Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

MATA DUREE QOʼANNAA 8

FAARFANNAA 123 Seera Tiʼookraasiitiif Bitamuu

Qajeelfama Yihowaa Hordofuu Kee Itti Fufi

Qajeelfama Yihowaa Hordofuu Kee Itti Fufi

‘Ani Waaqa kee Yihowaa isa karaa irra deemuu qabdu irra si geggeessudha.’ISA. 48:17.

YAADA IJOO

Mata dureen kun Yihowaan yeroo harʼaatti sabasaa geggeessaa kan jiru akkamitti akka taʼee fi qajeelfamasaa hordofuun eebba akkamii akka nuuf argamsiisu hubachuuf nu gargaara.

1. Qajeelfama Yihowaa hordofuu kan qabnu maaliif akka taʼe fakkeenyaan ibsi.

 BOSONA keessa utuu deemtuu karaan si jalaa akka bade godhii yaadi. Bosonicha keessa bineensota, ilbiisota dhukkuba namatti fidan, biqiltoota summii qabanii fi boolla ijaan hin mulʼanne dabalatee wantoonni balaa geessisan hedduun jiru. Nama bakka balaa qabu beekuu fi akkamitti irraa fagaachuu akka dandeessu sitti himu tokko utuu argattee sitti tola. Addunyaan kun akkuma bosona kanaati. Wantoota karaa hafuuraa balaadhaaf nu saaxilaniin guutameera. Taʼus, Geggeessaa hundarra caalu qabna; innis Yihowaadha. Wantoota imala gara addunyaa haaraatti goonurratti balaadhaaf nu saaxilanirraa akka fagaannu nu gargaara.

2. Yihowaan kan nu geggeessu akkamitti?

2 Yihowaan kan nu geggeessu akkamitti? Adda durummaadhaan Dubbiisaa Kitaaba Qulqulluutti fayyadameeti. Haa taʼu malee, namoota bakka buutotasaa taʼanittis ni fayyadama. Fakkeenyaaf, nyaata hafuuraa murtoo gaarii gochuuf nu gargaaru nuu qopheessuuf ‘garbicha amanamaa fi ogeessatti’ fayyadama. (Mat. 24:45) Yihowaan nu geggeessuuf dhiirota gaʼumsa qaban kan biroottis ni fayyadama. Fakkeenyaaf, ilaaltonni olaanaa aanaa fi jaarsoliin gumii jajjabinaa fi qajeelfama haala rakkisaa dandamachuuf nu gargaaru nuu kennu. Guyyoota dhumaa baayʼee ulfaataa taʼe kana keessatti qajeelfama amansiisaa argachuu keenyatti baayʼee galateeffanna. Qajeelfamni kun Yihowaa biratti fudhatama argachuu fi daandii jireenyaarra deemuu keenya itti fufuuf nu gargaara.

3. Mata duree kana keessatti maal ilaalla?

3 Haa taʼu malee, yeroo tokko tokko keessumaa nama mudaa hin qabneen yeroo kennamu qajeelfama Yihowaa hordofuun nutti ulfaachuu dandaʼa. Maaliif? Qajeelfamni nuu kennamu nutti toluu dhiisuu dandaʼa. Yookiinimmoo qajeelfamni nuu kennamu ogummaarratti kan hundaaʼe akka hin taanee fi Yihowaa biraa akka hin dhufne nutti dhagaʼamuu dandaʼa. Yeroo akkasiitti sabasaa geggeessaa kan jiru Yihowaa akka taʼee fi qajeelfamasaa hordofuun eebba akka nuuf argamsiisu amanuu qabna. Amantii qajeelfama Yihowaarratti qabnu cimsachuuf akka nu gargaaruuf mata duree kana keessatti (1) Yihowaan sabasaa bara duriitti geggeessaa kan ture akkamitti akka taʼe, (2) yeroo harʼaatti nu geggeessaa kan jiru akkamitti akka taʼee fi (3) qajeelfamasaa hordofuu keenya itti fufuun eebba akkamii akkan nuuf argamsiisu ilaalla.

Bara duriitii kaasee hamma bara keenyaatti Yihowaan sabasaa geggeessuuf namootatti fayyadamaa tureera (Keeyyata 3 ilaali)


YIHOWAAN SABA ISRAAʼEL KAN GEGGEESSE AKKAMITTI?

4-5. Yihowaan Israaʼelota geggeessuuf Museetti fayyadamaa akka ture kan argisiise akkamitti? (Fakkicha ilaali.)

4 Yihowaan Israaʼelota Gibxii keessaa akka baasuuf Musee muudeera. Museetti fayyadamee isaan geggeessaa akka jiru akka hubataniif Israaʼelotaaf ragaa ijaan mulʼatu kenneera. Fakkeenyaaf, guyyaa utubaa duumessaa, halkanimmoo utubaa ibiddaa isaaniif qopheesseera. (Bau. 13:21) Museen utubaa sana hordofuudhaan gara Galaana Diimaatti Israaʼelota geesseera. Sabichi galaanichaa fi loltoota Gibxii isaan ariʼaa jiran gidduu akka galan yeroo hubatan baayʼee naʼan. Museen gara Galaana Diimaa isaan fiduun isaa dogoggora akka taʼe yaadan. Garuu dogoggora hin turre. Yihowaan Museetti fayyadamee sabasaa garasitti kan geesse taʼe jedheeti. (Bau. 14:2) Achiis Waaqayyo karaa baayʼee nama ajaaʼibsiisuun isaan oolcheera.—Bau. 14:26-28.

Museen saba Waaqayyoo lafa onaa keessa geggeessuuf utubaa duumessaatti fayyadameera (Keeyyata 4-5 ilaali)


5 Sana booda waggoota 40f Museen saba Waaqayyoo lafa onaa keessa geggeessuuf utubaa duumessaa sanatti fayyadamuusaa itti fufeera. a Yihowaan yeroodhaaf utubaan sun dunkaana Museerra akka buufatu godhee ture; Israaʼelonni hundis arguu dandaʼu turan. (Bau. 33:7, 9, 10) Yihowaan utubaa sana keessaa Museetti dubbata ture; Museenis qajeelfama Yihowaa biraa argate uummatichatti dabarsa. (Far. 99:7) Israaʼelonni Yihowaan isaan geggeessuuf Museetti fayyadamaa akka jiru ifatti hubachuu dandaʼu turan.

Musee fi Iyyaasuu isa bakkasaa buʼe (Keeyyata 5, 7 ilaali)


6. Israaʼelonni qajeelfama Yihowaatiif deebii akkamii kennan? (Lakkoofsa 14:2, 10, 11)

6 Kan nama gaddisiisu Israaʼelonni hedduun ragaa ifa taʼee fi Yihowaan Museetti fayyadamaa akka jiru argisiisu fudhachuu didan. (Lakkoofsa 14:2, 10, 11 dubbisi.) Irra deddeebiʼanii Yihowaan Museetti fayyadamaa akka jiru fudhachuu didaniiru. Kanaan kan kaʼes dhaloonni sun gara Biyyattii Abdachiifamteetti utuu hin galin hafeera.—Lak. 14:30.

7. Namoonni qajeelfama Yihowaa hordofuurratti fakkeenya taʼan eenyufaʼi? (Lakkoofsa 14:24) (Fakkichas ilaali.)

7 Haa taʼu malee, Israaʼelonni tokko tokko qajeelfama Yihowaa hordofaniiru. Fakkeenyaaf, Yihowaan, “Kaaleb . . . garaa guutuudhaan ana duukaa [buʼeera]” jedheera. (Lakkoofsa 14:24 dubbisi.) Waaqayyo Kaalebiin eebbiseera; biyya Kanaʼaan keessaa bakka filate akka jiraatullee isaaf heyyameera. (Iya. 14:12-14) Dhaloonni sana booda tures qajeelfama Yihowaa hordofuurratti fakkeenya gaarii taʼu. Iyyaasuun Musee bakka buʼee Israaʼelota geggeessuu yeroo jalqabetti Israaʼelonni “umurii isaa guutuu ulfina guddaa isaaf ni kennan.” (Iya. 4:14) Kanaan kan kaʼes Yihowaan biyya waadaa isaaniif galetti isaan galchuudhaan isaan eebbiseera.—Iya. 21:43, 44.

8. Yihowaan bara Israaʼelonni moototaan bulaa turanitti sabasaa kan geggeesse akkamitti akka taʼe ibsi. (Fakkichas ilaali.)

8 Yeroo booda Yihowaan sabasaa geggeessuuf abbootii murtii kaaseera. Bara moototaan bulaa turanittimmoo Yihowaan sabasaa geggeessuuf raajota muudeera. Mootonni amanamoo taʼan gorsa raajotaa hordofaniiru. Fakkeenyaaf, Daawit Mootichi sirreeffama Naataan raajichi isaaf kenne gad of qabuudhaan fudhateera. (2 Sam. 12:7, 13; 1 Sen. 17:3, 4) Yoshaafaax Mootichi qajeelfama Yaahaaziʼel hordofuudhaan, “Raajota [Waaqayyootti] amanaa” jedhee saba Yihudaa jajjabeesseera. (2 Sen. 20:14, 15, 20) Hisqiyaas Mootichi yeroo dhiphatetti Isaayyaas raajicha gargaarsa gaafateera. (Isa. 37:1-6) Mootonni Israaʼel qajeelfama Yihowaa yeroo hordofan hundatti Yihowaan isaan eebbisa, sabichis eegumsa argata ture. (2 Sen. 20:29, 30; 32:22) Yihowaan sabasaa geggeessuuf raajotatti fayyadamaa akka ture namni hundi ifatti hubachuu qaba ture. Taʼus, mootonni hedduunii fi sabichi raajota Yihowaa utuu hin fudhatin hafaniiru.—Er. 35:12-15.

Hisqiyaas Mootichaa fi Isaayyaas raajicha (Keeyyata 8 ilaali)


YIHOWAAN KIRISTIYAANOTA DURII KAN GEGGEESSE AKKAMITTI?

9. Yihowaan Kiristiyaanota jaarraa jalqabaa geggeessuuf eenyutti fayyadamaa ture? (Fakkichas ilaali.)

9 Dhaloota Kiristoos Booda jaarraa jalqabaatti Yihowaan gumii Kiristiyaanaa hundeesse. Maarree Kiristiyaanota kana kan geggeesse akkamitti? Mataa gumichaa akka taʼuuf Yesuusiin muudeera. (Efe. 5:23) Haa taʼu malee, Yesuus tokkoon tokkoon barattoota isaatiif kallattiidhaan qajeelfama hin kennu. Kiristiyaanotaaf qajeelfama kennuuf ergamootaa fi maanguddoota Yerusaalem keessa turanitti fayyadameera. (HoE. 15:1, 2) Jaarsoliinis gumii akka geggeessaniif muudamanii turan.—1 Tas. 5:12; Tit. 1:5.

Ergamootaa fi maanguddoota Yerusaalem keessa turan (Keeyyata 9 ilaali)


10. (a) Kiristiyaanonni jaarraa jalqabaatti turan hedduun qajeelfama isaanii kennameef deebii akkamii kennan? (Hojii Ergamootaa 15:30, 31) (b) Namoonni bara duriitti turan tokko tokko bakka buutota Yihowaa fudhachuu kan didan maaliifi? (Saanduqa “ Namoonni Tokko Tokko Ragaa Ifa Taʼe Fudhachuu kan Didan Maaliifi?” jedhu ilaali.)

10 Kiristiyaanonni jaarraa jalqabaatti turan deebii akkamii kennan? Baayʼeen isaanii qajeelfama isaaniif kenname gammachuudhaan hordofaniiru. “Jajjabina argatanitti baayʼee gammadan.” (Hojii Ergamootaa 15:30, 31 dubbisi.) Yihowaan bara keenyattoo sabasaa geggeessaa kan jiru akkamitti?

YIHOWAAN YEROO HARʼAATTI NU GEGGEESSAA KAN JIRU AKKAMITTI?

11. Yihowaan bara keenyatti obboloota dura buutota taʼan geggeessaa akka ture fakkeenya argisiisu kenni.

11 Yihowaan yeroo harʼaattis sabasaa geggeessuusaa itti fufeera. Kana gochaa kan jirus Dubbiisaa fi Ilmasaa isa mataa gumichaa taʼetti fayyadameeti. Yihowaan bara keenyattis namootatti fayyadamaa akka jiru ragaan argisiisu jiraa? Eeyyee. Mee wantoota dhuma bara 1800​tti raawwataman tokko tokko akka fakkeenyaatti haa ilaallu. Chaarlis Teez Raasilii fi michoonnisaa barri 1914 hundeeffama Mootummaa Waaqayyoo wajjin walqabatee bara addaa akka taʼe hubachuu jalqaban. (Dan. 4:25, 26) Xumura kanarra kan gaʼan raajii Kitaaba Qulqulluurratti hundaaʼaniiti. Yihowaan yeroo Kitaaba Qulqulluurratti qorannaa gochaa turanitti isaan geggeessaa turee? Eeyyee. Bara 1914​tti wantoonni addunyaarratti raawwataman Mootummaan Waaqayyoo bulchuu akka jalqabe mirkaneessaniiru. Waraanni Addunyaa Tokkoffaan akkuma jalqabeen golfaan, kirkirri lafaa fi hanqinni nyaataa ni uumame. (Luq. 21:10, 11) Dhugumayyuu, Yihowaan sabasaa gargaaruuf Kiristiyaanota garaa qajeelaa qaban sanatti fayyadamaa ture.

12-13. Yeroo Waraana Addunyaa Lammaffaatti obboloonni itti gaafatamummaa qaban hojiin lallabaa akka babalʼatuuf qophii akkamii godhan?

12 Mee wanta yeroo Waraana Addunyaa Lammaffaatti raawwatames haa ilaallu. Waajjira muummeetti obboloonni itti gaafatamummaa qaban Mulʼata 17:8 erga qoʼatanii booda waraanichi gara Armaagedoonitti akka hin geessinee fi sana booda yeroon nagaa hojii lallabaa babalʼisuuf mijataa taʼe akka dhufu hubatan. Kanaafuu, yeroo sanatti kan deemsisu fakkaachuu baatullee obboloonni itti gaafatamummaa qaban misiyoonota addunyaa maratti lallabanii fi barsiisan leenjisuuf Mana Barumsaa Giiliyaad hundeessan. Yeroo waraanichi geggeeffamaa turettillee misiyoononni ni ergamu turan. Kana malees, obboloonni gumii keessa jiran hundi lallabdootaa fi barsiisota gaarii akka taʼan gargaaruuf garbichi amanamaan Koorsii Tajaajila Tiʼookraasii b hundeesse. Karaa kanaan sabni Waaqayyoo hojii gara fuulduraatti isaan eeggatuuf qophaaʼaa turan.

13 Duubatti deebinee yeroo yaannu Yihowaan yeroo rakkisaa taʼe sanatti sabasaa geggeessaa akka ture ifatti hubachuu dandeenya. Waraana Addunyaa Lammaffaa booda sabni Yihowaa biyyoota hedduu keessa jiraatan bilisummaadhaan hojii lallabaarratti hirmaachaa turan. Hojichis baayʼee babalʼateera.

14. Qajeelfama jaarmiyaa Yihowaa fi jaarsolii muudamanirraa argannu amanuu kan dandeenyu maaliifi? (Mulʼata 2:1) (Fakkichas ilaali.)

14 Yeroo harʼaattis miseensonni Qaama Olaanaa qajeelfama Kiristoos argachuuf carraaqqii gochuu isaanii itti fufaniiru. Qajeelfamni obbolootaaf kennan ilaalcha Yihowaa kan calaqqisiisu akka taʼu barbaadu. Gumiiwwaniif qajeelfama kennuuf ilaaltota olaanaa aanaa fi jaarsoliitti fayyadamu. c Jaarsoliin muudaman ‘harka mirgaa’ Kiristoos keessa jiru. (Mulʼata 2:1 dubbisi.) Dhugaadha, jaarsoliin cubbuu waan dhaalaniif dogoggora ni raawwatu. Museen, Iyyaasuunii fi ergamoonni yeroo itti dogoggora raawwatan qabu. (Lak. 20:12; Iya. 9:14, 15; Rom. 3:23) Taʼus, Kiristoos garbicha amanamaa fi jaarsolii muudaman of eeggannoodhaan geggeessaa jira; “hanga dhuma sirna kanaatti guyyaa hundumaa” akkas gochuusaa itti fufa. (Mat. 28:20) Kanaafuu, qajeelfama obboloota dura buutota taʼanii muudaman kanatti fayyadamee nuu kennurratti amantii guutuu qabaachuu dandeenya.

Qaama Olaanaa yeroo harʼaa jiru (Keeyyata 14 ilaali)


QAJEELFAMA YIHOWAA HORDOFUU KEENYA ITTI FUFUUN NU FAYYADA

15-16. Muuxannoo obboloota qajeelfama Yihowaa hordofaniirraa maal baratte?

15 Qajeelfama Yihowaa hordofuu keenya yoo itti fufne yeroo ammaattillee eebba hedduu arganna. Fakkeenyaaf, Aandii fi Roobiin gorsa garbichi amanamaan jireenya keenya akka salphisnuuf nuu kenne hordofaniiru. (Ibr. 13:5.) Kanaan kan kaʼes hojii ijaarsaa tiʼookraasiirratti hirmaachuu dandaʼaniiru. Roobiin akkana jetteetti: “Kutaa baayʼee dhiphaa taʼee fi kushinaa hin qabne keessa jiraanneerra. Suuraa kaasuu kanan jaalladhu taʼus meeshaaleen suuraa kaasuuf itti fayyadamu hunda gurguruun na barbaachiseera. Yeroon gurguretti booʼeen ture. Haa taʼu malee, akkuma Saaraa wantootan dhiiserratti utuu hin taʼin yeroo gara fuulduraarratti xiyyeeffachuuf kutadheen ture.” (Ibr. 11:15) Hiriyoonni gaaʼelaa kun muuxannoo isaaniirraa maal baratan? Roobiin akkana jetteetti: “Wanta qabnu hunda Yihowaadhaaf akka kennine beekuun keenya baayʼee nu gammachiiseera. Hojiiwwan tiʼookraasiirratti hirmaachaa yeroo turretti addunyaa haaraa keessatti jireenyi maal akka fakkaatu dhandhamuu dandeenyeerra.” Aandiin yaada ishiirratti walii galuudhaan, “Mootummicha deggaruuf guutummaatti of kennuun keenya gammachuu nuuf argamsiiseera” jedheera.

16 Qajeelfama Yihowaa hordofuun keenya faayidaa kan biraa akkamii nuuf argamsiisa? Maarsiyaan barumsa sadarkaa lammaffaa erga xumurtee booda gorsa qajeelchituu akka taatu ishiidhaaf kenname hojiirra oolchuu barbaadde. (Mat. 6:33; Rom. 12:11) Akkana jetteetti: “Yunivarsiitii tokko keessatti carraan barumsa tolaa waggaa afurii naaf kennamee ture. Ani garuu galma hafuuraarratti xiyyeeffachuun barbaade. Kanaafuu, ogummaa tajaajila koorratti of deggaruuf na gargaaru barachuuf leenjii gabaabaa tokko fudhachuufan murteesse. Kun murtoowwan gaggaarii hanga ammaatti godhe keessaa tokkodha. Amma qajeelchituu yeroo hundaa taʼee tajaajilaan jira; sagantaan hojii koo Beetelitti deddeebiʼee tajaajiluu fi mirgoota addaa kan biroo argachuuf na dandeessiseera.”

17. Qajeelfama Yihowaa hordofuun eebba dabalataa akkamii nuuf argamsiisa? (Isaayyaas 48:17, 18)

17 Yeroo tokko tokko gorsi nuu kennamu qabeenya jaalachuu fi sochiiwwan seera Yihowaa akka cabsinu nu taasisanirraa fagaachuuf nu gargaara. Qajeelfama Yihowaa hordofuun gama kanaanis eebba nuuf argamsiiseera. Qalbii qulqulluu qabaachuuf nu gargaareera, dhiphina hin barbaachisnerraas nu oolcheera. (1 Xim. 6:9, 10) Kanaan kan kaʼes garaa guutuudhaan Yihowaa tajaajiluu dandeenyeerra; kunimmoo gammachuu guddaa fi nagaa nuuf argamsiiseera.—Isaayyaas 48:17, 18 dubbisi.

18. Qajeelfama Yihowaa hordofuu kee itti fufuuf kan kutatte maaliifi?

18 Yihowaan yeroo rakkina guddaattis taʼe yeroo Bulchiinsa Barkumeetti qajeelfama nuu kennuuf namootatti fayyadamuusaa akka itti fufu hin shakkisiisu. (Far. 45:16) Yeroo filannaa dhuunfaa keenya dhiisuu nu gaafatuttillee qajeelfama sana hordofuu keenya itti fufnaa? Amma qajeelfama Yihowaan nuu kennuuf ni ajajamna yoo taʼe yeroo sanattis akkas gochuun nuuf salphata. Kanaafuu, qajeelfama dhiironni nu eeguuf muudaman nuu kennan dabalatee qajeelfama Yihowaan nuu kennu yeroo hundumaa haa hordofnu. (Isa. 32:1, 2; Ibr. 13:17) Qajeelfama Yihowaarratti amantii guutuu qabaachuu dandeenya; sababiin isaas, inni wantoota karaa hafuuraa balaadhaaf nu saaxilanirraa nu eegee addunyaa barabaraaf keessa jiraannutti nu galcha.

MAAL JETTEE DEEBISTA?

  • Yihowaan saba Israaʼel kan geggeesse akkamitti?

  • Yihowaan Kiristiyaanota durii kan geggeesse akkamitti?

  • Yeroo harʼaatti qajeelfama Yihowaa hordofuun faayidaa akkamii nuuf argamsiisa?

FAARFANNAA 48 Guyyaa Guyyaadhaan Yihowaa Wajjin Deddeebiʼuu

a Yihowaan maleekaa “buufata Israaʼel dura deemaa” turee fi sabicha gara Biyyattii Abdachiifamtetti geessu tokko muudee ture. Maleekaan kun Mikaaʼel akka taʼe ifadha; Mikaaʼel maqaa Yesuus gara lafaa dhufuusaa dura ittiin waamamaa turedha.—Bau. 14:19; 32:34.

b Yeroo booda Mana Barumsaa Tajaajila Tiʼookraasii jedhamee waamamuu jalqabe. Yeroo ammaatti leenjiin kun kutaa walgaʼii torban gidduu taʼee kennamaa jira.

c Saanduqa “Gaʼee Qaama Ol Aanaa” jedhuu fi Masaraa Eegumsaa Guraandhala 2021 fuula 18 irratti argamu ilaali.