isaa baayʼee isa jeeqe. Yeroo qabamuuf jedhetti ‘garmalee kan dhiphate’ kanaaf taʼuu hin oolu.—Luq. 22:41-44.

12. Yesuus karaa hundarra caaluun maqaa Abbaasaa kan qulqulleesse akkamitti?

12 Yesuus maqaa Abbaasaa qulqulleessuuf jecha yeroo dararametti, yeroo arrabsamettii fi yeroo maqaan isaa balleeffametti jabaatee dhaabbateera. Karaa hundumaatiin Abbaasaatiif akka ajajame waan beekuuf wanta itti qaanaʼu tokkollee hin qabu. (Ibr. 12:2) Yesuus yeroo baayʼee ulfaataa taʼe sanatti Seexanni kallattiidhaan haleellaa akka isarratti banus beeka ture. (Luq. 22:2-4; 23:33, 34) Seexanni ejjennoo Yesuus laaffisuu akka dandaʼu abdatee kan ture taʼus isaaf hin milkoofne. Yesuus Seexanni gara jabeessaa fi sobduu taʼuusaa, akkasumas Yihowaan tajaajiltoota amanamoo qorumsa baayʼee ulfaataa taʼe keessattillee ejjennoo isaanii eegan akka qabu mirkaneesseera.

13. Mootii kee isa bulchaa jiru gammachiisuu kan dandeessu akkamitti?

13 Mootii kee isa bulchaa jiru gammachiisuu barbaaddaa? Namoonni waaʼee Waaqa keenyaa dhugaasaa akka beekan gargaaruudhaan maqaa Yihowaa jajachuu kee itti fufi. Yeroo akkas gootu faana Yesuus dhiheenyatti hordofta. (1 Phe. 2:21) Atis akkuma Yesuus Yihowaa gammachiisaa fi diinasaa kan taʼe Seexanni qaanii tokko malee sobaa akka jiru saaxilaa jirta.

MAQAA YIHOWAA YEROO JAJANNU LUBBUU NAMOOTAA OOLCHINA

14-15. Yeroo waaʼee Yihowaa namoota barsiisnu buʼaa gaarii akkamiitu argama?

14 Maqaa Yihowaa yeroo jajannu lubbuu namootaa oolchina. Akkamitti? Akkuma beeknu Seexanni “sammuu warra hin amannee jaamseera.” (2 Qor. 4:4) Kanaan kan kaʼes soba Seexanni akkana jechuudhaan babalʼisu amananiiru: ‘Waaqayyo hin jiru, Waaqayyo nurraa fagoodha, waaʼee ilmaan namootaa hin yaadu, gara jabeessa waan taʼeef namoota balleessaa raawwatan barabaraaf ni dhiphisa.’ Seexanni soba akkasii kan babalʼisu maqaa Yihowaa isa gaarii taʼe balleessuu fi namoonni akka isatti hin dhihaanne gochuu waan barbaaduufi. Hojiin nuti hojjennu garuu kaayyoo Seexanaa fashaleessa. Waaʼee Abbaa keenyaa dhugaasaa namoota barsiisuudhaan maqaa Waaqa keenyaa isa qulqulluu taʼe jajanna. Kun buʼaa akkamii argamsiisa?

15 Dhugaan Dubbii Waaqayyoo keessatti argamu humna guddaa qaba. Namoota waaʼee Yihowaa fi eenyummaasaa isa sirrii yeroo barsiisnu buʼaa ajaaʼibsiisaa taʼe tokkotu argama. Namoonni soba Seexanaatiin gowwoomfamanii turan akkuma keenya Yihowaa akka Abbaasaanii jaallatamaa taʼetti ilaaluu jalqabu. Humnisaa inni daangaa hin qabne ulfina guddaa akka isaaf qabaatan godha. (Isa. 40:26) Haqnisaa mudaa waan hin qabneef guutummaatti isatti amanamu. (Kes. 32:4) Ogummaasaa isa guddaa taʼerraa wanta baayʼee baratu. (Isa. 55:9; Rom. 11:33) Inni jaalala akka taʼe beekuu isaaniitti baayʼee jajjabaatu. (1 Yoh. 4:8) Caalaatti Yihowaatti dhihaachaa yeroo deeman abdiin barabaraaf ijoolleesaa taʼanii jiraachuuf qaban caalaatti isaaniif dhugooma. Dhugumayyuu, namoonni Abbaasaanii isa samiitti akka dhihaatan gargaaruun mirga guddaadha. Yeroo akkas goonu Yihowaan namoota isa “wajjin hojjennu” akka taanetti nu ilaala.—1 Qor. 3:5, 9.

16. Namoonni tokko tokko maqaa Waaqayyoo beekuun isaanii jireenya isaaniirratti dhiibbaa akkamii fida? Fakkeenya kenni.

16 Jalqabarratti maqaan Waaqayyoo eenyu akka taʼe salphaatti namoota barsiisuu dandeenya. Kun qoftillee namoonni garaa qajeelaa qaban jireenyi isaanii guutummaatti akka jijjiiramu gochuu dandaʼa. Fakkeenyaaf, shamarreen Aaliyaah b jedhamtu kan guddatte maatii Kitaaba Qulqulluutti hin amanne keessattidha. Amantii ishiitti waan hin gammanneef Waaqayyotti akka dhihaatte ishiitti hin dhagaʼamu ture. Dhugaa Baatota Yihowaa wajjin qoʼachuu yeroo jalqabdu garuu haalli kun ni jijjiirame. Waaqayyoon akka Michuu ishiitti ilaaluu jalqabde. Kitaaba Qulqulluu hedduu keessaa maqaan Waaqayyoo baafamee maqaawwan ulfinaa kan akka Gooftaa jedhaniin akka bakka buufame yeroo beektu baayʼee ishii ajaaʼibe. Maqaa Yihowaa yeroo beektu jireenyi ishii ni jijjiirame. Gammachuudhaan, “Michuun koo innin baayʼee itti dhihaadhu maqaa qaba!” jetteetti. Kunoo faayidaa akkamii ishiidhaaf argamsiise? “Amma keessi koo nagaa qaba. Akkan kabajame natti dhagaʼama” jetteetti. Namichi Istiiv jedhamu muuziqaa kan taphatuu fi maatii amantaa Yihudii cimsu keessatti kan guddatedha. Fakkeessaa achi keessatti arguun kan kaʼe amantaasaa dhiiseera. Haa taʼu malee, haatisaa erga duutee booda qoʼannaa Kitaaba Qulqulluu Dhugaa Baatonni Yihowaa geggeessan tokkorratti argamuuf walii gale. Maqaa Waaqayyoo yeroo beeku garaan isaa baayʼee tuqame. “Maqaa Waaqayyoo dhagaʼeeyyuu hin beekun ture” jedheera. Itti dabaluudhaanis akkana jedheera: “Yeroo jalqabaatiif Waaqayyo akka naaf dhugoomen hubadhe. Amma akka qaama tokkootti isa ilaaluu jalqabeera. Michuu akkan argadhes beeka.”

17. Maqaa Yihowaa jajachuu kee itti fufuuf kan murteessite maaliifi? (Fakkichas ilaali.)

17 Yeroo hojii lallabuu fi barsiisuurratti hirmaattu maqaa Yihowaa isa qulqulluu taʼe namootatti ni himtaa? Waaqni keenya dhugumaan Waaqa akkamii akka taʼe akka hubatan isaan ni gargaartaa? Akkas gochuudhaan maqaa Waaqayyoo jajachuu dandeessa. Namoonni eenyummaa Waaqayyoo isa dhugaa akka beekan gargaaruudhaan maqaa Yihowaa isa qulqulluu taʼe jajachuu kee itti fufi. Akkas gochuudhaan lubbuu namootaa oolchita. Qajeelfama Mootii kee Kiristoos Yesuus hordofta. Hunda caalaammoo, Yihowaa isa Abbaa kee taʼe gammachiista. ‘Baraa hamma bara baraatti maqaa isaa jajadhu’!—Far. 145:2.

Maqaa Yihowaa namoota barsiisuudhaan, akkasumas eenyummaasaa isa dhugaa namootatti himuudhaan isa jajachuu dandeenya (Keeyyata 17 ilaali)

MAQAA WAAQAYYOO JAJACHUUN . . .

  • Yihowaa kan gammachiisu akkamitti?

  • Kiristoos Yesuusiin kan gammachiisu akkamitti?

  • lubbuu namootaa kan oolchu akkamitti?

FAARFANNAA 2 Maqaan Kee Yihowaa Dha

a Ragaan jiru akka argisiisutti Maarqos jalqabarratti wanta Yesuus dubbate kana yeroo barreessu maqaa Waaqayyootti fayyadameera. Kanaan kan kaʼes maqaan kun Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa keessa akka galu godhameera.

b Maqaawwan jijjiiramaniiru.